Naziif S.A.Law Matter ⚖️
Open in Telegram
⚖️ NAZIIF ADEM LAWYER⚖️ HUBANNOO SEERAA BILISAA
Show moreThe country is not specifiedThe category is not specified
218
Subscribers
No data24 hours
-27 days
-430 days
Posts Archive
Repost from Nabiyu Usmail:Law Channel.
⚖️ 20 LATIN LEGAL MAXIMS EVERYONE SHOULD KNOW
1. Ignorantia Juris Non Excusat
Meaning: Ignorance of the law is no excuse.
2. Nullum Crimen Sine Lege
Meaning: No crime without law.
3. Nulla Poena Sine Lege
Meaning: No punishment without law.
4. Audi Alteram Partem
Meaning: Hear the other side.
5. Nemo Judex in Causa Sua
Meaning: No one should be a judge in their own case.
6. Actus Non Facit Reum Nisi Mens Sit Rea
Meaning: An act does not make a person guilty unless there is a guilty mind.
7. Ei Incumbit Probatio Qui Dicit, Non Qui Negat
Meaning: The burden of proof lies on the person who asserts, not the person who denies.
8. In Dubio Pro Reo
Meaning: When in doubt, the doubt should benefit the accused.
9. Ne Bis in Idem
Meaning: No one should be tried or punished twice for the same matter, subject to applicable law.
10. Res Judicata
Meaning: A matter already finally decided by a competent court.
11. Nemo Dat Quod Non Habet
Meaning: No one can give what they do not have.
12. Pacta Sunt Servanda
Meaning: Agreements must be kept.
13. Bona Fide
Meaning: In good faith.
14. Mala Fide
Meaning: In bad faith.
15. Prima Facie
Meaning: At first sight; on the face of it.
16. Suo Motu
Meaning: On its own motion or initiative.
17. Amicus Curiae
Meaning: Friend of the court.
18. Ubi Jus Ibi Remedium
Meaning: Where there is a right, there is a remedy.
19. Ratio Decidendi
Meaning: The legal reason or principle forming the basis of a judicial decision.
20. Obiter Dictum
Meaning: A judge's observation or statement that is not essential to the decision.
https://t.me/neba1lawyer
🏛️ Mana Maree Federeeshinii R.D.F.I. Waxabajjii 29, 2018 A.L.H. Yaa'ii Idilee 2ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Paarlamaa 6ffaa irratti akka murteessetti; namni qaama mootummaa irraa kaartaan abbummaa seeraan kennameef, heera mootummaatiin mirgi abbaa qabeenya lafaa ta'uu fi lafatti fayyadamuu isaa kan eegameedha. Namni tokko lafa nama biraa irratti (osoo abbaan lafaa mormuu baates) mana yoo ijaare, abbummaan lafichaa yookiin qabeenyi manichaa guutummaatti gara nama mana ijaare sanaatti hin darbu. 🏡📜
⚖️ Heera Mootummaa Keewwata 40(7) irratti "Namni lafa irratti qabeenya ijaare abbaa qabeenyichaa ni ta'a" kan jedhu, nama seeraan mirga lafichaa qabuuf mirga qabeenya sanas abbaa ta'uu kennuuf malee, nama qabeenya nama biraa irratti mana ijaareef mirga abbummaa mana sanaa kennuuf miti. Miti malee, namni osoo abbaan lafichaa hin mormin mana ijaare, baasii yookiin tilmaama ijaarsa manichaaf baase akka kafalamuuf abbaa lafaa gaafachuuf heeraan mirga qaba. 🏗️💰
🚨 Kanaafuu, murtiin Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa "namni lafa nama biraa irratti mana ijaare mana sanaaf abbaa ni ta'a" jechuudhaan kenne heera mootummaatiin ala (faallaa heeraa) jechuun murtaa'eera. 🔨⚖️
Ati nama himattee yookiin himatamtee beektaa? Himataa yookiin hikataman guyyaa beellamaa hafuun bu'aa akkamii hordofsiisaa?
https://finur.tirushop.com/hafiinsa-falmitootaa-fi-furmaata-isaa-mana-murtii-deemuu-dura-kana-beekuu-qabdan/
Repost from Jemal Kumbi
Dhagahi Duraa Yoom Gaggeeffamaa? Ijoon Dubbii Hoo Yoom Qabama? Mormii sadarkaa duraa waliin bakka tokkotti dhagaha gaggeessuun Nidanda’amaa?
