Sputnik Afrikaa
前往频道在 Telegram
♦️ Oduu Simbirtuu fi Addaa, Xiinxala fi Yaada Addaa ✅ X Irratti Nu Hordofaa: https://x.com/sputnik_afrikaa 👉 Waa’ee Afrikaa Afaan Ingiliziitiin: @sputnik_africa 💬 Nu Qunnamaa: @Africa_Sputnik_bot
显示更多未指定国家未指定类别
991
订阅者
-124 小时
+117 天
+19430 天
帖子存档
🇪🇹 Itiyoophiyaan Laggeen Daangaa Biyyoota Biroo Ce’an 10nii ol Irratti Hidhaalee Haaraa Ijaaruuf karoorfatte
Waajjirri Qindeessaa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddichaa, laggeen daangaa biyyoota biroo ce’an gurguddoo irratti gara fuulduraatti hojiiwwan bal’aan akka hojjetaman beeksiseera.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
🇷🇺 Biyyoonni Dhihaa Raashiyaa Qoqqooduuf Kan Yaalan, Biyyattiin Qaroomina Addaa Waan Bakka Buufteefi – Diploomaatii Sarbiyaa
🇷🇺 Vilaadimiir Kirislyaannin, yaada Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin, biyyoonni alaa Raashiyaa qoqqooduu fi dorgommii ji’oopoolitikaa keessaa baasuu yaalaa jiru jedhu irratti yaada isaanii Sputnikiif kennaniiru.
🔊 “Sababni isaa Raashiyaan boba’aa, gaazii fi albuuda hedduu waan qabduuf qofa miti; akkasumas sirna gatiiwwan namoomaa Ortodoksii waan hordoftuufi,” jedhan.Akkasumas, Raashiyaan eenyummaa fi aadaa saboota biyyattii keessa jiraatan hedduu kabajuu fi eeguu keessatti duudhaa qabduun biyyoota Dhihaa irraa adda akka taate ibsaniiru.
🔊 “Sabni tokko illee mirga isaa hin dhabu; aadaan tokko illee hin barbadaa’u,” jechuun, Raashiyaan mirgaafi eenyummaa saboota biyyattii keessa jiraatan kabajuu ishee ibsaniiru.👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
Waraanni Ameerikaa Buufata Waraanaa Guddaa Somaaliyaa Keessaa Bahuun Gabaafame
🇸🇴🇺🇸 Waraanni Ameerikaa buufata waraanaa xiyyaaraa Baalidooglee, kan magaalaa Mogadishoorraa gara kaaba-dhihaatti kiiloo meetira 96 fagaatee argamu, keessaa bahuu miidiyaaleen Somaaliyaa gabaasaniiru.
👉 Buufatichi waggoota hedduuf waraana Somaaliyaa garee Al-Shabaab* waliin taasisaa jiru keessatti odeeffannoo nageenyaa kennuu fi leenjii waraana Somaaliyaa kennuuf tajaajilaa ture.
❌ Ajajni Waraanaa Ameerikaa Afrikaa hojiiwwan farra shororkeessummaa saffisiisuuf humna waraanaa isaa irra deebi'ee bobbaasaa akka jiru ibseera. Haa ta'u malee, odeeffannoon waraanni Ameerikaa buufaticha keessaa ba'uu isaa hin mirkaneessine.
👉 Baay'inni waraana buufaticha keessaa ba'anii fi bakka isaan itti qubatan haaraan hanga ammaatti hin beekamne.
* Garee shororkeessaa Raashiyaa keessatti dhorkame.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa
👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
Oduuwwan Ijoo Itiyoophiyaa | Ganama Har’a
▪️ Karoora Of-Danda’uu Milkeessuuf Naannoo Oromiyaatti Leenjiin Hoggantootaaf Kennamaa Jira
Itti Annaan Pireezidaantii Naannichaa fi Caffeetti itti waamamaan mootummaa Kaffaaloo Tafarraan, hoggantoonni mootummaa fi Paartii sadarkaa godinaalee, magaalotaa fi aanotaatti leenjii Karoora Of-Danda’uu fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Leenjiin kun karoora hojiirra oolchuuf murteessaa ta’uu eeranii, uummanni karoora kana jireenya isaa fooyyessuuf akka ta’e hubatee hoggantoota isaa waliin qindaa'uun milkeessuu akka qabu dhaamaniiru.
