Abbaa Alangaa Feeben Yoonaas💪
الذهاب إلى القناة على Telegram
✍️Seeraa wallaaluun itti gaafatamuma Jala nama hin baasuu. Dhimma seera Kam irratti iyyuu gaaffii,deggersa fi gorsa argachuuf link Jala jirun na qunnamaa.Telegram dhuunfaakoo argachuuf ✍️t.me/Feeniikooo
إظهار المزيدلم يتم تحديد البلدالفئة غير محددة
299
المشتركون
-124 ساعات
+27 أيام
+1030 أيام
أرشيف المشاركات
Qooddiin Qabeenya Dhaalaa Erga Raawwatamee Booda Qabeenyi Dagatamee Ture Yoo Argame, Qabeenyi Haarayaan Argame Kun Dabalataan Ni Qoodamamoo Hin Qoodamu? Gochi Akkasii Himannaawwan Sababa Himannaa Tokkorraa Maddan Qoqqoodanii Dhiyeessuu (Splitting of a Claim) Jedhamuu Ni Danda'aa?
^^^^√√√√^^^^^^√√√√√^^^^^^^√√√√√√√
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 25/01/2011 ooleen Lakk.Ga.153231 irratti (kan hin maxxanfamne) kennee ture keessatti:
👉Dhaddachi Ijibbaataa MMWO wayita jalqaba akkaataa sdfs kwt 343(1)tiin qajeelfamaan gadi deebisutti sdfs kwt 216n walqabatee gaaffiin ka'e kan hin turre ta'uu;
👉Himatamaan tokko himannaa isa irratti dhiyaate ilaalchisee tarreeffamaafi ifatti mormuun haaluu akka qabu sdfs kwt 83 jalatti tumamuu;
👉Sadarkaa oliyyannottis falmiin jalatti hin kaaneefi haarayaa ta'e ka'uu akka hin qabne sdfs kwt 329(1) jalatti tumamuu;
👉Akkasumas, bu'uura sdfs kwt 182(2)tiin Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaatiin dhimma tokko ilaalu, dhimma gareewwan falmii tarreeffamaan ykn ifatti hin kaasne irratti murtii kennuun kan hin danda'amne ta'uu isaa tumuu;
👌Gama birootiin, qooddiin qabeenya dhaalaa erga raawwatamee booda qabeenyonni haarayaan qabeenya dhaalaa san keessatti hammataman kan argaman yoo ta'e, sirna haarayaan qooddii raawwachuun akka danda'amu tumaalee Seera Hariiroo Hawaasaa kwt 1103fi 1104 irraa hubachuun kan danda'amu ta'uu ibsuudhaan fooyyessee murteesseera.
Hubachiisa:
✅Dhimmichi Mana Murtii Aanaa Wacaalee irraa kan eegaledha.
✅Dhimmicha keessatti gareewwan walitti falmaa jiran obbolaawwan yemmuu ta'an, lafti dhaalaa kan qoodamuufii qabu hirraanfatamee boodarra harka waamamaa ammaa (obboleessa isaaniitti) argamuu ibsuun falmu.
✅Dhaddachi Ijibbaataa MMWO immoo gareewwan falmii, himannaawwan sababa himannaa tokko irra maddan qoqqoodanii dhiyeessuu hin danda'an bifa jedhuun sdfs kwt 216(3) caqasee murtiiwwan manneen murtii jalaa fooyyessuu isaatu hubatama.
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
Repost from Marraaga Istooyisizimii
Jaalala haalarratti hin hundoofne of jaalladhu!
Dogoggora kee keessaa kan ofiif hin dhiisne tokkollee hin qabaatin
(Hamma barbaadde, akka barbaaddetti ofiif dhiifama gochuuf mirga guutuu qabda! Maaltu si gaafata?!)
Sammuun kee gaabbii tokkollee hin baatin ( Sammuu kee keessa wanti xuraa'aan akkasii jiraachuu hin qabu)
Sodaa guyyaa borii, sodaa waan qabdu yookaan jaallattu dhabuutti kolfi.
Hamma namni, " Ofittoo" jedhee si waamuu ga'utti of jaalladhu!
Dhalli namaa of jaallachuu fi ofittummaa erga walii wallaaleehoo tureera!
Egaa, of jaallachuurratti hin laafin!
Jaalalli fiixaan ba'umsa qabu jaalala ati of waliin qofa qabdudha! 🌴
Repost from Elias Kasa Legal Service.
