Qaroo Post
الذهاب إلى القناة على Telegram
Qaroo Post is an Educational and news media established with a great vision to be the best Media in our country CHANNELIIN Qaroo Post ODEEFFANNOO WAYTAAWAA YEROO YEROOTTI SINIIF LAKKISA https://telega.io/c/QarooPost
إظهار المزيد2 430
المشتركون
-224 ساعات
-97 أيام
-6330 أيام
أرشيف المشاركات
2 429
Liqqinnaa Ambaaw Itoophiyaaf Meedaaliyaa Warqee Argamsiiste
Atileetiin Itoophiyaa Liqqinnaa Ambaaw, Dorgommii Atileetiksii Daandiirra Addunyaa irratti meetira 5,000'n hirmaattee, sadarkaa 1ffaa ba’uun meedaaliyaa warqee argatte.
Liqqinaan dorgommicha xumuruuf daqiiqaa 14:41 itti fudhate.
@Qaroopost
2 429
Dorgommiin daandiirraa Atileetiksii Addunyaa Kooppeenhagen Deenmaarkitti har'a ni gaggeeffama.
Dorgommichi guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu yoo ta’u, guyyaa jalqabaa fageenyoota afuriin ni dorgomama.
Haaluma kanaan Atileet Birkee Ayaaloom fi Fireewayinii Hayiluun dorgommii dubartootaa maayilii tokkorratti ni hirmaatu.
Dorgommichi har’a sa’aatii 5:10 irratti gaggeeffama..
Dorgommii kiiloo meetira 5 dubartootaan Atileet Liqinaa Ambawuufi Aleeshinyi Baawaaq Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni dorgomu.
Dorgommiin Atileet Mazgabuu Simee fi Addisuu Yihuunee kiloomeetira 5 irratti hirmaatan Har’a guyyaa Sa’aatii 9:40 irratti eegala.
Dorgommichi borus kan itti fufu yoo ta’u,ganama Sa’aatii 4:10 walakkaa maaraatoonii dubartootaan Atileet Massalachi Alamaayyoo, Zimaam Baaraakii, Tsiggee Gabrasalaam fi Fitaawu Zariyaa ni hirmaatu.
Atileet Taaddasaa Warquu, Barakat Naggaa, Balaay Xilaahuun fi Bayaalinyi Tashaagar Dorgommii walakkaa maaraatoonii dhiirootaan ganama sa’aatii 4:45 irratti ni hirmaatu.
@Qaroopost
2 429
Qananiisaa Baqqalaa Umurii Isaa 44tti Gara Fiigicha Maaraatoonii Barlinitti Deebi'uuf Qophaa'e!
Finfinnee — Akaakuu ispoortii atileetiksii keessatti maqaa fi seenaa guddaa kan qabu, injifataan Maaraatoonii Barlinii yeroo lamaa Beekkamaan Qananiisaa Baqqalaa, umurii isaa 44tti deebi'ee daandiiwwan magaalaa guddoo Jarmanii (Barlinii) irratti dorgomuuf qophaa'uun isaa oduu gammachiisaa jaalla ttoota ispoortiif ta'eera. Innis dandeettii fi murannoo isaa ammas agarsiisuuf qophiirra jira!
Qabxiwwan Ijoo:
• Injifannoo fi Riikardii Isaa Kanaan Duraa: Qananiisaan kanaan dura maaraatonii Barlinii kana irratti milkaa'ina gurguddoo armaan gadii galmeessiseera:
◦ Bara 2016: Sa'aatii 2:03:03
◦ Bara 2019: Sa'aatii 2:01:41 galuun injifate era. (Yeroo sana riikardiiwwan kunniin seenaa fiigicha maaraatonii addunyaa keessatti saffisaan isa lammaffaa ta'uun galmeeffamanii turan).
• Dorgommii Isaa Dhihoo fi Qormaata: Atileetiin kun waggaa darbe dorgommii Maaraatonii Magaalaa Niwu Yoork (New York City Marathon) irratti hirmaatee, ta'us xumuruu osoo hin danda'in (DNF - Did Not Finish) karaatti hafuun isaa ni yaadatama. Kanaafuu, deebi'ee dorgommiin Barliniitti godhu kun yeroo murteessaa dandeettii, jabeenya, fi murannoo isaa ittiin sakatta'uu dha.
Dinqisiifannaa: Atileetonni gurguddoon fi Beekkamoon akka Qananiisaa yeroo dheeraaf dorgommii olaanaa irra turuun isaanii kan ajaa'ibsiifamu yoo ta'u, deebi'ee fiigicha saffisaa ittiin beekamuun daandiiw wan gurguddoo Barliniirratti dorgomuun isaa hawwii gudda uumera.
