Qaroo Post
前往频道在 Telegram
Qaroo Post is an Educational and news media established with a great vision to be the best Media in our country CHANNELIIN Qaroo Post ODEEFFANNOO WAYTAAWAA YEROO YEROOTTI SINIIF LAKKISA https://telega.io/c/QarooPost
显示更多2 610
订阅者
-224 小时
-187 天
-11030 天
帖子存档
2 610
Bubbee S1E13
Hirmii
Siitkoomiin Bubbee sadarkaa biraatti ce’aa jira. Jiituun (Tiyyaan) erga dhuftee as bifa haaraan ol ka’ee hojjatamaa jira. Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa!
https://youtu.be/8-Nt6pP5zNU?si=vVtZktknEvtdaTDw
2 610
Bubbee S1E12
Tiyyaan gara Bubbeetti Jiituu taatee dhufteetti. Waan ajaa’ibaa ilaaluuf qophooftanii?
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/IcGVKl1o1RI?si=b23JcbiKgl5k1TEV
2 610
Twitter warreen qabdan maatii keenya ta’aa!
https://x.com/kaachuu_y/status/2054094675523371278?s=46
2 610
Bubbee S1E8
Boba’aa
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/3Gpe8OlHuNg?si=qtxyI8LNJ96jcY9e
2 610
Bubbee S1E5
Battallee
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/9ys0owk_ewI?si=WkVSJqekxpVdcC3m
2 610
Bubbee S1E4
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/_r3xujyB4qI?si=fs7VR1HUGR0i2yxs
2 610
Tiyaatira “Baalchaa Abbaa Nafsoo” Mana Tiyaatiraa Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti
#Tiyaatirichi_har'a eebbifama
Hojiin tiyaatiraa damee ogaartii keessaa tokko ta’ee karaa ittiin seenaa dabe qeeqanii sirreessaniifi gootonni faarfatamuu qabanimmoo ittiin leellifaman isa guddaadha.
Addattimmoo gootota biyyasaanii faayidaa dhuunfaan gurgurachuu mannaa, lafeesaanii itticabsanii dhiigasaanii dhangalaasuun birmadummaashee tiksan hedduun Oromiyaafi Orumummaa keessaa akka biqilan galmee seenaa dabalatee nama lubbuun jiru hedduutu ragaa baha.
Namoonniifi garee muraasni taatee kana dibaabee sobaatiin gaaddiddeessanii dhoksuu yaalanis, baraafi yeroosaa eeggatee har’a dhaloota dhugaa firoomfatanii dharatti diinomaniin gootonni qeeqamuu qaban qeeqamaa; kanneen ijaarsa biyyaa keessatti shoorrisaanii akka tulluu olbahee mul’atu ammoo, afaan aartiitiin faarfatamuu eegalaniiru.
Gootota Oromoo gootummaasaanii yeroo weerartoonni Xaaliyaanii meeshaa ammayyaa hidhatanii birmadummaa Itoophiyaa sarbuuf ittiduulanitti, “Utuu nuyi jirruu biyyi hinweeraramtu” jechuun man’ee diinaa mancaasanii biyya kufuuf turte lafeesaaniin utubanii dhaaban keessaa tokko Baalchaa Abbaa Nafsooti.
Hamma gootummaasaanii dubbatamuufii baatus, akkuma Oromoon “Dhugaafi aduun hindhokatan” jechuun mammaaku yeroo ammaa kana jalqabbiin gama hojii aartiitiin mul’achaa jiru abdii kan namatti horuudha.
Kanaafis tiyaatirri haaraa matadureen, “Baalchaa Abbaa Nafsoo” jedhamu kan Dhaabbanni Bulchiinsa Manneen Tiyaatiraa Magaalaa Finfinnee qopheesse har’a eebbifamu agarsiistuu tokko.
Artistoonni kallattiilee adda addaatiin seenaa tiyaatirichaa keessatti qooda fudhatan yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti; seenaa goota akka Baalchaa Abbaa Nafsoo tiyaatiraan waltajjiirratti dhiyeessuun daran ulfaatus hojichatti garuu baay’ee boonneerra jechuun dubbatu.
Manni tiyaatiraa Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee sababa haaressaatiif waggoota muraasaaf tajaajila addaan kutee ture, tiyaatira seenaqabeessa kanaan tajaajila kennuu eegaluunsaa immoo gammachuu jaalattoota tiyaatiraa dachaa taasiseera.
