cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qilingยป, bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Dr. Alemayehu Hotessa๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น

I preach, Teach, Guide, Advise, Motivate, and Coach! You can contact me at @DrAlemayehuHotessa Click to join https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
19 007
Obunachilar
+1024 soatlar
+1377 kunlar
+75930 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

"Dr. Dhugaa dubbaachuf gorsii keessan onnee hafuura qulqullu nama keessa tuqaa. Guyyaa tokko Waaqayyoo na gargaaree nama barreeffamaan akkas jaalalaa Waaqayyoon nama hoollachisuu wajjiin"
Hammasini ko'rsatish...
โค 5๐Ÿ‘ 1๐Ÿ”ฅ 1๐Ÿฅฐ 1
"Dr Jaalladheeraam Gorsa keessan Eebbifamaa nama Waaqayyoo! Daawwaa Dhaloota isin godheera waaqayyo! ๐Ÿ“ธ Gorsa isin mucaa farfannaan qaba warri waldaa madarakii na dhowwatan jedheef Deebiin isin laattaan Nammatti minyaawaa!ย ย ย  Akkam Akkam minyaawaa uuuuu"
Hammasini ko'rsatish...
โค 6๐Ÿ”ฅ 2๐Ÿฅฐ 1
You tube:- https://youtube.com/@AlemayehuHotessa?si=fi4xmBmHk8Z8Pu0_ Tiktok:- https://www.tiktok.com/@dralemayehuhotessa?_t=8kGcDmUs6Mf&_r=1 Telegram:- https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2 WhatsApp:- https://whatsapp.com/channel/0029VabhxcoBA1exohhBfH2x Eebbifamaa! ๐‘ซ๐’“. ๐‘จ๐’๐’‚๐’Ž๐’‚๐’‚๐’š๐’š๐’๐’ ๐‘ฏ๐’๐’™๐’™๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’‚ ๐‘ฎ๐’๐’“๐’”๐’‚๐’‚, ๐‘ณ๐’‚๐’๐’๐’‚๐’ƒ๐’‚๐’‚ ๐‘พ๐’‚๐’๐’ˆ๐’†๐’†๐’๐’‚๐’‚, ๐‘ฉ๐’‚๐’“๐’”๐’Š๐’Š๐’”๐’‚๐’‚ ๐‘ป๐’Š๐’š๐’๐’๐’๐’๐’๐’‹๐’Š๐’Š ๐’‡๐’Š ๐‘ถ๐’ˆ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚ ๐‘บ๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’๐’”๐’Š๐’Š ๐‘ฏ๐’‚๐’˜๐’‚๐’‚๐’”๐’–๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’‚
Hammasini ko'rsatish...
ChrisMa Tube- แŠญแˆญแˆตแˆ› แ‰ตแ‹ฉแ‰ฅ

