ar
Feedback

لا تقع ضحية للمخادعين! تيليمتريو يكتشف ويُميّز هذه القنوات 👉 إذا كنت تريد رؤية العلامة، اشترك

Sputnik Afrikaa

Sputnik Afrikaa

الذهاب إلى القناة على Telegram

♦️ Oduu Simbirtuu fi Addaa, Xiinxala fi Yaada Addaa ✅ X Irratti Nu Hordofaa: https://x.com/sputnik_afrikaa 👉 Waa’ee Afrikaa Afaan Ingiliziitiin: @sputnik_africa 💬 Nu Qunnamaa: @Africa_Sputnik_bot

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدالفئة غير محددة
986
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-97 أيام
+17330 أيام
أرشيف المشاركات
🤝 Mariin Gam-Sadeen Raashiyaa, Ameerikaa fi Yuukireen Gidduutti Gaggeeffamu Mana Maree Pirezidaantii Abu Daabiitti Argamu Qasr Al Watan Keessattigaggeeffamaa Jira
💬 “Ajandaawwan marii kanaa ijoo ta’an keessaa dhimmoota nageenyaa adda addaa fi mirgoonni namoomaas ni argamu,” jechuun gabaasaan Sputnik Baasiil Shaartuuhaa Emireetota Arabaa Gamtoomanii irraa gabaaseera.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

🚨 Medinskiin; mariin Abu Daabiitti Gaggeeffamu Raashiyaa fi Yuukireen Nagaa’aan Walitti Dhiyeessa Jechuun Abdatan Gargaaraan Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadimiir Medinskiin, mariin Abu Daabiitti gaggeeffamu Raashiyaa fi Yuukireen furmaata nagaa biraarra akka ga’aniif gumaacha akka godhu abdii qabaachuu ibsaniiru. Adeemsa nagaa buusuufi marii gaggeessuuf tattaaffii Ameerikaan taasisaa jirtus galateeffataniiru. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

Pirezidaantiin Gaanaa Daldala Garbaa fi Koloneeffannaa Biyyaattiin Walqabatee Beenyaa Misooma Irratti Xiyyeeffate Akka Kaffalamu Gaafatan 🟠 Afrikaarratti miidhaa geessifameef beenyaan kaffalamu maallaqa qofa osoo hin taane, tumsa misoomaa biyyoota duraan koloneeffatanii fi daldala garbaa gaggeessaa turan waliin taasisuu kan hammatu ta’uu Pirezidaantiin Gaanaa Joon Maahaamaa ibsan. Tumsi kun barnoota, fayyaa, misooma diinagdee fi liqii irraa boqonnaa kennuu irratti xiyyeeffachuu qaba jedhaniiru. ✅ Barnootaa fi tajaajila fayyaa irratti invastimantii gochuu; ✅ Misooma diinagdee fi guddina isaa deeggaruu; ✅ Biyyoota Afrikaatiif liqii irraa boqonnaa kennuu fi haala liqii fi deeggarsa faayinaansii mijataa ta’e mijeessuu. 👉 Yaadni kun, Gaanaan Bitootessa 25, 2026 murtii daldalli garbaa Atlaantiik yakka namoomaa ta’uu ibsu Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dhiheessitee raggaasifsiisuu ishee hordofeeti. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

