cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Oduuf Odeeffannoo Hundaa Hamtee....❤️❤️❤️

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
1 317
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-77 أيام
-2230 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Wantoota Wudu’a Diigan 1. Xuraawa Qawwa Lamaan Irra Bahuu ; Namni Tokkoo Xuraawaan Kun Qaama  Isaa Keess Erga Bahee Booda Waana Rabbiin Wal – Qunnamuu Deemuuf Wudu’aa Isaa Haromsachuu Qaba. 2. Maziyyii Fi Wadiyyii ; Jarrii Kuni Lameens Dhangala’oo Kara Qaama Saalatiin Bahana Wayta ta’AN, Lamaanu wudu’aa Ni Diiiguu. 3. Dhuufuu ; Kunis Wantoota Wudu’aa Diigan Keessa Isa Tokkodha.  4. Hirriba Keessa Badan  ; Hirriba Keessa Badanii Fi Yeroo Dheera Rafuun Wudu’aa Ni Ballessaa. 5. Maratumaa ;  Wantoonnii Nama Jiiysani Fi Sammuu Nama Hadoochan Wudu’a Ni Diiguu
إظهار الكل...
👍 7🥰 1🤔 1
Akkam jirtu miseensonni garee kanaa?  Wantootni hubannoof garee kana irratti barreeffamanii fi deebiin qajellfama jiruun walqabatee kennamaa ture hedduu barsiisoo waan tahaniif akka kootti hedduu irraa fayyadamee waanan jiruuf galatoomaa jechuun jaalladha. Kanatti fufee gaaffiiwwan hubannoof gaafadhu lamman armaan gaditti dhiyeessuuf bu’uura Qajeelfama Bittaa mootummaa irratti hundaa’uun yaada akka itti laattan kabajaan isin gaafa dha. 1.  Pirojektiin ijaarsa mootummaa tokko akkaataa design fi spefication qophaa’een waliigalteen taasifamee erga hojii qaabatamaatti seenamee booda hojiin hojjetame safara qabatamaa hojii lafa irra jiruun yeroo kaffalamu gosti hojii (item) tokko tokko irratti garaagartummaa uumuu danda’a garaagartummaan kunis tokko tokko irratti kan waliigaltee irra jiru ol yeroo tahu tokko tokko irratti immoo waliiigaltee irra kan jiru gadi tahuu danda’a. Garaagartummaan kun waliigaltee waliigalaa irratti garaagartummaa kan hin uumne yoo tahe ogeessi hordofuu fi mirkaneessu justification itti qopheessuun kaffalaa turee jira. Haa tahu malee kaffaltiin kun yeroo odiitera muummuchaan odiitii taasifamu yaadota garaagaraa kaasaa jira. Innis tokko tokko bakka gosti hojii (item) irratti waliigaltee ol tahe irratti Koreen raggaasistuu Bittaa ijaarsaa fi tajaajila gorsaa sadarkaan jiru murteessuu qaba malee ibsi ogeessaa (justification) qofti gahaa miti kan jedhan jiru, kaan waliigalteen gosoota hojii waliigaltee ol tahan irratti qophaa’ee kaffalamuu qaba jedhu. Kana irratti yaada keessan nuuf qoodaa. Garaagartummaan koree raggaasistuu murteessu garaagartummaa akkamiiti? 2.  Pirojektii ijaarsa daandii keessatti hojii cirracha uwwisuu hojjechuuf bakki selected granular material itti argama jedhamee waliigalame 0
إظهار الكل...
👍 1
#Adaamaa ++++++++ Watajjiin marii ummataa qaamolee hawaasa gara garaa hirmaachise mata duree "Gargaaramuu irraa gara Oomishtummaatti, Birmadummaa fi Kabaja biyyaatif" jedhuun Magaalaa Adaamaatti taa'amaa jira.
إظهار الكل...
👍 2
Jilli Afyaa’otaa Aanaa Gobbaatti hojiilee misoomaa daawwate Waxabajjii 1, 2016 Jilli Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahmaanii fi Afyaa'ota Naannolee fi Magaalota Lamaanii Godina Baalee Aanaa Gobbaatti hojiilee misoomaa gaggeeffamaa jiran daawwateera. Jilichi qophii biqiltu Ganna kanaa, horsiisa kaannisaa, mana qorichaa moodela hirmaannaa hawaasaan ijaarame, misoomaa xaa’oo uumamaa daawwaachuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul'isa. Jilli Afyaa’ota Naannolee fi Magaalota Lamaanii guyyaa kaleessaa Magaalaa Roobeetti hojii tajaajila lammummaa bara kanaa jalqabsiisuun ni yaadatama. #Oromia #Ethiopia
إظهار الكل...