This you tube channel is created to preach the Gospel of Salvation to reach the unreached and to encourage the saved! The time is approaching! God is waiting for us! The end is ahead of all of us! The destiny of human being will be either in heaven or in hell. The saved ones go to heaven. แ‹ญแˆ… แ‹ฉแ‰ตแ‹ฉแ‰ฅ แ‰ปแŠ“แˆ แ‹จแ‰ฐแŠจแˆแ‰ฐแ‹ แ‹ˆแŠ•แŒŒแˆ แ‹ซแˆแ‹ฐแˆจแˆฐแŠ• แˆˆแˆ˜แ‹ตแˆจแˆต แŠฅแŠ“ แ‹จแ‹ณแŠ‘แ‰ตแŠ• แˆˆแˆ›แ‰ แˆจแ‰ณแ‰ณแ‰ต แŠแ‹แข แŒŠแ‹œแ‹ แ‰€แˆญแ‰งแˆแข แŠฅแŒแ‹šแŠ แ‰ฅแˆ”แˆญ แ‹ฐแŒแˆž แŠฅแ‹จแŒ แ‰ แ‰€แŠ• แŠแ‹แข แ‹จแŠแŒˆแˆฎแ‰ฝ แˆ˜แŒจแˆจแˆป แ‰ แŠแ‰ต แˆˆแŠแ‰ณแ‰ฝแŠ• แŠแ‹แข แ‹จแˆฐแ‹ แˆแŒ… แˆ˜แŒจแˆจแˆปแ‹แŠ• แ‰ แŠฅแŒแ‹šแŠ แ‰ฅแˆ”แˆญ แˆ˜แŠ•แŒแˆตแ‰ต แ‹ˆแ‹ญแˆ แ‰ แˆฐแ‹ญแŒฃแŠ• แˆ˜แŠ•แŒแˆตแ‰ต แˆŠแ‹ซแ‹ฐแˆญแŒ แŠแ‹แข แ‹จแ‹ณแŠ‘แ‰ต แ‹ˆแ‹ฐ แŠฅแŒแ‹šแŠ แ‰ฅแˆ”แˆญ แˆ˜แŠ•แŒแˆตแ‰ต แ‹ญแŒˆแ‰ฃแˆ‰แŠ“แข Chaanaaliin yuu tiyuubii kun kan uumameef wangeelli fayyinaa warra hin dhaqqabin dhaqqabsiisuu fi warra fayyan jajjabeessuufii dha. Guyyichi as dhiyaachaa jira. Waaqayyoon immoo nu eegaa jira. Dhumni waan hundumaa fuuldura keenya jira. Dhalli namaa mootummaa Waaqayyootti ykn immoo mootummaa seexanaatti dhuma isaa godhachuuf jira. Warri fayyan mootummaa Waaqayyootti galu.

