cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Addis Standard Afaan Oromoo

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
15 571
Obunachilar
+7024 soatlar
+4667 kunlar
+2 79530 kunlar
Post vaqtlarining boʻlagichi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Find out who reads your channel

This graph will show you who besides your subscribers reads your channel and learn about other sources of traffic.
Views Sources
Nashrni tahlil qilish
PostlarKo'rishlar
Ulashishlar
Ko'rish dinamikasi
01
Komishiniin Marii Biyyaalessaa hirmaachisummaa fi walabummaa isaa, akkasumas adeemsa filannoo hirmaattota marii biyyaalessaa ilaalchisee qeeqa jabaa irratti ka’aa jiruus boqonnaa marii ajandaa walitti qabuu jalqabaa Finfinneetti gaggeessaa jira. Komishinichi, walgahiin ajandaa walitti qabuu kun konfiraansii marii biyyaalessaa waliigalaa dhufuuf qabxiilee marii adda baasuuf kan akeeke ta'uu beeksiseera. Haata’u malee, Adda Bilisummaa Oromoo (#ABO), Kongiresii Federaalawaa Oromoo (#KFO) dabalatee dhaabbileen siyaasaa ijoo biyyattii adeemsa hundeeffama komishinichaa fi hirmaachisummaa marii kanaa "haqa qabeessa miti" jechuun adeemsa marii kanarratti hirmaachurraa of qusataniiru. Dhimma kana ilaalchisee miseensa koree hojii raawwachiiftuu KFO kan ta’an Sulxaan Qaasim baatii tokkoon dura turtii Addis Standard waliin taasisaniin, paartiin isaanii sababoota garagaraan bu’aa qabeessummaa marii kanarratti akka hin amanne himan. Obbo Sulxaan, "mariin biyyaalessaa mootummaan itti fiigaa jiru kuni furmaata hin fidu," jedhan. Af-gaaffii waliin goone daawwadhaa👇 https://www.youtube.com/watch?v=lvtMOMPtvFU
3 1455Loading...
02
Oduu: #Itoophiyaatti namoonni miiliyoona 3 ol buqqa'aniiru, walakkaa ol sababa walitti bu'iinsaan mudate: #IOM Itoophiyaa keessatti hanga dhuma bara 2023tti namoonni miiliyoona 3 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM) gabaasa dhimma buqqa’iinsa biyyoolessaa irratti xiyyeeffatee baasurratti ibseera. Gabaasni kun akka agarsiisutti, kanneen buqqa’an keessaa harki caalaan – dhibbeentaan 69 – kallattiidhaan waldhabdee waliin kan walqabatu yoo ta’u, kanneen dhibbeentaa 17 ta’an sababa hongeedhaan, dhibbeentaa 9 taateewwan faalama qilleensaa kanneen akka lolaa, sigiga lafaa fi ibiddaan buqqa’an. Naannoon #Tigraay buqqaatota biyya keessaa (IDP) baay’inaan kan keessummeessuun sadarkaa jalqabaarra kan argamu yoo ta’u, kunis adda durummaan sababa waraanaatiin kan mudate ta’uu ibsameera. Gama biraatin, Naannoon #Somaalee namoota sababa hongeen buqqa’an hedduu akka keessummeessu ibsameera.
3 0391Loading...
03
#Boosatitti dhibee koleeraan lubbuun namootaa darbe Tamsa’ina dhibee koleera godina #Shawaa_Bahaa aanaa Boosat keessatti mudateen lubbuun namoota sadii yammuu darbu, namoota 200 ol irratti argamuusaa BBCn gabaaseera. Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Boosat Obbo Mokonnin Asaffaa dhibichi ALI Caamsaa 14, 2016 aanicha keessatti mul’achuu eeruun, namoota 240 irratti argamuusaafii isaan keessaa 179 fayyanii manatti deebi’uu himaniiru. Adaadaan isaanii dhibee koleeraan qabamanii yeroo ammaatti buufata fayyaa magaalaa #Boolee keessatti yaalamaa akka jiran kan himan jiraataan tokko, hanga ammaa daa’imman afur dhibichaan lubbuun darbuu dubbatan. “Olluma kiyyaayyuu ijoolleen afur lubbuun dabartee jirti. Daa’imman kun waggaa tokko hanga kudhanii gidduu kan jiranidha” jedhan. Haata’u malee, Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Boosat Obbo Mokonnin daa’ima tokko kan umriin wagga saddeet ta’en ala kan lubbuun darbe umuriin wagga 15 fi 23 akka ta’an eeran. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c4nnry62k67o
3 1082Loading...
04
‘Loltoonni #Itoophiyaa dhuma bara 2024tti #Somaaliyaa gadhiisanii bahu’ Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa hundi haga dhuma baatii Muddee 2024tti Somaaliyaa gadhiisanii akka bahan akka eegdu gaazexeessaan VOA Haarun Maaruf Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Pirezedaantii Somaaliyaa kan ta’an Huseen Sheek Alii wabeeffachuun gabaaseera. Akka gorsaan pireezidaanticha jedhanitti, “Somaaliyaatti Ergamni Ce’umsa Gamtaa Afrikaa ergama Somaaliyaa keessa qabu baatii Muddeetti erga xumuree booda loltoonni Itoophiyaa qaama humnoota Gamtaa Afrikaa durfamuun Somaaliyaatti bobbahan hin ta’an. ” Somaaliyaatti Ergamni Ce’umsa Gamtaa Afrikaa hojiisaa baatii Muddee keessa erga xumureen booda humnoonni biyyoota afur - #Jibuutii, #Keeniyaa, #Ugaandaa fi #Burundii irraa dhufan erga akka fudhatan ibsameera. Amajjii bara 2024 Itoophiyaa fi #Somaalilaand waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa erga mallatteessaniin booda hariiroon dippilomaasii Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru boora’eera. AS
2 7711Loading...
05
Oduu: Wixineen labsii gareewwan siyaasaa kanaan dura sochii nagayaa ala turan seera qabeessa taasisu paarlaamaaf qajeelfame Manni Maree Ministirootaa walgahii idilee 32ffaa har’a gaggeesseen wixinee labsii paartilee kanaan dura bu’uura sochii siyaasaa seera qabeessaa fi nagayaa ala turan irra deebiin beekamtii seera qabeessummaa akka argatan taasisu dabalatee dhimmoota afur irratti mari’atee sagalee guutuun gara mana maree bakka bu’oota ummataatti dabarseera. Manni marichi jalqabaarratti kan mari’ate wixinnee labsii Filannoo, Galmee Paartiilee Siyaasaa fi Namuusa Filannoo Itoophiyaa fooyya’uuf dhiyaate irrati yoo ta’u, labsiin kun Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (#ABUT) beekamtii seera qabeessummaa irraa muluqame akka deebisee akka argatu ni taasisa. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4028
3 4283Loading...
