RAADIYOO FANKIM
Open in Telegram
892
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
Posts Archive
Sagantaa Eebba Maaddaa Haraashii Aanaa Meettaa Majliisa Shk Ahmade [ Ilma Shk Ahmed Watar ] guyyaa arraa magaala Calanqotti haala oowwaa taheen gaggeessinee Oolle .
Insha Allah Sagantaa Kanaa guutuu isaa Tvislaamaa irratti Nu Eegadhaa .
*************************
Tvislaamaa Damee Gursum
Guyyaa dhihoo akkuma " Coming Soon " isiniin jannee turre sunitti [ Insha Allah ] Galgala Kana Sa'aatii 4 : 00 irratti gama fooddaa Tvislaamaa tiin ni dhufna waan taheef jecha nu Eegadhaa .
Irra Deebii Sagantaa kanaa guyyaa Boru Ganama Sa'aatii 4 : 00 fii Asrii Sa’aatii 10:00 irratti daawwachuu Ni Dandeessan .
Ergaa Kana Share Godhuu hin Dagatinaa .
@Tvislaama
#DUBBII_SUUDII 🇸🇦🇸🇦
Dubbiin biyya Saudi Arabian hedduu nama yaachifti. Ji’a tokko dura xiyyaara biyya Niijeeriyaa akka malee godhanii turan. Xiyyaarri kuni namoota 200 ol tahan fi’atee gara Suudiitti imale. Xiyyaaraa booyiingii kana keessatti namoonni turan waan hojjettoota xiyyaaraa hin tahin warri hafe hundinuu Umraa godhudhaaf ulaagaa hunda guuttatanii gara Suuditti imalan. Booyiingiin kuni Suudii seenee eega qubate booda moottummaa biyya Suudii irraa ajajni qalbii nama cabsu itti dhufe. Ajajni kuniis xiyyaaraa sunirraa osoo namni tokkolleen irraa hin bu’in bakka irraa dhufetti akka deebi’u kan jedhu ture. Namoonni kuni hundi isaaniitu Umraa godhanii deebi’uuf ulaagaa irraa barbaadamu guuttataniiti kan dhufan. Xiyyaaraan sunillee moottummaa biyya Suudii irraa eega hayyamni kannameef booda kan imala eegalee nagayaan dirree xiyyaaraa qubate . Haatahu malee , eega qubate booda imaltoota umraa wajjiin akka deebi’u taasifame. Sababni maalii jennaan “Humaa tokko hin jiru .”
Imaltoonni umraa kuni osoo biyyaa isaaniitirraa hin ka’in duratti “ Hin dhufinaa” ja’ee kan himuu danda’uu , eega xayyaarri Suudii qubate booda akka deebi’an taasise. Silattuu xiyyaaraan tokko biyya itti deemu jiru irraa osoo hayyama hin arkatin deemee qubatuu hin danda’u .. Hattaa xiyyaaraan booji’amellee hayyamaan malee biyya tokko qubachuu hin danda’u .
Torbaan kana keessattiis barattoota diin barachuuf Suudii jiru itti ka’ee jira. Barattoonni kuni biyya adda addaattirraa barnoota diin barachuudhaaf warra walitti dhufee dha. Barattoota kana keessaa gariin warra waggaa 2 fii 3 barachaa ture garuu barnoota kan hin xumurinfaadha. Gariin barattootaa yeroo boqonnaa [ Vacation ] gara biyya isaanitti deebi’anii eega boqonnaa isaanii xumuran booda barnootaaf gara Suuditti warra deebi’eedha. Achuma duratti hin dhufinaa jadhee kan himuu dandayuu eega barattootni Suudii dhaqan booda gara biyya isaanitti deebisaa jira.
Dhimmi Ulamaa’ii rakkiisuun saniis cimeetuma deemaa jira.
Ani kaniin ja’u qaallichi kun Amantii Islaamaa wajjiin rakkoo qabaa sa ?
Dubbiin moottummaa Suudii hedduu nu dhibee akkam irraa haa taanu ?
