BOLE COMPLEX
الذهاب إلى القناة على Telegram
📈 نظرة تحليلية على قناة تيليجرام BOLE COMPLEX
تُعد قناة BOLE COMPLEX (@bole_complex) في القطاع اللغوي الإنكليزية لاعباً نشطاً. يضم المجتمع حالياً 10 074 مشتركاً، محتلاً المرتبة 11 144 في فئة التكنولوجيات والتطبيقات والمرتبة 2 608 في منطقة إيطاليا.
📊 مؤشرات الجمهور والحراك
منذ تأسيسه في невідомо، حقق المشروع نمواً سريعاً وجمع 10 074 مشتركاً.
بحسب آخر البيانات بتاريخ 21 أكتوبر, 2025، تحافظ القناة على نشاط مستقر. خلال آخر 30 يوماً تغيّر عدد الأعضاء بمقدار -193، وفي آخر 24 ساعة بمقدار 0، مع بقاء الوصول العام مرتفعاً.
- حالة التحقق: غير موثّقة
- معدل التفاعل (ER): يبلغ متوسط تفاعل الجمهور 0%. وخلال أول 24 ساعة من النشر يحصد المحتوى عادةً N/A% من ردود الفعل نسبةً إلى إجمالي المشتركين.
- وصول المنشورات: يحصل كل منشور على متوسط 0 مشاهدة. وخلال اليوم الأول يجمع عادةً 0 مشاهدة.
- التفاعلات والاستجابة: يتفاعل الجمهور بانتظام؛ متوسط التفاعلات لكل منشور يبلغ 0.
📝 الوصف وسياسة المحتوى
يصف المؤلف القناة بأنها مساحة للتعبير عن الآراء الذاتية:
“Technology Channel”
بفضل وتيرة التحديث المرتفعة (أحدث البيانات بتاريخ 22 أكتوبر, 2025) تحافظ القناة على حداثتها ومستوى وصول مرتفع. وتُظهر التحليلات تفاعلاً نشطاً من الجمهور، ما يجعلها نقطة تأثير مهمة ضمن فئة التكنولوجيات والتطبيقات.
10 074
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-307 أيام
-19330 أيام
أرشيف المشاركات
10 074
Mul'atniifi kaayyoon kee
Gaafa ta'u gabaabaa
Utuma ati achi hin ga'iin
Jinniin mataa si yaaba.
Gaafa qalbiin si danqu
Abjuudhaan cooma waadda
Takka mar'achuu hawwita
Takka barooduu yaadda.
Gaafa gabaa ormaa deemtu
Baattee qalqalloofi 'kittaa'
Diyaamandiidha seetee
Buqqee tortoraa bitta!
~
Bara toles - bara ones
Kana beeki yaa tiruu
Lammii keef of kennuurra
Kabajni caalu hin jiru!
@Waloo_Leta
#share godhaa malee Artiin keessan yaa guddatu
10 074
Barri gaariis, hamaas qabdi
Maal abbaasheef kutu abdii...
Tokkoon bade - tokkoon tola
Kan bor fayyutu har'a hokkola
Rakkinni immoo tulluu miti
Ni godaanti - ni darbiti
Kaayyoon takkaan galma hin ga'u
Bubbulanii nama ta'u!
@Waloo_Leta
Share gochuu aadaa yaa godhannu
10 074
Qotiyyoonni kun namichaan akkas jechaa jiruu laata?
~
Hin qoosiin yaa namichoo
Hin qoosiin mee yaa qottuu
Akka qajeellu feenaan
Ofii qajeelii kottu
Nama akka maqaa ta'i
Sitti himnaa nu dhaga'i...
Xaafii, garbuufi mishingaan
Dilbii goone mana kee
Bajjiifi humburoo qonnee
Siif nyaachifne dhala kee
Maaf fooriccee lallabdee
Maqaa hin jirreen nu waamta?
Duuba keenya naannoftee
Maaf qacceedhaan nu dhaanta?
~
Arfaasaa 'gindii' soofta
Bona 'digarii' soofta
Harqoota nurra keessee
Asiifi achi nu hoofta...
