cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Lalisa Elias Fikadu

Chaanaalii kana keessatti; 👉Dubbii Xiinsammuu 👉Beekumsa waliigalaa 👉Gorsawwan 👉Dubbii hayyootaa 👉Mammaaksota Oromoo 👉Jechoota kaka'umsaa 👉Seenaawwan gaggabaaboo fi kkf qabadheen isiniif dhiyaadha. Yaada yoo qabaattan: 👉 http://t.me/LalisaElias

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganTil belgilanmaganToif belgilanmagan
Reklama postlari
379
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

MALA HAALA JIREENYA ITTIIN INJIFATAN HUBACHUU •••••••••••••••••••••••••••••••••••••• Dubbisii hiriyoota keetiif qoodi. "Jireenyi yoo qaawa lilmoo si ta'e, ati immoo kirrii(fo'aa) ta'ii hulluuqii keessa darbi!" Jireenyi qaawa lilmoo fakkaata. Nama akka fo'aa ta'etu hulluuqee keessa darba. Qabsoo jireenya keessatti salphatti injifannoo gonfachuu hin dandeessu. Injifannoon bu'aa ifaajiiti. Osoo ati hin ifaajin wanti ofiin ifaaja'ee mijatee sitti dhufaa hin jiru. Kanaafuu, teessee wanta mijataa eegachuu qofa osoo hin taane, kaatee waa mijeeffachuus baruu qabda. Rakkinna keessa teessee hin yaadda'in, akkamitti akka furuu qabdu yaadi. Addunyaan tun addunyaa bira taa'anii yaadda'an osoo hin taane, addunyaa yaada haara uumanii ka'anii keessatti waa yaalaniidha. Imala sirrii irra jirtuun wanta dhaabbachatti seenuu dadhabde tokko gadi jedhii seenuuf carraqqi.Yoo dadhabde hulluuqii keessa dabri malee hin danda'u jettee teesse hin daawwatin. Taa'anii wanti daawwatan, taa'eetuma nama dawwata. Lilmoodhaan namni uffata isaa hodhachuu barbaadu tokko, fo'aa qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuksisuu qaba. Qaawwi lilmoo ammoo baayyee qal'aadha. Ta'us uffatni hodhamuudhaaf dirqama fo'aan qaawa lilmoo sanaa keessa hulluuquu qaba. Wal'aansoo jireenyaa salphatti gadi buustee injifattee irra taa'uu hin dandeessu. Ifaajii guddoo si gaafata. Si'a tokkoon kan utaalee ji'a irra qubate jira jechuun soba dubbiti. Injifannoo gonfachuuf dursa dhamatii si gaafata. Ciminaa fi dadhabina keeti addaan baastee beekuu qabda. Waaqa, dhugaa, laphee qulqulluu,hubannaa, oogummaa fi beekumsaan jireenya kee hoogganuu qabda. Yaa gurbaa si haa gorsuu! •Seensumni balbala milka'inaa qaawa xiqqaa qaba. Fuldurri isaa ammoo dirree bal'aadha. Nama malaan qaawaa qal'aa kana keessa hulluuqee dabrettu dirree bal'aa kanatti bahee keessa bashannana! Kanaafuu, rakkinoota Qabsoo jireenyaa keessatti si muudataniif furmaata qabaachuu qabda. Daandiin furmaata laakkofsa hin qabu gurbaa. ©Gaashuu Duubee Halakee ti. ~Ta'uun taa'uu miti~
Hammasini ko'rsatish...
