ch
Feedback
The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus - EECMY

The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus - EECMY

前往频道在 Telegram

The Ethiopian Evangelical Church Mekane Yesus (EECMY) is a national Lutheran church with more than 10 million members.

显示更多
3 299
订阅者
+624 小时
+137
+9130
帖子存档
የኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ጉዲና ቱምሳ ሁለገብ የስልጠና ማዕከል ያስገነባውን ባለ ዘጠኝ ወለል ለበርካታ አገልግሎቶች የሚውል ህንፃ እና ሰፊ የመሰብሰቢያ አዳራሽ አስመረቀ _ _ _ _ _ _ ማዕከሉ እ.ኤ.አ ከተቋቋመት 1997-2005 ዓ.ም ድረስ በዝቅተኛ አቅም ለቤተክርስቲያኒቱ የሥራ ዘርፎች ብቻ አገልግሎት ሲሰጥ የቆየ ሲሆን እ.ኤ.አ ከ2005 ዓ.ም ጀምሮ አቅሙን በማሳደግ አገልግሎቱን ለሚፈልጉ ተቋማት ሁሉ በሩን ክፍት አድርጎ አገልግሎት በመስጠት ላይ ይገኛል። አሁን የተጠናቀቀው ባለ ዘጠኝ ወለል ሁለገብ ህንፃ ከ66 ሚሊየን ብር በላይ ወጪ ተደርጎ የተገነባ ሲሆን የተመረቀው ህንፃ ያለምንም የባንክ ብድር ተቋሙ በሚሰጠው አገልግሎት እና ከአምስት አመት በፊት ተጠናቆ አገልግሎት እየሰጠ ከሚገኘው መንትያ ህንፃ በሚገኝ ገቢ ብቻ የታነፀ መሆኑ የህንፃውን የግንባታ ስኬት ልዩ እንደሚያደርገው የማዕከሉ አስተዳዳሪ የሆኑት ቄስ ሀረገወይን ሞገስ ገልፀዋል። በአሁኑም ሰዓት ህንፃው ቤዝመንቱን ጨምሮ እስከ ሶስተኛ ፎቅ ሙሉ በሙሉ የተከራየ ሲሆን ከ4ተኛ - 7ተኛ የሚገኘው ወለል በማዕከሉ የሚገኘውን የመኝታ ክፍሎች እጥረት ለመቅረፍ ተጨማሪ የመኝታ ክፍሎች እንደያዘ ተገልጿል። ቀጥሎም የተመረቀው የመሠብሰቢያ አዳራሽ ከዚህ ቀደም ለሌላ አገልግሎት የተገነባ ህንፃ የነበረ ሲሆን ከ12 ሚሊየን ብር በላይ በሆነ ወጪ ደረጃውን የጠበቀ ባለ አንድ ወለል የመሰብሰቢያ አዳራሽ ሆኖ ታድሶ ለአገልግሎት ተመርቋል። በምረቃ ስነ ሥርዓቱም ላይ የቤተክርስቲያኒቱ የክብር ፕሬዚደንቶች፣ መሪዎች፣ የ20ኛው የቤተክርስቲያኒቱ ካውንስል አባላት ፣ጥሪ የተደረገላቸው ተቋማት እና ግለሰቦች ተገኝተዋል። ለህንፃዎቹ ግንባታ እና እድሳት ከፍተኛ አስተዋጽኦ ላበረከቱ የማዕከሉ አስተዳደር፣ ሰራተኞች፣ አማካሪ ድርጅትና ኮንትራክተር የእውቅና ሽልማት ተበርክቷል። * ** Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesus Itiyoophiyaatti giddugalli leenjii hunda-galaleessa Guddinaa Tumsaa, tajaajila baayyeedhaaf kan oolu gamoo abbaa darbii sagalii fi galma waltajjii bal'aa ta'e eebbisiise. _ _ _ _ _ _ Giddugalli kun, bara 1997 A.L.A tti erga hundeeffamee kaasee hamma 2005tti dameewwan tajaajilaa waldichaa qofaaf humna xiqqaadhaan tajaajila kennaa kan ture yoo ta'u, bara 2005 irraa jalqabee humna isaa guddifachuudhaan dhaabbilee tajaajila isaa barbaadan hundumaaf balbala isaa banaa godhee tajaajila kennuu irratti argama. Gamoon abbaa darbii sagalii kan amma xumurame kun, baasii qarshii miliyoona 66 oliin kan ijaarame yoo ta'u, liqii baankii tokko malee galii tajaajila dhaabbatichi kennuu fi gamoo waggaa shan dura xumuramee tajaajila kennaa jiru irraa argamu qofaan ijaaramuun isaa milkaa'ina ijaarsa gamoo kanaa adda isa taasisa jechuudhaan bulchiinsa giddugalichaa kan ta'an Lubni Haragaweyn Mogas ibsanii