@Qaroopost
2 429
Dhaabbanni Beeksisaa fi Miidiyaa Masarat Dhaabaa, Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee bara 2019 sababeeffachuun, jala bultii ayyaanichaa irratti Konsertii Haaromsa Tokkummaa jedhu qopheessaa jiraachuu isaa har'a ibsa miidiyaaf kenneen addeesse.
Jala bultii ayyaanichaa ilaalchisee ibsa miidiyaa har’a Hoteela Naafleet Paarkii Araadaa keessatti kennameen, sagantaaleen bashannanaa fi konsertiiwwan gurguddoo uummata hawwatan qophaa’aa jiraachuun ibsameera.
Sagantaaleen jala bultii Irreechaa kun Hoteela Skylight fi Hoteela Naafleet Paarkii Araadaa keessatti gaggeeffamuuf qophaa’aa jiraachuun ibsameera.
Konsertii Haaromsa Tokkummaa irratti artistoonni bebbeekamoo fi jaalatamoo ta’an sagantaa isaanii dhiyeessuuf qophii irra jiraachuun ibsameera.
Isaan keessaa:
Artist Amalmaal Abaatee, Artist Jaamboo Jootee, Artist Gadaa Hamdaa, Artist Galaanaa Gaaromsaa, Artist Shukurii Jamaal fi artistoonni biroon hedduun akka argaman ibsameera.
@Qaroopost
2 429
Fiigichi guddaan Irreechaa 2ffaan namoota kuma 50 ol hirmaachisu qophaa'uufi.
Fiigicha guddaa Irreechaa 2ffaa Magaalaa Bishooftuutti fiigamu ilaalchisee miidiyaaf ibsi kennameera.
Fiigichi guddaa kun Fulbaana 21, Bara 2019 guyyaa Kamisaa akka fiigamu ibsameera.
Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa Irreechi mallattoo tokkummaa akkuma ta'e Ispoortiinis jaalalaafi tokkummaa lammiilee cimsuuf gahee olaanaa waan qabuuf fiigichi kun qophaa'uu himan.
Atileetonni koorniyaa lamaaniin kuma 1f 400 ol ni hirmaatu jedhame.
Fiigichi Irrreechaa guddaa kun fageenya KM 10 akka ta'es himameera.
Bu'uuruma kanaan namoota sadarkaa
walduraa duubaan bahaniif badhaasni ni kennama.
Badhaasni kennamus:
1ffaa kan bahu Miiliyoona 1
2ffaa kan bahu 750,000
3ffaa 500,000,
4ffaa 350,000,
5ffaa 250,000,
6ffaa 100,000,
Fiigichi Hawaasaas badhaasa jajjabeessaa akka qabu ibsameera
Atileetiksiin maqaa gaarii Itiyoophiyaa addunyaatti kan beeksisan Atileet Xuruneesh Dibaabaa dabalatee Maatiin Dibaabaa Ambaasaaddara Fiigicha Irreechaati.
@Qaroopost
2 429
Yakka daddabarsa namootaarratti kan hirmaatan Daawud Tafarii kanneen biroo irratti himatni yakkaa 31 baname
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa gita isaa Poolisii Eemiratoota Araba Gamtoomanii (UAE) waliin qindoomuun, namoota biyyoota alaa dhokachuun lammiilee karaa seeraan alaa daddabarsaa fi gochoota gara-jabinaa raawwachaa turan, Daawud Tafarii Laggasaafi Dastaa Tagany Abagaaz jedhaman to’annoo jala oolchuu isaa Adoolessa 11/2018 karaa miidiyaatiin uummataaf beeksisuu isaa ni yaadatama.
Dabalataanis yakka kana waliin walqabatee, hirmaattota biyya keessaa kanneen akka Buzaayihuun Agucheewuu Baahayiluu, Iraahimat Abbabaa Isheeteefi Iyyaasuu Ayyaalee Haabtee jedhaman to’annoo jala oolcheera.
Poolisiin Daawud Taaddasaa Laggasee, Iraahimat Abbabaa Isheetee, Ikraam Mahaammad Ayaalewuu, Buzaayihun Agucheewuu Baahayiluu, Iyyaasuu Ayyaalee Haabtee fi Admaasuu Taaddasaa Laggasaaa kanneen jedhaman daddabarsitoota namaa balaa geessisan ijoo fi hirmaattota isaanii biyya keessaa ta’anii, lammiilee irratti gochoota raawwataniin walqabatee galmee qorannoo gaggeesse ragaa namaa fi sanadootaan cimsuun Abbaa Alangaa Waliigalaa Ministeera Haqaaf ergeera.
