ar
Feedback
Dr mohammed Ibrahim

Dr mohammed Ibrahim

الذهاب إلى القناة على Telegram

Fayyaan ummata keenyaaf!

إظهار المزيد
5 113
المشتركون
-124 ساعات
-137 أيام
-2230 أيام
أرشيف المشاركات
photo content

Vaayirasii tiruu gosa B ykn (Hepatitis B virus) dubartiin ulfaa tokko yoo (positive) taate maal gochuu qabdi? Hunda dura akkaataa sadarkaa qorannoo biyya keenyatti dubartiin ulfaa tokko Vaayirasii kanaaf saaxilamte kan jennu yoo dhiiga ishii keessatti HBs Ag=positive tahee dha.Kana booda tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhachuun haadha tanaa fi daa’ima ishii balaa dhibee Kanaan wal qabatee dhufu irraa hambifna. 1ffaa:HBV DNA viral load ykn HBeAg ykn miidhama tiruu yeroo dheeraa(Cirrhosis) qorachuu. A.yoo HBV DNA viral load <200,000iu/ml ykn HBEAg negative akkasumas miidhamni tiruu yeroo dheeraa(Cirrhosis) kan hin jirre tahe,  Yaala hin barbaachisu.  Hordoffiin cimuu qaba  Daa’imni akkuma dhalateen talaallii farra virus kanaa fudhachuu qaba.Ji’a tokko boodas si’a 2 ykn sadiif talaallii kana fudhachuu qaba. B.Yoo HBV DNA viral load >200,000iu/ml garuu,HBeAg =negative akkasumas midhamni tiruu yeroo dheeraa (cirrhosis) kan jirre tahe,  Qoricha farra virus kanaa ji’a 7ffaa irra hanga gaafa da’umsaatti eegaluu.  Da’umsa booda irra deebi’anii ilaaluu fi hordoffii cimsuu.  Daa’imni akkuma dhalateen talaallii farra virus kanaa fudhachuu qaba.Ji’a tokko boodas si’a 2 ykn sadiif talaallii kana fudhachuu qaba.Yoo kan argamu tahe Ig fudhachuu qaba. C.Miidhamni tiruu yeroo dheeraa(cirrhosis) yoo jiraate ;yookiin HBV DNA viral load’n >20,000iu/ml fi liver enzyme”n ALT jedhamu baayyatee yoo olka’e,  Qoricha farra virus kanaa dafanii yeroo dheeraaf eegalchiisuu.  Daa’imni akkuma dhalateen talaallii farra virus kanaa fudhachuu qaba.Ji’a tokko boodas si’a 2 ykn sadiif talaallii kana fudhachuu qaba.Yoo kan argamu tahe Ig fudhachuu qaba.  Daa’ima kana erga talaallii fixee hordoffii cimsuu fi irra deddeebiin hanga negative ta’utti qorannoo barbaachisuu gochuu. 2ffaa.Miseensota maatii waliin tuttuqqaa qaban(abbaa warraa,ijoollee,hojjattuu mana keessaa….) akka qorataman gochuu fi bu’aan qorannoo HBsAg= negative yoo tahe dafanii talaallii farra virus kanaa akka fudhatan gochuu. Dr.Jamaal Gaabii Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yuunivarsiitii Wallaggaatti Gargaaraa profeesaraa fi Ispeeshaalistii waldhaansa Ulfaa fi Gadaamessaa.

Kun linkedin kiyya follow taasisaa

photo content

🎓🌟 𝐁𝐀𝐆𝐀 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐃𝐃𝐄! 🌟🎓 Dr. Nabila Sharif University Jimmaatti gosa barnootaa Dental Medicine barachuun qabxii olaanaa 3.9 GPA galmeessisuun barattoota bara kana keessaa sadarkaa olaanaadhaan xumuruun eebbaaf geessee jirti. Milkaa'inni kun hojii cimaa, obsaa, kutannoo fi cimina ishee keessaa madde. Bu'aan kun bu'aa akka tasaa argame osoo hin taane dadhabbii, hojii jabaa fi carraaqqii yeroo dheeraa irraa kan dhufeedha. Gammachuun kun ishee qofaaf osoo hin taane maatii, hiriyootaa fi namoota ishee jaallatan hundaaf gammachuu guddaadha. 🏅Dr Nabiilaan Abbaa Badhaasaa bara kanaa ta'uunis beekamee jira; guyyoota muraasa booda eebbi ishee kan gaggeeffamu yoo ta'u. Guyyaa kana ga'uuf imala dheeraa, guyyoota ulfaatoo, dadhabsiisoo fi qormaata hedduu akka dabarsite tilmaamuun nama hin dhibu. Ati dubartii jabduu, cimtuu fi kutannoo qabduudha. Nama Waan karoorfatte galmaan ga'uuf hojii barbaachisu hunda jabaattee hojjechuun beekamtudha; rakkoo si qunnamuuf abdii kutattee duubatti nama hin deebinedha. Har'a immoo firii dadhabbii kee fi hojii kee, kutannoo kee fi obsa kee ijaan arguuf geessee jirta. 🌹 Baga Gammadde Dr. Nabila Sharif! 🌹 Rabbi hojii kee keessatti si haa milkeessu. 🌹Nama Beekumsa kanaan ummata isaa tajaajilu sihaa godhu. 🌹 Milkaa'inni har'aa kun kan borii irraa caalaa haa ta'u. 👏 Baga Gammaddan! Baga Gammadde! 👏 "Milkaa'inni guddaan yeroo baayyee dadhabbii guddaa duuba dhufa." ✨🎓🌹 #DrNabilaSharif #DentalMedicine #JimmaUniversity #ProudMoment #Graduation #SuccessStory