jiru. Yeroo ammaa kanatti, kutaa dirra gadii dabalatee hamma darbii 3ffaatti, guutumaan guutuutti kan kireeffame yoo ta'u, darbii 4ffaa hamma 7ffaa kan jiru rakkina kutaa ciisichaa giddugalichaa furuudhaaf kutaalee ciisichaa dabalataa akka qabate ibsamee jira. Itti aansuudhaadhaan kan eebbifame galmi waltajjii, kanaan dura tajaajila kan biraatiif kan ijaarame yoo ta'e, baasii qarshii miliyoona 12 oliin galma waltajjii abbaa darbii tokkoo kan sadrakaa isaa eeggate ta'ee haareeffamee tajaajilaaf eebbifamee jira. Sirna eebbaa irrattis, Prezdaantonni fi gaggeessitoonni waldichaa, miseensonni kaawunsilii 20ffaa waldichaa, dhaabbileen waamichi godhameef akkasumas namoonni dhuunfaa argamanii jiru. Ijaarsaa fi haaromsa ijaarsa lameeniitiif gumaacha olaanaa kan gumachaan, hojjettoota bulchiinsaa giddugalichaa, dhaabbilee gorsaa fi kontiraaktarootaaf badhaasni beekkamtii kennamee jira.

የ20ኛው የቤተክርስቲያኒቱ ካውንስል ዋና ዋና ውሳኔዎች እና ለአፈፃፀም የተመሩ ጉዳዮች _ _ _ ከታህሳስ 14-16 ቀን 2017 ዓ.ም ስብሰባውን ያካሄደው የቤተክርስቲያኒቱ 20ኛው ካውንል ዘርፈ ብዙ በሆኑ ጉዳዮች ዙሪያ የውሳኔ አቅጣጫዎችን ያስተላለፈ ሲሆን ዋና ዋናዎቹ ከዚህ እንደሚከተለው ቀርቧል። 1. ለወንጌል ሥርጭትና ለተሻለ የምዕመናን ጥበቃ አመቺ አንዲሆን፣ ዘመኑን እና አሁናዊ የቤተክርስቲያኒቱን እድገት እና ስፋት ያገናዘበ ደንብ እና ውስጠ ደንብ እንደሚያስፈልግ ታምኖ በ20ኛው የቤተክርስቲያኒቱ አብይ ጉባኤ ተመርቶ ላለፉት አራት ዓመታት ለዚህ አገልግሎት በተዋቀረው የደንብ ኮሚስዮን በክለሳ ላይ የሚገኘው የቤተክርስቲያኒቱ ደንብ ረቂቅ ለ20ኛው የቤተክርስቲያኒቱ ካውንስል በንባብ ቀርቧል። በቀረበውም ማሻሻያ ረቂቅ ደንቡ ላይ በተሻሻሉ እና በተጨመሩ አንቀጾች ላይ በስፋት ካውንስሉ ከመከረ በኋላ ገምቢ ሃሳቦችን በማከል በሲኖዶሶች አማካኝነት ባለው መዋቅር እስከ ማህበረ ምዕመናን ድረስ ወርዶ ውይይት እንዲደረግበት መርቷል። 2. የቤተክቲያኒቱ የተለያዩ የሥራ ሂደት ቦርዶች እና ኮሚስዮኖች የ2016 ዓ.ም ሪፖርት ለካውንስሉ ያቀረቡ ሲሆን ውይይቶች ተደርገውባቸው ካውስሉ በሙሉ ድምጽ ተቀብሏቸዋል። 3. ጊዜያቸውን ባጠናቀቁ የመካነ ኢየሱስ ሴሚናሪ ፕሬዚዳንት እና የጡረታ፣ ኢንሹራንስ እና ኢንቨስትመንት ኮምሽን ኮምሽነር ቦታ ምርጫዎች ተካሂደዋል። በዚህም መሠረት ቄስ ዶ/ር ምስጋና ማቴዎስ የመካነ ኢየሱስ ሴሚናሪ ፕሬዚዳንት ሆነው የተመረጡ ሲሆን አቶ ገመችስ ማቴዎስ የጡረታ፣ ኢንሹራንስ እና ኢንቨስትመንት ኮምሽን ኮምሽነር ሆነው ለቀጣይ አራት አመታት ቤተክርስቲያኒቱን እንዲያገለግሉ ተመርጠዋል። 4. የቤተክርስቲያኒቱ 21ኛው አብይ ጉባኤ ለ19ኛው ካውንስል በመራው መሠረት የአገልግሎት ጊዜያቸውን ባጠናቀቁ የቤተክርስቲያኒቱ የዳኝነት ኮምሽን አባላት ቦታ በ20ኛው የቤተክርስቲያኒቱ ካውንስል ላይ ምርጫ ተካሂዷል። በዚህም መሠረት ስማቸው ከዚህ በታች በዝርዝር የተጠቀሱ የቤተክርስቲያኒቱ አገልጋዮች ለቀጣይ አራት አመታት በኮምሽኑ ውስጥ በንቃት የሚያገለግሉ ይሆናል። ወ/ሮ ሌንሴ ጎቦ ወ/ሮ እርቅነሽ ዮሐንስ ወ/ሮ በላይነሽ ታደሰ አቶ ታዮ ባንጃው ቄስ ዶ/ር ገለታ ሲሜሶ ዶ/ር ታደለ ቡርቃ ዶ/ር ግዛቸው አይኮ ቄ/ስ ዶ/ር ብርሃኑ ኦፍጋአ ቄስ ሚኖታ ሰይፉ ዶ/ር ቶኩማ ዳባ ቤተክርስቲያን አዲስ ሹመት ተቀበሉት አመራሮች እና የዳኝነት ኮምሽን አባላት መልካም የአገልግሎት ዘመን ትመኛለች። * ** Murteewwan ijoo fi dhimmoota raawwiidhaaf kaa'aman kan kaawunsilii 