โค 7๐Ÿ‘ 4๐Ÿ”ฅ 1๐Ÿฅฐ 1
"....kennaa faarfannaan qaba. Haa ta'uu malee waldaan keenya carraa naaf kennuu didan....." Nagaan Waaqayyoo isiniif haa ta'u. Tajaajila karaa chaanaalii "Dr. Alemayehu Hotessa" tiin darbaa jiru karaa yaada kennuutiin warri hirmaannaa cimaa godhaa jirtan eebbifamaa. Yaada keessan hundasaa chaanaalii irratti gad dhiisuu waan hin dandeenyeef warri osoo isiniif hin darbine hafe immoo dhiifama guddaa. Ammas hirmaannaan keessan ittuma haa fufu jechuun barbaada. Liinkiiwwan isiniif kennaman amanamummaadhaan itti hirmaadhaa. Eebbifamaa! Har'as yaada haaraa qabadhee dhufeen jira. Obboleessi koo tokko yaada armaan gadii kana naaf ergee jira. Mee yaada isaa haa ilaallu. "Dr.nagaan waaqayyoo siniif haa ta,u akkam jirtu nagaa keessanii? Ani jireenyaan jedhama.barataa RVU waggaa 3ffaadha.guyyaa haraa yaada tokko irratti tumsa Akka naaf gootanin barbaade.innis Akka kanatti fufee jirudha. Ani ijoollummaa Kooti kaasee waldaa keessattin guddadhe.ani tajaajila mana waaqayyoo kaniin jalqabe ijoollummaa Koo irraa kaaseeti.bara 2003 irraa eegalee hamma guyyaa har,aatti tajaajilaas tajaajilaas tureen jira.haa ta,u garuu hamma guyyaa har,aatti kennaa waaqayyoo natti laatee keessaa faarfannaan Isa jalqabaati. Turtiin hamma hammaatti jiru kana keessatti yeroo hundumaa bulee ka,ee faarfannaan barreessa.garuu faarfannaan barreessu kana guyyaa tokko Akka nama sooloo faarfatuutti faarfadhee hin beeku.sababni isaa waldaan Ani keessatti guddadhe baay,ee SI bilcheessuu waan barbaadaniif gaafa Ani dhimma Koo kana haasofsiisu hin Mari,Anna naan jechuudhaa na harkatti busheessu.animmoo yeroo kana abdii kutannaa keessa galeen waa yaada,innis Waldaa jijjiiradhuu,faarfannaan kana barreessuu dhiisuu?moo jaarsolii kanatti imuu dhiisuu?kanin jedhun yaadaan jeeqama.yoon barreessuu dhiisaa jedhee halkaan walakkaa faarfannaan Yaa,ee naaf dhufa .dhugaa dubbachuuf yeroon waldaa deemuu faarfannaa tokko hin barreessiin hafee hin beeku" Yaada obboleessa koo kan armaan olii kana argitanii jirtu. Mee gara yaada gorsaatti haa ceenu. Dubbisa gaarii! 1. Yaada waliigalaa dhimma kaleessaa irratti: Kaleessa gurbaan tokko gaaffii ana gaafatee ani osoo deebii itti hin kennin akka isin deebii kennitaniif carraa isiniif kenneen ture. Namootni baay'een onnata cimaadhaan nama sanaaf deebii kennaa turtan. Yaada hunda keessanii chaanaalii irratti gad hin dhiisne malee yoo xiqqaate gara nama shantamaatti deebii ajaa'ibaa kennaa ture. Ani waan tokkon bare. Tajaajila amma karaa koo isiniif kennamaa jiru kana haala cimaa fi haala nama gammachiisuun tikfachaa jiraachuu keessan sirriitti hubadheera. Tajaajila kana gufachiisuuf gara fuula duraattis seexanni ergamoota isaa ergachuun isaa waan hin oolleef isinis ija keessan tajaajila keessan irraa hin kaafatinaa jechuun barbaada. Namoota kaleessa deebii ajaa'ibaa kennaa turan gama amantaatiin gaafa ilaallu Ortoodoksii, Pirootestaantii, Musliimaa fi Kaatolikii turan (Kanan ani adda baafadhe jechuu kooti). Kun maal agarsiisa yoo jettan chaanaaliin amantaadhaan nama waan adda hin qoodneef namootni amantii garaagaraa qabanis chaanaalii kana tikfachaa jiraachuu isaanii agarsiisa. Anis nama kamiiyyuu ija wal qixaatiin ilaalee gara fuulduraafis nan tajaajila. Jaalalaa fi kabaja guddaa ana biraa qabdu. 2. Dhimma tajaajila keetii: Waamichi tajaajilaa yeroo adda addaatti namatti dhufuu danda'a. Namootni tokko tokko ijoollummaa isaaniitiin kennaa isaanii adda baafatu. Warri kuun immoo turtii keessa adda baafatu. Amma ati sadarkaa kanatti waamichaa fi kennaa keeti adda baafattee jirta. Kennaan keetis faarfannaa dha. Faaruu baay'ees barreessaa jirta. Kun waan baay'ee nama gammachiisuudha. Bara namootni hedduun "kennaa koo hin beeku" jechaa jiranitti ati immoo adda baafachuun keeti guddoo namatti tola. Yeroo baay'ee namootni kennaa qaban gaafa isaan qaama biraatiin cunqurfaman argina. Waldaan kiristaanaa nama kennaa qabu tokko ni guddisti. Ni barsiisti. Ni gorsiti. Carraa kennitee akka namni sun kennaa kana of keessaa baasee namoota biroof eebba ta'u gooti. Waldaaleen haala gaariidhaan namoota kennaa qaban guddisan ni jiru.
Hammasini ko'rsatish...
Dr. Alemayehu Hotessa๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น

I preach, Teach, Guide, Advise, Motivate, and Coach! You can contact me at @DrAlemayehuHotessa Click to join