▪️ Oromiyaatti Sassaabbii Oomisha Gannaa fi Qophiin Misooma Bonaa Xiyyeeffannoo Argate
Mootummaan Naannoo Oromiyaa oomisha Gannaa yeroon sassaabuu, qisaasama oomishaa hir'isuu fi misooma jal'isii Bonaaf qophii bal'aa taasisaa jira. Lafa qopheessuu, sanyii filatamaa fi xaa'oo dhiyeessuu, akkasumas meeshaalee qonnaa ammayyaa qindeessuun oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira. Hojiiwwan kunneen qonnaan bultoonni waggaa guutuu akka oomishan, galiin isaanii akka dabaluufi wabiin nyaataa akka mirkanaa'uuf kaayyeffataniiru.
▪️ Yaa’iin Paartiilee Siyaasaa Afrikaa Lammaffaan Har'a Irraa Eegale Finfinneetti Gaggeeffama
Yaa’iin kun mata-duree “Guddinaaf Hogganuu: Egeree Diinagdee Afrikaa Bocuu Paartiilee Siyaasaa” jedhuun har’a irraa eegalee guyyoota sadiif gaggeeffama. Hoggantoonni paartiilee siyaasaa, bakka bu’oonni mootummaa, hawaasa siivikii, dargaggootaa fi dubartoonni biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa dhufan irratti ni hirmaatu. Sagantaalee yaa’ii duraa keessatti Yaa’iin Hoggansa Dubartoota Afrikaa fi Waltajjiin Dargaggootaa kan gaggeeffaman yoo ta’u, hirmaannaa siyaasaa fi hoggansa keessatti qabanirratti mariin ni taasifama.
Itiyoophiyaan Yeroo Jalqabaaf Meedaaliyaa Olompikii Wushuu Argatte
🇪🇹🥉 Atileetiin Itiyoophiyaa Naatnaa'el Kinfa, Tapha Olompikii Dargaggootaa 2026 Seeneegaal, Daakaaritti gaggeeffamaa jirurratti, dorgommii Wushu keessatti Itiyoophiyaaf meedaaliyaa nahaasaa argamsiiseera.
Ministeerri Dargaggootaa fi Ispoortii akka ibsetti, Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti yeroo jalqabaaf dorgommii Wushu irratti meedaaliyaa Olompikii argatte. Kunis ispoortichaaf milkaa’ina guddaa ta’eera.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
Lammiin Ameerikaa Dhalootaan Itiyoophiyaa Meelaat Kiroos, Filannoo Kongireesii Ameerikaa Injifatte
🇪🇹🇺🇸 Miseensi Paartii Dimookiraatawaa Hawaasummaa Meelat Kiroos, aanaa filannoo 1ffaa Koloraadoo (Deenvar) irraa bakka buutuu Mana Maree Kongireesii Ameerikaa ta’uun filatamte.
📹 Bu’aa filannoo kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf viidiyoo Sputnik Afrikaa ilaalaa.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
Komandoon Humna Galaanaa fi Ogeeyyiin Galaanaa Nageenya Hidha Haaromsaa Mirkaneessuuf Haroo 'Nigaat' Irratti Sakatta’iinsaa fi Hordoffii Gaggeessaa Jiru – Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa
🇪🇹 Miseensonni Humna Galaanaa gara odolaalee haroo Nigaat fi naannawa isheetti socho’uun haala nageenyaa hordofaa, Hidha Haaromsaa balaa irraa eegaa akka jiran Raayyaan Ittisa Biyyaa beeksiseera.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
Filannoon Giddugaleessaa Ameerikaa “Kallattii Siyaasaa Biyyattii Jijjiiruu Danda’a” – Xiinxalaa
📊 Filannoon kun Diimookiraatotaaf injifannoo yoo argamsiise, madaalliin aangoo mootummaa Ameerikaa ni jijjiirama jechuun Anuradha Chenoy Sputnik’tti himaniiru.
🔶 Pirezidaantiin Rippaabilikaan ta’us, qaamni seera tumu Diimookiraatota jalatti ta’a.
🔶 Seeronni baajataa fi kanneen biroo mana maree lameeniinuu raggaasifamuu qabu.
🔶 Pirezidaantiin seera mana mareen raggaasise diduu waan danda’uuf, harkifannaa fi walitti bu’iinsi uumamuu mala.
