ch
Feedback
Gali Ababor Official

Gali Ababor Official

前往频道在 Telegram

Hubannoo sirrii uumuuf

显示更多

📈 Telegram 频道 Gali Ababor Official 的分析概览

频道 Gali Ababor Official (@glababor) 是活跃参与者。目前社区聚集了 10 206 名订阅者,在 宗教与灵性 类别中位列第 8 910,并在 芬兰 地区排名第 415

📊 受众指标与增长动态

невідомо 创建以来,项目保持高速增长,吸引了 10 206 名订阅者。

根据 11 九月, 2026 的最新数据,频道保持稳定运转。过去 30 天订阅人数变化为 55,过去 24 小时变化为 -3,整体触达仍然可观。

  • 认证状态: 未认证
  • 互动率 (ER): 平均受众互动率为 14.83%。内容发布后 24 小时内通常能获得 6.13% 的反应,占订阅者总量。
  • 帖子覆盖: 每篇帖子平均可获得 1 514 次浏览,首日通常累积 626 次浏览。
  • 互动与反馈: 受众积极参与,单帖平均反应数为 22

📝 描述与内容策略

作者将该频道定位为表达主观观点的平台:
Hubannoo sirrii uumuuf

凭借高频更新(最新数据采集于 12 九月, 2026),频道始终保持新鲜度与高覆盖。分析显示受众积极互动,使其成为 宗教与灵性 类别中的关键影响点。

10 206
订阅者
-324 小时
+77 天
+5530 天
帖子存档
photo content

Addunyaa Teknoolojii Waliin dorgomuu barbaadduu? Yoo barbaaddan kottaa waliin haa hojjannu isiniin jedha Dhaabbanni Flexdivs.com 👋 Dhaabbata keessaniif baay'ee si'ataa fi ammayyaawaa kan ta'e Websaayitii fi Aappii Mobaayilaa ykn Sistama hojjechiisuu ni barbaadduu? Maarree Dargaggoota qaxalee ijoolleedhuma keessaniin kan hundaa'e dhaabbanni flexdiv technology solutions plc Filannoowwan Teknolojii dhaabbata keessan ammayyeessuu fi Addunyaa har'aa waliin dorgomaa taasisuu danda'an heduu qabatee isiniif dhufeera. Dhaabbatichi Ilmaan Hawaasaatiin Hawaasa barnootaa fi Teknolojiidhaan Sababa adda addaatiin duubatti hafee jiru tumsuuf kan dhaabbate yoo ta'u gatii madaalawaa fi haala hawwataa ta'een tajaajila barbaachisu hunda dhaabbilee garaagaraatiif kan kennuudha waan ta'eef dhaabbata keessaniif yoo nu affeertan gammachuu guddaadhan tajaajila keenya isiniif keennina. Tajaajila kenninu:- 🌐 Custom Website Design and Development 💻 Bespoke Software Solutions 🛒 E-commerce Platforms 📲 Mobile App Development 💥 https://flexdivs.com 💥 https://cars.flexdivs.com 📞 Odeeffannoo dabalataaf 0960059905 dhaan nu quunnamuu dandeessu.

قُلْ إِنَّ صَلَاتِي وَنُسُكِي وَمَحْيَايَ وَمَمَاتِي لِلَّهِ رَبِّ الْعَالَمِينَ Jedhi: "Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa aalama qofaafi. [الأنعام : 162]

إِنَّمَا يَخْشَى اللَّهَ مِنْ عِبَادِهِ الْعُلَمَاءُ إِنَّ اللَّهَ عَزِيزٌ غَفُور Gabroota Isaa irraa kan Rabbiin sodaatu beektota qofa. Dhugumatti Rabbiin injifataa, araaramaadha [فاطر : 28]

‏{‏وَنُنَزِّلُ مِنَ الْقُرْآنِ مَا هُوَ شِفَاءٌ وَرَحْمَةٌ لِلْمُؤْمِنِينَ وَلَا يَزِيدُ الظَّالِمِينَ إِلَّا خَسَارًا} Nuti Qur’aana irraa waan Mu'uminootaaf dawaafi rahmata ta’e, kan zaalimootaaf immoo hoongoo malee homaa hin daballe buufna.

‏{‏تِلْكَ الْجَنَّةُ الَّتِي نُورِثُ مِنْ عِبَادِنَا مَنْ كَانَ تَقِيًّا} Jannatattiin sun ishee gabroota keenya irraa warra Rabbiin sodaatan dhaalchifnuudha.