===================================================
SDFHH kwt 244(1); 246(1) fi Murtii Dhaddacha Ijbta MMWF glme Lkk 222041 gaafa 04/02/2015 kennamuun Jiildii 27ffaa keessatti maxxanfamee
============================================
Dhagahi falmii duraa kan gaggeeffamuu fi ijoon dubbii kan qabamu dursee qabxiileen mormii sadarkaa duraa hundi duguugananii fala eega argatan ykn Jal-Murtiin eega Kenname booda dha.
Kana jechuun himannaan dhiyaatee himatamaan waamamuun deebii barreeffamaa eega kenne booda dhimmichi dhagaha falmii duraaf beellamamuu hinqabu. Deebii kenneen himatamaan qabxii n mormii sadarkaa duraa kaase jiraachuu fi dhiisuun qoratamee adda bahuun mormiin sadarkaa duraa ka’e yoo jiraate himataan yaada akka itti kennu taasifamee achi booda qoratamee jal-murtiin kennamu qaba.
Jal-Murtii kennameen mormiin ka’e kufaa yoo ta’e ragaan akkaataa SDFHH kwt 145n gaafatame yoo jiraate malee dhimmichi dhagaha duraaf ykn falmii afaaniif beellamamuu qaba. Gaafa falmii afaaniif jedhamee beellamametti himatamaan yoo hafe seericha kwt 70 -78 kan raawwatamu ta’a.
Eega haala kanaan dursa qabxiileen falmii sadarkaa duraa ta’uu malan hundi fala argachuun adeemsi falmii dhagahaan duraa eega xumurame booda falmii dhagaha duraa ijoo qabachuu fi itti aansee yoo barbaachisaa ta’e ragaa dhagahuutti kan darbamu akka ta’e tumaalee SDFHH kwt 244(1) fi 246(1) caqasuun Dhaddachi Ijbt glme olitti caqafame keessatti xiinxala gabaabaa godheen ibsee jira.
Dhimmicha keessatti himatamaa kan ta’e iyyataan Dhaddacha Ijbta qabxii mormii sadarkaa duraa jedhee addatti deebii isaa keessatti otuu hincaqasin ibsa tarree deebi ijoo keessatti dhimmichi kanaan dura mana Murtii sadarkaa jalaqabaatti ilaalamee araaraan kan xumurame akka ta’e kaasuu isaa deebii isaa irraa otuu hubatamu Manni Murtii jalaa jal-Murtii otuu irratti hinkennin ijoo haadhotti seenuun murtiin kennan dogongora Seera Deemsa Falmii kan raawwatedha jechuun Dhaddachi Ijbt murteessee jira.
https://t.me/speaklawinabsentia
Seera AdSense fi Ezoic Bara 2026
https://nazlaw.daminaa.org/wp/seera-adsense-fi-ezoic-bara-2026/
Lafa Baadiyyaa kennaadhaan dabarsuuf Ulaagaa Seeraa kana beekuu qabdan!
Guutuu Isaa argachuuf Websaytii kana jala seenaa Dubbisaa!
https://nazlaw.daminaa.org/wp/lafa-baadiyaa-kennaan-dabarsuu-ulaagaa-seeraa-shanan/
Seera Google AdSense Biyyoota Afrikaatiif Bara 2026 Haara Beektu? kunoo guutuu isaa afaan oromootiin link as gadii kana irraa seenaa dubbisa
https://nazlaw.daminaa.org/wp/seera-google-adsense-biyyoota-afrikaatiif-2026/
Fayidaan Dhaddacha Fakkii (Moot Court) Barattoota Muummee Seeraa Barataniif Qabu Maali?