20ffaa Waldichaa _ _ _ Muuddee 14-16 bara 2017 walgahii kan adeemsise kaawunsiliin 20ffaa waldichaa, dhimmoota baayyee irratti kallatti murtii kan kenne yoo ta'u, ijoo kan ta'an akka armaan gadiitti dhiyaatanii jiru. 1. Babal'ina wangeelaatii fi eeggumsa amantootaatiif mijataa akka ta'utti dambiin keessoo, baricha akkasumas guddinaa fi bal'ina waldichaa giddugaleeffate akka barbaachisu itti amanamee, yaa'ii guddicha 20ffaa waldichaatiin durfamee waggoota afran darbaniif koomisiyoonii tajaajila kanaaf hundeeffameen keessa deebi'amaa kan jiru wixineen dambii waldichaa kaawunsilii 20ffaa waldichaatiif dubbifamee jira. Wixinee dambii dhiyaate irratti keeyyatoota fooyya'aniifi itti dabalaman irratti kaawunsilichi bal'inaan erga mari'atee booda yaadota ijaarsaa dabaluudhaan caasaa karaa Sinoodoosiiwwaniitiin hamma waldoolee amantootaatti gadi bu'uudhaan mariin akka irratti gaggeeffamuuf dabarsee jira. 2. Booordiiwwanii fi koomisiyoononni adeemsa hojii gargaragaa waldichaa fi gabaasa bara 2016 kaawunsilichaaf kan dhiyeessan yoo ta'u, mariin irratti taasifamee, kaawunsilichi sgalee guutuudhaan fudhatee jira. 3. Iddoo prezdaantii Makaana Yesuus Seeminarii fi koomishinara koomishinii sooramaa, inshuuraansii fi investimantii bara tajaajila isaanii xumuranii filannoon taasifamee jira. Haaluma kanaan, Lubni Dr Misgaanaa Maatewoos prezdaantii Makaana Yesuus Seeminarii ta'uudhaan kan filataman yoo ta'u, Obbo Gammachiis Maatewoos immoo koomishinara koomishinii soorama, inshuuraansii fi investimantii ta'uudhaan waggoota afran itti aananiif waldicha akka tajaajilaniif filatamanii jiru. 4. Yaa'iin guddichi 20ffaa waldichaa kaawunsilii 19ffaa dhaaf akka dabarsetti iddoo miseensota koomishinii murtii bara tajaajila isaanii xumuranii, kaawunsilii 20ffaa waldichaa irratti filannoon gaggeeffamee jira. Haaluma kanaan tajaajiltoonni waldichaa maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffame waggoota afran itti aananiif koomishinicha keessatti si'aayinaan kan tajaajilan ta'a. Aadde Leensee Gooboo Aadde Irqinash Yohannis Aadde Balaaynesh Taaddasaa Obbo Taayyee Baanjaaw Luba Dr Galataa Simeessoo Dr Taaddalaa Burqaa Dr Gizaachoo Aykoo Luba Dr Birhanu Ofga'a Luba Minootaa Seyfuu Dr Tokkummaa Dhaabaa Waldaan, gaggeessitootaa fi miseensota koomishinii murtii, muudama haaraa fudhataniif bara tajaajilaa gaarii akka ta'u in hawwiti.

