5 160
订阅者
-324 小时
+257 天
-3530 天
帖子存档
5 160
FAAYIDAA FOON HOOLAA
@ akka qorannoon agarsiisuutti foon hoolaa kan umriin isaa waggaa tokkoo baayyee filatamaadha jedha.
@ inni bira kan foon hoolaa filatamaa godhu iron (fe) baayyee qabaachu isaati
@ akkasumaas , gosa pirootinii , albuudota adda addaa fi vaaytaaminota , coomaa kan fayyaa keenyaa irratti miidha hin qabnee of keessaa qabaachu isaati
1. Faayidaa isaa keessa , fayyummaa maashaa keenyaa eeguuf
2. Jabeenya qaamaa keenyaaf
3.hir'ina dhiigaa nurra ittisuuf
4.dhukkuba onnee nurra hir'isa jiddu galeessaan yoo nyaanne
Hub : baayyisanii nyaachuu fi baayyeen bilcheessuunis rakkoo qaba jedhu.
Galatoomaa
Fayyaa Faaya
Eid mubrek for all muslim around the globe
By Dr Mohammed I
Gorsaalee Fayyaa Kharaa Khamiin
Akka Arkattu Barbaadda?
Filadhuutii Itti Dhihaadhuu
Me Kharuma Salphaan
Arkattaa.
https://t.me/DrmohammedIbrahim
Cuuqaasaa join godha
5 160
Namoota Shan ka jimaa qama’uu hin qabne.
1. Namoota dhibbaa dhiigaa qabanii fi dhibee onneetiif qoricha fudhachaa jiran kun hamma dhangala’iinsa dhiigaa dabaluun dhukkuba faliij fi heart attack f Nama saaxiluu dandaha.
2. Namoota dhibe mukaa’uutiif qoricha fudhatan hamma hormoonii dooppaminii dabaluun akka qorichi hin hojjanne taasisa.
3. Namoonni qoricha dhiiga qallisan fudhatan gonkuma jimaa fayyadamuu hin qabdan.
4. Namoota dhukkuba sukkaara qabaniif yoo waan sukkaara qabu jimaa wajjiin fudhatan sukkaara ol kaasuu dandaha akkasuma yoo jimaa qofa qama’an fedhii nyaata gad buusuun hamma sukkaara gad buusu danda’a.
5. Akkasuma namoota dhukkuba coggarraa qaban itti hammeeysu dandaha ammo kan hin qabneetiis fidu dandaha kanaaf namoonni asii olii dubbanne kun jimaa qama’u yoo dhiiftan isiniif gaariidha.
Galatoomaa
Dr Mohammed Ibrahim.
5 160
HIVn MAALII ??
HIVn vaayirasii sirna ittisa qaamaa miidhudha. HIVn hin yaalamne seelii CD4 kan gosa seelii ittisa qaamaa T seelii jedhamu irratti dhiibbaa geessisee ajjeesa,
KARAALEE IJOO HIVn ITTIIN DADDARBUU KESSAA
Namni kamiyyuu HIVn qabamuu danda'a. Vaayirasichi dhangala’oo qaamaa keessattin kan daddarbu yoo ta’u, isaanis:
dhiigaan
sanyii dhiiraatiin(sperm)
dhangala’aa qaama saalaa dhalaa kessaa bahuun (Vaginal secretion)
Harma hoosisuun haadha irraa gara daa’imaatti darbuu danda’a.
KARAALEEN HIVn NAMA IRRAA GARA NAMAATTI ITTI DARBU KEESSAA MURAASNI:
karaa walqunnamtii saalaatiin
qoricha lilmoo fayyadamuuf gargaaru, siriinjii fi meeshaalee biroo waliif qooduudhaan
meeshaalee tattoo fayyadamaa gidduutti osoo sterilizing hin godhin waliif qooduudhaan
yeroo ulfaa, (da’umsaa)Cimimuu ykn yeroo da’umsaa haadha irraa gara daa’imaatti ni dabra
yeroo harma hoosistuu
KARAALEE HIVn ITTIIN HIN DADDABARREE KESSAA
Vaayirasiin kun qilleensaan ykn wal dhungachuun, ykn tuttuqaa akka tasaatiin,nyaata waliin nyaachuun hin darbuu.
MALLATTOLEE HIV KAN SADARKAA JALQABAA
Kanneen armaan gadii of keessatti qabachuu danda’u:
Leydaa qaamaa qabaachuu
laagaan dhiita’uu
dhukkubbi qaamaa qabaachuu
qaama irratti akka alaarjikitti waa faca'uu
dhukkubbii qoonqoo
dhukkubbii mataa
AIDSn MAALI?