Jillii Tvislaaamaa kan Shk Shamshuddiiniin [ Abbaa Yahyaa ] dhaan durfamu guyyaa arraa Aanaa Gursum Magaalaa Funyaan bira ziyaaraa dhufudhaan n Jillii Tvislaaamaa kan Shk Shamshuddiiniin [ Abbaa Yahyaa ] dhaan durfamu guyyaa arraa Aanaa Gursum Magaalaa Funyaan bira ziyaaraa dhufudhaan nu daawwatanii jiru. Jilli kuni Minnesota , Finfinnee fii Dirree Dhawaatirraa kan wallitti dhufe dha.
1] Shk Shamshuddiin [ Miseensa Boordii Tvislaamaa ] – Minnesota irraa
2] Shk Muhammednuur Ahmed [ Miseensa Boordii Tvislaamaa ] – Finfinnee irraa
3] Ustaaz Ramadaan Ahmed [ Daarektara Tvislaamaa biyya keessaa ] – Finfinnee irraa
4] Ustaaz Adam Husseen [ Daarektara Tvislaamaa Dirree Dhawaa ] – Dirree Dhawaa irraahi
Shk Shamshuddiiniin ifi Ustaaz Ramadaan ji’a torba duraas dhufanii nu ziyaaruun isaanii ni yaadatama.
Jilli kuni eega Dr Shk Mussaa Su’aalaa ziyaare booda gara istuudiyoo Tvislaamaa kan dame Gursum itti simannaan haalaan oowwaa tahe isaniif taasifamee jira.
Kaayyoon ziyaaraa kana waa’ee Tvislaamaa marii taasisuu yoo tahu ajanddaa adda addaa irratti eega haasaawame booda gara mana qubsuma isanitti deemanii jiru.
Jilli kun yeroo ammaa kana mana Shariif Nuur kan qubate yoo tahu galgala kana asuma buleeti boru ganama gara Aanaa Jaarsotti kan imalu taha [ Insha Allaah ].
Dhaabbanni Tvislaamaa gara istuudiyoo Gursum itti yeroo dhufu meeshaa ittiin hojjennu waan nuuf dabale yoo jiraate malee waan nurraa fudhate akka hin jirrees isin hubachiisuu barbaanna.
Gabaasni kan @Raadiyoo Fankim ifii Kan @Tvislaamaa Damee Gursu,iiti.
Namni Israa’eel akkanatti sodaattu kuni eenyu ?
https://fankimfm.blogspot.com/2023/11/mohaammad-daayif-al-masriin-eenyu.html
Dhimma Kana irratti Atihoo Maal Jatta ❓❓❓
Hamaas Israa'el irratti haleellaa kan raawwate October 7 irratti ture . Warraanni Falasxiin ifi Israa'el jidduu eega jalqabe arra ji'a tokko guutee jira .
Odeeffannoon daqiiqa 40 dura bahee ture akkana jedha :
" At least 10,328 Palestinians in Gaza killed in Israeli attacks since October 7. In Israel, the death toll over the same period stands at more than 1,400. "
🔹Waraana kana keessatti namoonni du'an :
🇵🇸 Falasxiin irraa 10,328 [ Yoo Xiqqaate ]
🇮🇱 Israa'el irraa 1,400 [ Kuniga kanuma isaan himanii dha .]
👉 Yaada namoota tokko tokkoo jira kan ja'u :-
<< Hamaas osoo humnaa fii Dandeettii " IDF " ( Humna Waraana Israa'el ) firraa dhoorkuu hin qabne haleellaa irratti taasisuun suni dogongora guddaa dha . Haleellaa Hamaas taasise sunirraa bu'aan arkame Lubbuu hawaasa nagayaa yoo xiqqaate 10,328 tahu galaaffachuu dha .Silaa Hamaas haleellaa sun raawwachuu baate dilli namaa kuni hin du'u ture. Kana malees Magaalaan rakkoo meeqa keessatti ijaaramte turte sun ( Gaza ) hin barbadaawu ture . Wanti kun akka dhufuus qaamni sababaa tahees Hamaasi . Kanaafu , Hamaas callisee adabaan taa'u qaba ture . Hamaas Israa'el injifachuu akka hin dandeenye osoo beekuu haleellaa sun taasisuun isaa dogongora guddaa dha . >>
👉 Gaaffiin kiyya :
Atihoo yaada kana akkamitti ilaalta ❓
🔹🔸🔹🔸🔹🔸🔹🔸🔹🔸🔹
@RaadiyooFankim
