Oro Tech Tips
前往频道在 Telegram
Chaanaalii kanarraa👇 ■Games ■APPS ■Programming ■Tech news ■Tech tips argattu! Buy ads: https://telega.io/c/Oro_Tech_Tipz 📥 @OroTechTipsBot
显示更多未指定国家技术与应用19 369
4 980
订阅者
-324 小时
-197 天
-9130 天
帖子存档
4 980
Ministeerri barnootaa appilikeeshinii “Agent AI Teacher Assistant” (Agentic AI Teacher Assistant) jedhu kan guutummaatti sarara irraa bahee hojjetu fi of danda’ee murtee kennuu danda’u horateera.
-----------------//-------------
(Ginbot 28/2018 E) Ministeerri barnootaa AI appilikeeshinii hojii guyyaa guyyaa barsiisota sadarkaa 2ffaa hir’isu, guutummaatti sarara irraa badee hojii of danda’ee hojjeta.
Akka ICT fi Digital Education CEO Zelalem Asaffaa (Doctor) jedhanitti, application kun sarvarii giddugaleessa ykn teeknooloojii duumessa irratti hin hirkatu, garuu salphumatti kompitara naannoo irratti kan fe’amu fi dandeettii keessoo qaba jedhe.
Akkaataa sirna barnootaa haaraatti kitaabota kutaa 9ffaa - 12ffaa akka Datasettti, guutummaatti qoratanii hubachuuf AI application qopha’eera. (Model Fine-Tuning).
Appilikeeshinichi karoora barnootaa qopheessa, gaaffilee qormaataa fi assaayimentii sadarkaa isaa eeggate kan maddisiisu, akkasumas tarsiimoowwan barsiisummaa mataa isaatiin qindeessuu kan Kunis yeroo gatii qabeessa barsiisonni hojii birokiraasii guyyaa irratti dabarsan guutummaatti kan hir’isu ta’uus himaniiru.
Barsiisonni yeroo gahaa barattoota isaanii waliin qunnamtii kallattii akka qabaatan gargaaruun alatti qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa akka qabu Dr. Zelaalem eeraniiru.
CEOn akka jedhetti teeknooloojiin kun ulfaatina ifaa LLM moodeela salphaa ta’e laptoppii yookiin desktop kompiitara kamirrattuu osoo hin barbaachisin fe’uu danda’a.
Muuxannoo manneen barnootaa filatamaniitiin appilikeeshiniin bu'aa gaarii argamuu kan ibsan ogeessi kun, barsiisotaafi ogeessota teeknooloojii naannolee hundarraa dhufaniif leenjiin kennamuus ibsaniiru.
Gorsaan kutaa ICT Muluneh Atnaafuu (Doktor), gama isaaniitiin, appilikeeshiniin AI kun qaama tarsiimoo dijitaalaayizeeshinii barnootaa waliigalaa ministeera barnootaa baase akka ta’e ibsanii jiru.
Digital divide riqicha: AI application guutumatti Offline Mode irratti hojjeta. Appilikeeshinichi tajaajila addaan hin cinne kenna jedhan keessumaayyuu manneen barnootaa baadiyyaafi fageenyatti bakka networkiin interneetii hin jirre yookiin baay’ee murtaa’aa ta’e.
Kunis garaagarummaa manneen barnootaa magaalaa fi baadiyaa gidduu jiru akkasumas qulqullina barnootaa (Digital Divide) sadarkaa ol’aanaatti akka ceesisu hubataniiru.
Zero Infrastructure & Subscription Costs ilaalchisee application kompitara irratti yoo fe’ame kaardiin interneetii ji’aan hin jiru, network diriirsuu ykn AI fayyadamuun akka barbaachisu ibsanii jiru.
AI application kun barsiisota ammayyaa’aa fi salphaa kan taasisu qofa osoo hin taane, barattoonni deeggarsa fooyya’aa karaa walitti fufiinsa qabuun akka argatan gochuun firii isaanii akka fooyyessu ni ibsa.