#Aarsaa_galma_keef_hin_waakkatiin! Waan barbaaddu argachuuf aarsaan riqicha. Waan barbaaddu argachuufis aarsaa barbaachisu hin kanfaltu taanaan, waan dhabdeef hin boo'iin. Boo'ichi agarsiistuu miidhama keessoo ta'uu irra darbee, furmaata waan boo'amuufii ta'uu hin danda'u. Hedduun waan qabu dagatee, waan barbaaduuf immoo ifaajuu dhiisee, kan qabachuu fedhu jalaa qabaa waakkatee waan dhabe qofaaf hidhii xuuxxaatti gadi taa'a. Utuu! Utuun ammaa utuu boodaaf karaa saaqxi. Utuu shaakaluunis utuuf gola bal'isuudha. Waan barbaaddu argachuu ni feetaa? Kuunnoo gamaa kunoo gamanaa itti jijjiirrachuu ni feetaa? Eeyyeen! Akkas taanaan, bakka boo'uuf gadi teessee ol ka'i. Abdii kutannaa hundee godhattee iddoo ofirra quphaante sanaa mee sosocho'i. Bakka jirtu kana mee ilaali! Garaagarummaa bakka jirtuufi bakka jettu gidduu xiqqeessuu akka feetuu yeroo baay'ee ofitti himuun kee hin haalamu. Kun salphaatti sirrata. Asii kaatee achi gahuuf dadhabbiitu jira. Beela, dheebuu, arrabsoo, tuffatamuu, hamatamuu, qorraan rukutamuu qofummaa, ganamuu, dhaanamu, kufinsaafi kkf. Isaan kana akka galumsa isaaniitti injifadhu. Wayita waan gara garaan gufattu kana, ija kee galma fuulduraarra kaa'i. Yeroo kana goote ni mucucaatta malee hin kuftu; yoo kuftes achiin hin haftu. Kufinsi tuqaa mo'amuu osoo hin taane, tuqaaf (yeroo xiqqoof) mo'amuudha. Badinsas miti, aarsaa galmaati. Kufinsi kufa sodaaf galmaa dheessuudha malee, galmaaf gufachuu yookaan deemsa irratti gufachuu miti. Aarsaa galmaa keessatti, waan jalatan jibbanii waan jibban immoo yerootti jaalatantu jira- osoo hin jaalatiin jaalachuu, osoon hin jibbiin jibbuu! Yeroof harka laatanii afaan yeroon dubbachuu, ija yeroon mil'achuufi dibaabee yeroo jala imaluutu jira. Osoo ol jedhanii deemuun dandaa'amuu gad jedhanii kaayyoof gugguufuu san! Yeroof jilbeeffatanii kaayyoof jiraachuutu aarsaa galmaa keessa jira. Dubbachuuf osoo dandaa'nii dubbii dhiisuu, callisuu osoo fedhanii dubbachuu, nyaataaf fedhiin nyaataa osoo jiruu beela'uu, boqochuu osoo jaalatanii olii gadi fiiguun egaa qabiyyee aarsaa galmaaf hiixatamudha. Fakkeenya jabaa kan eenyumtuu yaadaa qabu, yaadaan gara addunyaa barnoota haa imallu. Bakka itti barataan osoo rafuuf fedha qabuu qayyabannaaf jecha hirriba isaa aarsaa godhu, bakka itti garaachi barataa duwwaa ta'ee mar'immaan isaa walitti qooqu- addunyaa barnootaa! Addunyaa barataan giiphiin duwwaa, uffanni bututaa; garuu sammuun isaa mul'ata fuulduraan guutuu san. Dirree dorgee cimaan irratti gaggeeffamu! Dirree barnootaa qofaa keessa miti, dirreen dalagaa kamuu aarsaa hamma humna isaa si gaafata. Bideenni bakka ciisaatti namaa dhufu yoo jiraate isa abjuu keessaa qofaadha. Harki hin hojjenne hin nyaatiiniin eebba! Abjuu dhugaa gochuuf of kennuu, aarsaa galmaa kanfaluutu nama irraa eegama. Hanga kun hin taanetti abjuun abjuudha. Abjuun immoo sii kennee sirraa fudhata. Addunyaan warra fudhatachuuf hawwaniif osoo hin taane, warra fudhachuuf ifaajaniif arjadha; ni hiixattiifii! Kanaafuu, waan argachuu feetuuf, galma keef, boruu keef aarsaa bahuu qabu hin waakkatiin! ~~~~~~ Aarsaa galma keef of hin waakkatiin! ©Abdiisaa Ejjetaa Guraandhala 5, 2021 @Orofrikaa ~~~~~~~ @Orobook
Hammasini ko'rsatish...
#Yeroo_Dhiyootti... #WAADAA Anaa dhufu jedhaa malee... Join ~ @Waadaa_koo
Hammasini ko'rsatish...