Abbaan Alangaa Waliigalaa Ministeera Haqaa, shakkamtoonni jahan tokkoon tokkoon isaanii gochoota seeraan alaa keessatti hirmaatan irratti hundaa’uun, Seera Yakkaa FDRI bara 1996 bahe, Keewwata 32(1)(a fi b), akkasumas Yakka Daldala Namaafi Nama Seeraan Alaa Daangaa Ceesisuu Ittisuu fi To’achuuf bahe Labsii Lakkoofsa 1178/2012, Keewwata 11(3) jalatti tumamanii jiran cabsuu isaanii irratti hundaa’uun, waliigalaan himata yakka adda addaa 31 irratti banuun mana murtiitti dhiyeessera.
Shakkamtoonni Ikraam Mahaammad Ayaalewuu fi Admaasuu Taaddasaa Laggasaa jedhaman yeroo qorannoon gaggeeffamaa turetti osoo hin argamiin galmeen qorannoo isaanii qulqulleeffamee Abbaa Alangaa Waliigalaa Ministeera Haqaa biratti himanni irratti banameera.
Haaluma kanaan namni Dastaa Tagany Abbagaaz jedhamuun beekamu, daddabarsaa namaa seeraan alaa fi balaa geessisuun shakkamee Emireetota Arabaa Gamtoomanii, Dubaayitti to’annoo jala oolee gara Itoophiyatti kan dabarfame tahuun amma galmee qorannoo yakkaa biraa irratti qorannoon irratti gaggeeffamaa akka jiru poolisiin beeksiseera.
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa, dhaabbilee poolisii biyyoota biroo fi Inteerpool waliin tumsa qabu cimsuun, namoota yakka shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce’an biroo raawwatan barbaadaman to’annoo jala oolchuun seeraaf dhiyeessuuf hojii isaa caalmaatti cimsee akka itti fufu, odeeffannoo Qaroo Postif erge keessatti beeksiseera.
@Qaroopost
2 429
Join waan gootaniif qofa Dollar 3$ kan siniif kaffalu yoo hojjattan ammoo waan gaarii kan irraa argattan airdrop bareedaa kana dafaatii itti bu'aa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
2 429
Namoota barreeffamoota safuu cabsan barbaaddan qofaan!.
Barreeffamoota miira namaa kaasan kan Ajaa’ibsiisoo ta’an chaanaala kana irratti argattu!
https://t.me/daabboomioftuu
2 429
📢 Advertising in this channel
You can place an ad via Telega․io. It takes just a few minutes.
Formats and current rates: View details
2 429
Bubbee S1E18
Misirroo
Siitkoomiin Bubbee garamitti deemaa jira? Bubbee fi Jiituun gaa’ela dhaabbatan moo? Michuun akkam taati laata? Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa!
https://youtu.be/LTPnq2dNB9I?si=IHWVrXF9HvyuK3_K
2 429
Bubbee S1E13
Hirmii
Siitkoomiin Bubbee sadarkaa biraatti ce’aa jira. Jiituun (Tiyyaan) erga dhuftee as bifa haaraan ol ka’ee hojjatamaa jira. Mee kutaa ajaa’ibaa kana hundumtuu daawwadhaa!
https://youtu.be/8-Nt6pP5zNU?si=vVtZktknEvtdaTDw
2 429
Bubbee S1E12
Tiyyaan gara Bubbeetti Jiituu taatee dhufteetti. Waan ajaa’ibaa ilaaluuf qophooftanii?
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/IcGVKl1o1RI?si=b23JcbiKgl5k1TEV
2 429
Twitter warreen qabdan maatii keenya ta’aa!
https://x.com/kaachuu_y/status/2054094675523371278?s=46
2 429
Bubbee S1E8
Boba’aa
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/3Gpe8OlHuNg?si=qtxyI8LNJ96jcY9e
2 429
Bubbee S1E5
Battallee
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/9ys0owk_ewI?si=WkVSJqekxpVdcC3m
2 429
Bubbee S1E4
Siitkoomiin haaraa mata dureen Bubbee jedhu eegaleera.
https://youtu.be/_r3xujyB4qI?si=fs7VR1HUGR0i2yxs
2 429
Tiyaatira “Baalchaa Abbaa Nafsoo” Mana Tiyaatiraa Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti
#Tiyaatirichi_har'a eebbifama
Hojiin tiyaatiraa damee ogaartii keessaa tokko ta’ee karaa ittiin seenaa dabe qeeqanii sirreessaniifi gootonni faarfatamuu qabanimmoo ittiin leellifaman isa guddaadha.
