📚 GUYYAA TOKKO MAALIIF BARACHUUN KEE DIRQAMA AKKA SIRRATTI TA'E NI HUBATTA.
🌙 Halkan har'aa kana iddoo tokkotti, barataan tokko kurraazii ykn ibidda jela taa'ee qu'achaa jira ta'a.
💔 Maatiin isaa garmalee harka qalleeyyii ta'uu malu.
👕 Uffata isaa waan miiccatuun dhabee ji'aa oliif uffata xuriin deemaa jiraachuu mala.
📱 Bilbila ittiin fayyedamu dhabee, ergifatee ykn hiriyyoota isaa kadhatee ittiin barachaa jiraachuu mala.
💔 Nama isa jajjabeessu dhabee, onneen isaa cabuus mala.
Maarree wanti kun hundi hamilee isa cabsee gaaffii tokko of gaafata:
❓ “Maaliif, maaliif osoo beeku miidhaan kun hundi akka narra gahu eeyyama?”
Sababni gaaffii kana of gaafateefis.
⏳ Yeroo ammaa kana barachuun, qu'achuun akka adabbiitti itti dhaga’amuu danda’a.
👥 Hiriyyootni isaa yeroo bashannanitti, inni garuu kutaa isaa keessa taa’ee ganamaa fi galgala, dadhabe osoo hin jedhiin dubbisa.
📖 Iddoo tokko sirritti hubachuun isa dhibee fuula tokko guyyaa guutuu dubbisuu irraa kan ka’e mataan isa dhukkubees ta’uu danda’a.
😔 Yeroo tokko tokko immoo hamilee dhabuu irraa kan ka’e barnoota dhiisuuf fa'a yeroo barbaadutu jiraata.
🌅 Garuu Mucaan kun wanta nuti baay'inaan hin hubanne tokko hubatee jira: innis
💡 “yeroon kun hundi darbee, guyyaan ifaa tokko akka dhufu ni beeka. Guyyoota namni tokko illee isa hin ilaallee kanatti, jireenyi isa fuulduraa suuta suutaan, yeroo yeroodhaan akka ijaarramaa jiru ni beeka.”
Kanaaf gaaffiin akkanaa kun salphumatti isa hin dogongorsine.
___
🎓 Maarree barataa koo yeroon ati har’a barnootaaf gubdu kun, boru beekumsa rakkoo kee ittiin furtu ta’uu hin dagatin.
📚 Dubbisni har’a ati ganamaa fi galgala dubbistu kun boru furtuu kee ta’uu hin dagatiin.
👉 Kanaafuu barataan kamis gatii barnootaa hubachuu qabaatta.
👨👧👧 Maatiin kee akka ati barattuuf aarsaa guddaa kafalaa jiran ta’a, garuu aarsaa kana faayidaa keetiif, jiruu fuulduraa keetiif jedhanii akka kaffalaa jiran hubachuu qabaatta.
⏳ YEROON NI DABARTI
🔥 Kanaafuu booddee maaf kana hin raawwanne jettee gaabbuu irra, yeroo kana ganamaa fi galgala, dadhabe osoo hin jedhiin waan sirraa eeggamu hundaa raawwachutu caala.
❤️ NUUF JIRAADHAA
Qubee Tutorial
Education without limits!!!!
#QubeeTutorial
╓⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶╖
⟣ 🎓
@QUBEETUTORIAL🎓 ⟢
⟣ 🎓
@QUBEETUTORIAL🎓 ⟢
╙⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶⩶╜