06
Oduuu: Abuna Luqaasirratti hidhaan waggaa jahaa murtaa’e Abuna #Luqaas yakka hokkora kakaasuutiin yakkamuun hidhaan cimaa waggaa jahaa irratti murtaa’e. Murtee kana kan dabarse mana murtii olaanaa federaalaa dhaddacha lidataati. Haa ta’u malee, Abuna Luqaas jiraataa biyya ormaa waan ta’aniif too’annoo poolisii jalan waan hin galfaminiif murteen kuni bakka inni hin jirretti dabarfame. Ministeeri haqaa seera keeyyata 247©fi keeyyata 258 (A) cabsaniiru jechuun Abuna luqaas irratti himatoota lama banuun ni yaadatama. Abuna Luqaas miseensa Mana Lubummaa Olaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaafi Paaphaasii olaanaa lallaba Baha Awustraaliyaati. Lubi kuni sirna kabaja ayyaana amantaa Ortodooksii Mudde 19, 2016 ALI Ameerikaa bulchiinsa Teeksaasitti gaggeeffameerratti muummichi ministeera Itoophiyaarratti ergaa hokkora kakaasu dabarsaniiru. Lubi kuni hidhaa cimaa waggaa jahaatiin akka adabamu murteesseera. AS
3 2843Loading...
07
Oduu: #Gamtaan_Awurooppaa “falmattoota mirga namoomaa mana hidhaa jiran” dabalatee qaamolee saddeetiif badhaasa kenne Gamtaan Awurooppaa kaleessa Caamsaa 30, 2024 Finfinneetti falmattoota mirga namoomaa manneen hidhaa biyyattii garagaraa keessatti argaman dabalatee dhaabbata fi namoota dhuunfaa saddeetiif Badhaasa Mirga Namoomaa Shuman (EU Schuman Human Rights Award) kenne. Gamtichi namoota dhuunfaa jaha biyyattii keessatti mirgoonni namoomaa akka kabajamaniif dhiibbaa gochuu fi warreen sagalee hin qabneef sagalee ta’uurratti hojii fakkeenyummaa qabu hojjetan jedhe kan badhaase yoo ta’u, isaan keessaas Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (#KMNI) Daani’eel Baqqalaa (PhD) ni argamu. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4025
2 8864Loading...
08
Oduu: Mariin jijjiirama siyaas-diinagdee naannawa #Galaana Diimaa marsaa lammaffaa eegalame Mariin dhimma siyaasa naannawa Galaana Diimaa irratti xiyyeeffatu marsaa lammaffaa #Finfinneetti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame. Walttajjii marichaarratti hogganaa biiroo ministeera dhimma alaa Isheetee Xilaahun, daayreektara instuutii dhimma alaa Obbo Jaafar Badiruu, aanga’oota ministeera raayyaa ittisa biyyyaa, Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraafi hayyoonni biroo hirmaachuun eerameera. Maricharratti sodaa nageenyaafi tasgabbii naannawa Galaana Diimaatti mul’atu, dhiibbaa inni daldalarratti uumaa jiruufi akkaataa itti fayyadama buufata doonii haqa-qabeessa ta’eerratti mariifi muuxannoo wal jijjiiruurratti kan mari’atamu ta’uu ibsameera. Waltajjii instiituutiin dhimma alaa qindeesse kanarratti, sodaa nageenyaa naannawa Galaana Diimaa, itti fayyadama buufata doonii haqa-qabeessaafi muuxannoon idiladdunyaatiin walqanateen yaadonni furmaataa ni dhiyaatu jedhame. AS
2 8650Loading...
09
Donaald Tiraamp himannaa irratti dhiyaatee 34 hundaan yakkamaa jedhaman Pireezidantiin duraanii #Ameerikaa Doondaald Tiraamp Niiw Yoorkitti dhimma ragaalee daldalaa waliin dhahuun himannaawwan irratti dhiyaatan 34n yakkamaa ta'anii argamuu Manni Murtii ibseera. Tiraamp seenaa Ameerikaa keessatti dursaa duraanii fi kan deebii'anii filatamuuf qophiitti jiran yakkamaa ta'uun itti murtaa'e jalqabaa kan tahan yoo ta’u, murteen dhumaas Waxabajjii 11 irratti dabarfamaan eegama. Pirezidantiin duraanii Tiraamp, galmeewwan daldalaa isaanii dogongorsuun kaffaltii maallaqa taasisan dhoksuuf haquu isaanitti yakkamaa jedhamaniiru. Walumaa galattis himannaa 34 irratti dhiyaate hundaan yakkamaa ta'anii argamun ibsame. Tiraamp erga balleessaa jedhaman booda osoo mana murtiichaatii bahaa jiranuu ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin,, "Kun salphina ture, kun dhaddacha sobaa ture" jedhan. ''Kun xumura irraa fagoo jira'' kan jedhan Tiraamp, ''hanga dhumaatti qabsoo itti fufna'' jechuun abdii akka hin kutannee dubbatan. BBC
2 7950Loading...
10
#Oromiyaatti bu’uuraalee misoomaa elektiriikii sababa rakkoo nageenyaan miidhaman suphuu eegalamuu ibsame Naannoo Oromiyaatti bu’uuraalee misoomaa elektiriikii sababa rakkoo nageenyaatiin miidhaman suphuuf sochiin eegalamuu Tajaajilli Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Suphaan bu’uuraalee misoomaa elektiriikii kan taasifamus godinaalee #Wallaggaa arfanitti iddoowwan rakkoo nageenyaan miidhaan qaqqabeefi tajaajilli addaan citee ture tokko tokkotti ta’uun ibsameera. Tajaajilli Elektiriikii Itoophiyaa suphaa bu’uuraalee misoomaa eegaluuf garee teeknikaa hundeessuufi meeshaalee hojii kanaaf barbaachisan qindeessuun hojiitti galuun isaas ibsameera. Hawaasni garee teeknikaafi hojjettoota hojii kanarratti bobba’an akka deeggaruus waamicha dhiyeesseera. OBN
3 1061Loading...
11
Media files
10Loading...
12
Xiinxala Oduu: Qonnaan bultoonni #Harargee sababa ‘kufaatii gabaa jimaan’ kadhaaf saaxilamuu himan Aliyyii Kadir qonnaan bulaa godina Harargee Bahaatti waggoota dheeraaf oomisha Jimaatin jireenya isaa gaggeeffataa turedha. Haata’u malee, sababa dambii walxaxaa fi “dhiibbaa mootummaan gabaa jimaarratti uumeen” jireenyasaa gaggeessuu rakkatee gara #Finfinnee godaanuun kadhannaan jiraata. Akka Aliyyiin himutti, dambii daldala jimaa haaraa mootummaan yeroo muraasa dura hojiirra oolche hordofuun gatiin gurgurtaan jimaa garmalee gadi bu’uu fi qaraxni mootummaaf kafalamuu gatii jimaatii ol ta’uun walqabatee galiin oomisha jimaarraa argamu jiruu fi jireenya qonnaan bultootaa utubuu dadhabeera. Jiraataa godina Harargee Bahaa Magaala #Awwadaay tokko Addis Standard’tti akka himetti, sababa rakkoo kanaan qonnaan bultoonni ijoollee isaanii barsiifachuu dadhabanii barattoonni hedduu barnoota ala ta’uu hima. Ka’umsi rakkoo qaala’insa jireenyaa kun qaraxa dachaa daldala jimaarra kaa’ame ta’uu kan himan qonnaan bultoonni Addis Standard dubbise, jimaa kiiloo tokkoof bakka sakatta’insa garaa garaatti birrii 30 ol kaffaluuf dirqamuu eeru. Sababa kanaaf, oomisha isaanii gabaatti baasanii gurgurachuun “kasaaraa” itti ta’uu himu. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4018
3 8956Loading...
