Dr.Bultoosaa Hirkoo
前往频道在 Telegram
We Shall Make Oromia Flood of Genius Students who score high grades in National Exams. #2019 E.C! #Join_Now #Share #New_Leader
显示更多未指定国家未指定类别
8 535
订阅者
+724 小时
+1387 天
+99030 天
吸引订阅者
十一月 '2611月 '26
十一月 '26
+493
在5个频道中
十月 '26
+8 115
在11个频道中
| 日期 | 订阅者增长 | 提及 | 频道 | |
| 23 十一月 | +2 | |||
| 22 十一月 | +9 | |||
| 21 十一月 | +6 | |||
| 20 十一月 | +25 | |||
| 19 十一月 | +56 | |||
| 18 十一月 | +20 | |||
| 17 十一月 | +20 | |||
| 16 十一月 | +21 | |||
| 15 十一月 | +2 | |||
| 14 十一月 | +17 | |||
| 13 十一月 | +15 | |||
| 12 十一月 | +31 | |||
| 11 十一月 | 0 | |||
| 10 十一月 | +14 | |||
| 09 十一月 | +13 | |||
| 08 十一月 | +30 | |||
| 07 十一月 | +5 | |||
| 06 十一月 | +10 | |||
| 05 十一月 | +20 | |||
| 04 十一月 | +36 | |||
| 03 十一月 | +53 | |||
| 02 十一月 | +75 | |||
| 01 十一月 | +13 |
频道帖子
| 2 | 没有文字... | 1 651 |
| 3 | Kitaabileen Barataa Bu'uura Boruufi Sad. 1ffaa Maxxansarra Turan Miiliyoona 16.3 Ol Ta'an Gara Aanaaleetti Raabsaman.
-----------------------
BBO - Sadaasa 11/2019 Biiroon Barnootaa Oromiyaa kitaabilee barataa biyya alaatti maxxanfamaa turan miiliyoona 16.3 ol ta'an hatattamaan barattoota harka akka gahan raabsaa raabsaa kan jiru ta'uun beekameera.
Kitaabilee raabsamaa jiran ilaalchisee yaada kan keennan hogganaa I/A Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Galatoo Tukee kitaabileen gara aanaalee hatattamaan raabsamaa jiran kunniin rakkoo hanqina kitaaba barataatiin walqabatee uumamaa ture sadarkaa olaanaan kan furu ta'uu ibsuun, qulqullina barnootaa mirkaneessuufi bu'aa barachuu barattootaa fooyya'aa jiru kanas daran kan cimsu ta'uu dubbataniiru.
Kitaabileen miiliyoona 16.3 ol ta'an kunniin bajata deeggarsa #Sagantaa_ETOL jedhamu irraa gara Ministeera Barnootaa Itoophiyaa irraa argameen maxxanfamaa kan ture ta'uu kan himan obbo Galatoon, kitaabotni biyya alaarra akkuma galaniin konteenara ittiin fe'amanii dhufan irraa buusuun gara konkolaattota aanaaleetti geejjibanitti dabarsuun saffisaan barattoota harkaan gahuuf halkaniifi guyyaa hojjatamaa kan jiru ta'uu ibsuun, kitaabileen gara aanaalee geejjibamanis hatattamaan manneen barnootaa akka dhaqqabu #Gumiin_Tiraansifoormeeshiinii_Barnootaa (GTB) #Sadarkaa_Aanaafi_Gandaa jiran qindoominaan hojjachuun barattoota harkaan akka gahan dhaamsa dabarsaniiru.
Kitaabileen raabsamaa jiranis #kitaaba_barataa_kutaa 1 -6 fi #kitaaba_barataa_Bu'uura Boruu yoo ta'an #gosoota_barnootaa Afaan Oromoo, Ingiliffa, Herrega, Saayinsii Naannoo, Gadaafi Amaariffa kan of keessatti hammate ta'uun beekameera.
Raabsaan kitaabilee torban lama dura kan jalqabame yoo ta'u, aanaalee Oromiyaa 121 ol kan dhaqqabe ta'uufi aanaalee hafanittis guyyoota gabaaboo keessatti waliin gahanii kan xumuran ta'uu giddu gala mana kuusaa kitaabaa BBO irraa raabsaa kan jiran obbo Kumsaan himaniiru.
Walumaagalatti, rakkoo hanqina kitaaba barataa furuuf Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa bajata dhaabbilee deeggarsaa irraa argatuun kitaabilee barnootaa sad. 1ffaa maxxansiisee naannooleef raabsuun deeggarsa taasisaa jiru keessatti bajata #Sagantaa_ETOL irraa argateen kitaaba barataa miliyoona 16.3 kan dhaqqabsiise yoo ta'u, bara 2018 immoo, haaluma walfakkaatuun bajata #Sagantaa_UNICEF irraa argateen kitaaba barataa miliyoona 5.4 ol ta'u naannoo keenyaaf kan qoode ta'uun ni yaadatama.
