cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

Advertising posts
10 063Obunachilar
-124 soatlar
+77 kunlar
+530 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Обуначиларнинг ўсиш даражаси

Ma'lumot yuklanmoqda...

#Of eeggannoo🚨 "Hawaasni #mana dhabuu fi barbaachisummaa isaa hubatee Bulchiinsi Lootorii Biyyaalessaa Itiyoo-Telekoom waliin ta'uun Birrii miiliyoona 100 ramaduuf hojjechaa jira," jechuun odeeffannoon miidiyaa hawaasaa irratti naanna'aa jiru guutummaatti #soba. Ergaan miidiyaa hawaasaa irratti naanna'aa jiru kun gowwoomsitoonni hawaasa #gowomsuuf kan uumanidha. SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA_MEDIA 📡 📚ODEEFFANNOO BARNOOTAAF 📚
Hammasini ko'rsatish...
2
Hammasini ko'rsatish...
DRUG INFORMATION CENTER, DIC, NOTES MIIDIYAA t.me/ABDII_SABA_MEDIA📡 Odeeffannoowwan waqtaawaa yeroo hundumaa argachuuf: youtube.com/@abdiisabaatube Telegram: https://t.me/abdii_sabaa_media https://www.facebook.com/empirestateatoman
Hammasini ko'rsatish...
DRUG INFORMATICS
Hammasini ko'rsatish...
#Yuunivarsiitii_AarbaaMinci Yuunivarsiitiin Arbaa Minci barattoota damee barnootaa adda addaatiin leenji'an 154 eebbisiiseera. Guyyaa har'aa yuunivarsitichi barattoota sagantaa digirii tokkoffaatiin leenji'an 110 fi barattoota sagantaa digirii lammaffaa irratti hirmaatan 44 eebbiseera. Eebbifamtoota digrii tokkoffaa keessaa 107 dameewwan saayinsii fayyaatiin leenji’aniiru
Hammasini ko'rsatish...
#MoE Qormaanni biyyooleessaa kutaa 12ffaa magaalota filataman keessatti toora interneetidhaan ni kennama" - Prof. Birhaanuu Naggaa Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 magaalota filatamoo keessatti toora interneetii irratti akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksise. Ministirri Barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa, "Qormaanni kun guutummaan guutuutti toora interneetii irratti kennamuu kan hin dandeenye ta'us magaalota naannolee filataman keessatti akka kennamuuf hojjetamaa jira" jedhan. Barattoonni naannolee hunda keessatti filataman qormaata isaanii toora interneetii irratti akka fudhatan beeksifameera. Kanneen hafan qormaata isaanii haala idileetiin akka Fudhatan ibsaniiru. Daarektarri Madaallii Barnootaa fi Qormaata Doktar Ishetuu Kabbadaa akka jedhanitti; Qormaata kana toora interneetii irratti gaggeessuuf hojiin qophaa'inaa hojjetamaa aka jirus himaniiru. Barattoonni qormaata yaaliitiin akka shaakalan ni taasifamuu jedhaniiru.
Hammasini ko'rsatish...
👍 2
Oomishini Jimaa jiruufi jireenya uummata Harargee kan ta'e, sadarkaa biyyaatti illee sharafa alaa olaanaa kan argamsiisu lafee dugdaa dinagdee biyyattiiti. Haalli teessuma lafa Harargee oomisha midhaan biraaf mijataa kan hin taane ta'uu kan himan jiraattonni, Jimaa irra oomishuun gurguratee jiruufi jireenya idileessaa ittiin geggeeffachuun bal'inaan beekama. Ministirri muummee Itoophiyaa dhiyeenya marii hawaasa waliin taasisaniin Jimaan suuta suutaan balleeffamuu akka qabu dubbatanii turan. Sirna daldalaa Itoophiyaa keessatti galii guddaa argamsiisuun bunni, Jimaa, Abaaboofi gogaan jalqaba irratti argamu. Jimaan Oromiyaa oomishoota galii sharafa alaa guddaa biyyaaf galchan keessaa sadarkaa lammaffaa irratti argama. Haa tahuu malee, oomisha sadarkaa biyyaatti galii guddaa argamsiisu kana irraa qonnaan bulaan Oromoo fayyadamaa akka hin taane ragaaleen mul'isu. Yeroo garaagaraatti qonnaan bultoonni fayyadamaa akka ta'aniif uummanni gaafataa turus hanga ammatti furmaata akka hin arganne himataa jira. Waggoota muraasaa asitti gatii jimaa irratti qaraxni olka'uu fi mootummaan ejansiiwwaniifi namoota isaa gabaa keessa seensisuu hordofee qonnaan bultoonnifi daldaaltoonni Jimaa gabaa keessaa dhiibamanii ba’aniiru