cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Addis Standard Afaan Oromoo

إظهار المزيد
Ethiopia1 444لم يتم تحديد اللغةالتعليم10 379
مشاركات الإعلانات
14 862
المشتركون
+8224 ساعات
+6157 أيام
+2 80730 أيام
توزيع وقت النشر

جاري تحميل البيانات...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
تحليل النشر
المشاركاتالمشاهدات
الأسهم
ديناميات المشاهدات
01
#Asoosaatti yakkamaan barattuu Daraartuu Lammeessaa ajjeese adabbii cimaa waggaa 18n adabame Yakkamaan barattuu Yuunivarsiitii Asoosaa kan turte Daraartuu Lammeessaa cuubeen waraanee ajjeese adabbii cimaa waggaa 18 adabameera. Namni Yohaannis Margaa Itichaa jedhamu Caamsaa 9, 2016 ALI ganama naannawaa sa’aatii 2:54tti Daraartuu Lammeessaatin cuubeen waraanuun ajjeesuu isaan yakka ajjeechaan himatamee ture. Abbaan Alangaa namni kun yakka ajjeechaa kana raawwachuu qorannoo taasisuun ragaa namaa fi yaalaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Asoosaaf dhiyeesseera. Manni murtichaas yakkamaan seera yakkaa Mootummaa Federaalaawaa Diimookiraatawaa Riippablika Itoophiyaa tumaa keewwata 539 muraa 1 ‘A’ jalatti tumame darbuu isaa mirkaneesseera. Haaluma kanaan manni murtichaa dhaddacha guyyaa har’aa ooleen himatamaa Yohaannis Margaa irratti adabbii cimaa waggaa 18 itti murteessuu ragaan qajeelcha poolisii bulchiinsa magaalaa Asoosaa irraa argame ni mul’isa.
1 9334Loading...
02
Yaa'ii Komishinii Ministiroota #Saawudi_Arabiyaa - #Itoophiyaa 6ffaa gaggeeffame Yaa'ii Komishinii Waloo Ministiroota Saa'udi Arabiyaa fi Itoophiyaa 6ffaa Caamsaa 21-22, 2024 magaalaa #Riyaaditti gaggeeffame. Yaa'ii kanarratti gama Itoophiyaa irraa jilli Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseetin durfamu hirmaateera. Yaa'icharratti Itoophiyaa fi Saa'udi Arabiyaan abbootiin qabeenyaa Saa’ud Arabiyaa hirmaannaa Invastimnatii fi Daldalaa Itoophiyaatti taasisan cimsanii akka itti fufan Ambaasaaddar Taayyeen waamicha dhiyeessaniiru. Walitti Qabaan Mana Maree Daldalaa Saa’ud Arabiyaa Hasan Mujiib Al Hiwaayizii gamasaaniin, Abbootiin qabeenyaa Saa’ud Arabiyaa hojiilee invastimanti fi daldalaan keessattuu, damee Qonnaan hojii qindeessaa fi oomishuurratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru. Abbootiin qabeenyaa baatii Hagayyaa keessa Itoophiyaatti daawwanaa Biziinaasii kan taasisan ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
2 2830Loading...
03
Xiinxala: ‘Abdii barnootarra qabnu dhabne’: Lixa #Oromiyaatti barattoota kumaatama sababa rakkoo nageenyaan barnoota ala ta’aniiru Lixa Oromiyaa waggoota hedduuf barattoota qormaata biyyaaleessaa irratti qabxii olaanaa galmeessuun akka naannoo fi biyyaaleessaatti maqaan isaanii adda durummaan ka’u oomishuun beekamu, amma barattoonni hedduu sababa rakkoo nageenyaan barnoota ala ta’uun abdii kutannaa keessatti argamu. Sababa yaaddoo nageenyaa jiruunis shamarran dabalatee barattoonni hedduu baratanii qormaata biyyaaleessaaf qophaa’u akka hin dandeenye himu. Kanaan alattis, iddoowwan muraasa keessatti loltoonni mootummaa manneen barnoota akka kaampiitti fayyadamaa waan jiraniif manneen barnoota dirqamaan cufamanillee jiraachuu barattoota fi barsiisonni Addis Standard dubbise himaniiru. Keessumaa dubartoota miidhaa saalaa dabalatee karaa adda addaan waan irratti xiyyeeffatamuuf adeemsa waraanaa keessa jireenya isaanii dhabu. Walitti bu’iinsa Lixa Oromiyaa keessa jiruunis muudannoon walfakkaataa uumamuun hin oolle. Daraartuun bara darbe Caamsaa 14, 2015 ALI shamarree waggaa 15 fi barattuu kutaa 8ffaa yeroo turte barnoota waaree boodaa hordofuuf gara mana barumsaa osoo deemaa jirtuu hidhattoota Faannoo aanaa isheen jiraattu keessa socho’aniin gudeedamte. Miidhaa gudeeddii irraa gahee kanaan barnoota ishee addaan akka kuttuuf ishee dirqisiiseera. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3990
2 2300Loading...
04

10Loading...
05
'Sababa yaaddoo nageenyaaf Haroo #Dambal irraa sochiin bidiruu erga dhorkame ji'a caale' Odolawwan shan kan qabu Haroon Dambal, qarqara magaalaa #Baatuutti argama. Haroon kun bakka bashannanaa fi kan namoonni qurxummii irraa soorachuuf dhaqan ture. Keessumaa erga bulchiinsi magaala Baatuu qarqara haroo kanaatti hojii bareedinaa hojjateen booda hawwattummaan bakkichaa haalan dabalee ture. Haata’u malee, erga yeroo dhihoo asitti sochiin hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) naannawa maagaala Baatuutti mul’achuu eegalee booda yaaddoo nageenyaaf jecha sochiin bidiruu haroo kanarratti taasifamu guutummaan guutuutti dhaabbachuu jiraattonni odolaa harichaafi kanneen Bidiruu oofaa jiraatan himaniiru. Odolawwan Haroon Dambal qabu shanan keessaa isa guddaa Tulluu Guddoo irra kan jiraatan Obbo Zawuduu Waldee, tajaajilli geejjiba bidiruu Haroo Dambal irraa erga dhaabbatee ji’a tokkoo ol akka ta’ee fi kanaanis rakkoof saaxilamuu himan. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cw4491x4dn0o
2 7190Loading...
