ar
Feedback
Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

Jama'aa Dargaggoota Musliima Dheeraa

الذهاب إلى القناة على Telegram

“Namni waan gaarii irratti nama qajeelche,isaafis mindaa akka isa dalagee argata.” ~[Nabi Muhammad ﷺ] Kun toora telegraama Chaanaala Jama'aa Muslima Magaalaa Dheeraati ይህ የዴራ ሙስሊም ጀመኣ ይፋዊ የቴሌግራም ገፅ ነው comment @deramuslimjemea1_bot

إظهار المزيد
4 779
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
-67 أيام
-5230 أيام
أرشيف المشاركات
Bu'aan qormaata akkamiin ilaalu danda'ama? Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 qormaata fudhatan bu'aa y
Bu'aan qormaata akkamiin ilaalu danda'ama? Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2017 qormaata fudhatan bu'aa yeroo gadhiifametti karaa asii gadii kanaan ilaaluu ni danda'u jedhameera. Marsariitii 👉https://result.eaes.et Ergaa barreeffamaa gabaabaa /SMS/👉 6284 Karaa Telegiraamii👉 https://t.me/eaesbot Share Gochuu hin dagatinaa! https://t.me/derajemea

⭕ #Oduu_Gammachiisaa Barataa Kaalid Bashir sadarkaa biyyaalessaatti barataa qabxii ol'aanaa galmeessise isa 1ffaa 💪 Barataan
⭕ #Oduu_Gammachiisaa Barataa Kaalid Bashir sadarkaa biyyaalessaatti barataa qabxii ol'aanaa galmeessise isa 1ffaa 💪 Barataan Mana Barumsa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaa Kaalid Bashiir qormaata Seensa Yuunivarsiitii kutaa 12ffaa akka biyyaatti qabxii 591 galmeessisuun akka biyyattii barataa qabxii ol'aanaa galmeessise ta'eera. ‎Ministeerri Barnootaa bara barnootaa 2017'tti barattoota kutaa 12ffaa qormaataaf taa'an keessaa Kumni 48 qabxii seensa yunivarsiitii galmeessisuu isaanii beeksiseera. ‎Barattoota Kuma 585 fi 882 qormaata Kutaa 12ffaa baranaa fudhatan keessaa barattootni Kuma 48 fi 29 qabxii seensa yunivarsiitii galmeessisuu isaanii Ministirri Barnootaa beeksiseera. https://t.me/derajemea

#Dodolaa Qabxii olaanaan 591 galmaa'eera! Qabxiin olaanaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 Naannoo Oromiyaa Mana
#Dodolaa Qabxii olaanaan  591 galmaa'eera! Qabxiin olaanaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 Naannoo Oromiyaa Mana Baruumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaarraa Saayinsii Umamaan 591 ta'uun galmaa'eera. Saayinsii Hawaasaan immoo Amboo irraa mana Baruumsa Boordiingi qabxii 562 ta'uun galmaa'eera. https://t.me/derajemea

⭕ #Oduu_Ammee Barattota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan kessaa % 8.4 qofti darban JMDMDH: Rabi I 22, 1447 AH ‎Min
+2
⭕ #Oduu_Ammee Barattota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan kessaa % 8.4 qofti darban JMDMDH: Rabi I 22, 1447 AH ‎Ministeerri Barnootaa bara barnootaa 2017'tti barattoota kutaa 12ffaa qormaataaf taa'an keessaa Kumni 48 qabxii seensa yunivarsiitii galmeessisuu isaanii beeksiseera. ‎Barattoota Kuma 585 fi 882 qormaata Kutaa 12ffaa fudhatan keessaa barattootni Kuma 48 fi 29 qabxii seensa yunivarsiitii galmeessisuu isaanii Ministirri Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa ifoomsaniiru. ‎ ‎Bara darbee wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu, barattoota Kuma 12 caalaan dabalataan dabarsuun akka danda'ame ibsameera. ‎ ‎Qormaatni kun guutuu biyyaatti buufataalee qormaataa 216tti interneetiitiin marsaa afuriin akkasumas waraqaatiin ammoo marsaa 2'n kennamuun isaa ni yaadatama. ‎

#Grade12Result Qabxiin Qormaata Kutaa 12ffaa guyyaa boruu ifooma. Ministeerri barnootaa qabxiin kutaa 12ffaa guyyaa boru ifa
+1
#Grade12Result Qabxiin Qormaata Kutaa 12ffaa guyyaa boruu ifooma. Ministeerri barnootaa qabxiin kutaa 12ffaa guyyaa boru ifa akka ta'u beeksiseera. Qabxii Qormaatichaa ilaalchisuun guyyaa boruu sa'aatii 10:00tti ibsa ni Kenna. https://t.me/derajemea