Oduuwwan Ijoo Itiyoophiyaa | Ganama Har'aa ▪️ Itiyoophiyaan COP31 Milkeessuuf Tumsa Taasisuuf Qophii Ta'uu Ishee Beeksifte Mi
Oduuwwan Ijoo Itiyoophiyaa | Ganama Har'aa ▪️ Itiyoophiyaan COP31 Milkeessuuf Tumsa Taasisuuf Qophii Ta'uu Ishee Beeksifte Ministirri Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP32, Dr. Geediyoon Ximootewoos, Turkiyee Antaaliyaa keessatti yaa'ii COP31 irratti haasawa taasisaniin, Itiyoophiyaan yaa'ichi milkaa'ina akka galmeessuuf pirezidaantii COP31 deeggaruuf qophii ta'uu ibsaniiru. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf maallaqa, haqa qabeessummaa fi hojii irra oolmaa irratti bu'aa qabatamaa galmeessuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru. ▪️ Itiyoophiyaan Guddina Magariisaa fi Kalaqa Jijjiirama Qilleensaa Cimsuuf P4G Waliin Hojjechuuf Mari'atte Ministirri Maallaqaa fi Tattaafataan Olaanaan COP32, Fitsum Asseffa (Dr.), Daayirektara Olaanaa P4G, Roobin MakGukiin waliin mari'ataniiru. Mariin isaanii invastimantii dhaabbilee kalaqa magariisaa irratti bobba'an guddisuu fi furmaata guddina itti fufiinsa qabu babal'isuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, yaa'iin P4G Guraandhala 2019 Finfinneetti gaggeeffamu qophii COP32 keessatti gahee murteessaa akka qabu ibsameera. ▪️ Itiyoophiyaan Dhaabbata Inarjii Idil-addunyaa Waliin Tumsa Cimsuuf Mari'atte Pirezidaantiin COP32 Geediyoon Ximootewoos (Dr.) Daayirektara Olaanaa Dhaabbata Inarjii Idil-addunyaa (IEA), Dr. Faatiih Birool waliin Antaaliyaa keessatti mari'ataniiru. Mariin isaanii dhiyeessii inarjii qulqulluu fi itti fufiinsa qabu babal'isuu, invastimantii damee inarjii guddisuu fi fedhii inarjii Afrikaa dabalaa jiru guutuurratti xiyyeeffateera. Akkasumas qophii COP32 bara 2027 Finfinneetti gaggeeffamu irratti mari'ataniiru. ▪️ Biyyoonni Afrikaa Rakkoolee Fayyaa Ittisuuf Qabeenya Keessaa Maddisiisuu fi Walta'uu Qabu – UNFPA Afrikaan rakkoolee fayyaan walqabatee jijjiirama qilleensaa fi walitti bu'iinsa uumamu dandamachuuf qabeenya keessaa maddisiisuu fi tumsa biyyoota gidduu jiru cimsuu akka qabdu, Bakka Bu'aan Itti Aanaa UNFPA Itiyoophiyaa, Taayoo Oluwoomii, Sputnik Afrikaatti himaniiru. Kunis qophii Afrikaan rakkoolee fayyaa tasaa mudatan dandamachuuf barbaachisaa ta'uu ibsaniiru. ▪️ Mariin Itiyoophiyaan WTOtti Miseensa Ta'uuf Gaggeessaa Jirtu Gara Sadarkaa Murteessaatti Ce'e Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa (WTO) ta'uuf mariin gaggeessaa jirtu gara sadarkaa murteessaatti ce'uu isaa Jeneevaatti ibsameera. Marii marsaa 8ffaa irratti, biyyoota waliigaltee daldalaa biyyoota lamaanii waliin ta'uuf gaaffii dhiyeessan 17 keessaa 11 waliin waliigalteerra ga'ameera. Mariin kun kaleessaa fi har'a Jeneevaatti gaggeeffamaa jira. Guyyaa Gaarii Sputnik Afrikaa Irraa Isiniif Hawwina

Mariin Gam-sadee Raashiyaa, Ameerikaa fi Yuukireen Sadaasa 1 fi 2 Abu Daabiitti Gaggeeffamu; 🇷🇺 Akkaataa Mariichaa fi Ejjennoo Raashiyaa; Mariin kun Raashiyaa, Ameerikaa fi Yuukireen hirmaachisuun bifa marii gama-sadeetiin gaggeeffama. Minjaala marii kana irratti bakka bu’oonni Awurooppaa hin argaman. Garee marii Raashiyaa kan hogganan gargaaraan Pirezidaantii Federeeshinii Raashiyaa Vilaadimiir Mediinskii'dha. Gareen marii kun Ministiroota Dhimma Alaa Itti Aanaa Sarjii Riyaabkov fi Mikaa’el Galuuzin akkasumas bakka bu’oota hooggansa waraanaa of keessatti qabata. Moskoon dhimma nageenyaa fi yaaddoo bu’uuraa ishee furmaata rakkoo Yuukireen barbaaduu wajjin walqabatan kaasuu barbaaddi. 🇺🇸 Ejjennoo Ameerikaa; Waashingitan, wabii nageenyaa Yuukireeniif kennamuu fi waraana booda haalli nageenyaa ittiin bulu diriirfamuun furmaata waliigaltee bira ga’uuf qaama murteessaa ta’uu isaa ilaalti. Ameerikaan waliigaltee gama-lameen fudhatama qabu akka irra ga’amuuf marii kana keessatti giddu-seentummaa taasisaa jirti. 🇪🇺 Gahee Awurooppaa; Awurooppaan minjaala marii irratti hirmaachu baatus, bakka bu’oonni Gamtaa Awurooppaa gara Abu Daabiitti imaluuf karoorfataniiru. Turtiin isaanii achitti taasisan garuu hanga ammaatti hin ibsamne. Pirezidaantiin Komishinii Awurooppaa Ursuula von der Leyen, waliigalteen dhukaasa dhaabuu erga hojiirra oolee booda waa’ee caasaa nageenyaa Awurooppaa gara fuulduraa mariin gaggeeffamuu akka danda’u ibsaniiru. ➡️ Tarkaanfiin Itti Aanu Maali? Gabaasota miidiyaalee irratti hundaa’uun, mariin Abu Daabi erga xumuramee booda ergamtoonni Ameerikaa Istiiw Wiitkoof fi Jaarid Kuushnar Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutin waliin walarguuf gara Raashiyaa imaluu danda’u. Imalli kun garuu hanga ammaatti ifatti hin mirkanoofne. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

