Diinaa'ol Kumaa
前往频道在 Telegram
Rakkina kee rakkisaa keetti hin himiin.
显示更多未指定国家未指定类别
1 384
订阅者
无数据24 小时
-17 天
-2030 天
帖子存档
1 384
Labsii Haasaa Jibbiinsaa labsii lakk 1185/2020 Addunyaa Aagaatiin Afaan Oromootti kan hiikame
1 384
Repost from Bikila Law Office
Kitaaba Seera Dhaalaa Itoophiyaa
Afaan Amaariffaan kan barreesse: Biiniyaam Shimallis
Gara Afaan Oromootti kan hiike:_ Gammachuu Dassaaleny
Dubbisuun beekumsa qabdanitti dabaladhaa!
Chaanaalii keenyaas follow godhaa
Join our telegram channel https://t.me/BikilaBG
https://t.me/BikilaBG
https://t.me/BikilaBG
1 384
Poolisiitti harka kennachuu...
👉👉👉👉👉👉👉👉👉
Yakka Raawwachuun Booda Ofii Isaatii Poolisiif Harka Kennuun Akka Sababa Adabbii Salphisuutti Ilaalamu Ilaalchisee Yaada Seeraa fi Ejjennoo Ijibbaataa
👉👉👉👉👉👉👉
👉Gaaffiin seeraa: Namni yakka raawwatee booda fedhii ofiitiin ofii isaa qaama seeraa (poolisii)f harka kenne, kun akka sababa adabbii salphisuutti lakkaa'amuu qaba moo hin qabu?
👉👉👉👉👉👉
Dhimma kana irratti abbootii seeraa gidduutti yaadni seeraa garaagaraa lama ture.
👇👇👇👇👇
1. Yaada jalqabaa (adabbii salphisuu mormu)
👇👇👇👇👇👇
Yaadni kun akka jedhuutti, himatamaan poolisiif harka kan kenne:
👉garaa isaatiin qalbii jijjiirratee ykn gaabbinaan miti;
👉jechuunis maatii miidhamaa irraa haaloo baafachuu ykn tarkaanfii deebii isa mudachuu malu sodaatee nageenya ofii eeguuf qofa.
Kanaafuu, harka kennuun isaa akka sababa adabbii salphisuutti ilaalamuu hin qabu jedha.
👇👇👇👇
2. Yaada lammaffaa (adabbii salphisuu deeggaru)
👇👇👇👇
Yaadni kun ammoo akka jedhuutti, yakka raawwatee booda fedhii ofiitiin qaama seeraaf harka kennuun ofuma isaatiin hojii gaarii ta'ee waan ilaalamuuf, akka sababa adabbii salphisuutti fudhatamuu qaba jedha.
👉Ejjennoo fi murtii Ijibbaataa
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa falmii kana xumuruun yaada lammaffaa fudhateera.
👉Akka hiika seeraa dirqisiisaa Ijibbaataan kenneetti:
👉Namni yakka raawwatee booda fedhii ofiitiin poolisiif yookaan qaama seeraa ilaallatuuf harka yoo kenne, gochi kun akka sababa adabbii salphisuutti ilaalamuu qaba.
Kana jechuun, harka kennuun ofii fedhiitiin taasifame murtii adabbii murteessu keessatti wanta himatamaa fayyadu ta'ee ni ilaalama.
Madda murtii:
👉 Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa, Galmee Lakk. 249618, irratti
👉Seera yakkaa bara 1996 bahe kwt. 82(1(e)) waliin xiinxaluun murtii dirqisisaa kenne jira.
👇👇👇
1 384
https://www.facebook.com/share/18w5N8Hyro/
Kara facebook seerota akka isinif maxxanfamu barbaaddan naaf eeruu ni dandeessu. Fayyaa ta'a.
