Naziif S.A.Law Matter ⚖️
Open in Telegram
⚖️ NAZIIF ADEM LAWYER⚖️ HUBANNOO SEERAA BILISAA
Show moreThe country is not specifiedThe category is not specified
218
Subscribers
No data24 hours
-27 days
-430 days
Posts Archive
⚖️ Falmiin Lafa Baadiyyaa Kallattiidhaan Mana Murtiitti Dhihaachuu Ni Danda'aa?
Hiikni seeraa dhaddacha ijibbaataa haaraa kana irratti maali jedha?
Akka qajeelfama labsii haaraa Lakk. 248/2015 keewwata 33(1(a-c)) irratti ibsametti, falmiin lafa baadiyyaa kamiyyuu dursa bulchiinsa gandaa irraa eegalamuu qaba. Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddachi Ijibbaataa galmee lakk. 471276 irratti akka mirkaneessetti, labsichi dhimmoonni lafa baadiyyaa adeemsa gandaa keessa osoo hin darbin kallattiidhaan gara Mana Murtii Aanaatti akka hin dhiyaanne kan dhorkuudha. Kanaafuu, namni dhimma lafa baadiyyaa qabu kamiyyuu dursa seeraan dhimma isaa ganda irratti dhiheeffatee ilaalchisuun dirqama isaati. 📜🌾
Adeemsa seeraa kana osoo hin hordofiin kallattiidhaan mana murtiitti kan dhiyaatu yoo ta'e maaltu ta'a? Akka tumaalee Labsii Lakk. 248/2015 kwt. 33 fi Seera Adeemsa Falmii Hariiroo Hawaasummaa (SDHH) kwt. 244(2) fi kwt. 245(1) irraa hubatamutti, manneen murtii dhimma adeemsa isaa eegee hin dhihaatin kana fudhatama dhowwuun murteessuu danda'u. Kanaafuu, dhimmi tokko gandaan osoo hin ilaalamin gara mana murtiitti yoo dhufe, manni murtii dhimmicha osoo irratti hin falmiin "adeemsa seeraa hin hordofne" jechuun kaasuu ykn kuffisuuf aangoo guutuu qaba. 🚫🏛️
Dhumarratti, hiikni seeraa Dhaddacha Ijibbaataa Federaalaa kanaan dura kenname dhimma kana irratti raawwatiinsa qabaa? Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhaddacha gaafa 27/01/2018 ooleen akka xiinxaletti, hiikni kanaan dura galmee lakk. 169648 irratti kenname Labsii Lakk. 130/1999 irratti hundaa'eeti. Labsiin haaraa Lakk. 248/2015 kwt. 58(7) jalatti garuu murtiiwwan hiikkoo seeraa labsicha haaraa wajjin hin deemne hundi raawwatiinsa akka hin qabne ifatti teessiseera. Akka murtii ijibbaataa galmee lakk. 218918 irrattis ibsametti, qabiyyeen seeraa yoo jijjiirame hiikni seeraa duraan kenname gatii waan dhabuuf, ammaan tana dhimma lafa baadiyyaatiif dursa gandaan eegaluun dirqama dha! 💡📑
Balaa Elektriikaa fi Itti-gaafatamummaa Seeraa: Maal Beekuu Qabna?
Yeroo baay’ee balaan ibsaa yoo qaqqabu, itti-gaafatamummaan hundi kan dhaabbata tajaajila kennuuti (kan akka Ibsaa Itiyoophiyaa) jedhamee yaadama. Garuu, dhimmi kun gama seeraatiin hiika addaa qaba. Akkaataa murtee dirqisiisaa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa (Lakk. G. 175142) irratti kennameen, tajaajilamtoonni utuu beekumsaa fi hayyama dhaabbatichaa hin argatin ofuma isaaniitii sarara elektriikaa diriirsan irratti balaan yoo ga’e, dhaabbatichi itti-gaafatamummaa hin fudhatu. Seerri Hariiroo Haawaasaa kwt. 2066 fi 2069 wantoota balaa geessisaniif itti-gaafatamummaa ka'us, kun kan raawwatamu sarara dhaabbatichi ofii isaatii diriirsee fi to’annoo isaa jala jiru irratti miidhaa qaqqabuuf qofa dha.
Balaan akkasii yoo uumamu, ragaan poolisiidhaan qorannoo ogummaa (Forensic Investigation) irratti hundaa’ee dhiyaatu ulfaatina ragaa olaanaa (High Probative Value) qaba. Manni Murtii Waliigala Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa dhimma kanaan akka addeessetti, ragaa ogeessaa poolisii kanaan dhiyaatu sababa gahaa malee cinaatti dhiisuun murtee kennuun dogoggora bu’uura seeraati. Akkaataa Seera Hariiroo Haawaasaa kwt. 2086(2) irratti tumametti, miidhaan sun balleessaa miidhamichaatiin (fakkeenyaaf sarara seeraan alaa diriirsuun) kan uumame yoo ta'e, dhaabbatichi kaffaltii beenyaa irraa bilisa ta'a. Abbaa qabeenyaa humna elektriikaa ta’uun qofaan itti-gaafatamummaa hin hordofsiisu; itti-gaafatamummaan kan dhufu yoo of-eegannoon barbaachisaa ta’e taasifamuu baatee fi balleessaan dhaabbatichaan raawwatame qofa dha
.
Dhimma kana caalaatti ifa gochuuf fakkeenya dhimma qabatamaa tokko haa ilaallu: Namni tokko mana isaa keessatti ibsaa utuu diriirfatuu ogeessa hayyama hin qabne kireeffatee, sarara seeraan alaa kajeellaa kaffaltii xiunneessuutiin diriirfate haa jennu. Utuma kanaan jiruu sararri sun qaxxaamuree balaa ibiddaa geessisee mana nama biroo yoo gube, namni miidhame sun dhaabbata ibsaa himachuu hin danda’u. Sababni isaas sararri sun kan tajaajilaa sanaati malee kan dhaabbatichaa miti. Hubannoon akkasii kun tajaajilamtoonni of-eegannoo akka taasisan qofa utuu hin ta’in, sarara seeraan alaa diriirsuun deeggarsa seeraa akka hin qabne nu barsiisa.
Gorsa seeraa gadi fageenya qabu argachuuf:
* Follow ➕
* Like 👍
* Share 🔄
📱 Telegram keenya join godhaa:
https://t.me/mdnzfadmf
Jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti, utuma hin beekin waliigalteewwan garaagaraa keessatti hirmaanna. Ganama irraa kaafnee hanga galgalaatti, bittaafi gurgurtaa...