🇷🇺 Raashiyaan Daldala Ishee Gara Biyyoota Addunyaa Guddachaa Jiraniitti Ceesisuun Nageenya Nyaataa fi Annisaa Afrikaaf Kuta
🇷🇺 Raashiyaan Daldala Ishee Gara Biyyoota Addunyaa Guddachaa Jiraniitti Ceesisuun Nageenya Nyaataa fi Annisaa Afrikaaf Kutannoo Ishee Mirkaneessite – Lavrov Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sarjeey Laavrov, biyyoonni Gamtaa Awurooppaa dhorkaa daldalaa Raashiyaa irratti kaa’aniin kasaaraa Yuuroo tiriliyoonotaa akka isaanirra ga’e ibsaniiru. Haa ta’u malee, Raashiyaan daldala ishee gara biyyoota Addunyaa Guddachaa Jiraniitti jijjiiruun, amma al-ergii ishee keessaa %80 biyyoota kanneenitti akka ergitu, Laavrov barruu miidiyaalee Raashiyaa keessatti barreessaniin ibsaniiru. Ibsi kun erga walgahiin ministiroota dhimma alaa biyyoota G20 Atilaantaa keessatti gaggeeffamee booda kan kennameedha. Qabxiilee ijoo ibsa Laavrov: 🟠 Dhiyeessii Annisaa fi Teeknooloojii Amanamaa Mooskoon albuuda boba’aa, ogummaa anniisaa niwukilaraa sadarkaa olaanaa fi teeknooloojii dijitaalaa Afrikaa, Eeshiyaa fi Laatin Ameerikaaf dhiyeessuu itti fufuu ibsiteetti. Daldala akka meeshaa dhiibbaa siyaasaatti akka itti hin fayyadamne Laavrov ibsaniiru. 🟠 Nageenya Nyaataa fi Xaa’oo Raashiyaan biyyoota 160f dhiyeessitoota nyaataa fi xaa’oo gurguddoo keessaa tokko ta’uu Laavrov ibsaniiru. Keessumaa Afrikaaf xiyyeeffannoo kennuun, Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) waliin deeggarsa nyaataa bilisaa kennuus eeraniiru. 🟠 Daandiiwwan Geejjibaa Filannoo Biroo Daandiin Geejjibaa Galaana Kaabaa fi Kooridariin Geejjibaa Idil-addunyaa Kaabaa-Kibbaa saffisaan babal’achaa jiraachuu ibsaniiru. Daandiiwwan kunneen filannoowwan geejjibaa nageenya qaban, baasii xiqqaa kan gaafatanis ta’uu kaasaniiru. 🟠 Ijaarsa Sirna Addunyaa Biyyoonni Hedduun Keessatti Hirmaatan Raashiyaan karaa BRICS fi Tumsa Awureeshiyaa Guddichaatiin sirna faayinaansii of danda’e ijaaruu fi haaromsa bulchiinsa addunyaa keessatti gahee dinagdee biyyoota Kibba Addunyaa haala sirriin calaqqisiisu deeggaruu irratti hojjechaa jirti jechuun, Laavrov ibsaniiru. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