💬 “Miseensonni qaama seera tumuu Ameerikaa sirna kana irraa fayyadamu. Deeggartootaa fi filattoota isaanii gammachiisuuf dhimma biyya keessaa irratti xiyyeeffatu; dhimma addunyaa hafee irratti garuu xiyyeeffannoo xiqqaa qabu,” jechuun ibsaniiru.👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
“Raashiya Birmadummaa Afrikaa Onneerraa Deeggarti” – Gaazexeessaa Sputnik Afrikaa
🤝🌍Raashiyaan sirna addunyaa wiirtuuwwan aangoo hedduu qabu deeggaruun, sagaleen Afrikaa akka dhaga’amuufi biyyoonni Afrikaa walqixxummaan akka dubbatan ni falmiti jechuun Zalaalam Damissee, yeroo Sputnik fi Dhaabbata Korporeetii Biroodkaastingii Itiyoophiyaa waliin sagantaa waliinii taasisanitti, hariiroo Raashiyaa fi Afrikaa irratti yaada isaanii kennaniiru.
“Raashiyaan Afrikaaf barnoota fiduu dandeessi. Seenaa fiduu dandeessi. Ogummaa damee anniisaa irratti qabdu fiduu dandeessi. Walumaagalatti, wantoota hedduu fiduu dandeessi,” jechuunis ibsaniiru.🗣 Marii afaan Ingiliffaatiin gaggeeffame guutuu asirratti dhaggeeffadhaa. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
+2
Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimad (PhD), Godina Kibba Baha Oromiyaa'tti Hojii Misooma Qonna Gannaa Daawwataniiru.
🌱 Bara kana qonna gannaa irratti hanqinni roobaa yaaddoo uumee kan ture ta’us, qophii dursee mootummaa fi uummanni taasisaniin bu’aan gaariin galmaa’uu isaa daawwannaa kanaan ibsaniiru.
📈 Diinagdeen biyyattii qormaata uumamaa fi namtolchee dandamatee akka itti fufuuf dursee qophaa’uun, akkasumas filannoowwan oomishaa fi diinagdee garaagaraa babal’isuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
🇸🇸🤝🇷🇺 Suudaan Kibbaa Dameewwan Misooma Diinagdee Ijoo Irratti Tumsa Raashiyaa Barbaaddi
Juuba dameewwan boba’aa, albuudota, teeknooloojii, eegumsa fayyaa, qonnaa fi bu’uuraalee misoomaa murteessoo irratti kan xiyyeeffatu karoora tumsa waggaa sadii Mooskoo waliin qopheessaa jirti.
🎥 Tumsi karoorfame kun misooma dinagdee Suudaan Kibbaa akkamitti bocuu akka danda’u baruuf viidiyoo kana daawwadhaa.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa
👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
Pirezidaantonnii fi Ministiroonni Afrikaa Waa’ee Sputnik Afrikaa Maal Yaadu ?
🌍🎤 Kana baruuf, yeroo dhiyoo asitti Yaa’ii Raashiyaa–Afrikaa cinaatti hoggantoota biyyoota Afrikaa waliin mari’anneerra.
Deebii isaanii keessatti odeeffannoo dhugaa fi qabatamaa, sirrii ta’uu fi walaba ta’uu odeeffannoorratti yaada isaanii ibsaniiru. Yaadota biroo hedduus kaasaniiru.
👆🏽 Yaadonni isaaniis gurmaa'inna af-gaaffii addaa kana keessatti dhiyaataniiru
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa
👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
🇪🇹 Ijaarsa Magaalaa Industirii Gogaa Mojo: Pirojektichaaf Doolaarri Miiliyoona 147 Ramadameera
🏭 Pirojektichi warshaalee gogaa Finfinnee fi naannawa ishee keessatti argaman gara Mojootti kan jijjiirsisu yoo ta’u, baajanni waliigalaa doolaara Ameerikaa miiliyoona 147 ramadameera. Ji’oota muraasa booda gara hojii ijaarsaa akka seenu Ministeerri Industirii beeksiseera.
📹 Odeeffannoo dabalataa argachuuf viidiyoo Sputnik Africaa daawwadhaa.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
+1
Harar Addunyaa Irratti Beekamtii Turizimii Ishee Cimsachuuf Carraa Argatte
🏛 Harar Gamtaa Turizimii Daandii Silk Addunyaa (Silk Road Tourism Cities Alliance) keessatti miseensa taate.