06
Oduu: Haleellaa daangaa naannolee #Tigraay fi #Affaaritti raawwatameen daa'ima dabalatee namoonni nagaa torba ajjeefaman Daangaa naannolee Tigraay fi Affaar, aanaa Raayyaa Azabootti Wiixata darbe halkan walakkaa haleellaa hidhattoonni eenyummaan isaanii hin beekamne raawwataniin daa’ima waggaa kudha tokko dabalatee namoonni nagaa torba ajjeefaman. Bulchaa Aanaa Raayyaa Azaboo Tazarraa Getaahun, qaamoleen ajjeechaa kana raawwatan naannoo Affaar irraa akka dhufan Addis Standard’tti himaniiru. “Qaamoleen kunneen daa’ima ganna 11 dabalatee tiksitoota halkan walakkaa osoo rafaa jiranii ajjeesan,” jechuun Obbo Tazaraan ibsan. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3985
3 5793Loading...
07
Oduu: Rooba cimaa ganna dhufuuf eegamu fayyaa fi qonna irratti dhibbaa geessisuu akka malu ogeessonni meetirooloojii akeekkachiisan Waqtii ganna dhufu (Waxabajjii hanga Fulbaana) giddu galeessaa fi kibba #Tigraay, #Affaar, Baha #Amaaraa, kaaba #Somaalee, fi naannoolee bahaa keessatti rooba idilee ol akka eegamu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa raage. Mootummaan lola qonnaa, eegumsa fayyaa, dhiyeessii bishaanii, fi horsiisa beeyladaa irratti miidhaa geessisu malu dammaqinaan akka ittisu dhaabbatichi dhaameera. Waltajjii Haala Qilleensaa Biyyaalessaa #Adaamaatti gaggeeffame irratti ogeeyyiin inistitiyuutichaa barana rooba waggoota kurnan darban keessatti rikardii ta’e akka eegamu ibsaniiru. Lixa Tigraay, Amaaraa, Benishaangul Gumuz, lixa #Oromiyaa, #Gaambeellaa, fi godinaalee kibba lixaatti rooba cimaa akka roobu raagan. Ogeessi Inistitiyuutichaa Dassaalanyi Taarraqany, keessummaa kibba Affaarii fi kibba lixaa Itoophiyaatti roobni cimaan daddarbiinsa busaa fi koleeraa akka dabalu akeekkachiisan.
3 5344Loading...
08
AMMEE: #Noorweey biyyummaa #Filisxeemiif beekamtii kennuuf murteessite Mootummaan Noorweey Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuuf murteessuu beeksise. Ministirri Muummee Noorweey Jonaas Gaahr Istoor, biyyi isaanii Noorweey biyyummaa Filisxeemiif beekamtii ni kenniti jechu isaanii miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru. “Waraana lubbuu lammiilee kuma kudhaniin lakkaawwaman galaafate kana keessatti filannoo tokkicha #Israa’elii fi Filisxeemiif walqixa furmaata siyaasaa dhiyeessu hojiirra oolchuu qabna: Innis Israa’elii fi Filisxeem biyyoota of danda’an lama ta’uu isaaniif beekamtii kennuudha,” jedhan. #Ispeenii fi #Ayarlaandiis tarkaanfii walfakkaataa fudhachuuf adeemsarra jiraachuu isaanii hordofee Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Kaatz, “Israa’el kanneen birmadummaa ishee gadi buusanii fi nageenya ishee balaadhaaf saaxilan irraa duubatti hin deebitu,” jechuun akeekkachiisaniiru. AS
3 2636Loading...
09
Oduu: #Itoophiyaa keessatti daa'imman gara miliyoona sagaliitti dhiyaatan barnoota ala ta’aniiru - #UN Itoophiyaa keessatti daa’imman miiliyoona 8.85 ta’an barnoota ala ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa'immanii (#UNICEF) beeksise. Haalli barnootaa biyyattii haala rakkisaa keessa akka jiru kan ibse UNICEF, sababni guddaan kanaa walitti bu'iinsa kutaalee biyyattii hedduu keessatti hammaataa dhufe ta'uu akeekeera. Ji’oota sadan jalqabaa bara kanatti (Amajjii, Guraandhala fi Bitootessa) biyyattii keessatti lakkoofsi manneen barnootaa cufaman dhibbeentaa 18n dabaluu isaa kan ibse UNICEF, lakkoofsi manneen barnootaa miidhaan irra gahe dhibbeentaa 4.5 dabaluu ibseera. Akka odeeffannoo UNICEF irraa argametti, biyyattii keessatti manneen barnootaa 6,770 miidhaan kan irra gahe yoo ta’u, manneen barnootaa 6,410 cufamaniiru. Kana malees, Itoophiyaatti hongee fi lolaa adeemsa barnootaa gufachiisuun lakkoofsi daa’imman gara mana barumsaa deeman hir’isuu isaa UNICEF ibseera. AS
3 2210Loading...
10
Oduu: Aanaa #Kiiramuutti buqqaatonni kuma 50 gara qe'ee isaanitti deebi'an Godina #Wallagga_Bahaatti buqqaatonni 50,000 gandoota baadiyyaa aanaa Kiiramuu irraa buqqa'an gara qe'ee isaanitti deebi'uu waajjirri Hoggansa Sodaa Balaa Godina Wallagga Bahaa beeksise.  Buqqaatonni kunneen waggoota lama dura walitti bu'iinsa itti fufiinsaan uumameen gandoota baadiyyaa aanichaa 19 irraa buqqa'an. Itti gaafatamaan waajjira hoggansa sodaa balaa godinichaa Daanyee Laachisaa DWtti akka himanitti, yeroo ammaa kana gaaddisa buqqaatonni yeroof keesaa qubatanii turan hundi duwwaa ta’aniiru. Haa ta’u malee jiraattonni deebi’an hanqina mana jireenyaa fi gargaarsi namoomaa gahaa dhabuu dabalatee qormaata guddaa akka isaan mudate himaniiru. Namoota deebi’an hedduun isaanii manni isaanii barbadaa’ee ykn miidhame kan argatan yoo ta’u, bakka jireenyaa, nyaataa fi meeshaalee barbaachisoo biroo barbaadu. Bara 2022 keessa walitti bu’iinsa uumameen jiraattonni kumaatamaan lakkaa'aman qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.
