https://t.me/Ijooseera
Kanalga Telegram’da o‘tish
https://t.me/http_Ijooseeraa https://t.me/http_Ijooseeraa https://t.me/http_Ijooseeraa
Ko'proq ko'rsatishMamlakat belgilanmaganQonun5 084
459
Obunachilar
-124 soatlar
-27 kun
Ma'lumot yo'q30 kun
Postlar arxiv
Adeemsa Dhagaya Dhimma Yakkaa Keessatti Hafiinsa Himatamaafi Tarkaanfiiwwan Fudhatamuu Danda’an Ilaalchisee Murtiilee Dirqisiisoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin Kennaman
===================================================
Adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti tarkaanfilee manneen murtii fudhachuu danada’an ilaalchisee Dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtiilee garaagaraa kan kenne yammuu ta’u, isaan keessaa kan jalqabaa murtii dhaddachichi dhaddacha gaafa 10/09/2004 ooleen Lakk.Ga.76909 ta’e (Jildii 13ffaa) irratti kennedha. Bu’uura murtii kanaatiin, adeemsa dhagaya dhimma yakkaa keessatti ragaan namaa abbaa alangaafi himatamaa erga dhagahamee xumuramee booda guyyaa galmeen murtii kennuuf bule irratti himatamaan beellama isaa kabajee dhiyaachuu dhiisee yoo hafe manni murtii bakka himatamaan hin jirretti ilaalee murtii balleessummaafi adabbii kennuu
qaba malee eeguu hin qabu, guyyaa yaadni adabbii dhiyaachuu qabutti himatamaan beellama irraa hafee murtiin adabbii waan kennameef qofa dhimmichi bakka hin jirretti ilaalame hin jechisiisu jechuun Heera Mootummaa FDRI kwt 20(4) fi tumaalee seera deemsa falmii yakkaa adda addaa bu’uura godhachuun xiinxaleera.
Dhimmi kan biroon murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 22/01/2010 ooleen Lakk.Ga.127313 (Jildii
22) ta’e irratti kenname yammuu ta’u, dhimma kana keessatti immoo dhaddachichi; himatamaan guyyaa ragaan abbaa alangaa dhagahamu dhiyaatee, dhaggeeffatee, gaaffii qaxxaamuraa gaafatee, ragaa ittisaa dhiyeeffadhu jedhamee guyyaa beellamame irratti beellama irraa yoo bade manni murtii bakka inni hin jirretti itti fufee ragaa madaalee murtii kennuu qaba jedheera. Dhimma kana keessatti ragaa ittisaa eeguuf beellamni irra deddeebiidhaan kennamaa turuus ibseera.
Kana malees, dhaddachichi murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 30/05/2014 ooleen Galmee Lakk. 211518 ta'e irratti (kan hin maxxanfamne) kenneen; Ragaan abbaa alangaa dhagahamee, guyyaa dhimmichi qoratamee jal-murtiin kennamuuf beellamametti himatamaan beellama irraa yoo hafe galmeen cufamuu akka hin qabnee fi dhimmichi itti fufee ilaalamee murtiin kennamuu qaba jedheera.
Murtiiwwan kun kallattii kan agarsiisan ta’ullee of eeggannoo manneen murtii taasisuu qaban hin
akeekne. Gaaffiiwan ka’uu danda’an: tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban kun s/d/f/y keessatti hammatamee bakka hin jirretti (fedhii qaama seera baasuutiin ala) manneen murtii ofumaan fudhachuu ni danda’uu? Tumaa s/d/f/y kwt 76 (nama mirga wabiitiin bahe) waliin akkamitti ilaalamuu qaba? Manneen murtii ta’e jedhee hafuu (miliquu) ykn sababa humnaa ol ta’een hafuu (fakkeenyaaf butamee) mirkaneeffatanii bira darbumoo hafuun isaa qofti gahaadha? Yoo sababa gahaa qabaatehoo sirni itti keessa deebi’ee ilaalamuuf ni jiraa? kan jedhanidha.