Tooftaan kee hin jijjiiramu
Barri darbus bararraa
Nuuf game - nutti ulfaate
Hin dandeenyu kanarra!
Wanti barbaade haa dhufu
Duunee badna maleessaa
Qacceedhaan waxalamaa
Hin qonnu akka kaleessaa!
@Waloo_Leta
Jarana Oromummaa keessaan cinaa dhaabbadhaa #share gochuun
10 074
Yoo miilaa malee
Cinaachi hin fiigu
Yoo hiddaa malee
Xannachi hin dhiigu
Alagaa beekna
Kan gaafa kolfaa
Ayi lammii ofii
Kan gaafa golfaa!
.
.
Itti hin darbatiin
Qottee hallayyaa
Qajeelaa ta'us; kabeelaa ta'us
Lammii kee wayya!
#share gochuun wal biraan naaf ga'aa
@Waloo_Leta
10 074
"Harargummaan lafa - Oromummaan nafa" jedhan warri Harargee! Animmoo kana dura walaloo koo keessatti akkas jedheen ture:
~
Wal horree baay'anneetuu
Gargar facaane malee
Kaan aanaa taanee -
Kaanis godina taane malee
Hiddaanis ta'e jilbaan
Gargar miti gonkumaa
Eessayyuu yoo jiraate
Oromoon koo tokkuma!
~
"Isaan kun warra Gujii
Isaan sun warra Iluu"
Jettee ishee nu ciccirtu
Jinniin mataatti haa galu
"Isaan kun warra Booranaa
Isaan sun warra Jimmaa"
Jettee isheen nu qoqqooddu
Haa taatu nyaata rirmaa!
"Isaan sun warra Arsii
Isaan kuni Baaleedha"
Jettee isheen nu qoqqooddu
Hiika hin qabdu gaaleedha
"Isaan kun warra Shawaa
Isaan sun kan Wallaggaa"
Jettee ishee nu facaastuuf
Waaqnuu hin sifeessiin dhangaa
"Isaan kun warra Walloo
Isaan kun warra Harargee"
Jettee kan nu facaastu haadhoo re'ee haa fakkaattu
Eegeefi gaafni itti margee!
~
Warra gamanaa miti
Warra gamasiis miti
Hortee hidda abbaa tokkoo
Oromoodha nu marti!
Eenyummaa dhugaan bula
Ijaarsa sobaa diiga
Oromoo kan tokko godhu
Siyaasa miti - dhiiga!
@Waloo_Leta
Share waliif godhaa
10 074
Gorsa Kooti
Dabaan haguugamtullee
Aduun dhugaa ni baati
Rakkoofi gidiraan har'aa
Bor bultee seenaa taati...
Barris, namnis ni darbaa
Hin shakkiin yaa qaxalee
Kan iddootti hafu hin jiru
Waaqa tokkicha malee!
@Waloo_Leta
Share gochuun wal biraan naaf ga'aa
10 074
Ani Obboleessi Kee
Ani obboleessi kee
Lataa ilmi Qana'ii
Gadi qabeen sitti hima
Gadi qabii dhaga'i...
"Hin ta'u" jedhii didi
Afaan qabi gomattuu
Tokkummaa kee kaleessaa
Hin sharafiin homattuu!
Kaleessa:
Waan akka dhagaa jabaatu
Sukkuumtee daakuu hin goonee?
Harka kee qullaa baatee
Taankiifi rasaasa hin moonee?
Tulluu sobaan dhaabbate
Buqqiftee hin gangalchinee
Warra iddoottin si galcha jedhe
Ati iddootti hin galchinee?
Har'a:
Walirra faffagaachuuf
Maaf uuruu dheerafatta?
Dhiiga kee gedderta moo
Hidda kee kuttee gatta?
Utuma ooltee hin buliin
Galmee seenaa awwaaltee?
Tokkummaan kee diigamnaan
Akka cabdu wallaaltee?
Lakkii adda hin faca'iin
Akka ilmoolee bofaa
Waaqaa gaditti kan si kabachiisu
Tokko ta'uu kee qofa!
@Waloo_Leta
Share Waliif Godhaa.