3 6462Loading...
11
Oduu: Mormiin jalqabaa Obbo Taayyee Danda’aa himannaa irratti dhiyaateef dhiyeessan kufaa ta’e Manni murtiin mormii sadarkaa jalqabaa Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aan himannaa irratti dhiyaateef dhiyeessan “bu’uura seeraa hin qabu” jechuun kufaa taasise. Obbo Taayyeen oolmaa dhaddacha har’aatin jecha laataniin “barreeffama ani barreesse olola miti, yakka raawwadhees hin jiru” jedhan. Kana malees, Abbaan Alangaa himata kana keessatti Ministira Nageenyaa qofa jedhe akka caqase eeruun, "ani miseensa Caffee Oromiyaa fi Koree Giddu galeessaa Paartii Badhaadhinaati; kun naaf haa eeramu” jechuun iyyataniiru. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3981
3 8923Loading...
12
Aangoon aanaalee magaala #Finfinnee daldaltoota irratti akka tarkaanfii fudhatan kennameef daangeffame Biiroon Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee qajeelfama haaraa baasuun aangoo aanoleen daldaltoota magaalichaa irratti taarkaanfii fudhachuuf qaban daangesse. Akkaataa adeemsa hojii haaraa baheen aanoleen murtoo mataa isaaniitiin manneen daldalaa saamsuu kan danda’an eeyyama daldalaa waliin wal qabatee seerotni lama cabanii yoo argaman qofa akka tahe ibsameera. Biiroon Daldalaa magaalichaa adeemsa hojii haaraa kana kan ifoomse ‘’Qajeelfama Sirna To’annoo Daldala Ganda keessaa’’ jechuun kan baase irrattidha. Qajeelfamichis kan bahe, haqa qabeessummaa tarkaanfii daldaltoota magaalichaa irratti fudhatamu ilaalchisee ‘’darbee darbee rakkoon jiraachuu waan ka’aa tureef’’ jechuun Biiroo Daldalaatti Itti aantuu Damee To’annoo fi Hordoffii Daldalaa kan tahan Qiddist Sixootaa BBCtti himaniiru. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cmjj8llk377o
3 8810Loading...
13
Abbaan Alangaa Mana Murtii Yakkaa Idil-Adunyaa [ICC] Beeniyaamiin Neetanyehuu akka to’ataman ajaje Abbaan alangaa Mana Murtii Idil-adunyaa [ICC] yakka waraanaa raawwatan jechuun Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamiin Neetanyahuu akka to’annoo jala oolfamaniif ajaja dabarse. Dabalataan manni murtichaa hogganaan Hamaas Gaazaa keessa jiru Yaayyaa Siinwaar yakka waraanaa raawwateera jechuun akka to’annoo jala oolfamaniif ajaja dabarse. Kaariim Kaan hoggantoonni lamaan Onkoloolessa 7 bara 2023 irraa jalqabuun yakka waraanaafi yakka namoomaa raawwatameef itti gaafatamummaa qabaachuu isaaniif ragaa gahaan jira jedhan. Manni Murtii Yakkaa Idil-adunyaa teessoon isaa Heeg tahe, waggoota sadii tahaniif tarkaanfii Israa’el bakkeewwan Filisxeem keessaa qabattetti raawwataa turte qorachaa turuu beeksisera. Dabalataan erga Waraanni Gaazaa ammaa kun jalqabees waan tahaa ture qorachaa turuu ifoomseera. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/crgg5e0xpv5o
4 1165Loading...
14
Oduu: Buqqaatota Lixa #Tigraay gara qe’ee isaanitti deebisuuf gama mootummaa federaalarraa sochiin godhamaa hin jiru - Lt. Janaraal Taaddasaa Warrade Pireezidaantii Itti Aanaa Bulchiinsa Yeroo Tigraay Letanaant Janaraal Taaddasaa Warrade, bulchiinsi yeroo Tigraay namoota sababa waraanaan Lixa Tigraay irraa buqqa’an gara qe’ee isaanitti deebisuuf qophii xumuruus, “gama mootummaa federaalarraa tarkaanfiin qabatamaa fudhatamaa hin jiru” jedhan. Ibsa isaaniin naannawaa Raayyaa Kibbaatti gama mootummaa federaalaa irraa harkifannaa akka mul’atu kan eeran Lt. Janaraal Taaddasaa, harkifannaan kunis bulchiinsi naannichaa tarkaanfii itti aanu akka hin fudhanne danqaa itti ta'uu dubbatan. Gama biraatin, rakkoon buqqaatota Lixa Tigraay hanga ganna dhufutti akka furamuufis hojjechaa jiraachuu ibsan. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3976
4 0282Loading...
15
Oduu: Injinar Ayishaa Mohaammad irra deebiin Ministira Ittisaa ta’uun muudaman Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad har’a Caamsaa 12, 2016 muudamoota garaagaraa kennaniiru. Haaluma kanaan; - Ministira Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii kan turan Injinar Ayishaa Mahaammad Caamsaa 13 eegalee Ministira Raayyaa Ittisaa, - Ministira Ittisaa kan turan Abrahaam Balaay - Ministira Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii, - Akkasumas Mahaammad Idiriis Sadarkaa Ministir Deetaatti Itti Gaafatamaa Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii ta’uun muudamaniiru.
4 3805Loading...