#ለ32_አገልጋዮች_የቅስና_ሹመት_ተሰጠ - - - - - - በኢትዮጵያ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ማዕከላዊ ኢትዮጵያ ሲኖዶስ ለቃሉ እና ቅዱሳት ሚስጥራት አገልግሎት ያግዝ ዘንድ ለ32 አገልጋዮች የቅስና ሹመት ተሠጥቷል። የቅስና ሹመቱን የቤተክርስቲያኒቱ ፕሬዚዳንት ቄስ ዶ/ር ዮናስ ይገዙ የሰጡ ሲሆን የማቀሰስ ሥርዓቱ የ120ኛ ዓመት የምሥረታ እና የአገልግሎት በዓሏን ባከበረችው የአዲስ አበባ ወንጌላዊት ቤተ ክርስቲያን መካነ ኢየሱስ እናት ማህበረ ምዕመናን ተካሂዷል። በስፍራው የቤተክርስቲያኒቱ የሚስዩን እና ቲኦሎጂ ዳይሬክተር ቄስ ዶ/ር ለሊሳ ዳንኤል፣ የሲኖዶሷ መሪዎች፣ የእጩ ቀሳውስት ቤተሰቦች እና ጥሪ የተደረገላቸው እንግዶች ተገኝተዋል። የአገልግሎቱ እና የስምሪቱ ባለቤት እግዚአብሔር ስለ ቀሰሱት አገልጋዮች ስሙ የተባረከ ይሁን። ምስል:- የአዲስ አበባ ወንጌላዊት ቤተክርስቲያን መካነ ኢየሱስ ማህበረ ምዕመናን የሚድያ አገልግሎት ክፍል * ** Tajaajiltoota 32f muudamni Lubummwq kennameefi - - - - - - Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa Sinoodoosi giddugaleessa Itoophiyaa keessatti tajaajiltoonni 32 tajaajila Dubbii fi dhoksaawwan qulqulla'oo akka gargaaruuf muudamni Lubummaa kennameefiraa. Muudama Lubummaa kanas Pireezdaantii waldaa kiristaanaatti Luba Dr. Yoonaas Yigezuu kan kennaan l yoo ta’u, sirni kun kan gaggeeffame Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Finfinnee Waldaa Haadha kan taate; hundeeffama fi tajaajila ishee waggaa 120ffaa kabajateetti turee. Daarektarri ergamaa fi ti'ooloojii waldaa kiristaanaatti Luba Dr. Lalisaa Daani'eel, hoggantoonni sinoodosii, maatiin luboota kaadhimamaani fi keessummoonni affeeraman argamaniiru. Abbaa tajaajila kana fi bobbaasaa kana kan ta’e Waaqayyo; waa’ee tajaajiltoota muudama Lubummaa kennameefi maqaan Isaa haa eebbifamu.