Kanas ta’e sana, mirgi haala haqa qabeessa ta’een dhagahamuu himatamaa mirga heera irraa madde waan ta’eef kabajamuu qaba. Manneen murtiis kabachiisuuf itti gaafatamummaa ol’aanaa qabu. Gama birootiin immoo mirgi kun himatamaadhaaf dahoo ta’ee, akka inni miliquuf carraa uumuu, adeemsi akka lafarra harkifatu ykn murtiin akka hin kennamne taasisuu waan hin qabneef gama hundaan of eeggannoodhaan madaaluun barbaachisaa natti fakkaata.
Desalegn Birhaanuutiin
https://t.me/speaklawinabsentia
https://t.me/http_Ijooseeraa
የይዞታ መብት / possessory right / ምንድነው ?
⚫️ ብዙ ጊዜ ሰዎች በንብረት ላይ ያለ የባለቤትነት / የባለሃብትነት መብት ( የፍ/ብ/ህ/ቁ 1204 ) እና ንብረት ላይ ያለ የይዞታ መብት ወይም ይዞ የመገኘት መብት ( የፍ/ብ/ህ/ቁ 1140 ) ቀላቅለዉ ሲረዱ እናያለን ።
ነገር ግን ሁለቱ የመብት ምንጮች የተለያዩ ሲሆኑ በዚህ ፅሑፍ የይዞታ መብት ምንነት እናያለን ።
◼️ በፍ/ብ/ህ/ቁ 1140 ላይ እንደተደነገገው ይዞታ ማለት አንድ ሰው አንድን ነገር በእጁ አድርጎ በእዉነት የሚያዝበት ሆኖ ሲገኝ በያዘው ነገር ላይ የይዞታ መብት አለው ይባላል ።
የማይንቀሳቀስ ንብረት ይዞ የሚገኝ ግለሰብ ባለይዞታ እንደሆነ ግምት ይወሰዳል ፣ ንብረቱ የኔ ነው የሚል ወገን ንብረቱን ከያዘው የበለጠ ንብረቱ የሱ መሆኑን የማስረዳት ሸክም አለበት ።
ባለይዞታ በቀጥታ ወይም በተዘዋዋሪ መንገድ የያዘው ንብረት ሌላ አካል ጣልቃ እንዳይገባ መከላከል ይችላል ። ይህን በመተላለፍ የተፈፀመ ተግባር የሁከት ተግባር እንደሆነ ይቆጠራል ።
◼️ በፍ/ብ/ህ/ቁ 1148 መሠረት ይዞታውን በንጥቂያ ወይም በስዉር የተወሰደበት እንደሆነ ነጣቂዉን በማስወጣት ወይም ነገሩን በግፍ ሲወስድ ከተገኘው ወይም ይዞ ሲሸሽ ከተያዘው ነጣቂ ሰው ላይ ሀይል በመጠቀም ባለይዞታው የተወሰደውን ነገር ማስመለስ ይችላል ።
ነገር ግን የሀይል ተግባሩ ከእጅ እልፊት ያለፈ መሆን እንደሌለበት የዚህ ድንጋጌ ንዑስ ቁጥር 3 ያስቀምጣል ።
◼️ ይዞታው የተወሰደበት ባለንብረት በፍ/ቤት የሁከት ይወገድልኝ ክስ በማቅረብ ይዞታውን ማስመለስ እንደሚችል በፍ/ብ/ህ/ቁ 1149 ላይ ተቀምጧል ።
ይዞታው የተወሰደበት ወይም በይዞታው ላይ ሁከት የተነሳበት ሰው የተወሰደበትን ነገር እንዲመለስለት ወይም የተነሳው ሁከት እንዲወገድለት እንዲሁም የደረሰን ኪሳራ እንዲከፈለው መጠየቅ ይችላል ።
የሁከት ይወገድልኝ ክስ በይዞታው ላይ ሁከት ከተነሳበት ቀን አንስቶ እስከ ሁለት አመት ድረስ ካልቀረበ በይርጋ ቀሪ ይሆናል
።https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://www.facebook.com/share/18opx4btnu/
Dogoggoraan Mobile Bankingiin Maallaqa Yoo Ergitan, Baankiin Ofumaan Deebisuu Danda’aa?