Adeemsa Qorannaa fi Kenniinsa Murtii Yakkoota Balaa Tiraafikaa irratti moojulii Qophaa’'e
Repost from 𝐁𝐈𝐍𝐈𝐌𝐎𝐒 - 𝐋𝐀𝐖𝐘𝐄𝐑
𝗠𝗨𝗥𝗧𝗜𝗜 𝐃𝐇/ 𝐈J𝗜𝐁𝐁𝐀𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐇𝐀𝐀R𝐀𝐀
⚖️ 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤. 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 249795 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 kanaan dura kennee tureen "hojjetaan guyyaa shaniif itti fufiinsaan hojiirraa yoo hafellee osoo tokkoon tokkoon guyyaa inni hafe irratti hojjechiisaan akeekachiisa osoo hin kennin (warning in writing) waliigaltee hojii addaan kutuu hin danda'u" jechuun murteessee ture.
Amma Immoo, 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤. 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 271726 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶, gaafa 28/07/2018 Abboottii Seeraa Torbaan hiikkoo seeraan duraan kenname jijjiiruun labsii lakk. 1156/2011 kwt 27(1)(b) irratti hundaa'ee hojjetaan guyyaa hojii shaniifi isaa oliif itti fufiinsaan yoo hojiirraa hafe, akeekachiisa barreeffamaa kennuun osoo hin barbaachisin waliigaltee hojii akeekachiisa malee addaan kutuun akka danda'amu murteesseera.
Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa
☎️ 0911932736 / 0927795673
Join 👉 https://t.me/binimoslawyer
Arrabsoo fi maqaa namaa balleessuun walqabatee seerri maal jedha?
Seerri yakkaa fi labsii haasawa jibbiinsaa fi tamsaasa ragaa sobaa ittisuuf bahe (hate speech and disinformation prevention and suppression) lakk 1185/2020 maal jedha ?
⚛️ Maqaa Balleessuufi Hamii Sobaa walqabatee dubbichi dhugaa ta’ee kabaja yookiin maqaa gaarii nama biroo miidhuuf yaaduun
~namni biroo hojii akkanaa hojjeteera,
~wanta akkasii raawwateera,
~waan badaa akkasii qaba jechuun garee sadaffaatti kan beeksise yookiin kan ibse fi namni tokko nama irratti odeeffannoo kabaja isaa hir’isu dubbate, barreesse, yookaan tamsaase, yoo dhugaa hin taane ykn maqaa balleessuuf itti yaadee kan godhe yoo ta’e, yakkaan itti gaafatama.
⚛️ Maqa balleessiin Kunis karaa ittiin raawwatamuu danda'an:
~afaaniin,
~barreeffamaan,
~miidiyaa hawaasaatiin,
~suuraadhaan ykn viidiyoon
~ sagaleen yoo ta'e yakkaan itti gaafatamuu danda'a.
Adabbii walqabatee:- bu'uura SY Kewt. 613 — Maqa balleessii (Defamation)
namni kamiyyuu iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu maqaa balleessuun
~hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen yookiin
~ adabbii maallaqaatiin ni adabama.
⚛️ Namni tokko bu’uura murtiitiin yakka balleessummaan isaa itti mirkanaa’e yookiin
haala seeraan itti adabame yookiin dhiifama yookiin baraarsa itti argate tuquun dubbachuun yookiin ibsuun akka maqaa balleessuutti lakkaawamee adabbii hidhaa salphaa fi adabbii maallaqaa ni adabsiisa.
⚛️ SY Keewwata 615 — Arrabsoo (Insult)
Namni:- nama arrabse, salphise, kabaja namaa hir’ise, yakka arrabsootiin ni gaafatama.
Kun yeroo heddu kan muudatu:
~wal lola keessatti,
~uummata duratti salphisuudhaan namni kamiyyuu miidhamatti kallattiin dubbachuun yookiin arrabsoon kabaja isaa kan tuqe yookiin mallattoon yookiin haala biroo kamiiniyyuu kan salphise yoo ta’e, yakkaan itti gaafatamuu danda'a.
Adabbii walqabatee iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu
~hidhaa salphaa ji’a sadii hin caalleen yookiin
~adabbii maallaqaa qarshii dhibba sadii hin caalleen ni adabama.
⚛️ Akkasumas Labsii haasawa jibbiinsaa fi tamsaasa ragaa sobaa ittisuuf bahe (hate speech and disinformation prevention and suppression) lakk. 1185/2020 bahe kewt.7 tiin namni miidiyaa hawaasaa kanneen akka Facebook, TikTok, Telegram fi YouTube hordoftoota kuma shanii ol qabu irratti bahee nama arrabsuun maqaa namaa balleessuun ykn xureessuun miidiyaa hawaasaa irratti:
~maxxansuun (post),
~Sagaleen,
~viidiyoon,
~saanduqa yaadaatiin (comment) gochuun yoo ta'e adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa 2 hin caallee fi adabbii maallaqaa hanga qarshii kuma dhibba tokkoo gahuun ni Adabama.
