Obsinaan Arsii
前往频道在 Telegram
Haqaaf haqaan moona. Gaaf-tokko Walabummaa koo argee gammaduun koo hafa hin qabu. #Oromia Shall be free.Ani Oromoo muslimaati,Saba kootiif Amantii kootiif nan qabsaawa.Waadaa jaallanii nan eega.!🖤♥️🤍 Channel kana irraa Seenaa hedduu bartu jedheen amana.
显示更多1 433
订阅者
-424 小时
-177 天
-4130 天
帖子存档
1 433
Hoggansi 3
1ffaa hoggansa gaarii
2ffaa hoggansa baay'ee gaarii
3ffaa hoggansa cimaa
1ffaa hoggansi gaariin yaada ijaara
2ffaa hoggansi baay'ee gaariin nama ijaara
3ffaa hoggansi cimaan hogganaa akka ufii oomisha
1 433
"NEVER OUTSHINE THE MASTER!"
Hogganaa kee dursitee hin argamin, caltee hin muldhatin ykn irra hin-dhahin—akka jechuuti.
Kitaabni "The 48 Laws of Power" jedhu kan nama Robert Green jedhamuun barraaye akka seera jalqabaatti isa kana kaaya. Fagoo deemuu yoo barbaadde halaqaa kee gammachiisi. Yeroo kamuu inni akka sii ol ta'etti akka itti dhagahamu godhi. Isaa gad ta'ii itti muldhadhu. Waan inni angoo kiyyatti dhufuu danda'a jedhee yaadu irraa fagaadhu. Angoo isaatiin walqabatee waan miira shakki itti uumu irraa of-fageessi jedha.
Kanaan illee hin dhaabu. Halaqaa kee jaji. Faaruun qarxam godhi. Milkaa’inni kun siin argame jedhiin. Waa hundi ciminna hoggansa keetiit jedhii leellisiin. Ofiillee ijaartuu, ofillee hojjattu, maqaa isaatiin galmeessisi. Yoo san fagoo deemta. Innuu ol si darba, angoo irraan angoo siif dabala, ykn siif dabalama wayii jedha kitaabichi.
***
Yeroon isaa 1660moota keessa ture. Nicolas Fouquet namni jedhamu ministera (hogganaa) faayinaansii France ta'ee hojjataa ture. Gaafa tokko erga mana bareedaa masaraa mootichaa gitu ijaare booda eebba isaatiif mooticha (Louis Saglaffaa jedhamu) waame. Mootichis affeerraa kabajee argame. Sagantaan eebbas diinqii ture. Nyaatni, dhugaatiin, sirbii, agarsiifni, adduma ture.
Mootichi waan ta'eefi arge kanatti gammachuu dhabe. Ni dallane. Torbee muraasa booda ministericha fuusisee hidhatti darbe. Mana murtiittii himannaa malaanmaltummaatiin itti murteessise. Mana ijaarames, meeshaa manni ittin faayames keessaa guursise. Hogganaan faayinaansii sunis jireenya isaa guutuu hidhaa keessatti dabarse.
***
Galileo Gallile jarraa 17ffaa keessa waa'ee hawaa kana qorataa ture. Yeroo inni qoratu san ummanniifi abbootiin amantaatis "aduun lafa irra naannofti" jedhanii amanu ture. Akkasittis barsiisu. Yeroo dura Galileon qoraannaa isaa san godhu Phaaphaasiin Catholic Roomaa guddichi inuma jajjabeessaan ture. Deeggaraa isaati. Harka irra qaban.
Booda Galileo Gallile kitaaba barreesse. Kitaaba san keessattis namoonni adutu lafa irra naannaya jedhanii barsiisaniifi yaadan gowwaadha akka jechuu wohii jedhee kitaabicha irratti barreesse. Wanti kun Phaaphaasicha deeggaraa isaa ture ni mufachiise. Akka waan kabajaafi humna isaatti dhufeetti ilaale. Booda Galileo hidhatti darbachiise. Galileon silaa fagoo deemuu danda'u paaphasicha afoo bu'ee hidha manaa keessatti hafe.
☆☆☆
Waan dubbisan waliiqooduun dansaadha jedheetuma boqonnaa dilbataatiin waan kitaabicha keessaa yaadadhu kana isiniif hire.
Yeroo gaarii!
1 433
Ani sin jaaladha
Lubbuu tiyya caalaa
Sumaaf na dhukkube
Sumatu na yaala..!
fagaachuu keetinin kufe
si argachutu na kaasa
Dheebuu jaalala teeti
Situ dheebuu na baasa
Qaamaan narraa fagaattus
yaadaan narraan fagaanne
kufaatii kiyya laaltee
garaa nattin jabaannee..
Guyyaa namni na jibbe
Fagorraa na jaalattee..
Dhibee tiyya dhibamtee
Laalaa tiyya laalatte..