==================================================================
Namoonni hedduun yeroo mobile banking fayyadaman dogoggoraan maallaqa nama biraatti erguu danda’u.
“Baankiin maallaqa sana account nama sana irraa fuudhee naaf deebisuu danda’aa?” gaaffii jettuuf deebisaan:
Akka seera baankiitti, baankiin hayyama abbaa account sanaa ykn ajaja mana murtii malee maallaqa account nama tokko irraa fuudhee nama biraaf deebisuu hin danda’u. Sababni isaa mirgi abbummaa fi nageenyi herrega mammilootaa eegamuu qaba jedhee seeraa lafaa qaba.
✅Dhaddachi ijjibaata Feederaalaa akkana jedhe:
Namni maallaqa kaffaluu hin qabne kaffale akka deebi'uuf gaaffachuun mirga ta'ullee garuu dogongorri tokko osoo hin jiraatin Waliigaltee fi dirqamni seeraa isa kaffalchiisu akka hin jirre osoo beekuu maqaa fi lakkoofsa herreegaa (Account) barreessuun maallaqa yoo erge itti yaadeefi fedhinnaan akka ergeetti waan fudhatamuuf maallaqa siif ergamuu hin qabneen siif ergee naaf deebisi jedhee gaafachuu hin danda'u" DH/IJ/MMWF lakk.175660 Jildii 26ffaa murtiii kenname ture.
Baankiin garuu yeroo dogoggorrii akkanaa uumamee komiin maammila irraa dhufe waanti godhu:
● Yoo dhugumaan sitti amane nama maallaqa fudhateen wal si qunnamsiisee akka ati wal dubbiftee maallaqa kee akka siif deebisuu itti gaafattu haala siif mijjeessa.
Garuu ofumaan account irraa hir’isuu ykn maallaqa deebisuu hin danda’u yoo adeemsi seeraa hin jirre ykn mana murtiin ajajame malee.
Kanaaf yeroo mobile banking fayyadamtan:
● Maqaa namaa sirriitti mirkaneessaa
● Lakkoofsa account ykn bilbilaa yeroo 2 fi isaa ol ilaalaa
● Saffisaan Maallaqa hin dabarsinaa.
● Yoo wannii akkasii isin mudate ammoo damee naannok keessan jiru dubbisaa dhimma keessaan karaa seeratin akka isiniif furamu isin gargaaruu danda'u waan taatef.
Galatoomaa!!
Credit to Sudeyis Kedir
https://t.me/http_Ijooseeraa
Ilmi Maqaan Abbaa Isaa akka jijjiirramuuf kallattiidhaan gaafachuu ni danda’aa? Xiinxala Raawwatiinsa SHH Kwt 42 fi 43 irratti taasifame.