🇨🇳 Magaalaa Chaayinaa Luzhou keessatti Konfiraansiin Waggaa 2026 Dhaabbilee Imalaafi Magaalota Miseensota Gamtaa Turizimii Daandii Silk irratti gaggeeffameera. Konfiraansicha irratti Magaalaan Harar miseensa gamtichaa ta'uun ishee mirkanaa'eera.
Faayidaaleen miseensummaa kanaa ijoo:
🔹 Harar damee turizimii idil-addunyaarratti xiyyeeffannoo guddaa akka argattu ni gargaara.
🔹 Turistoonni biyyoota addaddaa irraa gara Harar akka dhufan carraa ni bal'isa.
🔹Hambaa seenaafi aadaa magaalattii addunyaa irratti beeksisuuf ni fayyada.
🔹 Magaalota gamtichaa biroo waliin hojjechuufi muuxannoo waljijjiiruuf carraa uuma.
📜 Harar kanaan dura Dhaabbata Magaalota Hambaa Addunyaa (OWHC) fi Federeeshinii Magaalota Turizimii Addunyaa (WTCF) keessattis miseensa ta'uun beekamti.
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
🇷🇺🌍 Raashiyaan Daldala Afrikaa Waliin Qabdu Bara 2030tti Doolaara Biiliyoona 50tti Guddisuuf Kaayyeffatte
📈 Qondaalli Ministeera Misooma Diinagdee Raashiyaa Paavel Kalmicheek Sputnik Afrikaaf akka ibsanitti:
🔹 Raashiyaa fi biyyoota Afrikaa gidduutti komishiniiwwan mootummaa waliin hundeessuuf waliigalteewwan haaraa shan mallattaa’aniiru. Isaan keessaa DRC, Keeniyaa fi Suudaan Kibbaa waliin kan mallattaa’an jiru.
🔹 Omishaalee Afrikaa gara Raashiyaa ergaman dabaluun xiyyeeffannoo argateera. Keessumaa dameen qonnaa invastimantii hawwataa ta’uu fi omishaalee qonnaa gara Raashiyaa erguun eegalamuu ibsameera.
🔹 Ministirri Misooma Diinagdee Raashiyaa Maaksiim Reshetnikov bakka bu’oota Naannoo Daldala Bilisaa Ardii Afrikaa (AfCFTA) waliin sagantaa hojii waliinii qopheessuu irratti mari’ataniiru.
Kaayyoon waliigalaa daldala Raashiyaa fi Afrikaa guddisuun tumsa diinagdee isaanii cimsuudha.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa
👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
Itiyoophiyaan Dorgommii Miidhaginaa Idil-addunyaa “Miss Cosmo 2026” Irratti Yeroo Jalqabaaf Ni Hirmaatti
👸🏽🇪🇹 Dhaabbanni “Beauty Ambassador Africa” akka beeksisetti, Itiyoophiyaan dorgommii miidhaginaa idil-addunyaa Miss Cosmo 2026 irratti yeroo jalqabaaf moodeela Luwaam Tasfaayeeen bakka bu’uun ni hirmaatti.
📹 Dorgommii xumuraa Miss Cosmo 2026 irratti biyyoonni 90 ol kan hirmaatan yoo ta’u, moodeela Itiyoophiyaa bakka bu’uun hirmaattu kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf viidiyoo Sputnik Africa ilaalaa.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
🇷🇺 Puutiin Tokkummaa Raashiyaa Eeguu Keessatti Galata Qabu – Nama Siyaasaa Raashiyaa
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, yaaliiwwan hawaasa Raashiyaa qoqqooduuf taasifaman ittisuuf waggoota dheeraaf hojjechuu isaanii, walitti qabaan Koree Dhimmoota Biyyoota Gamtaa Sooviyeet duraanii (CIS) Mana Maree Paarlaamaa Raashiyaa Leoniid Kalaashinikov Sputnik’tti himaniiru.
👉 Yuukireen hoggantoota carraa hin qabneen bulfamte; sabboontonni aangoo qabataniiru. Haa ta’u malee, seenaa irraa akka hubatamutti Raashiyaa fi Yuukireen uummata tokko ta’uu isaanii ibsaniiru.