Waliigaltee jechuun maali? Ulaagaaleen isaa hoo maal faadha ? Gorsa dhimma seeraa jireenya kee keessatti si fayyadu beekuu barbaannaan barruu kana dubbisi.👇🏾👇🏾
https://lawyer.faydajob.com/waliigaltee-hundeessuu-buaa-isaa-fi-hariiroo-waliigalteen-garee-sadaffaa-irratti-qabu-maal-beekuu-qabdan/
Jaarsaa fi Jaartiin Kaartaa Manaa irratti Maqaa Waloo Qabaachuun Qofti Manicha Qabeenya Waloo ni taaasisaa?🤔🏠
Akkam jirtan hordoftoota kiyya mee arra barnoota seeraa dhimma asii olii kanaan walqabatu qabadhee dhufeen jira! Baay’ee keenya biratti manni tokko kaartaa irratti maqaa jaarsaa fi jaartii lamaaniitiin yoo galmaa’e, yeroo hiikaa ykn qabeenya qooddaa manichi akkuma jirutti qoodama jennee yaadna.haa tahu malee seera keenya keessatti dhimmi kun haala kanaan hin hojjetu. Dhaddachi Ijibbaataas murtii dhimma kana kallaattiin deeggaru tokko haala.itti anu kanaan kennee jira. ⚖️
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Lakk. Galmee 235844 (Onkololeessa 06, 2016 A.L.H) irratti murtii kenneen, manni tokko kaartaa irratti maqaa jaarsaa fi jaartii lamaaniitiin galmaa’us, yoo manichi gaa’ela dura ijaaramee ykn bitamee kan jiru ta’e, manichi qabeenya dhuunfaa nama duraan horate sanaa ta’a malee kan waloo hin ta’u jedheera. 🏛️ Seerri Maatii Federaalaa Kw. 57, 58 fi 90 akka ibsutti, qabeenyi gaa’ela dura horatame dhuunfaadha. Manichi qabeenya waloo akka ta’uuf immoo jaarsaa fi jaartiin gaa’ela dura ykn yeroo gaa’elaa waliigaltee barreeffamaa "manichi qabeenya waloo keenya haa ta'u" jedhu seeratti galmeessisuu qabu. 📝
Xumura irratti, kaartaan ykn waraqaan ragaa qabeenyummaa mirga uuma malee, qabeenya dhuunfaa gaa'ela duraa gara qabeenya walootti hin jijjiiru. 💡 Kanaafuu, kaartaa irratti maqaan nama lammataa (kan gaa’elaan itti dabalame) jiraachuun isaa qofti manicha qabeenya waloo hin taasisu; manichi yoom akka horatamee fi waliigalteen gaa’elaa jiraachuu isaa mirkaneeffachuun murteessaadha. Gabaabaatti, manni sun qabeenya dhuunfaa nama ijaarratee ykn bitatee ta'ee hafa jechuudha
Gorsa seeraa gadi fageenya qabu argachuuf:
* Follow ➕
* Like 👍
* Share 🔄
📱 Telegram keenya join godhaa:
https://t.me/mdnzfadmf
🏛 HUBANNOO SEERAA: Dhimma Gurgurtaa Manaa
Mana bitachuu ykn gurguruu yaadduu? Of-eeggannoo kana dubbisuun si fayyada! 🏠⚖️
Namoonni baay’een "Waliigaltee keenya waajjira mootummaatti galmeessisneerra" jechuun qofti wabii guutuu itti fakaata. Garuu seerri kanaan ala waan jedhu qaba.
⚖️ Murtii Dirqisiisaa Beekuu Qabdan:
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa (Dh.Ij.MMWFD) Galmee Lakk. 57356 (Jildii 12ffaa) irratti murtii armaan gadii kenneera:
"Waliigalteen gurgurtaa manaa ragaa (witnesses) ofirraa hin qabu yoo ta’e, qaama aangoo qabu biratti waan galmaa’e qofaaf fudhatama seeraa hin qabu."
Maal Jechuudha? 🤔
Ragaan Dirqama: Waliigaltee keessan irratti mallattoon ragaalee jiraachuun ulaagaa seeraa isa bu’uuraati.
Galmeessi Qofti Hin Ga'u: Waajjira mootummaatti galmeessisuun keessan ulaagaa ragaa sana hin bakka bu’u.
Of-eeggannoo: Yoo ragaan hin jirre, galmeessi sun gara fuulduraatti diigamuu danda’a.
🤔 Durbummaan Baduu Baatus Yakka Saal-Qunnamtii Daa'immaniin Nama Gaafachiisaa?
Eeyyee, guutummaatti nama gaafachiisa! Jireenya keenya keessatti ilaalchi dogoggoraa "Durbummaan hin badne taanaan yakki saal-qunnamtii hin raawwatamne" jedhu tokko tokko biratti ni calaqqisa. Haata'u malee, seerri yakkaa keenya dantaafi mirga daa'immanii kabajchiisuuf durbummaan baduu ykn baduu dhabuu isaa akka ulaagaatti hin ilaalu. Gochi saal-qunnamtii umrii daa'imummaa gadii irratti raawwatame kamiyyuu durbummaan baduu baatullee yakka raawwatameedha. 📜👧
Gama biraatiin, Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddachi Ijibbaataa (MMWODHI) jildii 10ffaa, galmee lakk. 393863 irratti dhimma kana irratti hiikoofi qajeelfama ifa ta'e kaa'ee jira. Akka murtii kanaatti, daa'ima umuriin ishee waggaa 13 gadi taate irratti gochi saal-qunnamtii yoo raawwatame, durbummaan ishee baduu baatus bu'uura Seera Yakkaa keewwata 627(1) tiin gochichi yakka raawwatame waan ta'eef adabbii seeraa ni hordofsiisa. Kunis kan agarsiisu seerri dursa kan kennuuf miidhamuu qaamaafi sammuu daa'immaniitiif malee durbummaa baduu isaatiif miti. 🚫⚖️
Dhumarratti, Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa (MMWF) galmee lakk. 107166 (Jildii 19ffaa) irratti murtii dirqisiisaa walfakkaatu kenneera. Murtii kanaan, Seera Yakkaa keewwata 627 jalatti himatamuuf durbummaan xiqqoos ta'e guutummaatti baduun akka ulaagaa ykn ragaatti kan hin fudhatamne ta'uu isaa ifatti mirkaneesseera. Kanaafuu, durbummaan yoo baduu baates miidhaan daa'ima irratti raawwatame waan hin haqamneef yakkaan nama gaafachiisa. Mirga daa'immanii haa kabajchiisnu! 🏛️💪
Gorsa seeraa gadi fageenya qabu argachuuf:
* Follow ➕
* Like 👍
* Share 🔄
📱 Telegram keenya join godhaa:
https://t.me/mdnzfadmf
⚖️ Falmiin Lafa Baadiyyaa Kallattiidhaan Mana Murtiitti Dhihaachuu Ni Danda'aa?