Ergaa sagantaa eebba Ma'ahada Abbaa Jifaar irratti ani dabarse. Hojjadhuu hambaa wahii hambifadhu! ونكتب ما قدموا وآثارهم وجعلنا لهم لسان صدق في الآخرين

قل يا عبادي الذين أسرفوا على أنفسهم لا تقنطوا من رحمة الله إن الله يغفر الذنوب جميعا إنه هو الغفور الرحيم (٥٣) Jedhi: “Yaa gabroota kiyya kan lubbuu isaanii irratti daangaa dabartan! Rahmata Rabbii irraa abdii hin muratinaa. Dhugumatti Rabbiin yakka hundaa ni araarama. Inni araaramaa, rahmata godhaadha."

‏{وَيَوْمَ يَعَضُّ ٱلظَّالِمُ عَلَىٰ يَدَيْهِ يَقُولُ يَٰلَيْتَنِى ٱتَّخَذْتُ مَعَ ٱلرَّسُولِ سَبِيلًا} Guyyaa miidhaa raawwataan harka isaa lamaan ciniinee "yaa badii koo! Maal qaba osoon Ergamtichaa wajjin karaa sirrii qabadhee?" jedhu (ummataaf himi).

Injifannoon Sooriyaa keessatti argame hanga ammaatti abjuu fakkaata. Namni wahii abjuu sanarra na dammaqsaan sodaadha. Yaa Rabbi injifannoo dhugumaa kan Muslimoota hundaaf milkii qabu taasisi.

Maaliif namicha billaadhaan ajjeeftee gaafatamee rakkinan qabaafin qawwee bitachuu dadhabe jedhe jedhan.

Mooskoon amma gadi baatee Bashaariifi Maatii isaa ni simanna jette. Diinummaan isaanii akkanatti ifa gala.

"Doyna namaa jechuun nama ani isa biratti dubbatamee rahmata narratti hin buufneedha." Rasuul (SAW ) "Halkan Jum'aafi guyyaa Jum'aa Salawaata narratti buusuu heddummeessaa. Salawaanni keessan narra fidamtii." Rasuul (SAW) Guyyaa Jum'aa keessa jirra. Kanaafuu Ergamaa Rabbiirratti rahmata haa buufnu. اللهم صل وسلم على نبينا محمد وعلى آله وصحبه

Guuttannee jirra Alhamdu lillaah! Gargaarsa Jama'aa barattoota Muslimaa Yunivarsitii Dambi Doollootiif lafa masjidaa bituuf birrii 360,000 gaafannee turre amma guuttanneerra. Faaruun hunduu kan Rabbiiti. ***** Barattoonni Yuunivarsitii Dambii Doolloo yeroo dheeraaf Masjida rakkataa turanii qabsoo dheeraa booda bakka xiqqoo wahii qabatan. Bakki sunis isaanitti xiqqaattee bakka itti salaataniifi itti qara'an dhabanii K.M 200 cinaa masjidichaa jiru bittanii akka itti dabaltaniif gaafachuun kiyya ni yaadatama. Rabbi isin irraa haa jaalatu amma maallaqichi guuteera. Jama'aa barattootaa yaada kana fidan irraa jalqabee warra maallaqa qabaniin itti hirmaatan hundaa Rabbiin milkii addunyaaf aakhiraa haa badhaasu. Keessumaa obboleessa keenya Nasir Hamza haadhaafi abbaa isaa wajjin Rabbiin nuuf haa milkeessu. Hanga pirojektii barattoota Yunivarsitii biraatiin walitti deebinutti nagaan naaf turaa. Jamaa'aa barattoota Yunivarsitii hanga dandeenyeen rakkoo isaanii furaa teenya; Rabbi nu haa gargaaru. Isinis naannoo jirtanitti jamaa'aa barattootaa kana hin dagatinaa. Ws wr wb.