Dr.Bultoosaa Hirkoo | 2 233 |
| 4 | Godina Baha Oromiyaatti Raawwiin Hojii Misooma Barnootaa Ji'a Afurii Gamaaggamamaa Jira.
BBO - Sadaasa 09/2019 Godina Baha Oromiyaatti Raawwiin hojii misooma barnootaa ji'a afurii (Adoolessaa - Sadaasaa ) bara 2019 Magaalaa Cirootti Gamaaggamamaa jiraachuu odeeffannoo Waajjira Barnootaa Godinichaa iirraa nu dhaqqaberraa hubachuun danda'amee jira
Hojii misooma barnootaa Godina Baha Oromiyaa ji'oota darbanii karooraafi raawwii waajjiraaleen barnootaa aanaalee godinichaa sadarkaa irra jiru jala jalaa madaalaa adeemuufi hanqinaalee uumaman yeroon sirreessuuf magaalaa Cirootti sirni gamaaggama raawwii hojii gaggeeffamaa jiru irratti haasawa baniinsaa kan taasisan Hogganaa I/A Waajjira Barnootaa Godina Baha Oromiyaa obbo Abdii Siraaj yoo ta'an. haasawa isaanii keessatti ciminootaafi hanqinaalee raawwii hojii hanga ammaatti mul’atan adda baasuun, milkaa’inoota argaman itti fufsiisuufi hanqinaalee mudatan karoora hojii itti aanu keessatti galchuun furaa adeemuu irratti xiyyeeffannaan akka hojjetamu qabu kallattii kaa'aniiru.
Hojiin misooma barnootaa hundi karoora irratti hundaa’uun hogganamuu akka qaban kan ibsan obbo Abdiin, Xiyyeeffannoo olaanaa kennuun kan barbaachisu keessaa :- #Bu'aa Barachuu Barattootaa Fooyyesuun barattoitni godina keenyaa qabxii olaanaa akka galmeessisa kutannoon irratti hojjachuu akka qaban, #Istaandaardii_Manneen_Barnootaa fooyyessuufi Manneen Barnootaa Barattoota keenyaaf hawwataafi mijataa akka ta'u hojjachuu, #Gumii_Tiraansifoormeeshinii_Barnootaa cimsuun manneen barnootaafi walitti hidhamiinsa bulchiinsa gandaafi aanaa cimsuun rakkoowwan uumaman furuun haala mijaawaa diriirsuu irratti hojjachuu, #Kitaabota barataa Naannoorra ergaman hatattamaan manneen barnootaa biraan gahuu/dhaqqabsiisuu, #Hanqinaalee_bu’uuraalee misoomaafi meeshaalee barnootaa furuufi galii keessoo manneen barnootaa guddisuu, #Inisheetivii_Nyaata_Barattootaa cimsuufi #Aanaalee_gidduutti miira dorgommii gaarii uumuun hojiiwwan ijoo xiyyeeffannoon irratti hojjatamuu qaban ta'uu obbo Abdii Siraaj ibsaniiru.
Walumaa galatti, gamaaggamni raawwii hojii ji'oota afurii kun gabaasa raawwii hojii waajjirri barnootaa aanaalee guyyoota lamaaf dhiheessan irratti hundaa'ee kallattiin kan kennamu ta'uu odeeffannoon Ciroorraa nu dhaqqabe ibseera. | 2 661 |
| 5 | 没有文字... | 1 975 |
| 6 | 没有文字... | 2 098 |
| 7 | #Adeemsa_Seensa_Pilaatfoormii_DOW_ykn_CPD
✅ Pilaatfoormii kana seenuun fayyadamuuf adeemsa armaan gadii kana hordofuu dandeessu.
1. Jalqaba 'browser' 'Google Chrome' jedhamu banaa
2. Itti aansuun liinkii 'https://cpd.oeb.gov.et' jedhu kana browser irratti galchuudha.
3. Erga iddoon Username fi Password gaafatu isiniif dhufeen booda,
4. Iddoo Username jedhu sanatti - Username 'Teacher Management Information System' gaafa iyyannoo jijjirraaf isiniif kennamee ture itti galchaa.