#kutaa_12ffaa Bu’aan kutaa 12ffaa haga yoonaa hin gadhiifamin jiraachuufi barattoota dabalatee maatiin barattootaa burjaajjii irraa akka of qusatan tajaajilli madaallii barnootaafi qormaataa biyyaalessaa dabarse. Tibba qormaati gadhiifamuuf jedhu goyyomsaan akka heddummatu kan dhaaman aanga’ooni tajaajilichaa, bu’aa yeroon gadhiisuuf tattaaffii taassisaa jiraachuu himaniiru. Qaammee 4/2017 ni gadhiifama jedhamee eegamaa kan ture qormaati biyyaalessaa, haala gaariin Qulqulleessuun gadhiisuuf jecha yeroo hin beekamnetti achi siquufi yeroo gadhiifamutti dursanii miidiyaalee biyyaalessaafi qabatamoo ta’aniif odeeffannoo akka kennan tajaajilichi beeksiseera. Barattoonniifi maatiin barattootaa obsaan akka eegan dhaamameera. Bara kana barattoonni kuma 500 fi 80 qormaata kana fudhachuun ni yaadatama. https://t.me/derajeama

Yaa RABBI dhufa keenya Tolchitee gala keenya hin balleessin. Dubbiin galgala rakkachuu baayyee qalbii nama gubdi Hunda keessa
Yaa RABBI dhufa keenya Tolchitee gala keenya hin balleessin. Dubbiin galgala rakkachuu baayyee qalbii nama gubdi Hunda keessanuu Rabbiin galgaka keessan hin balleessin Amiiin Yaa Rabbi Aamiiin https://t.me/derajemea

Gaheen Dubartoota Keenyaa Waan Guddaadha Dubartoonni Haadhummaa fi Haadha Manummaa Obboleettummaa Ilmoo Namaaf Ta'uu Qofaa mi
Gaheen Dubartoota Keenyaa Waan Guddaadha Dubartoonni Haadhummaa fi Haadha Manummaa Obboleettummaa Ilmoo Namaaf Ta'uu Qofaa miti Gaheen isaanii Dubartoonni Biyya Misoomsuu Keessatti Nageenya Eeguu Keessatti Baruu fi Barsiisuu Keesatti Diinii fi Diinagdee keessatti Dubartoonni Yoo Dagalee/Irkoo Gaarii Abbaa Manaa ,Obboleessa,Abbaa Gaarii Qabatan Dhiirrotii Cinaatti Waan Guddaa Hojjatu Bu'aa Guddaa Hawaasaaf Buusu. By.Abdallaah https://t.me/derajemea

Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Oromiyaa Biqiltuu dhaabuu!! 🌿🌴 Guyyaa kamisaa 24/11/2017 Akkuma beekamu biqiltuulee/Mukkeen dhaabuun sunnaa akkasumas kan ajrii guddoo argamsiisu ta'uu Nabiyyiin keenya kabajamaan ﷺ akkana jechuun ibsu '' مَا مِنْ مُسْلِمٍ يَغْرِسُ غَرْسًا، أَوْ يَزْرَعُ زَرْعًا، فَيَأْكُلُ مِنْهُ طَيْرٌ أَوْ إِنْسَانٌ أَوْ بَهِيمَةٌ، إِلاَّ كَانَ لَهُ بِهِ صَدَقَةٌ ‏"‌‏.‏  رواه مسلم “Muslimni biqiltuu dhaabe ykn sanyii facaase, simbirroon, namni, horiin irraa nyaatu hin jiru, sadaqaa isaaf ta’ee lakkaa’amuu malee.” Dabalataan daballiin hoo'a qilleensaa(Global Warming) addunyaa keenyaaf yeroo gara yerootti yaachisaa ta'aa dhufee jira. Kana ittisuufis ta'ee rakkoolee kanaan wal qabataniif akka furmaataatti biqiltuulee/Mukkeen dhaabuun karaa Saayinsaawaa ta'een ibsameera. ➝ '' Scientific studies highlight that global warming significantly impacts plant life, affecting growth, development, and survival. Increased temperatures can lead to heat stress, impacting crop yields and potentially causing plant death. Simultaneously, tree planting is recognized as a crucial strategy to mitigate climate change by absorbing carbon dioxide, but the success depends on factors like species selection and location. '' ➝ Qorannoon saayinsii akka agarsiisutti hoo’inni addunyaa jireenya biqiltootaa irratti dhiibbaa guddaa kan qabu yoo ta’u, dagaagina, guddinaa fi lubbuun jiraachuu irratti dhiibbaa qaba. Hoo’i dabaluun dhiibbaa hoo’aa fiduu danda’a, oomisha midhaanii irratti dhiibbaa uumuu fi du’a biqiltootaa fiduu danda’a. Kanuma waliin biqiltuu dhaabuun kaarboon daayi’oksaayidii xuuxuudhaan jijjiirama qilleensaa salphisuuf tooftaa murteessaa ta’uun beekamtii kan argate yoo ta’u, milkaa’inni garuu wantoota akka filannoo gosa bineensotaa fi bakka itti argamu irratti hundaa’a. Kanaafuu sadarkaa biyyoolessaatti kamisa dhufu biqiltuulee dhaabamuuf yaadame irratti waliin akka hirmaannu yaamicha amantaa fi biyyoomaa yoo ta'u, Dargaggoonni Muslimaa Oromiyaa qaama tola oolaa kamuu wajjiin ta'uun saganticha kana irratti guyyaa olitti tuqameen haala adda ta'een akka hirmaattan Kaawunsiliin Dargaggoota Muslima Oromiyaa dhaamsa isiniif dabarsina! Hirmaachisumma  Kawunsilichaan  Magaalaa Naqamteettis Sagantaan Biqiltuu Dhaabu kan Gaggeeffamuuf ta'a. 🌿🌴🌿🌴🌿🌴🌿🌴🌿 https://t.me/derajemea

Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Oromiyaa Biqiltuu dhaabuu!! 🌿🌴 Guyyaa kamisaa 24/11/2017 Akkuma beekamu biqiltuulee/Mukkee
Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Oromiyaa Biqiltuu dhaabuu!! 🌿🌴 Guyyaa kamisaa 24/11/2017 Akkuma beekamu biqiltuulee/Mukkeen dhaabuun sunnaa akkasumas kan ajrii guddoo argamsiisu ta'uu Nabiyyiin keenya kabajamaan ﷺ akkana jechuun ibsu '' https://t.me/derajemea

Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun Gaazexeessituun FAL💔🇵🇸 Walaa Al-Jabarii ijoollee isii shaniifi abbaa warraa ishe
Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun Gaazexeessituun FAL💔🇵🇸 Walaa Al-Jabarii ijoollee isii shaniifi abbaa warraa ishee waliin har'a Ga*z💔 zaatti 🇵🇸 wareegamaniiru. Gaazexessituun kun wayita wareegamtu kanatti ulfa turte. Waree-gama yookaan bilisummaa warri jedhanii ka'an, hojiin agarsiisan, kutannoo ibsaafi beekumsaan qabsoo isaanii jabeessan injifattoota, milkaa'oodhas. Rabbi wareegama kee sirraa haa qeebalu. Rahmata siniif haa godhu Rahmaan. https://t.me/derajemea

📢 Xaaliyaan Irraa Gara Ga££zzaa… 🚢 Bidiruun Seenaa tun, Arabaa miti… Muslimootaa miti… Namoota “namummaa” qabu qofa of kees
📢 Xaaliyaan Irraa Gara Ga££zzaa… 🚢 Bidiruun Seenaa tun, Arabaa miti… Muslimootaa miti… Namoota “namummaa” qabu qofa of keessaa qabdi! Aktiivistoota, ogeeyyii, fi uummata garaa laafinaan guutame of keessatti baattee – Lafee addunyaa jiddutti laafte dhaqqabuuf karaa bu’aniiru! ✊🏽 “Addunyaa cal’iftee fi fira Isaan gane jiddutti… osoo agarruu teenyee laaluu dandeenyu,” jechuun ugguura nyaataa fi beelaa Addunyaan Ga££zzaa irratti murteessite cabsuuf, halkan fi guyyaa imala seena-qabeessa jalqaban. 🗓️ Guyyaa torba imalu; har’a guyyaa 2ffaa isaaniiti. 💔 Yeroo namummaan garaa si ciniinu Teessse callisuun hin dandeessu- garatu si mura- ! ———- 📡 Gabaasa guutuu fi hordoffii marsaa marsaan argachuuf: 👇🏻👇🏻 https://t.me/derajeama