👍 2
Dhimmi Hayyama Daldalaa Haaroffachuun wal-qabatuu fi Gibira Mootummaa kaffaluun walqabatu  Hayyamni Daldalaa kan haaromu fi gibirri kan kaffalamu akkaataa Qajeelfama Abbaa Taayitaa Galiiwwanii fi Biiroon Daldalaa baase bu'uura godhatee ta'a. Kanaafuu Ulaagaa dorgommii keessattis dhimma kana haaromu fi gibira kaffaluu akkaataa Qajeelfama Abbaa Taayitaa Galiiwwanii fi Biiroon Daldalaa baasen ta'uu qaba Malee bara wajjin deemuu hin qabu gibira bara 2015,2016 fi Hayyama bara 2015,2016 kan kaffalee fi haaroffate jedhamuu hin qabu. @Hayyama kan haaroffate ykn gibira kan kaffale/Akkaataa qajeelfamaatiin hayyama kan haaroftee fi gibira kan kaffale jedhamuu qaba.Sababiin isaa Hayyamni kan haaromuu fi gibir kan kaffalamu kaaladarii mataa isaa qaba hanga guyyaa kaalaandariin sun xumuramuutti Hayyamni isaa haaromaadha akkasumas gibiras kaffalee jira jedhama amma guyyaan kaffalu gahee xumuramutti. Dhimma kan xiyyeeffannoon ilaaluu qabna ulaagaa dorgommii keessatti sababii kanaan komiin baayyataa jira dhimmi kun dhimma komiin irratti ka'u ta'uu hin qabu. @.Kan booda dhimma kana akkaataa  Qajeelfama Abbaa Taayitaa Galiiwwanii fi Biiroon Daldalaatiin ilaalaa. galatoomaa!
إظهار الكل...
👍 4
Bakka Xiyyeeffannoo kennuu qabnuuf Xiyyeeffannoo Haa Kenninu. Bittaa Jechuun Maalinni? Akka Naannoo Keenyatti Maaltu Bitama? Bittaan Gosa Afur(4) qaba. 1.  Bittaa Ijaarsaa 2.  Bittaa Meeshaa 3.  Bittaa Gorsaa 4.  Bittaa Tajaajilaa Akka Waliigalaatti Baajanni Naannoo Keenyaa Keessaa 65-70% bittaawwan kanaaf oola. •  Gosawwan Bittaa Afur(4) jiran keessaa Bittaa Ijaarsaa fudhannee yoo ilaalle Bittaawwan. 1.  Manneen Barnootaa 2.  Hospitaaloota 3.  Keellaa Fayyaa 4.  Jallisiiwwan addaa addaa 5.  Ijaarsa Daandiiwwan addaa addaa 6.  Ijaarsa Riqaawwan addaa addaa. Waliigalaan Buuuri Misoomaa Naannoo Keenyaa gosa bittaa kanaan geggeeffama. Guddina Naannoo keenyaaf iddoo guddaa waan qabuuf Qaamooleen hunduu dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuu qaba. •  Dubbiin Adeemsa Bittaa irratti bade xumurri isaa hin milkaau waan taeef Hoggansaa hanga Raawwataatti dhimma kanaaf xiyyeeffannoon kennuun barbaachisaadha. 1.  Qulqullinaan 2.  Iftoominaan 3.  Haqummaan 4.  Bifa Diinagdummaa qabuun Raawwachuun Bittaa Naannoo Keenyaa bua  qabeessa taasisuun dirqama Lamummaati. Galatoomaa!
إظهار الكل...
