cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Haa barru!

" Egaa kottaa Waaqayyoon in barraa, isa beekuudhaafis in dhamaanaa! As ba'uun isaa akka ifa barii lafaa dhaabataa dha; inni akka bokkaa, akka bokkaa arfaasaa isa roobee lafa jiisuutti nuuf in dhufa" in jedhu." (Macaafa Hose'aa Raajichaa 6: 3)

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganTil belgilanmaganToif belgilanmagan
Reklama postlari
395
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

------------ Hafuurri, Yesus Kiritos fooniin dhufuu isaa amanatee beeksisu hundinuu kan Waaqayyoo ti; kanaanis hafuura Waaqayyoo ta'uu isaa in hubattu. Hafuurri akka kanatti Yesusin amanatee hin beeksifne hundinuu garuu, kan Waaqayyoo miti; inni kun hafuura isa Kristosiin mormu, isa isin akka inni dhufu dhageessanii dha. Inni ammumaa biyya lafaa keessa jira. (1Yoh 4:3-4) 👉 Yesuus, Kiristos isa gara biyya lafaa dhufu ta'uusaa kan hin amanne jiru. Amantaa tokko tokko immoo dhufuusaa amananii kan kaayyoo inni itti dhufe dogoggoru. 👉 Sagalee armaan gadii irra deddebi'ii ilaali. Dubbiin, "Kristos Yesus cubbammoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe" jedhu, amanamaa dha; guutummaatti fudhatamuunis in ta'aaf … (1Xim 1: 15) 👉 Namni hundinuu cubbuusaa irraa fayyuuf Yesuus Kiristos fooniin akka dhufe, kan inni dhufes cubbamoota fayyisuuf akka ta'e fudhachuu qaba
Hammasini ko'rsatish...
" Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata."Anonymous voting
  • Yohannis 3:12
  • Ibroota 10:1
  • Yaaqoob 4: 7
  • Qolosaayis 2:6
0 votes
Yesuus namoota 72 erga muudee booda, gara magaalota ofii dhaquuf jirutti meeqa meeqa godhee isaan erge?Anonymous voting
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
0 votes
✍✍ " Egaa maalan eeggadha yaa gooftaa? Abdiin ani qabu si!" (Far 39: 7)
Hammasini ko'rsatish...
01:36
Video unavailableShow in Telegram
#Day_5 #የሰው_ልጅ ✝️ ጌታችን ኢየሱስ ክርስቶስ ራሱን በተደጋጋሚ ከገለጸባቸው ና በዙሪያው ላሉት ራሱን ካስተዋወቀባቸው ስሞች አንዱ ነው "የሰው ልጅ"። ✅ ታድያ ለክርስቶስ ኢየሱስ ይህንኑ ስም ስንጠቀም ምን የተለየ ትርጉም ይኖረዋል? ምንስ የተለየ መረዳት ይኖረው ይሆን? የሰው ልጅ የጠፋውን ለማዳን መጥቶአልና። — ማቴ 18:11 #I_AM_A_WITNESS #እኔምስክርነኝ እርሶስ? #16DaysChallenge #YOU_ALL_ARE_INVITED_TO_JOIN_THIS_MOVEMENT
Hammasini ko'rsatish...