#Wangeelaaf #Nan_Fiiga #ለወንጌልእሮጣለሁ *** Sagantaa Ayyaaneffannaa Waggaa 125ffaa Abbaa Gammachiis (Hiikaa Awwaajii) tiin Macaafni Qulqulluun Afaan Oromootti hiikamee fi waggaa 100ffaa Wangeelli Iluu Abbaa Booritti lallabame ilaalchisuun sagantaan fiigichaa 'Wangeelaaf Nan Fiiga' jedhuun qophaa'e Magaalaa Mattuutti adeemsifameera. Sagantootni Ayyaana Wangeelaa kanaaf qophaa'an garagaraa Muddee 25- 27/2017 A.L.I Istaadiyoomii Magaalaa Mattuutti haala bareedaadhaan kabajuuf qophee guddaan taasifamaa jira. Eebbi gamoo haaraan hirmaannaa Amantootaatiin ijaarames Muddee 25/2017 bakka pirezidantonni Sinodoosota WKWWMYI keessatti argamaniif hoggantoonni Olaanaan Waldatti argamanitti Pirezidaantii WKWWMYI'tiin ebbifama. Miseensotni WKWWMYI dhiyoo fi fagoo jirtan Ayyaana Guddaa kana irratti akka argamtanu jaalala Waaqayyootiin affeeramtanii jirtu. Bakka: Istaadiyoomii Magaalaa Mattuutti Guyyaa: Muddee 25- 27/2017 A.L.I “Yesuus Kiristoos kaleessa isuma ture, har'as bara baraanis isuma sana!” — Ibr. 13:8 በአባ ገመቺስ (ሂካ አዋጂ) መጽሐፍ ቅዱስ ወደ አፋን ኦሮሞ የተተረጎመበት 125ኛ ዓመት እና በኢሉባቦር ምድር የስብከተ ወንጌል 100ኛ ኢዮቤልዩ በማስመልከት የተዘጋጀው የሩጫ ፕሮግራም 'ለወንጌል እሮጣለሁ' በሚል በመቱ ከተማ ተካሄዷል። በዓሉን በማስመልከት የተዘጋጁ ሌሎች ፕሮግራሞች ከታህሳስ 25-27 ቀን 2017 በመቱ ከተማ ስታዲየም ይካሄዳል። አዲስ የተገነባው ሕንፃ ምረቃም ምዕመናን በተገኙበት በታህሳስ 25/2008 ዓ.ም የኢ/ወ/ቤ/ክ/መካነ ኢየሱስ ፕረዚዳንት : የሲኖዶስ ፕሬዝዳንቶች እና የቤተክርስቲያኒቱ ከፍተኛ አመራሮች በተገኙበት ይመረቃል። በቅርብ እና በሩቅ ያላችሁ የቤተክርስቲያኒቱ አባላት በዚህ ታላቅ በዓል ላይ እንድትገኙ በአክብሮት ተጋብዘዋል። ቦታ፡ መቱ ከተማ ስታዲየም ቀን፡ ታህሳስ 25-27: 2017 ዓ.ም 'ኢየሱስ ክርስቶስ ትናንትና ዛሬ እስከ ለዘላለምም ያው ነው።' ዕብ. 13:8 (EECMY- Ilubabor Bethel Synod) #EECMY #Ilubabor #Metu

Kottaa Karaa Isa Hamaa Irraa Debiina ll Gurmuu Faarfattootaa W/W/W/M/Y/I... https://youtube.com/watch?v=abIu_MkHaPY&si=geUMCV4FgbD4HppZ

Sagantaa eebbaa waldaa kiristaanaa ji’a Bitootessa keessa waggaa 70ffaa hundeeffama Sadarkaa dhaabbataa waggaa 5 booda kabajamuuf jiruu yaadachuun hojiiwwan dhaloota dhufuuf darbuu danda’an raawwachuuf karoorri qophaa’uusaa ibsuun; bu’a qabeessummaa isaatiif qophiiwwan amantoota hunda hirmaachisu akka qopheeffamuuf yaadachiisa kennaniiru. Pireezdaanttin Waldaa kiristaanaatti akka ibsanitti, waldaan kiristaanaa bara Dargii keessa gamoo fi qabeenya mana amantaa irraa fudhatame hordoffi cimaa taasisaa turteen, gaaffii ishees fudhatama argachuun; waajjiraalee bulchiinsa magaalichaa qabeenyi waldaa bakka jiruuti deebisuu ykn bakka buusuun akka kennamuuf ajajni akka ba’ee ibsaniiru. Bu'aa argameef Waaqayyoo galateeffachuun waajjiraalee dhaabbilee milkaa'ina kanaaf tumsan galateeffataniiru. Xumura irratti miseensonni Kaawunsilii hundi haala yeroo ammaa biyya keenyaa itti dhiyeenyaan hordofaa akka jiran tilmaama keessa galchuun, ergama Waldaa kiristaanaa aararaa kan buusuu fi ergamaa nagaa ta’uun akka cimsani itti fufaan; akkasumaas amantoota fi geggeessitoota sadarkaa adda addaa irraa jiranif waamicha dhiyeessaniiru. Haasaa sagantaa Pireezdaantichaa hordofuun Kaawunsilii marii bal’aa gaggeessee dhimmoota murtaa’uu qaban irratti hoggansa kennaniiru.