Biyyoonni Dhihaa Sirna Addunyaa Gara Gam-hedduutti Ce’uu Mormaa Jiru; Biyyoonni Kibba Addunyaa Michumma Isaanii Babal’ifachaa
Biyyoonni Dhihaa Sirna Addunyaa Gara Gam-hedduutti Ce’uu Mormaa Jiru; Biyyoonni Kibba Addunyaa Michumma Isaanii Babal’ifachaa Jiru – Laavrov Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sarjeey Laavrov, biyyoonni Dhihaa gara sirna addunyaa gam-hedduu ce’uu danquuf yaalaa jiraachuu ibsaniiru. Gama biraatiin, biyyoonni Kibba Addunyaa dhiibbaa Dhihaa irraa bilisa ta’uuf hariiroo fi michummaa isaanii biyyoota biroo waliin cimsachaa jiru jedhan. Laavrov erga walgahiin ministiroota dhimma alaa biyyoota G20 Atilaantaa keessatti gaggeeffamee booda, barruu miidiyaalee Raashiyaa keessatti barreessaniin haala siyaasaa fi diinagdee addunyaa yeroo ammaa ibsaniiru. Qabxiilee ijoo ibsa Lavrov: 🟠 Diinagdeen Dirree Wal-dorgommii Ta'aa Jira Biyyoonni Dhihaa dorgomtoota isaanii dadhabsiisuu fi biyyoonni Kibba Addunyaa bulchiinsa addunyaa keessatti gahee isaanii akka hin arganne dhoorkuuf waraana daldalaa, dhoorkaa daldalaa gama tokkoon kaa’amuufi danqaa teeknooloojii fayyadamaa jiru jedhan. 🟠 Nageenyi Annisaa fi Nyaataa Yaaddoo Keessa Galuu Dhorkaan daldalaa seeraan alaa, qabeenya biyyoota biroo to’achuu fi bu’uuraalee misoomaa murteessoo irratti haleellaan raawwatamu gabaa anniisaa addunyaa tasgabbii dhabsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, haleellaa sarara dabarsa gaazii 'Nord Stream' irratti raawwatame eeraniiru. Gama biraatiin, namoonni miliyoona 600 ol hanqina nyaataatiin rakkachaa kan jiran, hanqina qabeenyaa irraa osoo hin taane, danqaawwan daldalaa biyyoota Dhihaan kaa’amanii fi nyaanni meeshaa dhiibbaa siyaasaa ta’uu isaatiini jedhan. 🟠 Michumma Daldalaa Dhiibbaa Dhihaa Irraa Bilisa Taasisuu Humnoonni Dhihaa qabeenya uumamaa murteessoo irratti to’annoo diriirsuuf yaalaa jiranis, biyyoonni Kibba Addunyaa michumma daldalaa isaanii biyyoota adda addaa waliin babal’isuu fi daandiiwwan geejjibaa haaraa uumuu irratti hojjechaa jiru. Tarkaanfiin kunis naannolee guddachaa jiran keessatti guddina diinagdee saffisiisaa jiraachuu Laavrov ibsaniiru. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

Raashiyaan, Yuukireenifi Ameerikaan Marii Gam-sadee Marsaa Haaraa Kibxata Abu Daabiitti Gaggeessuuf Jiru Ergamaan Addaa Ameer
Raashiyaan, Yuukireenifi Ameerikaan Marii Gam-sadee Marsaa Haaraa Kibxata Abu Daabiitti Gaggeessuuf Jiru Ergamaan Addaa Ameerikaa Steve Witkoff akka jedhanitti, marii dhufu irratti wabiiwwan nageenyaa, walitti bu’iinsa tasgabbeessuu, dhimmoota namoomaa fi furmaata nagaa argamsiisuuf tarkaanfiiwwan itti aanan irratti mari’atamuun eegama. Gorsaan Pirezidaantii Raashiyaa Vladimir Medinsky garee marii Raashiyaa akka hogganu, Dubbi-himaan Kireemiliin Dmitry Peskov ibsaniiru. Peskov qabxiileen marii cufaa keessatti irratti mari’atamanis akka jiran dabalanii ibsaniiru. Mariiwwan gam-sadee Ameerikaan giddugaleessa taatee qopheessite marsaa sadiin duraan gaggeeffamaniiru: 🔹 Amajjii 23–24 — Abu Daabi Marii marsaa jalqabaa irratti qabxiilee waliigaltee nagaa Ameerikaan dhiyaate keessatti hanga ammaatti furmaata hin argannee fi tarkaanfiiwwan amantaa ijaaruu irratti xiyyeeffatame. Ministeerri Dhimma Alaa UAE akka ibsetti, gareewwan marii Raashiyaa fi Yuukireen kallattiin, haala ijaarsaa fi waliigaltee qabuun mari’ataniiru. 🔹 Guraandhala 4–5 — Abu Daabi Marii marsaa lammaffaa irratti bu’uura nagaa waaraa Yuukireen keessatti ijaaruu irratti xiyyeeffatame. Witkoff mariin kun bu’a qabeessa ta’uu ibsuun, torbanoota itti aanan keessatti mariin dabalataa akka gaggeeffamu eegama jedhaniiru. 🔹 Guraandhala 17–18 — Jeneevaa Vladimir Medinsky, hoogganaan garee marii Raashiyaa, mariiwwan kana “ulfaatoo ta’anis dhimma irratti xiyyeeffatan” jechuun ibsaniiru. Mooskoon yeroo garaagaraatti rakkoo Yuukireen karaa marii fi waliigaltee furuuuf qophii ta’uu irra deddeebitee ibsiteetti. Akka Raashiyaatti, furmaanni kun waliigalteewwan yaa’ii Alaasakaa irratti Pirezidaantonni Raashiyaa fi Ameerikaa irra ga’an irratti hundaa’uu qaba. Raashiyaan waliigalteen nageenyaa sababoota bu’uuraa walitti bu’iinsichaa, dabalatee yaaddoo nageenya biyyaalessaa ishee irratti uumame, hammachuu akka qabu cimsitee ibsiti. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

Oduuwwan Ijoo Itiyoophiyaa | Waaree Boodaa ▪️ COP-31 Hojiilee Itiyoophiyaan Jijjiirama Qilleensaa Ittisuuf Hojjechaa Jirtu Be
Oduuwwan Ijoo Itiyoophiyaa | Waaree Boodaa ▪️ COP-31 Hojiilee Itiyoophiyaan Jijjiirama Qilleensaa Ittisuuf Hojjechaa Jirtu Beeksisuuf Carraa Uume – Geediyoon Xiimootiwoos (Dr.) Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Geediyoon Xiimootiwoos (Dr.), COP-31 hojiilee Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf hojjechaa jirtu addunyaatti beeksisuuf carraa guddaa ta’uu ibsaniiru. Mariin COP-31 milkaa’ina COP-32 Itiyoophiyaan keessummeessituuf bu’uura cimaa akka ta’uuf Turkiyyee fi Awustiraaliyaan waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru. Itiyoophiyaanis muuxannoo ishee addunyaaf qooduu fi hirmaannaa bal’aa COP-32 irratti mirkaneessuuf hojjechaa jirti. ▪️ Haaromsi Masaraa Kumsaa Morodaa Bara Bajataa Kana Xumuramee Daawwattootaaf Banaa Ta’a Abbaan Taayitaa Eegumsaafi Misooma Hambaalee Itiyoophiyaa, hojiiwwan haaromsaa fi misooma Masaraa Dajjaazmaach Kumsaa Morodaa bara bajataa kana xumuruuf hojjetamaa jiraachuu beeksise. Masaraan Magaalaa Naqamtee keessatti argamu kun dulloomuu fi suphaa gahaa dhabuu irraa kan ka’e balaa uumamaa fi namtolcheen saaxilamee ture. Hojiiwwan haaromsaa seenaa fi eenyummaa masaraa kana eeggatanii hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, xumuramuun isaa iddoowwan hawwata tuurizimii Itiyoophiyaa Lixaa keessaa tokko akka ta’uuf karoorfameera. ▪️ Afrikaatti Kalaqa Sammuu Namtolchee Guddisuuf Sagantaan Deeggarsaa Haaraan Eegalame Sagantaan deeggarsa dhaabbilee kalaqa teeknooloojii Sammuu Namtolchee (AI) irratti hojjetaniif oolu eegalameera. Sagantaan dhaabbilee Itiyoophiyaa, UNDP, Yuunivarsiitii Finfinnee fi Ministeera Diinagdee, Daldalaa fi Industirii Jaappaan waliin qopheessan kun, biyyoota Afrikaa 12 irraa kalaqdoota AI 51 hirmaachisa. Mootummaan Jaappaanis dhaabbilee kalaqa AI Afrikaa keessatti hundeeffamaniif waggaatti doolaara miiliyoona tokko deeggarsa taasisuu fi deeggarsa kana itti fufsiisuu mirkaneesseera. ▪️ Tajaajila Fayyaa Ammayyeessuufi Qaqqabummaa Isaa Babal’isuuf Hojjetamaa Jira – Ogeessota Ogeessonni fayyaa, tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa ta’e kennuuf sirna fayyaa ammayyeessuufi qaqqabummaa isaa babal’isuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Ya’ii Waggaa 28ffaa Damee Fayyaa magaalaa Hosaa’inaatti gaggeeffameen cinaatti, hirmaattonni dhaabbilee fayyaa daawwataniiru. Dhaabbilee fayyaa dijitaalaayizeessuu, meeshaalee barbaachisoo guutuu fi qulqullina tajaajilaa fooyyessuun hojiiwwan xiyyeeffannoo argatan ta’uu ibsameera. ▪️ Dorgommiifi Agarsiisni Kalaqa Saayinsii Biyyaalessaa 11ffaan Eegalame Dorgommiifi agarsiisni kalaqa saayinsii biyyaalessaa 11ffaan Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti banameera. Agarsiisa kanarratti barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa, kolleejjota teeknikaafi ogummaa akkasumas yunivarsiitiiwwan irraa walitti dhufan hojii kalaqaafi pirojektoota isaanii ni dhiyeessu. Agarsiisniifi dorgommiin mata-duree “Dipilomaasii Waliinii Saayinsiin Argamu” jedhuun gaggeeffamu hanga Roobii, Sadaasa 2tti itti fufa. ▪️ Naannoo Amaaraatti Laaboraatooriin Albuudaa Birrii Biiliyoona 2.4n Ijaaramuuf Jira Naannoo Amaaraatti laaboraatooriin albuudaa birrii biiliyoona 2.4n ijaaruuf hojiin jalqabamuu ibsameera. Laaboraatooriin kun qorannoon albuudaa biyya keessatti akka gaggeeffamu dandeessisuun baasii fi rakkina saamuda albuudaa qorannoo biyya alaa erguuf jiru hir’isa. Hogganaan Biiroo Albuudaa naannichaa akka ibsanitti, naannichi bara bajataa 2018 albuudaan oomisha biyya alaa birrii biiliyoona 131.1tti tilmaamamu biyya keessatti bakka buusuu danda’eera. Akkasumas, bara bajataa 2019tti warqee kiiloo giraama 2,000 Baankii Biyyaalessaaf dhiyeessuuf hojjechaa jira. Galgala Gaarii Sputnik Afrikaa Irraa Isiniif Hawwina