Son of Man.mp438.59 MB
Repost from AAU-SSCCSF
Photo unavailableShow in Telegram
☀️☀️በእስራኤል ታሪክ በእርሷ የነገሡ ነገሥታት🤴፤ ሕዝቡን በእግዚአብሔር ፍት የሚወክሉ ካህናት፤ እንድሁም ለሕዝቡ የእግዚአብሔርን መገለጥ የሚያመጡ ነብያት በእግዚአብሔር ይቀቡ ነበር። ነገር ግን እነዚህ ነገሥታት፣ ካህናት እና ነብያት ለሕዝቡ ፍጹም የሆነን ትድግና ልያመጡ አልቻሉም። ☀️☀️አላማቸውም አንድ ፍጹም የሆነን መሢሕ ማመልከት ነበር። ነብያትና መጻሕፍት ሁሉ ከእሴይ ግንድ የሚወጣ በትር ሕዝቡን ከባርነት ነጻ እንደሚያወጣ በክፋትም ላይ ድልን እንደሚቀዳጅ ያህዌንም በሙላት እንደሚገልጥ ይመሰክራሉ። ☀️☀️ ዘመኑ በደረሰ ግዜም ሕዝቡን ከኃጢአታቸው ስለሚያድን ስሙ ኢየሱስ የተባለለት የአይሁድ ንጉሥ በንጉሥ ሄሮድስ ዘመን በይሁዳ ምድር ቤተልሔም ከተማ ተወለደ። ሰብአ ሰገልም ባዩትም ጊዜ እጅግ ታላቅ ደስታን ተደሰቱ መጻሕፍት በተናገሩት መሠረት የከበረን ስጦታ ለንጉሡ ለተወለደውም ሕፃን ስግደትን አቀረቡለት። ነገር ግን ሄሮድስ በክፋቱ ብዙ ሕፃናትን አስገደለ ነገር ግን ከሄሮድስ በፊት የነበረ ያህዌ የተወለደውን ሕፃን ከሄሮድስ ተንኮል በግብፅ በመሸሸግ አዳነው። 🔥ዛሬም እንደ ሄሮድስ በክፋት ተሞልታችሁ የእግዚአብሔርን መንገድ የምትቃወሙ የምትቃወሙት ሕያው የሆነን አምላክ እንደሆነ እወቁ። እንደ ሰብአ ሰገል በእርሱ ብታምኑ እርሱ የወከለው እናንተን ነውና ከክፋታችሁ ያድናችኋል ኃጢአታችሁንም ያስወግዳል። ከይሁዳ ነገድ የሆነው አንበሳ እርሱ ራሱ የእግዚአብሔር በግ ነው። ስለ ሕዝቡ ራሱን አሳልፎ የሰጠ። እላችኋለሁ በእርሱ ታመኑ። #2ክርስቶስ #እኔምስክርነኝ #I_AM_A_WITNESS
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
Tartiibni gaariin kun macaafa qulqulluu yeroo jalqabaaf qo'achuuf kan gargaaru dha. kitaabonni warri hafan 51 warra dura qo'atame kana jabeessuuf boodarra dubbisuun in danda'ama.
Hammasini ko'rsatish...
“Yeroon itti warri dhuguma sagadan, hafuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaaf sagadan garuu in dhufa; innis ammuma iyyuu ga'eera. Abbaanis warra akkasitti isaaf sagadan in barbaada.” — Yoh. 4:23 ------------------------ Yesuus karaa mandara Samaariyaa utuu darbuu boolla bishaanii isa Yaaqoob ilmasaa Yoseefiif kennee ture bira yommuu ga’e in taa’e. Achittis dubartiin Samaariyaa tokko bishaan waraabbachuu yommuu dhuftu, Yesuus bishaan akka isa obaaftuuf ishee gaafate. Kanarraan kaasees waa’ee hafuura qulqulluu, ofiisaas Kiristoos isa in dhufa jedhame akka fi waa’ee sagada sirrii isheetti hime. Sagadi sirriin nama isa sagadu, hafuura, dhugaa fi abbaa kan hirmaachisu dha. Yeroo sagaddu hafuuraani; dhugaadhaani; abbaadhaafi. Waaqayyo abbaan - isa ijoollee namaa hunda jaallatee fi fayyina keenya kan barbaadee karoorse dha. Dhugaan - Waaqayyo ilmaati. Waaqayyo foon uffatee gara biyya lafaa dhufee gatii cubbuu isa kaffalee nama bilisa baase dha. Hafuurri - Waaqayyo hafuura qulqulluuti. Yesuus gara samiitti erga ol fudhatamee booda isa abbaan maqaa Yesuusiin erge dha. Nuti akka itti kadhachuun nuuf ta’u hin beeknu. Waan nu barbaachisu isuma ija duraa malees waan dhokataa fi waan borii homaa keessaa hin qabnu. Hafuurri qulqulluun garuu kana waan beekuuf dabalatas akkaataa itti Waaqayyo abbaan fudhatus yaada garaa Waaqayyoo qoree waan beekuuf akka itti kadhachuun nuuf ta’u nu beeksisa. Kun utuma ta’ee jiru immoo jechi afaan keenyaa dubbannus ta’e gochi harka keenyaa raawwannu maqaa Yesuusiin raawwatamuu qaba. Nuti abbaa duratti beekamuun keenya karaa Yesuus akkuma ta’e, akkasuma raawwiin keenyas abbaa duratti fudhatama kan argatu karaa Yesuus qofa dha. Dhumarratti, isa hafuura qulqulluudhaan kallattii qabate, Yesuusiin immoo mirkaneeffame kana kan fudhatu Waaqayyo abbaa dha. Kanarraa kan hubatamu hafuuraa fi dhugaadhaan abbaadhaaf sagaduun hafuura qulqulluudhaan kallattii qabsiifamanii, karaa Yesuusiin immoo mallattoo “in mala” jedhu fudhatanii abbaa duratti argamuu akka ta’e dha.