Hiikni seeraa dhaddacha ijibbaataa haaraa kana irratti maali jedha?
Akka qajeelfama labsii haaraa Lakk. 248/2015 keewwata 33(1(a-c)) irratti ibsametti, falmiin lafa baadiyyaa kamiyyuu dursa bulchiinsa gandaa irraa eegalamuu qaba. Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Dhaddachi Ijibbaataa galmee lakk. 471276 irratti akka mirkaneessetti, labsichi dhimmoonni lafa baadiyyaa adeemsa gandaa keessa osoo hin darbin kallattiidhaan gara Mana Murtii Aanaatti akka hin dhiyaanne kan dhorkuudha. Kanaafuu, namni dhimma lafa baadiyyaa qabu kamiyyuu dursa seeraan dhimma isaa ganda irratti dhiheeffatee ilaalchisuun dirqama isaati. 📜🌾
Adeemsa seeraa kana osoo hin hordofiin kallattiidhaan mana murtiitti kan dhiyaatu yoo ta'e maaltu ta'a? Akka tumaalee Labsii Lakk. 248/2015 kwt. 33 fi Seera Adeemsa Falmii Hariiroo Hawaasummaa (SDHH) kwt. 244(2) fi kwt. 245(1) irraa hubatamutti, manneen murtii dhimma adeemsa isaa eegee hin dhihaatin kana fudhatama dhowwuun murteessuu danda'u. Kanaafuu, dhimmi tokko gandaan osoo hin ilaalamin gara mana murtiitti yoo dhufe, manni murtii dhimmicha osoo irratti hin falmiin "adeemsa seeraa hin hordofne" jechuun kaasuu ykn kuffisuuf aangoo guutuu qaba. 🚫🏛️
Dhumarratti, hiikni seeraa Dhaddacha Ijibbaataa Federaalaa kanaan dura kenname dhimma kana irratti raawwatiinsa qabaa? Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa dhaddacha gaafa 27/01/2018 ooleen akka xiinxaletti, hiikni kanaan dura galmee lakk. 169648 irratti kenname Labsii Lakk. 130/1999 irratti hundaa'eeti. Labsiin haaraa Lakk. 248/2015 kwt. 58(7) jalatti garuu murtiiwwan hiikkoo seeraa labsicha haaraa wajjin hin deemne hundi raawwatiinsa akka hin qabne ifatti teessiseera. Akka murtii ijibbaataa galmee lakk. 218918 irrattis ibsametti, qabiyyeen seeraa yoo jijjiirame hiikni seeraa duraan kenname gatii waan dhabuuf, ammaan tana dhimma lafa baadiyyaatiif dursa gandaan eegaluun dirqama dha! 💡📑
⚖️ Seerri Wal-qixxummaa Dubartootaa Maal Jedha? Gaa'ela Keessatti Waliigalteen Mirga Qabeenyaa Sarbu Ni Hojjataa? 🤔
Gaa'elli erga diigamee booda qabeenya waliin horatame qooduun dhimma xiyyeeffannoo guddaa barbaadu dha. Murtii kana keessatti, himattuun gaa'elli isaanii erga diigamee booda qabeenyi gaa'ela keessatti horatame akka qoodamu gaafattus, himatamaan garuu "Waliigaltee gaa'elaa duraan gooneen qabeenya hin qoodattu; waggaatti qarshii 120 (dhibba tokkoo fi digdama) qofatu kaffalamaaf" jechuun mirga ishee dhowwachuuf yaaleera. Manni Murtii Jalabaa dhimma kana ilaaleen waliigalteen kun seeraan ala jechuun qabeenyi wal-qixa akka qoodamu murteesses, Manni Murtii Ol-aanaa Naannoo Amaaraa garuu "Waliigaltee bilisaan taasifame dha" jechuun murtii jalaa jalaa diigee dubartiin qabeenya akka hin qoodanne murteessee ture. 🛑
Dhimmi kun dhuma irratti Dh ij MMWF. Lakk. 31946) tahe irratti, manni murtichaa xiinxala seeraa bal'aa ta'e irratti hundaa'uun murtii jalaa jiru sana diigeera. Bu'uura Heera Mootummaa RDFI Keeyyata 34(1) fi 35(2) irratti tumameen, dubartoonni yeroo gaa'elaa, gaa'ela keessatti fi yeroo hiikkaa dhiira waliin mirga wal-qixxummaa guutuu qabu; kanaaf qabeenya gaa'ela keessatti horatame irrattis mirgi isaanii wal-qixa dha. Bu'uura Keeyyata 9(1) tiin immoo, waliigalteen mirga bu'uuraa heeraan kenname kana sarbu kamiyyuu fudhatama waan hin qabneef, waliigalteen waggaatti qarshii 120 qofa kaffaluun qabeenya dhowwachuuf taasifame sun heera mootummaa waan diiguuf diigameera. ⚖️
Murtiin seenaa qabeessi kun kan agarsiisu, waliigalteen gaa'ela keessatti taasifamu kamiyyuu mirga wal-qixxummaa dubartootaa kan sarbu ta'uu akka hin qabne dha. Bilisummaa waliigaltee jechuun mirga bu'uuraa heeraan dubartootaaf kenname dhabamsiisuu jechaa miti. Kanaafuu, dubartiin gaa'ela keessatti qabeenya waliin horatame irratti abbaa mirgaa wal-qixxee ta'uu ishee manni murtichaa murtii kanaan mirkaneesseera. Dubartoonni mirga isaanii beekanii dhiibbaa akkasii irraa of tiiksuun, akkasumas seerri mirga maatii kabachiisuu irratti shoora olaanaa qabaachuu isaa hubachuun dhimma murteessaa dha! 👩⚖️💪