🇪🇹 Rakkoolee Keessoo Jiraatanis, Itiyoophiyaan Nageenyaa fi Tasgabbii Afrikaaf Gumaacha Guddaa Taasisaa Turte Jirti – Barsiisaa Saayinsii Siyaasaa 🎙Yuunivarsiitii Wallaggaatti Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Walitti Dhufeenya Addunyaa Guutamaa Daani’eel, Itiyoophiyaan bara Hayilasillaasee irraa eegalee hundeeffama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa (OAU) keessatti gahee guddaa qabaachuu ishee yaadachiisaniiru. ▪️ Biyyoonni Afrikaa bilisummaa akka argatan, kanneem bilisummaa argatanis tokkummaa isaanii akka cimsatan tattaaffii taasisaa turuu kaasuun gahee ishee kana ammas cimsitee itti fufuu qabdis jedhaniiru.
“Teessoon Gamtaa Afrikaa Itiyoophiyaa keessa waan jiruuf, biyyattiin dhagahummaa qabdu fayyadamtee Gaanfa Afrikaa fi guutuu Afrikaatti nageenya buusuu, biyyoota walitti fiduu fi tokkummaa cimsuu irratti tattaaffii ishee itti fufuu qabdi,” jedhaniiru.
📹Barsisichi Dhimma Kanarratti Yaada Kaasan Viidiyoo Sputnik irraa ilaalaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

📌 Oduu Afaanota Garaagaraan, Garuu Yeroo Hunda Sputnik Afrika Walin Karaawwan Kanaan Nu Dubbisa: ▪️ Afaan Ingiliffaa - Teleg
📌 Oduu Afaanota Garaagaraan, Garuu Yeroo Hunda Sputnik Afrika Walin Karaawwan Kanaan Nu Dubbisa: ▪️ Afaan Ingiliffaa - Telegraama | X ▪️ Afaan Faransaay - Telegraama | X ▪️ Afaan Amaaraa - Telegraama | X ▪️ Siwaahilii - WhatsApp | X ▪️ Afaan Oromoo - Telegraama | X #social

Sirna Bittaa Elektirooniksiitiin Daldalli Birrii Biiliyoona 24.3 Ol Raawwatame 📊 Bulchiinsi Bittaa Mootummaa fi Qabeenyaa, kurmaana jalqabaa bara baajataa 2019tti sirna bittaa elektirooniksiitiin daldalli birrii biiliyoona 24.3 ol raawwatamuu beeksiseera. ▪️Bara baajataa 2018tti dhaabbilee mootummaa baajata qaban 368 keessatti caalbaasiiwwan kuma 50 ol gaggeeffamuun bittaa elektirooniksiitiin birrii biiliyoona 597.6 raawwatameera. ▪️Waggoota lamaan darban keessatti naannolee fi bulchiinsi magaalotaa seerota bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa mootummaa sadarkaa Federaalaatti qophaa’an waliin walsiman qopheessuun hojii irra oolchaniiru. 📹 Odeeffannoo dabalataa viidiyoo Sputnik Afrikaa irraa ilaalaa 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

❗️ Mariin Abu Daabiitti Gaggeeffamu Hirmaannaa Biyyoota Awurooppaa Malee Akka Gaggeeffamuuf Karoorfameera – Dubbi-himaa Kirii
❗️ Mariin Abu Daabiitti Gaggeeffamu Hirmaannaa Biyyoota Awurooppaa Malee Akka Gaggeeffamuuf Karoorfameera – Dubbi-himaa Kiriimiliin Dubbi-himaan Kiriimilii Diimitrii Peskov, marii Ameerikaan gidduu seentummaan gaggeessitu irratti Raashiyaa fi Yuukireen qofti akka hirmaatan ibsaniiru. Ibsa dabalataa Diimitrii Peskov kennan: 🟠 Raashiyaa, Ameerikaa fi Chaayinaan walga’ii hoggantoota biyyoota sadanii gidduutti gaggeeffamuu danda’uuf ajandaa marii irratti yaada waljijjiiraa jiru. Hoggantoonni kunneen dhimmoota naannawaa fi idil-addunyaa bal’aa irratti mari’achuu akka danda’an ibsameera. 🟠 Walga’iin Pireezidaantota Raashiyaa, Ameerikaa fi Chaayinaa, Puutin, Tiraamp fi Jiinpiing gidduutti gaggeeffamu xiyyeeffannoo addunyaa kan harkisu ta’uun ibsameera. 🟠 Peskov, haala teessuma lafaa ilaalchisee Yuukireen yeroo ammaa qabatamaan biyya addaa ta’uu fi haalli jiru lafarra ifatti mul’achuu ibsaniiru. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