Bu’uura Heera Mootummaa Federaalaa Kwt 36(1)(b) tiin daa’imni kamuu maqaa fi lammummaa qabaachuuf mirga qaba jechuun kaa’eera. Gama kanaan seerri maqaa namni tokko qabaachuu kan danda’u haala kamiin akka ta’e kaa’u immoo S/H/H kwt 32-46 akkasumas kwt 3358- 3360 tti jiran jalatti kaa’ameera. Bu’uuruma kanaan namni tokkoo maqaa firaa(family name),maqaa dhuunfaa tokko ykn isaa ol (first name) fi maqaa abbaa(patronymic ) qabaachuu akka qabu qajeeltoon isaa S/H/H kwt 32 jalatti kaa’ameera. 1ffaa Maqaan firaa (Family names) miseensa waliinii sarara maatii dhiiraatiin jiran kan agarsiisuu dha. Kanaafuu namni SHH erga tumamee as dhalate maqaa firaa kan fira abbaa isaa qabatee dhalata. Haa ta’u malee abbaan isaa maqaa firaa hin qabu yoo ta'e maqaa abbaa isaa (patronymic) akka maqaa firaatti(as family name) qabaata. Haa ta’u malee sadarkaa raawwii maqaa firaa(family name) biyya keenya keessatti yeroo ilaallu haala qabatama jiruutiin raawwii irra kan jiruu miti. 2ffaa Maqaa dhuunfaa ilaalchisee bu’uura SHH Kwt 34 fi 35 tiin maqaan nama dhuunfaa abbaadhaan kan moggaafamu yoo ta’u bakka abbaan hin jirretti immoo maatii abbaatiin kan moggaafamu ta’a. 3ffaa Bu’uura SHH kwt 36 tiin Maqaa abbaa ilaalchisee maqaan dhuunfaa abbaa maqaa abbaa(patronymic) akka ta’e kaa’ameera.
Bu’uruma kanaan akkaataa Seera hariiroo hawaasaa biyya keenyaatiin moggaafama maqaalee isaan kam jijjiiruun danda’ama? kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha. Bu’uura SHH kwt 42 tiin maqaan firaa(family name) sababa gahaadhaan hanga mirga garee 3ffaa hin tuqnetti mana murtiitiin jijjiiramuu akka danda’u kaa’ameera. Gama biraatiin bu’uura SHH kwt 43 tiin namni tokko maqaa dhuunfaa isaa(first name) iyyata dhiyeessuun mana murtiitiin jijjiiruu akka danda’u kaa’ameera. Asitti maqaa dhuunfaa jijjiiruuf akka maqaa firaa jijjiiruutti sababni gahaan jiraachuun ykn ulaagaleen biroo dirqamaa miti. Gama kanaan mee murtiilee dhaddacha Ijjibaataa haa ilaallu. Jiildii 15ffaa lakk.Galmee 95995 ta’e irratti murtii kennameen namni tokko maqaa abbaa isaatiin fi maqaa abbaa isa guddiseetiin waamamaa jiraachuun isaa ragaan yoo mirkanaa’e ta’e maqaa isa tokkoon akka waamamuu danda’u gaafachuun sababa himannoo hin qabu kan jechisiisuu miti. dhimma kana irratti maqaan abbaa kiyyaa naaf haa jijjiiramu kan jedhu osoo hin ta’in maqaa abbaatinis maqaa abbaa na guddiseenis lamaaninuu waamamaan jira waan ta’eef maqaa isa tokkoon ykn maqaa abbaa kiyyaatiin akkan yaamamu naaf haa taasifamu kan jedhuudha. Jiildii 19ffaa Lakk.Galmee 116977 ta’e irratti immoo namni tokko maqaan dhuunfaa isaas maqaan abbaan isaas gara maqaa biroo fi maqaan abbaa isaas akka jijjiramu gaafachuu akka hin dandeenye murtii kennee jira. Murtii kana irraa kan hubatamu guutumatti maqaan dhuunfaas maqaan abbaatis kan jijjiiramu waan ta’eef seerota waa’ee maqaa jijjiirraatiin walqabatanii jiran waliin kan hin deemne ta’uu isaati. Jildii 21ffaa lakk. Galmee 120355 irratti namni tokko yeroo adda addaatti maqaa abbaa adda addaatiin waamamuu isaa ragaa gahaatiin yoo mirkanaa’e gara maqaa isa tokkootti mirga nama 3ffaa miidhuu fi miidhuu dhabuu qulqulleessuun naannessuun akka danda’amu murtii kennee jira.
