cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

OROMIAPOSTE

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganTil belgilanmaganToif belgilanmagan
Reklama postlari
315
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

👆 Dhukkuba waliin isaa hin beekamneen namoonni hedduu Hindiitti gaggabanii hospitaala seenan ******************************** Dhukkuba maalummaan isaa hin beekamneen bulchiinsa Kibba Hindii Andiraa Piraadeshitti yoo xiqqaate namni tokko yeroo lubbuu dhabu, 227 kan ta'an immoo hospitaala seenaniiru. 📌Dhukkubsattoonni bulchiinsa Hindii Andiraa Piraadesh magaalaa Eluruurraa dhufan mallattoo balaqqamuu, akkasumas of wallaaluu fi gaggabdoo akka qaban doktaroonni himaniiru. 📌Dhukkubni kuni yeroo Hindiin dhukkuba koronaavaayirasii waliin wal'aansoo walqabaa jirtutti dhagahame. 📌Biyyattiin lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniin addunyaarraa lammaffaarratti argamti. 📌Dhukkubni amma namoota 200 ol hospitaala galche garuu vaayirasicha miti. Ministeerri Fayyaa bulchiinsichaa Allaa Kaali Kirishnaa Sirinivaas dhukkubsattoonni hunduu vaayirasicha hin qabani jedhan. @oromiaposte
Hammasini ko'rsatish...
👆 Kilinikoota UK ‘#durbummaa qorachuun bakkatti deebisna' jedhan ******************************* Kiliinikoota fayyaa UK keessatti ‘qorannoon dubrummaa’ akka kennamu gabaasni qorannoo BBC newsbeat fi BBC 1OO Women'n taasifame saaxileera. 📌Qorannoon miira jeequ kun Dhaabbati Fayyaa Addunyaa fi Mootummota Gamtoomanii sarbama mirga namoomaati jedhan, akka dhorkamus barbaadanidha. 📌Qeeqxonni immoo qorannoon akkasii saayinsawaa kan hin taane dha jedhu. 📌Dubartiin tokko dubrummaa haa qabaattuu haa dhiistuu mirkaneessuun hin danda’amu. Haleellaa saalaati jedhan. 📌Warri BBC’n haasofsiise marti wal’aansa baqaqsanii hodhuu dubrummaa akka kennaniifi ‘dubrummaa iddootti akka deebisan' himan. Kanaaf ammoo paawundii 1,500-3,000 kaffalchiisu. @oromiaposte
Hammasini ko'rsatish...
👆 'Gareen yakkamaa riphee loltummaatti deebi'uf ga'umsa hin qabu' *********************************** Oppireeshiniin waraanaa mootummaan federaalaa Naannoo Tigraay keessa adeemsisaa jiru gara xumuramutti dhihaachuu waajjirri Ministeera Muummee ibsa Wiixata har'aa baasen beeksise. 📌Torban dura humnoonni federaalaa magaalaa Maqalee erga to'atan booda oppireeshinichi xumura akka argate ibsamus bakkeewwan garaagaraatti lolli akka ture gabaafamaa ture. 📌Yeroo lolli Naannoo Tigraayitti eegale humnoonni TPLF cimoofi waraanaan kan qoraman, akkasumas meeshaa waraanaa cimaa kan hidhatan waan ta'anif lolli akka MM Abiy jedhan dafee raawwachuu dhabuu mala jedhamaa ture. 📌Kanaanis, lolli Tigraay keessaa riphe loltummaatti geessuu mala jechuun kanneen ibsan turan. Oppireeshinii waraanaa torban sadiif taasifameen waraanni federaalaa Maqalee to'ateera. 📌Dubbiin waa'ee hidhattoota TPLF gadhiifame 'soba' gareen yakkamaa ittiin jedhan gadhiisedha kan jedhe ibsi waajjira MM. 📌TPLF duubatti deebi'un isaa tooftaaf akka ta'e akkasumas caasaa naannichaa qabatee socho'uus inni ibses dhugaarraa kan fagaate jechuun himate ''Wanti dhugaa garuu gareen yakkamaa sirriitti mo'ameera, addas faca'eera. Riphee loltummaa gaggeessuufis ga'umsa dandeessisurra hin jiru,'' jechuun ibse. @oromiaposte
Hammasini ko'rsatish...
☝️ Obbo Getaachaw Raddaa dabalatee konkolaattoonni hoggantoonni garee ABUT itti fayyadaman kanneen ashaaraan banaman 40 ol too’ataman. Konkolaattoonni mootummaa hoggantoonni kunneen miilan baqachuu osoo hin eegaliin itti fayyadamaa turan 40 ol harka raayyaa ittisa biyyaa galaniiru. 📌Gareen finxaaleyyii kun magaalaa bu’uraalee misoomaa hin qabne Maaycoow irraa Kiiloo Meetira 60 faggaattee kan argamtu aanaa Deellaatti konkolaattoota mootummaa fi dhuunfaa 40 qabatanii dhokachuuf yaaliin taasiisan fashalaa’uu ajajaan kutaa waraanaa 32ffaa Koloneel Dajanee Tsaggaayeen ibsaniiru. 📌Konkolaattoota kanneen keessatti waraqaan eenyummaa, sanadoonnii fi Paaspoortiwwan argamuu eeraniiru. Sanadoota argaman keessaa kan Preezdaantii Yuunvarsiitii Maqalee duraanii Proofeesar Kindayaa Gabrahiyiwaat, bulchaa Maaycoo kan turan obbo Haftuu Kiroosii fi hoggantoonni aanaalee biroo keessatti argamu jedhame. Obbo Geetachaw Raddaa namoota karaa Deellaan miliqan keessaa isa tokko ta’uu Koloneel Tsaggaayeen ibsaniiru. #FBC @oromiaposte
Hammasini ko'rsatish...
#☝️ #PMAbiyAhmed Ministirri Muummee Dr Abiy Ahimad Hospitaalatti argamuun miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa daawwachuu isaanii karaa fuula twitter isaanii barreessaniiru. 📌Dr Abiyyi "Gootota ofirra Itoophiyaa caalchifatan" jechuunis Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa kanneen kan leellisan yoo ta'u, tajaajila kennaniif kabajni isaaniif mala jechuun ibsaniiru. @oromiaposte @oromiaposte
Hammasini ko'rsatish...
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.