🌍 Afrikaa fi Chaayinaan Dandeettii Dhukkuboota Daddarboo Ittisuu Cimsuuf Neetworkii Tumsaa Fayyaa Uummatan – CDC Afrikaa Neetworkiin tumsa fayyaa uummataa biyyoota Belt and Road, Fooramii Fayyaa Uummataa Afrikaa fi Chaayinaa magaalaa Guangzhou keessatti gaggeeffamerratti ifatti ifoomeera. Neetworkiin kun dhaabbilee fayyaa Afrikaa fi Chaayinaa walitti hidhuun tumsa isaanii cimsuuf kan hundeeffamedha. Dhimmoonni Tumsichi Irratti Xiyyeeffatu: 🟠 Muuxannoo fi beekumsa waliif qooduu; 🟠 Dandeettii laaboraatooriiwwanii cimsuu; 🟠 Balaa fayyaa uummataa gara fuulduraatti mudachuu danda’uuf qophii fooyyessuu. 👉 Fooramii guyyaa lamaaf gaggeeffame kana irratti bakka bu’oonni biyyoota Afrikaa fi naannolee 20 ol dabalatee namoonni gara 700 ta’an hirmaataniiru. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

''Oomishni Qurxummii Itiyoophiyaa Toonii Kuma 300 Ol Gaheera'' - Ministeera Qonnaa Ministeerri Qonnaa Itiyoophiyaa, erga sagantaan Maaddii Guutuu hojii irra oolee as oomishni qurxummii biyyattii toonii kuma 75 irraa gara toonii kuma 300 olitti guddachuu hubachiiseera. Akkasumas, dandeettiin oomisha qurxummii xixiqqoo walakkaa miiliyoona irraa gara miiliyoona 14 olitti guddateera. Fayyadamni qurxummii biyyaalessaa nama tokkoof waggaatti giraamii 500 irraa gara kiiloo giraamii 2.55tti guddateera. 📹 Odeeffannoo dabalataa viidiyoo Sputnik Afrikaa👆 irraa argadhaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

🇷🇺 Sirni Saatalaayitii Raasviit Raashiyaa dhiibbaa Alaa Kamiyyuu Dandamachuuf Kan Qophaa’edha – Barreessaa Mana Maree Nagee
🇷🇺 Sirni Saatalaayitii Raasviit Raashiyaa dhiibbaa Alaa Kamiyyuu Dandamachuuf Kan Qophaa’edha – Barreessaa Mana Maree Nageenyaa Barreessaan Mana Maree Nageenyaa Raashiyaa Seergii Shoiguu, sirni saatalaayitii Raasviit dhaabbata Buuroo 1440’n hojjetame dhiibbaa qaamaa, siyaasaa fi dinagdee alaa irraa guutummaatti eegumsa qabaachuu ibsaniiru.
💬 “Qaamoleen sirna Raasviit hundi biyya keessatti oomishamuun isaanii fi oomisha irratti of danda’uun, dhiibbaa qaamaa, siyaasaa fi dinagdee alaa irraa sirnichi akka eegamu taasisa. Kunis baay’ee barbaachisaadha,” jedhan.
Shoiguu kana kan ibsan walgahii waggaa 14ffaa barreessitoota manneen maree nageenyaa biyyoota miseensa Waldaa Biyyoota Walaba (CIS) irratti argamanitti. Akkasumas, sirna Raasviit kana agarsiisuuf bakka bu’oonni biyyoota CIS gara Mooskoo akka dhufan Raashiyaan eegaa jiraachuu ibsaniiru. 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