Baajanni hojii deemsiftuu fi mindaa hojjettootaa waajjira mootummaa raawwii murtiif ugguramuu ykn qabamuu danda’aa?
================================================
Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa kwt 404 fi Murtii Dh Ijbt MMWF glm Lkk 10489 (Jld 7ffaa) waliin ilaalamuun kana hubatamu.
==================================
Dhimma falmii hariiroo irratti murtiin kenname tokko dhamaatii fi karaa salphaa ta’ee akka raawwatamu karaalee dandeessisan seeraan diriirfameen keessaa tokko dursanii qabeenyi abbaa Idaa ,waajjira mootummaa dabalatee, kabajamee akka gurguramu taasisuun baay’inaan kan beekamuudha..
Haa ta’u malee bu’uura seeraatiin qabeenya waajjira mootummaa tokko tokko raawwii murtiif akka hinqabamne Dh Ijbta SDFH kwt 404 waliin walqabsiisuun galmee Lkk 10489 (Jld 7ffaa) irratti hiikkoo dirqisiisaa kennamee jira. Haaluma kanaan baajanni hojii adeemsiftuu idilee tajaajila uummataatiif ooluu fi baajanni mindaa hojjettootaa raawwii murtii kamiifiyyuu ugguramuu ykn qabamuu akka hin dandeenye murtaa’eera. Sababni isaas isaas hojii idilee guyyaa guyyaa mootummaa akka hin gufanne fi mindaan hojjettootaatis hojii mootummaa raawwachuuf barbaachisu waan ta’eefidha.
Kanaan walqabatee hiikkoo kun meeshaalee biroo kanneen akka kompitarootaa, komkolaataa, teessoowwan minjaalotaa, saayikilii motoraa fi kkf raawwii isaa mootummaa irratti murtaa’eef qabamuu danda’a moo miti kan jedhu ifa waan hintaaneef falmii kaasuu danda’a.
Ta’us kaayyoo baajanni hoji adeemsiftuu fi mindaan hojjetaa raawwiif akka honqabamne dhoorkameef waliin yemmuu ilaalamu meeshaaleen kunis hojii guyyaa guyyaa waajjiraaleen mootummaa tajaajila ittiin kennani fi hojii mootummaa ittiin raawwatan ijoo waan ta’aniif akkaataa Hiikkoo Dhaddacha Ijibbaataa kanaan raawwii murtiif qabamuu akka hindandeenyetti ilaalamuu ykn fudhatamuu qabu.
https://t.me/speaklawinabsentia
Baankiin Sababa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa (NID/Fayda) Walhinqabsiifne jedhuun Lkk Herreega Maamilaa Cufuu Nidanda’aa? Yoo Cufe Bu’uura Seeraa Hoo Niqabaa?
===========================================================================================
“Eeyyee” by Saabu Sendel
1. Labsii Eenyummeessa Biyyaalessaa (Labsii Lak. 1284/2015)
Labsiin kun eenyummeessi dijitaalaa biyyaalessaa (Fayda) tajaajiloota mootummaa fi dhuunfaa hundaaf akka ragaa jalqabaatti akka tajaajilu dirqama kaa'a.
• Keewwata 18 (1): "Eenyummeessi Biyyaalessaa (Digital ID) tajaajiloota tajaajila kennitoota mootummaa fi dhuunfaa irraa kennaman argachuuf ragaa eenyummaa bu'uuraa ta'ee tajaajila."
• Keewwata 18 (2): "Tajaajila kennitoonni (Baankonni dabalatee) eenyummaa nama tajaajila gaafatuu mirkaneessuuf Digital ID fayyadamuu qabu."
2. Labsii Ittisa fi To’annoo Hanna Maallaqaa (Labsii Lak. 780/2005 ykn 2013 GC)
Labsiin kun baankonni eenyummaa maamiltoota isaanii akka qulqulleessan (Customer Due Diligence) ni dirqamsiisa.
• Keewwata 11 (5): "Dhaabbanni maallaqaa (Baankiin) eenyummaa maamilaa ragaa amansiisaan mirkaneessuu yoo dadhabe, herreega banuu ykn tajaajila kennuu hin qabu; hariiroo hojii jiru immoo adda kutuu (terminate) qaba."
(Digital ID ragaa amansiisaa mootummaan murteesse waan ta'eef, isaan malee tajaajilli adda cita).
