ch
Feedback
Quen VIP

Quen VIP

前往频道在 Telegram

💸💼 1 Milli Ways To Get Rich 💼💸 😊★ Click & Win! 🤩★ 📫🙌🏻 Respect The Eye 🙌🏻🔥★

显示更多
未指定国家加密货币39 464
1 606
订阅者
无数据24 小时
-97 天
-3930 天
帖子存档
https://t.me/major/start?startapp=1336530790 👑 Join me in @Major game and earn $MAJOR token soon! ⭐️ 750 rating bonus for you. ⭐️ 1000 rating bonus if you are Premium.

#Telegram_stars ⭐️ 👉Akkuma beektan #TikTok'n namootni hedduun Kennaa coin TikTok jedhamuun jireenyi isaanii akka jijjiiramu gargaareera. 👉TikToki hordofuun Telegram ammoo Gift Coin haaraa, Telegram Stars jedhamu, kan maamiltootni Telegram kennaa isaanii gara maallaqaatti jijjiiruuf dandeessisu dhiyaateera. 👉Kana beeksisuuf Telegram waan Airdrop fakkaatu #Major jedhamu kan namoota affeeruun salphaatti Telegram Star Coins argachuuf isin dandeessisu baasee jira. 👉Yeroo nama 1 affeertan urjii 15 argattu. Kana akka airdrop tti hin ilaalinaa, nama affeeruu qofaan Star walitti qabachuun gara TON jijjiirattanii baafattu. Eegaluuf 👇👇👇👇👇👇 https://t.me/major/start?startapp=1336530790

photo content

https://t.me/tapswap_mirror_1_bot?start=r_1336530790 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift

Waraanni mootummaan waqtii qonnaatti gara kutaalee Oromiyaa garaagaraatti bobbaase ummanni akka hin qotanne danquun, deega hamaatti oofaa jiraachuun himame. Waraanni mootummaan waqtii qonnaatti gara kutaalee Oromiyaa garaagaraatti bobbaase ummanni akka hin qotanne danquun, deega hamaatti oofaa jiraachuun himame.   Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosatitti, mootummaan waraana guddaa ummata irratti bobbaasee jira kan jedhan jiraattonni, waraanni bobbaafame yakkoota garaagaraa ummata irratti raawwatuun cinatti, Qotee bulaan akka hin qotanne danquun ummata beelarra buusaa jira jedhu. Aanichuma keessa Ganda Borcataa jedhamtutti ammoo humnoonni Amaaraa daangaa cehuun ummata buqqisanii qabiyyee hawaasichaa qotataa jiraachuutu himama. Mootummaan Biltsiginnaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mariin hin barbaachisu, Rakkoo Oromiyaa Afaan Qawweedhaanin fura” jechuun Oromiyaa irratti duula waraanaa marsaa biraa labsee, humna waraanaa guddaa gara kutaalee Oromiyaa garaagaraatti bobbaasuu erga jalqabee torbanooti lakkaa’amaniiru. Humni waraanaa guddaan waqtii ummatichaaf akkaan murteessaa ta’e kanatti gara Oromiyaatti bobbaafame kun ammoo iddoowwan garaagaraatti hawaasa jiruu danquun rakkoo hammaataatti oofaa jiraachuu odeeffannoon hawaasa irraa Al Jazeera Afaan Oromoo qaqqabu ni mul’isa. Jiraattonni godina Shawaa Bahaa aanaa Boosat Al Jazeera Afaan Oromoonf yaada kennan akka himanitti, yeroo ammaa humni waraanaa guddaan gara aanichaatti bobbaafamuu hordofee, keessumaa ummanni baadiyyaa rakkoo guddaarra bu’eera. Waranni mootummaa qe’ee fi qabeenya hawaasichaa barbadeessuu, ummata nagaa ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuu, hidhuu fi dararuu, akkasumas qabeenya hawaasaa irratti saamicha raawwachuu hojii idilee godhateera jedhu jiraattonni.  Hundaa ol garuu ummanni qonna dhorkamee jiraachuuniifi  qotee bulaan buqqa’ee gara magaalaatti akka godaanu taasifamaa jiraachuun dhimma yaaddoo guddaa nutti ta’edha, gocha diinummaa ummaticha beelarra buusuu karoorfatedha jedhu namni bilbilaan garasii dubbisne. Jiraataan Aanaa Boosat bilbilaan yaada nuuf kennuuf sodaa nageenyaa qabaachuu isaanii himan kan biraan  “Amma yeroon isaa Ganna. Yeroo facaasaati. Yeroo kanatti mee qotaa jedhanii ummata sodaachisaa jiru. Kan didee qote ammoo ajjeesaa jiru. Beelli hamaan dhalatuuf deema” jechuun haala aanaa isaanii keessatti mul’atu ibsan. “Ummati magaalaatti baqatee daandii irratti akka kufuuf dirqisiisaa jiru, warra didee baadiyyaatti hafeen ammoo isin WBO waliin hidhata qabdu” jechuun dararaa jiraachuu ibsan.  Ajjeechaan waraana mootummaatiin lammiilee nagaa irratti raawwatamus itti fufeera jedhu maddeen odeeffannoo keenyaa.  Barsisaa Jaabir Amaan namni jedhamu ati seelii WBOti jedhamuun qabamanii ajjeefamuu, Haadha dabalatee miseensoti maatii tokkoo, namni 5 bakka tokkotti rashanamuu himu jiraattonni.  Hidhaan jimlaa akkanumaan ummata irratti raawwatamus hammaatee itti fufuu ibsan. Waraanni mootummaa kuma 11 ta’u gara aanaa keenyaatti bobbaafamuu quba qabna jedhu.  Bobbii waraanaa kanaan walqabatee sochiin geejjibaa marti dhaabbatee jiraachuus ibsan.  Namoota miidhaman wal’aannachuunis ta’e, kan ajjeefameef gadda taa’uun dhorkameera jedhu. Gama Biroon yeroo ummanni aanichaa qotachuus ta’e daldaluu dhorkamee egereensaa balaarra bu’ee jiru kanatti, humnoonni Amaaraa daangaa cehuun ganda Borcataa jedhamtu weeraranii humnaan qotachaa jiraachuu himan jiraattonni.  Gocha humnoota Amaaraa kana dhaabsisuuf garuu tarkaanfiin fudhatame hin jiru jedhu. Waliigalaan egereen ummata aanichaa balaarra bu’ee jiraachuu ibsuun, mootummaan qonna dhorkee ummata beelessuun dhaabbachuu qaba, waraanni yeroo murteessaa kanatti ummata irratti bobbaafamee bahaa gala dhorkaa jirus nurraa ka’uu qaba jedhu.  Ummanni Oromoo keessaa fi alaan quba walqabaachuun, hawaasa jiruu dhorkamee egereensaa balaarra bu’ee jiruuf sagalee akka ta’u gaafataniiru.

Al Jazeera Afaan Oromoo irratti oduu, odeessaalee fi taateewwan wayitaawaa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu. Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf gara keenya koottaa, waan isinitti dhagahamus nutti himaa. Odeessaalee akka irratti hojjennu barbaaddanis nuun gahaa. Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa irraa odeeffannoo wayitaawaa argachuu yoo feetan: Yuutuubii: https://youtube.com/channel/UCZz3XRblULzeVuxXKmewgxA Feesbuukii: https://www.facebook.com/Al-Jazeera-Afaan-Oromoo-104712448263160/ Teeleegraamii:https://t.me/AlJazeraAfaanOromoo Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa

Karrayyuun falatee Gadaa Haaromfataa jiraachuun himame. Karrayyuun har’a Jireen Kaarratti ba’uun galtee galte falatee Gadaa haroonfataa jiraachuun himame. Jireen Kaarraa lafa falannaa yoo ta’u miseensonni tuuta Gadaa shananuu achitti wal gahanii jiru. Namoonni Al Jazeera Afaan Oromoo’f yaada kennan, Kaayyoon walgeettii kanaa ajjeechaa Abbootii Gadaa tuuta Gadaa Michillee sababeeffachuun akka danee Oromootti waan gale falatanii heera ittiin bulmaata Gadaa kan dur caalaa cimsanii itti fuufuufi. Jiraatan Qaamaan achitti argame tokko erga Abbootin Gadaa tuuta Gadaa Michillee ajjeefamanii hojimaatni Sirna Gadaa kan tuuta Gadaa Michillee Dullachaa Addaan citee ture jedha. Hojimaata Sirna Gadaa itti fufsiisuuf guutuu hawaasa Karrayyuu irraa tuutni Gadaa Shanan Dirmajii, Meelbaa, Michillee, Halchiisa(Duuloo) fi Roobaleen  har’a lafa Falannaa Jireen Kaarraa jedhamu qubatanii jiru. Tuutni Gadaa shananuu kan Baasoo fi Dullachaa walgahuun Abbaa Gadaa dabalatee, jaldhaaba Abbootii Gadaa Michillee haala suukanneessan duguugaman bakka buusuf qophaa’aa akka jiran jiraatan kun himeera. Erga Ajjeechaan Suukanneessaan sun Jila Abbootii Gadaa tuuta Gadaa michillee irratti raawatamee Gabaalaan Dullachaa Gaddarra ture, garriin hin afuufamu, dhiichisni warra gadaatis dhaabbatee ture. Haaromsa kana booda garrinis ni afuufama hoggansaa fi sirni hawaasa geggeessuu tuuta gadaa michilleetin raawwatamus bifa haarayaan cimee kan itti fufuu ta’a jechuun dubbateera. Kana milkeesuuf miseensonni Tuuta Gadaa shananuu Tulluu Jireen Kaarraatti bahuun hammeenya Gadaa Michilleerratti raawwatame falatanii heera uumaatiin waaq-kadhaa taasisuun furda hobba’uuf karoora guyyaa sadii akka qabataniidha jiraatan kun kan ibse. Sirna Gadaa Karrayyuu kan Dullachaa haaromsuu kana keessatti iddoo awwaalcha Abbootii Gadaatti biqiltuun  Odaa fi Ejersaa ni dhaabama jedhamee eegamas jedheera. Guyyaan Abbootiin Gadaa, nama korma garaa hidhe, warra Ulfoo fi Qaalluu dabalatee jaldhaabni Abbootii Gadaa waraana mootummaatiin itti ajjeefaman goodinnisa seenaa ta’uun bara baraan akka yaadamu Abbootiin Gadaa Tuuta Gadaa shananuu heera lallabuun ni raggaasisus jedheera jiraatan odeessa kana nuuf qoode.