16
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balallii gara #Naqamtee eegaluufi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Waxabajjii 10 bara 2016 eegalee torbetti guyyaa 4 balallii gara godina Wallagga Bahaa, magaalaa Naqamteetti akka taasisu beeksise. Dhimma kana ilaalchisee daandiin qilleensichi xalayaa yuunivarsiitii Wallaggaatti ergeen, ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Naqamtee waggootaaf sababa rakkoo nageenyaan addaan citee ture deebi’ee eegaluun gara xumurarra jiraachuu ibseera. Ijaarsi Buufata Xiyyaarichaa xumuramee Caamsaa 24 balalii yaalii, Waxabajjii 10 ammoo balalii idilee akka eegalu yuunivarsitichi gahee isarraa eegamu akka bahatu waamicha dhiyeesseera. Bara 2010 ALI kan eegalameefi birrii biiliyoona 1.3n ijaaramaa kan jiru Buufata Xiyyaaraa Naqamtee ijaarsisaa dhibbeentaa 95 gahuu FBCn hojii raawwachiisaa piroojektichaa Injinar Wandimmuu Waagaaw wabeeffachuun gabaasuu ni yaadatama.
4 0524Loading...
17
Pireezidaantiin #Iraan Ibraahiim Raayis balaa Heliikoptaraa mudateen lubbuun darban Pireezidaantii Iraan Ibraahiim Raayis, Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Hoseen Amiir Abdoolaahiyaan, Imaama Masjiida Ayaatoolahii Al Raashiimii fi Bulchaa Baha #Azaarbaajaan Maaleek Raaahi Saayisaafaruu balaa Heliikoptaraa mudateen lubbuun darbuu ibsameera. Balaa guyyaa kaleessaa Heliikoptara waraanaa aanga'oota kanneen feetee imala turterra mudateen lubbuun isaanii darbuu mirkanaa'uu miidiyaan mootummaa biyyattii gabaaseera. Akkasumas namoonni biraa isaan waliin turan balaa helikooptaraa Kaaba Dhiha Iraan keessatti mudateen du’uun isaanii mirkanaa’eera. Sababni balaa helikooptara Iraan ammallee sirriitti hin baramne.
4 1686Loading...
18
Oduu: Ganna baranaatti bokkaan ulfaataa akka eegamu raagni miiteeriyoolojii agarsiise Ganna baranaatti bokkaan hamma eegamuu ol kan roobu ta’uu raagni miitteriiyoolojii agarsiisuu instituutiin miiteeriyoolojii beeksise. Instituutichatti daayreektara itti aanaa raaga haala qilleensaa kan ta'an Asaamminoo Tashoomaa (PhD) akka jedhanitti, ganna barana dhufaa jiru kanatti iddoolee tokko tokkotti rooba hanga eegamuu ol kan roobu ta’a. Kutaalee kaabalixa, kaababahafi kibbalixa biyyattiitti bokkaan hamma baramee ol kan roobu ta’uu eeraniiru. Akkasumas, ji’oota Adooleesaafi hagayya keessa hammi bokkaa roobu kan baratamee ol akka ta’uu dubbataniiru. Bokkaan baranaa kutaa kibbalixa biyyattiitti bokkaan dursee kan eegalu yoo ta’u ji’a walakkaa Fulbaanaa booda hammi roobaa kan hir’atu ta’uuu ibsaniru. Kutaaleen Kibbabahaa garuu darbee darbee rooba ni argatus jedhameera. AS
5 1812Loading...
19
Oduu: Raayyaafi Alamaaxaatti tajaajilli bu’uuraa addaa cituun himame Naannawa magaalota #Raayyaafi #Alamaaxaa keessatti tajaajila bu’uuraa hawaasaa kan akka barnootaafi fayyaa addaan cituu hordofee hawaasni naannichaa rakkachuu aanga’oonni naannichaa himan. Hospitaalli magaala Alamaaxaatti argamu ji’a tokkoo oliif tajaajila addaan kutee turuun walqabtee lubbuun namota 11 darbuu kantiibaan magaalattii Obbo Hayiluu Abarraa VOA’tti himaniiru. Namoota lubbuun darbe keessa saddeet daa’immaniifi haaadholii ta’uu eeraniiru. Akkasumas manneen barnootaa 123 naanichatti argaman hojii baruufi barsiisuu addaan kutuun barattoonni 42,000 ol ta’an barnota dhaabuun ibsameera. Barattoota kanneen keessa 900 kan ta’an qormaata biyyaaleessaa kan fudhatan garuu Yuunivarsitii #Waldiyaatti barnootasaanii hordofaa jiru jedhameera. AS
4 6241Loading...
20
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tarminaala imaltoota biyya keessaa eebbisiise Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Tarminaala keessummeessa imaltoota biyya keessaa Doolaaraa miiliyoona 50 haaromsaa fi hojii babal’isuu gaggeessaa ture eebbisiiseera. Tarminaalichi Ministirri Ministeera Turiziimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii, Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Barahoon Hasan dabalatee bakka hoggantoonni mootummaa olaanaan biroo argamanitti eebbifameera. Dhaabbanni Ijaarsaa Chaayinaa ‘CCCC’ jedhamu hojii haaromsaa fi babal’isuu kana raawwachuu eerameera. Tarminaalli kun hojii eegaluun isaa tajaajila dhaabbatichi kennu caalmaatti si’ataa taasiisuuf qooda olaanaa qabaachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasaw eeraniiru. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Iddoolee ga'umsaa 22 biyyaa keessaa qabaachuu fi guyyaan balalliiwwan biyya keessaa 200 ol taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.
4 3551Loading...