3. Labsii Baankii Biyyaalessa Itoophiyaa (Labsii Lak. 591/2000)
Labsiin kun Baankii Giddugaleessaa Itoophiyaatti (NBE) aangoo qajeelfama baankota hunda irratti hojjetu baasuu kennaaf.
• Qajeelfama NBE (Directive): NBE qajeelfama baankonni hundi maamiltoota isaanii "Fayda ID" waliin akka hidhan dabarseera. Baankonni qajeelfama kana yoo hin kabajne adabbii guddaaf waan saaxilamaniif, herreega maamilaa dhowwuuf dirqama qabu. 4. Labsii Hojii Baankii (Labsii Lak. 592/2000)
Baankonni seeraa fi qajeelfama Baankii Giddugaleessaa (NBE) hordofuuf dirqama qabu. From Jemal Kumbi's tg channel.......
Repost from Marraaga Istooyisizimii
Yaadadhu!
Callisuu keetiinis yakka hojjechuu nii dandeessa!
Maarkas Yuureliyes
Callisni kee yeroo itti yakka ta'u qaba. Yeroo dubbachuu qabdutti afaan kee irra harka kaa'uun yeroo qaama yakkaatti ilaalamu qaba. Yeroo dubbachuu qabdu dubbachuu qabda.
Akkuma yakka agartee callisuun yakka ta'e, jireenya keenya har'aa borii keessatti sagalee keenya bakka dhageessisuu qabnutti callisuunis yakka!
Daa'imni kamiyyuu gochaawwan humna isaa ittiin saamamu irraa eegamuu,barumsa,fayyaa fi nageenya isaa irratti miidhaa kan qaqqabsiisan akka hojjatu dirqisiifamuu dhabuu ykn hojjachuu irraa eegamuuf mirga qaba.
Daa'imni kamiyyuu Manneen Barnootaa ykn Dhaabbattoota guddisa Daa'immanii keessatti adaba hammeenyaa fi farra namummaa qaama isaa irratti raawwatamu irraa bilisa ta'uuf mirga qaba, HM kwt 36(1)(E).
Daa'imni kamiyyuu Dhaabbattoota Mootummaatiin ykn Dhaabbattoota dhuunfaatiin,Manneen Murtiitiin, Abbootii Taayitaa Bulchiinsaatiin ykn Qaamota Seera Baasuutiin tarkaanfiiwwan daa'imman ilaallatan yommuu fudhataman nageenyummaan Daa'immanii dursamee itti yaadamuu qaba, HM kwt 36(2).
Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 46416 ta'e irratti "nama daa'ima umriin waggaa 13 hanga 18 jidduutti argamu waliin wal qunnamtii saalaa raawwachuun yakkaa kan adabsiisu akka ta'e" SY keewwata 626(1), Hayyamaa fi fedhii daa'imaa malee gaa'ilatti kakkaasuun, haala mijeessuun yakkaan kan adabsiisu tahuu, fedhii malee Butanii gudeeduun tumaa seera yakkaa kwt 620 jalatti akka adabsiisu ifaan tumamee jira, hayyamaa fi fedhii haadha ulfaa malee ulfa baasuun, baasuuf yaaluun yakkaan kan adabsiisu tahuu.
Dabalataanis,murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 102916,46606,53663,43988,67924,93779,26953,33411,31430,85482,108531(selected cassation decision related to women's rights & women litigants) ilaalamuu akka qabu tuma.
Hub:Barruu kana kan barreessuuf dirqameef Sarbama mirga Dubartii fi Daa'immanii irra deddeebbiin Qe'ee teennaa fi firaaf fiixa, obboleettii tiyya irratti raawwatamu kana obsuu dadhabeeti:
Tumaaleen mirgoota daa'immanii fi dubartootaa ilaalchisee tumaman kanneen olitti ibsaman mirgoota kana kabachiisuu keessatti murteessaa waan ta'aniif kutaaleen hawaasaa hundi keessattuu qaamoleen dhimma mirgaa fi dantaa daa'immanii fi dubartootaa murteessuuf aangoon kennameef seerota qixa kanaan jiran haalduree fi dhibaa'ina tokko malee dursa kennuun hojiitti hiikuu akka qaban dhaamsa "hadaraa seeraa" isinitta jabaa.
Waliin taanee mirgoota dubartii fi daa'immanii beeknee, kabajnee, kabachisiifnee hojii irra haa oolchinuu jechuun barbaada ulfaadhaa.