Tiyaatira Baalchaa Abbaa Nafsoo keessatti taatoo ta’ee hojjechuusaatiin gammachuu guddaan akka ittidhagame kan dubbatu artistii buleessi Abraar Abdoo, hojii tiyaatiraa tokkoon gootummaa Baalchaa guutummaatti ibsuun ulfaataa ta’us; jalqabbiin amma jiru garuu hojii dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’uu akka danda’u dubbata.
Haaluma walfakkaatuun Baalchaan gootaafi gaaddisa biyyaa, kan gootummaasaa ibsuun namatti ulfaatu ta’uufi gootummaafi jaalala inni biyyasaaf qabu aartiin ibsuun hojii jajjabeeffamuu qabu ta’uu kan ibsanammoo miseensa waldaa gootota durii Itoophiyaa Dhibbaalaa Guddataa Galmeessaati.
Akka isaan jedhanitti, Baalchaan ilma dhiiraa gaafa xiiqiifi lolaa duubatti hinjenne, fakkeenya gootummaa Itoophiyaati.
Raawwachiisaan Hojii Bulchiinsa Dhaabbata Manneen Tiyaatiraa Magaalaa Finfinnee Obbo Fitsum Zagayyee tiyaatiricha ilaalchisuun ibsa galma Tiyaatiraafi Aadaa Magaalaa Finfinneetti miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti; hojii seenaqabeessa kanaan galmi Tiyaatiraa Mana Qopheessaa Magaalaa Finfinnee hojii jalqabuufi hojiilee wwan akka kanaa fuuldurattis kan ittifufan ta’uu ibsaniiru.
Akkuma kana Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaafi qopheessaan tiyaatirichaa Doktar Tashaalaa Asaffaa, kanaan dura tiyaatira seenaa goototaarratti xiyyeeffatu hedduu hojjedhus, kan Baalchaa Abbaa Nafsoo kun garuu hojii miira gootummaa addaa nakeessatti uume waanta’eef, qopheessaa tiyaatirichaa ta’uu koof gammachuu guddaatu natti dhagahamas jedhaniiru.
@Qaroopost
2 610
Shira Invastimantii Fiinteek: Namoota miidhaa qabeenyaa qarshii biiliyoona 1.7 baasu qaqqabsiisuun shakkamanirratti himanni baname
************
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa dhaabbata "Fintech Investment" jedhamuun namoota 1,200 ol gowwoomsuun miidhaa qarshii biiliyoona 1.7 qaqqabsiisuun shakkamanirratti qorannoo xumuree himata banuu beeksise.
Hundessitoonni dhaabbatichaa Daani'eel Yohaannisiifi Girmaay Gabra Mikaa'el, "Guyyaa 90 keessatti abbaa konkolaataa isin goona" jechuun namoota irraa kaffaltii duraa birrii 950,000 (dhibbantaa 50) walittiqabaniiru.
Kaampaanii Chaayinaa 'BYD' waliin waliigaltee qabna jechuun soba dubbataniiru.
Konkolaattota 148 Jibuutiirraa galchan keessaa 100 qofa namoota muraasaaf hiruun, 48 ammoo dhoksaatti gurguraniiru.
Jibuutiitti dhaabbata "Alfaatiizoo" jedhamu banuun, konkolaattota kaffaltii dhibbantaa 10 qofaan fudhatan kaffaltii hafe otoo hinraawwatiin achumatti gurguraniiru.
Artistoonniifi ogeessonni beeksisaa soba kanaan namoota gowwoomsuun shakkaman, Solomoon Boggaalaa, Saraawiit Fiqree, Daani'eel Tagany, Abrahaam Gizaawu, Yiggarram Dajanee, Mansuur Jamaaliifi Kaaliid Naasir to'annoo jala oolanii mana murtiitti dhihaataniiru.
Isaan kunniin beekamtii isaanii fayyadamuun shira kana tumsuufi badhaasa jonkolaataa "BYD Song Plus" tilmaama birrii miiliyoona saddeet baasu fudhataniiru jedhamuun shakkaman.
Shakkamaa Daani'eel Yohaannis mana sirreessaa ta'ee dhimmasaa hordofaa jira.