### Namni tokko osoo konkolaachisuu sababa dandeettii isaa ol taheen yoo balaa geessise, seeraan itti gaafatamaa ta'uu qabaa? 🤔❓
⚖️ Murtii Dhaddacha Ijibbaataa MMWF Lakk. Galmee 191629 irratti hirkachuun, murtii barsiisaa ta'e tokko haa ilaallu. Obbo Wondimaaggany Mangistuu naannoo Kibbaa, Godina Addaa Kontaatti konkolaataa Isuzu osoo oofanii balaa mudateen namoota lamaaf sababa du'aa ta'aniiru jedhamuun himataman. Manneen murtii jalaa "balaa kanaan dura ittisuun danda'amu of-dagannoodhaan geessisaniiru" jechuun hidhaa cimaa waggaa 11 hanga waggaa 5tti gadi bu’een isaan irratti murteessanii turan. ⛓️🚫
Haa ta'u malee, dhimmi kun dhuma irratti Mana Murtii Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataatti (Sabariitti) dhiyaatee bal'inaan qoratameera. 🧐 Abbaan alangaa fi manneen murtii jalaa himatamaan "hayyama konkolaachisummaa osoo hin qabaatiin oofaniiru" kan jedhu akka ragaa jabaatti fayyadamanis, Dhaddachi Ijibbaataa garuu balaan sun dandeettii konkolaachisaa sanaa ol ta'uu isaa ragaaleen ni mirkaneessu jedhee amaneera. Konkolaataan sun rakkoo teeknikaa (fireenii diduu) mudateen to'annoo ala akka ta'e ragaa namootaa fi qorannoon mirkanaa'eera. 🛠️💨
Akka ilaalcha Dhaddacha Ijibbaatatti, namni tokko of-dagannoodhaan gaafatamuuf gochi sun eeggannoo gochuu danda'u osoo hin godhiin hafuu isaa mirkaneessuu qaba. Dhimma kanaan garuu, konkolaachisaan kun balaa sana oolchuuf carraaqqii danda'u hunda gochuu isaa fi balaan sun dhimma teeknikaa (Force Majeure) dandeettii isaa ol taheen kan mudate ta'uu isaa dhaddachi hubateera. ✨ Kana malees, hayyama konkolaachisummaa qabaachuu dhiisuun seera tiraafikaatiin kan adabsiisu ta'us, balaa lubbuu darbeetiif akka sababa kallattiitti fudhatamuu hin danda'u jedheera. 🚦🛑
Dhuma irratti, Manni Murtii Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa murtii manneen murtii jalaa hundaa diiguun, obbo Wondimaaggany Mangistuu gocha kanaan yakkamoo miti jechuun bilisaan akka gadhifaman murteesseera. ✅ Murtiin kun (Lakk. galmee 191629) hiika seeraa Itiyoophiyaa keessatti of-dagannoo fi dandeettii dhuunfaa ol ta'uu (Force Majeure) gidduu garaagarummaa jiru addaan baasuudhaan murtii seena qabeessa ta'e dha. 📚🏛️
Dhugaan yeroo fudhatus, dhumni isaa bilisummaa akka ta'e dhimmi kun ragaa dha! 🕊️🙌
🔗Gorsa seeraa gadi fageenya qabu argachuuf:
* Follow ➕
* Like 👍
* Share 🔄
📱 Telegram keenya join godhaa:
https://t.me/mdnzfadmf
⚖️ Mirga Addaa: Namoota Mana Murtiitti Ragaa Ba’uuf Hin Dirqamne Beektuu? 🛡️
Dhimmichi akkas: Namni tokko balleessaa yakkaa raawwachuu isaa yoo sitti hime, ykn yeroo waliin jirtanitti iccitii isaa sitti hime, mana murtiitti dhiyaattee ragaa ba’uuf dirqama qabdaa? Wixineen Seera Adeemsa Falmii Yakkaafi Ragaa haaraa mirkanaa’e dhimma kanarratti maal jedha? 🧐
Akka Seera haaraa kanatti, keewwata 256 jalatti namoonni mirga addaa (Privilege Not To Testify) qaban ni jiru. Fakkeenyaaf, isin akka Abbaa Amantii, Abukaattoo yookiin Ogeessa Fayyaatti tajaajila ogummaa keessanii yeroo kennitanitti iccitii himatamaa irraa argattan mana murtiitti baastanii ragaa Abbaa Alangaa ta’uun itti murtuuf hin dirqamtan. ⛪🏥 Isin kallaattiin iccitii nama sanaa eeguuf mirga qabdu jechuudha.
Haaluma walfakkaatuun, hariiroo gaa'elaa keessatti iccitii abbaa warraa ykn haadha warraa keessanii, akkasumas maatii fi ijoollee keessan irraa argattan irratti ragaa ba’uun dhowwadha. 👨👩👧👦 Ta'us, yoo miseensonni maatii kunniin wal irratti yakka raawwatan mirgi kun akka hin hojjenne beekuun qabdu. Hubachuun kan rra jiru, mirgi kun iccitii dubbiin argame qofaaf malee, gocha ijaan argameef eegumsa hin taasisu. Mirgi kun mana murtiitti dhiyaatanii jecha kennuu diduu kan ilaallatu yemmuu ta'u, iccitii ogummaa eeguun immoo naamusa ogummaa keessaniiti. 💡
Isinoo dhimma kanarratti yaada maalii qabdu?
