6 256
订阅者
无数据24 小时
+177 天
+4530 天
帖子存档
6 256
GHL/Habroti Qophii Addaa Sagantaa Bashananaa Xumura Leenjii Hoggansa Marsaa 3ffaa bara 2017 irraatii Affeerraa Artistoota A/Habrootiif taasifameen Goolabame.
6 256
Carraa Barnootaa Bara 2️⃣🅾️1️⃣7️⃣ tiif Hojjetoota Yunivesitii S/Sarv./Itoophiyaatti barachuuf Galmaa'anii turan Yeroo Qormaataa Digrii 2ffaa fi 3ffaa (phd) beekkameera. ilaalaa.
6 256
#Biiroo_Komunikeeshnii_Oromiyaa. Ergaa hatattamaa daldaltoota Naannoo keenyaa hundaaf!
Mootummaan dinagdee dam-daneessa ijaaruuf Sagantaa Imaammata Dinagdee Gooroo biyyattii irratti fooyya'insa taasiseen walqabatee, sharafni alaa bittaa fi gurgurtaan isaa fedhii gabaan akka murtaa'u ta'ee jira.
Kanaaf, fooyya'insa gatii sharafa alaa irratti taasifameen wal-qabatee odeeffannoo dogoggoraa gatiin meeshaalee ol ka'a jedhuun meeshaalee irratti gatii hin malle dabaluu, dhoksuufi kuusuun darbee darbee mul'achuu eegalee waan jiruuf daldaaltonni Naannoo keenyaa gocha badaa ummata miidhu irraa akka of eegan Biiroon Daldalaa Oromiyaa cimsee beeksisa.
Mootummaan gocha kana to'achuuf Koree Komaandi Poostii sadarkaan hundeessee hojiitti galee kan jiru yoo ta'u, daldaltota gatii hin malle meeshaalee irratti dabalanii argaman irratti tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa fudhachuun daldaaltonni biraan akka irraa baratan taasisuu akka qaban Biirichi cimsee hubachiisa.
Kana malees, hawaasni bal'aan gatii seeraan ala dabalamu yoo arge Waajjira Daldalaa naannoo isaatti argamutti eeruu kennuun aggaammii qaala'insa hammeessuufi gochoota seeraan ala raawwatamuu malu qolachuuf sochii mootummaan eegale cina akka dhaabbatu Biiroon Daldala Oromiyaa waamicha lammummaa taasiseera.
Odeeffannoo dabalataaf Lak.Bil 09 13 62 71 14 Ykn 09 17 80 58 02 bilbiluun eeruu kennuu ni danda'ama.
#Biiroo_Daldala_Oromiyaa!
6 256
Maqaa Kaadhimamtoota Carraa Barnootaa bara 2017 tiif Yuniversitii S/Sarviisii Ethiopiatitti Carraa barnootaa argatan Qormaataaf Dhihaatan .
