cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Etv Afaan Oromoo

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
27 658
Obunachilar
+7124 soatlar
+8577 kunlar
+3 63930 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obboloota lakkuu bifaanis, yaadaanis wal fakkaatan https://youtu.be/eSvt6pn2eeE?feature=shared
Hammasini ko'rsatish...
"Bifaan qofa miti yaadaanis..."

Dizaayinaroota lakkuu Kooliit Maatiwoos fi Kooliin Maatiwoos

👍 14🙏 3
Hammasini ko'rsatish...
Oduu Etv Afaan Oromoo, Caamsaa 16, 2016- 1:00

👍 1
Hammasini ko'rsatish...
Simboo - Kutaa 37ffaa

8
Karoora investimentii bara 2016- 2018 irratti mari'atame **** Ministeerri Karooraa fi Misoomaa Itiyoophiyaa; Karoora misoomaa fi investimentii bara 2016- 2018 jidduutti raawwatamuu irratti miseensota koree dhaabbii dhimmoota, karooraa, bajataa fi faayinaansii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa waliin mari'ateera. Ministeerichi marii kana dhaabbilee itti waamamni isaanii kan ministeerichaa ta'an waliin, akkasuma miseensota koree dhaabbii dhimmoota karooraa, bajataa fi faayinaansii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa waliin magaalaa Adaamaatti mari'ateera. Waltajjicha irratti gabaasni waliigalaa raawwii karooraa baatiwwan saglan darbanii dhiyaatees irratti mari'atameera. Ministirri Karooraa fi Misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa fi walitti qabaa koree dhaabbii dhimmoota karooraa, bajataa fi faayinaansii obbo Dassaalany Wadaajoo dabalatee keessummoonni biroo fi dhimmamtoonni gara garaa argamaniiru. Ababaayyoo Kafanii
Hammasini ko'rsatish...
👍 10 1
Hammasini ko'rsatish...

6👍 2
Xaa’oo uumamaatti fayyadamurraa bu’aan guddaan argamuu Waajjirri Qonnaa Godina Arsii beeksise ******************************** Xaa'oon uumamaa asiidummaa biyyoo hir'isuun gabbina biyyoo dabaluun oomisha guddisuuf akka Godina Arsiitti xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera. Keessattuu yeroo gattiin xaa’oo keemikaalaa gatiin isaa ol ka'e kanatti xaa'oo uumamaa irratti hojjachuun murteessadha jedhame. Haaluma kanaan Godina Arsii Aanaa Xiyyoo fi Heexosaatti xaa'oon uumamaa bifa saayinsaawaa ta'een hojjatamaa jiraachuu ogeeyyii fi hoggantoonni himan. Qophiin xaa'oo uumamaa kun lammiileef kallattii carraa hojii uumuutiin fayyadamaa taasisuudha kan himame. Hogganaan Waajjira Qonnaa Godina Arsii Gannaa Mohaammad, xaa'oon uumamaa xiyyeeffannoon itti kennamee qe'ee qonnaan bulaatti, akkasumas aanaalee hundatti giddu galli varm kompostii hojjatamaa jiraachuudha kan dubbatan. Saxxoo Tashoomaatu gabaase
Hammasini ko'rsatish...
👍 6 4
Nageenya argame waaressuuf qaamoleen hunduu tumsuu qabu jedhan jiraattonni magaalaa Naqamtee Hojii xiyyeeffannoon Godinaalee Wallaggaa keessatti hojjatamaa jiruun sosochiin hawaas- dinagdee magaala Naqamtee fi naannooshees gara idileetti deebi'aa jiraachuu jiraattonni himan. Pirojektoonni yeroo dheeraaf gaaffii hawaasa naannawichaa turanii fi sababa rakkoo nageenyaan adda citanii turanis gara hojiitti deebi'aa jiraachuutti gammaduu jiraattonni magaalattii himaniiru. Ijaarsi buufata xiyyaaraa Naqamtee waggootaaf harkifatee ture xumuramee sadarkaa eebbaaf gahuuttis gammaduudha kan himan. Nageenya argame itti fufsiisuuf qaamni hunduu qoodasaa akka bahus waamicha dhiyeessan. Muktaar Abdallaa (Naqamteerraa)
Hammasini ko'rsatish...
👍 11
Hammasini ko'rsatish...
Oduu Etv Afaan Oromoo, Caamsaa 15, 2016- 1:00

Hammasini ko'rsatish...

👍 5 2
Nageenyi Godina Wallaggaa Lixaa Fooyya’uun Himame **************************** Godinichatti caasaaleen mootummaa humnoota seeraan ala hidhataaniin miidhaan irra gahee ture gara hojiitti deebi’uu bulchiinsi godinichaa beeksise. Raayyaan Ittisaa ajajni giddu galeessaa tarkaanffii fudhateen ammatti aanaaleen godinichaa guutummaatti bilisa bahuu bulchaan Godina Wallagga Lixaa Salamoon Taammiruu himan. Rakkoo fi dararaa hamaa qaamolee hidhataniin uummata Godina Wallagga Lixaarra gahaa ture jalaa baasuuf Raayyaan Ittisaa qaamolee nageenyaa fi hawaasa waliin ta'uun aarsaa qaalii kaffalee nageenya argamsiiseef bulchiinsi godinichaa beekamtii kennuun galateeffateera. Sagantaa beekamtii kanarratti ajajaan olaanaa ajaja giddugaleessaa Letenaal Generaal Zawuduu Balaay fi ajajaa olaanaan ajaja Lixaa Letenaal Jeneraal Massalaa Masarat dabalatee qondaaltonni biroo fi hoggantoonni godinichaa biroos argamaniiru. Muktaar Abdallaatu gabaase
Hammasini ko'rsatish...
👍 19 4