cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

KIYA OFFICIAL (ክያ ኦፊሺያል)

Chanaalin kun haalota ta'uumsa taatewwan addunyaa isin biraan gahuudha. Odeeffannoole garagaraa yeroo barbaaddanitti isin biraan gahuudha. Sindarbin👉odeefannoo 👉barumsa saykoloji 👉walaloo 👉 asoosama

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganTil belgilanmaganToif belgilanmagan
Reklama postlari
181
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Fully funded scholarships T.me/kiya0707
Hammasini ko'rsatish...
አስተማሪ አጭር ታሪክ .! አንድ ቤተሰብ ውስጥ አባት ከሞተ በኋላ የሚመገቡት እስኪያሳስባቸው ድረስ ይቸገራሉ ። አንድ ጌጣጌጥ መሸጫ ሱቅ ያለው ዘመድ አላቸው እና እናትየው ለልጇ ያላትን ለረጅም ጊዜ የተቀመጠ የአንገት እና የጣት ዳይመንድ ጌጥ ሰጥታው እዛ ሱቅ ሄዶ እንዲሸጠው ትሰጠዋለች፡፡ ልጁ የተባለው የዘመድ ጌጣ ጌጥ ሱቅ ሄዶ እናቱ እንደላከችው አስረድቶ እንዲገዛው ይጠይቃል፡፡ ሰውየውም ከመረመረው በኋላ "አሁን ገበያው ወድቋል ትንሽ ግዜ ጠብቀን በጥሩ ዋጋ እንሸጠዋለን፡፡" ብሎ ይመልስለትና የተወሰነ ገንዘብ ከሰጠው በኋላ ለልጁም እስከዛው በየጊዜው እየመጣ እዛው ሱቅ ስራ እንዲሰራ ያደርጋል ። ልጁ በየግዜው እየሄደ የጌጣጌጥአሰራር ጥበብ ተካነ ፡፡ የገበያም እውቀት አካበተ በስራውም ታዋቂም ለመሆን ቻለ ፡፡ ይሄኔ ባለሱቁ "የሆነ ግዜ ልትሸጠው አምጠተኸው የነበረውን ጌጥ አሁን አምጣው አሁን ገበያው ጣራ ነክቷል እና ታተርፋላችሁ ፡፡ ብሎ ይልከዋል ፡፡ ልጁ እንደተባለው እቤት ሄዶ ጌጣጌጡን በአይኑ በማየት ብቻ አርቴፊሻል ሆኖ ያገኘዋል፡፡ ወደ ሱቅ ይመለሳል ፡፡ባለቤቱ ይጠይቃል "ዳይመንዱስ ?" ልጁም "አርቴፊሻል ነው ግን እያወክ ያን ጊዜ ለምን አልገርከኝም ?አሁንስ ለምን ላከኝ?ሲል ጠየቀው፡፡ ዘመዱም "ያን ጊዜ ለረጅም ዘመን ዳይመንድ ነው ብላችሁ ያመናችሁትን ነበር ይዘህ የመጣኸው ፡፡ያለምንም እውቀት፤ ባዶህን እና በሙሉ እምነት ብቻ ! በሰዓቱ ባለህበት ሁኔታ ልክ ያልሆነ ነገር ለማስረዳት ይከብዳል፡፡ ምናልባት ላታምኑኝ ትችሉ ነበር ፡፡ምናልባትም ባለመግባባት የሚፈጠሩ የቃላት ልውውጥ አሁን ላይ መጥፎ ስሜት ሊያሳድርብን በቻለ ነበር ።" ብሎ በትህትና መለሰለት፡፡ እንዲህ ያለ የላቀ ስብዕና ባለቤትና ነገሮችን በብዙ አቅጣጫ የምናይበት ህሊና ይስጠን፡፡ Share it 👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇 T.me/kiya0707
Hammasini ko'rsatish...
KIYA OFFICIAL (ክያ ኦፊሺያል)

Chanaalin kun haalota ta'uumsa taatewwan addunyaa isin biraan gahuudha. Odeeffannoole garagaraa yeroo barbaaddanitti isin biraan gahuudha. Sindarbin👉odeefannoo 👉barumsa saykoloji 👉walaloo 👉 asoosama