Mee guutuu isaa link kanaan seenaa dubbisaa: https://nazlaw.daminaa.org/wp/fayidaan-dhaddacha-fakkii/
𝐃𝐚𝐫𝐛𝐢𝐢𝐧𝐬𝐚 𝐘𝐞𝐫𝐨𝐨 𝐅𝐚𝐥𝐦𝐢𝐢 𝐋𝐚𝐟𝐚 𝐁𝐚𝐚𝐝𝐢𝐲𝐲𝐚𝐚
•••
Mirgi kamuu yeroo seeraan taa’e keessatti kan hin gaafatamne yoo ta’e darbiinsa yerootiin hafuu akka ta’e qajeeltoo seeraatu tuma. Mirgi lafa baadiyyaas kanaan adda akka hin taane hubachuun barbaachisaadha.
Kanaan wal qabatees seerotni lafa baadiyyaa bulchuuf sadarkaa naannoo fi federaalatti bahan waan tuman qabu. Naannoo Oromiyaatti labsiin lafa baadiyyaa amma hojiirra jiru kan bahe bara 2015 keessa yoo ta’u tartiiba seerota Caffeen bahanii keessaa lakk. 248ffaa irratti labsii lakk. 248/2015 jedhamee kan galmaa’e yoo ta’u kan federaalaa immoo labsii lakk. 1324/2016 jedhamee galmaa’uun bahee hojiirra oolee jira. Seerotni lamaan darbiinsa yeroo ilaalchisee maal tuman? gaaffii jedhu itti aansee haa ilaallu.
Labsii lakk. 248/2015 keewwata 53 jalatti akka tumametti namni labsichi hojiirra hin oolin duras ta’ee booda lafa qabiyyee mootummaa ykn waliinii ykn dhuunfaa karaa seeraan alaatiin qabate kamiyyuu darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu akka hin dandeenyee fi nama mirga abbaa qabiyyummaa qabuun ykn mootummaadhaan yeroo kamittuu akka gadi lakkisu himatamuu kan danda’u ta’uu ibseera. Haa ta’u malee qabiyyee dhuunfaa ilaalchisee seerichi hambifannoo (exception) wayii kaa’ee jira. Kunis qabiyyee dhuunfaa labsichi hojiirra ooluun dura waggaa 10 oliif qabame yoo ta’e himanni kana ilaalchisee dhiyaatu darbiinsa yerootiin hafaa ta’uu akka danda’u akeekee jira. Lafa mootummaa ykn qabiyyee waliinii uummataa karaa seeraan alaatiin qabame ilaalchisee garuu darbiinsi yeroo haala kamiinuu akka mormii sadarkaa duraatti ka’uu akka hin dandeenye tumaa seerichaa irraa hubachuun ni danda’ama.
Gama biraatiin, labsii lafa baadiyyaa federaalaa lakk. 1324/2016 keewwata 64 jalatti akka tumametti namni qabiyyee mootummaa ykn waliinii seeraan ala qabate darbiinsa yeroo akka mormii sadarkaa duraatti kaasuu hin danda’u. Labsiin kun kan Oromiyaa irraa adda kan isa taasisu qabiyyee dhuunfaa seeraan ala qabame ilaalchisee akka kan Oromiyaa ifatti darbiinsa yeroo akka mormiitti kaasuu fi dhiisuu danda’uu ifatti tumuu dhabuu isaati. Kana malees, namni qabiyyeen koo seeraan ala na jalaa qabame jedhu mirga isaa yeroo gaafachuu qabu ykn beekee kaasee waggaa 15 keessatti mirgaa isaa yoo hin gaafanne mirgi isaa darbiinsa yerootiin hafaa akka ta’u tumee jira. Tumaan kana fakkaatu immoo labsii Oromiyaa keessatti hin hammatamne….
𝐃𝐚𝐝𝐝𝐚𝐫𝐛𝐚 𝐦𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐪𝐚 𝐪𝐚𝐫𝐬𝐡𝐢𝐢 500 𝐨𝐥 𝐭𝐚‘𝐞 𝐫𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐡𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐤𝐚𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚‘𝐚𝐦𝐧𝐞 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢?
•••
Maallaqni sababa adda addaatiin namootarraa namootatti daddarbuu ni danda’a. Liqiidhaan, uqubiidhaan, bittaa meeshaatiin, gowwoomsuu fi kkf sababoota maallaqni nama tokko irraa gara nama biratti ittiin darbuu danda’uudha.
Kana dura maxxansa hubannoof isiniif maxxansee tureen maallaqa liqii qarshii 500 ol ta’e waliigaltee barreeffamaa ykn kakuu ykn amanuu Mana Murtiitti taasifamuun malee ragaa namaatiin hubachuun akka hin danda’mne isiniif ibseen ture.
Kun maallaqa liqii irraa kan hafe sababoota birootiin namarraa namatti darban irratti raawwatiinsa ni qabaa gaaffii jedhu kaasisuun hin oolu. Mee gaaffii kana murtiiwwan dirqisiisaa dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa galmeewwan adda addaa irratti kenne waliin haa ilaallu.
1. Namni tokko maallaqa uqubii fudhatee kanfaluu yoo dide maallaqa fudhachuu isaa dirqama ragaa barreeffamaa qofa osoo hin taane ragaa namaatiin hubachiisuun akka danda’amu galmee lakk. 94240 ta’e irratti murtii dirqisiisaa kenneera.
2. Bittaa meeshaaf maallaqa kanfalame ilaalchisee namni maallaqni kanfalameef yoo haale ragaa namaa dabalatee ragaa gosa kamuu fayyadamuun akka danda’amu dhaddachichi galmee lakk. 64397 irratti ibsee jira.
3. Namni gowwoomsuun maallaqa nama biraa irraa yoo fudhate; inni maallaqni irraa fudhatame kana hubachiisuuf ragaa namaa fayyadamuun akka danda’amu galmee lakk. 85270 irratti murtiin kennameera.
Walumaagalatti, waliigalteen barreeffamaa dirqama kan ta’uu fi ragaan namaa hubachiisuu kan hin dandeenye dhimma daddarba maallaqaa hunda ilaallatu osoo hin taane waliigaltee liqii qarshii 500 ol ta’e ilaallatu ta’uu murtiilee dhaddacha ijibbaataa kanneen irraa hubachuun ni danda’ama.
•••
Seera Daldalaa Itoophiyaa Haaraa: Hubannoo Guutuu Daldaltootaa fi Invastarootaaf
Guutuu dubbisuuf: https://nazlaw.daminaa.org/wp/seera-daldalaa-itoophiyaa-haaraa/
Akkkam jirtan hordoftoonni peejii kiyya kanaa hundi keessan baga naaf jiraattan!
Ammas platform website haarayaa tokkoon dhufeetiin jira kanaaf tana booda dhimmoota seeraan wal qabatu kamiyyuu afaan barbaaddaniin website kiyya kana irraa ni argattu, isiniis website haaraya kana seentanii daawwachuun yaada keessan naaf qooduu hin dagatinaa!
Website kiyya seenuuf link as gadii kanaan seenuu dandeessu
👉https://nazlaw.daminaa.org/wp/
⚖️ Itti Gaafatamummaa Balleessaa Nama Birootiif Dhufu
🧠 Seera Hariiroo Hawaasaa Itoophiyaa keessatti, madaalliin haqaa inni guddaan namni miidhaa geessise beenyaa akka kaffalu gochuu qofa osoo hin taane, namni miidhame sun akka hin gatamne mirkaneessuu dha. Yaad-rimeen "Itti Gaafatamummaa Balleessaa Nama Biroof Dhufu" (Vicarious Liability) jedhamu kun, seera hariiroo waliigalteen alaa keessatti maddaa fi itti gaafatamummaa garee sadaffaa kan hordofsiisu dha. Haallan kunniin Seera Hariiroo Hawaasaa kwt. 2027(3) fi 2124-2136 jalatti bal'inaan kan tarreeffaman yoo ta'u, bu'uura isaa kan godhatu hariiroo seeraa jabaa nama miidhaa geessisee (kan akka hojjetaa, daa'ima, ykn barreessaa) fi nama itti gaafatamummaa baatu (kan akka hojjechiisaa, maatii, ykn gulaalaa) gidduu jiru dha. Bu'uura kanaan, maatiin balleessaa ijoolleef (kwt. 2124), mootummaan balleessaa hojjetaa isaatiif (kwt. 2126), hojjechiisaan gocha hojjetaa isaatiif (kwt. 2130), fi gulaalaan maqa balleessaa barreeffamaan bahuuf (kwt. 2135) seeraan itti gaafatamaa ta'u. Itti gaafatamni kun mirkanaa'uudhaaf, dursa namni miidhaa qaqqabsiise sun gocha badii raawwachuu isaa ykn gochi isaa seeraan kan nama itti gaafachisu ta'uun mirkanaa'uu qaba.