photo content
+1

FAAYIDAA FOON HOOLAA @ akka qorannoon agarsiisuutti foon hoolaa kan umriin isaa waggaa tokkoo baayyee filatamaadha jedha. @ inni bira kan foon hoolaa filatamaa godhu iron (fe) baayyee qabaachu isaati @ akkasumaas , gosa pirootinii , albuudota adda addaa fi vaaytaaminota , coomaa kan fayyaa keenyaa irratti miidha hin qabnee of keessaa qabaachu isaati 1. Faayidaa isaa keessa , fayyummaa maashaa keenyaa eeguuf 2. Jabeenya qaamaa keenyaaf 3.hir'ina dhiigaa nurra ittisuuf 4.dhukkuba onnee nurra hir'isa jiddu galeessaan yoo nyaanne Hub : baayyisanii nyaachuu fi baayyeen bilcheessuunis rakkoo qaba jedhu. Galatoomaa Fayyaa Faaya Eid mubrek for all muslim around the globe By Dr Mohammed I Gorsaalee Fayyaa Kharaa Khamiin Akka Arkattu Barbaadda? Filadhuutii Itti Dhihaadhuu Me Kharuma Salphaan Arkattaa. https://t.me/DrmohammedIbrahim Cuuqaasaa join godha

photo content

Namoota Shan ka jimaa qama’uu hin qabne. 1. Namoota dhibbaa dhiigaa qabanii fi dhibee onneetiif qoricha fudhachaa jiran kun hamma dhangala’iinsa dhiigaa dabaluun dhukkuba faliij fi heart attack f Nama saaxiluu dandaha. 2. Namoota dhibe mukaa’uutiif qoricha fudhatan hamma hormoonii dooppaminii dabaluun akka qorichi hin hojjanne taasisa. 3. Namoonni qoricha dhiiga qallisan fudhatan gonkuma jimaa fayyadamuu hin qabdan. 4. Namoota dhukkuba sukkaara qabaniif yoo waan sukkaara qabu jimaa wajjiin fudhatan sukkaara ol kaasuu dandaha akkasuma yoo jimaa qofa qama’an fedhii nyaata gad buusuun hamma sukkaara gad buusu danda’a. 5. Akkasuma namoota dhukkuba coggarraa qaban itti hammeeysu dandaha ammo kan hin qabneetiis fidu dandaha kanaaf namoonni asii olii dubbanne kun jimaa qama’u yoo dhiiftan isiniif gaariidha. Galatoomaa Dr Mohammed Ibrahim.