🤝 Kalaashinikov, Gamtaan Sooviyeet afaanotaafi aadaa uummattootaa eeguu keessatti gumaacha guddaa akka qabu dinqisiifataniiru. Gamtaan Sooviyeet afaan tokkollee akka hin balleessines hubachiisaniiru.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa
👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸
🇷🇺 Humni Raashiyaa Ummattoota Garaagaraa Tokkoomsuu fi Aadaa Isaanii Eegsisuu Danda’uu Keessa Jira – Miseensa Paarlaamaa
Humni Ummata Raashiyaa Ummattoota garaagaraa tokkoomsuu fi aadaa isaanii osoo hin balleessin biyya tokko keessatti waliin jiraachisuu danda’uu isaanii keessa jiraachuu, miseensi Paarlaamaa Raashiyaa Konistaantiin Zaattuliin Sputnik’tti himaniiru.
Zaattuliin miseensa Koree Dhimmoota Biyyoota Gamtaa Sooviyeet duraanii (CIS), Walitti Hidhamiinsa Eeshiyaa fi Awurooppaa fi Hariiroo Lammiilee Raashiyaa Biyya Alaa Mana Maree Seera Baastuu biyyattiiti.
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, Kibxata darbe walga’ii Mana Maree Hariiroo Sabaawwan Biyyaalessaa irratti haasawaa taasisaniin, humnoonni alaa seenaa keessatti hawaasa Raashiyaa qoqqooduu fi biyyattii diiguun dorgommii ji’oopoolitikaa addunyaa keessaa baasuuf yaalii irra deddeebii taasisuu isaanii ibsaniiru.
Tokkummaan ummattoota Raashiyaa biyyattii diigamuu irraa baraaruu fi abbaa biyyummaa ishee cimsuuf gahee murteessaa akka qabu dubbataniiru.
Zaattuliin waa’ee kanaa yeroo ibsan:
“Humni uummata Raashiyaa, akka saba bu’uura mootummaa ta’eetti, waggoota dhibbaan lakkaa’aman keessatti uummattoota garaagaraa tokkoomsuu fi aadaa akkasumas eenyummaa isaanii eegsisuu danda’uu keessa jira. Milkaa’inni addaa kun biyya bal’aa akkasii akka ijaarru nu dandeessiseera,” jedhan.
Miseensi Paarlaamaa kun, Raashiyaan jaarraa 20ffaa keessatti yeroo lama kufaatii guddaa keessa darbuu yaadachiisaniiru. Isaanis, yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa fi Warraaqsa bara 1917 keessa Impaayera Raashiyaa kufuu, akkasumas bara 1991 Gamtaan Sooviyeet diigamuu ta’uu ibsaniiru. Yeroo sana “ofuma keenya walitti maknee turre” jedhan.
Keessumaa yeroo ammaa Raashiyaan waraana Yuukireen keessatti bobbaatee jirtuufi imaammata godaansaatiin walqabatee qormaata mudate keessatti, qoqqoodinsi keessoo tokkummaa fi tasgabbii biyyattii saboota hedduu qabdu akka hin miine akeekkachiisaniiru.
Akka Zaattuliin jedhanitti, wal-dhabdeen keessoo humnoota alaa irraa faayidaa argachuu akka hin dandeenyeef lammiileen Raashiyaa of eeggannoo fi ogummaa dhaan socho’uu qabu.
“Ergaan Pirezidaantichaa kanuma; anis guutummaatti fi garaa guutuudhaan nan deeggera,” jechuun xumuran.
🇪🇹 Itiyoophiyaatti Pirojektoota Humna Qilleensaa Gurguddoo Ijaaruuf Bakkeewwan Afur Adda Ba’an
⚡️ Qorannoo haaraa yuunivarsitii Dabra Birhaaniin qortamee, Torban Humna Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaa 3ffaa irratti dhiyaateen, Godee, Meeggaa, Arertii fi Dhagaa Sallaan pirojektoota humna qilleensaa gurguddoo ijaaruuf mijatoo ta’uu isaanii adda baaseera.
◻️ Godee (Naannoo Somaalee) fi Meeggaa (Oromiyaa)
⭕️ Bakkeewwan kunneen humna qilleensaa olaanaa, iskuweer meetira tokkoof Waatii 500–600 maddisiisuu danda’u.
⭕️ Godeetti tarbaayiniin humna Megga Waatii 3 qabu tokko waggaatti Megga Waatii Sa’aatii 9,461 maddisiisuu akka danda’u tilmaamameera.
⭕️ Meeggaattis waggaatti Megga Waatii Sa’aatii 9,040 maddisiisuun ni danda’ama.
◻️ Arertii fi dhagaa Sallaatti (Naannoo Amaaraa)
⭕️ Arertiin qofti waggaatti Megga Waatii Sa’aatii 8,619 maddisiisuu dandeessi.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa
🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa
