ch
Feedback

不要被骗子欺骗!Telemetrio 会找到并标记这些频道 👉 如果想查看标记,请订阅

Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

前往频道在 Telegram

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

显示更多
4 404
订阅者
-624 小时
-207 天
-5130 天
帖子存档
🚫Erga Ariifachiisaa السَّلاَمُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ ✅ Kabajamtoota Hoggantoota,Miseensota kaawunsillii
🚫Erga Ariifachiisaa السَّلاَمُ عَلَيْكُمْ وَرَحْمَةُ اللهِ وَبَرَكَاتُهُ ✅ Kabajamtoota Hoggantoota,Miseensota kaawunsillii dargaggoota musliima Magaalaa Dheeraa fi Jama'aa Masjiidaa bakkuma jirtaniitti Nageenyi fi Rahmaani Rabbii Isiiniirra Haa Jiraatuu jecha akkuma beekamu kaawunsillii dargaggoota musliimaa Magaalaa Dheeraa wal dorgommii kubbaa miilaa marsaa 1ffaa gaafa guyyaa 28/02/2019 Qopheessuuf haala duree barbaachiisu hunda xumuruun isaa ni beekama. Haata'u malee  rakkoo Nageenya yeroo amma Magaalaa keenya keessatti humna ol ta'e waan jiruuf akkasumas Eegumsaa biyyaaf jedhamee dargeessii adamsaamaa waan jiruuf hanga dhimmi kun qabannaa'uu Sagantaa wal dorgommii kubbaa miilaa kun Torbaan tokkoof dheeraatee jira. Kanuma hubaachuudhan gareewwan masjiidaa hanga guyyaan gahuu shaakala keessan haala gaariin akka itti fuftan cimsinee isiin beeksisnaa. Odeeffannoo kanaas share godha waliin gahaa.

Adaamaatti Re'een Miila Jaha fi Afaan Lama Qabdu Dhalatte.  ***** Magaalaa Adaamaatti Re'een Miila Jahaa fi Afaan lamaa akkasumas mataa lama walitti qabatee fi qaama hormaataa  lama qabaachuun dhalatte. *** Ilmoon  tun re'ee qabeenyummaansi jiraattuu magaalaa Adaamaa Aanaa Badhaatuu Aaddee Asaaminuu Galaanuu taate irraa dhalatte.  Re'een tun afaan lachiniinuu ni hooti. Ilmoon re'ee gara bira ishee faana dhalatte haaluma baratamaan  uumamte. Waajjira Qonnaa Magaalaa Adaamaatti Dursaan Garee Fayyaa Beeyiladootaa Doktar Darribee Hayiluu dhimmi akkasii kan uumamu adeemsa wal hormaataa keessatti Killeen lakkuun keessatti uumame yeroo guyyoota 12 hanga 17tti adda hin baasin/Incomplete Emberio Split/yoo hafteedha jedhan.  *** Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/share/p/1DBQghpwXW/ YouTube ??👇👇 https://youtube.com/@deramuslimyouthcouncil?si=Jsl5fgQuSH_PgCA8 Telegram 👇👇👇 https://t.me/derajemea TikTok 👇👇👇 https://www.tiktok.com/@dera_muslim_youthcouncil?_r=1&_t=ZS-9A7NVye8ngb WhatsApp 👇👇👇 https://chat.whatsapp.com/FwYNG7gcNeZFq26jaVwwX3?s=cl&p=a&ilr=4&iam=0 Telegram group 👇👇👇👇 https://t.me/Dera_Muslim https://t.me/DMJ_for_all_muslim

Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Itoophiyaa Coop-Alhuda Waliin Waliigaltee Mallatteesse. **""""""""""""***** Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Itoophiyaa Tajaajila Baankii Islaamaa Baankii Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa kan ta’e Coop-Alhuda waliin dargaggootaaf carraa hojii uumuu fi dandeettii dinagdee isaanii cimsuuf waliigaltee tumsa mallatteesse. *** Waliigaltichi dargaggoonni kalaqaa fi hojii uumuu irratti akka hirmaatan jajjabeessuu, tajaajila faayinaansii qajeeltoowwan Shari'aa irratti hundaa’e argachuu fi sochiiwwan dinagdee keessatti hirmaannaa isaanii guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera. *** Sirna mallattoo waliigaltee kana irratti Pirezidaantiin Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Itoophiyaa Ustaaz Haydar Kadiir, Barreessaan Olaanaa Injiinar Kamaal Arab, akkasumas Itti Aanaan Pirezidaantii Coop-Alhuda Obbo Xaahir dabalatee hoggantoonni dhaabbilee lameenii fi keessummoonni biroon argamaniiru. *** Sagantaa kana irratti tajaajiloota faayinaansii Coop-Alhuda fi carraawwan dargaggootaaf qophaa’an irratti ibsi kennameera. *** Tumsi kun qajeeltoowwan faayinaansii Islaamaa hordofuun dandeettii dinagdee dargaggootaa guddisuu, akka of danda’an taasisuu fi dargaggoota namoota biroof carraa hojii uuman horachuuf kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera. *** Waliigaltichi dargaggoonni dandeettii fi yaada hojii uumuu qaban gara bu’aa qabatamaatti akka jijjiiran, akkasumas guddina dinagdee biyyaalessaa keessatti gahee isaanii akka bahatan gumaacha olaanaa akka qabu ni eegama. *** Maddi:  (EMYC) *** Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/share/p/1DBQghpwXW/ YouTube ??👇👇 https://youtube.com/@deramuslimyouthcouncil?si=Jsl5fgQuSH_PgCA8 Telegram 👇👇👇 https://t.me/derajemea TikTok 👇👇👇 https://www.tiktok.com/@dera_muslim_youthcouncil?_r=1&_t=ZS-9A7NVye8ngb WhatsApp 👇👇👇 https://chat.whatsapp.com/FwYNG7gcNeZFq26jaVwwX3?s=cl&p=a&ilr=4&iam=0 Telegram group 👇👇👇👇 https://t.me/Dera_Muslim https://t.me/DMJ_for_all_muslim

Magaalaa Dheeraatti Kaawunsilliin Dargaggoota Musliima Magaalaa Dheeraa Wal Dorgommii Kubbaa Miilaa Gaafa Guyyaa 28/02/2019 g
Magaalaa Dheeraatti Kaawunsilliin Dargaggoota Musliima Magaalaa Dheeraa Wal Dorgommii Kubbaa Miilaa Gaafa Guyyaa 28/02/2019 gareewwan masjiidaa 15 gidduutti kan gaggeeffamuuf haala duree barbaachiisu hunda xumuree jira. dorgommiin kubbaa miilaa kun Dhaadannoo Miseensumman Koo Islaamummaa Koof jedhuun Gaggeeffama. Haaluma kanaan Ramaddiin Gareewwan masjiidaa Akka Armaan Gadiiti Ifoomee jira. Ramaddii  " A" 1.M/Harooreessaa 2.M/Hudaa 3.M/Toofiq 4.M/Nasrii Ramaddii " B" 1.M/Bilaal 2.M/Aa'ishaa 3.M/Rahmaa 4.M/Salaam    Ramaddii  "C" 1.M/Nuur 2.M/Ansar 3.M/Aliyulhadar 4.M/Aqsaa Ramaddii "D" 1.M/Mubaraak 2.M/Umar alfaruq 3.M/Hikmaa

Dargaggoota Musliima Magaalaa Dheeraa hedduu galatoomaa ulfaadhaa,horaa bulaa dagaagaa daraaraa atootaa ititaa jzkeyran. Kaaw
+9
Dargaggoota Musliima Magaalaa Dheeraa hedduu galatoomaa ulfaadhaa,horaa bulaa dagaagaa daraaraa atootaa ititaa jzkeyran. Kaawunsiliin Dargaggoota Musliima Magaalaa Dheeraa Saganta Da'waa guddaa dubartootaaf mata Duree Qilleensi Bara Sin Raasin jedhuun Onkollolleessaa 08/02/2019 haala milkaa'aan gaggeessee