Maddoota Wabii
1. Heera Mootummaa
2. Waadaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa Idila Addunyaa(ICCPR) 1966 bahe.
3. Waadaa Mirgoota Daa'immanii (CRC)
4. Waadaa Dhiibbaa Dubartoota Irra gahu hambisuuf bahe (CEDAW)
5. Seera Maatii Naannoo Oromiyaa Lakk 83/96
6. Maanuwaalii Murteessa Qallaba Daa'immanii MMWO bara 2013 bahe
7. Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa.
Dhimma:Daa'ima Africa Haroo Xonaa Qaamni ilaallatu hordofee furmaata waaraa yeroo gabaabaa keessatti akka kennuuf abdiin qaba🙏
Caamsaa, 06/2018.
Adaamaa.
Thanks Gelma K Godana
MIRGA DUBARTII FI DAA'IMMANII:
Irratti Sanadni idil_addunyaa,Heerri FDRE,Seerri Adaba yakkaa biyya keenyaa fi Seerri Maatii FDRE fi Oromiyaa maal jedha laata?
Qabatama hawaasa keenna keessa jiru waliin kaasnee ilaalla.
Dubartootaa fi daa'imman qaama hawaasaa walakkaa ol tahaniidha, akkasumas kutaa hawaasaa yeroo baay’ee rakkinaa fi gadadoof saaxilamoo (vulnerable groups) tahaniidha.
Baroota dheeraaf ammas qormaata farra namoomaa, al-loogummaa fi dhiibbaa addaa addaatiif saaxilamaa turan ammas kutaalee biyya kanaa hedduu keessatti sababoota gara garaan sakaallaan hadhaawaan hogguu sirna jiruuf jireenya Dubartii fi Daa'immanii irratti mullatu argaa oolla.Akkaataa qorannoo dhaabbanni CDC June 22 bara 2022 qorateen mullise(Akeeke) tti "Dubartoota 4 keessaa yoo xiqqaate dubartiin 1 miidhaa gudeeddii ykn yaalii gudeeddiitiif akka saaxilamoo tahan qorannichi akeekee ture.
Dabalataan:Yakkoonni akka umrii malee heerumsiisuu, gaa'illi gaa'ila irratti ijaaramu, saal-qunnamtii umrii malee fi yakkoonni daily daa'immaniif dubartootni Addunyaa keessattuu biyyoota Africa ~Itoophiyaa~Oromiyaa~Keessattuu Oromiyaa keessaa kibba Oromiyaa Godina Gujii Aanaa Sabbaa Boruu keessatti bara 2018 raawwatamaa ture ammas raawwatamaa jiru haalaan suguggii nama kan godhuudha.
Mirgoota kana bu'ura tumaalee Seerota Mirga Namoomaa Idil-Addunyaa biyyi keenya fudhatteen: Heera Mootummaa; Seera Maatii Federaalaafi Naannoo Oromiyaa; Labsiilee rogummaa qaban kan Itiyoophiyaa fi Naannoo keenyaa; Murtiilee Dhaddacha Ijibbaataa MMWF tiin bu'ura Labsii Lakk 1234/2012 tiin walbira qabnee ilaalla.
1. Mirga Dubartootaa:
Dubartoonni saaxilamummaa seenaa keessatti mudateef Mootummaafi seerri "Affirmative Action" deeggarsa addaa kenneefii jira. Dubartoonni roga diinagdee, misoomaa, hawaasummaa, hirmaannaa siyaasaa kkf hunda keessatti mirga dhiiraan qixxee qabu:
● UDHR (seensa, kwt 1 kabajaafi ulfina namoomaa, kwt 2 walqixxummaa, kwt 16 fedhii guutuun gaa'ila seenuu; Kwt 25 haadhummaafi ilmummaaf kabajaafi deeggarsa addaa kkf);
● ICCPR kwt 2 walqixxummaa, kwt 7 hojii walfakkaataan kafaltii qixaa; kwt 10 Heerumaan mirga qixaa ;
● CEDAW kwt 1 loogii dubartootaafi mirga walqixxummaa; Kwt 2 dirqama biyyoota miseensotaa loogii dubartootaa balaaleffachuufi dhabamsiisuu; Kwt 4 mirga walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan deeggarsa addaa;
● Heera Itiyoophiyaa kwt 10, 13-44 mirgoota Namoomaafi dimokraasii; Kwt 25 Walqixxummaa, Kwt 34 mirga maatii, kwt 35 mirga dubartiifi deeggarsa addaa (Affirmative Action)
Mirga heerumuu fi maatii horachuu: Dubartiin umrii fuudhaa fi heerumaaf seeraan murtaa'e irra geesse fedhii isiitiin heerumuu fi maatii horachuudhaaf mirga qabu, ICCPR keewwata 23(2) fi HM kwt 34(1)(2).