21
Gulaallii: #Itoophiyaan yaaddoon otuma jiruu Haqa Cehumsaa hojiirra oolchuuf tattaaffachuun ishee daandii haqaa fi araara dhugaa ni danqa. Irra deebiin haa ilaalamu! Yaaliin Itoophiyaan namoota hokkora siyaasaan hubamaniif haqa ce’umsaa, araaraafi itti gafatamummaa mirkaneessuuf taasisftu sadarkaa murteessaarra gaheera. Torban muraasa dura manni maree ministeerootaa imaammata haqaa ce’umsaa biyyoolessaa raggaasisuun isaa tarkaanfii murteessa fudhachuu agarsiisa. Haa ta’u malee, kaayyoon imaammata kana bocuun barbaachiseef hawaasa addunyaa ittiin sossobuuf malee haqa dhugaa mirkaneessuuf miti sodaan jedhu akka qaban ogeeyyiin yaada dhiyeessu. Hirmaannaan Ministeera Haqaa kan qaama hojii raawwachiiftuu ta’e ogeeyyii imaammata kana qopheessan filachuurraa kaasee hoogganuun rakkoo jalqabaa ture. Kunis hoggantoonni paartilee siyaasaa mormitoota gurguddoo hedduu walgahii marii Amajjii 10 bara kana gaggeeffame keessaa akka bahaniif kana booda adeemsa kana akka morman taasiseera. Yaaddoon hammatamummaa fi amanamummaa jiraachuu eeruun mootummaan bu’uura haqaa ce’umsaa akka carraa faayidaa siyaasaatti fayyadamuu fi hawaasa idiladdunyaa biratti fudhatama argachuuf yaaluu dhiisee nagaa fi araara biyyaalessaa dursa akka kennu dhaaman. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3969
4 5212Loading...
22
Oduu: Luba Balaay Makonnind dabalatee namoota 5 irratti himanni “waliin dhauu” baname Miseensa Mana Lubummaa Waliigalaa Ortodooksii Tawaahidoo kan ta’an Luba Balaay Makonniniifi namoota biroo shan irratti yakka “waliin dhahuutiin” himanni irratti baname. Maqaan namoota luba Balaay waliin himanni irratti banamee 2ffaa Iyyaasuu Indaalee, 3ffaa hojjataa Faddaalaa Barakat Mulaatuu Jaafar, 4ffaa Alamganaa Saamu’eelfi Hojigaggeessaa Waldaa Aksiyoona Dhuunfaa Nimoonaa Obbo Abarraa Margaa ti. Obbo Alamganaa Saamu’eelfi Obbo Abarraa too’annoo poolisii jala hin oolfamne. Namoonni kunneen nagahee kafaltii sobaa qopheessuun maallaqa kaan dabarfachuuf yaalaniiru. Himatamaan shanaffaa Abarraa Margaa meeshaalee ijaarsa dhiyeessuun jechuun maallaqa dolaara miliyoona 1 ol gaafatera. Himanni namoota kanneen barreeffamaan dubbifamuun murteen akka kennamuuf guyyaa biraatti beellamni qabameera. AS
4 2883Loading...
23
Oduu: #Itoophiyaan ibsi Ambaasaaddarri #Ameerikaa laatan ‘dogoggora kan qabu’ fi ‘odeeffannoo gahaarratti kan hin hundoofne’' jechuun qeeqxe Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa imaammata Ambaasaadarri Ameerikaa Erviin Masiingaa kaleessa kennaniin ''dogoggora'' fi ''odeeffannoo gahaarratti kan hin hundoofne'' jechuun qeeqeera. Kana malees, “faallaa hariiroo seena qabeessaa biyyoota lameenii” jechuun ibse. Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen, haasaan ambaasaaddarichi “haala mootummaan Itoophiyaa dhimmoota biyyattii itti gaggeessuu qabu irratti gorsa hin gaafatamne kan hammateedha,” jedhe. Ambaasaaddar Maasingaan ibsa kaleessa laataniin, mootummaan Itoophiyaa dhimmoota siyaasaa walxaxaa ta’an furuuf mala nageenya irratti xiyyeeffate akka hordofuu fi marii siyaasaaf haala mijeessuuf namoota siyaasaa ijoo ta’an hidhaa irraa akka gadhiisu dhaaman. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3966
4 4362Loading...
24
Atileet #Qananiisaa_Baqqalaa waggaa 12 booda gara #Olompikii deebi’e Atileetota ciccimoo seenaa fiigicha dheeraa addunyaa keessatti gahumsa olaanaa agarsiisan keessaa tokko kan ta’e Qananiisaa Baqqalaa, bara 2012 booda yeroo jalqabaaf garee biyyaaleessaa Itoophiyaa keessatti hammatamee Olompikii #Paaris 2024 irratti akka hirmaatu filatameera. Atileetii ganna 41 kun Olompikii kanarratti si’a arfaffaaf yeroo hirmaatu atileetii Itoophiyaa umurii guddaan Olompikii irratti hirmaate ni ta’a. Qananiisaa Baqqalaa dabalataan dhiirootaan Sisaay Lammaa fi Dheereessaa Galataan kan hirmaataan yoo ta’u, Tammiraat Tolaa fi Usaddiin Mahaammad eeggattootaan kan filataman ta’uu Federeeshinii Atiletiksii Itoophiyaa beeksiseera. Akkasumas dubartootaan Atileet Tigist Assafaa, Amaanee Bariisoo fi Magartuu Alamuun Itoophiyaa bakka kan bu’an yoo ta’u, Gooyitetoom Gabrasillaasee fi Buzee Dirribaan eeggattootaan filatamuu ibsameera. AS
4 1821Loading...
25
Naannoo #Gambeelaa Aanaa Addaa #Itaang keessatti walitti bu’iinsi uumame lubbuu namoota 11 galaafate Dilbata darbe Caamsaa 4 bara 2016 ALI ganama sa’aatii 11tti naanoo Gambeelaa aanaa addaa Itaang keessatti hidhattoota fi humnoota nageenya mootummaa gidduutti walitti bu’iinsa uumameen namoonni 11 ajjeefamuu waajjirri nageenyaa naannoo Gaambeellaa ibse. Akka VOAn gabaasetti, walitti bu’iinsa kanaan hawaasa keessaa namoonni 8 yoo ajjeefaman, humnoota mootummaa keessaa immoo 3 ajjeefamuu isaanii fi kanneen 23 ta’an madaa’uu itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Bagwaal Jook ibsanii jiran. Dura taa’aa paartii mormituu Sochii Dimokraasummaa Uummata Gaambeellaa kan ta’an Obbo Saaymen Tuut gama isaaniin, namoota ajjeefamanitti dabalee jiraattonni kuma 15 ol qe’ee isaanirra buqqa’uufi beeladaaleenis baduu dubbatan. Waajjirri Qindeessaa Sodaa Balaa Naannoo Gaambeellaa kan ta’an Gaadbeel Muun ammoo, "namoota buqqa'an deeggaruuf gargaarsa barbaadaa jirra,” jedhan. https://www.voaafaanoromoo.com/a/7613579.html
4 5891Loading...