SAGANTA DA'WAA 𝗗𝘂𝗯𝗮𝗿𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮𝗳 Mata Duree :- Qilleensi Bara Sin Raasin.? Assalaamu'aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu. Akkuma Beekamu Council Jama'aan Dargaggoota Muslima Magaala Dheeraa ( CJDMMD ) Da'waa Haala fi Qabiyyeen Isaa Adda tahe Qopheessaa Turun ni Yaadatama. Ammas  Haluma Kanan  Saganta Da'waa Haara Qopheesse jira Saganta Kunis Dubartootaaf kan Qophahedha waan ta'eef Dubartootni keenya Hundumtu Affeeramtani Jirtu. Mata Duree:-Qilleensi Bara Sin Raasin.Jedhun Jalatti Da'iwwaan Bebbeekkamo Kannen Akka 1. Doctor Sheikh Muhammad-amiin 2.Ustaaz Sheikh Idris H/Tuna 3.Ustaaz Sheikh Musxafa Huseen. Kanneeni fi kan biroo Dabalate Gaafa Guyyaa. 8/2/2019 Dilbata Ganama Saa'ati 2:30_ttii kan Isin Affeere Yoo ta'u Isinis Dubartootni Muslima Magaala  Dheeraa Saganta Kana irrattii hirmattaani beekumsa gaarii akka irraa Argattan Affeeramtani jirtu. IDDOON :- 𝗚𝗮𝗹𝗺𝗮 𝗕𝘂𝗹𝗰𝗵𝗶𝗶𝗻𝘀𝗮 𝗔𝗮𝗻𝗮𝗮 𝗗𝗼𝗱𝗱𝗼𝗼𝘁𝗮 YEROON:- Saa'ati 2:30 irraa Guyyaan:- 𝘋𝘪𝘭𝘣𝘢𝘵𝘢 QOPHEESSAN:-  Council Jama'aan Dargaggoota Muslima Magaala Dheeraa ( KJDMMD) Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/share/p/1DBQghpwXW/ YouTube ??👇👇 https://youtube.com/@deramuslimyouthcouncil?si=Jsl5fgQuSH_PgCA8 Telegram 👇👇👇 https://t.me/derajemea TikTok 👇👇👇 https://www.tiktok.com/@dera_muslim_youthcouncil?_r=1&_t=ZS-9A7NVye8ngb WhatsApp 👇👇👇 https://chat.whatsapp.com/FwYNG7gcNeZFq26jaVwwX3?s=cl&p=a&ilr=4&iam=0 Telegram group 👇👇👇👇 https://t.me/Dera_Muslim https://t.me/DMJ_for_all_muslim

Manni Murtii Shari’aa Olaanaa Federaalaa Bara Hojii Haaraa Eegaluu Beeksise. *** KDMMDH | Onkolol 3, 2019 A.L.I. *** Manni Murtii Shari’aa Olaanaa Federaalaa Itoophiyaa bara hojii 2019 A.L.I. ifatti jalqabuu beeksiseera. *** Pirezidaantiin mana murtii kanaa Sheek Muuktaa Muhee, haqni bu’uura nagaa fi tasgabbii hawaasaa ta’uu ibsuun, abbootiin murtii beekumsa, amanamummaa fi sodaa Rabbii irratti hundaa’uun hojii isaanii raawwachuu akka qaban dhaamaniiru. *** Bara hojii haaraa kana keessatti galmeewwan kuufaman hir’isuu, saffisa tajaajila haqaa fooyyessuu, malaammaltummaa ittisuu fi sirna dijitaalaa babal’isuu irratti xiyyeeffatamuun ibsameera. *** Dabalataanis, bilisummaa fi walabummaan abbootii murtii eegamuu akka qabu, murtiin haqaa dhiibbaa dhuunfaa fi alaa irraa bilisa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. *** Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/share/p/1DBQghpwXW/ YouTube ??👇👇 https://youtube.com/@deramuslimyouthcouncil?si=Jsl5fgQuSH_PgCA8 Telegram 👇👇👇 https://t.me/derajemea TikTok 👇👇👇 https://www.tiktok.com/@dera_muslim_youthcouncil?_r=1&_t=ZS-9A7NVye8ngb WhatsApp 👇👇👇 https://chat.whatsapp.com/FwYNG7gcNeZFq26jaVwwX3?s=cl&p=a&ilr=4&iam=0 Telegram group 👇👇👇👇 https://t.me/Dera_Muslim https://t.me/DMJ_for_all_muslim