Pirojektiin Cehumsa Barnoota Itoophiyaa baankii addunyaatiin deeggarame sadarkaa yaalii AI application (Pilot) hojiirra oolchuu fi babal’ina dabalataa deeggarsa teeknikaa barbaachisaa ta’e gochuudhaan manneen barnootaa keessatti ijaaramuun bu’aa olaanaa qaba.
4 980
Dhuguma iran 🇮🇷 Addunyaa kana dukkaneessuufii ?
Iran 🇮🇷 Keebiliiwwan IT addunyaa 🌎 galaana jalaa yoo cirte maaltu taha ❓❓❓
Keebiliin galaana jalaa toora keebilii faayibar optikii kanneen galaanaa jala diriiran yoo ta’u, lafee dugdaa interneetii fi qunnamtii idil-addunyaati .
🌍 Keebiliin kun maali?
Isaanis keebilii baay’ee dheeraa ta’ee fi lafa galaanaa irratti awwaalame ykn diriirfamee fi:
• Intarneetii
• Bilbila idil-addunyaa
• Daataa (kan akka viidiyoo, baankii, fi appii) ti
Tiraafikoonni interneetii addunyaa %95 ol akka namoonni tokko tokko amananitti karaa saatalaayitii osoo hin taane karaa keebilii kanaan darba.
⚙️ Akkamitti hojjeta?
• Fiiber optikaalaa kan daataa akka paalsii ifaatti dabarsan of keessaa qaba.
• Mallattoon kun maayilii hunda (tilmaamaan km 50–100) karaa irra deddeebitoota bishaan jalaa ni guddata.
• lafa irratti bu’uuraa “buufata keebilii” jedhaman waliin kan walqabatudha.
🌐 Fakkeenyota Keebilii Giloobaal Barbaachisoo
Keebilii beekamoo ta'an keessaa muraasni:
• SEA -ME -WE 3/4/5
(Kibba Baha Eeshiyaa Baha Giddugaleessaa fi Awurooppaa walitti hidhu)
•FLAG (Fiber-Optic Link Around the Globe 🌍 ) .
- Keebilii addunyaa durii fi dheeraa ta'e keessaa tokko
• AAE-1 (Eeshiyaa-Afrikaa-Awurooppaa-1) .
Karaa Baha Giddu Galeessaatiin Eeshiyaa Afrikaa fi Awurooppaa waliin wal qunnamsiisuu
• Marea
Keebilii ammayyaa Awurooppaa fi Ameerikaa walqunnamsiisu (dhaabbilee akka Microsoft fi Meta irraa deeggaramuu)
📍 Maaliif baay'ee barbaachisaa ta'e?
• Osoo inni hin jiraatin intarneetiin addunyaa ni kufa ture.
• Kan irratti hirkatu:
• Baankotaa fi jijjiirraa faayinaansii
• Dhaabbilee teeknooloojii
• Mootummootaa fi qunnamtii waraanaa
⚠️ Barbadeessuun ni danda’amaa ?
Eeyyee, garuu salphaa miti:
• Keebiliiwwan baay’ee gadi fagoo fi haala wal madaaluun eegumsa kan qaban dha.
• Haa ta’u malee, kanneen armaan gadiitiin miidhamuu danda’u:
• Doonii (anchorages) .
• Kirkira lafaa
• Gochaalee sabotage (harka xiqqaa ta’us ni danda’ama) .
Fakkeenyaaf, Strait of Hormuz naannoo miira namaa kakaasudha sababiin isaas keebiliin baay’een naannoo sana darba.
▶️ Tarii iran 🇮🇷 muddama hamaa irra gaafa geesse barbadeessuus dandeessi garuu hanga ammatti qabataamaan wanti isiin jette hin jiru
🧠 Odeeffannoo Barbaachisaa
Humnoonni gurguddoon (kan akka Ameerikaa fi Chaayinaa) keebilii kana akka qabeenya tarsiimootti kan ilaalan yoo ta’u, waraana ykn muddama keessatti xiyyeeffatamuu isaanii yaaddoon yeroo hunda ni mul’ata.
4 980
🚨 BREAKING: Google maps Amma update har'aa waggoottan boodaa gaddadhisee jiraa
Kuunis navigation har'aa fi Gemini itti dabalate jira
4 980
Repost from ABBI TECH
Google yaalii shaakala seensa yuunivarsitiitiif Scholastic Aptitude (SAT) bilisaa kennuu eegaleera.