በቤተ ክርስቲያኒቱ ፕሬዚዳንት ለ20ኛው ካውስል በቀረበው መርሐ ንግግር የተዳሰሱ አበይት ጉዳዮች * * በ20ኛው የቤተ ክርስቲያኒቱ ካውንስል ስብሰባ የቤተ ክርቲያኒቱ ፕሬዚደንት ቄስ ዶ/ር ዮናስ ይገዙ ባቀረቡት መርሐ ንግግር (Keynote Speech) ዘረፈ ብዙ ጉዳዮችን የዳሰሱ ሲሆን ለካውንስሉ ሰላምታ በማቅረብ ንግግራቸውን በ2ኛ ቆሮ 4፡ 7-10 የሚገኘውን የእግዚአብሔር ቃል በማንበብ ጀምረዋል። ባቀረቡትም መርሐ ንግግር አሁን ያለንበት ዘመን ቤተ ክርስቲያን ከቀን ወደ ቀን ብዙ ፈተናዎችን እና ተግዳሮቶችን እያስተናገደች መሆኑን አስገንዝበው ከእግዚአብሔር ፈቃድ የጎደለ አለመኖሩን እና ትርፍ የተመዘገበበት የአገልግሎት ዘመን እንደነበር ገልጸዋል። አያይዘውም ካውንስሉ ስላለፈውና ስለተከናወኑት መልካም ተግባራት ጌታን እያመሰገነ፤ ስለተከናወኑት መልካም የአገልግሎት ተግባራት ሐሴት እያደረገ፤ ካለፈውም ድካም እየተማረ በቀጣይ ስላለው የቤተ ክርስቲያኒቱ አገልግሎት በሚጠበቅበትም ልክ ሃላፊነቱን እንደሚወጣና እንደሚመክር ተስፋቸው ጽኑ እንደሆነ ገልጸዋል። ካለፈው ካውንስል በኋላ በቤተ ክርስቲያኒቱ እና በሲኖዶሶች የተከናወኑ ተግባራት በጠቅላይ ጸሐፊው ሪፖርት በዝርዝር እንደሚቀርብ በማመላከት ከ19ኛው ካውንስል የተመሩ የማዕከላዊ ምዕራብ ሲኖዶስ እና ብርብር ጆርጎ ሲኖዶስ ምስረታዎች መካሄዳቸውን በመጥቀስ ባለፉት ሁለት አመታት ብቻ አስራ ሁለት ሲኖዶሶች መቋቋማቸውን ለካውንስሉ ገልጸዋል። የሲኖዶሶች በዚህ ፍጥነት በብዛት መቋቋማቸው ስለሚኖረውም አሉታዊ አስተዋዕጾ ካውንስሉ እንዲመክር አሳስበዋል። የቤተ ክርስቲያኒቱ አለማቅፍ ክርስቲያናዊ ትብብር (ኢኩሜኒካል ግንኙነት) ተጠናክሮ የቀጠለ ሲሆን በአለም ሉተራን ፌደሬሽን(Lutheran World Federation) እና በመላው አፍሪካ አብያተ ክርስቲያናት ካውስል(AACC) ቤተ ክርስቲያኒቱ ያላት ተሳትፎ እና የአመራር አስተዋዕጾ መቀጠሉ ተናግረዋል። በመጪውም የፈረንጆቹ 2025 በአዲስ አበባ ሁለት ትልልቅ አለም አቀፍ እና አህጉ አቀፍ ጉባኤዎች እንደሚካሄዱ እና በገጽታ ግንባታ ዙሪያ ለቤተ ክርስቲያኒቱ እና ለሀገር ስለሚኖራቸው መልካም አስተዋጾ ገልጸው ካውስሉ በቂ ዝግጅት ይደረግ ዘንድ አመራት እንዲሰጥ ጠይቀዋል። ከ5 አመት በኋላ የሚከበረውን የቤተ ክርስቲያኒቱ በተቋም ደረጃ የተመሰረትችበትን 70ኛ ዓመት የምስረታ በዓል አስመልክቶ በሐምሌ ወር የተካሄደውን የማስጀመሪያ መርሃ ግብር በማስታወስ ለቀጣይ ትውልድ በዕሴትነት ሊሻገሩ የሚችሉ ተግባራትን ለማካሄድ እቅዶች መሰናዳታቸውን በመግለጽ ለውጤታማነቱም ሁሉንም ምዕመናን ያሳተፉ ዝግጅቶች እንዲደረጉ አሳስበዋል። በደርግ ዘመን ከቤተ ክርስቲያኒቱ የተወረሱ ህንጻዎች እና ይዞታዎች ላይ ቤተ ክርስቲያን ብርቱ ክትትል ስታደርግ መቆየትዋን ፕሬዚዳንቱ የገለፁ ሲሆን ጥያቄዎቹም ተቀባይነት አግኝተው ይዞታዎቹ ለሚገኝባቸው የከተማ አስተዳደር ጽሕፈት ቤቶች ንብረቶቹ በሚመለሱበት አልያም መተኪያ ቦታዎች እንዲሰጡ ትዕዛዞች መተላፈቸውን ገልጸዋል። ስለ ውጤቱም ለልኡል እግዚአብሔር ምስጋና በማቅረብ ለስኬታማነቱ ትብብር ያደረጉ የመግስት ተቋማት ቢሮዎችን አመስግነዋል። በማጠቃለያውም የሀገራችንን ወቅታዊ ሁኔታ ሁሉም የካውስሉ አባላት በቅርበት እየተአከታተሉ እንደሆነ ከግንዛቤ ውስጥ በመውሰድ ቤተክርስቲያን የአስታራቂነትና የሰላም ሐዋሪያነት ተልእኮዋ ተጠናክሮ እንዲቀጥል ለምዕመናንና በየደረጃው ለሚገኙ አመራሮች ሁሉ ጥሪ አድርገዋል። የፕሬዚደንቱን መርሐ ንግግር ተከትሎ ካውስሉ ሰፊ ውይይት በማድረ ውሳኔ በሚሹ ጉዳዮች ላይ የውሳሄ አቅጣጫ ሰጥቷል። _ _ _ _ _ Haasaa baniinsa Pireezidaantii Waldaa Kiristaanaatti Kaawunsilii 20ffaa irratti taasisani * * Walga’ii Kaawunsilii Waldaa kiristaanaatti 20ffaa irratti