Guyyaa tokko mootiifi saahiboonni isaa bakka maraatuun dubbii cimaa dubbatu wahii jirutti dhugaatii macheessu dhugaa turan. Mootichi kubbaayyaa tokko fuudhee maraatichatti hiixate. Maraatichis "isin akka kiyya ta'uuf dhugdu; animmoo akka eenyuu ta'uufin dhuga?" jedhe. Mootichis kanarraa barumsa fudhatee achumaan dhugaatii macheessu dhaabe. Namoonni dhugaatii macheessu dhugdan osoo Rabbiin malaa warra Jahannamaa isin hin obaasin irraa dhaabbadhaa. Sammuu qaalii Rabbiin isinitti arjoome dhugaatii salphina kanaan hin jijjiirinaa. Rabbi nu haa tiksu. Yakka kamirraayyuu Inni nu haa fageessu.

Gargaarsa Jama'aa barattoota Muslimaa Yunivarsitii Dambi Doolloo hin dagatinaa ***** Dhimma barattoota keenyaa kana hanga xumurrutti itti fufuu qabna. Barattoonni Yuunivarsitii Dambii Doolloo yeroo dheeraaf Masjida rakkataa turan. Qabsoo meeqa booda bakka xiqqoo wahii qabatan. Bakki sunis isaanitti xiqqaattee bakka itti salaataniifi itti qara'an dhaban. Amma K.M 200 cinaa masjidichaa jiru bitachuuf dubbatatanii birrii 360,000 ta'e. Isaan immoo herrega jamaa'aa irraa birrii 100,000 malee hin qaban. Mee birrii 360,000 kana walitti funaannee bakka salaataafi qaraatii barattootaa kanaaf haa mijeessinu. Namni maallaqa galchitan nagahee as jalatti nuuf ergaa maxxansinee warra kaanis ittiin kakaafna. 1000432190847 Maqaan isaa: Jamaa'aa Barattoota Yunivarsitii

photo content

As wr wb ***★**** Mee dhimma barattoota keenyaa kana waliin itti haa yaadnu. Barattoonni Yuunivarsitii Dambii Doolloo yeroo dheeraaf Masjida rakkataa turan. Qabsoo meeqa booda bakka xiqqoo wahii qabatan. Bakki sunis isaanitti xiqqaattee bakka itti salaataniifi itti qara'an dhaban. Amma K.M 200 cinaa masjidichaa jiru bitachuuf dubbatatanii birrii 360,000 ta'e. Isaan immoo herrega jamaa'aa irraa birrii 100,000 malee hin qaban. Mee birrii 360,000 kana walitti funaannee bakka salaataafi qaraatii barattootaa kanaaf haa mijeessinu. Namni maallaqa galchitan nagahee as jalatti nuuf ergaa maxxansinee warra kaanis ittiin kakaafna. 1000432190847 Maqaan isaa: Jamaa'aa Barattoota Yunivarsitii

Kottaa bor ganama sa'aa 2:30 Hoteela Ilillii Intarnaashinaal! Oboleessi keenya ustaaz Sufyaan Usmaan kitaaba isaa Kirkira Sam
+1
Kottaa bor ganama sa'aa 2:30 Hoteela Ilillii Intarnaashinaal! Oboleessi keenya ustaaz Sufyaan Usmaan kitaaba isaa Kirkira Sammuu yoo Rabbi jedhe bor ganama Hoteela Ilillii Intarnaashinaalitti waan eebbisiisuuf hundumti keenya achiitti wal haa agarru.

New Vision College ****** Kolleejjii hayyoota keenyaan hundeeffame, naannoo Furii gamoo bulchiinsa kutaa magaalaa Furiitti gu
+1
New Vision College ****** Kolleejjii hayyoota keenyaan hundeeffame, naannoo Furii gamoo bulchiinsa kutaa magaalaa Furiitti gubbaatti kan argamuudha. Gosoota barumsa adda addaa sadarkaa Maastarii, digrii tokkoffaafi TVET kennaa jira. Amma immoo hayyuun keenya Sufyaan Usmaanis achi seene Saayikoloojii baraiisuu eegalee jira. Warri saayikoloojii kana barachuutti dhimmitan asitti galmaa'a. Gosoonni barumsaa kanneen akka leadership, MBA, Project Management, ackounting maasteriin kennamaa jira. Kolleejjii kun keessani; hoggantoonni isaas akka isiniif ta'utti haala mijeessuu danda'u. Kanaafuu isinis barataa hayyoota keenya kanaaf hamilee ta'aa. Barachuun bu'uura qaroominaati. Odeeffannoo dabalataatiif: +251952000333 +251952000444

Gali Ababor Official - Telegram 频道 @glababor 的统计与分析