Girmaay Gabra Mikaa'el (kan kanaan dura bara 2010 shira walfakkaatuun Intarpooliin qabamee ture) ammoo barbaadamaa jira.
Poolisiin dhimma daddabarsa maallaqaa (money laundering)fi yakkawwan daangaa qaxxaamuran irratti qorannoo isaa ittifufeera jedha odeeffannoon Poolisii Federaalaa biraa argame.
@Qaroopost
2 610
Bubbee S1E3
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/VjjtwzGkZv8?si=4KVXpJnyfMLGpQkx
2 610
Bubbee S1E2
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/uwEyIJMtBlU?si=aqYUih0W6kSFWc1Y
2 610
📢 Advertising in this channel
You can place an ad via Telega․io. It takes just a few minutes.
Formats and current rates: View details
2 610
Bubbee S1E1
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/yDcndaSQV5A?si=-tnYpdd_P1fHau9f
2 610
Itiyoophiyaatti Miidiyaaleen 309 eeyyama seera qabeessa argatanii socho’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa beeksise.
Wayita ammaa Miidiyaaleen Biroodkaastii 175, Maxxansaa 20, Bakka Bu’oonni Miidiyaalee alaa 35, Marsariitii 73, Biroodkaastii Kaffaltii Intarneetii 5 fi Biroodkaastii kaffaltiin alaa 1 karaa seera qabeessaan galma’uun eeyyama argatanii hojiirra jiru jedhe.
Kanneen keessaa 254 tamsaasarra jiraachuu eeruun, 55 immoo qophiirra jiraachuu ibseera.
Abbaan Taayitichaa baatiwwan jahan darban miidiyaalee 39 damee eeyyama, hordoffii fi mirkaneessaa gahumsaan tajaajilli Sartafikeetii kennamuufii eereera.
waggoottan darban guddina damichaa saffisisuuf jijjiirama seeraa fi hojmaataa taasiseen lakkoofsi miidiyaalee , akaakuu akkasumas dhaqqabummaan isaanii guddachuu himeera.
Abbaan taayitichaa akkaataa labsii fi seera biyyattii bu’uureeffachuun eeyyama tajaajila tamsaasaa ni murteessa, ni kenna, ni haaromsa, ni dhorka akkasumas ni haqa.
Maddii Oduu kanaa: FMC
@Qaroopost
2 610
Oduu Ammee
.
Artist Natsaannat Warqinee du'aan addunyaa kanarraa boqote. Artiistiin kun fiilmota hedduu hojjachuun, beeksisoota gara garaa fi sagantaalee Tv dhiyeessuun beekama ture.
@QarooPost
2 610
Yuunaayitid Isteetis Atileetota Itoophiyaa viisaa dhorkachuun gabaafame
Shaampiyoonaan atileetiksii qaxxaamura biyyaa Addunyaa bara 2026 Ameerikaatti gaggeeffamuuf wayita deemuu kanatti, Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu atileetota Itoophiyaa 14 viisaa dhorkachuu, barruun Fiigicha Kanaadaa (letsrun.com) gabaaseera.
Barreessituun Waliigalaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa (EAF) Amansiisaa Kabbadee Barruu ‘letsrun.com’tti akka himanitti, dhiironni umurii digdamaa gadii (U20) jaha, fi dubartoonni umurii digdamaa gadii (U20) afur, akkasumas atileetotni olaanoo afur iyyanni viizaa isaanii fudhatama dhabuu eeraniiru.
Kanaanis, Itoophiyaan shaampiyoonaa Tallahassee, Filooridaatti gaggeeffamuuf atileeti dhiiraa umurii digdamaa gadii, tokkoo fi atileetota dubartootaa umurii digdamaa gadii sadii qofa qabattee dorgommicha hirmaatti jedhameera.
Barruun Fiigicha Kanaadaa akka gabaasetti, imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu Atileetota Itoophiyaa 14 viisaa dhorkachuun, Atileet Ayyalee Sewunnetfi atileeti dubartoota sadii qofaaf viisaa imala gara Yuunaayitid Isteetis mirkaneesseera.
Kunis, seenaa Itoophiyaan Waggoota 44 oliif Shaampiyoonaa qaxxaamuraa biyyaa Addunyaa, kanaadatti geggeffamu irratti qabdu haalaan gadi buusa jedhamee sodaatameera.
