cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Oromia Social Media

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganTil belgilanmaganToif belgilanmagan
Reklama postlari
188
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Oromia Social Media. Daddaaqama hubannaa siyaasaa baoota as dhihoo kana lammiilee Oromiyaa muudatee sirrachuub akkaan nu boonsa. MCBNO Oromiyaa lammiileen Oromiyaa keessa jiraatan akka mootummaa ittiin bulan fulataniif haala aanjessuu fi mijeessuuf 'absi kana keessatti abjuun saboota cunqurfamoo marti akka dhugoomuuf hojjata. Walumaa gala turtii yeroo ceehumsaa kana keessatti nageenyi guutummaa Oromiyaa keessaa akka imaammata haaraa MCBNO diriirsuun akka tikfamuuf qaamoleen hidhatan dirqama dursaa nageenya lammiilee Oromiyaa eegisuuf waada nagaa eeguu galan akka kabajaniif qajeelfama biyyoolessaa hordofuun dirqama taha. @Orosocialmedia @OroSocialMedia
Hammasini ko'rsatish...
Hammasini ko'rsatish...
Keekiyyaa Badhaadhaa - MADAQOO | *Oromo Music 2021* (Official Video)

Keekiyyaa Badhaadhaa - MADAQOO | *Oromo Music 2021* (Official Video) Streaming on Spotify:

https://open.spotify.com/artist/0SbnwtlcAHtKAN7ylBs7Yn?si=232Q2WvGSmqdqmJTj7aoCw&dl_branch=1

#Keekiyyaa#Badhaadhaa #OromoMusic Unauthorised use, distribution and/or re-upload of this content is strictly prohibited. Copyright © 2021 Keekiyyaa Badhaadhaa