26
Oduu: Maastar Kaardiifi Baankii hojii Gamtaa kalaqa haaraa hojiirra oolachan Maastar Kaardiifi Baankiin Hojii #Gamtaa #Oromiyaa kalaqa haaraa maallaqa hawaasa hunda biraan gahuuf tajaajilu hojiirra oolchan. Baankiin Gamtaa Oromiyaa MaastarKaardii kaffaltii dursaafi ‘Teeknoolojii Ce’umsa Hawaasaa’ hojiirra oolcheera. Teekinoolojiin kuni qonnaanbulaa dabalatee tajaajila faaynaansii hunda hammate mirkaneessuuf oolas jedhame. Kaardiin kanaan Intarneetiidhaan bitachuudhaaf gabaa dijitaalaatiin haala salphaa ta’een kaffaltiii raawwachuuf oola. MaastarKaardiifi Baankiin Gamtaa Oromiyaa qonnaanbultoota 11,000 tajaajila kennuu eegalaniiru. Daddarbiinsa maallaqaa miliyoona $1.4 fi daddarbiinsa 9,200 taasifamuun ibsameera. Baankichi tajaajila faaynaansii mijataa, amansiisaafi maamila ilaalcha keessa galche kennuuf teknoolojiitti dhimma bahaa jiraachuu hojigaggeessaan Baankii Hojii Gamtaa Darribaw Asaffaa himaniiru. AS
4 2690Loading...
27
Oduu: Waliigalteen waraana dhaabuu biyyaalessaa yeroodhaaf akka godhamu #Ameerikaan gaafatte Waliigalteen waraana dhaabuu biyyaaleessaa yeroodhaaf akka godhamu #Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiingaa gaafate. Maasiingaan kana kan jedhe ibsa guyyaa kaleessaa miidiyaaf laateerrattiidha. Ibsicharratti dhimma haala nageenyaa, marii biyyaalessaafi haqa ce’umsaatiin walqabatee ejjannoo Ameerikaan qabdu calaqqisiisaniiru. Humnoonni qabsoo hidhannoo gaggeessan karaa nagaatti akka dhufam gaafataniiru. Qabsoon hidhannoo uummata kan dararuu ta’uus eeraniiru. Misooma bu’uuraa barbadeessuun akka dhaabbatuufi gargaarsi namoomaa daangaa malee akka raabsamu karaa banuuf waliigalteen waraana dhaabuu biyyaalessaa akka godhamu gaafateera. AS
3 9471Loading...
28
Dhalattoonni #Oromoo US jiran meeshaalee wal'aansa fayyaa kutaalee #Oromiyaaf dhiyeessaa jiru Dhalatootni Oromoo #Ameerikaa keessa jiraatan lammii keenyaaf waan dandeenyuun dhaqabuu qabna jechuun meeshaalee yaalaaf oolan maallaqa guddaan bitaman hospitaalota Oromiyaa adda addaaf gumaachaa jiraachuu himan. Hundeessitoota dhaabbata miti-mootummaa ‘Lammiif Relief and Develeopment Organization’ keessaa tokko kan tahan Obbo Farhaan Abdullaahii baasii geejibaa qofa gara doolaara miliyoona lamaa tahuun meeshaalee yaalaa kanneen dhiyeessaa jiraachuu himan. Dhaabbatni Lammiif Relief and Develeopment Organization jedhu kun erga hundeeffamee waggaa osoo hin guutiin meeshaalee yaala fayyaa konteenera 54 tahu kutaalee Oromiyaa adda addaaf gumaachuun dhaqabsiisaa jirra jedhan. Biyya keenya keessa tajaajila fayyaa, bishaanii fi barnoota irra hanqinni jira jennee qaawwa kana Oromiyaa keessaa guutuuf hojjechuu jalqabne jedhan. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c51n12mve8zo
3 8861Loading...
29
Oduu: Paartileen #Badhaadhinaa fi #ABUT “haala walitti bu’iinsa uumuu danda’an kamiiyyuu waliin ittisuuf” waliigalan Paartii Badhaadhinaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) har’a Caamsaa 15, 2024 yeroo sadaffaaf magaalaa #Maqaleetti marii siyaasaa gaggeessuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru. Marichaan qajeeltoo hariiroo paartilee gidduu kana dura irra ga’ame yaadachuun adeemsa ajandaa olaanaa marii adda baasuu xumuramuun, akkaataa duraa duuba ajandaalee hordofuun erga mari’atanii booda waliigalteerra ga’amuu ibsameera. Marii kana irratti qaamoleen lamaan hojiin kominikeeshinii kamiiyyuu qabiyyeewwan walitti bu’iinsa kakaasan irraa bilisa ta’uu akka qaban waliigaluu ibsameera. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3958
4 6435Loading...
30
Oduu: Gamtaan #Awurooppaaa gargaarsa miliyoona €36 taasise Gamtaan Awurooppaa industirii xixiqqoo waraana #Tigraay, #Affaariifi #Amaaraatiin barbadaa’aniif gargaarsa Yuuroo miliyoona 36 taasise. Gamtaan Awurooppaa waahillan isaa waliin ta’uun industirii xixxiqqoo sababa waraana naannolee Tigraay, Affaariifi Amaaraa keessatti mudateen barbadaa’aniif gargaarsa Yuuroo miliyoona 36 gochuu beeksise. Gargaarsi kuni dhaabbilee xixiqqoo sababa waraanaatiin hubaman maallaqaan gargaaruu kan kaayyeeffateedha. Maallaqni kuni keessumaa industirii xixiqqoofi hojii qonnaa si’eessuurratti bobba’an deeggaruuf kan oolu ta’a. Gargaarsi Gamtaan Awurooppaa, Neezarlaandiifi Jarman taasisaa jiran "murteessaadha" jechuun gargaarsi kuni hirmaannaa dubartootaa guddisuuf kan oolu ta’uu ministeerri deetaa ministeera industirii Obbo Hasan Muhaammad dubbataniiru. AS
4 4251Loading...
