Password Cabsuun Maal Jechuudha ?
Password Cabsuu jechi jedhu jecha walii galaatti
Himni kun weebsaayitoota,faayiliwwan fi meeshaale
elektroniksii password dhaan cufaman hundaaf
akka garagaraatti hiikkama.
Password akkaawuntii Facebook cabsuu, email
gmail cabsuu, akkaawuntii weebsaayiti tokko irra
jiru cabsuu, password iphone cabsuu, password
mobila android Cabsuu. …fi kkf
Password cabsuu jechuun maal jechuudha ?
Fakkeenyaaf mobilli samsung teessan password isii
le
daraar371 ka jedhudha haa jennu.
Namni password mobila teessani hin beekne, garuu
mobila teessan password isin fayyadamtan saniin
banuu barbaade dirqama password mobila
samsung teessan san cabsee password keessa isa
daraar371 jedhu san beekee booda mobila teessaniti
password daraar371 jedhu itti guute banachu qaba,
Dubbiin ijoon mobila teessa banu jechuu osoo hin
taane password keessan isa daraar371 jedhu irra
gahuudha.
Password keessan isa daraar371 jedhu san mobila
teessan keessa argachuuf software adda addaatti
fayyadamee password keessan mobila keessaa
argata.
Malli software fayyadamanii mobila teessan
keessaa password daraar371 jedhu san argachuu
sun “password cabsuu” jedhama.
Akkuma kana kan Akkaawuntii Facebook
keessaniis, duraan dursee akkaawuntiin keessan
eessa jira ?, deebiin akkaawuntiin keessan
kompiiteroota guguddaa ‘Server’ jedhaman kan
biyya ameerikaatti argamu keessa jira.
Kanaafu password akkaawuntii Facebook keessan
cabsuuf kompiiteroota guguddaa server jedhaman
kanniin irratti software adda addaa fayyadamnee
YAALII password akkaawuntii Facebook keessani
cabsuu gochuu jechuudha.
GAAFII – Yaaliin kun, Kan PASSWORD
AKKAAWUNTII FACEBOOK CABSUU jedhamu
milkaahuun password akkaawuntii Facebook
cabsuun ni danda’amaa.
HUBACHIISA – faayilii,email,akkaawuntii Facebook
namaa karaa hedduun seenuun ni danda’ama.
– faayilii banuu,email, fi Akkaawuntii tokko bananii
seenuu jechuun dirqama Password akkaawuntii
sanii cabsanii seenuu jechuu miti, password karaa
hedduun hatuun ni danda’ama,kunis password
hatuu jedhama malee password cabsuu hin
jedhamu.
GAAFII – PASSWORD AKKAAWUNTII FACEBOOK
CABSUUN NI DANDA’AMAA ?.
*MOBILLI IPHONE MALA EEGGUMSAA ADDAA
QABDI INNIS SA’A 1 KEESSATTI YEROO
MURTAAHA QOFA PASSWORD ITTI GALCHUUN
AKKA YAALTAN GOOTI, YEROO MURTAAHE BIRA
TARRAAN ISIN IRRATTI CUUFAMTI.
👉
@oromotechnology