🚗 Haala kana salphaatti hubachuuf fakkeenya kanaan ilaaluun ni danda'ama; Konkolaachisaan dhaabbata daldalaa tokkoo (Hojjetaan), osoo meeshaalee dhaabbatichaa fe'ee bakka biraatti geessisaa jiruu, of-eeggannoo dhabuudhaan konkolaata dhuunfaa nama biraa (Garee Sadaffaa) tti yoo bu’e. As keessatti, konkolaachisaan sun miidhaa geessisus, seerri kaffaltii beenyaa sanaa dhaabbata (Hojjechiisaa) irratti gata. Maaliif yoo jedhame, kanaan walqabatee seera keessatti ulaagaaleen gurguddoon lama hojiirra oolu. Inni jalqabaa "Hariiroo To’annoo" (The Control Test) yoo ta'u, hojjechiisaan hojjetaa isaa waan ajajuu, qajeelfama kennuufii fi hojii isaa to'achuu danda'uuf seerris kanuma hayyama. Labsiin Hojjetaa fi Hojjechiisaa lakk. 1156/2011 kwt 4(1) irrattis hariiroon kun qajeelfama jala ta'anii hojjechuu irratti kan hundaa'e ta'uu addeessa. Inni lammaffaan immoo "Sababa Diinagdee" (Deep Pocket Theory)** dha; hojjechiisaan dandeettii maallaqaa fooyya'aa waan qabuuf, namni miidhame sun beenyaa malee akka hin hafneef dandeettii mootummaa ykn dhaabbatichaa irratti abdiin gatama.
🛡️ Haa ta'u malee, itti gaafatamummaan kun daangaa malee kan dhiifame osoo hin taane, namni dhimmi ilaallatu ittisa seeraa dhiyeeffachuuf mirga guutuu qaba.
⚖️ Walumaaygalatti, seerri sirna kanaan kan diriireef, gama tokkoon miidhamtoonni deeggarsa haqaa fi kaffaltii madaalawaa ta'e akka argatan gochuuf yoo ta'u, gama biraatiin immoo hojjechiistonni fi maatiin to'annoo fi of-eeggannoo gahee isaanii akka bahan jajjabeessuudhaafi.
Abbaan qabeenyaa biskileetiidhaa miidhaa sababa biskileetiin qaqqabuuf Balleessaa malee (Strict Liability) itti gaafatamaa ni ta'aa moo hin ta'u?
Dhimma kana ilaalchisee Murtii Dh Ij MMWF Lakk. galmeeLakk.G.171133 gaafa guyyaa 22, 2012 A.L.I.) murtii kenneen Biskileetiin utuu namni biraa oofuu qabeenya nama biraa irratti miidhaa yoo qaqqabsiise, haalli abbaan qabeenyaa biskileetichaa osoo balleessaa hin qabaatin itti gaafatamaa itti ta'uu fi beenyaa itti kaffalu hin jiru. Biskileetiin humna namaatiin kan socho'u malee konkolaataa mootariin hojjetu miti.kunis Seera Hariiroo hawaasaa kw 2081 abbummaa qofa bu'uura godhachuun, osoo balleessaa hin qabaatin itti gaafatamummaa kan kuffisu abbootii qabeenyaa konkolaataa ykn meeshaalee mootariin socho'an irratti qofa. Biskileetiin ramaddii kana jalatti hin ijaaramu (hin ramadamu) jedhee jira.
Miidhaa biskileetiin qaqqabuuf abbaan qabeenyichaa itti gaafatamaa ta'uu kan danda'u, bu'uura Seera Hariiroo hawaasaa kw 2087'tiin balleessaan isaa dhuunfaa yoo mirkanaa'e qofa. Abbaa qabeenyaa dhimma sanaa qofa dhaan (osoo balleessaa hin qabaatin) itti gaafatamaa hin ta'u.
Biskileetii akka konkolaataatti lakkaa'uun abbaa qabeenyichaa osoo balleessaa hin qabaatin itti gaafatamaa gochuun dogoggora seeraa bu'uuraati. Haala balleessaan abbaa qabeenya biskileetichaa itti hin argamnetti beenyaa kaffaluuf dirqama hin qabu.