31
Oduu: Godina #Shawaa#Bahaatti haleellaa dirooniitiin lubbuun namoota darbe jedhame Haleellaa diroonii aanaalee godina Shawaa Bahaa lama keessatti raawwatameen lubbuun namootaa darbuuu jiraattonni himan. Haleellaan godina Sahwaa Bahaa aanaa Qawatiifi Tareetti Caamsaa 04, 2016 ALI raawwatame jedhame kanaan lubbuun namoota 10 olii darbuufi madaa’uu jiraattonni BBC’tti himan. Haaluma wa fakkaatuun, naannawa walfakaataatti namoonni 14 haleellaa dirooniitiin lubbuun darbuu DWn gabaaseera. Haleellaan kuni naannawa mana barumsaa tokkotti gaggeeffamu jiraattonni BBC’tti himaniiur/. Haleellaa kanaan lubbbuun namootaa darbuufi madaa’uu jiraattonni himaniiru. aanaa Molaaleetti haleellaa dirooniitiin miseensonni Faannoo sadiifi intalli dhugaatii gurgurtu tokkoo dabalatee namoonni afur ajjeefamaniiru jedhame. AS
3 6872Loading...
#Asoosaatti yakkamaan barattuu Daraartuu Lammeessaa ajjeese adabbii cimaa waggaa 18n adabame Yakkamaan barattuu Yuunivarsiitii Asoosaa kan turte Daraartuu Lammeessaa cuubeen waraanee ajjeese adabbii cimaa waggaa 18 adabameera. Namni Yohaannis Margaa Itichaa jedhamu Caamsaa 9, 2016 ALI ganama naannawaa sa’aatii 2:54tti Daraartuu Lammeessaatin cuubeen waraanuun ajjeesuu isaan yakka ajjeechaan himatamee ture. Abbaan Alangaa namni kun yakka ajjeechaa kana raawwachuu qorannoo taasisuun ragaa namaa fi yaalaa Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Asoosaaf dhiyeesseera. Manni murtichaas yakkamaan seera yakkaa Mootummaa Federaalaawaa Diimookiraatawaa Riippablika Itoophiyaa tumaa keewwata 539 muraa 1 ‘A’ jalatti tumame darbuu isaa mirkaneesseera. Haaluma kanaan manni murtichaa dhaddacha guyyaa har’aa ooleen himatamaa Yohaannis Margaa irratti adabbii cimaa waggaa 18 itti murteessuu ragaan qajeelcha poolisii bulchiinsa magaalaa Asoosaa irraa argame ni mul’isa.
إظهار الكل...
Yaa'ii Komishinii Ministiroota #Saawudi_Arabiyaa - #Itoophiyaa 6ffaa gaggeeffame Yaa'ii Komishinii Waloo Ministiroota Saa'udi Arabiyaa fi Itoophiyaa 6ffaa Caamsaa 21-22, 2024 magaalaa #Riyaaditti gaggeeffame. Yaa'ii kanarratti gama Itoophiyaa irraa jilli Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaaseetin durfamu hirmaateera. Yaa'icharratti Itoophiyaa fi Saa'udi Arabiyaan abbootiin qabeenyaa Saa’ud Arabiyaa hirmaannaa Invastimnatii fi Daldalaa Itoophiyaatti taasisan cimsanii akka itti fufan Ambaasaaddar Taayyeen waamicha dhiyeessaniiru. Walitti Qabaan Mana Maree Daldalaa Saa’ud Arabiyaa Hasan Mujiib Al Hiwaayizii gamasaaniin, Abbootiin qabeenyaa Saa’ud Arabiyaa hojiilee invastimanti fi daldalaan keessattuu, damee Qonnaan hojii qindeessaa fi oomishuurratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru. Abbootiin qabeenyaa baatii Hagayyaa keessa Itoophiyaatti daawwanaa Biziinaasii kan taasisan ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
إظهار الكل...
Xiinxala: ‘Abdii barnootarra qabnu dhabne’: Lixa #Oromiyaatti barattoota kumaatama sababa rakkoo nageenyaan barnoota ala ta’aniiru Lixa Oromiyaa waggoota hedduuf barattoota qormaata biyyaaleessaa irratti qabxii olaanaa galmeessuun akka naannoo fi biyyaaleessaatti maqaan isaanii adda durummaan ka’u oomishuun beekamu, amma barattoonni hedduu sababa rakkoo nageenyaan barnoota ala ta’uun abdii kutannaa keessatti argamu. Sababa yaaddoo nageenyaa jiruunis shamarran dabalatee barattoonni hedduu baratanii qormaata biyyaaleessaaf qophaa’u akka hin dandeenye himu. Kanaan alattis, iddoowwan muraasa keessatti loltoonni mootummaa manneen barnoota akka kaampiitti fayyadamaa waan jiraniif manneen barnoota dirqamaan cufamanillee jiraachuu barattoota fi barsiisonni Addis Standard dubbise himaniiru. Keessumaa dubartoota miidhaa saalaa dabalatee karaa adda addaan waan irratti xiyyeeffatamuuf adeemsa waraanaa keessa jireenya isaanii dhabu. Walitti bu’iinsa Lixa Oromiyaa keessa jiruunis muudannoon walfakkaataa uumamuun hin oolle. Daraartuun bara darbe Caamsaa 14, 2015 ALI shamarree waggaa 15 fi barattuu kutaa 8ffaa yeroo turte barnoota waaree boodaa hordofuuf gara mana barumsaa osoo deemaa jirtuu hidhattoota Faannoo aanaa isheen jiraattu keessa socho’aniin gudeedamte. Miidhaa gudeeddii irraa gahee kanaan barnoota ishee addaan akka kuttuuf ishee dirqisiiseera. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3990
إظهار الكل...