Akka waliigalaatti murtiilee kanneen irraa kan hubatamu maqaa abbaa ilaalchisee namni tokko maqaa abbaa adda addaatiin ykn maqaan isa tokkoo guddisaa isaa tokko immoo maqaa abbaa isaatiin waamamaa yoo jiraate maqaa isa sirrii kan abbaa kiyyaatiin haa waamamu jechuun gaaffiin dhiyeessu sababa himannoo kan qabuu fi manni murtii mirga garee 3ffaa kan hin tuqne ta’uu isaa qulqulleessuun murtii kennuu akka qabu kaa’a. Haa ta’u malee maqaa abbaa jiru bakka abbaan hin gaafanetti maqaan isaa inni sirriin ebalu ture jechuun ilmi akka jijjiiramu gaafachuu kan danda’u miti. namni dhuunfaan tokko maqaa isaa jijjiiruu kan danda’u yoo ta’u, maqaa abbaa isaa garuu jijjiiruuf SHH kwt 32-46 kan hayyamu miti.
https://t.me/http_Ijooseeraa
DHIMMWF jiildii 28ffaa lakk. Galmee 165593 ta'e irratti, falmii qabiyyee lafa magaalaas ta'e lafa baadiyyaa daangaa darbame lafti kiyya qabame jechuun hanga ykn bal’iina lafaa daangaan darbame jedhame yeroo himanni mana murtiiti dhihaatu bal’iina lafa ragaa nama fi ogeessaan qulqulla'ee dhihaatu bal’iina lafaa himata keessatti ibsame dhihaate kan caaluu yoo ta'e manneen murtii dirqama hanga himata keessatti gaafatame qofa murteessuu akka qaban S/D/F/H/H kewt 182(1) fi 224(1) bu’uura taasisuun murtii dirqisisaa kenneerra
https://t.me/http_Ijooseeraa
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisisaa dhaddacha gaafa 04/01/2006 ooleen Lakk.Ga. 95440 (Jildii 17ffaa) irratti kenne keessatti: 👉Akka bu'uuraatti murtiin adabbii kan kennamu akkaataa qajeelfama yeroo gochi yakkaa sun raawwatametti hojiirra tureetti ta'uu ibsuudhaan qajeelfamni adabbii inni fooyya'ee bahe garuu himatamaa kan fayyadu yoo ta'e, akkaataa Seera Yakkaa kwt 6tiin qajeelfama isa fooyya'etu hojiirra ooluu qaba jedheera. Haala kanaan, gochoota yeroo qajeelfamni duraanii hojiirra jiru raawwataman ilaalchisee manneen murtii qajeelfama haarayaafi kan duraa keessaa inni kam himatamaa akka fayyadu qulqulleeffachuun kan fayyadu filatanii hojiirra oolchuu qabu jechuudha. Hubachiisa: ✅Dhaddachichi haaluma walfakkaatuun Heera Mootummaa kwt 22(1)fi Seera Yakka kwt 6 caqasuun qajeelfamni adabbii inni caalmaatti himatamaa fayyadu adda bahee hojiirra ooluu qaba jechuun lakk.Ga.113065 irrattis murteesseera jennee (barreeffama gabaabaa obbo Bisraat Tasfaayeetiin barreeffame ilaali) Chaanaalii kana irratti dhoobuun keenya ni yaadatama. ✅Kunis kan agarsiisu, sababuma gochi tokko yeroo qajeelfamni adabbii inni duraa hojiirra turetti raawwatameef qajeelfama adabbii isa duraa hojiirra oolchina jechuu osoo hin taane qajeelfamni adabbii inni duraa sun isa ammaa caalaa kan fayyadu ta'uu isaa dursinee shallagnee erga adda baafannee booda kan fayyadu ta'uu isaa yoo mirkaneeffanne hojiirra oolchina jechuudha. Join:-@desberofMM Desalegn Bhttps://t.me/http_Ijooseeraa
Repost from Elias Kasa Legal Service.
