3 632
订阅者
无数据24 小时
-107 天
-730 天
帖子存档
3 632
Real Senerio for discussion
1.x mucayyoo waggaa 8 ti.waggaa sadi dura dhibee PTB+ve qabamtee yaala xumurtee jirti,yeroo amma kana haati ishee dhibee PTB+ven qabamtee jirti.
A)daa'imni kun TPT ni fudhattii
B)namni dura TB yaalame TPT kan fudhatu waggaa meeqa booda?
C)namni dura TPT fudhatehoo lammaffaa TPT ni kennamaafii?
Galatoomaa Gash Laggee and Dr Andargechaw
A. Daa'imni kun TPT amma illee deebistee fudhachuu qabdi. There is a new exposure to an Infectious PTB case. Do screening and testing for active TB disease in the child and if active disease is ruled out, start TPT.
B. Qajeelfamni qorannoon mirkana'e hin jiru. Garuu, if there is a risk of continuing exposure to Infectious cases, TPT may be indicated even after completing anti tuberculosis treatment, specifically for PLHIV.
C. Repeat TPT is indicated for cases like this particular child who happen to have continued exposure after earlier treatment for TB diseases or prior TPT. As a rule, TPT is indicated for all household contacts of Bacteriologically confirmed PTB cases after ruling out active TB irrespective of previous TPT completion or earlier TB treatment.
3 632
Daranyoo sombaa dhabamsiisuu ni dandeenya! Eeyyamamoo waan taataniif galatoomaa.
https://forms.office.com/Pages/DesignPageV2.aspx?origin=NeoPortalPage&prevsubpage=fre&subpage=design&id=DQSIkWdsW0yxEjajBLZtrQAAAAAAAAAAAAMAADfFj5tUNExDN0JESVM2QjRBVlZZR0E5VzU2NTZRSS4u&preview=%257B%2522ViewModeIndex%2522%3A1%257D
3 632
Walloof yaa birmannu
Artiist Etika Teferi fi Galaana Gaaromsaa Madoolee Walloo irraa yaalaaf Hospitaala Adaamaatti argaman biratti qaamaan argamuun, deggersa haamilee fi maallaqaa gochuun, aantummaa isaanii ibsaniiru. Warri kaanis fakkeenyummaa kana hojiitti akka jijjiiran dhaamna.
1000093278376 CBO
1000615436996 CBE
A/ Feta Haji Mohammed
A/ Letif Taha Mohammed
Mustefa Bahiru Mohammed
3 632
Repost from Oromia Health Bureau
Dhiiga namni tokko si'a tokko arjoomu namoota sadii du'aa irraa baraaruu danda'a.
Dhiigni bakka ni bu'a lubbuun garuu bakka bu'uu hin dandeessu. Namni fayyaa qabeessi tokko baatii sadii sadiin dhiiga arjoomuu ni danda'a. Sababiin isaa, seeliin dhiigaa diimaa umuriin inni qabu guyyoota 90 hanga 120 qofa waan ta'eef kan birootin bakka bu'a. Kanaafuu dhiiga baatii sadii sadiin arjoomuun faayidaa malee, miidhaa hin qabu.
Akka qorannoon agarsiisutti faayidaa dhiiga arjoomuu
- Boqonnaa sammuu kenna
- Balaan tasaa yoo nama muudate kan dafee dandamatu namoota yeroo baay'ee dhiiga arjoomaniidha.
-Haala fayyummaa isaanii kanfaltii tokko malee beekuu danda'u.
Eenyutu dhiiga barbaada ?
Dhiigni namni tokko arjoomu garaagarummaa tokko malee namoota dhiiga barbaadaniif oola. Haaluma kanaan:-
-Dhiigni arjoomamu harki caalu haadholii sababa da'uumsatiin dhiigni isaanii dangala'uuf,
--Daa'imman kichuuf
-Namoota balaan tasaa irra gaheef,
- Namoota baqaqsanii yaaluun taasifameef,
- Namoota dhibee kaansarii yaalamanii fi kkf. kan ooludha.
3 632
Call Of Abstract
3rd Annual Quality Summit
Theme: Whole System thinking for improved health outcome
Oromia health bureau has been making a phenomenon stride in improving the quality of its healthcare system and leading the implementation of the National Quality and Safety Strategy (NQSS) with close collaboration with development partners. Oromia Health Bureau (OHB) is preparing to host the 3rd regional Health System Quality Summit in April 17 and 18 2024.