Namni gaafa karaa Rabbiin ilma namaa irratti uume irraa maqe, akka konkolaataa fireena hin qabnee ofii fi namallee galaafata.
Namni gaafa karaa Rabbiin ilma namaa irratti uume irraa maqe, akka konkolaataa fireena hin qabnee ofii fi namallee galaafata. Mee maal jechuudha kun amma maqaa Iyasuusiin isiin fayisaa jedhee dugda gubbaa dhaabbata fayyisaa jira moo ajjeessa jira garuu Faaruun kan Rabbii karaa ofii jaalatee irratti nu jiraachiseeti. #Alhamdulillah https://t.me/derajemea

Haati daa'ima ishee waliin gabaa dhaqattee osoo galtuu bishaaniin nyaat*aman *** Kan argaa jirtan kun reen*fa haadhaafi ilmoo
Haati daa'ima ishee waliin gabaa dhaqattee osoo galtuu bishaaniin nyaat*aman *** Kan argaa jirtan kun reen*fa haadhaafi ilmooti. Taateen gaddisiisaan kun kan mudate Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Godina Oomootti yoo ta'u harmeen tokko daa'ima ishee qabattee gabadhaa dhaqxee osoo galtuu bishaan akka tasaa guuteen fudhatamu. Kanumaani lubbuun harmeefi daa'ima isiis darbe. Yeroo isaan gara gabaa deeman roobni waan hin jirreef bishaan xiqqaa ture. Kanumaani salphumatti ce'anii deemani. Yeroo deebi'an garuu kan isaan mudate ce'anii gara mana isaaniitti galuu osoo hin taane liqi*imfanii hafuu ta'e. Waktii gannaa kana dhimmoota xiyyeeffannaa guddaa barbaadan keessaa tokko dhimma kana. Rooba ulfaataa bakkoota garaa garaa roobaa jiru hordofee daandiiwwan, riqichi xiyyeeffannaa barbaadu. Hawaasnis of eeggannoo gochuun barbaachisaadha. Keessumaa naannawaa baadiyyaatti daa'imman isaanii maatiin eeggachuu qabu. Silas sababuma geessisuudha. Lubbuun harka Rabbiiti. https://t.me/derajemea

Mootiin waggoottan 20f rafaa ture gama fuula Rabbii deemuun ibsame ** Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun Mootii rafaa jiru jedhamuun kan beekamu Ilmi mootii Sa'uudii Alwaleed bin Khalid bin Talal bin Abdulaziiz Al Sa’uud kan waggoottan 20 oliif koomaa keessa ture gama fuula Rabbii adeemuu Royan abbaasaa Khalid bin Talal bin Abdulaziz fuula X isaanii irratti ergaa maxxansaniin mirkaneessaniiru jechuun daqiiqaa muraasa dura gabaaseera. Gabaasa walfakkaataa page'n Life in Saudi Arabia jedhamus maxxanseera. 'Mootii waggoottan 20f rafaa (koomaa keessa) ture kun eenyu? Maaltu isa mudate? Kan jedhu irratti barruu kanaa gadii maxxanseen ture. **** Ilmi mootii Sa'uudii Al-Waleed bin Khaled bin Talal Al Saud waggqa 20 dura balaa konkolaataa isa mudate hordofee erga koomaa keessa seenee hanga ammaatti of hin beeku ykn dammaqee hin beeku. Balaan kun yerositt kan isa mudate London keessatti yoo ta'u hedduun garuu ''balaa konkolaataa'' isa jedhu kana akka hin taane himu. Obbolaadhuma isaa warra mootiitiin bifa balaa fakkaatuun 'yaalii ajj*eechaa' tu isarratti raawwatame jedhu. Konkolaataa daaraa taate keessaa lubbuun hafuun isaatuu ajaa'iba namatti ta'a. Waliid yeroo ammaa umriin isaa waggaa 36 kan ta'e yoo ta'u hospitaala King Abdulaziz Medical City in kan Sa'uudiidhuma keessa jiru keessa ciisee jira. Ogeeyyiin yaalaa fayyaan Waliid abdii hin qabu, lubbuun isaa akka xumuramu yeroo baay'ee haasa'anillee abbaan abadan Rabbi irraa abdii hin kutadhu jechuun dide. Namni hunduu du'aa'ii akka godhuufis gaafateera. Waggaa 9 dura Waliid bakka ciisutti mataasaa sochoosee akka ture gabaasaalee ba'an irraa (video) hubachuun kan danda'amu yoo ta'u yerositti abdii guddaas ta'e ijoo dubbiis ta'ee ture. Garuu hanga ammaatti hin dammaqne. Kunoo erga akkasiitti ciisee waggoottan 20 ol ta'eera. * Egaa kana mara booda  guyyaa har'aa gama fuula Rabbii adeeme jedhu gabaasaaleen ba'an. Rabbi rahmata isaaf haa godhu. https://t.me/derajemea