👏Murtiilee mana murti waliigala federaalaa dhaddacha ijibbaataatiin murteeffamanii jildii 24ffaa
jalatti mudde bara 2013 maxxanfaman kun baay’inni isaanii 80 (saddeettama) yeroo ta’an, murtiileen 1-40 jiran G/A/S Dirribaa Baqqalaatiin; murtiileen 40-80 jiran immoo A/A Firaa’ol Tasfaatiin kan hiikamaniidha.
👉Akkuma beekamu kana dura Hiikoo murtiilee dirqisiisoo jildii 25ffaa amajjii 15/2015 maxxanfaman baafatni isaanii gara afaan oromootti Abbaa Alangaa Firaa'ol Tasfaatiin hiikamee dhiyaatee ture.
🙏🙏Abbaa alangaa fi Abbaa Seeraa keenya guddaa galatoomaa. Bundle respect for both of you🙏🙏🙏
👏G/A/Seeraa Dirribaa Baqqalaa fi A/Alangaa Firaa’ol Tasfaa Leenjitoota ILQSO marsaa 17ffaa turan 👏👏👏
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasaa mariisisaa.
👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ ኤልያስ ካሳ
ጠበቃ እና የሕግ አማካሪን ያማክሩ።
📞 0929399368
https://t.me/eluLaw
Repost from Elias Kasa Legal Service.
👇 Hiikoo murtiilee dirqisiisoo mana murtii waliigala federaalaa dhaddacha ijibbaataatiin murteeffamanii jildii 25ffaa jedhamuun amajjii 15/2015 maxxanfaman baafatni isaanii gara afaan oromootti hiikamee kan dhiyaateedha.
👉Afaan Oromootti kan hiike : Abbaa Alangaa Firaa’ol Tasfaa.
🙏🙏Abbaa alangaa keenya guddaa galatoomaa. Bundle respect for you🙏🙏🙏
Repost from Elias Kasa Legal Service.
👇 Hiikoo murtiilee dirqisiisoo mana murtii waliigala federaalaa dhaddacha ijibbaataatiin murteeffamanii jildii 25ffaa jedhamuun amajjii 15/2015 maxxanfaman baafatni isaanii gara afaan oromootti hiikamee kan dhiyaateedha.
👉Afaan Oromootti kan hiike : Abbaa Alangaa Firaa’ol Tasfaa.
🙏🙏Abbaa alangaa keenya guddaa galatoomaa. Bundle respect for you🙏🙏🙏
Repost from Elias Kasa Legal Service.
👉Leenjii:Labsii Bulchiinsaa fi Itti fayyadama Lafa Baadiyaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lakk. 248/2015:Dhimmoota Xiyyeeffannoo Barbaadan.
👉(Labsii Federaalaa fi murtiilee mana Maree federeeshinaa waliin kan xiinxalame)..Bara 2017
By Eliyaas Kaasaa(Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa)
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasaa mariisisaa.
👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ ኤልያስ ካሳ
ጠበቃ እና የሕግ አማካሪን ያማክሩ።
0929399368/0927222561
https://t.me/eluLaw
#Manni murtii tokko dhimma dhiyaateef irratti waliigalteen akka diigamu kan murteessu yoo ta'e, gareewwan waliigaltee bakka duraan turanitti akka deebi'an murteessuun itti gaafatamummaa mana murtiiti malee akkaataa sdfs kwt 182(2)tiin dhimma gareewwaniin dhiyaachuu qaba jedhamu akka hin taane Dhaddachà #Ijibbaataa MMWF, hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 05/02/2017 ooleen Lakk.Ga.248670 ta'e irratti (kan hin maxxanfamne) irraa ya hubanne .
https://t.me/http_Ijooseeraa
Repost from የኢትዮጵያ ጉምሩክ ህጎች
Kennaan Lafa Baadiyyaa Mana Baasaaf Jedhamee KennamuUlaagaa Akkamii Guutuu Qaba?