Gorsa seeraa gadi fageenya qabu argachuuf:
* Follow ➕
* Like 👍
* Share 🔄
📱 Telegram keenya join godhaa:
https://t.me/mdnzfadmf
Abbaan warraa ykn haati warraa qabeenya dhuunfaa isaanii yoo gurguran, maallaqni sun "Dhuunfaa kooti" jedhamee galmaa'uun dirqama sitti fakkaataa? 🧐
Akkauma beekkamu yeroo baay'ee yeroo gaa'elaa dhimmi qabeenyaa wal-falmisiisaa dha; keessattuu qabeenya gaa'ela dura horanne ykn kennaan nuuf kenname gurgurre baankii yoo kaawwannu, maallaqni sun qabeenya waloo akka hin taaneef irra deebinee galmeessisuun dirqama sitti fakkaachuu danda'a. Ta'us, Manni Murtii Ol-aanaa Federaalaa Dhaddacha ijibbaataa Lakk. Galmee 221394 ta'een, gaaffii kanaaf deebii ifa ta'e kennee jira. Akka murtii kanaan jala sararametti, abbaan warraa ykn haati warraa qabeenya dhuunfaa isaanii gurguranii maallaqa argatan baankii keessa yoo kaayan, akka qabeenya dhuunfaatti irra deebi'anii galmeessisuun dirqama seeraa miti. 🏦⚖️
Xiinxalli seeraa murtii kana duuba jiru akka agarsiisutti, seerru Maatii (fakkeenyaaf Labsii maatii naannoo Oromiyaa Lakk. 69/1995 Keewwata 73) qabeenyi gaa'ela dura horatame, kennaan ykn dhaalaan argame qabeenya dhuunfaa ta'uu isaa ni ibsa. Akka hiika seeraa kanaatti, qabeenyi dhuunfaa kun yoo gurguramee bifa jijjiirrate (fakkeenyaaf maallaqa ta'ee baankiitti yoo ka'ame), amalli isaa inni "Dhuunfaa" ta'uu sun hin jijjiiramu. Keessattuu, Labsii Maatii Keewwata 74(2) jalatti qabeenyi dhuunfaa dhuunfuma ta'ee akka itti fufuuf mana murtiitti dhihaatee galmaa'uu qaba kan jedhu, qabeenya dhuunfaa gaa'ela gidduutti gurguramee qabeenya biraatti (fakkeenyaaf manatti ykn konkolaataatti) jijjiirame qofaaf malee, maallaqa qullaa baankii ka'ameef akka hin taane Manni Murtii Ol-aanaan murtiiwwan kanaan duraa (Lakk. Galmee 37275 fi 95680) irratti hundaa'uun hiika kenneera. 📂✨
Guduunfaan murtii Dh .ijibbaataa kanaaa, maallaqni baankii jiru sun qabeenya dhuunfaa gurgurame irraa argamuun isaa ragaadhaan mirkaneessuun danda'ama taanaan, galmeessi dabalataa osoo hin barbaachisne akka qabeenya dhuunfaatti fudhatama argata jechuudga. Kanaafuu, mirgi keessan maallaqa yio tahe ragaa gurgurtaa qofaaniis ni eegama jechuudha. 🛡💼
Gorsa seeraa gadi fageenya qabu argachuuf:
* Follow ➕
* Like 👍
* Share 🔄
📱 Telegram keenya join godhaa:
https://t.me/mdnzfadmf
# 13. Diiggaa Gaa’elaa fi Qabeenya Waloo 💑🚫
Abbaa fi haati warraa waggaa 10 oliif addaan ba’anii jireenya dhuunfaa yoo eegalan, gaa’elli akka diigametti ilaalama. Qabeenyi waloo gaafachuun immoo Darbiinsa Yeroo waggaa 10 keessatti yoo ta’uu baate mirgi sun dhabama. (Lakk. Galmee 77/12).
Gorsa seeraa gadi fageenya qabu argachuuf:
* Follow ➕
* Like 👍
* Share 🔄
📱 Telegram keenya join godhaa:
https://t.me/mdnzfadmf
Murtiiwwan Mana Maree Federeeshinii 13 barbaachisoo ta'an: ⚖️📜
Murtiiwwan dhiheenya kana Mana Maree Federeeshiniitiin dabarsaman sirna seeraa keenya keessatti jijjiirama guddaa fidan jiru. Murtiiwwan kun hiika Heera Mootummaa irratti hundaa’uun mirga lammiilee kabachiisuuf murtiiwwan murteessoo ta’anidha. Xiinxala bal’aa kanaa gadii dubbisuun hubannoo keessan gabbifadhaa. 👇
### 1. Dhimmoota Amanamummaa Hir’isuu fi Seera Adabaa 🚫🚓
Namni tokko yakka amanamummaa hir’isuutiin yoo shakkame, garuu meeshaa harkatti argame irratti "mirga qaba" jedhee yoo falme, dhimmi kun gara seera adabaatti osoo hin taane seera hariiroo hawaasaa yookiin fittabheeraatti (Civil) deemuu qaba. Seerri adabaa dhiphatee hiikamuu akka qabu murtiidhaan mirkanaa’eera. (Lakk. Galmee 73/11).
### 2. Qabiyyee Mana Mootummaa fi Mirga Abbummaa 🏠🏢
Murtii Mana Maree Federeeshiniitiin (Lakk. Galmee 108/15), manni tokko waggaa dheeraaf harka mootummaa jiraachuu isaa qofaan qabeenya mootummaa hin jechisiisu. Foormiin 003 fi 004 yoo hin jiraanne, manichi kan dhuunfaa ta’uu isaa mirkaneessa. Waggaa dheeraaf manicha qabatanii bulchuun itti fufa.
### 3. Mirga Qabeenya Hin Sochoonee fi Kaartaa 📑🏙️
Bu’uura Seera hariiroo hawaasaa yookiin Fittabheeraa keeyyata 1195tiun, namni maqaa isaatiin kaartaan galmaa’eef abbaa qabeenyaa akka ta’etti tilmaamama. Tilmaamni kun ragaa kanaan ala ta’een yoo diigame malee, mirgi kun Heera Mootummaa jalatti eegumsa qaba. (Lakk. Galmee 128/16).
### 4. Mirga Qabeenyaa Daa’immanii fi Faayidaa Isaanii 🧒💰
Daa’imman qabeenya maqaa isaaniitiin galmaa’e irratti mirga abbummaa guutuu qabu. "Daa’imni guddaa waan hin taaneef mirga hin qabu" murtii jedhu Mana Mareen Federeeshinii diigeera. Mirgi daa’immanii Heera Mootummaa keeyyata 36(2) jalatti dursa argachuu qaba. (Lakk. Galmee 41/10).
### 5. Qabeenya Guddifame fi Mana Duraan Ka’e 🏘️💍
Mana gaa’ela dura kan dhuunfaa ta’e, gaa’ela keessatti maallaqa baay’een yoo guddifame ykn haaromfame iyyuu qabeenya waloo hin ta’u. Maallaqni bahe qofatti madaalamee kaffalama malee, abbummaan manichaa hin jijjiiramu. (Lakk. Galmee 130/2016).
### 6. Mirga Daa’immanii fi Addaan Ba’iinsa Gaa’elaa ⚖️💔
Yeroo gaa’elli diigamu, qabeenyi maqaa daa’immaniitiin galmaa’e qabeenya waloo abbaa fi haadhaa hin jedhamu. Akkasumas, liqiidhaaf jecha qabeenyi daa’immanii hin gurguramu. (Lakk. Galmee 116/16).
### 7. Qabiyyee Seeraan Alaa irratti Mana Ijaaruu 👷🏗️
Namni tokko lafa seeraan hin qabne irratti maallaqa isaatiin mana yoo ijaare, mirga abbummaa guutuu hin argatu. Maallaqa baase gaafachuu danda’a malee, abbaa lafaa ta’uu hin danda’u. (Lakk. Galmee 106/15).
