cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Soreti Official

Mucaa Kaayyoo! #Walaloo #Qoosaa #Barruulee gaggabaaboo #Asoosama Maree mucaa kaayyoof @afaanoromoogroup join godhaa!

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganTil belgilanmaganToif belgilanmagan
Reklama postlari
1 256
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Kitaaba Asoosamaa Kan Godaannisaafi Gurraacha Abbayaa jedhamu Dilbata darbe GGAO'tti haala ho'aadhaan Eebbifameera! Kitaabicha bitadhaatii dubbisaa! Kanneen isin bira hin geenye maxxansa duraanii Asoosama Godaannisaa Bifa PDF'tiin hidhaa kanaan argattu.
Hammasini ko'rsatish...
Godaannisa PDF
Download
Chaanela Keenya
Hammasini ko'rsatish...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

isa dabuuf milkaa'a Isa shira xaxuuf Jallootaaf bultiin mi'aaya Warra dhugaa sukkuumuuf Kan isaani umuriin kuma Jaarraadha quufanii raaguu Kan isaani karaan bal'aadha Akka garaasaanii fiigu Loon saanii foonaadhaa wal dhiphisti Okoleensaanii gogee hin beeku bonaa gannatti Kan saanii gaagurri guutuu dha Oogdiin saanii hin haphatu Callaan saanii danuudha Gumbii saanii hin huuqqatu Kan warra dhugaatti jiraatanii Karaan warra dhugaa filatanii Dheeraadha dhiphaadha gufuu baay'ata Qoraattiif Kiyyootu garmalee danata Lafti saanii dhagaadha kattaa Dhooqaaf gaara heddummata Gumbiin uraa qaba itti naqan kan dhangalaasu Ubboon cabaa qaba Itti guutan kan yaasu dinqi saanii nama maleessa horan irra hin bulanii Umuriin saanii yartuudha harrii hin arganii tasa hin filani Karaan isaanii dhiphaadha Faana gabaabbatuu Milkaa'umsi saanii fagoodha Mataa cabanii gugguufaa tiratu Garuu... .... Haa badus haa tolus Dhugaa qabaachuutu caalaa Haa mi'aahus haa hadhaa'us dhugaaf du'anii soba ajjeesuutu tola Yookii rabbi gaaf tokko Dhugaasaani baasa ni lakkaa'a Yookiin warra sobanitti dhihee Warrra abbaa haqaaf bari'a ✍✍✍ soreti @dhalootaaf @dhalootaaf
Hammasini ko'rsatish...
Mee....Ilaali. Guyyaa guyyaa Akka biyyaa si faarfatee Halkan halkan Akka abiddaa siqaammatee Gaafa gaddaa ilkaan afee Sitti kolfee Gammachuukee akka hamaa Sirraa horfee Ija kankee ija kaayyoo Sijaamsuudhaaf utuu seeruu Uumamakee kan Waaqayyoo Namtolcheedhaaf yeroo eeru Mee ilaali gufuu karaa Mul'atakeef xiiqeffadhuu Hamajaajiin alaa hin dhufu Keessumakee xiyyeeffadhu! @abdimegersa @humnajaalalaa @humnajaalalaa
Hammasini ko'rsatish...
❤️5
Keetiyyuu ilkaan kaarroleen Kaarruun gaala hulluuqsu Si'i bifaan diimtuu burtukaanni Kan hojjaan kee goorroo yaabbachiisu Koo bifti qaqaa gurraacha Gurraacha qixxee dukkanaa Itti waamama halkanii Fakkeenya rakkinaa Silaa ana Gabaabduun kan hojjaan gita sunsumaa Laf-biree namaa Kan gufuun na gahu morma Koo funyaan keessa bu'aa boollaati Qaroon koo fedha malee wal agarti Funyaan keetu sorooroo konkona Rifeensa keetu luuccaa danuu bosona Kooti kan buqqee aduun na reebuu Dhabiinsa rifeensaa kan moluukoo gubu Situ kumaan beekama Situ kontomaan faarfama Koo eenyutu maqaanuu na beekaa Eenyutu masifatee na waamaa? Maalin si caaleekoo maalitti inaaftaa Utuman siif eeyyamee maal kiyya fudhatta? ✍Soreti M. @dhalootaaf @dhalootaaf