13
Komishiniin Marii Biyyaaleessaa #Finfinneetti marii ajandaa walitti qabuu guyyaa 2ffaa gaggeessaa jira; adeemsichi qeeqa isa mudateera Boqonnaan marii ajandaa walitti qabuu Komishiniin Marii Biyaaleessaa Itoophiyaa Finfinneetti gaggeessaa jiru oolmaa isaa guyyaa lammaffaan itti fufeera. Hirmaattonni marichaa kutaalee hawaasaa garagaraa irraa walitti babbahan, gareen qoodamuun yaada ajandaa walitti qabuurratti marii taasisaa jiru. Adeemsichaan kutaaleen hawaasaa hundi yaada ajandaa itti waliigalan caalmaatti cimsuun qaboo yaa’iin komishinichaaf akka dhiyeessan komishinichi beeksiseera. Akkasumas sagantaa har’a gaggeeffamuun kutaaleen hawaasaa mariirratti argaman bakka buutoota marii boqonnaa itti aanurratti hirmaatan 121 ni filatu jedhameera. Mariin kun sadarkaa Finfinneetti Roobii darbe yeroo eegalu miidiyaa hawaasaa irratti qeeqni cimaan isa mudateera. Adeemsicha keessatti hammatamummaa fi walabummaa dhabamuu, akkasumas adeemsa filannoo hirmaattotaa fi hojiin komishinichaa yeroo qeeqamu mul’ateera. Kana malees, komishinichi paartilee siyaasaa ijoorraa mormiin isa mudateera. Kongirasii Federaalawaa Oromoo (#KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (#ABO) dabalatee paartilee ijoo 11 of keessa hammate Kokasiin Paartilee Mormitootaa ibsa torbe darbe baaseen, komishinichi marii “hunda hammatu” mijeessuuf kaayyoo qabate galmaan gahuu dhiisee “kaayyoo siyaasaa paartii biyya bulchu raawwachiisaa jira” jechuun himate ture. Addis Standard gulaallii baatii Bitootessa keessa maxxanseen, mariin kun bu’a qabeessa akka ta’uuf hirmaannaan qaamolee hidhatanii fi hidhannoo hin qabne hunda barbaachisaa ta’uu hubachiiseera. Gareewwan hidhatan kan akka Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) marii kanarraa ala taasisuun, marichi jeequmsa biyyattiif furmaata akka hin taane akka taasisu ibseera. Akkasumas mariin kun naannoo #Oromiyaa keessatti amanamummaa argachuuf paartileen mormitoota gurguddoon kan akka ABO fi KFO hirmaachuu akka qabanis ibseera. Komishinichi kutaalee hawaasaa adda addaa irraa hirmaattota adda baasuu ibsuus, gulaalliin Addis Standard kun waldhabdeen naannolee hedduu keessatti gaggeeffamaa jiru adeemsa kanarratti danqaa uumuu eereera. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3273
3 6253Loading...
14
Oduu: Ragaan barnoota sobaa diinagdeerratti dhiibbaa uume jedhame Ragaan barnootaa sobaa sirna haqaa miidhuufi qulqullina kenniinsa tajaajilaa irratti dhiibbaa uumuun diinagde biyyattii miidhaa qaqqabsiisuu ministeera barnootaatti abbaan taayitaa barnootaafi leenjii beeksise. Ragaalee barnootaa 10,238 qorataman keessaa dhibbeenta 1.6 qofti madaallii ragaa haqaa guutuu abbaa taayitichaa ifoomseera. Hojimaatonni seeraan alaa kan akka ragaalee sobaa omishuu, dhaabbata barnootaa dhimmi isa hin ilaallanneefi eeyyama hin qabnerraa waraqaa ragaa argachuun rakkoolee mudatan ta’uu eerameera. Ragaan sobaa kunneen carraa lammiilee dandeettii qabanii kan cufuufi hojimaata seeraan alaa babal’isuun diinagdee biyyattiirratti dhiibbaa uumeera jedhame. Adeemsi sanada qulqulleessuu kuni itti fufee kan jiru ta’uu himuun qabxiin waliigalaa of duratti kan ifoomsu ta’uu abbaan taayitichaa ibseera.AS
3 2074Loading...
15
Oduu: Boordiin Filannoo haala hoggantoota #ABO mana hidhaa jiran irratti hordoffii taasisaa ture bu’aa akka hin argamsiisne ibse Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa dhimma hoggantoota Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) mana murtiidhaan bilisa jedhamanii hanga ammaatti hin hiikamne ilaalchisee hordoffii taasisaa ture “bu’aa waan hin argamsiineef” Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhaabbilee Dimokraasii gama isaatin “yaalii akka godhu” xalayaadhaan gaafate. Addi Bilisummaa Oromoo, qondaalli dhaabichaa Battee Urgeessaa Ebla 09 erga ajjeefaman booda haalli qondaaltota paartichaa torba biroo mana hidhaa keessa jiran akka isa yaaddeessu xalayaa Ebla 14 boordichaaf barreesseen beeksisuu ibsameera. Qondaaltota Addi Biisummaa Oromoo ammallee ajaja mana murtii malee mana hidhaa akka argaman ibse kun; Abdii Raggaasaa, Lammii Beenyaa, Mikaa’el Booran, Gadaa Oljiraa, Gadaa Gabbisaa, Kennasaa Ayyaanaa, Daawit Abdataa fi Girmaa Xurunaati. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4014
3 1743Loading...
16
Barattoonni Itoophiyaa dorgommii teeknoolojii Ameerikaa moo'atanWiirtuu Roobootiksii fi Teeknolooji Abuugidaa jedhamu jalatti barattoonni leenji'aa turan torbee muraasaan dura dorgommii roobootiksii ''roboo-feest'' idil-addunyaa Ameerikaatti adeemsifameen damee sadiin injifataniiru. Kan jalqabaan barattoota waggaa 10 gadi dorgommii Rooboo Paared jedhamuun kana mo'ataniiru. Akkasumas, gareen lammaffaa barattoota sadarkaa gidduugaleessaa kutaa 7-8 jiraniidha. Kana malees, barattoota kutaa 9-10 jiranis hirmaataniiru. Damee kanaan barattoonni jaakkeetti qaama namaarraa tempireechara fudhachuun hamma ho'aa nama sanaaf barbaachisutti kan sirreessuu hojjetaniiru. Dorgommii bulchiinsa Michigaan Yunivarsiitii Teeknolojii Laawuransitti adeemsifameen baratotota Itoophiyaa bakka bu'uun barattoonni 23 hirmaataniiru. AS https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c5110r75z75o
3 3211Loading...