•••
Kennaa akkasumas bittaa fi gurgurtaa dabalatee waliigalteen mirga qabeenya hin sochoone dabarsuuf taasifamu kamuu seera qabeessa jedhamuuf barreeffamaan ta’ee qaama waliigaltee raawwachiisuuf aangoo qabu biratti taasifamuu akka qabu Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1723, 2877 jalatti tumamee jira.
Labsii lafa baadiyyaa Oromiyaa haaraa (lakk. 248/2015) keessattis waliigalteen kennaa lafa baadiyyaa ilaalchisee taasifamu barreeffamaan ta’ee Waajjira Lafaa Aanaa biratti galmaa’uu akka qabu keewwata 13 (6) fi (7) jalatti ibsamee jira. Waliigalteen kennaa lafa baadiyyaaulaagaa kana osoo hin guutin taasifame seera duratti fudhatama kan hin qabne ta’uu keewwata 13 (7) jala taanee jira. Labsii dursaa (lakk. 130/1999) raawwachiisuuf dambiin bahee ture dambii lakk. 151/2005 keewwata 3 (12) jalattis tumaan wal fakkaataan tumamee argama.
Haa ta’u malee kennaan lafa baadiyyaa namni tokko gaafa gaa’ela raawwatu maatii (abbaa fi ykn haadha fi maatiiwwan gara oliitti lakkaa’aman) irraa kennamuuf ulaagaa barreeffamaan taasifamuu fi galmaa’uu olitti ibsame kana dirqama guutuun akka irraa hin eegamne dhaddachi ijibbaataa MMWF galmeewwan lakk. 113973 (jildii 19ffaa), 197998 (jildii 28ffaa) fi kanneen biroo irratti murtii dirqisiisaa kennee jira. Akkaataa ejjannoo dhaddacha ijibbaataa kanaatiin kennaan mana baasaaf jedhamee taasifame raawwatamuun mirkanaa’e taanaan barreeffamaan taasifamuu fi galmaa’uun dirqama waan hin taaneef kennaa seera qabeessadha.
Dhaddachichi ejjannoo kana irra gahuuf waan isa dandeessise murtiilee kanneen keessatti gaafa xinxaalu aadaan hawaasaa gama kanaan gabbate eegumsa argachuu kan qabu ta’uu fi kennaan gosa kanaa barreeffamaan taasifamuu qaba jedhamee seerichaan ifatti waan hin tumamneef waanti ifatti hin dhorkamne akka hayyamametti lakkaa’ama waan jedhu wayii fakkaata.
Mee irratti haa mari’annu: gama tokkoon baratama aadaa hawaasaatiin gabbate eegumsa kennuuf jedhamee haala kanaan hiikoo seeraa kennuun aangoo dhaddacha Ijibbaataa waliin akkamitti ilaalama? gama biraatiin seerichi waliigaltee kennaa lafa baadiyyaa jedhee bifa waliigalaatiin ibsee osoo jiruu waliigaltee kennaa lafa baadiyyaa mana baasaaf jedhamee taasifamu addatti treat gochuun eessaa dhufe?
https://t.me/Customlaws
Repost from Jemal Kumbi
Dhimmi MMtti falmii irra jiru tokko waliigalteen araaraan xumuramuun waliigaltichi MMtti dhiyaatee mirkanaa’uun akka Murtii MMn kennameetti kan ilaalamu ta’uun SDFHH kwt 277(1) jalatti tumamee jira. Kanaan walqabatee gareen falmii keessa hinturre waliigalteen araaraa sun mirga koo tuqa jedhu waliigaltee araaraa sana akka diigamuuf gaafata moo iyyannoo mormii murtii dhiyeeffata?