jechuunis komatama. Daldaltoonni qaamoleen seeraan ala gabaa jimaa to’atanii fi mootummaan gabaa jimaa keessa galfatee, daldaaltoonni fi qonnaan bultoonni waldaalee garagaraatiin gurmaa'anii hojjataa turan hojii daldalaa keessaa dhiibamanii akka ba’an taasifameera jedhu warri komatu. Dhiyeenya sababa keellaan bakkoota addaa addaatti baay'achuutiin kaffaltii humnaa olii kaffalchiisaa jiraniin oomishini Jimaa gabaa keessaa ba'aa jira jedhame. Jimaa kiilogiraama tokkoof hanga qarshii 25 kellaarratti kaffalaa jiraachuu kan himan daldaltoonni Jimaa, kana kaffallanii gabaaf dhiyeessuuf kasaaraaf kan isaan saaxilu ta'uu ibsu. Daldaltoonni Jimaa Jimaa kiilogiraama 1f qarshii 25 kaffaluu himan, konkolaataa tokko irratti birrii kuma 85 kaffalaa jiraachuu naga’een ittiin kaffalanii OMN’f ergan ni argisiisa. Daldaltoonni bifa kanaan kaffalanii yeroo gabaaf dhiyeessan immoo hanga itti kaffalan qofatti ykn sanaa gaditti gurgurama kan jedhan, kisaaraaf saaxilamuu himu. Sababa rakkoo keellaa irra jiru kanaafi gabaa Jimaa dhabamsiisuutiin uummanni godinoota Harargee lamaaniis rakkoo beelaaf saaxilamee jiraachuu himata. Dhiibbaan oomisha Jimaa irratti taasifamaa tureefi jiru akka hin oomishne, oomishanii akka hin gurguranne, kan gurgurate immoo qarshii manatti akka hin galfanne taasisaa turuu himu. Yeroo ammaa kanatti hawaasni Oromoo godinaalee Harargee ijoollee isaa barsiifachuun hafee, rakkoo beelaaf saaxilamee jiraachuu maddeen OMN himaa jiru.
Hammasini ko'rsatish...
Ittii yadamuu qabaa share waluif godha
Hammasini ko'rsatish...
Hidhattoonni Huutii doonii boba'aa galaana diimaa keessatti haleelan Ebla 27, 2024 Bulchiinsi Galaanaa U.S. akka jedhetti hidhattoonni Huutii Adoolessa darberraa eegalee dooniiwwan irratti haleellaa 50 raawwataniiru. Hidhattoonni Huutii doonii boba'aa galaana diimaa keessatti haleelu. Misaa’elli balistikii hidhattoota Huutiitiin dhukaafame doonii boba’aa alaabaa Paanaamaan qabdu kan Galaana Diimaa keessa deemaa ture irratti miidhaa xiqqaa akka geessise qondaaltonni himaniiru. Hidhattoonni Huutii haleellaa kana kan raawwatan waraana Gaazaa waliin walqabatee dooniiwwan Galaana Diimaa keessa socho’an irratti haleellaa raawwatan ji’a tokkoof erga dhaabbatanii booda. Doonii hidhattoota Huutiitiin haleelamte liqimfamte Misaa’eloota sadan hidhattoonni kunneen darbatan keessaa tokko Andiroomeedaa Istaar kan Seychelles keessatti galmaa’ee fi alaabaa Paanaamaan qabu miidhuu Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa ibseera. Akka dhaabbati nageenya dhuunfaa Ambrey jedhutti dooniin kun Raashiyaa waliin daldala irratti hirmaachaa jirti. Akka dhaabbatichi jedhutti dooniin kun Raashiyaa Primorsk irraa kaatee gara Vaadinar, Hindii deemaa ture. Dubbi himaan hidhattoota Huutii Birgaadeer Jeneraal Yahya Sare ibsa viidiyoo kanaan dura waraabameen haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhataniiru. Dubbi himaan akka jedhanitti dooniin kun bakka sana rukutteetti. Doonii biraa alaabaa Baarbaadoos balaliisaa ture yeroo haleellaan kun raawwatame naannoo sana akka turte Ameerikaan ibsiteetti. Haleellaan kun naannoo Galoo Galaana Baabel Mandeb bakka Galaanni Diimaa fi Galoo Galaana Aden wal arganitti raawwatame. Loltoonni Huutii Adoolessa darbe irraa eegalee dooniiwwan Israa’el waliin wal qunnaman irratti haleellaa akka raawwatan kan beeksisan yoo ta’u, kunis garee hidhattoota Falasxiin Hamaas kan Israa’el lolaa jiru waliin tumsa qaban agarsiisuu isaanii ibsaniiru. Akka Bulchiinsi Galaanaa Ameerikaa jedhutti hidhattoonni Huusii Adoolessa darberraa eegalee dooniiwwan irratti haleellaa 50 raawwataniiru. Hidhattoonni kun doonii tokko qabatanii doonii biraa miidhanii liqimsan.
Hammasini ko'rsatish...
👍 3 2