1 455
订阅者
-324 小时
+57 天
+830 天
帖子存档
1 455
👤 Shukrii Jamaal - Waadaa (New Afaan Oromoo music)🔥🔥
⏰ 5:15 minute
File-size : 4.8 MB
@HinseeneeH
@HinseeneeH
1 455
Ati anaaf addadha
Si jechuu, kan ani gonkumaa wajjiin haasa'uuf hin nuffine, kan tasuma quufu hin dandeenyee fi kan guyyaa guutuu, yeroo hunda sammuu koo keessa jirtu dha. Niyyaa tokko malee argaa qofaan kan na gammachiisu, kan na kolfisiisuu, miira koo irratti dhiibbaa kan uumu si fi si qofa dha. Hangam akka ati anaaf hiika qabdu jechaan ibsuu hin danda'u, garuu immoo si jechuun nama ani dhabuu sodaadhuu fi jireenya koo keessatti yeroo hunduma qabachuu barbaadudha.
Ati anaaf addadha.
@HinseeneeH
@HinseeneeH
1 455
Repost from Dr. Abdisa Ejeta
Imala kee dursii kana hubadhu!
'Namni maal naan jedhaa?'n waan namni siin jedhu jijjiiree hin argamu; garuu eenyummaan kee gooftaa waan siin jedhamuuti. Kanaaf ofitti amanummaa kee gabbisii qabadhu! Akka siin jedhan ta'uuf osoo hin taane, akka taatee argamtu akka jedhamtuu dalagi. Hamma geessuus hin ibsiin; hammi geessuu sunuu ragaadha. Hundaaf gurra ergisuunis gurra kaayyoo ofiitti dugda gatuu akka ta'e yaadaan qabadhuu deemsa itti fufi. Imala milkii!
Gaafa sochii eegaltu sirrattis sochiitu eegalama. Waa'een kee karaa lamaan odeeffamuu itti fufa. Kaan sababa malee si jibba, sirratti odeessa, maqaa kee faalee dhiisuu dida, dhagaa filee sitti darbata. Kaanimmoo ofitti si waama, harka walitti siif rukuta, dibbee siif reeba! Eeyyeen kanatu jira! Kun jiraachuu isaa hubachuufi kanaaf deebii akkamii akka laattus of harkaa qabaachuutu si ceesisa.
Kan akkan taaneen si hordofu hin hordofiin. "Jaldeessa faana dhahuun hallayyaa nama buusa!" jedha Oromoon yeroo mammaaku. Kan sitti wacu gargaartee sagalee wacaa ol kaasuun, gurra gara kaayyoo kee hin butuchiin, dhagaa sitti darbamuu walitti qabi riqicha ce'umsaafi mana galmaa ittiin ijaarratta, jechoota sin ilaalle sitti maxxanan immoo akka dubbii waa'ee hin baafneefi balfa gatamaatti fageenyatti ofirraa eegi.
Akkanuma, kan si faarsu faana of hin faarsiin; gaafa si arrabsu faana of arrabsuu malta. Sagalee weedduu iddoo siif hin malletti miirri siif kennu dhageessee weedduufi gonfoo gaara mo'ichaa irraa akka hin hafnetti of eegi. Badhaasa siif kennamu adda baasii beeki. Badhaasnifi jajjabeessi siif hin mallee itti quufinsa sobaa si gonfachiisuun karaa jal'uurra si qajeelchu. Eeyyeen, kan siif laatu kennaa isaa dura, eenyummaa isaa adda baasi. Hubataa ta'i!
Kan siif jibbu jaalattee kan si jibbu hin jibbiin. Kan siif reebuu ol kaastee, kan si reebuu reebuuf yeroofi annisaa kee hin gubiin. Kana hundumaa, akka galumsaatti, keessumeessuu akka dandeessuuf ogummaa dabaladhu.
Imala milkii!
Abdiisaa Ejjetaa U. Bantii, 2020
~~~~
@Galaakoo
@Orobook
1 455
Hacaaluu Hundeessaa -
Maal Mallisaa ?
Vocal Only Music - Made by Ilma Ayu(Gaaddoo)
Subscribe My Youtube Channel : https://www.youtube.com/@hinsoovlog
@HinseeneeH
@HinseeneeH