Addattimmoo gootota biyyasaanii faayidaa dhuunfaan gurgurachuu mannaa, lafeesaanii itticabsanii dhiigasaanii dhangalaasuun birmadummaashee tiksan hedduun Oromiyaafi Orumummaa keessaa akka biqilan galmee seenaa dabalatee nama lubbuun jiru hedduutu ragaa baha.
Namoonniifi garee muraasni taatee kana dibaabee sobaatiin gaaddiddeessanii dhoksuu yaalanis, baraafi yeroosaa eeggatee har’a dhaloota dhugaa firoomfatanii dharatti diinomaniin gootonni qeeqamuu qaban qeeqamaa; kanneen ijaarsa biyyaa keessatti shoorrisaanii akka tulluu olbahee mul’atu ammoo, afaan aartiitiin faarfatamuu eegalaniiru.
Gootota Oromoo gootummaasaanii yeroo weerartoonni Xaaliyaanii meeshaa ammayyaa hidhatanii birmadummaa Itoophiyaa sarbuuf ittiduulanitti, “Utuu nuyi jirruu biyyi hinweeraramtu” jechuun man’ee diinaa mancaasanii biyya kufuuf turte lafeesaaniin utubanii dhaaban keessaa tokko Baalchaa Abbaa Nafsooti.
Hamma gootummaasaanii dubbatamuufii baatus, akkuma Oromoon “Dhugaafi aduun hindhokatan” jechuun mammaaku yeroo ammaa kana jalqabbiin gama hojii aartiitiin mul’achaa jiru abdii kan namatti horuudha.
Kanaafis tiyaatirri haaraa matadureen, “Baalchaa Abbaa Nafsoo” jedhamu kan Dhaabbanni Bulchiinsa Manneen Tiyaatiraa Magaalaa Finfinnee qopheesse har’a eebbifamu agarsiistuu tokko.
Artistoonni kallattiilee adda addaatiin seenaa tiyaatirichaa keessatti qooda fudhatan yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti; seenaa goota akka Baalchaa Abbaa Nafsoo tiyaatiraan waltajjiirratti dhiyeessuun daran ulfaatus hojichatti garuu baay’ee boonneerra jechuun dubbatu.
Manni tiyaatiraa Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee sababa haaressaatiif waggoota muraasaaf tajaajila addaan kutee ture, tiyaatira seenaqabeessa kanaan tajaajila kennuu eegaluunsaa immoo gammachuu jaalattoota tiyaatiraa dachaa taasiseera.
Tiyaatira Baalchaa Abbaa Nafsoo keessatti taatoo ta’ee hojjechuusaatiin gammachuu guddaan akka ittidhagame kan dubbatu artistii buleessi Abraar Abdoo, hojii tiyaatiraa tokkoon gootummaa Baalchaa guutummaatti ibsuun ulfaataa ta’us; jalqabbiin amma jiru garuu hojii dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’uu akka danda’u dubbata.
Haaluma walfakkaatuun Baalchaan gootaafi gaaddisa biyyaa, kan gootummaasaa ibsuun namatti ulfaatu ta’uufi gootummaafi jaalala inni biyyasaaf qabu aartiin ibsuun hojii jajjabeeffamuu qabu ta’uu kan ibsanammoo miseensa waldaa gootota durii Itoophiyaa Dhibbaalaa Guddataa Galmeessaati.
Akka isaan jedhanitti, Baalchaan ilma dhiiraa gaafa xiiqiifi lolaa duubatti hinjenne, fakkeenya gootummaa Itoophiyaati.
Raawwachiisaan Hojii Bulchiinsa Dhaabbata Manneen Tiyaatiraa Magaalaa Finfinnee Obbo Fitsum Zagayyee tiyaatiricha ilaalchisuun ibsa galma Tiyaatiraafi Aadaa Magaalaa Finfinneetti miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti; hojii seenaqabeessa kanaan galmi Tiyaatiraa Mana Qopheessaa Magaalaa Finfinnee hojii jalqabuufi hojiilee wwan akka kanaa fuuldurattis kan ittifufan ta’uu ibsaniiru.
Akkuma kana Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaafi qopheessaan tiyaatirichaa Doktar Tashaalaa Asaffaa, kanaan dura tiyaatira seenaa goototaarratti xiyyeeffatu hedduu hojjedhus, kan Baalchaa Abbaa Nafsoo kun garuu hojii miira gootummaa addaa nakeessatti uume waanta’eef, qopheessaa tiyaatirichaa ta’uu koof gammachuu guddaatu natti dhagahamas jedhaniiru.
@Qaroopost