photo content

 HIVn MAALII ??  HIVn vaayirasii sirna ittisa qaamaa miidhudha. HIVn hin yaalamne seelii CD4 kan gosa seelii ittisa qaamaa T seelii jedhamu irratti dhiibbaa geessisee ajjeesa, KARAALEE IJOO HIVn ITTIIN DADDARBUU KESSAA Namni kamiyyuu HIVn qabamuu danda'a. Vaayirasichi dhangala’oo qaamaa keessattin kan daddarbu yoo ta’u, isaanis:  dhiigaan  sanyii dhiiraatiin(sperm)  dhangala’aa qaama saalaa dhalaa kessaa bahuun (Vaginal secretion)  Harma hoosisuun haadha irraa gara daa’imaatti darbuu danda’a. KARAALEEN HIVn NAMA IRRAA GARA NAMAATTI ITTI DARBU KEESSAA MURAASNI:  karaa walqunnamtii saalaatiin  qoricha lilmoo fayyadamuuf gargaaru, siriinjii fi meeshaalee biroo waliif qooduudhaan  meeshaalee tattoo fayyadamaa gidduutti osoo sterilizing hin godhin waliif qooduudhaan  yeroo ulfaa, (da’umsaa)Cimimuu ykn yeroo da’umsaa haadha irraa gara daa’imaatti ni dabra  yeroo harma hoosistuu KARAALEE HIVn ITTIIN HIN DADDABARREE KESSAA  Vaayirasiin kun qilleensaan ykn wal dhungachuun, ykn tuttuqaa akka tasaatiin,nyaata waliin nyaachuun hin darbuu. MALLATTOLEE HIV KAN SADARKAA JALQABAA Kanneen armaan gadii of keessatti qabachuu danda’u:  Leydaa qaamaa qabaachuu  laagaan dhiita’uu  dhukkubbi qaamaa qabaachuu  qaama irratti akka alaarjikitti waa faca'uu  dhukkubbii qoonqoo  dhukkubbii mataa AIDSn MAALI?  Namni HIV qabu tokko yaala malee dhukkuba hamaa Acquired Immunodeficiency Syndrome jedhamu kan AIDS jedhamuun beekamuuf saaxilama,  Yeroo sanatti sirni ittisa qaamaa dhukkuboota, infekshinii fi haalawwan biroo irratti milkaa’inaan deebii kennuu hin danda’an.  AIDSn dhukkuba namoota HIV qaban irratti mul'achuu danda'uudha. AIDSn sadarkaa dhumaa fi hamaa dhukkuba HIV ti . Garuu namni tokko HIV waan qabuuf qofa gara AIDS tti ni guddata jechuu miti.  HIVn seelii CD4 ajjeesa. CD4n Ga’eessonni ykn namnii fayyaa qabu tokko umamaan qabu akka waliigalaatti lakkoofsi CD4 dhiiga miliimeetira kiyuubii tokko kessa jiraachuu qabu 500 hanga 1,600 tahu qaba. Namni HIVn dhiiga isaa kessa jiru tokko lakkoofsi CD4 isaa dhiiga miliimeetira kiyuubii tokko kessaa <200 gad tahee argama. MALLATTOON AIDS MAALI? Mallattoon AIDS kanneen armaan gadii of keessatti qabachuu danda’a:  ho’a qaamaa irra deddeebi’ee dhufu  ujummoolee limfii ykn mudaamuddiin yeroo dheeraf ita'uu, keessumaa kan bobbaa ykn haarka jalaa, mormaa fi milaa  dadhabbii yeroo dheeraa  halkan dafqisiisuu  gogaa jalatti ykn afaan, hidhii ykn qola ijaa keessaa tuqaawwan dukkanaa’oo ta’an  madaa, tuqaa ykn madaa afaanii fi arraba, qaama saalaa ykn munnee  ulfaatina qaamaa saffisaan hir’isuu  rakkoolee (neurology) kan akka rakkina xiyyeeffannaa, yaadachuu dhabuu fi burjaajii yaaddoo fi dhiphina sammuu HIV AKKAMITTI OFIRRA ITTISNA??  Qorannoo HIV gochuu  Dhukkuboota walqunnamtii saalaatiin daddarban biroo (STIs) qorachuu .  Kondomii fayyadamuu.  Yoo HIV qabaatan qoricha isaanii akka qajeelfamaatti fudhachuu. XIYYEFFANAAN KEENYA YEROO HUNDA HIV/AIDS OFIRRAA ITTISUU HAA TAHU !!! Fayyaa hin dhabinaa!!!

Kunii instagram kiyya

photo content

FALA GUBA LAPHEEF ( Dhukkuba garaachaa) 1. Gosoota nyaata mi'eessituun itti baayyate irraa of qusachuu 2. Nyaata qullubbii, mimmixa ( barbareen ) itti baayyatee irra of qusachuu 3. Loomii, burtukaana , timaatima fa. 4. Nyaata coomaa 5 dhugaatii irraa alkoolii , karameellaa , chokoleeti, buna fi dhugaatiwwan lallaafaa. Irra ofqusachuun baayyee gaaridha. 6. Nyaata eega nyaatanii booda sa'atatii 2 turuun rafuu 7. Bishaan baayyisanii dhuguu, maastikaa alanfachuu , 8 . Muuzii , apple nyaachu , shaayi jinjabilaan dhuguu 9. Aarii fi dhippachuu dhiisu akkasumaas spoortii hojjachuu ulfaatina keenya jiddu gala godhu qabna 10. Qoricha garaachaaf kennaman sirnaan fayyadamuu Galatoomaa Fayyaan lubbuu teenyaf Page keenya like and follow gochuun mammilaa keenya taha

Eid mubarek ummanni muslimaa kan adunyaa maraatti argamtan. Dr Mohammed irraa.
Eid mubarek ummanni muslimaa kan adunyaa maraatti argamtan. Dr Mohammed irraa.

Dhukkuba onnee akkamitti ofirraa ittisuu dandeenya. #cocexam #duet https://youtube.com/shorts/AYY1xXRBB8U?feature=share