Google yaaliiwwan yaalii artifishaal intelejensii Geminiitiin humneeffame yaaliiwwan scholastic aptitude bilisaa jalqabsiise. Barattoonni haala salphaan qormaata fudhachuu danda'u, bu'aa isaanii xiinxaluu fi gaaffii dogoggoraatiif ibsa bal'aa argachuu danda'u qajeelfama kennuudhaan. Google tajaajila kana haala qulqullina qabuun kennuuf dhaabbata barnootaa Princeton Review jedhamu waliin ta'uun tajaajila kana qopheessee jira.
Dandeettiin barattootaa rakkoo furuu fi xiinxalli ofii isaanii Al irratti hirkachuu irraa kan ka'e dadhabuu akka danda'u yaaddoon ogeessota barnootaa biratti ka'e jira. Haa ta'u malee tarkaanfiin kun barattoota barsiisaa gargaaraa dhuunfaa qaalii qacaruu hin dandeenyeef carraa gaariidha jedhameera.
Akka odeeffannoo qabatamaa Google'tti, barsiisonni karoora barnootaa akka baafatanii fi barnoota sagalee akka qopheessaniif siistama Gemini dursee eereera. Tajaajilli qophii SAT haaraa kunis qaama isaati.
Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa qormaata koolleejjonni biyya alaa hedduun fudhachaa jiran keessaa isa tokko ta'uun barattootaaf carraa guddaa ta'uun ibsame.
4 980
Repost from ABBI TECH
AI Assistant maali?
Artificial Intelligence Assistant jechuun hubannoo Nam-tolchee kanneen bakka namaa bu'anii yeroo namni hin jirretti tajaajila barbaachisu maamiltootaaf kennaniidha. Yeroo ammaa kanatti software, website fi application garagaraa kanneen hojjataman harki caalaan isaanii AI Assistant waliin hojjatamu. Dhaabbileen hedduunis yeroo tajaajiloota kanneen hojjechiifatan AI Assistant qabaachuu akka ulaagaa software ykn website ykn application isaaniitti waliin ajajatu.
Mee maalumaa AI Assistant gabaabinaan haa ilaallu. Fakkeenyaaf website dhaabbata tokkoo yeroo hojjannutti AI Assistant waliin hojjachuu dandeenya. Fayyadamtoonni website sanaa yeroo dhimma tajaajiloota dhaabbata sanaa waliin wal qabatee odeeffannoo argachuuf gara website dhaabbatichaa seenan wanti isaaniif ifa hin taanee fi gaaffii isaanitti tahu yoo jiraate, salphumatti ai Assistant website sana waliin hojjatame gaafachuudhaan deebii gahaa argachuu dandahu.
Ai Assistant kunis waa'ee dhaabbatichaa gad fageenyaan dursa kan leenjifamu yeroo tahu, innis leenjii fudhatee fi beekkumsa barsiifame irratti hundaa'ee gaaffii maamiltoonni gaafatan akkuma ilma namaatti deebii kennaaf. Asitti wanti hubachuu qabnu, dursa ni leenjifama malee, kallattiidhaan deebiin inni deebisuu qabu itti hin himamu. Innis waan baratee fi leenjifame irra dhaabbatee, ofii isaatiif yaada isaa waan deebii taha jedhu qindeessee deebisaaf.
Haala saniin dalagaa silaa nama itti ramadnee baasii biraatiif nama saaxiltu AI Assistant fayyadamnee, baasii jalaa baraaramuu danda’ama.
4 980
Telegram Karaa Passkeys Osoo Koodii yookaan Lakkoofsa Bilbilaa Hin Barbaachisin Seenuuf Qophii Gochaa Jira
Gara fuula duraatti, Telegram sagantaa (feature) karaa Passkeys ittiin login gochuu hojiirra oolchuuf karoorfata jira . Mallattooleen jalqabaa qophii kanaa Telegram Beta version 12.2.8 kan Android irratti argamaniiru.