~Kutaa 2ffaa~ Bara 1986 Biil Geetis aksiyoona Maayikiroosooftii keessaa dhibbentaa 45 dhuunfachuun umrii 31 irratti miiliyeenara (dureessa) ta’e. Yeroo kanatti qabeenya kaampaanichaa doolaara miiliyoona 525 keessaa kan Biil Geetis doolaara miiliyoona 234 ture. Haaluma kanaan guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa deemee, bara 1999 kaappitaalli isaa doolaara biiliyoona 101 ga’eera. Bu’uuruma kanaan bara 1995 irraa kaasee itti fufiinsaan yeroo dheeraaf addunyaa kana irratti dureessa tokkoffaa ta’ee jira. Kaampaanii Maayikiroosooftii alattiis kaampaniin ‘Google‘ jedhamus kan isaati. Kaampaaniin kun hojii sooftiweerii kan dalagu yoo ta’u, bilbiloota keenya irratti moosaajonni kanneen akka: YouTube, Play Store, Play Music, Chrome, Maps, Drive, Gmail, Hangouts, Photos fi kkf kan dhaabbata Google kanaati; Namoonni YouTube waliin hojjatan qarshii kan argatan Biil Geetis irraati jechuudha. Biil Geetis qabeenya kana hunda kan horate, harka duwwaa irraa ka’uuni, beekumsa mana barnootaa irraa argate gara kalaqaatti jijjiireeti. Kalaqa isaa immoo akka maallaqa argamsiisu godhee, kan argates qusateeti. Walumaa galatti, hojjatee duroome. Kalaqa isaatiin har’a addunyaa marattuu dhimma kompiitara waliin wal qabatuuf gargaarama. Qabeenyi isaa maatii fi biyya isaa irra darbee addunyaa hunda gargaaraa jira. Yeroo fi maallaqa isaa harka caalu tola-ooltummaaf oolchaa jira. Biyya keenya dabalatee, biyyoota addunyaa hunda keessatti fayyaa fi barumsa irratti maallaqa hedduu baasii godhee hojjachaa jira. Kanaafis addunyaa kana irraa badhaasota kabajaa hedduu argatee jira. Namni kun, sooressa qofa osoo hin ta’iin baayyee arjaadhas. Dhaabbanni gargaarsaa isaas qarshii doolaara biiliyoona hedduu baasii gochaa adeema.