Kanaafuu, biskileetiin hiika seeraatiin konkolaataa/meeshaa (Vehicle/Machine) jedhamee waan hin ramadamneef, miidhaa biskileetiin qaqqabuuf abbaan qabeenyichaa osoo balleessaa hin qabaatin bu'uura Seera Siviilii lakkoofsa 2081'tiin itti gaafatamaa hin ta'u.
Lakk.G.Ijibbaataa 171133 (Muddee 22, 2012 A.L.I.)
https://t.me/mdnzfadmf
Gaaffii: 🧐 Gamoo kireeffame keessatti idoo faasilitii tajaajila dhuunfaaf oolu (fkn, bakka dhaabbanna konkolaataa) utuu fayyadamanii, miidhaan caasaa gamichaa irraa madduun qabeenya irratti yoo qaqqabe, itti gaafatamummaan waliigalteen alaa eenyu irratti kufa? Kumpaaniin inshuraansii miidhamichaaf kaffaltii raawwate seeraan bakka bu'ee abbaa gamichaa gaafachuu ni danda'aa?*
⚖️ Murtii dhaddachi ijibbaataa MMW Federaalaa Lakkoofsa Galmee 161417 gaafa(Guyyaa 12/09/2011 A.L.I.) irratti kenneen, dhimma Habiib Inshuraansii fi Dhaabbata Inshuraansii Itoophiyaa jidduutti uumame irratti murtii hiikoo dirqisiisaa qabu kennee jira. Dhaddachi iyyannoo dhiyaate irratti hunda'uun murtii manneen murtii jalaa hunda diiguun, kireeffataan faasilitii (bakka dhaabbannaa konkolaataaf🚗
kireeffate irratti miidhaan ijaarsa gamichaa irraa maddeef akka hin gaafatamne murteessee jira.** Kunis, gamoo deebii-kennataa (Dhaabbata Inshuraansii Itoophiyaa) kireeffame keessatti utuu jiruu qaxxeen (scaffolding) gamicha irraa kufee konkolaataa maamilaa irratti miidhaa qaqqabsiiseef, abbaan gamichaa suphaa qarshii 38,853.19 guutuu isaa dhala %9 waliin kumpanii inshuraansii maamilichaaf kaffalee bakka bu'ummaan dhiyaateef akka deebisu murteesseera. 🏢🚗
📜 Dhaddachi Ijibbaataa murtii kanaaf bu’uura kan godhate Seera hariiroo hawasaa Itoophiyaa Keewwata 2088(1) fi (2), Keewwata 2077(1) fi Seera Daldalaa Keewwata 683 irratti hunda'uuni. Akkaataa seerota kanaatti, abbaan qabeenyaa ykn abbaan qabiyyee gamoo tokkoo, miidhaa gamicha irraa dhufeen qabeenya nama biraa irratti qaqqabuuf itti gaafatamummaa guutuu uffata; waliigalteen jirus daangaa faasilitii itti fayyadamuu qofa kan murteessu yoo ta'e kireeffataa bilisa taasisa. Keessattuu, abbaan gamichaa miidhaan sun ittisa dhibbaa (force majeure) ykn dogoggora maamilichaan akka ta'e ragaa gahaa yoo hin dhiyeessine ittigaafatamummaa jalaa hin oolu; gama biraatiin, Seerri Daldalaa kwt 683 kumpanii inshuraansii miidhamichaaf duraan kaffaltii raawwateef mirga bakka bu'ummaa (subrogation) guutuu waan kennuuf, inshuraansichi abbaa gamichaa irratti himannaa banuuf mirga qaba. 📑💼