Faayidaan guddaan Passkeys osoo lakkoofsa bilbilaa yookaan koodii yeroo tokkoof qofa hojjetu hin galfatin gara akaawuntii keessan seenuuf isin dandeessisuu dha. Kunis karaa imeeilii yookaan Google / Apple ID’n ittiin seenan irraa adda isa godha, isaan kun bakka bu’oota koodii SMS argachuuf gargaaran malee.
Tuunboon “log in using passkey” jedhu iskiriinii seensaa app irratti mul’ateera. Yoo tuqan, kun paaswoordii keessan kan iccitii to’atu bana, innis eenyummaa keessan Face ID, quba harkaa yookaan PIN lock iskiriinii keessanii fayyadamuun mirkaneeffata. Kana irraa, ergamaan sun mallattoo keessan argata, innis akka seensaatti, akka paaswoordiitti, fi akka koodii mirkaneeffannaa yeroo tokkoof hojjetuutti yeroo tokkotti hojjeta.
Akkuma seensa imeeilii, sagantaan haaraan kun duraan dursa teessuma nageenyaa Telegram keessatti qophaa’uu (pre-configured) qaba. Furtuun sun bilbila irratti uumame sana irratti tooraa, garuu karaa Google Password Manager, iCloud Passwords, yookaan appilikeeshinii biroo irratti kanneen biroo wajjin wal simsiifamuu danda’a.
Maaliif barbaachisaa dha?
● Hirkattummaa SMS irratti qabnu gadi buusa: Kun osoo seensawwan (sessions) hojjetan hin qabinii fi tajaajila bilbilaa kennituun keessan ergaa SMS Telegram irraa dhufu cufaa jirtu illee seensa akka danda’amu godha.
● Nageenya: Passkey sun kutaa nageenyaa jabaa to’ataa paaswoordii keessanii keessatti tooraa—hin butamu, yookaan saayitii phishing irratti hin galfamu.
● Saffisa: Seensi tuqaa tokkoon karaa baayoo meetiriksii (fuula yookaan quba harkaa) raawwatama. Yoo bilbila geeddaran, Passkey sun karaa Google akaawuntii keessanii yookaan Apple ID keessanii to’ataa paaswoordii keessanii wajjin ofumaan wal sima.
Sagantaan kun amma hojjetamaa jira, guutumaan guututti hojiirra hin oolle. Oduu dabalataa waa’ee Telegram Beta version channel keenya Beta Info irratti hordofaa.
#Android #beta #security
4 980
Raashiyaan Siim Kaardii (SIM Card) Maatiin sochii ijoollee isaanii ittiin hordofan hojiirra oolchite.
Siim Kaardiin (SIM Card’n) maatiin sochii ijoollee isaanii ittiin hordofan ifoomsuu Ministirri Misooma dijitaalaa, Kominikeeshiniifi Miidiyaa Raashiyaa Maakisuut Shaadayeev himan.
Siim Kaardiin kunis Nageenya daa'immanii eeguuf yaadamee kan qophaa'edha jedhame.
Akkasumas Siim Kaardiin kun ijoolleen umriin isaanii waggaa 14 gadi ta’an qabiyyee miidiyaa hawaasaa hin malleefi marsariitiiwwan barbaachisoo hintaane akka hin ilaalle kan daangessu ta’uutu ibsame.
Maatiin odeeffannoo SIM kaardichi isaaniif ergu fayyadamuun bakka ijoolleen isaanii jiran beekuu akka danda’an eerameera.
4 980
🎰 A gaming hub inside the bot: slots, dice, racing, and more — pick your favorite and jump in with friends!
Instant withdrawals in USDT.
This isn’t just a game. It’s a chance that can change everything. It’s your chance.
➡️ Go to the bot: @Gambitlybot
➡️ Go to the bot: @Gambitlybot
➡️ Go to the bot: @Gambitly_bot
🎁 BONUS: +1000 free bets with promo code
SKAZOCHNOEBALI4 980
+2
Itoophiyaatti haleellaan Saaybarii dabalaa dhufuu ibsameera.
Itoophiyaatti haleellaan Saaybarii bara 2017 qofa yeroo 13,400 ol akka aggaamame Bulchiinsi Nageenya Neetworkii Odeeffannoo (INSA) beeksisuun gabaafame.