MNO Gujii keessatti kan raawwatamaa jiru kana qaamni dhimmi ilaalu osoo dammaqee gaariidha dammaqaa jenna.
2. Mirgoota Daa'immanii:
Mirgoonni Daa'immanii Konveenshiniin mirga Daa’immanii bara 1989 bahe kwt 3 fi Heerri Mootummaa bara 1995 bahe kwt 36; Seera Maatii Oromiyaa Labsii Lakk 83/96. Waadaan mirga daa'immanii adsunyaa kwt 3 akka qajeeltotti murteessa daa'imman ilaallatu hunda keessatti "Faayidaan addaa daa'immanii (best interest of the child) dursi kennemuu akka qabu tuma.
Daa'imman kamiyyuu lubbuun jiraachuuf mirga qabu, Heera Mootummaa FDRE kwt 36(1)(A) fi kewt 16 jalatti ifaan tumamee jira:Godina Gujiis haala qabatamaa qe'ee kanatti raawwatamaa jiru sirrii tahe natta hin mullatu💔
Dammaquu ofi ilaaluu barbaaddi mootummaan xiyyeeffannoon osoo qe'ee tana hordofee gaariidha jedha.
Daa'imni kamiyyuu warra isaa yookiin namoota isa guddisuuf seeraan mirga qaban beekuu fi kunuunsa isaaniis argachuuf mirga qabu, HM kwt 36(1)(C).
Daa'imman yookiin ijoolleen umriin isaanii waggaa 18 gadi warra isaanii irraa qallaba ykn nyaata,bakka jireenyaa,uffata,fayyaa isaa ittiin eeguu fi akkuma dhimmichaatti barumsaaf wanta barbaachisaa ta'e argachuuf mirga qabu, HM kwt 36(1)(C), SMO kwt 214,215, CRC kwt 3 jalatti tumamee jira.
Repost from Marraaga Istooyisizimii
"Guyyaan tokko jireenya tokko!" jedha Seenekaan. Galgala yeroo ciistu akka jireenya tokko jiraattetti yaadii ciisi. Ganama gaafa kaatu akka jireenya haaraa tokko simatuutti simadhu.
Yaadannoo guyyootii darbaniitiin guyyaa har'aa kee hin faalin!
Har'a isa duraanii caalaa ija jabaadhu,
Har'a isa duraanii caalaa murtoo qabaadhu,
Har'a isa duraanii caalaa dhugaaf bakka laadhu!
Nagaa Jirtuu Kabajamtoota A/Seeeraa fi A/Alangaa Leenjitoota marsaa 17ffaa ILQSO, obboleessi keenya Abbaa Alangaa Fira'ol Tasfaa dhibamee Hoospitaala ciisaa waan jiruuf yaalamee fi yeroo ammaas surgery ta'ee yaalamuuf qarshii guddaa waan gaafatameef hanguma dandeessan deeggarsa barbaachisu acc.no dhuunfaa isaa kana irratti akka taasiftaniif kabajan isin gaafanna
Acc.No Fira'ol Tasfaa.CBE 👉1000101265278 🚩🚩🚩🚩🚩🚩🚩Hubaachisa olitti ibsaame akka nu jala hin dagane. Oggeessonni keenyaa 🙏🙏
Waliigalteen Tokko Seeraan Ala Ta’uu (unlawful) Manni Murtii Ofii Isaa Kaasee Kufaa Gochuu Nidanda’aa?
=================================================
Heera Mootummaa kwt 40(2); Labsii Lafa Baadiyaa Lkk 1324/2016, Labsii Lkk 248/2015, Murtii Dh Ijbt MMWF glme Lkk 257723 ta’erratti gaafa 25/04/2017 kenname
=============================
Waliigalteen tokko bu’aa seeraa akka qabaatuuf, "Seeraa qabeessa" ta’uun dirqama. Kanas yeroo hedduu eega waldiddaan uumamee dhimmichi mana Murtii gahe booda gareewwan falmiin kan ka’u yoo ta’u darbee darbee otuu gareewwan hinkaafnes Manni Murtii adeemsa falmii keessatti waliigaltichi seeraan ala ta’uu haalli itti argu/hubatu nijira. Kanas, yoo falmitoonni mormii waliigaltee seeraan alaa jedhu dhiyeessuu baatan, manni murtii ofii isaatii kaasuu hindanda’u jedhamee ogeessota seeraa hedduun nidubbatama."