Hammasini ko'rsatish...
Fayyinni eessaa jalqaba? Yeroon waa'ee fayyinaa yaadu, luqqisiin gara sammuu kootti dhufu: Waaqayyo akkasitti tokkicha ilmasaa hamma kennuufiitti biyya lafaa jaallate. Kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya barabaraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti. (Yoh 3:16) Humdumaa dura Waaqayyotu jira. Waaqayyo qofa utuu hin taane, ilmasaa. Waaqayyoo fi ilmasaa wajjin walqabatee immoo miira jaalalaa fi Waaqayyo ilmasaa tola kennuu isaatu jira. As gara dhala namaatti deebisee immoo namoonni ilmasaa isa tola kenname kanatti amanuu wanti jedhamu ibsameera. Namoota keessaa kan ilmasaatti amanee fi hin amanne gidduu garaagarummaan jiraachuu, kunis jireenya qabaachuu fi badiisa akka ta'e dubbata. Ani akka dhuunfaa koottis ta'e yeroo waa'een fayyinaa lallabamu fi barsiifamu akkan dhaga'etti, yaada fayyina dhala namaa walitti qabee kan ibsu dubbii Yesuus gabaabsee dubbate kana dha. Kanaafuu, jechoota dubbii kanaa armaan olitti ibsame hubachuun yaada fayyinaa hubachuuf ni gargaara. Kana hubachuun hamma hin beekneen Waaqayyoon ajaa'ibsiifachuu fi galateeffachuuf gargaara. Kan naaf galuu dide immoo Waaqayyo kan anarra caalu, sammuun koo isa hubachuuf gahaa akka hin taane akkasumas Inni guutummaa guutuutti kan qoratamee bira hin ga'amne ta'uu agarsiisa. Galanni isaaf haa ta'u! "Waaqayyo..." Akkuma jechi Yesuus kun maqaa Waaqayyootiin jalqabu, dhimmi macaafa qulqulluu iyyuu gaafa jalqabu "Waaqayyo" jedhee jalqaba. Waaqayyo eenyu dha? Kutaa macaafa qulqulluu garaa garaa keessatti namoonni macaafa Waaqayyoon yeroo ibsan 'Ani kana' jedhee akka inni itti of ibseetti dha. Kanaaf eenyummaa Waaqayyoo baruuf eenyu akka inni ofiin jedhu qo'achuuf barbaachisaa dha.
Hammasini ko'rsatish...
✍✍ Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa. Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa! Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal'aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal'aasoo wal qabna. Kanaaf guyyaa hamaa sanatti mormitanii ittiin qabuu, mi'a guutummaatti hidhattan sanaanis lolatti dhaabachuu akka dandeessanitti, mi'a lolaa isa kan Waaqayyoo fudhadhaa! Egaa akka nama sabbataan hidbatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa! Akka nama kophee kaa'ateettis wangeela nagaa fudhattanii, isa lallabuudhaaf qophaa'aa! Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa warra boba'aa adeeman dhaamsuu in dandeessu. Fayyina akka gonfoo sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, hafuura qulqulluu biraa fudhadhaa! Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa'an hundumaafis kadhadhaa! (Efesoon 6:10-18)
Hammasini ko'rsatish...
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.