Itoophiyaan bara darbe 2016 A.L.I aggaammiin haleellaan saayibarii 8,854 taasifamee akka ture ibsuun, bara 2017'tti gara 13,496’tti olguddachuu Daayirektarri Olaantuun dhaabbatichaa Aadde Tigisti Haamiidii Sirna kabaja Nageenya Saayibarii Biyyoolessaa kabajamu irratti dubbataniiru.
Aggaamiwwan kun miidhaa guddaa osoo hin geessisin ‘qolanne’ jechuun ,lakkoofsi namoota teknooloojii saayibarii fayyadamanii dabaluun yaalii haleellaa kanaaf sababoota ijoodha jechuun gabaafameera.
4 980
Baga Geessan
#Jijjiirama_Waggaa_Ayyaantutu_Arga!
Ummata Itoophiyaa Hundaan Baga Bara Haaraa 2018 Nagaan Geessan/Geenye Jedhuun, Barri Haaraan Kan Nagaa, Gammachuu, Fayyaa, Badhaadhinaafi Milkaa'inaa Akka Ta'u Hawwa!
#Bara_Gaarii!
ለኢትዮጵያ ሕዝብ በሙሉ እንኳን ለአዲሱ ዓመት 2018 በሰላም አደረሳችሁ/አደረሰን እያለ፤ አዲሱ ዓመት የሰላም፣ የደስታ፣ የጤና፣ የብልፅግናና የስኬት ዓመት እንድሆንልን ተመኝቷል!
#መልካም_አዲስ_ዓመት!
4 980
Galaana Diimaa keessatti keebiliin tibbana adda cituusaatiin tajaajilli intarneetii gufate.
Dhaabbanni teekinoloojii guddichi Maakiroosooft kun tajaajilli kennaa ture UAE fi biyyoota Eeshiyaa muraasa keessatti Sambattan kana adda citee akka ture beeysise.
Baha Jiddu-galeessaatti saffiisni intarneetii hir’achuun, tajaajilli jiddugala odeeffannoo dhaabbatichaa akka harkifatu taasise.
Waraana Israa’el Gaazaatti taasistuun walqabatee kan qeeqamu Maakiroosoft, miidhaan keebilii galaana jalaa awwaalamanirra dhaqqabe maal akka ta’e ifatti hin ibsine. Garuu karaa tajaajilli intarneetii kun daddarbu gara biraatti jijjiiruu ibseera.
Keebiliin galaana jala awwaalame kun odeeffannoo ardiilee jidduutti daddabarsuun tajaajila kenna, kanaaf tajaajila intarneetiif bu’uura.
Dhaabbanni Maakiroosooft akka beeysisetti, keebiliin intarneetii Galaana Diimaa keessatti cituusaatiin tajaajilli intarneetii harkifachuu mala jedheera.
Tajaajila interneetii addunyaa kan hordofu Neet Bilook, keebiliin Galaana Diimaa adda cituusaatiin Hindii fi Paakistaan dabalatee biyyoota baay'ee keessatti tajaajilli intarneetii adda cituu ibseera.
4 980
#BAGA_GAMMADDAN🎉🎊.🇪🇹
#BAGA_GAMMANNE 🎉🎊 🇪🇹
Baga Jala bultii Eebba Hidha Haroomsa Guuddichaa Itoophiyaatiin isiin gahe. ‼️👏👏
Lammii hundatu ashaaraa keessaa qaba.💥💥💥💥
4 980
Google's Voe 3 Ai Model🔥
🛑 Voe 3 - Ai model haaraa dhaabbata Google'n #develop ta'anii guyyoota muraasaan duratti #launch godhaman keessaa isa tokko yoo ta'u, wantoota dinqisiisoo inni qabatee dhufe addunyaa ajaa'ibsiisee jira.
🛑 Ai model kun video #scene isaa eeggate audio fi wantoota garaagaraa dabalatee qulqullina olaanaadhaan jalqabaa kaasee haga xumuraatti prompt ykn ajaja tokko qofaan #generate gochuu danda'a.
