Daandii Milkaa’inaa(The Path to Success)
I. Qajeelfama (Guidelines)
Baradhuu = Learn= Seek knowledge and prepare yourself.
Hubadhuu = Understand = Understand your education clearly and know its meaning.
Hojjadhuu = Act = Put your understanding into practice.
Cimadhuu = Persevere= Do not retreat from challenges; keep going.
Mul’adhuu = Achieve / Manifest = Express yourself through results; demonstrate success.
1. Baradhuu
Milkaa’inni hundi barnoota irraa ka’a. Baradhuun mana barumsaa qofaan hin daangeffamu; jireenya irraa, namoota waliin jiraachuu irraa, akkasumas dogoggora ofii irraa barachuun ni danda’ama. Namni baratu sammuu isaa bal’isa, yaada haaraa simata, of qopheessa. Yoo bu’uura barnootaa cimaa hin qabaanne, tarkaanfiin itti aanu ni rakkisa. Kanaaf, barachuun jalqaba milkaa’inaa ti.
2. Hubadhuu
Barachuun qofa gahaa miti; hubannoon murteessaadha. Hubadhuun jechuun beekumsa argatte gadi fageenyaan xiinxaluu fi kaayyoo isaa sirriitti hubachuu dha. Namni hubate waan inni hojjatuuf hiika kenna; maalif akka hojjatu beeka. Kun hojii isaa sirnaan qindeessa, dogoggora hir’isa, abdii fi ifa sammuu isaaf kenna.
3. Hojjadhuu
Hubannoon hojii malee bu’aa hin fidu. Hojjadhuun jechuun yaada fi karoora gara hojii qabatamaatti jijjiiruu dha. Namni sodaa fi shakkii of keessaa balleesse, tarkaanfii jalqaba fudhata. Hojii jalqabuu qofa osoo hin taane, itti fufee xumuruun barbaachisaadha. Jijjiiramni dhugaa kan dhufu hojii irraa qofa.
4. Cimuu
Karaa milkaa’inaa irratti gufuu fi rakkoon ni mudatu. Cimuun jechuun abdii hin kutin, rakkoo jalaa hin deebi’in, kaayyoo kee irratti cichuu dha. Kufaatin barnoota; nama cimsuu danda’a yoo inni irraa barate. Itti fufiinsi fi obsaan milkaa’inatti si geessu. Namni cimee deemu, yeroo dheeraaf bu’aa waaraa argata.
5. Mul’adhuu
Dhuma irratti bu’aan hojii ni mul’ata. Mul’adhuun jechuun milkaa’ina keessaa fi alaa argisiisuu dha. Keessatti quufaa fi gammachuu argata; alaan immoo kabajaa fi jijjiirama hawaasaa fiduu danda’a. Namni barate, hubate, hojjate, cime, dhuma irratti milkaa’ina isaa ni mul’isa.
Xumura irratti daandiin milkaa’inaa ifa dha,
Baradhuu, Hubadhuu, Hojjadhuu, Cimadhuu, Mul’adhuu.Namni tarkaanfii kana sirnaan hordofu kaayyoo isaa galmaan ga’a; jireenya isaa keessatti jijjiirama dhugaa uuma.
@Oromoo_inspire ✨