Pireezdaantiin Waldaa kiristaanaatti Luba Dr. Yonaas Yigezuu dubbii ijoo isaan taasisan keessatti dhimmoota hedduu tuquun, Dubbii Waaqayyoo 2Qor 4:7-10 irratti argamu dubbisuudhaan, yaa’icha nagaa gaafachuun haasaa isaanii jalqaban. Haasaa sagantaa baniinsaa keessatti taasisaanin bara ammaa kana keessaa jirruu, waldaan guyyaadha gara guyyaatti qormaataa fi rakkina hedduu akka mudachaani turee yaadachiisa kennuun; yaada Waaqayyoo guutuu irraatti hanqinni kan hin argamnee fi yeroo tajaajilaa bu’aan itti galma’ee ta’uusaa ibsaniiru. Itti dabaluunis, Kaawunsiliin hojii gaggaarii darbee hojjetameef Gooftaa galateeffachaa; hojii gaarii hojjetametti gammada; hanqinoota darban irraa barachuun waa’ee tajaajila Waldaa kiristaanaa gara fuula duraaf itti gaafatamummaa fudhatanii marii akka isaan taasisaan abdii cimaa qaban ibsaniiru. Kaawunsilii isaa darbee booda hojii waldaa kiristaanaa fi sinoodosoota bal’inaan barreessaan waliigalaa kan gabaasan ta’uusaa eeruun, hundeeffama Sinodoosii Giddugaleessa Dhihaa fi Sinodoosi Birbir Jorgoo kan Kaawunsilii 19ffaan durfamu raawwatamuu isaa eeraniiru . Sinoodosonni saffisa akkasiitiin ijaaramuun isaanii dhiibbaa geesissan irraatti akka mariyaatan Kaawunsiliif dhaamsa dhaamaniiru. Walta’iinsa Kiristaanumma waldaa kiristaanaatti Addunyaalessaa (hariiroo Ikumenikaal) cimee itti fufee kan jiru yoo ta’u, Federeeshinii Luteraani Addunyaa (Lutheran World Federation) fi Kaawunsilii Waldoota Kiristaanaa Guutuu Afrikaa (AACC) keessatti hirmaannaa fi gumaachi geggeessummaa waldaan kun itti fufee jira jechuun dubbataniruu. Bara faranjoota dhufu 2025tti immoo yaa’ii gurguddaa lama akka idil-addunyaa fi biyyaalessaatti magaalaa Finfinneetti akka gaggeeffaman ibsuun, waa’ee gumaacha gaarii isaan gama ijaarsa waldaa kiristaanaa fi biyyattiif qaban ilaalchisee ibsaa taasisaani, qophiin ga’aan akka taasifamuuf Kaawunsilii hoggansa akka kennu gaafataniiru.