‘Abdii barnootarra qabnu dhabne’: Lixa Oromiyaatti barattoota kumaatama sababa rakkoo nageenyaan barnoota ala ta’aniiru  - Addis Standard

Abdii Biyyansaa fi Naatinaa’eel Fiixeetin  Finfinnee, Caamsaa 23/2024 – Walitti bu’iinsa waggoota jahaan darban Lixa Oromiyaa, keessattuu godinaalee Wallagga arfan, keessatti itti fufiinsaan lubbuu namoota nagaa fi jireenya hawaasummaa irratti miidhaa geessisaa jiru damee barnoota irratti dhiibbaa olaanaa geessiseera.  Lixa Oromiyaa waggoota hedduuf barattoota qormaata biyyaaleessaa irratti qabxii olaanaa galmeessuun akka Naannoo Oromiyaa fi sadarkaa …

Xiinxala: ‘Abdii barnootarra qabnu dhabne’: Lixa #Oromiyaatti barattoota kumaatama sababa rakkoo nageenyaan barnoota ala ta’aniiru Lixa Oromiyaa waggoota hedduuf barattoota qormaata biyyaaleessaa irratti qabxii olaanaa galmeessuun akka naannoo fi biyyaaleessaatti maqaan isaanii adda durummaan ka’u oomishuun beekamu, amma barattoonni hedduu sababa rakkoo nageenyaan barnoota ala ta’uun abdii kutannaa keessatti argamu. Sababa yaaddoo nageenyaa jiruunis shamarran dabalatee barattoonni hedduu baratanii qormaata biyyaaleessaaf qophaa’u akka hin dandeenye himu. Kanaan alattis, iddoowwan muraasa keessatti loltoonni mootummaa manneen barnoota akka kaampiitti fayyadamaa waan jiraniif manneen barnoota dirqamaan cufamanillee jiraachuu barattoota fi barsiisonni Addis Standard dubbise himaniiru. Keessumaa dubartoota miidhaa saalaa dabalatee karaa adda addaan waan irratti xiyyeeffatamuuf adeemsa waraanaa keessa jireenya isaanii dhabu. Walitti bu’iinsa Lixa Oromiyaa keessa jiruunis muudannoon walfakkaataa uumamuun hin oolle. Daraartuun bara darbe Caamsaa 14, 2015 ALI shamarree waggaa 15 fi barattuu kutaa 8ffaa yeroo turte barnoota waaree boodaa hordofuuf gara mana barumsaa osoo deemaa jirtuu hidhattoota Faannoo aanaa isheen jiraattu keessa socho’aniin gudeedamte. Miidhaa gudeeddii irraa gahee kanaan barnoota ishee addaan akka kuttuuf ishee dirqisiiseera. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3990
إظهار الكل...

Photo unavailableShow in Telegram
'Sababa yaaddoo nageenyaaf Haroo #Dambal irraa sochiin bidiruu erga dhorkame ji'a caale' Odolawwan shan kan qabu Haroon Dambal, qarqara magaalaa #Baatuutti argama. Haroon kun bakka bashannanaa fi kan namoonni qurxummii irraa soorachuuf dhaqan ture. Keessumaa erga bulchiinsi magaala Baatuu qarqara haroo kanaatti hojii bareedinaa hojjateen booda hawwattummaan bakkichaa haalan dabalee ture. Haata’u malee, erga yeroo dhihoo asitti sochiin hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) naannawa maagaala Baatuutti mul’achuu eegalee booda yaaddoo nageenyaaf jecha sochiin bidiruu haroo kanarratti taasifamu guutummaan guutuutti dhaabbachuu jiraattonni odolaa harichaafi kanneen Bidiruu oofaa jiraatan himaniiru. Odolawwan Haroon Dambal qabu shanan keessaa isa guddaa Tulluu Guddoo irra kan jiraatan Obbo Zawuduu Waldee, tajaajilli geejjiba bidiruu Haroo Dambal irraa erga dhaabbatee ji’a tokkoo ol akka ta’ee fi kanaanis rakkoof saaxilamuu himan. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cw4491x4dn0o
إظهار الكل...
Oduu: Haleellaa daangaa naannolee #Tigraay fi #Affaaritti raawwatameen daa'ima dabalatee namoonni nagaa torba ajjeefaman Daangaa naannolee Tigraay fi Affaar, aanaa Raayyaa Azabootti Wiixata darbe halkan walakkaa haleellaa hidhattoonni eenyummaan isaanii hin beekamne raawwataniin daa’ima waggaa kudha tokko dabalatee namoonni nagaa torba ajjeefaman. Bulchaa Aanaa Raayyaa Azaboo Tazarraa Getaahun, qaamoleen ajjeechaa kana raawwatan naannoo Affaar irraa akka dhufan Addis Standard’tti himaniiru. “Qaamoleen kunneen daa’ima ganna 11 dabalatee tiksitoota halkan walakkaa osoo rafaa jiranii ajjeesan,” jechuun Obbo Tazaraan ibsan. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3985
إظهار الكل...
Haleellaa daangaa naannolee Tigraay fi Affaaritti raawwatameen daa'ima dabalatee namoonni nagaa torba ajjeefaman - Addis Standard

Finfinnee, Caamsaa 22/2024 – Daangaa naannolee Tigraay fi Affaar, aanaa Raayyaa Azabootti Wiixata darbe halkan walakkaa haleellaa hidhattoonni eenyummaan isaanii hin beekamne raawwataniin daa’ima waggaa kudha tokko dabalatee namoonni nagaa torba ajjeefaman.  Bulchaa Aanaa Raayyaa Azaboo Tazarraa Getaahun, qaamoleen ajjeechaa kana raawwatan naannoo Affaar irraa akka dhufan Addis Standard’tti himaniiru.  “Qaamoleen kunneen daa’ima ganna 11 …