2👍 1
Doktara Kabajaa  Hayyuu Argaa Dhageettii Borbor Bulee Dirree Eenyuu? Dubbisaa! Hayyuu  argaa dhageetti Dr. kabajaa Borbor Bulee Dirree haadhasaa aadde  Jiloo Buleefi abbaasaa obbo Bulee Dirree irra godina Booranaa Aanaa Dubuluqitti fulbaana 3, 1941 dhalatan. Akkuma ijoollee horsiisee bulaa kamiyyuu wayita umriinsaa tika ga'u horii tiksaa guddate. Ijoollummaadhuma isaanitiin nama xiqqaa qalbii qabu kan nama xiqqaa guddaan dinqisiifatamu turan. Dr. kabajaa Borbor Bulee umrii isaanii waggaa 23 yoo gahu gargaaraa konkolaachisaa tauudhaa  hanga konkolaachisaatti hojjataniiru. Yeroo umriinsaa waggaa 26 ta'u gara maatiisaatti deebi'uun  tikaan maatiisaa gargaruun cinaatti argaa dhageetti jaarroolleerraa barachuu jalqabe. Yeroo sanatti maanguddoota argaa dhageettii kanneen akka  Guyyoo Boruu Galmaa, Adii Diidaafi Areeroo Irbii fa'a jala deemuun waan aadaa argaa dhageettii Booranaa barachaa kan guddate. Hayyuun kun yeruma sanittuu nama hunda biratti  baay’ee dinqisiifamuufi jaalatamu turan. Nama xiqqaa akka nama guddaa  kan waan dhaga'e hin walaalle turan. Beekumsa argaa dhageettii kanaan baayee kan dinqisiifaman hayyuu umrii(ganna) xiqqaatti jechuun bara 1972 Gumii Gaayoo kan Gadaa Jiloo Aagaa jaarsa argaa dhageettii jedhanii eebbisuun Abbaan Gadaa qumbii tufaniifi beekamtii kan kennaniifidha. Kanaanis dargaggeessa umrii 31 kan sababa beekumsa addaatiif beekamtii Abbaa Gadaarraa argatan jedhamuun ummata biratti baayee jaalatame. Kana boodas Gadaa Abbaa sadii:  Gadaa Boruu Guyyoo, Gadaa Boruu Maadhaafi Gadaa Liiban Jaldeessa yaa'a keessa godaanuun abbootii Gadaafi Raabaa Gadaa cufa aadaa Booranaa barsiisaa ture. Gadaa as- aantu lama kan Guyyoo Gobbaafi Kuraa Jaarsoo yaa'a keessa odoo hin godaanin idduma ( fuluma) jirutti argaa dhageettii dhufanii irraa barachaa turan. Hanga Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsootti Abbaan Gadaa osoo hayyuu kana bira dhufee waan aadaa hin gaafatiin baallii fuudhe hin jiru. Hayyuun kun dandeettiifi beekumsa qabaniin ummatasaa tajaajiluun oolmaa oolaniin  Adooleessa bara 2008 Yunivarsitii Bulee horaarraa  Dr. kabajaa argataniiru. Hayyoonni  garaagaraas dinqisiifannaa hayyuu argaa dhageettii Dr. Kabajaa Borbor Bulee irraa qabaniin maqaa itti moggaasuun isaan waamu.  Profeessar Asmaaroon  Laggasaa Insaayikiloopidiyaa jedhanii waamu.  Profeessar  Gufuu Obaa dureessa beekumsaa kan jechasaa Booranni dhaga'u yoo jedhaniin, Dr.Bokkuu Xachee immoo  madda (kuusaa) beekumsaa kan hin fooqanne(hin dhumne) jedhanii ibsu. Hayyuun kun umriisaa kana keessatti dhalattoonni biyya keessaafi alaa gara namoota 161 ol taan waraqaa qorannoosaanii  isaan irraa qoratachuun  ittiin milkaa'aniiru. Fkn Dr.Gammachuu Magarsaa, Dr. Gammachu Taayyee, Dr. Waasee Birhaanuu, Profeessar Mararaa Guddinaa, General Baacaa Dabalee, Dr. Dajanee Gammachuu, Dr. Abarraa Daggafaa, Obbo Warqinaa Qalbeessaa, Obbo Alamaayyoo Atoomsaa ,Profeessar Gufuu Obaa, Profeessar Abdullaayi Shaanqoo, Dr. Jaarsoo Guyyoo Mookuu, Mohammed Huqqaa, Taarii Abkuulaa, Profeessar Asmaaroon Laggasaa, Marco Baasii, Damo shield, Pata Ayike, Dr Lokoo, Alista faan hayyoota qorannoosanii hayyuu kanarraa odeeffachuun hojjataniidha. Hayyuun kun naannoo keessa jiraatutti xiqqaafi guddaa waan danda'u hundaan gargaaruun beekama. Hayyuun kun hojii gosaafi biyyaa malee hojii dhuunfaasaa hojjachuuf guyyaa tokkoofillee yaadee hin beeku. Seenaa gabaabduu jaarsa argaa dhageettii Dr. kabajaa Borbor Bulee kanarraa dhaloonni barachuu qaba.
إظهار الكل...
👍 9 1🥰 1
03:12
Video unavailableShow in Telegram
Ummata Oromoo Deegsaa fi ajjeesaa Oromoof qabsoofnaan maal jedhama?
إظهار الكل...
Qasx112(1).mp413.42 MB
09:47
Video unavailableShow in Telegram
"Miidhaa gubaa ibiddaa abbaa gubatetu beeka" Goollicha Dheengee ajajaa waraana ABO-Shanee Zoonii Kibbaa duraanii
إظهار الكل...
Fial.mp4101.67 MB
Repost from Fanajobs
Photo unavailableShow in Telegram
✅Catholic Relief Services - CRS New Vacancy 1.Technical Advisor II - Collaborating Learning and Adapting (CLA) ➲social sciences including economics, sociology, development studies, or field(s) related 2.Finance Assistant ➲Accounting, Finance, Economics, Business Administration For full job description visit 👉 https://oromiajobs.com/profile/servicce5
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.