Seenaa Gaarii Dhiisi: Dhaloonni Si yaadata! Har'a magaalaa Shaashamanneetti sagantaan eebba kitaaba seenaa Haji Hasan Gammada
Seenaa Gaarii Dhiisi: Dhaloonni Si yaadata! Har'a magaalaa Shaashamanneetti sagantaan eebba kitaaba seenaa Haji Hasan Gammadaa irratti barreeffame, kan Ustaaz Qamar Huseen barreesse, haala bareedaan gaggeeffameera. Sagantaa kana irratti ulamaa'iin, hayyoonni fi keessummoonni biyyoota garaagaraa irraa dhufan hirmaataniiru. Kaayyoon guddaan sagantaa kanaa kitaaba eebbisuu qofa osoo hin taane, Yuunivarsiitii maqaa Haji Hasan Gammadaatiin moggaafame ijaaruu fi dhaloota beekumsaan ijaaruu dha. Haaj hassan gammadaa ,waan inni rabbiif ta'eef rabbiin maqaa isaa hanbise. Namni hundi ni du'a; garuu namni hundi yaadatamaa hin ta'u

Guyyaa 30/1/2019 Kitaabni Mata Duree"Qaroo Qara Lamaa" Jedhu Seenaa Haaji Hasan Gammadaa irratti xiyyeeffate Magaalaa Shaashamanneetti eebbifame. *** Kitaabni kunis barreessaa fi hayyuu amantii islaamaa kan ta'an Ustaaz Qamar Huseen barraahe guyyaa har'a istaadiyeemii magaalaa Shaashamaneetti haala hoo'aan eebbifamee jira. Sagantaa kanarratti Perezidaantiin Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Itoophiyaa Doktora Kabajaa sheek hajjii Ibraahim Tufaa, Kantiibaa Magaalaa Shaashamannee Obboo Adaanee Taklagiyoorgis, Itti Aanaa Majliisa Oromiyaa Sheek Muhaammadnuur, Raayyaa Abbaamacca keessummoota godinaalee fi magaalota gara garaa irraa dhufan dabalatee hawaasni magaalichaa hirmaataniiru. Haaji Hasan Gammadaa Aalima guddaa Amantaa Islaamaa fi Qabsaayaa sabaa turan.Gaafa lubbuun jiran Sirna nama nyaataa dhufaa darbaa hadheeffatanii mormuu fi qabsoo hidhannoo taasisuunis gumaacha guddaa taasisaa turuu seenaan ni yaadata.Dhaloonni gabrummaa hadheeffatanii qabsaayuun sirna abbaa irree buqqisuun, sirni walqixxummaa fi bilisummaa ijaaramuu akka qabamu qabsaayaa; dhaloonnis adda durummaan akka qabsaayan barsiisaa turaniiru. Gurgurtaa kitaabichaatiin galiin sassaabamus ijaarsa kolleejjii Haaji Hasan Gammadaa ijaaramuun dhaloonni akka irraa fayyadamus kan hojjatamu ta'uu ustaaz qamar husen dubbataniiru. Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/share/p/1DBQghpwXW/ YouTube ??👇👇 https://youtube.com/@deramuslimyouthcouncil?si=Jsl5fgQuSH_PgCA8 Telegram 👇👇👇 https://t.me/derajemea TikTok 👇👇👇 https://www.tiktok.com/@dera_muslim_youthcouncil?_r=1&_t=ZS-9A7NVye8ngb WhatsApp 👇👇👇 https://chat.whatsapp.com/FwYNG7gcNeZFq26jaVwwX3?s=cl&p=a&ilr=4&iam=0 Telegram group 👇👇👇👇 https://t.me/Dera_Muslim https://t.me/DMJ_for_all_muslim

Guyyaa 30/1/2019 Kitaabni Mata Duree"Qaroo Qara Lamaa" Jedhu Seenaa Haaji Hasan Gammadaa irratti xiyyeeffate Magaalaa Shaasha
+1
Guyyaa 30/1/2019 Kitaabni Mata Duree"Qaroo Qara Lamaa" Jedhu Seenaa Haaji Hasan Gammadaa irratti xiyyeeffate Magaalaa Shaashamanneetti eebbifame. *** Kitaabni kunis barreessaa fi hayyuu amantii islaamaa kan ta'an Ustaaz Qamar Huseen barraahe guyyaa har'a istaadiyeemii magaalaa Shaashamaneetti haala hoo'aan eebbifamee jira