---- Dhagaa tu Warqee ta'e ---- ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ Bara durii keessa mootiin tokko hojjataa isaa tokkoon dhagaa guddaa tokko fuudhee akka inni karaa guddaa biyya sanaa gubbaa kaa'u godhe. Nama dhagaa sana daandii sana irraa kaasu ilaaluuf mootiin irraa siqee taa'ee ilaala. ✧ Daldaaltonni gurguddoon dhufanii ilaalanii irraa goranii darbu ture. Namoonni baay'een immoo mootiin maaliif daandii kana qulqulleessuu dhiise jedhanii komachaa adeemu ture. ✧ Osoo kanaan jiruu qotee bulaan tokko hoolota oofaa daandicha irra darbuuf dhufe. Itti siqee ilaale, hoolota isaa bira darbee, dhagaa sana daandii irraa kaasuuf dhiibuu jalqabe. Dhamaatii guddaa booda dhiibee daandii irraa kaasuu danda'e. Hoolota isaa oofee deemsa itti fufuuf yeroo as garagalu, boorsaa (giiphii) iddoo dhagaa sochoose sana argee fuudhee gaafa ilaalu, warqee baay'inaan keessa guute arge. Boorsaa sana kan dhagaa jala kaa'e mooticha ture. Nama dhagaa sana achii kaaseef beenyaa akka ta'uuf. ✧ Argitanii! Jireenya keenya keessatti gufuun nu qunnamu carraa nuuf kenna. Carraa ittiin of jijjiiruu dandeenyu. Yeroo warri dadhaboonni komiin dabarsan, warri kaan immoo garraamummaadhan, jaalalan, gad of deebisuudhan, namaaf yaaduudhan carraatti fayyadamu. Gufuu sin qunnamu carraa godhii itti fayyadami! Madda: Fuulbarruu Tadele Fekadu TD ~Join @WAADAA_KOO
Hammasini ko'rsatish...
Jireenya har'a jiraachaa jirtuun olitti mul'ata biraan keessa kee jira taanaan, giiphiinkee duwwaa yoo ta'eyyuu, ati sooressa. Mul'ata gurguddaa ofharkaa qabaachuutti guddaa gammadi. Mul'atni ija jireenyaa waan ta'eef. ~ @WAADAA_KOO
Hammasini ko'rsatish...
1 𝗗𝗵𝗮𝗴𝗴𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗴𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝗶. 𝗚𝘂𝗿𝗿𝗶𝗸𝗲𝗲 𝘁𝗮𝘀𝘂𝗺𝗮 𝗮𝗱𝗮𝗯𝗮(𝗿𝗮𝗸𝗸𝗼𝗼) 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮 𝘀𝗶𝗻 𝗯𝘂𝘂𝘀𝘂𝘂𝘁𝗶...! ©Frank Tyger 2 𝗜𝗿𝗿𝗮 𝗱𝗲𝗱𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶'𝗮𝗻𝗶𝗶 𝘆𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗻 𝗺𝗮𝗮𝗹𝗶𝗺𝗮(𝗲𝗹𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁𝗶𝗶) 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗶𝗻𝗮𝗮 𝗶𝘀𝗮 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮. 𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗱𝗵𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮𝗳 𝗵𝘂𝗹𝗮𝗮(𝗴𝗮𝘁𝗲) 𝗿𝘂𝗸𝘂𝘁𝗮𝗮 𝘆𝗼𝗼𝗸𝗮𝗮𝗻 𝘀𝗮𝗴𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗱𝗵𝗮𝗴𝗲𝗲𝘀𝘀𝗶𝘀𝗮𝗮 𝘆𝗼𝗼 𝘁𝘂𝗿𝘁𝗲,𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗻𝗮𝗺𝗮 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼 𝗱𝗮𝗺𝗺𝗮𝗾𝘀𝗶𝘁𝘂 𝗯𝗲𝗲𝗸𝗮𝗺𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮. ©Henry Longfellow
Hammasini ko'rsatish...
Yaadota eeggannoon ilaali, jechoota kee ta'u waan ta'eef. Jechoota kee to'adhu ilaalis, hojii kee ta'u waan ta'eef. Hojiiwwan kee qalbeeffadhu murteessis, amala kee ta'u waan ta'eef. Amaloota kee jajadhu ilaalis, gatiiwwan kee ta'u waan ta'eef. Gatiiwwan kee hubadhu qalbeeffadhus, galma kee ta'u waan ta'eef. Namoonni hedduun, keessumaa wallaalonni, dhugaa dubbachuu keef, sirrii ta'uu keef, of ta'uu keefis si adabuu barbaadu. Sirrii ta'uu kee yoomuu keessa hin deebi'in. Sirrii yoo taatee fi sana yoo beekte, waan keessa kee jiru dubbadhu. Garee si deggeru bal'aa dhabdu illee, dhugaan yoomuu dhugaadha. Mahatamaa Gaandii ~ Dhaloonni dubbisu mo'aadha! √ Dilbata gaarii! Join ~ @WAADAA_KOO
Hammasini ko'rsatish...