17
Lammiileen #Itoophiyaa 1,174 Saa'udi Arabiyaa irraa gara biyyaa deebi'an Lammiileen Itoophiyaa Saa'udi Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kuma 1 fi 174 kaleessa balalii marsaa sadiin gara biyyaa deebi'aniiru. Ebla 2024 eegalee hanga ammaatti lammiileen kumni 32 fi 800 gara biyyaa deebi'uu Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiseera. Ministeerri Dhimma Alaa hojii lammiilee Itoophiyaa 70,000 Saa’udi Arabiyaatti hidhamanii argaman gara biyyaatti deebisuuf jalqabeen hanga ammaatti dhibbeentaa 46 ol deebisuu danda’eera.
3 5751Loading...
18
Oduu: Komishiniin Marii Biyyaalessaa komii 'hammattummaa fi walabummaa dhabuu' irratti ka'uus marii ajandaa walitti qabuu eegale Komishiniin Marii Biyyaalessaa #Itoophiyaa hammatummaa fi walabummaa dhabuu, akkasumas adeemsa filannoo hirmaattota irratti qeeqa jabaa irratti dhiyaatuus marii ajandaa walitti qabuu #Finfinneetti eegaluu beeksiseera. Miidiyaaleen mootummaa akka gabaasanitti, Komishinarri Olaanaa Komishichaa Piroofeesar Masfin Ar'ayaan haasawaa taasisaniin, "marii tasgabbaa'aa ta'een waliigaltee irra ga'uun furmaata biyyaalessaa filannoo biraa hin qabnedha" jechuun ibsaniiru. Walgahiin ajandaa walitti qabuu kun konfiraansii marii biyyaalessaa dhufuuf qabxiilee marii adda baasuuf kan akeeke ta'uu ibsaniiru. Haata'u malee, komishinichi paartilee ijoorraa mormiin isa mudateera. Kokasiin Paartilee Mormitootaa ibsa torbe darbe baaseen, komishinichi marii “hunda hammatu” mijeessuuf kaayyoo qabate galmaan gahuu dhiisee “kaayyoo siyaasaa paartii biyya bulchu raawwachiisaa jira” jechuun himate ture. AS
3 9630Loading...
19
Damissee Kabbadaa Sardaa Booraa: Nagaatti, Obboloo Qaalii Damissee Kabbadaa Sardaa Booraa, warri aantii irra aanfatanii mararsiifatan Damee jedhanii maqaa masootiin waamu, guutummaa jireenya isaa, qabsoo bilisummaa #Oromoo fi kan haqa uummata cunqurfamaa hundaa irratti eega dabarsee booda, Bitootessa 3, 2023, dhalatee waggaa 78tti, Torontoo, Kaanaadaatti jiruu lafa tanaa irraa boqote. Barreeffama yaadannoo kana keessatti, Piroofesar Kuwee Kumsaan qabsoo fi jireenya baqaa dabalatee seenaa jireenya Damee bal'inaan kaasteetti. Dameen maqaa akaakaa isaa filatee Sardaa Booraa jedhee maqaa qabsootti of moggaase. "Maqaan ayyaana hinta’u" jedha mammaaksi Oromoo. Jiruu fi jireenyi Damee garuu jecha kana faallessee maqaan inni filatee itti of moggaase ayyaana ta’eef. Dameen maqaa qofa utuu hinta’in ayyaana akaakaa isaas dhaaleera. Waan Sardaa Booraa ayyaanasaa gammachuudhaan itti uwwisee, Dameen ammoo miidhagsee uffatee bareechee itti jiraate fakkaata. Seenaan isaa seenaa uummata isaa wajjin akka gargar hin hiikamnetti walitti fo’amaa dha. Jiruu waloo uummata isaa irraa waan kalaqameef, hireen isaanii hiree isaati qabsoon isaaniis qabsoo isaati. Dameen waan hojjetu hunda keessatti, kalaqa qabsoo uummata isaa calaqqisaa jiraate. Kabajaa fedhii Dameetiif jecha, seenaa waloo kana akka haasawa seenaa kutaa sadii qabuutti dhyeeffame. Isaanis: Hidda Dhaloota Qabsoo, Tuujii Obomboleettii, fi Biliqii Maayyii fi Fufiinsa Roorroo ti. Tartiibni kun tartiiba isa faaruun Maal Jedhanii gadadoo seenaa roorroo itti seenesse hordofa. Kanaanis, Alii Birraa isa sagaleesaa kiilolee sanaan bareechee wallisee mararfachuu, akkasumas warra walaloo faaruu sanaa barreessuu irratti gumaachanii maqaan ifa hinbahin hunda leellisuun fedha. Maal Jedhaniin, seenaa gadadoo saamamuu, buqqifamuu, fi ariyatamuu ol fuudhee iyyata. Hidda dhaloota qabsoo, akkasumas gadadoo jireenya qabsaawaa tokkoo dhalootaa hamma du’aatti faarfata. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/damissee-kabbadaa-sardaa-booraa-nagaatti-obboloo-qaalii/
3 6912Loading...
20
Oduu: Paatriyaarkiin Itoophiyaa manni amantaa #Ortodooksii #Itoophiyaa “rakkoo ulfaataa” keessa darbaa jirti jedhan Manni amantaa Ortodooksii Tawaahidoo itoophiyaa rakkoo ulfaataa keessa darbaa jiraachuu paatriyaarkiin mana amanitittii Abuna Maatiyaas dubbataniiru. Manni amantittii rakkoo keessoofi alaa ishee qunnameen raafamaa jiraachuun walqabatee ergama galmaan gahuuf rakkachuu paatriyaarkiin kuni guyaa har’aa dubbataniiru. Jaalalli aangoofi horii mana amantitii keessatti dabalaa dhufuun gargar bahuufi wal ceephuun daran hammaachaa dhufuu paatriyaarkichi himaniiru. “Akkaataa dambii Prtodooksiifi seera ittiin bulmaata mana amantichaatii ala ta’een ofiin of muuduun aadaa ta’aa dhufeera,” jechuun tokkummaan mana amantitii gaaffii keessa galuu eeraniiru. Rakkoo waliigalteen biyyaalessaa dhabamuutiin walqabatee manneen amantaafi amantoonni achi keessatti argaman miidhamaa jirus jedhan. Rakkoo jiru “mariidhaafi ogummaadhaan” hiikuun barbaachisaa ta’uu paatriyaarkichi kaasaniiru. AS
3 4523Loading...
21
Oduu: UN haalli baqattoota #Sudaan naannoo #Amaaraa keessatti argaman akka isa yaaddeesse ibse Komishiniin Dhimma Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (#UNHCR) ibsa baaseen, haalli baqattoota Sudaan Naannoo Amaaraa keessatti wiirtuu baqattoota “Awlallaa" gadhiisanii bahuun daandii gubbaa jiraachuu eegalan akka isa yaaddeessu ibseera. Baqattoonni Sudaan kuma tokko naannoo Amaaraa keessatti qubatanii turan sababa haleellaa irra deddeebiin isaan mudatuun kaampii keessa turan gadhiisanii erga bahan torban sadi guutuu kan ibse komishinichi, yeroo ammaa rakkoo keessa akka jiran eereera. Komishinichi baqattoota kana deeggaruuf yaalii gochaa jiraachuu eeruun, haalli nageenyaa naannichaa garuu yaaddeessaa ta’uu ibseera. Naannawaa kaampii baqattoota Awlallaatti Jimaata darbe haleellaa konkolaataa hojjettoota dhaabbata gargaarsaa tokko fe’e deemaa jiru irratti raawwatameen namni tokko ajjeefamuu ibseera.