🛑 Akkuma beekamu Ai model haga ammaatti jiran hedduun isaanii text, audio ykn video generate gochuuf #prompt (ajaja) garaagaraa duraa duubaan kennuufiitu nurraa eegama. Kanneen ajaja tokkoon generate godhan ammoo, gariin qulqullinatu isaan hanqata gariin ammoo realistic miti (akka Ai dhaan generate ta'an sirriitti beeksisu).
🛑 Ai model Voe 3 kun garuu ajaja #prompt tokkicha kennameef fayyadamuun video, audio, akkasumas sound effect fi wantoota barbaachisoo addaa addaa waliin video scene guutuu qabu haga waan inni Ai dhaan uumame hin fakkaannetti generate gochuu danda'a.
🛑 Kana qofa osoo hin taane Ai model kanaan walqabatu fi #FLOW jedhamu fayyadamuun ofii keessan akka #character tokkootti galchuun namoota beekamoo feetan waliin bakka feetanitti video movie scene isaa eeggatee fi baayyee realistic ta'e hojjechuu dandeessu.
🛑 Video #generate ta'u kanaafis ammoo akkaataa fedhii keessaniin kallattii kaameeraa (camera angle) feetan filachuu dabalatee wantooota hedduu qajeelchuun haala dhugaa irraa hin fagaanneen #generate gochuu dandeessu.
🛑 Ai kun irra jireessaan namoota akka filmmakers, storytellers ta'an fi dalagaawwan kanaan walqabatanii jiran irratti hirmaataniif gumaachaa olaanaa godha jedhamee eegama.
🛑 Amma irratti Ai tool kun bilisaan gadi hin lakkifamne, haata'u malee kaffaltiidhaan akkasumas namoonni Google AI Pro fi Google AI Ultra plans #subscribe gochuun fayyadamaa jiran access gochuu danda’u.
4 980
+1
Balaa keessa jirra fakkaata!
#Eenyummeessaa(Account) Gmail namoota biliyoonaa olii hundi butamuutu himame.
Keessattuu #Dookumantiin Odeeffannoo Daldalaan walqabatuu saamameera jedha gabaasni Miidiyaalee idil-addunyaa...
Balaan kun balaa guddaa dhaabbata Google mudate jalqabaati jedhameera....
》Daddafnee ofdhaqqabuu qabna natti fakkaata.🚶
4 980
Yeroon nun kessaa jiruuu kan teeknolojiiti marree egaa nunis kana ilaaludhan afaan oromootin :-
Odeffanno teeknoloji garagaraa🚀
wa'ee koompiitara💻🖥
free internet🌍🌐
appota barbachisoo garagaraa⚙️
money making💸💰 fi Wantoota garagaraa channel isin irraa barachuu dandessan qabannee dhufnerra🔥
@Ella_Tech1 @Ella_Tech1
4 980
karaalle Itiyoopiyaa keessatti TikTok irraa mallaqa ittin ..
Amma Ethiopia keessatti TikTok irraa dhugumaan maallaqa argachuuf karaa gurguddoo lama qofatu jira:
1️⃣TikTok Live Gifts (Diamonds) Yoo TikTok live ( Vedio Tammsasa kallatti yeroo namoonni si ilaalu) qopheessite, namoonni si hordofan gift virtual siif ergu danda’u. Gift sun TikTok irratti “diamond” tti jijjiirama.
Diamond san immoo TikTok irraa PayPal ykn bank account biyya tokko irratti jijjiiruun maallaqa argachuu dandeessa.- Ethiopia keessatti PayPal ykn bankii biyya keessaa hin jiruuf, namoonni hedduun bankii biyya alaa ykn maatii biyya alaa jiran fayyadamu.
2️⃣Sponsorship / Brand Deals(bekksiisaa)
Yoo followers kee baay’ate (kuma tokkoo ol, hedduun immoo 50K+ fi oli), companies fi brands sitti dhufu, akka product isaanii beekksiisftuuf siif kaffalu.
⚠️ Wanti amma hin jirre Ethiopia keessatti:
- TikTok Creator Fund (like tokkoon kaffalu)
- Ad Revenue Share (akka YouTube Partner Program)
@abbi_tech
现已上线!2025 年 Telegram 研究 — 年度关键洞察 