Dorgommii Hadiisa Nabiyyii Marsaa 3ffaan Finfinneetti Geggeeffamaa Jira. *** KDMMDH | Fulbaana 28, 2019 A.L.I. *** Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa fi Faawundeeshiniin Ulamoota Afrikaa kan Mootii Morookoo Mohammad 6 waliin ta’uun dorgommii Hadiisa Nabiyyii marsaa 3ffaa qopheessan har’a, Fulbaana 28, 2019 A.L.I., magaalaa Finfinneetti geggeeffamaa jira. *** Dorgommii kana irratti biyyoota Afrikaa 48 irraa bakka bu’oonni hirmaachaa jiru. Qopheessitoonni akka ibsanitti, mo’attoonni dorgommichaa badhaasa isaanii mootummaa Morookoorraa ni fudhatu. *** Dorgommii Hadiisa Nabiyyii kana irratti hirmaattonni jechoota, hojiiwwanii fi barsiisa Nabi Muhammad (S.A.W.) qalbii qabatanii fi sirnaan baratan irratti dorgomaa jiru. *** Sagantaan akkanaa kun barnoota Hadiisaa babal’isuun, dhaloota Islaamaa beekumsa amantii irratti cimsuu fi hariiroo ulamoota biyyoota Afrikaa gidduu jiru jabeessuuf gahee guddaa qabaachuun ibsameera. *** ✍Abdallaah Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/share/p/1DBQghpwXW/ YouTube ??👇👇 https://youtube.com/@deramuslimyouthcouncil?si=Jsl5fgQuSH_PgCA8 Telegram 👇👇👇 https://t.me/Dera_Muslim_Youth_Council https://t.me/derajemea TikTok 👇👇👇 https://www.tiktok.com/@dera_muslim_youthcouncil?_r=1&_t=ZS-9A7NVye8ngb WhatsApp 👇👇👇 https://chat.whatsapp.com/FwYNG7gcNeZFq26jaVwwX3?s=cl&p=a&ilr=4&iam=0 Telegram group 👇👇👇👇 https://t.me/Dera_Muslim https://t.me/DMJ_for_all_muslim

Dorgommii Hadiisa Nabiyyii Marsaa 3ffaan Finfinneetti Geggeeffamaa Jira. *** KDMMDH | Fulbaana 28, 2019 A.L.I. *** Mana Maree
+5
Dorgommii Hadiisa Nabiyyii Marsaa 3ffaan Finfinneetti Geggeeffamaa Jira. *** KDMMDH | Fulbaana 28, 2019 A.L.I. *** Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa fi Faawundeeshiniin Ulamoota Afrikaa kan Mootii Morookoo Mohammad 6 waliin ta’uun dorgommii Hadiisa Nabiyyii marsaa 3ffaa qopheessan har’a, Fulbaana 28, 2019 A.L.I., magaalaa Finfinneetti geggeeffamaa jira