Hammasini ko'rsatish...
❤️20
Keetiyyuu ilkaan kaarroleen Kaarruun gaala hulluuqsu Si'i bifaan diimtuu burtukaanni Kan hojjaan kee gorroo yaabbachiisu Koo bifti qaqaa gurraacha Gurraacha qixxee dukkanaa Itti waamama halkanii Fakkeenya rakkinaa Silaa ana Gabaabduun kan hojjaan gita sunsumaa Laf-biree namaa Kan gufuun na qu'u morma Koo funyaan keessa bu'aa boollaati Qaroon koo fedha malee wal agartii Funyaan keetu sorooroo konkona Rifeensa keetu luccaa danuu bosona Kooti kan buqqee aduun na reebuu Dhabinsa rifeensaa kan moluu koo gubuu Situ kumaan beekama Situ kontomaan faarfama Koo enyutu maqaanu na beekaa Eenyu masifatee na wamaa? Maalin si calee koo maalitti inaaftaa Utuman siif eeyyamee maal koo fudhatta?
Hammasini ko'rsatish...
Hordoftoonni amantaa kiristaanaa maatiifi miseensonni chaanela #Soreti Official marti keessan baga ayyaana fannootiin isin gahe! Admin #Soreti Mulgeta @dhalootaaf @dhalootaaf
Hammasini ko'rsatish...
❤️9
Bara bariin Dalga bariite Waarii soroorsuun fafa Bara Dhugaan Rarraate Dhugaaf mormuutu hafa Yeroo callisuun Qulqullummaa Falmachuun jechisiisu cubbamaa Of walalaluun jajamee Of beekuun abaarame Bara bariin dalga bariite...... Leencatu adurreef bitama Ogeessatu gowwaan gorfama Harreetu ba'aa namatti fe'atee Beekaan ukkaamfamee wallaalaan dubbate Bara bariin dalga bariite... Dhoqqeetu warqee madaala Obbaatii guddisu dhiira awwaala Bara bariin dalga bariite .... Buqqeetu dhagaa cabsaa Sobatu faayamee dhugaa dhoksaa... ✍✍✍soreti
Hammasini ko'rsatish...
Yandoon roobee yandisee haree allayyaa nan ha'u Lolaan akka gudeelchaa gangalchee naan hin yaa'u Kaayyoon qaba kaayyoo jabaa Isa ittiin namni umamamu Abjuun qaba abjuu qajeelaa kan boru dhugoomu ✍✍soreti
Hammasini ko'rsatish...
Yaa Beekaa Koo! Yaa beekaa koo abbaa jechoota dammaa Yaa isa afaan toltuu Yaa isa arrabni kee dhadhaa Dubbiin keemmoo itittuu Haasaan kee cabaa wal'aana Jechoonni kee dallansuu qorrisiisu Kolfi kee imimmaan qoorsa Yaa isa taphni kee bultii mi'eessu **** Ilaamee altokko naaf Hubadhu ogeessa koo Ani keessummaa miti as hafuudha,si wajjin dulloomuudha yaadni koo * Garaa dhofkatanii Ilkaaniin kan seeqani Gadda ofii ukkaamsanii Kolfaa kan mul'atanii Diinqatti imimmaan harcaasaa owwaannaa kan tolani Qoosaa dhaamsa hin qabneef qasaa'anii kan gaggabani; Anaaf miti Keessummaadhaafi Isa halkan bulee bor galuuf faara tolanii gaggeessuufi. Egaa beekaa koo Ogeessa garaa bal'aa koo Ani keessummaa miti naaf laadhu bakka koo Kolfiif jechoonni kee bareedaan ormaafuu qixxeedha Miira kee dhugaa gocha kee diinqaa Kottu siifan hiradhaa Nan sobin nan sossobin Kolfaa kee keessatti imimmaan kee argeera Haasaa kee isa bareedaa keessatti miidhama dhokataa hiixadhe xuqeera. ** Kottugaa gad naaf siqi ofirraa naaf bu'i Jechootas naaf hin filatin qixxee koo haasa'i Kulkulfannaa kee dhokataa siifan wal'aaana akka garaa koo naaf ta'i Dhoksaa ofitti himtu ana keetiin ga'i Garaakee akkan ta'u kan garaakoo ta'i! ✍ #Soreti Mulgeta @dhalootaaf @dhalootaaf
Hammasini ko'rsatish...
❤️12
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.