Happening on!
April 17-18/2024
Summision Deadline
29 Feb 2024
please use the below link to Summit
https://forms.gle/uuGANbxoxEKaLgWD9
3 632
Waajjira Fayyaa Godinaalee Hundaaf
Carraa barnootaa HEF (BSc in Family Health)
3 632
Hojjettootni seektera fayyaa hundi baga Ayyaana Qillee bara 2016 nagaan geessan!
Ayyaana nagaa fi gammachuu akka isiniif ta'u hawwii keenya guddaadha!!!
3 632
ማስታወቂያ
የቅዱስ ጳውሎስ ሆስፒታል ሚሊኒየም ሕክምና ኮሌጅ በ2016 ዓ.ም በአምስት የነርሲንግ ፖስት ቤዚክ ስፔሻሊቲ ማለትም በ Emergency and Critical Care Nursing፣ በ operating Theater Nurse፣ በ neonatal Nursing፣ በ pediatric Nursing እና በ surgical Nursing ለመማር የምትፈልጉ እና መስፈርቱ የምታሟሉ ከ 24/04/2016 - 19/05/2016 ዓ.ም online https://portal.sphmmc.edu.et/Web/Announcement እንድትመዘገቡ እናሳወቃለን፡፡
የመመዝገቢያመስፈርቶች፣
• በነርሲንግ ዲፕሎማ ደረጃ 4 የተመረቀች/የተመረቀ በሁሉም ስፔሻሊቲ ፕሮግራሞች መወዳደር ይችላሉ፣
• የሚድዋይፍሪ ዲፕሎማ ደረጃ የተመረቀች /የተመረቀ በጨቅላ ህፃናት እና በህፃናት ነርሲንግ መመዝገብ ይችላል፣
• ከመስሪያቤታቸው የስፖንሰርሺፕ ደብዳቤ ማምጣት ወይም ከፍሎ መማር የሚችል/የሚትችል፡፡
• ኮሌጅ የሚያዘጋጀውን የቃል እና የፁሑፍ ፈተና ማለፍ የሚችል/የምትችል፣
• ሙሉ ጤነኛ የሆነ/የሆነች
• አንድ ዓመት የስራ ልምድ ያለው/ ያላት
ማሳሰቢያ፡
የመመዝገቢያ የማይመለስ 100 ብር በኮሌጁ ንግድ ባንክ አካዉንት ቁጥር 1000006577192 በማስገባት ደረሰኝ upload ማድረግ
ዲፕሎማ፤ትራንስክሪፕት እና የስራ ልምድ upload ማድረግ
አስፈላጊውን ዶክመንት ያላሟላ ፈተናው ላይ እንደማይቀመጥ በጥብቅ እናሳውቃለን፡፡
ለበለጠ መረጃ 0112756089 ይደዉሉ
ለመመዝገብ ወደ ሲስተሙ ስትገቡ ማድረግ ያለባቹ
ወደ መመዝገቢያ ሊንኩ ከገባቹ በኃላ
Apply now / Apply for admission የሚለውን ሊንክ መጫን
የሚፈልጉትን ፕሮግራም በመምረጥ Apply ማለት
ቀጥሎ basic information በማስገባት summit ሲባል Application has successfully submitted የሚል ኖቲፊኬሽን ከApplication number ጋር አብሮ ይመጣል Application number ለቀጣይ ዶክመንት ለማስገባት ስለሚጠቅም ቁጥሩን መያዝ ግዴታ ነው።
ቀጥሎ upload receipt የሚለውን በመጫን የመመዝገቢያ የተከፈለበትን ደረሰኝ upload ማድረግ
ቀጥሎ upload document ላይ በመግባት ዶክመንታቹን አስገብታቹ ስትጨርሱ Summit document የሚለውን በመጫን ምዝገባውን ታጠናቅቃላቹ።
ሬጅስትራር ጽ/ቤት
3 632
Repost from Hakimed: Medical Resources
🎯 Ethiopian Infectious disease Guidelines :
1. Viral Hepatitis guideline MOH 2022.pdf
2. Malaria 2022.pdf
3. POCKET GUIDE FOR NATIONAL GUIDELINES FOR COMPREHENSIVE HIV PREVENTION.pdf
4. National Guideline for Prevention of MTCT of HIV.pdf
5. ART PARTICIPANT MANUAL 2023.pdf
6. Management of Common Mental, Seizure and Substance Use Disorders among People Living with HIV.pdf
7. Participant Manual COVID_19 vaccination training 2022.pdf
8. COVID_19 MOH APRIL 2021 3rd edition.pdf
9. TB AND LEPROSY GUIDELINE 2021.pdf
10. DR TB Ethiopian Guideline 2023.pdf
11. National Guideline for Cholera Surveillance and Outbreak Response.pdf
12. Rabies Guideline final 2022.pdf
13. National Measels Guideline Final 2012.pdf
14. Ethiopian guideline for Scabies outbreak.pdf
15. Guideline for Treatment Prevention of LEISHMANIASIS IN ETHIOPIA.pdf
3 632
Repost from WOFO/OHPA Official
Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Oromiyaa weerara dhukkuba busaa fi rakkoolee isaan wal qabatanii uumaman kan uummata keenya godina Wallaggaa Lixaa aanaalee adda addaa keessatti argaman mudatee jiruuf birmachuuf sochii keessa jira.