💡 Fakkeenya qabatamaatiif, hojjetan baankii ykn daldalaan tokko gamoo abbaa qabeenyaa biraa irraa kireeffatee utuu hojjetuu, baankichi maamiltoota isaatiif bakka dhaabbannaa konkolaataa qofa addatti kireeffachuu danda'a. Haa ta'u malee, utuu maamilli tokko konkolaataa isaa bakka sana dhaabee jiruu, jiddumaan gamichaa irraa bilookii kufeen ykn qaxxeen ijaarsa gamichaaf diriirfame hidhaan isaa siriitti hin hidhamne irra kufee konkolaataa sana yoo miidhe, itti gaafatamummaan kun abbaa gamichaa irratti kuffisa malee baankicha irratti hin jiru. Sababni isaas, baankichi lafichatti fayyadama malee caasaa gamichaa irra jiru to'achuu fi eeguuf aangoo tekinikaa fi qabeenyaa hin qabu; kumpaaniin inshuraansii konkolaataa sanaaf kaffalee suphisiises kallattiin deemee abbaa gamichaa sana seeraan gaafachuu danda'a. 🏗️🛠️
https://t.me/mdnzfadmf
Konkolaataa Abbaa qabeenyaa irraa Kireeffatameen Balaan yoo Gahe Ittigaafatamummaan Eenyu Irratti Kufa: Kireessaadha Moo Kireeffataadha? 🚗⚖️
Yeroo baay’ee namoonni konkolaataa walirraa ergifatanii ykn kireeffatanii yeroo deeman, yoo balaan isaan mudate ittigaafatamummaa eenyu irratti akka kufu beekuun dhimma walxaxaa fi falmisiisaa ta’e dha. Dhimma kana irratti murtii Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa (MMWF) lakkoofsa galmee 230493 ta’e irratti Onkololeessa 2, 2016 A.L.Htti murtii kenneen hiikoo dhimma kana ifa taasisu dabarseera. Murtiin kun seera hariiroo hawaasaa Itiyoophiyaa keessatti qajeelfama dirqisisaa fi hiika seeraa dhimma kireeffataa konkolaataa irratti bu’uura jabaa kan kaaye dha.
Balaan konkolaataa yeroo uumamu, Seerri Hariiroo Hawaasaa Itiyoophiyaa kwt 2081(1) bu'uura godhachuun jalqaba irratti abbaa qabeenyaa konkolaataa ittigaafatamaa taasisa. Haa ta'u malee, murtii galmee kanarratti kennameen, bu’uura kwt 2082(1) tiin konkolaataa ykn meeshaa sochii saniin faayidaa dhuunfaa isaaf kan itti fayyadamaa jiru kireeffataa waan ta'eef, yeroo meeshaan sun harka isaa jiru balaa gahuuf ittigaafatamummaa dhumaa (ultimate liability) kan fudhatu isuma yookiin kireeffataadha jechuun murtii dirqisiisaa kennee jira.
Fakkeenyaaf, namni tokko konkolaataa kireeffatee yeroo itti tajaajilamu, abbaan qabeenyaa sun qaamaan achi waan hin jirreef, to'annoo fi faayidaan yeroo sanii guutuun guutuutti harka kireeffatichaa jira. Kanaaf, balaa uumamuuf abbaa qabeenyaa kireessaa waliin dhuunfaa fi waloonis(jointly and severally) adabuun dogoggora seeraa bu’uraa akka ta’e dhaddachi kun sagalee caalmaan murteesseera.
Dhimma kana akka namaaf galutti yoo ibsinu: Obbo Alamuun konkolaataa kireessaa irraa makiina fe'umsa tokko kireeffatee hojii dhuunfaa isaa hojjechaa osoo jiruu, dogoggora uumameen konkolaataa dhaabbata boba'aa tokko irratti miidhaa geessise haa jennu. Haala kanaan, dhaabbatichi baasii fi miidha konkolaataa isaa irra gahe deeffachuuf kireessaa fi kireeffataa (Obbo Alamuun) walumaan mana murtiitti yoo himate, manni murtii bu’uura murtii ijibbaataa kanarratti hundaa’uun baasii miidhaa kireeffataan (Obbo Alamuun) qofti akka kafalu murteessa. Kunis sababa isaa, yeroo balaan sun gahu meeshichi faayidaa eenyuuf akka oolaa jiru seeraan waan mirkanaa'eefi. Abbaan qabeenyaa (Kireessaan) garuu badii kallattii saniin walqabatu irraa walaba ta'a.