https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2

๐Ÿ‘ 3โค 3๐Ÿ”ฅ 1๐Ÿฅฐ 1
Isa kana egaa ani beekuu hin danda'u. Haa ta'uu malee mala ati kennaa kana guddifattu siif kennuu nan danda'a. 3. Waan sirraa eeggamu: Kennaa kana kan siif kenne jaarsa waldaatii miti. Kennaa kana kan siif kenne Makkaanee Yesuus miti; Muluuwangeeliis miti. Abbaan kennaa kanaa Waaqayyoodha. Kennaa Waaqayyoo siif kenne kana "nan dhiisa moo maal haa godhu" hin jedhamu. Waaqayyo kan siif kenneef akka ati boolla qottee awwaaltuuf osoo hin taane akka ati ittiin daldaltee bu'aa buuchuufiidha (Mat 25:24-30): "Namichi taalaantii tokkicha fudhatee tures dhufee akkana jedhe; โ€˜Yaa gooftaa, ati nama gara jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittinneessiniis walitti qabattu akka taate nan beeka. Kanaafuu ani sodaadhee dhaqeen taalaantii kee lafa keessa dhokse. Taalaantiin kee kunoo ti.โ€™ โ€œGooftaan isaas deebisee akkana jedhe; โ€˜Yaa garbicha hamaa dhibaaสผaa! Ati akka ani iddoon itti hin facaasinii galfadhu, iddoon itti hin bittinneessiniis walitti qabadhu beektaa? Yoos akka ani yommuun deebiสผutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf silaa maallaqa koo warra baankii bira naa kaaสผuu qabda ture. โ€œโ€†โ€˜Kanaaf taalaanticha isa harkaa fuudhaatii namicha taalaantii kudhan qabuuf kennaa. Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaataatii. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama. Garbicha faayidaa hin qabne kana dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booสผichaa fi ilkaan qaruutu taสผa.โ€™" Osoo tajaajila kana dhiistee kunoo carraa nama kanaatu si argata. Hin shakkin. Kanaafuu, yeroo hundumaa karaa ittiin tajaajila kee guddifattu malee karaa ittiin tajaajila kee dhaabdu hin yaadin. Karaa tajaajila ittiin guddifatantu nama jalaa bada malee karaa ittiin tajaajila balleessan baay'ee dha. Argaa jirta mitiiree waldaa keessatti tajaajilaa ciccimoo osoo ta'anii jiranii kaadhimaa isaanii waliin sagaagalu, poornoogiraafii ilaalu, ....kunoo tajaajila balleessuun salphaadha. Tajaajila keeti guddifachuu yoo barbaadde qulqullummaa jireenya keetii irratti xiyyeeffadhu, kadhannaa cimaa kan sagalee Waaqayyoon deeggarame qabaadhu, Hafuura Qulqulluun gaggeeffami, Macaafa Qulqulluu seeraan qo'adhu, namoota si fuuldura jiraniif abboomami. Haga waldaan carraa siif kennitutti eeguu osoo hin taane carraa argattetti fayyadamii faaruu keeti faarfadhu. Faarfannaa keeti gulaalchisi. Ija tiyooloojiitiin ilaalchisi. Faarfannaan baay'een 'theologically' gaafa ilaallama baay'ee gad bu'u. Kana jechuun nan nyaadhe, nan dhuge, soofaan bitadhe, niitii fuudhe, Waaqayyo nama kophee haxaa'u amma faarfataa ana godhe ....kan jedhutu lafa guutaa jira. Garuu yeroodhaaf tarii miira keenya nu kakaasuu danda'a malee jireenya keenya irratti dhiibbaa hafuuraa fiduuf humna hin qabu. Egaa faaruun kee 'theologically' ilaallamuu qabdi gaafa jennu faaruun teeti waa'ee Waaqayyoo, waa'ee Kiristoos, waa'ee fayyinaa, waa'ee qulqullummaan Waaqayyoof jiraachuu fi kkf kana ni qabaa kan jedhutu ilaallama. 'Theology' jechuun qo'annaa waa'ee Waaqayyoo jechuudha. Egaa Waaqayyoon kadhataa, hubannaa sagalee Waaqayyoo qabaataa, qulqullummaa kee eeggataa ....gaafa carraa argattu faarfadhu. Barataas waan taateef feelooshiippii barattootaa irratti faarfadhu. Medirekii na dhoowwatan jettee nama kamiiniyyuu walitti bu'uu hin qabdu. Yoo isaan si guddisuu didan Waaqayyo si guddisa. Atimmoo tarkaanfii cimaa fudhadhu. Gaafa ayyaanni keessa kee mul'ataa dhufu immoo faaruu kee bifa inni namoota hedduu bira gahuu danda'uun hojjattee gad dhiisuu ni dandeessa. Jabaadhu! Mee faaruu tokko nuuf waraabii ergi chaanaalii kana irratti ni dhaggeeffanna. Eebbifami! Eebbaaf ta'aa! Egaa waan na wajjiin turtaniif galatoomaa. Yoo isinitti tole hiriyoottan keessan as nuuf affeeraa. ( https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2 ) Yaadaa fi gaaffii akkasumas dhimma gorsa irratti barbaaddan yoo qabaattan liinkii kana tuquudhaan "follow" godhaa https://www.facebook.com/alex.hotessa?mibextid=ZbWKwL karaa keessaa naaf barreessaa. Ergaalee dabalataa argachuuf immoo miidiyaalee armaan gadii kana fayyadamuu ni dandeessu. Feesbuukii:- https://www.facebook.com/alex.hotessa?mibextid=ZbWKwL
Hammasini ko'rsatish...
Dr. Alemayehu Hotessa๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น