Oromiyaan Adeemsa Siyaasaa Biyyoolessaa Qofaan Aangoo Siyaasaa Dhuunfatti. @Orosocialmedia @OroSocialMedia Akkuma siyaasaan hammayyaa fi qaroomina baranee waliin adeemsa siyaasaa Oromiyaatis addunya kana hundaaf dimokraasii dhaalchise ofiifis hojiitti hiikuun dirqama. ABOn dhaaba siyaasaa qofa oaoo hin taane falmaa mirga namoomaa Sirna Gadaa bakka bu'uudha waan taheef lammiileen Oromiyaa jala hiriiranii jiru. Kanaaf mootummaa ceehumsaa biyyookeessa naannoo Oromiyaa labsee caasaa bulchiinsaa diriirsee ogummaa siyaasaa qabu addunyaaf himee jira. Waraana, diinagdee fi hawaasummaa hundas hoogganaa jira.
Hammasini ko'rsatish...
Midiyaaleen hawaasummaa fi kanneen biroo hundi yaada nam-tokkeerraa bilisa bahuutu irraa eegama. Sabaa-himaalee dhimma siyaasaa Oromiyaa dubbatan marti yaada dantaa nama dhuunfaafiin yeroo isaanii gubaa oolu. Hordoftoota baay'ifachuun faayidaa mataa isaaniif akka nagadaatti itti dhimmaa bahuurraa kan ka'e qajeelfama hayyootaa, hoogganootaa fi dhaabbilee siyaasaa irraa darbu waan dagatan fakkaatu. Kana hanga hin fooyyefatinitti miidiyaalee qabna jennee lakkaahuun rakkoo keenyaaf fala argachuun rakkisaa taha. Milkaahina kaayyoo keenyaa gufachiisuu baatus osoo taligamoo tahanii wayya jechumaafi. Galatoomaa! @Orosocialmedia
Hammasini ko'rsatish...
Hiika Alaabaa Oromiyaa. __________ Alaabaan Oromiyaa gatii fi wareegama qaalii gootonni Oromoo baasaniin har'a ga'e. Alaabaan Oromiyaa Kun irraa fi jalaan diimaa, gidduun isaa magariisa, walakkaan isaa aduu, handhuurri isaa odaa gara oliin urjii diimtuu kan qabudha. 1.Diimaan Moggaa Lamaanii maal ibsa? Dhiiga uummanni Oromoo bara dheeraaf cunqursaa keessa ture ofirraa buqqisee bilisummaa isaa gonfachuuf dhangalaasee fi dhangalaasaa jiru ibsa. 2. Magariisni gidduu jiru hoo? Badhaadhummaa fi taadhummaa Oromiyaa qabdu ibsa. 3. Aduun immoo fakkii Bilisummaa ibsa. 4. Odaan Mallattoo Sirna Dimookraasii (Gadaa) uummatni Oromoo jaalalaa fi kabaja Oromoon uumaa isaaf qabuu fi kunuunsa naannootiif qabu kan agarsiisuudha. 5. Urjii Diimtuun qara shan kan qabu ta'ee hiikkaan isaas Qabsoo uummanni Oromoo Nagaa, Dagaagina, Bilisummaa, Dimookiraasaa fiTokkommaa isaaf godhu kan mullisuudha. Jaallachuu qofa osoo hin taane hiika isaallee beekuun akkasuma wal barsiisuun dirqama Oromoo fi lammiilee Oromiyaa maraa ta'a. @OROsocialmedia
Hammasini ko'rsatish...
#MCBNO
Hammasini ko'rsatish...
Hunda dura miseensootni garee kanaa baga nagaa taatanii deebinee wal arguuf carroomneen isiniin jedha. Itti aansee kaayyoo gareen Oromia Social Media hunda taheef ilaalchisee yaada gabaabduu isin yaadachiisuun fedhe, Innia haaluma adda addaatiin adda bahuu keenyaan kan wal qabate gareen kun akeeka isaatin ala bahee namoota dhuunfaa fi garee faallaa Oromiyaa tahaniif sagalee tahaa tureera. Akkuma yeroo duraanii wal hubachiisee turretti gareen kun imaammata yeroo Oromiyaan qabdu irratti hundaahuun gama miidiyaa hawaasaatiin dirqama keenya bahachuu akka qabnu walii ibsinee turre. Kanaaf haala amma keessa jirru irratti gahee lammummaa keenya bahachuuf qajeelfama Mootummaa Ceehumsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa (MCBNO) hordofuun ejjannoo ABO fi KFOn qaban raawwachuum akka nurra jiru isin yaadachiisuuf dorqamna. Galatoomaa! @Oroaocialmedia
Hammasini ko'rsatish...
Lammiilee Oromiyaa MCBNO keessaa qooda isaanirraa eegamu bahachuun fedhii qofa osoo hin taane dirqama. Dhabbileen siyaasaa mirga hirew murteeffannaatti amanan akka naannoo isaaniitti mootummaa ceehumsaa hundeeffachuun Oromiyaa waliin qooda wal tumsuu waliin bahachuu dandahu. Oromiyaa keessatti garuu nirga lammummaa qaban eegsifatu malee dhaaba siyaasaa tahanii qooda fudhachuun yakkamaa isaan taasisa. Murni barootaan dura aangorra tures akka lammiitti hirmaachuuf yoo carraa qabaate koree MCBNO bulchiinsa diriirfachaa jiru irraa addaa baasuu dandaha.
Hammasini ko'rsatish...
Miidiyaaleen Oromiyaa imaammaata siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi waraanaa Oromiyaaan qabdu hin hordofu taanaan madda isa hoogganu qoratee adda baasuu qabu. Oromiyaan MCBNO labasttee jirti. Kanaaf koree bulchiinsaa MCBNOtiin taligamanii gabaasaalee dhimma sanaa irratti akka miidiyaa biyyoolessaatti tajaajila kennuun dirqama isaaniiti. Sodaa, shororkaa fi yaaddoo qaban qofa lallabuun biyya keenya, saba keenyaa fi lammiilee Oromiyaa bakka bu'a jedhee kan yaadu yoo jiraate garuu farra milkaahina mooraa Oromiyaa waan taheef of sakattaahuu qaba.
Hammasini ko'rsatish...
Hordoftoota keenya channel #jion nuuf godhaa. Hiriyyoota keessaniifis nuuf qooda. Odeessa Qabsoo bilisummaa oromo guyyaa guyyaa karaa sirriin argachuuf channelota lameen kana #Join #share waliif godhaa. 🙏👇
Hammasini ko'rsatish...
WBO news
Sagalee Qeerroo
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.