ODUU TECHNOLOGY Dureessi Addunyaa Kanaa Bill Gates Akkamitti Biliyeenara Ta’e? Addunyaa kanarra namoonni waan xiqqoorraa ka’anii durooman hedduutu jiru. Kanneen keessaa tokko Biil Geetis dha. Biil Geetis dureessa addunyaa kana keessatti sadarkaa olaanaa irra jiruudha. Onkoloolessa 28, 1955 A.L.A’tti Kutaa biyya Amerikaa, Siyaatil, Waashingitenitti dhalate. Abbaan isaa Wiiliyaam H. Geetis ogeessa seeraa beekamaa ture. Haati isaa, Meerii Maaksiwel immoo barsiistuu fi hojii tola ooltummaa irratti hirmaachuutiin kan beekamtuudha. Ijoollee isaanii sadan keessaa, Biil Geetis hunda caalaa fedhii dorgomanii injifachuu qaba ture. Barumsa isaatiinis cimaa fi fedhiin Sooftiweerii kalaquu fi duroomuu akkasumas, hojii tola ooltummaa irratti hirmaachuun waanuma ijoollummaatiin isa keessa buledha. Biil Geetis yeroo barataa ture dubbisee hin quufu. Kitaabilee gara garaa kanneen akka Insaayikiloopiidiyaa osoo hin nuffin sa’aatii dheeraa dubbisa ture. Akaakuu barumsaa hundaanis dandeettii cimaa kan qabu yoo ta’u, hunda caalaa immoo Herreega, Diraamaa fi Afaan Ingilizii irratti dandeettii addaa qaba ture. Umrii 13 yeroo ta’u, maatiin isaa manni barnootaa uummataa inni keessa jiru dandeettii isaa waliin waan wal hin gitneef gara mana barnootaa qophaa’inaa dhuunfaa dorgommii cimaa qabu, Leeksaayid jedhamu galchan. Mana barumsaa kana keessattis guutummaa dandeettii isaa hojiirra oolchuuf kan isa dandeessisu dorgommii cimaa fi barumsa kompiitaraa ga’aa argate. Mana barnootaa kana irraa bara 1973 eebbifame. Qormaata seensaa qoramee 1600 keessaa 1590 sirriitti deebisuudhaan qabxii olaanaatiin Yuunvarsiitii Haarvaardi seera barachuuf seene. Biil Geetis pirogiraamii kompiitaraa irratti hojjachuuf umrii waggaa 13 irraa kaasee tattaafachuu jalqabe. Jaalalaa fi fedhiin inni pirogiraamii kompiitaraa irratti qabu, yeroo kolleejjii seenus dabalaa deeme. Keessumaayyuu, manni barnoota qophaa’inaa ‘Leeksaayid‘ kanaaf haala mijataa uumeefii ture. Carraa argatetti gargaaramee, hiriyyaa isaa Paawul Alan waliin ta’ee, yeroo isaa fi yaada isaa gara kalaqa pirogiraamii kompiitaraatti deebisee si’aayinaan hojjete. Biil Geetis dandeettii kalaqaa qofaa osoo hin ta’iin, hojjatanii duroomuu kan jedhus waan keessa isaa jiruuf yeroo boqonnaa isaa abbootii qabeenyaa gurguddoo waliin dabarsa ture. Naannoo Siyaatilitti daldaltoota kampaanii gurguddaa qabaniif pirogiraamii kompiitaraa qopheessuuf yaalii godheen milkaa’eera. Kana malees, hiriyyaa isaa sana waliin ta’ee haalota indastiriin kompiitaraa keessa jiru xiinxaluudhaan, maayikiroopiroseesariin yoo kalaqame, kompiitara xixiqqaa namni kamuu dhuunfaatti qabaachuu danda’u hojjechuun akka dandaa’amu hubate. Duraan kompiitarri harka nama dhuunfaa osoo hin ta’in, indastiriiwwan gurguddaa keessatti kan daanga’e ture. Biil Geetis, Haarvaarditti waggaa 1 ffaa barachaa osoo jiruu kompiitarri xiqqaan ‘Altair 800‘ jedhamu kaampaanii ‘MITS‘n kalaqamuu isaa barruu ‘Popular Electronics‘ jedhamu irraa dubbise. Yeroo kanatti kompiitara ‘Altair’ jedhamu kanaaf sooftiweeriin kalaqame hin turre. Kanas, Biil Geetis fi hiriyyaan isaa Paawul Alan akka carraa gaariitti fudhatan. Haaluma kanaan, pirogiraamii kompiitaraa ‘BASIC‘ jedhamu ‘Altair 800‘ irratti akka hojjatuuf madaqsanii milkaa’an. Kanaan booda, barumsa isaa addaan kutee bara 1975 A.L.A’tti sooftiweerii qopheessuuf hojii isaa eegale. Adeemsa kanaan bara 1980 A.L.A’tti kompiitarri dhuunfaa (PC) oomishamee akka gabaaf dhiyaatu ‘IBM‘ murteesse. Yeroo sana indastirii kompiitaraa keessatti gahee guddaa kan taphatu ‘IBM’ ture. Bu’uuruma kanaan, kaampaaniin ‘IBM’ jedhamu kun akkaataa kompiitarri itti hojjatu milkeessuuf fuula isaa gara Maayikiroosooftiitti deebise. Bara 1975 Biil Geetis fi Paawul Alan, wal-ta’iinsaan kaampaanii Maayikiroosoofti jedhamu hojjattoota 28 qabatanii hundeessan. Biil Geetis itti gaafatamaa kaampaanichaa ta’ee hojjachuu eegale. Waggaa sadii booda, kaampaanichi babal’atee hojjattoonni gara 128 ga’an, qabeenyi immoo doolaara miiliyoona 16’tti ol guddate.

Viidiyoo ajaa'ibaa dhoksaatti waraabame kana namni umuriin isaa 🔞🔞🔞🔞🔞➕➕➕ ol ta'e hundi haa ilaalu 👇👇👇👇👇👇 https://y
Viidiyoo ajaa'ibaa dhoksaatti waraabame kana namni umuriin isaa 🔞🔞🔞🔞🔞➕➕➕ ol ta'e hundi haa ilaalu 👇👇👇👇👇👇 https://youtube.com/channel/UCR7F0oBv3xwULq94CZop8KAsub_confirmation=1

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dhaaba bilisummaa Oromoof qabsaawu fi Oromiyaa bilisa baasuf socho'udha. https://oromiatimestruth.blogspot.com/2021/11/adda-bilisummaa-oromoo-abo-dhaaba.html