BOLE COMPLEX
前往频道在 Telegram
📈 Telegram 频道 BOLE COMPLEX 的分析概览
频道 BOLE COMPLEX (@bole_complex) 英语 语言赛道中的 是活跃参与者。目前社区聚集了 10 074 名订阅者,在 技术与应用 类别中位列第 11 144,并在 意大利 地区排名第 2 608 位。
📊 受众指标与增长动态
自 невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 10 074 名订阅者。
根据 21 十月, 2025 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 -193,过去 24 小时变化为 0,整体触达仍然可观。
- 认证状态: 未认证
- 互动率 (ER): 平均受众互动率为 0%。内容发布后 24 小时内通常能获得 N/A% 的反应,占订阅者总量。
- 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 0 次浏览,首日通常累积 0 次浏览。
- 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 0。
📝 描述与内容策略
作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
“Technology Channel”
凭借高频更新(最新数据采集于 22 十月, 2025),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 技术与应用 类别中的关键影响点。
10 074
订阅者
无数据24 小时
-307 天
-19330 天
帖子存档
10 074
Har'i tokko bor kan biraa
Guyyaa jalaan guyyaan jira
Nuugiin fakkaattus akka talbaa
Mixiin bokoktus akka arbaa
Barri dhufee- barri darba.
Tokkoon kufan tokkoon ka'u
Abdii kutachuun hin ta'u!
@Waloo_Leta
10 074
Barcumaafis, faayidaafis
Hin hojjatiin waan fafaa
Ati duutee darbita
Seenaan lafarratti hafa
@Waloo_Leta
10 074
Xalayaa Jaalalaa Garaa Nama Nyaatu kana hundumtuu Affeeramtaniittu. Subscribe gochuun ammoo dirqama hundaati.
https://youtu.be/x0gA3RI69Z0
10 074
Vidiyoolee Tiktok irratti jalatammuummaa argatan kanneen YouTube irratti daawwadhaa. Subscribe gochuun Aadaa keenya yaa ta'u.
https://youtu.be/XnhnrcWUZgM
10 074
Walaloo Afaan Oromo Egaa jedhu affeeramtaniittu. Subscribe, like, share fi comment gochuu hin dagatinaa.
https://youtu.be/75fcKocv4Mo
10 074
Hin dhaabbadhu
Yaada dammaqsaa Afaan Oromoon dalagame kana hundumtuu daawwadha. Subscribe gochuun maatii keenya ta'aa.
https://youtu.be/6GQDlD0IEC8
10 074
Alii Birraa Karaan Manni Abbaa Gadaa Eessa? jechaa jira. Dawwachuun dirqama hundaati. Aartii Oromoo Guddisuun dirqama hunda keenyati. Subscribe gochuus hin dagatinaa❗️
https://youtu.be/HBUxVwBreMY
10 074
Oduu gammachiisaa
Kitaabota Afaan Oromoo hunda bakka tokkotti chaanala siniif qabatee dhufe kana Join godhaa.
Kitaabota barbaaddan ajajaan siniif dhiyeessina. Maxxansitoota irraa fuunee ni rabsina. Join gochuun kitaabota gabaarra jiran hordofaa.
10 074
Dambalii Jaalalaa
Chaanaala Afaan Oromoo ergaawwan jaalalaafi walaloowwan jaalalaan guutame kanatti namni miseensa hin taane eenyu?
10 074
Dambalii Jaalalaa
Chaanaala Afaan Oromoo ergaawwan jaalalaafi walaloowwan jaalalaan guutame kanatti namni miseensa hin taane eenyu?
10 074
Dhugaa faana dhooftee
Kijiba lagatta
"Guddattuu koo" jettee
Harmee keen kakatta
Riqicha Oromummaa
Daandiin ati deemtu
Gabrummaa alagaatiif
"Tole" jechuu hin beektu!