I preach, Teach, Guide, Advise, Motivate, and Coach! You can contact me at @DrAlemayehuHotessa Click to join

https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2

โค 8๐Ÿ‘ 2๐Ÿ”ฅ 1๐Ÿฅฐ 1
Bara kana keessa namootni dheedhiin puulpiitii tajaajilaa qabatanii waan baay'ee balleessaa jiru. Isa kana hambisuuf waldaaleen akka namni tokko suuta sadarkaa isaanii eeggatanii guddatan gochuu qabdi. Tajaajilli bilchina of keessaa hin qabne miira irratti xiyyeeffata. Tajaajilli garuu miira osoo hin taane fedhii Waaqayyooti jechuudha. Faarfataan tokko dheedhii yookiin bilchaataa ta'uu isaa faarfannaa isaa irraa, dubbii afaan isaa irraa, haala jireenya isaa irraa, akkaataa inni saba Waaqayyoo qabu irraa hubachuun ni danda'ama. Namni dheedhiin gaafa carraa tajaajilaa dhaabbatu waanuma inni nama addaatii fi nama waan hunda beeke ta'eef saba fuuldura dhaabbate itti fakkaata. Haasaa isaatiif of hin eeggatu. Namootni hedduun si'a shantamaa ol "harka wal qabadhaa, nama cinaa keessan jiruun akkas jedhaa, iyyii foorici, lafatti gangaladhu, ....." jedhu. Kun hundi hojii fooniiti malee waan Hafuurri Qulqulluun godhu miti. Faarfattoota baay'ee bilchaatoo ta'an gaafa ilaaltan osoo isaan ka'aa dhaabadhaa hin jedhin namni ka'ee dhaabbata, osoo isaan miira namaa hin kakaasin namni Hafuura Qulqulluun tuqamee boo'uu jalqaba, haasaa hin baay'isan, medirekii irra akka jabbii funyoo kutteettii sababa tokko malee olii fi gadi hin maraatan, tasgabbiin faarfatu, waan foon isaanii isaan ajaje osoo hin taane Hafuura Qulqulluu dhaggeeffachaa naamusa guddaadhaan namoota fuuldura isaanii jiranii fi Waaqayyoonis kabajanii faarfatu. Hafuurri Qulqulluun hafuura tasgabbiiti. Garuu iddoo baay'eetti tajaajila osoo hin taane jeequmsatu mul'ata. Jeequmsa garuu Hafuura Qulqulluutti qabata godhataniiti kan jeeqan. Garuu Macaafi Qulqulluun akkas jedha (1Qor 14:33): "Waaqni akka waldoota qulqullootaa hundumaa keessatti taสผaa jiru kana Waaqa jeequmsaa utuu hin taสผin Waaqa nagaa ti." Tajaajilli kan Waaqayyooti. Waaqayyo immoo Waaqa nagaati malee Waaqa jeequmsaatii miti. Garuu medirekii keenya gaafa ilaallu "daamuutti irkannee biyyoo nyaanna" akkuma jedhamu Hafuura Qulqulluutti qabata godhannee waldaa keenya dirree jeequmsaa goonee jirra. Baay'een namaa gaafa maraatummaa isaanii kanaaf yaadni kennamuuf "maal Daawwit uffata isaa baafatee qullaa isaa sirbe miti moo?" jedhu. Daawwiti qullaa isaa utaalee sirbe