ch
Feedback

不要被骗子欺骗!Telemetrio 会找到并标记这些频道 👉 如果想查看标记,请订阅

Dr.Bultoosaa Hirkoo

Dr.Bultoosaa Hirkoo

前往频道在 Telegram

We Shall Make Oromia Flood of Genius Students who score high grades in National Exams. #2019 E.C! #Join_Now #Share #New_Leader

显示更多
未指定国家未指定类别
Buy Ad
7 526
订阅者
+14524 小时
+8677 天
+2 03330 天
帖子存档

Beeksisa Ariifachiisaa Sagantaa Raawwii Jijjiirraa Barsiisotaa Keessoo Beeksisuu Ta'a. --------- BBO - Fulbaana 25/2019 Biiroon Barnootaa Oromiyaa barsiisota jijjiirraa keessoo (aanaalee keessatti manneen barnootaa irraa gara manneen barnootaa biroottiifi magaalota keessatti manneen barnootaa irraa gara manneen birootti) jijjiiramuu barbaadaniif beeksisa baasuun ni yaadatama. Haaluma kanaan: 1- Waajjirri Barnootaa Aanaaleefi Magaalotaa haaluma kanaan dura himameen Hatattamaan guyyaa har'aa Wiixata 25/01/2019 hanga halkan keessaa sa'aatii 6:00tti iddoo duwwaa (Vacancy) qabdan moosaajicharratti banaa akka taasiftan cimsinee isin beeksifna. 2- Barsiisotni iyyachuu(Apply) gochuu kan dandeessan Fulbaana 26 - 27/2019 ta'ee, gaafa 27/01/2019 galgala sa'aatii 12:00 qofa ta'a. 3- Waajjirri barnootaa aanaaleefi magaalotaa Fulbaana 28/2019 hanga galgala sa'aatii 12:00tti qofa iyyannoo barsiisotaa calaltanii akka mirkaneessitan haata'u. 4- Fulbaana 29 - 30/2019 firiin jijjiirraa ni ifooma. 5- Onkololeessa 02/2019 barsiisotni jijjiirraa milkaa'an gara mana barnootaa haaraatti deemun hojii ni jalqabu kan jedhu sagantaan qophaa'eera. Liinkii ittiin iyyattan galgala isin beeksifna. Nu hordofaa!

sticker.webp0.35 KB