3 5712Loading...
22
Oduu: Naannoolee Oromiyaafi Amaaraatti sarbiinsa mirga namoomaa yaaddeessaa ta’uu KMNI ibse Walitti bu’iinsa humnoota mootummaafi hidhattoota gidduutti iddoo garaagaraatti mudachaa jiruun walqabatee sarbiinsi mirga namoomaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti raawwatamaa jiru haalaa yaadessaa keessa jiraachuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaaseera. KMNI ibsa baaseen, naannichatti waraana humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamu hordofuun miidhaan sarbiinsa mirga namoomaa lammiilee nagaarra gahaa jiraachuu ibseera. Miidhaan qaamaa, ajjeechaa, saamicha, buttaa, buqqaatiin mudachaa jiraachuu eeruuun mootummaan federaalaa “tarkaanfii hatattamaa” akka fudhatu gaafateera. Qabsoon hidhannoo naannoo Oromiyaatti yeroo dheeraaf gaggeeffamaa jiru hordofuun sarbiinsi mirga namoomaa hammaachaa dhufuun sadarkaa yaaddeessaarra gahuu ibsichi eereera. Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4000
3 3502Loading...
23
#Bishooftuutti ‘misoomni koridoorii’ birrii biiliyoona sadii ol gaggeeffamaa jira Magaalaa Bishooftuutti baajata ka’umsaa birrii biiliyoona 3 oliin ‘misooma koridarii’ hojjetamaa jiruun jiraattota lafa isaanirraa kaafman 300f lafa jijjiirraa kennamuu bulchiinsi magaalichaa beeksise. Kantiibaa Itti-aanaa Magaalaa Bishooftuu Obbo Gazaahanyi Dajanee DhPI’f akka himanitti, magaalattii keessatti ‘misooma koridarii’ kiiloo meetira 19.8 uwwisu gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, waliigalaan KM 96 ol kan uwwisu ta’a. Akkasumas, daandiiwwan gurguddoo 80.2 KM uwwisan torba irratti hojii dizaayinii hojjetamaa jiraachuu himan. Misooma koridarri kun daandii biskileetii, bakka magariisaa hektaara 30 uwwisu fi daandii namootaa of keessatti kan qabate ta’uu kan eeran Obbo Gazaahany, daandii konkolaataa bal’isu dabalatee hojii kana guutummaan guutuutti xumuruuf waggaa lama ol fudhachuu akka danda’u ibsaniiru. Kana malees, magaalattii hawwata turizimii ijoo taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
3 3682Loading...
24
#Keeniyaan dhorkaa #Jimaa irratti kaahame kaaste Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo dhorkaa falmisiisaa fayyadama jimaa ykn kan afaan biyyattiin muguka jedhamurratti kaahamee ture shaaran. Biyyattiin jimaa ykn 'miiraa' irratti dhorkaa kan keesse baalli sammuu mirqaansu kun rakkoon fayyaa sammuu akka babal'atu, amalli hawaasaa badaan akka hammaatuufi yaakki akka babal'atu sababa ta'eera jedhameeti. Bulchitootni kaawuntiiwwan biyyattii sadii gara qarqara galanaa jiran jimaan akka hin gurguramne fi namnis akka hin qamaane torbee darbe dhorkanii turan. Dhorkaan kun ammoo naannolee jimaa oomishan biratti dheekkamsa kaaseera. Pireezidan Ruutoo ibsa Wiixata baasaniin omishni jimaa seera qabeessadha, gurgurtaanisaas dhorkamuu hin qabu jedhan. ''Muguukaa(jimaa) seera biyyaalessaan hayyama argatee jira, seerriifi ajajni kamuu seera biyyaalessaa kanaan faallaa ta'e fudhatama kan hin qabneefi kufaadha'' jedhan. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cevvkwl7pj5o
3 7164Loading...
25
Gaaffiin mirga wabii Luba Balaay Makonniin fa'a dhiyeessan kufaa ta’e Lakkoofsa Herreega Baankii Gamtaa Afrikaa irraa sanada sobaan Doolaaraa miiliyoona 6 fi kuma 50 waliin dhahuun kan himataman Luba Balaay Makonniin fa'a gaaffii mirga wabii dhiyeessan kufaa ta’eera. Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddachi Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa Lidataa Ramaddii 3ffaan beellama kaleessaan gaaffii mirga wabii dhiyaate ilaalchisee falmii turerratti yaada murtoo kenneera. Haaluma kanaan hanga beellama itti aanu Caamsaa 29, 2016tti himatamtoonni bakkuma jiran akka turan ajajeera. Kana malees, himatamtootaa 4ffaa fi 5ffaa hanga ammaatti to’annoo jala hin oolle Poolisiin hordoffii malu taasisuun akka dhiyeessu ajajeera.
4 2542Loading...
26
#Booying waajjira muummee Afrikaa #Finfinneetti banuufi Dhaabbanni Oomisha Xiyyaaraa Booying waajjirasaa muummee #Afrikaa Finfinneetti banuuf ta'uu beeksise. Itoophiyaan yaa'ii aviiyeeshinii Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargitti Caamsaa 21 - 23, 2024tti irratti hirmaateetti. Yaa'ichaan dhaabbatichi waajjira isaa bara dhufu Finfinneetti kan banu ta'uu ibseera. Murtoon kunis dhaabbatichi waajjira muummee isaa Afrikaa Kibbaa yookiin Keeniyaatti akka banu tilmaama garagaraa kennamaa turan kan hambise fi filannoon dhaabbatichaa Itoophiyaa ta'uu kan mirkaneessedha. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaara akka Afrikaatti moodeela jalqabaa ta'e Booying 777-9, 8 bituuf waliigalteerra ga'uun kan yaadatamuudha. FBC
4 1042Loading...
27
Abbaan Taayitichi daandiiwwan qilleensaa dhuunfaa tajaajila imaltootaa fi fe’umsaa akka laatan eeyyame Abbaan Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii Itoophiyaa dhaabbilee geejjiba qilleensaa dhuunfaa [kan biyya keessaa] tajaajila balalii imaltootaa fi fe’umsaa (kaargoo) idilee akka kennan hayyama kennuu beeksise. Abbaan taayitichi ibsa Jimaata darbe baaseen hayyamni kun dhaabbilee kanaan dura tajaajila balalii chaartara qofa kennaa turan tajaajila isaanii babal’isuun balalii imaltootaa fi fe’umsaa akka eegalan taasisa. Tarkaanfiin kunis guddina damee aviyeeshinii biyyattii guddisuu, invastimantii dhuunfaa dabaluudhaan tajaajila amanamaa ta’e mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uu abbaan taayitichi eereera. Kana malees, bakkeewwan hawwata turistii ta’an akka daawwataman haala mijeessuun guddina turizimii biyyattii irratti akka gumaachu ibsameera. AS
4 4812Loading...