mitiiree? Koottu kaa mee atis qullaa kee faarfadhu kaa ni arginaa. Gochaa Daawwitii sana fakkeenya godhadhu kan siin jedhe eenyu? Mee ala keetiin sirbuu dhiisii keessa kee Waaqayyoof cabsi. Tokko tokko torbaan guutuu sagaagalaa (bobaa ejjitootaa suufaa oole) sanbata dhufee gurra nu duucha. Namootni ayyaana Waaqayyoo ofirratti beekan suuta jedhanii tajaajilu. Torbaan guutuu waan hin taane keessatti borcamaa turtee badii kee sana wacaan dhokfatta. Montaarboo hanga dhumaatti iyyisiistee gurra namaa duuchitee gara mana keetii galta. Baay'een namaa osoo Waaqayyoon hin waaqessin turee of ceepha'aa gala. Kanaafiidhaam baay'een namaa waldaa osoo deemuu garuu gammachuu dhabee kan rakkatuuf. Sababiin isaas Waaqayyo dhugaa fi Hafuuraan waan hin waaqeffataminiif. Hunda caalaa immoo kan nama jibbisiisu walirraa hanna tajaajiltootaati. Har'a namni tokko osoo faarsaa jiruu yoo medirekii irratti jilbeeffate boru yoo xiqqaate namootni kudhan akkuma nama sanaatti isaanis jilbiiffatu. Yoo namni tokko sagalee bifa addaatiin faarfate boru namni hedduun nama kana akkeessaa oola. Rakkanne dhugaa. Ati garuu kennaa kee kana of harkatti xiqqeessitee hin ilaalin. Hanna hin ba'in. Isuma keessa kee jiru sanaan faarfadhu. Waldaan kiristaanaa yeroo tokko tokko dhugaan kun galteefii namootni akka isaan suuta guddatan gooti. Haa ta'uu malee yeroo hedduu namootni kennaa qaban gaafa isaan tajaajiltoota mul'ata hin qabneen kennaan isaanii ukkaamamu ni argina. Nama guddisuun jaarsa waldaa ta'uu osoo hin taane mul'ata qabaachuu gaafata. Namootni nama cunqursan namoota mul'ata hin qabneedha. Haalli amma waldaan kee si goote karaa lamaan ilaallama. Inni duraa waldaan keeti akka ati boru faarfataa dheedhii taatee dhaloota hin burjaajjessineef jecha akka ati bilchaattuuf si qabaniiru ta'a. Inni lammaffaan immoo tarii jaruma kanatu nama dhaloota hin guddisne faa ta'uu danda'u.
Hammasini ko'rsatish...
โค 2๐Ÿ‘ 1๐Ÿ”ฅ 1๐Ÿฅฐ 1
Oduu haaraa! Chaanaalii (Dr. Alemayehu Hotessa) jedhu tajaajila isaa bal'isuuf karaa WhatsApp baneera. Warri WhatsApp fayyadamtan liinkii kanaan ๐Ÿ‘‰ https://whatsapp.com/channel/0029VabhxcoBA1exohhBfH2x join godhaa! Namoota biroos itti affeeraa! Sababiin karaa WhatsApp banes namootni muraasni karaa kanaan akka isaaniif mijatu natti himaa waan turaniifiidha. Eebbifamaa!
Hammasini ko'rsatish...
Dr. Alemayehu Hotessa๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น | WhatsApp Channel