IJAARSA QAAMAA, karaa fayya qabeessa ta'een CIMSUUF/DABALUUF waan barbaachisan sadeen (3): ************* 1. HAALA NYAATA ■ Gosoota soorataa pirootinaan badhaadhoo ta'an qaama namaa furdisan yokaan dabalan; Ocholoonii, Dinnicha, Avokaadoo, Itittuu, Ruuzii, Foon diiminaa, fkf. nyaachuu qabna. ■ Daakuu (powder) pirootina ol'aanaa of keessaa qaban dhimmuma kanaaf qophaa'an gabaa irratti argaman bitanii fayyadamuun ni danda'ama; Kanneen akka "protein shake" jechuudha. ■ Nyaata yoo xiqqaate guyyaatti alsadii fi isaa ol nyaachuu qabna. ■ Yoo nyaata addaa addaa kan argannu ta'e jalqaba irratti nyaata prootina ga'aa of keessaa qabu nyaannee dhuma irratti kuduraaf muduraa nyaanna. ■ Yeroo rafuuf jedhan nyaatanii rafuun illee ulfaatina dabaluuf ni gargaara. 2. DHANGALA'AA ■ Bishaan osoo nyaata hin nyaatiin dursanii dhuguu irraa of eeguu qabna. 3. ISPOORTII Nyaatni nuti nyaannu akka callisee bifa coomaan kuufamee dhibee fayyaaf nu hin saaxillee fi gara maashaa keenyaa (muscle) akka jijjiiramu sochii qaamaa gosa adda addaa kan akka ulfaatina kaasuu hojjachuun dirqama. Kunis ulfaatina xiqqaa irraa eegallee haga isaa dabalaa deemuudha. Torbanitti si'a lamaa haga afurii deemnee ulfaatina kana kaasuu qabna. ********** Fayyaan Faaya
Hammasini ko'rsatish...
Hamma Geessu Kan Beektu Si Qofa. ************************ Ga'umsa dhokataa keessa kee jirutti amani. Waan keessa kee jiru namoonni arguu dhiisuu malu. Alli kee fi keessi kee wal irraa fagaachuu danda'u. Namoonni tilmaama baay'ee xiqqaa siif qabaachuu danda'u. Eenyummaa kee isa sirii arguu dhabuu irraan kan ka'e afaan isaanii guutanii, "ati hin dandeessu!" siin jechuu malu. Haa jedhan! Jecha isaanii cinaatti dhiisii kutannoodhaan hojjedhu. Danda'ii akka dandeessu warra hin dandeessu siin jedhanitti agarsiisi. Ga'umsa keessa kee jiru erga itti amantee booda gad dhiisi. Waan keessa kee jiru sana gad baasii ittiin hojjedhu. Hin nuffin, hin dadhabinis. Ciniinnadhuu hojjedhu. Lafa karaan hin jirre keessa karaa barbaadi. Yeroo baay'ee wantootni karaa hin fakkaane hedduun karaadha. Kanaafuu, karaan hin jiru jettee of amansiiftee mammarattee hin taa'in. Kutannodhaan hojjettee waan kamuu milkeessuu dandeessa. Mo'ichaaf, milkaa'inaaf, fiixaan ba'umsaaf uumamteetta. Guddinni kee kan safaramu ykn madaalamu haala ati alaan keessa jirtu kanaan miti; ga'umsa dhokataa ati of keessaa qabdu qofaan madaalama. Hamma geessu kan beektu si qofa. Namoonni naannoo kee jiran, maatii fi fironni kee, hiriyoonni sitti dhiyaatan, barsiisonni kee, namoonni ati isaaniif hojjettu, hawaasni naannoo kee ...hunduu eenyummaa kee isa sirrii hin beekan; tilmaamuu qofa danda'u. Dubbii namoonni tilmaama qofa irraa ka'uun dubbataniif iddoo kennuun kaayyoo kee irraa gara booddeetti si deebisa. Si caalaa kan si beeku hin jiru! Bakka namoonni itti si tilmaaman caalaa fagoo fagoo ga'uu dandeessa. Maaltu beeka? Waan guddaan si keessa jiru kan ati of keessatti beektu kan namoonni immoo arguu hin danda'in waan addunyaa kana jijjiiru ta'uu mala. Maaltu beeka? Xiqqoon har'a harka kee irra jirtu kun bor guddattee galaa addunyaa kanaa taati. Maaltu beeka? Har'a xiyyeeffannoo namootaa dhabdus bor guca milkaa'inaa guutummaa addunyaa irraa ifu harkatti qabachuuf jirta. Kanaafuu, abjuu keetti abdii hin kutiin. Waan xiqqoof jettees abjuu kee hin gurguratin. Waan guddaatti aggaami. ****** Dr. Faayisaa Maaruu.
Hammasini ko'rsatish...
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.