Mootiin waggoottan 20f rafaa ture gama fuula Rabbii deemuun ibsame ** Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun Mootii rafaa
+7
Mootiin waggoottan 20f rafaa ture gama fuula Rabbii deemuun ibsame ** Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun Mootii rafaa jiru jedhamuun kan beekamu Ilmi mootii Sa'uudii Alwaleed bin Khalid bin Talal bin Abdulaziiz Al Sa’uud kan waggoottan 20 oliif koomaa keessa ture gama fuula Rabbii adeemuu Royan abbaasaa Khalid bin Talal bin Abdulaziz fuula X isaanii irratti ergaa maxxansaniin mirkaneessaniiru jechuun daqiiqaa muraasa dura gabaaseera. Gabaasa walfakkaataa page'n Life in Saudi Arabia jedhamus maxxanseera. https://t.me/derajemea

Isin hoo galmooftaniittuu? Pireezidaantiin Mana Maree Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa Doktar Sheek Haaji Ibraahim Tufaa Masji
+2
Isin hoo galmooftaniittuu? Pireezidaantiin Mana Maree Dhimma Islaamummaa Itiyoophiyaa Doktar Sheek Haaji Ibraahim Tufaa Masjiida Hudaa kan Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaa Yunivarsiitii Imaam Al-Shafi'i keessatti argamutti kardii filannoo isaanii fudhataniiru! የኢትዮጵያ እስልምና ጉዳዮች ጠ/ም/ቤት ፕሬዝዳንት የከብረ ዶ/ር ሼህ ሐጂ ኢብራሂም ቱፋ በኦሮሚያ ክልል አዳማ ከተማ ኢማሙ አል-ሻፊኢ ዩኒቨርሲቲ ውስጥ በሚገኘው የሁዳ መስጂድ በመገኘት የምርጫ ካርዳቸውን መስደዋል ! ምርጫ ለፅኑ ተቋም ! Isinis galmaa'aa. https://t.me/derajemea

Manni maree ol'aanaa dhimmoota islaamummaa naannoo oromiyaa gamo abbaa darbii 11 bitate. 💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥 Man
+1
Manni maree ol'aanaa dhimmoota islaamummaa naannoo oromiyaa gamo abbaa darbii 11 bitate. 💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥 Manni maree ol'aanaa dhimmoota islaamummaa naannoo oromiyaa gamoo abbaa darbii 11 bite ilaalchisuun miidiyaaleedhaaf ibsa kenneera. Gamoon kunis kan bitame hirmaannaa godinaale oromiyaatiifi abbootii qabeenyaatiin ta'uu ifa godhame. Bittaa gamoo kanaatiif ammoo birriin miliyoonni 350 ol baasii ta'eera. Pireezdaantiin mana maree dhimmoota islaamummaa naannoo oromiyaa kan ta'an Ustaaz Gaalii Muktaar sagantaa kana irrratti haasaa taasisaniin manni marichaa jalqaba bara kanaatti qarshii miliyoona hin caalle qofa akka qabu eeruun, yeroo ammaa kana projectoota sadarkaa ol'aanaa sochoosaa jirra jedhan. Karoora bara 2018 dhufuuf ammoo pirojektoota qarshii biliyoona 2 ol baasii nu gaafatan ijaarsisuuf qophaa'aa jirra jedhan. Itti dabaluunis piroojektii waggaa 21 oliif dhaabbatee ture jalqabsiisuun kallattii itti kennineerra jedhan. https://t.me/derajemea

Magaalaa Qulqulluu Islaamaa Al Quds 🇵🇸 irraa Salaata Juma'aa guyyaa har'aa Masjiida eebbifamaa, kabajamaa Al Aqsaa 🕌🌸 htt
+8
Magaalaa Qulqulluu Islaamaa Al Quds 🇵🇸 irraa Salaata Juma'aa guyyaa har'aa Masjiida eebbifamaa, kabajamaa Al Aqsaa 🕌🌸 https://t.me/derajemea