Dr. Alemayehu Hotessa๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น WhatsApp Channel. This channel is created to give counseling and guidance for (specially young generation) in different problems and difficult situations. You can send your detailed situations via @DrAlemayehuHotessa on telegram. You could also join my telegram channel via

https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2

link. Chaanaaliin kun kan banameef namoota (keessattuu dargaggoota) rakkinaa fi qormaata garaagaraa keessa jiraniif yaada gorsaa kennuufiidha. Warri yaada gorsa irratti barbaaddan qabdan karaa teeleegiraamii @DrAlemayehuHotessa jettanii naaf erguu ni dandeessu. Karaa teeleegiraamiitiinis gorsa kanaan dura kennaa ture liinkii kanaan

https://t.me/+V1glBwIbvAZ9NF_2

seentanii hordofuu ni dandeessu. 0 followers

โค 18๐Ÿ‘ 4๐Ÿ‘ 3๐Ÿ”ฅ 2๐Ÿฅฐ 1๐Ÿ˜จ 1
""Dr. Nagaan sinifi ha ta'u.ย ย  Isa sanin akkas nafi jedhani Kayyoon Kee malii? Kayyon koo iniiย  in gudan hidha dinaa jaala dhalotaa hundaa basudha Mal hojataa telegram irra? Wangelan labsaa kalatii hundaraa. Malii wanatt atii baresitaa oltuu kun? Osoo ijii ke banamaa ta'ee argitee silaa Kan Akka ke hidhame kan hikudha barefamni Kun Mal cal jetee qarshii Fi yeroo ke gubdaa? Jaalala waqaayyoo Wanan qabufi, jaalaaย  ijolee waqayyoo wanan qabufi mogolee dinaa lafisufi sansaltaa dinaa kukutufii . Yaaddoo obbafannee Gooftaan abbaa ulfinaa Jabaa waaqaaf lafaa Yeroo inni dubatee Wantaa haaraa ta'ee Ciniinsun buqqa'ee Yaaddoo biyyaa bay'ee Labsiin waaqa bay'ee Bara moofaa darbee Haaraatu bakka bu'ee Seexana qaana'ee Lafa seenuu dhabee Gooftaatu Isa raawatee Dhukkubn qabamee Kan hedduu rakatee Nagaa sammuu dhabee Kan du'a eegatee Amaa uffee jedhee Kunoo daawwaa argatee Daawatuu jiraa Dr.Alemayehu bira Waqaayyotu wajiin jiraa Maaltuu nu hunkuraa Nu boolla baaneerraa Kiyyoonnis cabeeraa Ciniinsun hafeera Hiikkamuun ta'eeraa Gufufi gugufun Okkoluu Fi foqoquun Raawattee badeera Yesus ka'ee ra ajjandaa Dinaa digee ra Sexani cinqamee ra Kunoo wawanaa ra jira Na dhagaa Yaa firaa Waqaayyoo ra Kan dubatii Nu debisuu me maltuu jirraa Dr.Alemayehu abbaa firaa Jabadha waqaayyootu sin fana jiraa."
Hammasini ko'rsatish...
โค 15๐Ÿ‘ 2๐Ÿ”ฅ 1๐Ÿฅฐ 1
"Dr. Keenya, Akkam jirtu. Isin doctora dhibee seexanni nama keessa kaa'e dubbii sagalee waaqayyootiin addunyattii yaalaa jiruudha. Hundumaa kan godhe waaqayyoof galanni haa ta'u. Inni akkas jedhe kun gartuu warra illuminaantii ta'uun isaa ifaan ifatti beekamaadha. Namni kun ni ilaala malee hin argu, ni dhaga'a malee hin hubatu. Seexanni qaama isaa tarii hojii mataa ishee irraan kan hafe inni mallattoo qofaaf baatee akka deemu gooterti ta'a. Mee akkuma amala keessanii nama kanaaf illee akka faayyu waaqayyoon kadhadhaaf. Karaa keessaas haasofsiisaa. Yoo ni fayya ta'e waaqayyo biraa gatiin keessan guddaa ta'a. Yoo inni fayyuu hin barbaadu ta'e immoo gatiin lubbuu isaa mataadhum isaarra ta'a. Eebbifamas๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™"
Hammasini ko'rsatish...
โค 11๐Ÿ‘ 5๐Ÿ”ฅ 2๐Ÿฅฐ 2
"Dr sexana hojii Satuย  digameeย ย ย ย  barumsa 666 kenitantuu mataa Saa dhaheeย ย  iccitii satuu gadii bahaa jiraย ย ย ย  ana Kan naa garamee kessa maalif qarshi Fi yeroo Kee gubda issa jedheeย  akka waan isin yadee fakkeesee Kan dhufedha Dr wara gubba saanit ufata adi ufatanii kessan sumii batanย  irra of egadha Kan biyya Kenya kufisee Kan akkasitii Dr barumsicha itti nuuf jabessa gana gugubnaa"
Hammasini ko'rsatish...
โค 7๐Ÿ‘ 3๐Ÿ”ฅ 2๐Ÿฅฐ 2