MILKAA'INA KEE LAGA CEESISI! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Namicha Xiyyaara Qulqulleessutu gaaftokko utuu teessuma Paayilileetii fuulduraa Qulqulleessuu Maanuwaalii "Akkaataa Xiyyaara Balaliisan Qabiyyee tokkoffaa" jedhu argee xiqqoo waan barateef dubbisuu eegale. ▷ Kutaa tokko Mootora kaasuuf Button diimaa kana press godhi! jedha. Akkasumas godhe mootorris ka'e namichis baay'ee gammade. ▷ Kutaa lamaffaa yeroo dubbisu Xiyyaara kaasuuf Button keelloo press godhi jedha. Akkasumas godhe. "Innis ni gammade. ▷ Kutaa sadaffaa yeroo dubbisu Xiyyaara balaliirra tursiisuuf yookiin Qilleensarra tursiisuuf button magariisa press godhi jedha. Akkasumas godhe. amma namichi kun qilleensarra jira. Ittis toleera. ▷ Amma immoo qubachuu barbaadee kutaa Arfaffaaa yeroo banu, hamma ammaatti waan dubbiftaniif galatoomaa. Akkamitti akka qubachiiftan immoo kitaaba Qabiyyee lammaffaan qabannee walitti deebina jedha. ● Utuu hin hubatin, hubachiisuuf yaaluun bu'aa isaa irra miidhaan isaa baay'ee dha. Waan tokko xiqqoo waan hubatteef ariifattee beekumsatti hin lakkaa'in! Hubannaa qabaadhu! ● Dhaloonni si'anaa beeka jechuuf hin beeku. Hin beeku jechuuf beeka. Yaada namaa murteessuuf waltajjii tokko jalqabaa hamma dhumaatti, akkasumas Yaada nama tokkoo tilmaamuurra hanga dhumaatti dhaggeeffadhu! Altokko tokko beekumsi xiqqoon balaa guddaa fida. Akkasumas hubannaa dhabuun nama miidha. ➥ Ofii keettis nama biraattis murteessuuf hin ariifatin! Faggeessitee yoo Ilaalte milkaa'ina kee laga ceesisuu dandeessa. Eebbifamaa! Join us T.me/kiya0707
Hammasini ko'rsatish...
KIYA OFFICIAL (ክያ ኦፊሺያል)

Chanaalin kun haalota ta'uumsa taatewwan addunyaa isin biraan gahuudha. Odeeffannoole garagaraa yeroo barbaaddanitti isin biraan gahuudha. Sindarbin👉odeefannoo 👉barumsa saykoloji 👉walaloo 👉 asoosama

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa. ┏━━━💞━━━━━━━━┓ Milkaa‟uu irraa maaltu nama ittisaa? 🔎 Wantoonni milkaa‟ina goonfachuu irraa nama ittisan hedduun kanneen armaan gadiiti. ---------------------------------------------- •Fedhii dhabuu. •Kufaatii sodaachuu. •Jechaa namaaf iddoo kennuun, duubatti mucucaachuu. •Ofitti amanamummaa dhabuu. •Dandeettiifi humna ofii wallaaluu. •Mul‟ata dhabuu. •Kaayyoo malee jiraachuu. •Kutannoo dhabuu. •Nama ilaalanii karoorsuufi karaa nama biraa hordofuu. •Abdii kutuu. •Waan xixiqqootti quufuu. •Sodaachuu. •Of tuffachuu. •Wareegama kanfaluu sodaachuu. •Dhugaa jireenyaafi addunyaa wallaaluu. ---------------------------------------------- Wantoonni kunniin namni akka hin milkoofneef namaafi milkaa‟ina isaa gidduutti dallaa warra ijaaranidha. Namoota dallaa kana cabsantu milkaa‟ee jiruu bareedaa arga. Warri harka laate immoo osoo iddoo yaade hin gahin karaatti hafa. Kaayyoo ofiif kutannoofi jabina godhatanii, gufuu kanneen irra tarkaanfachuun nama milkeessa. Join us T.me/kiya0707
Hammasini ko'rsatish...
KIYA OFFICIAL (ክያ ኦፊሺያል)