Waanan siin jedhun qabu
Sumaafiin dhabe gatii
Sin jaaladha lubbuu too
Jireenya kooti ati ♥️🙏
Kee'ol kaayoo✍️
1 433
MAQAAA KITAABAA: "YAADII DUROOMI"
Think and Grow Rich
NAAPPOOLIYOON HIIL
Hiikkaa Afaan Oromoo:
EEBBISAA BAAYISAA FI
GIRMAA OLAANII AKKA GULAALANITTI
📢JOIN AND 🔗SHARE
╔════════════╗
📚JOIN: @Oro_Books
📚JOIN: @Oro_Books
╚════════════
1 433
Dur gaafa laalaa lola #Minilik ibsattu manguddoon teenya akkas jetti;
Halasnaa Bordoddee
Haloo Aanoleedhaa,
Simaabaluu Ciroo
tan Mudhii uleedhaa,
Yaa Miidhagaa lolaa
Calanqoo caliidhaaa,
Waa dheengaddaa mitii
arraa mii kaleedhaa,
Kaleen arraa mitii
nattuu ammalleedhaa.
1 433
Wareega moggoo'n qabne
Kafaltan lafeef dhiigaan
Akkam jirtan Arsii koo
Hundeen Leenjisoo Diigaa
Arsii faajjii gootummaa
Warra xiiqiif dhalattan
Harka kennachuu diddaaf
Harka dhabuu filattan...
#Arsoomni_qorsooma🥰
1 433
Repost from Jawar Mohammed
Nurraa ka'i jennee hin dhageechuu
Maalumaaf rinciccee lafa martii
Ayyaana Oromoo si kadhannaa
Waanuma nuun tolle nurraa gargalchii
kanuma. Waan itti dabalanis, irraa hirdhisanis hin qabu.
Nagayaan Bulaa!
1 433
Girgirii Calanqoo
Tan bultii digdamii,
Qawween dim dim jettii
Madaafni dirgimii,
Keenyumaatu nu fixee
qarxam taane damii,
Tokko Garaad Alii
Kuun Kabiir Aadamii.
Afoolli kan hawaasaati, yeroo dhumaatii #Calanqoo yaadatan akkas jechuun wal yaadachiisu.
1 433
#Tolee
Elemtuu diida Niinnii
jabbiin duraa duutee,
Gogaa jabbii sanii
Jabbii biraa gootee,
Tolchi ni tolchinaa
Jabbii mii Toleedhaa,
Obsi ni obsinaa
Dubbii akka maleedhaa.
Tolee mee namni tolchitanii beeytan?
Afoolli kan hawaasa keenya ka bahaati, dur yeroo roorroo san roorroo ittiin ibsachaa turan.
1 433
"Diinakee sirriitti beekuun waraanas tahe walitti bu'insa kamuu keessatti baayyee murteessaaf isa ijoodha"
Kan jedhu barreessaan kitaaba #Art_Of_War Sun Tzu; basaastota bakka gurguddoo shanitti addaan qoodeetu kaa'a.
1)Local Spy
Isaan kun akkuma maqaasaaniiyyu basaastota naannoo sochiif qubsuma diinakee keessatti ijaartudha.
Warreen kun jiraattota naannoo sanaa, dargaggoota, qote-bulaa, daldaltoota, barattoota, daa'immaniif namoota gita adda-addaarra jiran tahuu danda'u.
Ergamni isaaniis gabaabumatti; haala naannoo/biyya sanaa yeroo yeroon gabaasuu, sochii waraanaa naannoo sanatti taasifamu itti dhiyeenyaan hordofuuf gabaasuu, yeroo waraanni bobbii taasisuuf qophaa'uutti dursanii amma humna namaa, humna meeshaa waraanaa, gosa meeshaa qabataniif daandii isaan dhimma itti bahan gabaasuuf kkf warreen dalagani.
2) Inside Spy
Isaan kunimmoo warreen keessoo mootummaas tahe qaama diinakee tahee jiru keessatti ijaaramanidha.
Hojjettoota mootummaa mufii yookaan dallansuu qaban, warreen hojii irraa dhowwamanii yookaan hir'ifamanii jiran, namoota mootummaas tahe qaama ergamaafii jiran sanaaf kabajaaf amantee hinqabne, namoota qarshiif faayidaan salphaatti gowwoonfamuu danda'an, yookaan ammoo doorsisuun akka siif ergaman kanneen taasistudha.
Ergamni warreen kanaas gabaabaatti; tarsiimoo mootummaa/qaama ergamaafii jiranii sana siif dabarsu, karooraaf tooftaa akkasumas sagantaa waraanaa diinnikee qabatee jiru siif qoodu, keessoo diinakee sanattillee wal shakkiif wal dura dhaabbannaa uumuu danda'u.
3) Reverse Spy
Isaan kun ammoo basaastota diinaa qabdee akka siif ergaman/dalagan yoo taasistudha.
Jarreen kun kanneen si basaasuuf gara keetti ergaman yookaan ammoo ofiin sochiisaanii hordoftee dhuunfattu tahuu danda'u.