Kutataa xiqiidhaan
Mar'umaansaa dhubbuu
Korma koo didaa koo
Didaa hamminaafi cubbuu
Hiriyyaa qulqulluu
Fira gaafa rakkoo
#Haacee koo
@waloo_Leta
10 074
Bara kabajamte
hin dhiibiin uuruu
Bor qullaatti hafnaan
uffanni hin jiru
Bara aangoo argatte
hin dabsiin haqa
Coomni hangam tolus
yoo bule raqa
Akkuma hongee
akkuma bokkaa
Barri ni dhufa -
barri ni sokka...
Jiruun addunyaa
qarrishee lama
Bara siif darbe
hin darbiin nama!
#Share
@Waloo_Leta
10 074
Yoo samiin gogee
hongee ta'ellee
Yaa dachiin dho'ee
dhoqqeen ba'ellee
Namummaa hin gatiin
kabaja lubbuu
Dhiqattee hin nyaatiin
irbaata cubbuu
Mucha cooolige
elmachuuf baakkuu
Toora dhugaarraa hin
maqiin taakkuu
Koochoo tolfattee
allaattiis taatu
Waaqayyo jalaa
baqattee hin baatu!
#Share
@Waloo_Leta
10 074
Kan miilli kabeelate
Dhadhaafi moora itti dibu
Abiddaan karkarsanii
Jilbaa gadi dhidhiibu.
Safaraan shallaganii
Waan quba miilaa gitu
Gabaadha barbaadanii
Kophee ba'aa itti bitu...
Kan miilaallee salphaadha
Jeessodhaan qiqindeessu
Yookiin ogeessa bira
Hospitaalayyuu geessu
Kan mataan kabeelate hoo
Akkamitti sirreessu?🤔
#share
@Waloo_Leta
10 074
"Silas maal naaf godhe ba'aasaa malee" jette sareen, waraabessi eegee irraa kunnaan!
10 074
Yaa dhugaa - #eeeeee
Akka bakkalchaatti
Jan vultee mul'attu
Kan afaan si qabnaan
Funyaaniin dubbattu
Kan yaandoon si jiisee
Hongeen si hin gogsine
Kan gaarri si golgee
Boollis si hin dhoksine!
Yaa dhugaa - #ooooooo
Kan ifaan nama geessu
Dukkana sassaaqaa
Kan qallattee hin citne
Yaa ishee ilmoo waaqaa
Gumbiin kee saamamee
Yoo bultes agabuu
Hiddi kee hin gogu
Lafeen kees hin cabu...
Fuulletti mul'atta
Tuulaa sobaa keessaa
Warqee yoomuu hin rakasnee
Qabeenya hiyyeessaa!
10 074
Bona nuuf darba jennaan
Hongeen lafaan nu dha'e
Ganna nuuf darba jennaan
Dhoqqeen mataa nu ga'e..
Gajamoo cabe taanee
Hidda muruu dadhabnee
Xaddee dulloomte taanee
Tabba ba'uu dadhabne
~
Xaafii galaana biraa
Ciradhumoo dhiisuree?
Aarin garaa na jiraa
Himadhumoo dhiisuree?
10 074
Aayyoo koo
--
Akkamittan deemaree
Ani aarsaakee dagachaa
Dubbadheen si dubbisa
Harmanii harma dachaa!
Hin dhibamiin - hin du'in
kanum kan koo feeti
Barcumni Kabaja Koo
Waaqaa gadiin kan keeti!
Ragaa hittisaan si waama
Gaafan dubbiif shakkame
Gartokkee keeti ani
Dhiiga keerraan argame!
--
otuu dafqi kee cobuu
Jirbii rakkinaa footee
Ana bixxillee xiqqoo
Guddistee nama goote
Cuucee - dhala koo jettee
Afaan nafhii dubbatta
Furrii xurii koo wajjin
Arraabdee na dhungatta
Hidhata narraa hin citne
Hiddaafi Hundee Kaayyoo Koo
Kan biraa jecha hin qabu
Sin Jaaladha #Aayyoo Koo!
--
✍Leta Kenei Aga
@Waloo_Leta