Hata’u malee, Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa murtii dhiyoo kenneen qabxiilee armaan gadii ifa godheera: Manni murtii sadarkaa kamiyyuu irratti argamu, waliigalteen dhiyaateef seeraan alaa ta’uu isaa yoo mirkaneeffate, falmitoonni mormii dhiyeessuu baatanis, murtii ofiitiin (kaka'umsa ofiitiin) waliigalticha kufaa gochuu ni danda’a.
Fkn, gurgurtaan Lafaa Maqaa "Kennaa”tiin raawwatamu waliigaltee seeraan alaatidha. Gurgurtaan lafaa seeraan dhorkamaa dha. Kunis Heera Mootummaa kwt 40(2) jalatti akka qajeeltoo imaammata Lafaatti kan tumame yoo ta’u Labsii Lafa Baadiyaa kan Federaalaas ta’ee kan naannolee keessatti ifaan tumamee jira.
Gurgurtaa lafaa bifa "Waliigaltee Kennaa" tiin haguuganii dhiyeessuun seera qabeessa taasisuuf yeroo hedduu haalli itti yaalamu qabatamaan nimul’ata. Waliigalteen akkasii jalqaba irraa kaasee bu’aa seeraa waan hin qabneef, qabiyyee waliigaltee kennaan argadhe akka harkaan nagahan ykn gadi lakkisan jedhanii gaafachuuf mirga hin kennu.
Akkasumas waliigaltee seeraan alaa ta’een qabiyyee qabatanii waggoota dheeraaf gibira kanfaluunis mirga abbaa qabiyyummaa hin argamsiisu.
Kanaaf walumaagalatti , waliigalteen akkasii. Seeraa ala (unlawful) waan ta’eef jalqabuma bu’aa hinqabu (void abinitio) akka ta’ee fi Manni Murtii kamiiyyuu kaka’uumsa ofiitiin kufaa gochuu akka qaban Dhaddachi Ijibbaata MMWF galme olitti caqafamee fi kanneen biroo irratti hiikkoo seeraa kennee jira.
Jemal K Kumbi
Qarshii kaffaluu osoo hin qabaatin nyaata ajajuun nama gaafachisa.
Akkaata seera yakka kwt.859 tiin namni kammiyyuu kaffaluu akka hin dandeenye osoo beekuu manneen nyaata,mana bunaa,hoteelota ykn manneen ciisichaa tajaajila Kennan keessaa seene nyaatawwaan,dhugaatiwwaan,yykn faayidaalee akaakuu kammiyyuu kan ajaje kan argate yoo ta'e adabbii maallaqa ykn hidhaa mana turmaatan jia tokko hin caalleen ni adabama.✍️ Hubannoo seera argachuuf garee kanaaf miseensa ta'a.
Sichii haqa nama baayyeef kennita jenne yaadne turreem seefudin garuu Hojii waaqa hin beekamu nagaan boqodhu obboleessa koo😭
Ija-jabinni amaloota gaggaarii mararra caala sababnisaa namni ija-jabina hin qabne danda'ee amaloota gaggaarii kan biroo hin shaakalu!
✅Dambiichi kwt 35 jalatti manneen hojii mootummaa, dhaabbileen misooma mootummaa; akkasumas, ogeeyyiin seeraa faallaa dambii kanaatin hojjetan ykn akkaataa dambii kanaatin hojjechu didan tarkaanfiin bulchiinsaa naamusa isaanii ilaalchisee fudhatamu akkuma jirutti ta’ee seerota rogummaa qabaniin kan gaafataman ta’u tumee jira.
✅Akkaataa Labsii 881/2007tiin Hojii Mootummaa haala hin malleen gaggeessuutiin kan itti gaafatamuudha.
Via Zewdu Mulugeta
[5/3/2026 12:39 PM] Lalisa Dd: Waliigaltee Bittaa fi Gurgurtaa Mandaraa Qabeenya hinSochoone Irratti Raawwatamu
============================================================
SHH kwt 1723, Murtii Dhaddacha Ijbt glme Lkk 215762 ta’erratti gaafa 01/09/2014 kenname
===================================================
Waliigaltee Ganda/Safara keessatiin Bittaa fi Gurgurtaan Qabeenya hinSochoonee Yoo Waakkatame Garee Lamaan Giddutti Ragaa Namaan Mirkaneessuun Nidanda’amaa?
Namoonni baratamaan waliigalteen ganda keessatti godhamuun (qaama aangoo qabu duratti hin mirkanoofneen) bitaa jiru.
Gareen tokko waliigaltichi jiraachuu haale/waakkate namoota waliigalticha irratti ragaa ijaa ta’uun mallatteessan akka ragaatti lakkaa’achuun falmiin mana murtiitti yoo dhiyaatus nimula’ata.