   *    *** WKWWMYI'tti Gabaasni Hoji Waliigalaa Muummicha Barreessaa Waldattiitiin Kaawunsilii 20ffaaf Dhiyaate _ _ _ _ Walgahii Kaawunsilii 20ffaa WKWWMakaana Yesuus Itoophiyaa Giddugala Leenjii Hundagaleessa Guddinaa Tumsaatti gaggeeffamaa ture irratti, Muummicha barreessaa waldattii kan ta'an Lubni Tashoomaa Ammanuu gabaasa waggaa waliigalaa kan dhiyeessan yoo ta'u,  waggaan darbe kun qormaata hedduun kan guutame ta'us, gargaarsa Waaqayyootiin balaa fi obomboleettii gidduutti hojiiwwan babal’aan hojjetamuu isaanii kaasudhaan; kaawunsiliin 20ffaan waldattii kun murtoon hedduun kan itti kennamu ta’uu ibsaniiru. Gabaasa isaanii keessatti, waldattiin tajaajila hundagaleessaan geggeeffamaa guddina guddaa agarsiisaa akka jirtu ibsaniiru. Guddina lakkoofsaa hordoftoota waldattii ilaalchisees; lakkoofsi miseensota waliigalaa WKWWMYI kan bara 2024ALA miiliyoona 11.4 irraa gara miiliyoona 12tti ol guddachuusaa ibsaniiru. Walumaagalatti, waggaa tokko darbe qofa keessatti guddinni istaatiksii miseensota waldattii giddu galeessaan dhibbeentaa 5.47 yoo ta’u, bajatni bara 2025ALA tajaajila waliigalaa waldattiitiif oolu Birrii biiliyoona 5.6 ta’uusaa ibsaniiru. Kaawunsilichis gabaasa waggaa waldattii muummicha barreessaadhaan dhiyaate dhaggeeffatee bal’inaan erga irratti mari’atee booda, gabaasicha fudhachuudhaan dhimmoota murtoo barbaadan irratti raawwiidhaaf kallattii kaa'eera.    *    *** The EECMY General Secretary presented the Church’s annual report for the 20th council - - - - On the EECMY 20th council held at the Gudina Tumsa Holistic Training Center, General Secretary of the Church Rev. Teshome Amenu presented the Church’s annual report. Although last year was full of Challenges and hindrances, by the help of God a lot of works were accomplished within waves and storms, and 20th council of the Church is where a lot of decision to be passed said the General Secretary.  According to the report, led by its holistic ministry, the Church has made significant progress. The numerical growth of the Church members in 2024 has grown from 11.4 million to 12 million. In over all, the average statistical growth of the Church was 5.47%, and the 2025 holistic ministry budget was presented as 5.6 billion Ethiopian Birr. After hearing the General Secretary’s report, the council consulted intensively and issued decisions on the matters that required the attention of the council.