⚔️ Tiraamp Waraana Iraan Babal’isuuf Fedhii Akka Hin Qabne Hubachiisan Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, filannoon giddugaleessaa erga xumuramee booda walitti bu’iinsa Iraan waliin jiru babal’isuuf fedhii akka hin qabne ibsaniiru. Ameerikaan loltoota ishee naannichatti argaman yeroo dheeraaf achumatti tursiisuu akka dandeessu kan ibsan Tiraamp, “Baasiin isaa baay’ee guddaa miti. Yeroo hin murtoofneef achumatti tursiisuu dandeenya” jedhaniiru. Tiraamp, biyyoonni michuu Ameerikaa Baha Giddugaleessaa jiran baasii waraana Iraan irratti Ameerikaan baaste hunda akka isheef kaffalan amantaa qabaachuu isaanii ibsaniiru.
“Waraana kanaaf baasii kamiyyuu kan baafne yoo ta’e, biyyoonni nuti eegine hundi nuuf kaffalu. Sababni isaas, utuu nuti hin jirre jiraachuu hin danda’an turan. Israa’elis utuu nuti hin jirre jiraachuu hin dandeessu turte” jechuun Tiraamp CBS News’tti himaniiru.
👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 👉 Afaan Ingiliffaan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸

Oduuwwan Ijoo Itiyoophiyaa | Ganama Har'aa ▪️ Lammiileen Itiyoophiaa 1584 Saa'ud Arabiyaa Irraa Gara Biyyaa Deebi'an Lammiile
Oduuwwan Ijoo Itiyoophiyaa | Ganama Har'aa ▪️ Lammiileen Itiyoophiaa 1584 Saa'ud Arabiyaa Irraa Gara Biyyaa Deebi'an Lammiileen Itiyoophiyaa Saa’ud Arabiyaa keessatti haala rakkisaa keessa turan balaliiwwan 7n gara biyyaa deebi’aniiru. Deebitoota keessaa 1,432 dhiirota, 131 dubartoota, 21 ammoo daa’imman ta’uu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiseera. Hojii deebisanii galchuu Fulbaana 5, 2018 eegaleen hanga ammaatti lammiileen Itiyoophiyaa 114,000 ol gara biyyaa deebi’aniiru. ▪️ Waltajjiin Misooma Daldala Afrikaa 2026 Finfinneetti Gaggeeffama Waltajjiin Misooma Daldala Afrikaa (ATDF 2026) Sadaasa 23 fi 24 bara 2026 Finfinneetti gaggeeffamuuf qophaa’eera. Waltajjiin kun mata-duree “Qulqullinaan Al-ergii Afrikaa Ijaaruu” jedhuun Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Itiyoophiyaa fi dhaabbata TradeMark Africa waliin qophaa’eera. Dandeettii al-ergii Afrikaa guddisuu, gufuuwwan daldalaa hir’isuu fi biyyoota Afrikaa gidduutti sirna waliinii mirkaneessa qulqullinaa diriirsuu irratti xiyyeeffata. ▪️ Itiyoophiyaan COP31 Irratti Muuxannoo Misooma Magariisaa Ishee Ni Qooddi Yaa’iin Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP31) har’a magaalaa Antaaliyaa, Tarkiyetti eegaleera. Yaa’iin kun jijjiirama qilleensaa ittisuu fi dhiibbaa isaa hir’isuuf tarkaanfiiwwan waloo irratti xiyyeeffata. Itiyoophiyaanis yaa’ii kanarratti muuxannoo misooma magariisaa ishee addunyaaf kan qooddu yoo ta'u, COP32 bara 2027s Finfinneetti ni keessummeessiti. Oolmaa Gaarii Sputnik Afrikaa Irraa Isiniif Hawwina!

🚨 Itiyoophiyaan Hogganaa Garee Yakkaa Addunyaa Irratti Ji’oota 10f Barbaadamaa Ture Indiyaaf Dabarsite Kennite 🇪🇹🇮🇳 Dhaabbileen nageenyaa Itiyoophiyaa fi Indiyaa, akkasumas dhaabbileen hordoffii idil-addunyaa, duula addaa “Operation Shahid” jedhameen waliin hojjechuun hogganaa garee yakkaa Doni Bal-Prabh Dasuwal, Gurwinder (maqaa moggaasaa “Afridi”) jedhamu Itiyoophiyaatti to’annoo jala oolchuun qaamolee nageenyaa Indiyaaf dabarsaniiru. 🔴 Shakkamaan kun bulchiinsa Paajaab keessatti yakka cimaa raawwatameen barbaadamaa kan ture yoo ta’u, ajjeechaa, saamichaa fi gochoota yakkaa qindaa’oo biroo biyya alaa taa’ee hoogganaa akka ture himameera. 🌍 Shakkamaa kana to’annoo jala oolchuuf ji’oota 10f biyyoota Eeshiyaa, Ameerikaa Kibbaa fi Afrikaa keessatti hojii hordoffii fi odeeffannoo waljijjiiruu bal’aan gaggeeffamaa tureera. 👉 Afaan Amaaraan Dubbisaa 🔸 Sputnik Afrikaa | X | Nu Qunnamaa 🔸