Chanaalin kun haalota ta'uumsa taatewwan addunyaa isin biraan gahuudha. Odeeffannoole garagaraa yeroo barbaaddanitti isin biraan gahuudha. Sindarbin👉odeefannoo 👉barumsa saykoloji 👉walaloo 👉 asoosama

HUBADHU! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➥ Nama waan gaarii siif yaadu hamtuu itti hin yaadin! ●️ Amala gadhee yoo namarratti Argite gorsuuf yaali malee hamachuuf (komachuuf) hin fiigin! ●️ Akkuma iccitiin kee faca'uu jibbitu Iccitii hiriyaan kee sitti himate/tte hin facaasin! Namni iccitiin isaa faca'uu jaallatu waan hin jirreef ●️ Nama tokko gammachiisuuf jettee Nama tokko hin boochisin namni boo'uu jaallatu waan hin jirreef. ●️ Gaarii hojjachuuf yaali malee hamtuu hojjachuuf ofin cinqin! ●️ Jaalalleen kee yoo rakkate/tte wajjin rakkadhu malee irraa hin fagaatin! ●️ Qabeeenya fedhe yoo qabaattes qabeenyaan hin boonin! ●️ Firaan booni malee firatti hin boonin! ●️ Akkumaa yaaddanitti dubbachuu mitii itti yaadanii dubbachuun ogummaadha! ●️ Oolmaan kee har'aa galma kee boruuf murteessaadha Hin dagatiin! ●️ Nama ilkaaniin sitti kolfu hunda hin Amanin! ●️ Gariin namaa yeroo ammaa harka mirgaatiin abaaboo siif keennaa harka bitaatiin albee sitti qarataa Ofeeggadhu! ●️ Boru jireenya gaarii jiraachuuf har'a waan gaarii raawwadhu! ●️ Hanga nama jaallattu beekta malee hanga namni sii jaallatu hin beektu. gonkumaa ebelu akka gaariitti na jaallata/tti hin jedhin! Join us T.me/kiya0707
Hammasini ko'rsatish...
KIYA OFFICIAL (ክያ ኦፊሺያል)

Chanaalin kun haalota ta'uumsa taatewwan addunyaa isin biraan gahuudha. Odeeffannoole garagaraa yeroo barbaaddanitti isin biraan gahuudha. Sindarbin👉odeefannoo 👉barumsa saykoloji 👉walaloo 👉 asoosama

JECHOOTA BEEKTOTAA! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ■ "Hiyyeessa taatee yoo dhalatte balleessaa kee miti, hiyyeessa taatee yoo duute garuu balleessaa keeti." — (Biilii Giraam) ■ "Maatii irraa dhalatte filachuu hin dandeessu ijoollee sirraa dhalataniif garuu haala mijeessuu ni dandeessa." — (Biilii Giraam) ■ "Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii kufan, warra homaa utuu hin hojjetin milkaa'an irra ni caalu." — (Looyid Joonsi) ■ "Muka ija qabutti dhagaan baay'ata." — (Shiikeeraa) ■ "Karaa si baasu hin beektu taanaan deemsa hin eegalin." — (Ingilizoota) ■ "Nama hundumaaf gaarummaa yaadi, garuu hiriyyaa filadhu." — (Giriikota) ■ "Rabbi gurra lamaa fi afaan tokko nuuf kennuun isaa baayyee dhaggeeffachuu fi xiqqoo dubbachuu akka qabnu nu hubachiisuu dhaafi." — (Araboota) ■ "Beekumsi nyaata lubbuuti." — (Pilaatoo) ■ "Amala nama tokkoo yoo baruu feete aangoo yookiin taayitaa kenniif." — (Abrahaam Liinkan) T.me/kiya0707
Hammasini ko'rsatish...
KIYA OFFICIAL (ክያ ኦፊሺያል)

Chanaalin kun haalota ta'uumsa taatewwan addunyaa isin biraan gahuudha. Odeeffannoole garagaraa yeroo barbaaddanitti isin biraan gahuudha. Sindarbin👉odeefannoo 👉barumsa saykoloji 👉walaloo 👉 asoosama