Namni HIV qabu tokko yaala malee dhukkuba hamaa Acquired Immunodeficiency Syndrome jedhamu kan AIDS jedhamuun beekamuuf saaxilama,
Yeroo sanatti sirni ittisa qaamaa dhukkuboota, infekshinii fi haalawwan biroo irratti milkaa’inaan deebii kennuu hin danda’an.
AIDSn dhukkuba namoota HIV qaban irratti mul'achuu danda'uudha. AIDSn sadarkaa dhumaa fi hamaa dhukkuba HIV ti . Garuu namni tokko HIV waan qabuuf qofa gara AIDS tti ni guddata jechuu miti.
HIVn seelii CD4 ajjeesa. CD4n Ga’eessonni ykn namnii fayyaa qabu tokko umamaan qabu akka waliigalaatti lakkoofsi CD4 dhiiga miliimeetira kiyuubii tokko kessa jiraachuu qabu 500 hanga 1,600 tahu qaba. Namni HIVn dhiiga isaa kessa jiru tokko lakkoofsi CD4 isaa dhiiga miliimeetira kiyuubii tokko kessaa <200 gad tahee argama.
MALLATTOON AIDS MAALI?
Mallattoon AIDS kanneen armaan gadii of keessatti qabachuu danda’a:
ho’a qaamaa irra deddeebi’ee dhufu
ujummoolee limfii ykn mudaamuddiin yeroo dheeraf ita'uu, keessumaa kan bobbaa ykn haarka jalaa, mormaa fi milaa
dadhabbii yeroo dheeraa
halkan dafqisiisuu
gogaa jalatti ykn afaan, hidhii ykn qola ijaa keessaa tuqaawwan dukkanaa’oo ta’an
madaa, tuqaa ykn madaa afaanii fi arraba, qaama saalaa ykn munnee
ulfaatina qaamaa saffisaan hir’isuu
rakkoolee (neurology) kan akka rakkina xiyyeeffannaa, yaadachuu dhabuu fi burjaajii
yaaddoo fi dhiphina sammuu
HIV AKKAMITTI OFIRRA ITTISNA??
Qorannoo HIV gochuu
Dhukkuboota walqunnamtii saalaatiin daddarban biroo (STIs) qorachuu .
Kondomii fayyadamuu.
Yoo HIV qabaatan qoricha isaanii akka qajeelfamaatti fudhachuu.
XIYYEFFANAAN KEENYA YEROO HUNDA HIV/AIDS OFIRRAA ITTISUU HAA TAHU !!!
Fayyaa hin dhabinaa!!!
5 160
FALA GUBA LAPHEEF ( Dhukkuba garaachaa)
1. Gosoota nyaata mi'eessituun itti baayyate irraa of qusachuu
2. Nyaata qullubbii, mimmixa ( barbareen ) itti baayyatee irra of qusachuu
3. Loomii, burtukaana , timaatima fa.
4. Nyaata coomaa
5 dhugaatii irraa alkoolii , karameellaa , chokoleeti, buna fi dhugaatiwwan lallaafaa. Irra ofqusachuun baayyee gaaridha.
6. Nyaata eega nyaatanii booda sa'atatii 2 turuun rafuu
7. Bishaan baayyisanii dhuguu, maastikaa alanfachuu ,
8 . Muuzii , apple nyaachu , shaayi jinjabilaan dhuguu
9. Aarii fi dhippachuu dhiisu akkasumaas spoortii hojjachuu ulfaatina keenya jiddu gala godhu qabna
10. Qoricha garaachaaf kennaman sirnaan fayyadamuu
Galatoomaa
Fayyaan lubbuu teenyaf
Page keenya like and follow gochuun mammilaa keenya taha
5 160
Eid mubarek ummanni muslimaa kan adunyaa maraatti argamtan.
Dr Mohammed irraa.
5 160
Dhukkuba onnee akkamitti ofirraa ittisuu dandeenya. #cocexam #duet
https://youtube.com/shorts/AYY1xXRBB8U?feature=share
5 160
Dhukkubsataa fi doktoraa #duet #doctor #patientcare .
https://youtube.com/shorts/bpTwBya8eoU?feature=share
5 160
Vidiyoo amma isiniif gad dhiisee dhiibbaa dhiigaa kan yeroo ulfaa Doctor Roba wajjiin afgaafii gooneedha
现已上线!2025 年 Telegram 研究 — 年度关键洞察 