28

29
Oduu: Waliigalteen #Itoophiyaafi #Somaaliilaand gidduutti raawwatamu haleella garee Huutii ni dhaaba jedhan Waliigalteen handaara galaanaa Itoophiyafi Somaaliilaand gidduutti gaggeeffamu haleellaa Galaana Diimaarratti gareen finciltoota Huutii gaggeessaa jiran ni dhaaba jechuun abdii kennaniiru. Itoophiyaafi Somaaliilaand waliigaltee handaara galaanaa jalqaba Amajjii keessaa mallatteessuun ni yaadatama. Haa ta’u malee, gochaan kuni mootummaa Somaaliyaa naasiseera. Waliigalteen kuni “tokkummaa Somaaliyaa danqa “ jechuun pireezidaantiin Somaaliyaa dheekkamee ture. Waligalteen kuni tattaaffii addunyaan nageenya geejjiba Galoo Galaana Edaniifi Galaana Dimaarraa tasgabeessuuf taasisuuf bu’aa akka qabu Pireezidaantiin Somaaliilaand Muse Bihiii Abdii Faaynaanshiyaala Taaymisitti himaniiru. Itoophiyaan Somaaliilaandiif beekamtii kan kennitu yoo ta’e humna waraana bishaanirraafi dooniiwwan daldalaa mataashee kan ijaarrattu yoo ta’u Bihii Abdii dubbataniiru. AS
4 0412Loading...
30
Komishinichi boqonnaa marii #Finfinneetti eegaluuf ta'uu ibse Magaalaa Finfinneetti boqonnaan ajandaa marii biyyaalessaa walitti qabuu guyyaa Roobii Caamsaa 21, 2016 ALI irraa eegalee akka adeemsifamu, akkasumas bakka bu’oonni 2500 ol kan irratti hirmaatan ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise. Komishinara Itti-aanuu Komishinichaa Hirut G/Sillaasee ibsa har’a laataniin, akka magaalaaa Finfinneetti marii biyyaalessaaf boqonnaan ajandaa walitti qabu Caamsaa 21 - 27 guyyoota torbaaf itti fufiinsaan kan adeemsifamu ta'uu ibsaniiru. Ajandaa walitti qabuu kanarrattis wantooni gurguddoon sadi kan raawwataman ta'uu Komishinar Hirut eeraniiru. Isaanis hirmaattooni saganticha irratti argaman yaaadota marii fi irra dubbiif ta'an ni dhiyeessuu, ajandaawwan walitti qabaman kan waloo taasisuun ni gurmeessuu, xumurarrattis qaamoleen yaa'ii marii biyyaalessaa irratti hirmaatan kan filataman ta'uu eeraniiru.
3 6901Loading...
31
Oduu: Barattoonni Itoophiyaa dorgommii teeknolojii marsaa xumuraa moo’atan Barattoonni Itoophiyaa dorgommii teeknoolojii Chaayinaan qopheessirratti hirmaachaa turan dorgommii marsaa xumuraa moo’atan. Dorgommii magaala Chaayinaa Sheenzeeniitti gaggeeffame kanaratti barattoonni itoophiyaa sadii hirmaatanii ture badhaasa sadaffaa gareewwan Maaleezhiyaa, Meeksikoofi Keeniyaa waliin qabxii qixa argataniiru. Dorgommiin idiladdunyaa kuni kuni Caamsaa 14 hanga 18, 2016 ALI barattoota gidduutti gaggeeffameera. Barattoonni Yuunivarsitii Arbaaminciifi Finfionneedhaa filaman dorgommii kanarratti hirmaataniiru. Barattoonni kunneen dorgommicha moo’achuun gabaafameera. AS
4 1714Loading...
32
Mootummaan #Itoophiyaa humna elektirikii biyyoota alaaf dhiyeesse irraa galii Doolaara miiliyoona 78.5 ol argate Bara 2016 ALI baatilee sagal keessatti humna elektirikii biyyoota alaaf dhiyaate irraa galii dolaara miiliyoona 78 ol, akkasumas gurgurtaa humna elektirikii biyya keessaa irraa birrii biiliyoona 14.8 ol argamuu Humna Elektirikii Itoophiyaa beeksise. Hojiiwwan daddabarsa fi raabsaa humnaa irratti suuphaan gaggeeffamuus sababa rakkoolee nageenyaa naannolee garagaraatti mudatanin karoorri qabame guutummaatti milkaa’uu dhiisuu dhaabbatichi ibseera. Dhaabbatichi baatilee sagal keessatti humna GW kuma 15 ol maddisiisuu ibsuun, beenyaa inshuraansii qabeenya kuufame irraa birrii miiliyoona 113 ol argachuufi kaffaltii inshuraansii hin barbaachifne, boba’aa, konkolaataa fi suuphaa maashinoota irraa baasii birrii miiliyoona 112 ol akka hambise ibseera.
3 8751Loading...
33
Oduu: Ambaasaaddar Silashii Baqqalaa (PhD) gaaffii aangoo gadhiisuuf dhiyeessan fudhatamummaa argachuu ibsame Itoophiyaa bakka bu’uun mariiwwan dhimma Hidha Haaromsaa irratti hirmaachuun maqaan isaanii adda durummaan kan ka’u #Ameerikaatti Ambaasaaddarri #Itoophiyaa Silashii Baqqalaa (PhD) itti gaafatamummaa mootummaa irratti muudaman irraa gadhiisuuf iyyannoo galchan fudhatamummaa argachuu ibsame. Ministirri Qabeenya Bishaanii duraanii Injinar Salashii Baqqalaa aangoo ambaasaaddarummaa irraa qofa osoo hin taane, guutummaa guutuutti caasaa mootummaa irraa gadhiisuun dhuunfaatti qacaramanii ogummaa isaanin tajaajiluuf karoorfachuu Rippoortar maddeen wabeeffachuun gabaaseera. Kanaan dura UN'tti ogummaa injinarummaa bishaaniin hojjechaa kan turan yoo ta’u, ammas UN ykn dhaabbilee idil addunyaa birootti ogummaa kanaan tajaajiluuf akka yaadan gabaafameera. Mootummaan bakka isaanii yeroo ammaa Saa’udi Arabiyaatti ambaasaaddara Itoophiyaa ta’uun tajaajilaa kan jiran Leencoo Baatii muuduuf qophaa’uu ibsameera.
4 4162Loading...
34
Oduu: Humnoonni #Tigraay naannawaa #Allaamaaxaa irraa gadhiisanii bahuu ibsame Humnoonni Tigraay naannawaa magaalaa Allaamaaxaatti qe'eewwan "Garjaalee" fo "Baqiloo Maanaqiyaa" jedhaman irraa gadhiisanii bahuu Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa beeksisan. Humnoonni Tigraay naannawaa kanneen irraa gadhiisanii akka bahan kan godhame waliigaltee mootummaa federaalaa fi naannoo Amaaraa waliin irra gahame kabajuuf ta'uu Obbo Geetaachoon eeraniiru. Dabalataan dhalattoota Tigraay naannawaa kanarraa buqqa'anii turan gara qe'ee isaanitti deebisuuf haala mijeessuuf ta'uu ibsaniiru. Hojiin buqqaatota kanneen gara qe'ee isaanitti deebisuu adeemsarra jiraachuus eeraniiru.