### 8. Lafa Qonnaa irratti Gurgurtaa fi Mirkaneessa 🌾🚜
Lafa qonnaa irratti manni ykn biqiltuun gurguramuun isaa akka lafa gurguruutti ilaalama. Kun immoo Heera Mootummaa keeyyata 40(3) kan lafti hin gurguramu jedhuun wal faallessa. (Lakk. Galmee 08/08).
### 9. Mirga Daa’immanii fi Ragaa DNA 🧬👶
Dhimma abbummaa irratti, dhimma deemsa seeraa fi dogoggora guddiftuu yookiin moogzitii irraan kan ka’e mirgi daa’immanii miidhamuu hin qabu. Ragaan DNA dursa argachuu qaba. (Lakk. Galmee 896/05).
### 10. Wal-dhabdee Faayidaa fi Mirga Dhagahamuu 🗣️🛡️
Yeroo bakka bu’iinsaa, bakka bu’aan faayidaa wajjin walitti bu’u uumuu hin qabu. Dhimmi qabeenya hin sochoonee irratti falmiin "Darbiinsa Yeroo" waggaa 10’n darbeera jedhamee cufamuun eegumsa qabeenyaa Heerichaa kan cabsudha. (Lakk. Galmee 67/11).
### 11. Aangoo Giddu-galeessa Araaraa (Arbitration) 🤝🏛️
Yoo kallaattiin waliigalteedhaan "giddu-galeessa araaraatti fixanna" jedhamee murteeffame, manni murtii aangoo itti seenuu hin qabu. (Lakk. Galmee 125/2016).
### 12. Lafa Waggaa Dheeraa itti Fayyadaman fi Darbiinsa Yeroo ⏳🏞️
Namni tokko lafa isaa irratti yoo itti fayyadamaa jiraate, Darbiinsa Yeroo waggaa 10 darbeera jedhamee mirga isaa dhabuu hin danda’u. Seerri Darbiinsa Yeroo kan hojjetu namni sun fayyadama yoo dhiise qofadha. (Lakk. Galmee 02/2011).
⚖️ Hojjetaan sababa gahaa malee hojii irraa hafe akeekkachiisa malee hojii irraa ni gaggeeffamaa? 📜
Murtii haaraa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha ijibbaataa (Lakk. Galmee 271726) irratti hundaa’uun, dhimmi hojjetaa fi hojjechiisaa haala ifa ta’een furmaata argateera. Akkaataa Labsii Hojjetaa fi Hojjechiisaa Lak. 1156/2011 Keewwata 27(1)(a) jalatti ibsametti, hojjetaan tokko hayyama malee ykn sababa gahaa tokko malee guyyoota hojii walitti aanan shan (5) fi isaa ol yoo hafe, hojjechiisaan akeekkachiisa duraa barreeffamaan kennuufii osoo hin barbaachisin waliigaltee hojii addaan kutuuf mirga guutuu qaba. 🚫💼 Kanaan dura murtiiwwan garaagaraa kennamaa turanis, murtiin dhumaa kun hojjetaan hojii irratti argamuu dhiisuun isaa yoo mirkanaa’e, hojjechiisaan akeekkachiisa malee hojii irraa deemsisuun isaa seera qabeessa ta’uu mirkaneesseera. 🏛️ Kanaafuu, hojjetaan kamiyyuu mirga isaa kabajsiifachuuf dirqama isaa ba’achuu akka qabuu fi sababa gahaa malee hojii irraa hafuun bu’aa dhabuu hojii akka fidu beekuun barbaachisaadha. ✅⚠️
📢 Hubannoo seeraa dabalataa argachuuf fi akka namoota biroof ga’uuf:
* Follow ➕
* Like 👍
* Share 🔄
📱 Telegram keenya join godhaa:
https://t.me/mdnzfadmf
Kennaa Lafaa "manaa Ba'iinsaaf" Maatii Irraa Kennamu Seerummaa Ni Qabaa? Xiinxala Galmee Dhaddacha Ijibbaataa Lak. 197998 ⚖️✨
Hawaasa baadiyyaa Itoophiyaa keessatti, maatiin yeroo ijoolleen isaanii gaa'ela dhaabbatan jireenya haaraa akka eegalaniif lafa "manaa ba'iinsaaf" (ለጎጆ መውጫ) kennuun aadaa fi duudhaa waggoota dheeraaf turedha. 👨👩👧👦🌱 Ta'us, kennaan kun yeroo baay'ee waraqaa ragaa ykn galmee seeraa idilee malee waan raawwatamuuf, yeroo booda mirgi abbaa qabeenyummaa ijoollee mormii keessa yoo galu ykn abbootiin mirgaa biroo yoo ka'an mirga isaanii dhabanii mul'atu. Akka xiinxala galmee Dhaddacha Ijibbaataa MMWF Galmee lakkoofsa 197998 jedhutti, manneen murtii kennaan lafaa bifa kanaan raawwatamu ulaagaa seeraa kan akka "galmeeffamuu" ykn "waraqaa ragaa" guutuu baatus, duudhaa hawaasaa fi faayidaa ijoollee giddu-galeessa godhachuu akka qaban hubachiiseera. 🔍📜
Dhaddachi Ijibbaataa murtii kanaan qajeeltoowwan bu'uuraa sadii kaa'eera. Inni jalqabaa, duudhaa fi aadaa hawaasni waggoota dheeraaf ittiin buluuf bakka kennuudha; kunis kennaan maatii fi ijoollee gidduutti godhamu ulaagaa barreeffamaa jabaa ta'ee fi galmee malees akka fudhatama qabu mirkaneessa.Inni lammataa, ulaagaa seeraa (formality) irratti xiyyeeffachuu mannaa, wanta lafa irratti raawwatame ykn qabatama jiru (substance) irratti xiyyeeffachuu yoo ta'u, ijoolleen lafa maatii isaanii irraa kennameef irratti qubatanii itti fayyadamaa erga jiraniin booda "galmeeffama hin qabu" ykn "ulaagaa hin guunne" jedhamee qofti kennaan sun diigamuu akka hin qabne murtii kenneera. Inni xumuraa immoo, kaayyoon seeraa inni guddaan mirga jireenyaa fi abbaa qabeenyummaa lammiilee mirkaneessuu danda'uu isaati. 🚜🌾
Murtiin kun maaliif barbaachise yoo jedhame, jalqaba irratti haqa hawaasa baadiyyaa barmaatilee kanaan buluuf dhiyeenyatti argamsiisuuf yoo ta'u, seerota jajjabaa beekumsa hawaasaa malee jiran qofa hordofuun rakkoo hawaasummaa akka hin uumne gargaara. 🌍⚖️
Akkasumas, dargaggoonni haaraa gaa'ela dhaabbatan lafa isaanii irraa akka hin buqqaaneef wabii dinagdee uumaaf. Walumaagalatti, galmeen Dhaddacha Ijibbaataa lak. 197998 akka mirkaneessutti, seerri qubee gogogaa qofa osoo hin ta'in, meeshaa jireenya hawaasaa fi duudhaa deeggaruudha. Kennaan maatiin ijoolleedhaaf gojoo ba'iinsaaf kennan, ragaa namaatiin ykn qabatamaan itti fayyadamaa jiraachuun kan mirkanaa'e hanga ta'etti seeraan eegumsa qaba. ✅🛡
📢 Hubannoo seeraa dabalataa argachuuf fi akka namoota biroof ga’uuf:
* Follow ➕
* Like 👍
* Share 🔄
📱 Telegram keenya join godhaa:
https://t.me/mdnzfadmf
Baga Gammaddan! Murtii Haaraa Mirga Maatii fi Qabeenya Waloo Kabachiise Ni Beektuu? 💡
Murtii mana murtii ol’aanaa Dh.ij.MMWF Lakk galmee 247605 tahe kana irratti dhimmi ijoon ka’e, waliigaltee kennaa (gift) qabeenya waloo irratti taasifame diigsiisuu dha. Kanaan dura, waliigalteewwan akka kanaa yoo raawwataman waggaa 2 keessatti iyyannoon yoo dhiyaachuu baate "yeroon isaa darbeera" (period of limitation) jedhamee kuffifama ture. Ta'us, murtiin haaraa kun hiikaa seeraa kanaan dura ture jijjiiruun, mirga qabeenya waloo irratti abbaa manaa fi haadha manaa qaban caalaatti kan mirkaneesse dha. 🔥⚖️
Xiyyeeffannaan murtii kanaa, waliigalteen kennaa kamiyyuu heyyama yookiin waliigaltee qaama lammataa (abbaa manaa yookiin haadha manaa) malee taasifame, akka seera maatii Federaalaa keeyyata 69tti fudhatama akka hin qabne dha. Manni Murtii dhaddacha ijibbaataa MMWF Lakk galmee 247605 tahe irratti akka hiiketti, dhimmi kun waggaa 2 qofatti kan daangeffamu osoo hin taane, akka seera deemsa falmii dhimma hariiroo hawaasaa keeyyata 1845tti waggaa 10 keessatti iyyachuun akka danda'amu mirkaneesseera. Kun immoo namoota osoo hin beekin qabeenyi waloo isaanii jalaa kennameef abdii guddaa dha. 🏛️📜
Goolaba irratti, murtiin kun "dogoggora bu'uura seeraa" kanaan dura jiru sirreessuun, murtii mana murtii jalaatti kenname diigeera. Kunis, maatiin hundi qabeenya waloo irratti mirga wal-qixaa akka qabanii fi waliigaltee abbaan manaa yookiin haati manaa kophaa isaaniitiin godhan kamiyyuu diigsiisuun akka danda'amu nu barsiisa.
Haqaaf dhaabbachuun yoomiyyuu hin dhiisinaa! Baga gammaddan, baga waliin gammadne! 🎉⚖️🙌
Odeedfanoo dabalataaf👇🏾👇🏾
Odeeffannoo seeraa dabalataa argachuuf fuula kana Follow, Like & Share gochuun maatii keenya ta’aa!. [https://t.me/mdnzfadmf
⚖️ Namni Tokko Poolisii Duratti Amanuun Qofti Balleessaa Jechisiisuuf Ni Ta'aa? ⚖️
Hojiin seeraa dhugaa qofa irratti utuu hin taane, ragaa qabatamaa madaallii seeraatiin fudhatama qabu irratti hunda’a. Adeemsa yakkaa keessatti qabxiin hunda caalaa falmisiisaa ta’e, amantii himatamaan poolisii duratti kenne irratti hundaa’uun balleessummaa mirkaneessuudha. Murtii galmee lakkoofsa 152038 irratti Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaatiin kenname kanaan, seerri hiika haaraa fi bilchina qabuun mirga lammummaa mirkaneessee jira. Murtii kanaan namni tokko poolisii duratti amantii kennuun isaa qofti, ragaa deeggaraa biraa malee, balleessaa jechisiisuuf ga’aa akka hin taane deebii dhumaa argateera. 🛡️📝
Dhaddachi Ijibbaataa dhimma kana keessatti seera rogummaa qaban gadi fageenyaan kan xiinxale yoo ta’u, keessattuu Seera Adeemsa Yakkaa Keeyyata 27/2 irratti xiyyeeffateera. Bu’uura kanaan, amantiin poolisii duratti kenname tokko akka ragaatti kan tajaajilu yoo amantiin sun fedhii guutuun, utuu dhiibbaan ykn reebichi hin uumamin dhiyaachuu isaa manni murtii sakatta’e qofaadha. Dabalataan, amantiin poolisii duratti kenname qofti ragaa guutuutti waan hin fudhatamneef, ragaan biraa kan akka ragaa namaa ykn meeshaa isa deeggaru (corroborative evidence) jiraachuun dirqama akka ta’e murtii kanaan itti amanameera. Poolisoonni qorannoo gaggeessan "nu duratti amaneera" jedhanii ragaa ba’an, ragaa wlabaa (independent witness) waan hin taaneef humna madaallii ragaa guutuu hin qaban. 🔍👁️🗨️
Manni murtichaa murtii kanaan gadi fageenyaan kan mirkaneesse, namni tokko bu’uura Heera Mootummaa Keeyyata 20(3) tiin hanga yakki isaa ragaa amansiisaa ta’een mana murtiitti mirkanaa’utti akka qulqulluutti ilaalama. Poolisiin "amaneera" jechuu isaa qofti murtii balleessummaa kennisiisuuf ga’aa ta’ee utuu fudhatamee, kun mirga qulqullummaa lammilee irratti dhiibbaa guddaa uuma. Dhaddachi Ijibbaataa dogoggora bu’uraa seeraa mana murtii jalaa irratti dhabuun isaa, sirna haqaa keessatti namoota nagaa irratti murtii dogoggoraa akka hin dabarfamne ittisa jabaa uumeera. Akkaataa kanaan, Dhaddachi Ijibbaataa murtii bilisummaa kenname cimsus, murtii kanaan qajeelfama seeraa (precedent) jabaa manneen murtii hundaaf tajaajilu kaa’eera. 🛡️⚖️