***
Akkuma miidiyaalee idilee fi marsaalee hawaasummaa adda addaatiin dhaga'aa fi argaa jirru uummanni keenya gaaga'ama weerara dhukkuba busaa fi rakkoolee isaan wal qabatanii uumaman hedduu jalatti kan argamudha. Rakkooleen kunneenis daa'immanii fi haadholee akka malee hubaa kan jirudha.
Manneen yaalaa dhukkubsataan guutamee jira, hanqinni dawaalee fi ogeeyyii fayyaa yaala barbaachisaa ta'e kennaniis naannichatti jabaatee jira. Hanqinni nyaata madaalamaa argachuu dhabuus daangaa darbeera. Kanneen dhukkuba hamaa keessatti kufuun dararamaa jiran hedduudha. Kan hireen kennitee lubbuudhaan darbanis akkasuma.
Kanaaf weerarri kun sochii ykn hojii qaamni tokko ykn lama taasisuun to'atamu miti. Deeggarsaa fi dirmannaa qaama maraa fedha.
Waldaan keenyas akka waldaa bu'aa maleessaa fi waldaa ogummaa fayyaatiif dhaabbate tokkootti yeroo rakkinoonni fayyaadhaan wal qabatan kanneen akka kanaa uumaman hawaasa keenyaaf dirmaachuufiin kaayyoo isaa isa guddaadha.
Baroota darbanis yeroo hawaasni keenya rakkoolee kanneen akkasiitiif saaxilamu qooda isaa ba'achaa tureera. Waan qabu qindeessee kan dhabe deeggarsa itti gaafatee lubbuun hedduu baraaruu danda'eera.
Maarree ammas waldichi rakkina hawaasa keenya godina Wallaggaa Lixaa fi naannoolee sanatti argaman mudatee jiru kanaaf birmachuuf qaamolee dhimmi kun ilaalu (Biiroo Fayyaa Oromiyaa, Aartistoota Oromoo, abbootii qabeenyaa fi daldaltoota, dhaabbilee siivikii hawaasummaa biyya keessaa fi alaa, dhaabbilee miti-mootummaa fi dhaabbilee idil-addunyaa) adda addaa waliin mari'achuun sochii lubbuu baraaruu adeemsisaa jira.
Qaamuma sochii kanaa kan ta'e guyyaa har'aa kana lakkoofsa herreega baankii deeggarsi hawaasa keenyaa fi qaamolee birmattootaa adda addaa irraa walitti ittiin qabamuuf oolu aartistoota Oromoo bebbeekamoo kanneen akka Galaanaa Gaaromsaa fi Hawwii Tazarraa waliin ta'uun Hojii Gaggeessaan Waldaa keenyaa (Rattaa Fayyisaa) baankiilee garagaraa irraa banuun uummataaf ifoomsanii jiru.
Kanaafuu isinis yaa uummata keenya golee addunyaa mara keessatti argamatan hawaasa keenya rakkina ulfaataa kana keessatti kufuun yaala fayyaa dhabee hanga gaaga'ama lubbuutti kaffalaa jiru kanaaf hanga dandeettii fi qooda keessanii karaa lakkoofsa herreega baankii banamee jiru kanaatiin deeggarsa keessan atattamaa akka taasistan kabaja olaanaadhaan isin gaafanna.
Galatoomaa.
Lakkoofsi herreegota baankii banamaniis akka armaan gadiiti:
1. Baankii Daldala Itoophiyaa
1000578954604
2. Baankii Awaash
013201225923700
3. Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa
1045500080296