Walumaagalatti, murtiin kun haqa abbootii qabeenyaa ykn kireessitoota mashiinariifi konkolaattotaa kan eegu fi seera hariiroo hawaasaa dhimma ittigaafatamummaa balaa konkolaataa bifa haqa qabeessa ta’een gargar baasee kan furu dha. Namni tokko konkolaataa ykn tajaajila sochii kireeffatee yeroo itti fayyadamutti, of-eeggannoo guutuu gochuu akka qabu seeraan itti agarsiisa; sababiinsaas ittigaafatamummaan dhumaa isuma dhuunfaa irratti waan kufuuf. Seera beekuun of-eeggannoo dabalataa fida! 📊🛡️
https://t.me/mdnzfadmf
Akkam jirtan hordoftoota kiyya
Guyyaa lamaan kana Seera itti gafatamumma waliigalteen alaa fi Murtii Dh. Ijibbaataa MMWF irratti hunda'uun dhimma Tort qofa irratti waan maxxansuu deemnuuf itti dhiheenyaan nu hordofaa🙏🏾🙏🏾
Meeshaan Bitattan Hanqina Yoo Qabaate Himannaa Keessan Yoom Dhiyeeffachuu Qabdu? ⚖️📦
Baay’ee keenya yeroo meeshaa bitannu, meeshichi yoo hanqina qabaate gurgurataatti deebinee ykn bilbillee "meeshaan kee kun hanqina qabaa naaf sirreessi" jenna. 📞 Gurgurataanis yeroo baay’ee "tole har’a bor siif sirreessaa obsi" jechuun yeroo nu harkisu, nutis amantii guutuun eegaa utuma jirruu yeroon seeraa nu jalaa darba. ⏳ Haa ta'u malee, gama seeraatiin yeroon himannaa dhiyeeffannu daangaa qaba. Akkaataa Seera Hariiroo Haawaasaa (SHH) kwt. 2298(1) fi murtee dirqisiisaa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa (Lakk. G. 197008) irratti ibsametti, bitataan meeshaa hanqina qabu bitate tokko guyyaa hanqinicha gurgurataatti beeksise irraa kaasee waggaa tokko (1) keessatti himannaa isaa dhiyeeffachuu qaba. Waggaan tokko kun yoo darbe, manni murtii himannaa keessan sababa darbiinsa yerootiin kufaa gochuu danda'a. 🚫📜
Garuu dhimmi kun haala addaa tokko qaba. Akkaataa SHH kwt. 2297 jalatti tumametti, gurgurataan utuu meeshichi hanqina qabu beeku dhoksee ykn akka waan hanqina hin qabneetti fakkeessee yoo si gurre, kun gocha "waliin dhahuu" ykn yakkaa waan ta'eef, daangaan yeroo waggaa tokkoo sun haala addaatiin dheerachuu danda'a. ✅ Haa ta'u malee, Dhaddachi Ijibbaataa xiinxala kenneen, gurgurataan "har'a bor siif sirreessa" jechaa yeroo si harkisuun isaa akka gocha yakkaatti waan hin ilaalamaf, yeroo himannaa keessanii isiniif hin dheeressu. 🛑 Kana jechuun, gurgurataan waadaa gale bahachuu dhabuun isaa seeraan akka "gocha yakkaatti" waan hin ilaalamaf, yeroo seeraan siif kenname (waggaa tokko) utuu hin darbin mirga keessan kabachiifachuun dirqama jechuudha. 💡
Fakkeenya qabatamaa tokko haa ilaallu: 🚗 Obbo Alamuun konkolaataa tokko bitate haa jennu. Konkolaataan sun hanqina mootoraa akka qabu hubatee guyyaa bitate irraa kaasee ji'a tokko keessatti gurgurataatti beeksise. Gurgurataanis "obsi nuyi ogeessa biyya alaa waamnee siif sirreessina" jechaa Obbo Alamuun amantii guutuun waggaa tokkoo fi ji'a sadii (walitti ji'a 15) eege. Obbo Alamuun dhumarratti yoo gara mana murtii deeme, manni murtii "guyyaa beeksiste irraa kaasee waggaa tokko waan dabarsiteef himannaan kee kufaa ta'eera" jechuun murteessuun isaa seera. 👩⚖️ Kanaafuu, gurgurataan "har'a bor" jechaa yoo isin tursiise, waggaan tokko utuu hin guutin dura himannaa keessan dhiyeeffachuuf ariifachuu qabdu! 🏃♂️💨