5. Iddoo Password jedhu sanatti - cpd@2026 galchuun 'sign In' jechuun seentu jechuudha. | 25 993 |
| 8 | 没有文字... | 21 765 |
| 9 | 没有文字... | 1 915 |
| 10 | 没有文字... | 2 327 |
| 11 | 没有文字... | 2 773 |
| 12 | 没有文字... | 3 324 |
| 13 | 没有文字... | 3 126 |
| 14 | 没有文字... | 2 914 |
| 15 | Mooraafi Naannoon Manneen Barnootaa Barattootaaf Mijawaafi Hawwataa Akka Ta'u Hawaasni Tumsuu Qaba Jedhame
------------
BBO - Sadaasa 02/2019 Mooraan Manneen Barnootaafi Naannoon Manneen Barnootaa Barattootaaf Hawwataafi Mijaawaa Akka Ta'u Tumsi Hawaasaa Murteessaa Ta'uu Daayirektarri Daayirektoreetii Qunnamtii Ummataafi Kominikeeshinii Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Kurfaa Bariisoo Marii Kallattii Bilbilaan Hordoftoota Raadiyoo Faanaa Waliin Taasisan Irratti Dhaamsa Dabarsaniiru.
Raadiyoon Korporeetii Miidiyaa Faanaa (FMC) naannawa manneen barnootaatti dhaabbileen daldalaa kanneen barattoota suusii adda addaaf saaxiluu danda'an dhiibbaa isaan qabaniifi furmaata kennamuu qabu irratti torban lamaaf hordoftootaafi ogeessota barnootaa sagantaa kallattiin afeeruun mari'achiisaa tureera.
Haaluma kana bu'uureeffachuun har'a ganama sa'aatii 3:40 irraa eegalee sagantaa xumuraa irratti daayirektara daayirektoreetii Qunnamtii Ummataa Kominikeeshinii BBO obbo Kurfaa Bariisoo kallattiin bilbilaan afeeruun dhimmicharratti yaada akka kennan taasifameera.
Naannawa manneen barnootaatti dhaabbileen daldalaa barattoota gara suusii adda addaatti harkisuu danda'an baadiyaatti hangam hedduu ta'uu baatanillee magaalota keessatti xiyyeeffannoo guddaa kan barbaachisu ta'uu obbo Kurfaan kan ibsan yoo ta'u, Naannoo keenya keessa manneen barnootaa 37,882 ol ta'an, barattoota miiliyoona 12.4 ol ta'an simachuun barsiisaa kan jiru ta'uu, manneen barnootaa kanniin keessaa muraasni keessattuu kanneen magaalaatti argaman rakkoo kanarraa bilisa jechuun hin danda'amu. Kanaafuu, haawaasni naannawa manneen barnootaa dhabbilee daldala barattoota keenya gufachiisuu danda'an, daldaltootnifi manni barnootaa waliin ta'uun hubannoo uumuun daldalicha manneen barnootaa irraa fageessuu irratti hojjachuu qabu jedhaniiru.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa inisheetiivii misooma barnootaa ganna 2018 gara godinaalee, aanaaleefi manneen barnootaa gadi buuse keessatti hojiin ijoon manneen barnootaa adeemsa baruu barsiisuufi barattootaaf hawwataa taasisuu yoo ta'u, hojii kanaanis Gumii Tiraansifoormeeshinii Barnootaa (GTB), Gamtaa Maatiifi Barsiisotaa(GMB) hawaasa manneen barnootaa, hawaasa naannawa manneen barnootaafi bulchiinsa gandaa waliin ta'uun naannawa manneen barnootaa dhaabbilee daldalaa barattoota suusiiwwan adda addaaf saaxiluu danda'an qulqulleessuufi mooraa manneen barnootaa hawwataa taasisuu(daree dabalataa ijaaruu, mooraa mb miidhagsuu, bishaan, ibsaa, mana fincaanii, mana kitaabaa . . .) ijaaruufi haaromsuun barattoota bara 2019 simachuun kan danda'ame ta'uus obbo Kurfaan ibsaniiru.
Fuulduratti maaltu irratti hojjatamuuf adeemaa jira yaada jedhuuf, obbo Kurfaan rakkoo jiru kana bu'uura irraa furuuf gurmaa'inni haaraan gandaa, aanaafi godinaa carraa guddaa ta'uu ibsuun, manneen barnootaa sad. 1ffaa bulchiinsa gandaatiin, manneen barnootaa sad. 2ffaa immoo bulchiinsa aanaatiin waan too'atamaniif rakkoon kun yeroo gabaabaatti kan furamu ta'uu ibsuun dhimmamtootni barnootaa hunduu hojiin barnootaa hojii dhaloota ijaaruu, dhaloota ijaaruun immoo egeree biyya keenyaa ijaaruu ta'uu hubachuun gahee isaanii akka bahan dhaamsa dabarsaniiru.
Dr.Bultoosaa Hirkoo | 13 156 |
| 16 | 没有文字... | 3 634 |
| 17 | Document from Kurfa Beriso | 5 770 |
| 18 | 没有文字... | 4 464 |
| 19 | 没有文字... | 3 474 |
| 20 | 没有文字... | 5 917 |