Ibsa Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa irraa kenname. Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa, filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa keessatti murtii ummanni kenne hordofuun, mootummaa Rippabiliika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa hundaa’uu isaatiin gammachuu isaa ibsa. Kabajamoo Muummee Ministiraa RFDI, Dr. Abiy Ahmed, akkasumas pirezidaantota naannolee fi bulchiinsota magaalaa, itti gaafatamummaa fi amaaanaa ummanni isinitti kenne sirnaan akka ba'attan,Rabbi ( Allaah S.W) isin haa gargaaru jechuun ni kadhanna. Ummata isin filatee fi biyya keenya Itoophiyaa keessatti nagaa, misoomaa fi guddina barbaachisu fiduuf tattaaffii isin gootan hunda keessatti, Manni Marichaa Olaanaan kunis gahee isaa akka bahatu ibsuu barbaanna. Manni Maree Olaanaa kun, biyya keenya keessatti obbolummaa, olaantummaa seeraa fi walqixxummaan akka dagaagan mootummaa fi ummata keenya waliin qindaa’uun akka hojjetu ni ibsina. Akkasumas, duudhaa biyya keenya keessatti waggoota dheeraaf ture kan wal danda’uu, wal kabajuu fi waliin jiraachuu cimsanii itti fufsiisuuf, ummanni Musliimaa akkuma kanaan dura gahee isaa isa gaarii akka bahu amaanaa isiniif dabarsina. Dhuma irratti, mootummaa haaraan amaanaa biyyaalessaa isa irra kaa’amee fi fedhii ummataa sirnaan ba’uuf, yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoo guddaadhaan akka hojjetu gaafachaa, biyya keenya Itoophiyaa fi ummata isheef nagaa, jaalala fi tokkummaa hawwina. Mana Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa Finfinnee, Itoophiyaa,Arsii Dheeraa 27/01/2019 Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/share/p/1DBQghpwXW/ YouTube ??👇👇 https://youtube.com/@deramuslimyouthcouncil?si=Jsl5fgQuSH_PgCA8 Telegram 👇👇👇 https://t.me/derajemea TikTok 👇👇👇 https://www.tiktok.com/@dera_muslim_youthcouncil?_r=1&_t=ZS-9A7NVye8ngb WhatsApp 👇👇👇 https://chat.whatsapp.com/FwYNG7gcNeZFq26jaVwwX3?s=cl&p=a&ilr=4&iam=0 Telegram group 👇👇👇👇 https://t.me/Dera_Muslim https://t.me/DMJ_for_all_muslim

Bara Hojii Gaarii!!! Dr.Abiyi Ahmad irra deebiidhaan MM Itiyoophiyaa ta'uudhaan filatamaniiru. Woggootan saddeettan darbaniif
Bara Hojii Gaarii!!! Dr.Abiyi Ahmad irra deebiidhaan MM Itiyoophiyaa ta'uudhaan filatamaniiru. Woggootan saddeettan darbaniif Itiyoophiyaa kan hogganaa turan Dr.Abiyi Ahmad filannoo marsaa 7ffaa gaggeeffameen Paartiin Badhaadhinaa moo'uudhaan irra deebiin MM ta'anii akka itti fufaniif filateera. Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/share/p/1DBQghpwXW/ YouTube ??👇👇 https://youtube.com/@deramuslimyouthcouncil?si=Jsl5fgQuSH_PgCA8 Telegram 👇👇👇 https://t.me/derajemea TikTok 👇👇👇 https://www.tiktok.com/@dera_muslim_youthcouncil?_r=1&_t=ZS-9A7NVye8ngb WhatsApp 👇👇👇 https://chat.whatsapp.com/FwYNG7gcNeZFq26jaVwwX3?s=cl&p=a&ilr=4&iam=0 Telegram group 👇👇👇👇 https://t.me/Dera_Muslim https://t.me/DMJ_for_all_muslim

Dr. Muhammad Taaj Sheikh Abdurahmaan simannaa ho’aan simataman. * KDMMDH Fulbana 24/2019 Magaalaa Adaamaatti Dr. Muhammad Taaj Sheikh Abdurahmaan simannaa ho’aa fi kabajaa guddaadhaan simataman. *** Dr. Muhammad Taaj Sheikh Abdurahmaan umrii isaanii waggaa 12 irraa eegalee biyya Saudi Arabiyaa jiraachaa erga turanii booda, waggaa 16 biyya Paakistaanitti Yuunivarsiitii Islaamaa keessatti barsiisaa, akkasumas biyya Saudi Arabiyaatti piroofeesara ta’uun fi Gorsaa Olaanaa Yuunivarsiitii Makkatal Mukarramaa ta’uun tajaajilaa turaniiru. *** Erga waggoota dheeraaf biyya alaa tajaajilaa turanii booda, waggaa 52 booda gara biyya isaanii Itoophiyaatti deebi’uun Magaalaa Adaamaatti simannaa ho’aa fi kabajaa guddaadhaan simatamaniiru. *** Sagantaa simannaa kana irratti Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoyoophiyaa, Dr. Sheekh Hajjii Ibraahim Tufaa, Pirezidaantiin Oromiyaa duraanii Obbo Juneydii Saaddoo, akkasumas hoggantoonni garaagaraa argamuun simannaa taasisaniiru. *** Akkasumas, keessummoonni kabajamoon, du’aatonni gurguddoon fi hawaasni Magaalaa Adaamaa baay’inaan argamuun jaalala, kabajaa fi gammachuu guddaadhaan saganticha irratti hirmaataniiru. *** ✍Abdallaah Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/share/p/1DBQghpwXW/ YouTube ??👇👇 https://youtube.com/@deramuslimyouthcouncil?si=Jsl5fgQuSH_PgCA8 Telegram 👇👇👇 https://t.me/derajemea TikTok 👇👇👇 https://www.tiktok.com/@dera_muslim_youthcouncil?_r=1&_t=ZS-9A7NVye8ngb WhatsApp 👇👇👇 https://chat.whatsapp.com/FwYNG7gcNeZFq26jaVwwX3?s=cl&p=a&ilr=4&iam=0 Telegram group 👇👇👇👇 https://t.me/Dera_Muslim https://t.me/DMJ_for_all_muslim