Itoophiyaan waggoota 44’f walitti aansuun Shaampiyoonaa qaxxaamura biyyaa Addunyaa, (Cross Country) irratti meedaaliyaa argachaa kan turte yoo ta’u, yeroo ammaa garuu, atileetonni hedduun viizaa Yuunaayitid Isteetis dhoorkatamuun, kaayyoo Atileetota Itoophiyaa irratti gufuu ta’a jedhameera.
Kanaanis, Itoophiyaan dorgommii Shaampiyoonaa qaxxaamuraa biyyaa Addunyaa umurii digdamaa gadii, dhiiraafi dubartootaa irratti garee guutuu dhiyeessuu akka hin dandeenne nii taassisa jedhameera.
Gama Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaan, hanga ammaatti, sababiin dhorkii viisaa kun kan hin ibsamne yoo ta’u, iyyannoon viizaa Mudde 12 dhiyaatee, marsaa jalqabaa keessaa nama 34 keessaa 23 dhorkamanii, marsaa lammaffaa torbee muraasa booda immoo bu’aan wal -fakkaataan deebi’eera jedhame.
Dhorkiin viisaa Kun, Itoophiyaa dabalatee, Eertiraa Xaaliyaanii fi Jarman, gareewwan isaanii gara dorgommii kanaatti kan hin ergine keessaa ta’uun gabaafameera.
Itoophiyaan Shaampiyoonaa Qaxxaamura Biyyaa Addunyaa irratti waggoota 44 ‘f hirmaannaa jabaa fi bu’aa ol’aanaa galmeessuun kan beekamtu yoo ta’u, Kunis atileetiksiin Itoophiyaa seenaa addunyaa irratti bakka ol’aanaa akka qabaattu mirkaneessuun alaabaa biyyaa dorgommiiwwan idil-addunyaa irratti ol- kaasaa turuufi maqaa biyyattii waamsisaa turuun kan yaadatamudha.
Via: Addis Standard
@QarooPost
2 610
Baankiin Biyyoolessaa Itoophiyaa Gatii Dhala Qusannaa Gabaaf Bane
Baankiin Biyyoolessaa Itoophiyaa seera dhala qusannaa gad-aanaa (Minimum Deposit Saving Rate) waggoota dheeraaf hojiirra turaa ture kan dhibbeentaa 7 (7%) turuu kaasuun, kanaan booda hamma dhalaa fedhiifi dhiyeessii gabaatiin akka murtaa’u beeksiseera.
&QarooPost
2 610
Tiiktooker Yuutii Naas Ambaasaaddara Magaalaa Walisoo Ta’uun Muudamte
Tiiktooker beekamtuu Yuuutii Naas magaalaa Walisootti simannaa guddaan erga taasifameefii booda, waltajjii qophaa'e irratti Ambaasaaddara Magaalaa Walisoo ta'uun muudamteetti.
Muudama kanaanis, Yuutii Naas bakka deemtu hundatti beekamtii fi qabeenya tuuriizimii magaalaa Walisoo akka beeksistu ibsameera.
@QarooPost
2 610
Baankiin Daldala Itoophiyaa ijaarsa manneen hojjettoota Daandii Qilleensaaf liqii birrii biliyoona 27.8 mallatteesse
Baankiin Daldala Itoophiyaa ijaarsa manneen jireenyaa hojjettoota Daandii Qilleensa Itoophiyaatiif kan oolu waliigaltee liqii birrii biliyoona 27.8 taasiisuun isaa ibsameera.
Waliigalteen Daandii Qilleensa Itoophiyaa fi Baankii Daldala Itoophiyaa gidduutti taasifame kun, rakkoo manna jireenyaa hojjettoota dhaabbatichaa karaa furiinsa waaraa qabuun furuufi dhiyeessii faayinaansii barbaachisu mijeessuuf kan kaayyeffatameedha.
Hoogganaan Hojii Raawwachiisaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasawu, dhaabbatichi kanaan dura rakkoo manneen hojjettootaa furuuf manneen 1,200 ijaarsisee dabarsuu isaa yaadachiisaniiru. Ammas hojjettoota dabalataa 5,000 ta'aniif ijaarsi manneen jireenyaa raawwatamaa akka jiru ibsaniiru.
Madda: Kaappitaal
@QarooPost
现已上线!2025 年 Telegram 研究 — 年度关键洞察 