=====================================================
Dhimmi falmii irra jiru tokko waliigaltee araaraan ximuramuun waliigalteen araaraa MMtti dhiyaatee mirkanaa’uun galmeen eega cufame bood gareen biroo waliigalteen araaraa sun mirga koo miidha ykn ani keessatti hin hirmaanne jedhu akkaataa SDFHH kwt 358tiin mormii Murtii MM waliigalticha mirkaneessetti dhiyeeffachuu malee himannaa haaraa waliigalteen akka diigamu jedhu dhiyeessuu hindanda’u . SDFHH kwt 276, 277(1) fi Dh Ijbta MMWF glm Lkk 114623 (Jld 20)
https://t.me/speaklawinabsentia
Repost from Jemal Kumbi
Waliigalteen Tokko Seeraan Ala Ta’uu Manni Murtii Ofii Isaa Kaasee Kufaa Gochuu Nidanda’aa?
=================================================
Heera Mootummaa kwt 40(2); Labsii Lafa Baadiyaa Lkk 1324/2016, Labsii Lkk 248/2015, Murtii Dh Ijbt MMWF glme Lkk 257723 ta’erratti gaafa 25/04/2017 kenname
=============================
Waliigalteen tokko bu’aa seeraa akka qabaatuuf, "Seeraa qabeessa" ta’uun dirqama. Kanas yeroo hedduu eega waldiddaan uumamee dhimmichi mana Murtii gahe booda gareewwan falmiin kan ka’u yoo ta’u darbee darbee otuu gareewwan hinkaafnes Manni Murtii adeemsa falmii keessatti waliigaltichi seeraan ala ta’uu haalli itti argu/hubatu nijira. Kanas, yoo falmitoonni mormii waliigaltee seeraan alaa jedhu dhiyeessuu baatan, manni murtii ofii isaatii kaasuu hindanda’u jedhamee ogeessota seeraa hedduun nidubbatama."
Hata’u malee, Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa murtii dhiyoo kenneen qabxiilee armaan gadii ifa godheera: Manni murtii sadarkaa kamiyyuu irratti argamu, waliigalteen dhiyaateef seeraan alaa ta’uu isaa yoo mirkaneeffate, falmitoonni mormii dhiyeessuu baatanis, murtii ofiitiin (kaka'umsa ofiitiin) waliigalticha kufaa gochuu ni danda’a.
Fkn, gurgurtaan Lafaa Maqaa "Kennaa”tiin raawwatamu waliigaltee seeraan alaatidha. Gurgurtaan lafaa seeraan dhorkamaa dha. Kunis Heera Mootummaa kwt 40(2) jalatti akka qajeeltoo imaammata Lafaatti kan tumame yoo ta’u Labsii Lafa Baadiyaa kan Federaalaas ta’ee kan naannolee keessatti ifaan tumamee jira.
Gurgurtaa lafaa bifa "Waliigaltee Kennaa" tiin haguuganii dhiyeessuun seera qabeessa taasisuuf yeroo hedduu haalli itti yaalamu qabatamaan nimul’ata. Waliigalteen akkasii jalqaba irraa kaasee bu’aa seeraa waan hin qabneef, qabiyyee waliigaltee kennaan argadhe akka harkaan nagahan ykn gadi lakkisan jedhanii gaafachuuf mirga hin kennu.
Akkasumas waliigaltee seeraan alaa ta’een qabiyyee qabatanii waggoota dheeraaf gibira kanfaluunis mirga abbaa qabiyyummaa hin argamsiisu.
Kanaaf walumaagalatti , waliigalteen akkasii. Seeraa ala (unlawful) waan ta’eef jalqabuma bu’aa hinqabu (void abinitio) akka ta’ee fi Manni Murtii kamiiyyuu kaka’uumsa ofiitiin kufaa gochuu akka qaban Dhaddachi Ijibbaata MMWF galme olitti caqafamee fi kanneen biroo irratti hiikkoo seeraa kennee jira.
Jemal K Kumbi
https://t.me/speaklawinabsentia
Repost from Olika M law Office
Hiikoo_Jildiidhaan_hin_maxxanfamne_gara_Afaan_Oromootti_hiikame.pdf13.30 MB