Dr. Muhammad Taaj Sheikh Abdurahmaan simannaa ho’aan simataman. * KDMMDH Fulbana 24/2019 Magaalaa Adaamaatti Dr. Muhammad Taa
+6
Dr. Muhammad Taaj Sheikh Abdurahmaan simannaa ho’aan simataman. * KDMMDH Fulbana 24/2019 Magaalaa Adaamaatti Dr. Muhammad Taaj Sheikh Abdurahmaan simannaa ho’aa fi kabajaa guddaadhaan simataman

🌹 GALATEEFFANNAA 🌹 Alhamdulillaah! 🤲 Dera_Muslim_Youth_Council osoo hundeeffamanii dhabbata Social media isa  guyyaa 15 hin guutin, TikTok irratti followers 1,000 ol argachuun milkaa'ina guddaa dha. 🎉 Milkaa'inni kun kan nama tokkoo osoo hin taane, hirmaannaa, deeggarsa fi jabaatanii hojjechuu keessan hundaati isin Hundu Galatooma Hawaasa Magaalaa Dheeraa. Kanaaf, miseensota keenya hunda, hordoftoota keenya, akkasumas namoota hojii keenya deeggartan hunda galata guddaa isiniif qabna Galatooma. In shaa Allah, kun jalqaba qofa. Gara fuulduraatti hojii keenya caalaatti babal'ifnee, dargaggoota Muslimaa walitti fiduun, waan gaarii fi bu'a qabeessa ta'e hojjechuuf ni cimna nutis. 1,000+ Followers 🎉 15 Days hin guutin ⏳ Hojiin guddaan garuu fuuldura keenya jira! Ni Cimna Insha Allah Jazakumullaahu Khayran! — Dera_Muslim_Youth_Council Nuhordofaa 👇👇👇 Facebook. To connect with Facebook 👇👇 https://www.facebook.com/share/p/1DBQghpwXW/ YouTube ??👇👇 https://youtube.com/@deramuslimyouthcouncil?si=Jsl5fgQuSH_PgCA8 Telegram 👇👇👇 https://t.me/derajemea TikTok 👇👇👇 https://www.tiktok.com/@dera_muslim_youthcouncil?_r=1&_t=ZS-9A7NVye8ngb WhatsApp 👇👇👇 https://chat.whatsapp.com/FwYNG7gcNeZFq26jaVwwX3?s=cl&p=a&ilr=4&iam=0 Telegram group 👇👇👇👇 https://t.me/Dera_Muslim https://t.me/DMJ_for_all_muslim

🌹 GALATEEFFANNAA 🌹 Alhamdulillaah! 🤲 Dera_Muslim_Youth_Council osoo hundeeffamanii dhabbata Social media isa guyyaa 15 hin
🌹 GALATEEFFANNAA 🌹 Alhamdulillaah! 🤲 Dera_Muslim_Youth_Council osoo hundeeffamanii dhabbata Social media isa  guyyaa 15 hin guutin, TikTok irratti followers 1,000 ol argachuun milkaa'ina guddaa dha.