Garii isaanii maallaqaan bittee, faayidaan gowwoomsitee, fuulduratti waan raawwattuuf waadaa guddaa seenteefii, yookaan ammoo doorsistee mooraa diinakee keessa jiraatanii akka siif ergaman kan taasistu jechuudha.
Warri kun warreen #double_agent jedhaman irraa addummaa guddaa qabu natti hinfakkaatu.
Ergamni isaaniis icciitii gola mootummaasaanii kan ati salphaatti bakkeerraa hin arganne siif dabarsuu warreen danda'anidha.
4) Died Spy
Warreen kunimmoo kaanirraa waan adda isaan godhu qabu akkuma maqaa isaaniirraa arginu kanatti.
Jarreen akkasii kun kan ati ittiin odeeffannoo sobaa gara mooraa diinakeetti dabarsitee diinakee irratti gowwoomsaa raawwattudha.
Isaan kun dirqamni isaanii tokkichi odeeffannoo sobaa ati uumtee isaanitti ergitu akka waan icciitiikee argatanitti gara diinakeetti warra dabarsanidha.
Diinnikee odeeffannoo argadhe jedhee sochii taasisuun kisaaraaf gaaga'ama bu'aa hinqabneef saaxilame jechuudha.
Yeroo kun tahutti namoonni sun yoo gowwoomsaa isaan raawwataniif kisaaraa qaqqabsiisaan kan irratti baramu taate, adabbiin isaanii du'a tahuu male.
Kanumarraa kahuunis kan maqaan #Dead_Spy jedhu isaaniif moggaafame.
5) Living Spy
Warreen kunimmoo kanneen gara mooraa diinaatti ergamuun odeeffannoo barbaachisu mara walitti qabatanii utuu irratti hin baramiiniif miidhaan kamuu isaanirra hin gahiin gara keetti deebiyuu danda'anidha.
Jarreen kun warreen eewu caalaayyuu dirqama ulfaataa ofitti fudhataniif, yoo qabaman adabbiin isaaniis cimaa tahuu; yoo milkaa'anis ammoo hojiin isaanii gatii guddaa godhatudha.
Kanaafuu namootni dirqama kanaaf filataman yeroo baayyee ofi eeggannoof qormaata barbaachisa keessa warreen darban tahuu qabu kan jedhamaniif.
Namootni dirqama kanaaf filataman; warreen naasuudhaan ofi saaxiluu hin dandeenye, haala kam keessattuu dirqama fudhatan tiksuu kan danda'an, amanamoof jabina qor-qalbii cimaa qaban yoo hintaane bu'aa barbaaddu sana irraa argachuun hin yaadamu!
Shanan kana keessaa isa kam tahuutu cima jettanii yaaddu sin?🚶♂️
1 433
Wareegama barbaachisu osoo hin kaffalin kaayyoon ati galmaan geessuu hin jiruu beeki❗️
1 433
Garba gurraachatti qamalee qalanii
Maaf du'i naan jetta namaleen qabanii....
Bullee bultanii?
1 433
Baay'een si jaaladhaa
Naaf hin qabdu gitaa
Naaf jedhii of qalii
Albee natu bitaa😋
Naan jettee sokkitee
💞
1 433
Hoggayyu sin yaada
galgalaaf ganamaa 🤔
Garuu essa jirtaa🤔
Arsii moo harargee
Shawaadha moo Baale
Bareeda akka keetii
Ani yooman argee🙈
Wallagga moo jimma
Barbaacha keen deemaa🚶🏼♀️
Kanuma akkami
Gurraacha moo diimaa 😅👊🏼
Dhandharra raas essa jirta
Sinaaf ✍🏼
1 433
Animal Farm
'Ganda Beeyladootaa
Barressaan Joorj Oriwul
Kan Afaan Oromootti hiike, Amntii Damisee Bonjaa
📢JOIN AND 🔗SHARE
╔════════════╗
📚JOIN: @Oro_Books
📚JOIN: @Oro_Books
╚════════════
1 433
Warra akka nu jaalatan nutti himaniitu jira, garu yeroo isaanii waliin taanu miirri gad aantummaa akka nu dhagahamu nu godhan, isaan waliin jiraachaatuma kophummaan nutti dhagama.
Ammaas warra jaalala isaanii amma amma arrabaan nutti hin dubbannetu jira, garuu yeroo isaan bira jirru eenyummaa keenya jaalanna, nama bareedaa akka taane of argina, nama faxinaafii waa hubatu akka taane of argina.... miirri isaan bira yeroo jirru akka nu dhagamu godhan "ani bagaan ana tahe" akka ofii keenyaan jannu nu godha.
Isaan santu jaalalli gocha malee jacha qofaa miti jachuu nutti argisiise.
1 433
Filannoo baranaa kan tplf'n wanti adda godhu, jarri dur filannoo dura osoo hin taane erguma filannoon dhumte booda korojoo hatu. Sirni ammaa filannoo booda korojoo hin hatu. Kanaatu adda godha! Ijoon keeyyata kanaa, iftoomina jechuun akka sirna ammaa kana jechuu kiyya!
Ethiopian filattee jirti👍