Goolaba irratti, Dhaddachi Ijibbaataa murtii manneen murtii jalaa cimsuun, himatamaan bilisa ta’uu isaa mirkaneessuun galmeen kun akka cufamu ajajeera. Murtiin kun "dhugaan seeraa ragaa qabatamaa malee hin jiru" ergaa jedhu jabeessuun, mirgi lammummaa akka hin sarbamneef seera adeemsa yakkaa keeyyata 27/2 hiika seeraa sirrii argachuu isaa mirkaneesseera. Haaluma kanaan, seerri keenya ragaa irratti malee amantii dirqamaa ykn ragaa hin deeggaramne irratti hunda’ee murtii akka hin laanne mirkaneessuun, sirni haqaa keenya madaallii qajeelaa irratti hunda’uu isaa fakkeenya gaariin agarsiisee jira. 📜🕊️✅
Murtii haaraa: Daangaa Fooyya’iinsa Falmii fi "Sarara Diimaa" Dhaddacha Ijibbaata
Fooyya’iinsi falmii (Amendment of Pleadings) akkaataa Seera Adeemsa Falmii Sivilii keewwata 91 fi Labsii 1234/2013 irratti ibsameen, meeshaa mirga abbaa dhimmaa mirkaneessuufi haqni akka dhalatuuf tajaajiludha. Kaayyoon isaa inni guddaan dogoggora teeknikaa ykn hanqinaalee iyyannoo fi deebii jalqabaa keessatti mudatan sirreessuun, manni murtii qabxii falmii dhugaa (real controversy) gama lamaan gidduu jiru irratti xiyyeeffachuun murtii akka kennu dandeessisuudha. Ta'us, mirgi kun daangaa malee kan dhiyaatu osoo hin taane, adeemsa murtii saffisiisuu fi haqni akka hin jallanne eeguu irratti kan hundaa'e malee, abboonni dhimmaa kallaattii falmii isaanii yeroodhaa gara yerootti akka fedhanitti jijjiiruun akka taphaatti akka itti fayyadamaniif miti. ⚖️📜
Manni Murtii Federaalaa Dhaddachi Ijibbaataa Galmee Lakk. 239626 irratti murtii dirqisisaa kenneen, fooyya’iinsi falmii eessatti dhaabbachuu akka qabu "Sarara Diimaa" ifa ta’e kaayeera. fooyya’iinsi dhiyaatu falmii ykn deebii jalqaba dhiyaate waliin kan ifatti wal-faallessu (contradictory) yoo ta’e ykn amala falmichaa guutummaatti kan jijjiiru yoo ta’e fudhatama hin qabu. Kunis, abbaan dhimmaa tokko erga falmii jalqabaa irratti hundaa’ee ragaan dhiyaatee booda, madda himannaa (cause of action) haaraa uumuun ykn kallaattii isaa guutummaatti jijjiiree falmaa kaan kiyyootti galchuun (surprise) godhuun waan hin danda’amneef, amanamummaa adeemsa seeraa eeguuf jecha fooyya’iinsi akkasii seeraan ni kuffifama. 🚫🛑
Fakkeenya Dhimma galmee Dh.ij MMWF kanaan dhiyaate irratti, iyyattoonni jalqaba "qabeenyichi kan dhuunfaa keenyaati" jedhanii falmanii, booda garuu gara "kan dhaalmayaati" (inheritance) jedhutti jijjiiruuf yaaluun isaanii "Sarara Diimaa" seeraa kan dabarudha. Falmiin "dhuunfaa" fi "dhaalmayaa" gidduu jiru ragaa fi uunka seeraa garaagaraa kan barbaadu dhimma ta’eef, fooyya’iinsi akkasii sirna falmii jallisuu waan danda'uuf fudhatama dhabeera.
Barumsi guddaan murtee kana irraa argamu: Fooyya’iinsi falmii haqni akka dhalatuuf malee, kallaattii falmii jijjiiruun falmaa kaan wallaalchisuu ykn falmii wal-faallessu dhiyeessuuf meeshaa ta’uu hin danda’u; kanaafuu, falmiin jalqabaa of-eeggannoo fi qulqullinaan qophaa’uu akka qabu murtee kanaan mirkanaa’eera. ✅🏛️
Waliigalteen Ijaarsa Manaa Qaama Aangoo Qabu (Notary) Duratti Barreeffamuu Ni Qabaa? Murtii Boordii Dhaddacha ijibbaata Federaalaa Maal Jedha?
Murtii Dh.ij MMWF Lakk Galmee 32222 (Jildii 6) tahe irratti, waliigalteen mana ijaaranii waliif dabarsuun ijaarrame tokko, akka waliigaltee gurgurtaa qabeenya hin sochoonee (mana) waliin tokko miti jedhee jira. Fakkeenyaaf, namni tokko iddoo qabeenyummaan isaa kan nama biroo ta’e irratti mana ijaaree, ijaarsa sana keessaa qooda tokko abbaa iddootiif kennuuf, qooda kaan immoo ofiif fudhachuuf yoo waliigale, waliigalteen kun akka "Waliigaltee Ijaarsa Gamoo" (Contract of Building) malee akka waliigaltee gurgurtaa manaatti hin lakkaa'amu. Waliigalteen akkasii immoo bu’uura Seera Hariiroo Hawaasaa (S.H.H.) kwt. 2876 tiin kan qajeeluudha.
Labsii Seera Hariiroo Hawaasaa kwt. 1723 jalatti waliigalteen qabeenya hin sochoonee (mana gurguruu ykn kennuu) akkaataa addaatiin qaama aangoo qabu (Fakk: Notary) duratti barreeffamaan akka raawwatamu kan dirqamsiisu ta’us, waliigalteen ijaarsa gamoo (Building Contract) garuu ulaagaa kana jala hin galu. Kanaafuu, waliigalteen ijaarsa manaa abbaa ijaarsaa fi abbaa iddoo gidduutti taasifame tokko, "qaama aangoo qabu duratti hin raawwatamne" sababa jedhuun qofaan akka waan hin jirreetti lakkaa’uun dogoggora seeraa bu’uuraati. Seerichi waliigaltee akkasii bifa adda ta’een barreeffamaan akka raawwatamu hin dirqamsiisu; kanaafuu murtiiwwan kanaan dura waliigaltichi hin jiru jedhanii kennaman dogoggora ta’uun isaanii mirkanaa’eera.
Odeeffannoo seeraa dabalataa argachuuf fuula kana Follow, Like & Share gochuun maatii keenya ta’aa!. [https://t.me/mdnzfadmf