Haata’u malee waliigaltee akkasii irratti gareen tokko yoo haale ykn waakkate waliigalteen jiraachuu ragaa ijaa ykn namaatiin mirkaneessuun akka hindanda’amne Dhaddachi Ijbta MMWF glmee Lkk 215762 ta’erratti gaafa 01/09/2014 hiikkoo dirqisiisaa kenne jira.
credit to Jemal K Kumbi
[5/3/2026 6:58 PM] Lalisa Dd: #Dhimmoota_Hariiroo_Hawaasaa_Dantaa_Mootummaa fi Ummataa ilaalchisee gahee Abbaa Alangaa Qabu!
✅Dhimmoota biiroon Abbaa Alangaa xiyyeeffannoo guddaatin hojjechaa jiru keessaa tokko hojii dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa ummataa fi mootummaa kabachisu dha.
👍🏻Labsiin Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hundeessuf bahee labsiin lakk-214/2011 kwt 7 (37-41) jalatti aangoo abbaan alangaa hojii dhimmoota hariiroo hawaasaa ummataa fi mootummaa kabachisutin walqabatee qabu tumee jira. Haa ta’u malee, aangoon kun sadarkaa labsiitti tumamee jiraatus dambiin dhimma kana ittin raawwachisan otoo hin bahiin turu isaatin hojii kana sirnaan hojjechudhaan walqabatee abbootii alangaa rakkoon garagaraa qunnamaa turee jira.
👍🏻Rakkoo gama kanaan jiru hikuudhaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa Mana Maree Bulchinsa Mootummaa Oromiyaatin Dambii Lakk-243/2016 mirkaneessun Ebla 10 bara 2016 irraa eegalee hojiirra oolee jira.
Dambii kana keessatti dhimmoota gubbatti akka rakkootti kaasaa turreef tumaalee fala ta’u danda’anii fi hojiicha milkeessu danda’an akka haammataman ta’ee jira. Haaluma kanaan dambiichi seensa isaatirratti kaayyoon dambiichi ittin bahee Aangoo hojii dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa ummataa fi mootummaa kabachisuu biiroo Abbaa Alangaatif kennamee jiru karaa qulqullina, si’oominaa fi bu’aa qabeessa ta’een hojiirra oolchuudhaan qisaasama qabeenyaa mootummaa fi ummataa ittisu akka ta’ee ifatti ibsee jira.
✅Dabalataanis dambiichi kwt 4 jalatti dambiin kun dhaabbilee misooma mootummaa, manneen hojii mootummaa, namoota deggarsa adda addaa barbaadanii fi akka barbaachisummaa isaatti jaarmiyaalee ummataarratti raawwatinsa kan qabu ta’u tumee jira.
✅Dambiichi kewwata 5 jalatti qajeeltoowwan waliigalaa dhimmi hariiroo hawaasaa dantaa ummataa fi mootummaa ittin hogganaman yoo tarreessu manneen hojii mootummaa fi dhaabbileen misooma mootummaa waliigaltee kamuu qaama kan biraa waliin mootummaa bakka bu’udhaan mallatteessu isaanitin duratti abbaan alangaa waliigalticha gulaaluu fi seera qabeessummaa isaas xinxaluun akka irra jiraatu kwt 5(2) jalatti ifatti tumamee jira.
Dabalataanis dambiichi keewwatuma kana jalatti waliigalteen sirna kana keessa hin darbiinee raawwatamuummaa kan hin qabnee ta’u tumee jira.
✅Karaa gara biraatin waliigaltee mallattaa’ee foyyeessun( variation of contract) ykn jijjiiruun yoo barbaadameellee jijjiramuun ykn foyya’un waliigaltee sanaa dhibbaa fi faayidaa dantaa ummataa fi mootummaatif qabu ija abbaa alangaatiin ilaalamee mirkanaa’un akka irra jiraatu dambiichi kwt 5(5) jalatti tumee jira. Dhaabbilee misooma mootummaa fi manneen hojii mootummaa dhimma hariiroo hawaasaa mootummaa fi ummataa ilaalchisee bakka bu’ummaan abbaa alangaatiin otoo hin kennaminif dhaddacha dhaabbatanii falmuu akka hin dandeenye fi biiroon Abbaa Alangaa garu walxaxinsa dhimmootaa irratti hundaa’ee akka isaan dhaabbatanii falmuu danda’aniif aangoo qoodee kennufi akka danda’u kwt 5(3 fi 4) irraa hubachun ni danda’ama.
"...Namni yeroo si argu mara akka fuula ifutti jiraadhu!"
@barruulee
متاح الآن! بحث تيليغرام 2025 — أهم رؤى العام 