5 3710Loading...
35
Baayidan Keeniyaadhaan ‘michuu jabduu miseensa #NATO hin taane’ jedhan Pireezidaantiin #Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo daawwannaa Ameerikaatti yeroo gaggeessaa jiranitti simannaa Waa yit Haawusitti isaanif godhame booda Pireezidantiin #Ameerikaa Joo Baayidan haasaa taasisaniin, Keeniyaadhaan “michuu jabduu Ameerikaa miseensa NATO hin taane” jechuun labsan. Baayidan maqaa kana raggaasuuf Kongiresii Ameerikaa waliin akka hojjetan kan ibsan yoo ta’u, Kongireesiin biyyattii yoo raggaase Keeniyaan biyya hiree akkasii argatte 19ffaa taati. Keeniyaan maqaa kana yeroo argattu biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadi argaman keessaa isa jalqabaa taati. Pireezidant Wiiliyaam Ruutoon waggoota 16 booda duree biyya Afrikaa waamicha kabaja olaanaaf gara Waayit Haawas imalan kan jalqabaati. Mootummaan Keeniyaa ibsa baaseen ''Affeerraan Pireezidant Baayidan Ruutoof dhiyeessanii fi daawwannaan isaanii kun hariiroo biyyoota lameenii cimsuun caalatti Keeniyaan naannawaa Baha Afrikaatti michuu amanamtuu US ta'uushee agarsiisa,'' jedha. AS
6 2310Loading...
36
Lammiileen #Itoophiyaa 27,000 ol #Saawud_Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebi’an Ebla 2024 irraa eegalee lammiileen Itoophiyaa 27,000 ol Saa’udi Arabiyaa keessatti hidhamanii turan gara biyyaatti deebi’uu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksise. Ministeerichi hojii lammiilee Itoophiyaa 70,000 Saa’udi Arabiyaatti hidhamanii argaman gara biyyaatti deebisuuf jalqabeen hanga ammaatti dhibbeentaa 35 deebisuu beeksiseera. Adeemsa marsaa sadaffaa kanaan torbanitti si’a 12 balalii taasisuun lammiilee kanneen deebisaa jiraachuu ibse. Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Nabiyyuu Tadlaa akka ibsanitti, koreen biyyoolessaa adeemsa gara biyyaatti deebisuu to’atu hojii ji’oota afuri booda godaantota kuma 70 deebisuuf karoorfame keessaa dhibbeentaa 35 raawwateera.
4 6000Loading...
37
Oduu: Komishiniin Marii Biyyaaleessaa hunda hammattummaa mirkaneessuu dhiisee loogummaa siyaasaa agarsiiseera: Paartilee Mormitootaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo (#KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo(#ABO) dabalatee paartilee mormitootaa gurguddoo 11 of keessatti kan hammate Kokasiin Paartilee Mormitootaa, Komishiniin Marii Biyyaalessaa marii “hunda hammataa ta’e” mijeessuuf kaayyoo qabate galmaan gahuu dhiisee “kaayyoo siyaasaa paartii biyya bulchu raawwachiisaa jira” jechuun himate. Kokasichi ibsa Addis Standarditti ergeen, komishinichi kaayyoo “uummata Itoophiyaa gidduu haqa, tokkummaa biyyaalessaa, wal-hubannoo, fi araara” mirkaneessuuf kan ijaarame ta’uus, ulaagaalee aangoo fi dirqama isaa keessatti ibsaman kan hin guunne ta’uu ibseera. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=3996
4 5702Loading...
Komishiniin Marii Biyyaalessaa hirmaachisummaa fi walabummaa isaa, akkasumas adeemsa filannoo hirmaattota marii biyyaalessaa ilaalchisee qeeqa jabaa irratti ka’aa jiruus boqonnaa marii ajandaa walitti qabuu jalqabaa Finfinneetti gaggeessaa jira. Komishinichi, walgahiin ajandaa walitti qabuu kun konfiraansii marii biyyaalessaa waliigalaa dhufuuf qabxiilee marii adda baasuuf kan akeeke ta'uu beeksiseera. Haata’u malee, Adda Bilisummaa Oromoo (#ABO), Kongiresii Federaalawaa Oromoo (#KFO) dabalatee dhaabbileen siyaasaa ijoo biyyattii adeemsa hundeeffama komishinichaa fi hirmaachisummaa marii kanaa "haqa qabeessa miti" jechuun adeemsa marii kanarratti hirmaachurraa of qusataniiru. Dhimma kana ilaalchisee miseensa koree hojii raawwachiiftuu KFO kan ta’an Sulxaan Qaasim baatii tokkoon dura turtii Addis Standard waliin taasisaniin, paartiin isaanii sababoota garagaraan bu’aa qabeessummaa marii kanarratti akka hin amanne himan. Obbo Sulxaan, "mariin biyyaalessaa mootummaan itti fiigaa jiru kuni furmaata hin fidu," jedhan. Af-gaaffii waliin goone daawwadhaa👇 https://www.youtube.com/watch?v=lvtMOMPtvFU
Hammasini ko'rsatish...
Mariin Biyyaalessaa Mootummaan ittiin fiigaa jiru kuni furmaata hin fidu

Mariin Biyyaalessaa Mootummaan ittiin fiigaa jiru kuni furmaata hin fidu-Sulxaan Qaasim, Miseensa koree hojii raawwachiiftuu KFO Marii Biyyaalessaa Ilaalchisuun Miseensa Korea Hojii raawwachiiftuu KFO wajjin taasifame, hordofaa.

Photo unavailableShow in Telegram
Oduu: #Itoophiyaatti namoonni miiliyoona 3 ol buqqa'aniiru, walakkaa ol sababa walitti bu'iinsaan mudate: #IOM Itoophiyaa keessatti hanga dhuma bara 2023tti namoonni miiliyoona 3 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’uu Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa (IOM) gabaasa dhimma buqqa’iinsa biyyoolessaa irratti xiyyeeffatee baasurratti ibseera. Gabaasni kun akka agarsiisutti, kanneen buqqa’an keessaa harki caalaan – dhibbeentaan 69 – kallattiidhaan waldhabdee waliin kan walqabatu yoo ta’u, kanneen dhibbeentaa 17 ta’an sababa hongeedhaan, dhibbeentaa 9 taateewwan faalama qilleensaa kanneen akka lolaa, sigiga lafaa fi ibiddaan buqqa’an. Naannoon #Tigraay buqqaatota biyya keessaa (IDP) baay’inaan kan keessummeessuun sadarkaa jalqabaarra kan argamu yoo ta’u, kunis adda durummaan sababa waraanaatiin kan mudate ta’uu ibsameera. Gama biraatin, Naannoon #Somaalee namoota sababa hongeen buqqa’an hedduu akka keessummeessu ibsameera.