3. Namoota Wanti Ta'e Sun Ittiin Raawwatame(Hojjetame) ❇️Jiraachuu kan qabnu yeroo jiraachuu qabnutti, akka jiraachuu qabnu qofatti. Kanaan ala umriin jiru hundumtuu umrii akkasumaaniiti.✅ ♻️Gareen kun garee hojii hojjechuuf dhalatee hojjechaa jiruu dha. Isaan kun warra abbaa dhimmaatis. Garee warra maaltu ta'e jedhanii gaafataniifis,warra maaltu akka ta'aa jiru beekaniifis adda dureen garee kana. Kanaaf kan dhaloonni bakka hojii isaanii deemee isaan deggeruuf. Kanaafi kan warri bakka sana hin deemin immoo hojii isaan hojjetan maal irra akka inni ga'e baruuf iyyaafataniif. Warri maaltu ta'e jedhanii gaafatan waa'ee isaanii baruuf warra maaltu akka ta'aa jiru beekan gaafatu, gareen maal akka ta'aa jiruu beekummoo warra hin beekne kanatti waa'ee isaanii dubbata. Hojjetachaa kan jiru garee kana. Waa'een isaanii bakka hundummaatti dubbatamaa kan jirus isaani. Beekamtii barbaadan osoo hin taanee hojii isaan beeksisu hojjetan. Addunyaa kana irraa namoota beekamtii qaban yoo seenaa isaanii qorattee baayyeen isaanii ittiin beekamuuf miti kan isaan waan isaan beeksisee sana hojjetan.Sababni isaa beekamtii giddu-galeessa godhannee miti hojii hojjechuuf dhalanne kan nuti hojjechuu qabnu. Hojii gaariin ofiima isaatii beekamtii namaaf laata. Kanaaf ga'een keenya hojii gaarii hojjechuu dha. Kan nu beeksisummoo hojii gaarii isa nuti hojjennee sanaadha. Hojiin beekamtiidhaaf itti yaadamee hojjetamu baayyeen isaa hojii seenaa osoo hin taanee oduu yeroo ta'ee bira darbama. Hojiin seenaa hojii akkasumaan hojjetamu osoo hin taanee, hojii itti yaadamee egereef hojjetamuudha. Kanaaf gareen hojii kunis garee warra oduu himanii irraas, warra oduu dhageeffatan irraas adda kan isaan ta'an kanaafi. Isaan hin odeessaniis,oduus hin dhaggeefatan. Gaafa hundumaa hojiidhaan ko'oommatanii(busy) ta'anii jiraatu. Isaan warra adunyaan,dhaloonnii fi uumamni bu'aa irraa argateedha. Yeroo hojjechuu qabanitti waan hojjetaniif yeroo hundumaa maqaan isaan hojii argannoo fi bu'a qabessaa wajjin waamama. Warra dhiibbaa uumaniidha malee warra akkasumaan naannoo jireenya isaanii keessa,hawaasa keessa jiraatan miti. Isaan kun misirroo fi dhirsa misirrooti malee amaamoota miti. Abbaan dhimmaa isaan kana. Dirree keessa jiru. Gaafa hundumaa morkattoota warra waa injifachuuf wallaansoo qaban. Garee jiru kan sadan keessaa warri baayyee barbaachisoon isaan kana. Sadarkaan isaaniis kan warra sana wajjin waliin hin madaalamu. Garee kana keessaa namoonni jiran warra dhimma baasaaniidha. Geggeessaan hojii dhaloonni kitaaba seenaa irraa,nama irraa iyyaafatee baru hojjetu isaan kana keessaa ba'a. Hawaasni hojjetachuu beeku,dhaloonni mirga isaa kabachiifachuu danda'u kan inni jiru isaan kana keessa. #Amala_Namoota_Wanti_Ta'e_Sun_Ittiin_Hojjetame 1.Hojii malee oduu hin beekan. 2. Isaan morkattoota malee deggertoota miti. 3. Waan himataniis,waan isaaniif himamus qabu. 4.Hojii beeku,akka hojii beekaniis beeku waan ta'eef jaboodha. 5. Hojii seenaa du'a isaaniin booda aawwalcha isaanii ol jiraatu hojjetanii qabu. 6. Mo'uuf hojjetu, mo'aamuu isaani irraa immoo akkatti mo'aan baratu. 7. Of beekuu irra darbanii ga'umsa dhokkataa keessa isaani jirus waan beekaniif dhaadannoon isaani nan danda'a jecha jedhuu dha. #xumurameera! Maddi: ## kitaaba seera moo seenaa sodaannu? ###Jedhu kan #Waada_Bultiitiin barreeffame irraa Kana harawomse ibnu turab ##smart attitudiin##kan fudhatame. Join us T.me/kiya0707
Hammasini ko'rsatish...
KIYA OFFICIAL (ክያ ኦፊሺያል)

Chanaalin kun haalota ta'uumsa taatewwan addunyaa isin biraan gahuudha. Odeeffannoole garagaraa yeroo barbaaddanitti isin biraan gahuudha. Sindarbin👉odeefannoo 👉barumsa saykoloji 👉walaloo 👉 asoosama

2. Namoota Waan Ta'aa Jiru Beekan ❇️Gareen namoota maaltu akka ta'aa jiru beekanii odeefannoo qabu. Dirree dorgommii keessa jiru garuu deggaraa ta'aniiti malee morkataa ta'aanii miti kan isaan seenan.✅ 💙Isaan kun warra isa hojiitti jiruuf harka rukutanii dha. Badhaasa hin qaban malee isa badhaasa qabu wajjiin walitti dhi'eenya guddaa qabu. Morkataan isaan deggeran sun isaan beekuudhaa yoo baatees isaan ni beeku. Addunyaa kanarra amma jiraatttutti ofii dorgomaa ta'uuf waa'ee nama dorgomiitti jiruu beekuun ka'umsa dorgommee jireenyaati. Kanaaf gareen kun warra waan ta'e hin beekne irra baayyee ni caalu. Warra waan ta'e hin beekne sana irra waan caalaaniif madda odeeffannoo isaanii ta'uudhaan jara tajaajilu. Hojiin hojjetame kan isaanii miti,isaaniin hojjetames miti,garuu hojii hojjetame sana sirriitti beeku. Gareen kun garee abbaa dhimmaa miti. Ta'us daboo abbaa dhimmaati. Dirree keessa kan jiru nama muraasa. Bakkee ta'ee waa'ee warra dirree keessa jiraniitiif kan iyyu,kan fooricu,kan lafa dhiitee sirbu garuu lakkofsaan danuudha. Dhukkeen ka'u afaan isaani seenee, osoo fiiganiis gaggabanii kufanii yoo ka'uu dadhaban warra kanaaf bishaan qophaa'e bakka sana hin jiru. Dadhabbiin isaanii warra dirree keessa morkachaa jiran irra waan caalu natti fakkaata. Wanti nama gaddisiisu garuu badhaasni argamu kan isaanii miti. Geeba kan fudhatu warra injifateedha. #Amala_Namoota_Waan_Ta'aa Jiru_Beekanii ©Bakka morkiin yookaan dorgommiin jiru hin oolan. Kan isaan hojiidha jedhanii lakkaa'atan ta'aani isa hojiitti jiruuf harka rukutuu waan ta'eef. ®Waa'ee waan ta'aa jiruu sirriitti beeku,himuus ni danda'u garuu ofii isaaniitii waan isaaniif himamu hin qaban. ®Milkaa'insa garee deggeranii akka waan kan isaanii ta'eetti yaadu malee milkaa'insa ofii himatan tokkoyyuu hin qaban. ©Gaafa hundumaa oduu of harkaa qabu waa'ee waan ta'aa jiruu waan himan. Dirree odeeffannoo keessa jiru garuu dirree hojiitti hin seenne. ©Seenaa beeku, waa'ee namoota hojii seenaa hojjetaniis beeku,garuu hojii seenaa hojjechuu hin beekan. ©Gareen kun odeessitoota. Hojiin isaanii waan arganii fi dhaga'an beeksisuu dha. ®Mo'achuu garee deggeraniin gaammadu. Garuu injifannoon isaa kan isaanii waan hin taaneef gammachuun isaanii kan guyyaa sana qofa. #Itti_fufa... Join us. T.me/kiya0707
Hammasini ko'rsatish...
KIYA OFFICIAL (ክያ ኦፊሺያል)

Chanaalin kun haalota ta'uumsa taatewwan addunyaa isin biraan gahuudha. Odeeffannoole garagaraa yeroo barbaaddanitti isin biraan gahuudha. Sindarbin👉odeefannoo 👉barumsa saykoloji 👉walaloo 👉 asoosama

ADDUNYAAN KUN NAMOOTA GOSA SADII OF KEESSAA QABDI. "Argannoowwan namni argate keessaa inni guddaa fi ajaa'ibsiisaan wanta gochuu hin danda'u jedhee sodaachaa ture gochuu danda'ee of arguu isaati!" Helen Keeler 1. Namoota Maaltu Ta'e Jedhanii Gaafatan Gareen namoota maaltu ta'e jedhanii gaafachaa jiraatanii garee umrii lakkaa'uuf jiraatuudha. Hojii hin beekan, warra hojii beekan wajjinis wal hin beekan. Namoonni kun hojii qofa miti odeefannoo hojii hojjetamee irraas fagoodha. Dirree dorgommii kam keessaayyuu hin jiran. Isaan kun deggeraa isaa hojiitti jirullee ta'uuf ganaa waan baayyeetu isaan hafa. Amalli isaanii waan ta'e arguu osoo hin taanee warra arge gaafatanii gurraan dhaga'uudha. Hojii dhaloonni eenyutu hojjetee? jedhee gaafatu dhabuun salphina. Ofii hojjechuudhaa yoo baatanillee hojii dhaloonni eenyutu hojjete jedhee gaafatuuf deebii kennuuf odeefannoo irraa fagaachuun immoo salphina salphina caaluudha. Ni deggeru yoo ta'e qillensarra oduudhaan deggeru. Ni beeku yoo 'ta'e argani osoo hin taanee dhaga'anii tti kan isaan beekan. #Amala_Namoota_Maaltu_Ta'e_Jedhanii_Gaafatani © Gaaffii gaafatanii deebii isaa dhaggeeffachaa jiraatu malee ofii deebisuu hin barbaadan. ©Eenyummaa isaanii isa dhugaa wajjiin waan wal hin beekneef waa'ee ofii isaanii beekuu dursanii waa'ee nama kan biraa beekuuf iyyaafatu. ©Barbaadanii arguuf of dadhabsiisuu hin barbaadan warra barbaade arge gaafachuutti amanu. ®Haasaan isaanii ragaa guutuu hin qabu. Kan isaan beekan amma nama arge irraa dhaga'an qofa. ®Haasaa isaanii keessatti gaaffii tu baayyata. Gaafachuu malee deebii laachuuf qophii hin qaban. ®Waan hin beekne hin beeku hin jedhan akka nama beekuu of fakkeessu malee. ®Harki isaaniis, giiphiin isaaniis duwwaadha karaa hundumaa eegattoota waan ta'anif. ®Namoota seenaa hojjetan beekuu irraa fagoodha, hojii seenaa hojjechuu irraas baayyee fagoo waan ta'aniif seenaanis isaan hin beeku. ©Hojii hin beekan, yoo beekaniis akka beekan waan hin beekneef, beekuun isaani hoomaafuu isaan hin gargaaru. ®Waan dhaga'an tole jedhanii fudhatu malee akkamitti kan jedhu gaaffii hin kaasan. ®Gurri isaanii waa'ee hojii hojjetamee dhaga'uuf gaafa hundumaa qopheessu. Ta 'us miila isaanii gara bakka waa ta' eetti geessuuf, ija isaaniin waan ta'ee jiru arguuf of dadhabsiisuu hin barbaadan. #Itti_fufa... Madda beekumsa Baruu kan barbaadan join us:- t.me/kiya0707
Hammasini ko'rsatish...
KIYA OFFICIAL (ክያ ኦፊሺያል)

Chanaalin kun haalota ta'uumsa taatewwan addunyaa isin biraan gahuudha. Odeeffannoole garagaraa yeroo barbaaddanitti isin biraan gahuudha. Sindarbin👉odeefannoo 👉barumsa saykoloji 👉walaloo 👉 asoosama

Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.