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
#Boosatitti dhibee koleeraan lubbuun namootaa darbe Tamsa’ina dhibee koleera godina #Shawaa_Bahaa aanaa Boosat keessatti mudateen lubbuun namoota sadii yammuu darbu, namoota 200 ol irratti argamuusaa BBCn gabaaseera. Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Boosat Obbo Mokonnin Asaffaa dhibichi ALI Caamsaa 14, 2016 aanicha keessatti mul’achuu eeruun, namoota 240 irratti argamuusaafii isaan keessaa 179 fayyanii manatti deebi’uu himaniiru. Adaadaan isaanii dhibee koleeraan qabamanii yeroo ammaatti buufata fayyaa magaalaa #Boolee keessatti yaalamaa akka jiran kan himan jiraataan tokko, hanga ammaa daa’imman afur dhibichaan lubbuun darbuu dubbatan. “Olluma kiyyaayyuu ijoolleen afur lubbuun dabartee jirti. Daa’imman kun waggaa tokko hanga kudhanii gidduu kan jiranidha” jedhan. Haata’u malee, Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanaa Boosat Obbo Mokonnin daa’ima tokko kan umriin wagga saddeet ta’en ala kan lubbuun darbe umuriin wagga 15 fi 23 akka ta’an eeran. https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c4nnry62k67o
Hammasini ko'rsatish...
Photo unavailableShow in Telegram
‘Loltoonni #Itoophiyaa dhuma bara 2024tti #Somaaliyaa gadhiisanii bahu’ Somaaliyaan loltoonni Itoophiyaa hundi haga dhuma baatii Muddee 2024tti Somaaliyaa gadhiisanii akka bahan akka eegdu gaazexeessaan VOA Haarun Maaruf Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Pirezedaantii Somaaliyaa kan ta’an Huseen Sheek Alii wabeeffachuun gabaaseera. Akka gorsaan pireezidaanticha jedhanitti, “Somaaliyaatti Ergamni Ce’umsa Gamtaa Afrikaa ergama Somaaliyaa keessa qabu baatii Muddeetti erga xumuree booda loltoonni Itoophiyaa qaama humnoota Gamtaa Afrikaa durfamuun Somaaliyaatti bobbahan hin ta’an. ” Somaaliyaatti Ergamni Ce’umsa Gamtaa Afrikaa hojiisaa baatii Muddee keessa erga xumureen booda humnoonni biyyoota afur - #Jibuutii, #Keeniyaa, #Ugaandaa fi #Burundii irraa dhufan erga akka fudhatan ibsameera. Amajjii bara 2024 Itoophiyaa fi #Somaalilaand waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa erga mallatteessaniin booda hariiroon dippilomaasii Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu jiru boora’eera. AS
Hammasini ko'rsatish...
Oduu: Wixineen labsii gareewwan siyaasaa kanaan dura sochii nagayaa ala turan seera qabeessa taasisu paarlaamaaf qajeelfame Manni Maree Ministirootaa walgahii idilee 32ffaa har’a gaggeesseen wixinee labsii paartilee kanaan dura bu’uura sochii siyaasaa seera qabeessaa fi nagayaa ala turan irra deebiin beekamtii seera qabeessummaa akka argatan taasisu dabalatee dhimmoota afur irratti mari’atee sagalee guutuun gara mana maree bakka bu’oota ummataatti dabarseera. Manni marichi jalqabaarratti kan mari’ate wixinnee labsii Filannoo, Galmee Paartiilee Siyaasaa fi Namuusa Filannoo Itoophiyaa fooyya’uuf dhiyaate irrati yoo ta’u, labsiin kun Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (#ABUT) beekamtii seera qabeessummaa irraa muluqame akka deebisee akka argatu ni taasisa. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4028
Hammasini ko'rsatish...
Wixineen labsii gareewwan siyaasaa kanaan dura sochii nagayaa ala turan seera qabeessa taasisu paarlaamaaf qajeelfame - Addis Standard

 Finfinnee, Caamsaa 31/2024 – Manni Maree Ministirootaa walgahii idilee 32ffaa har’a Caamsaa 31 gaggeesseen wixinee labsii paartilee kanaan dura bu’uura sochii siyaasaa seera qabeessaa fi nagayaa ala turan irra deebiin beekamtii seera qabeessummaa akka argatan taasisu dabalatee dhimmoota afur irratti mari’atee sagalee guutuun gara mana maree bakka bu’oota ummataatti dabarseera.  Manni marichi jalqabaarratti kan mari’ate …

Photo unavailableShow in Telegram
Oduuu: Abuna Luqaasirratti hidhaan waggaa jahaa murtaa’e Abuna #Luqaas yakka hokkora kakaasuutiin yakkamuun hidhaan cimaa waggaa jahaa irratti murtaa’e. Murtee kana kan dabarse mana murtii olaanaa federaalaa dhaddacha lidataati. Haa ta’u malee, Abuna Luqaas jiraataa biyya ormaa waan ta’aniif too’annoo poolisii jalan waan hin galfaminiif murteen kuni bakka inni hin jirretti dabarfame. Ministeeri haqaa seera keeyyata 247©fi keeyyata 258 (A) cabsaniiru jechuun Abuna luqaas irratti himatoota lama banuun ni yaadatama. Abuna Luqaas miseensa Mana Lubummaa Olaanaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaafi Paaphaasii olaanaa lallaba Baha Awustraaliyaati. Lubi kuni sirna kabaja ayyaana amantaa Ortodooksii Mudde 19, 2016 ALI Ameerikaa bulchiinsa Teeksaasitti gaggeeffameerratti muummichi ministeera Itoophiyaarratti ergaa hokkora kakaasu dabarsaniiru. Lubi kuni hidhaa cimaa waggaa jahaatiin akka adabamu murteesseera. AS
Hammasini ko'rsatish...
Oduu: #Gamtaan_Awurooppaa “falmattoota mirga namoomaa mana hidhaa jiran” dabalatee qaamolee saddeetiif badhaasa kenne Gamtaan Awurooppaa kaleessa Caamsaa 30, 2024 Finfinneetti falmattoota mirga namoomaa manneen hidhaa biyyattii garagaraa keessatti argaman dabalatee dhaabbata fi namoota dhuunfaa saddeetiif Badhaasa Mirga Namoomaa Shuman (EU Schuman Human Rights Award) kenne. Gamtichi namoota dhuunfaa jaha biyyattii keessatti mirgoonni namoomaa akka kabajamaniif dhiibbaa gochuu fi warreen sagalee hin qabneef sagalee ta’uurratti hojii fakkeenyummaa qabu hojjetan jedhe kan badhaase yoo ta’u, isaan keessaas Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (#KMNI) Daani’eel Baqqalaa (PhD) ni argamu. https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4025
Hammasini ko'rsatish...
Gamtaan Awurooppaa “falmattoota mirga namoomaa mana hidhaa jiran” dabalatee qaamolee saddeetiif badhaasa kenne - Addis Standard

Finfinnee, Caamsaa 31/2024 – Gamtaan Awurooppaa kaleessa Caamsaa 30, 2024 Finfinneetti falmattoota mirga namoomaa manneen hidhaa biyyattii garagaraa keessatti argaman dabalatee dhaabbata fi namoota dhuunfaa saddeetiif Badhaasa Mirga Namoomaa Shuman (EU Schuman Human Rights Award) kenne.  Sagantaa badhaasa fi beekamtii kennuu mooraa waajjira Gamtaa Awurooppaa Finfinneetti argamu keessa gaggeeffame kana irratti Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa …