cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

ሀላል ኒካህ❣️

❥❥ ........ዉበት ትዳር አይሆንም...... ..........ትዳር ግን ዉበት ነው:: ..............ተዘወጅ በነቢዬ ሱና《ﷺ》 ❥❥ .......የሙስሊም ውብ ......... የትዳር ህይወት ❥❥ https://t.me/Halal_Nika ♡️ ♡️♡️ https://t.me/joinchat/AAAAAE_k8m0s6qWMLg3i4w @Hălăl_Nikăh❥

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganTil belgilanmaganToif belgilanmagan
Reklama postlari
279
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Photo unavailableShow in Telegram
وَمِنۡ ءَايَٰتِهِۦٓ أَنۡ خَلَقَ لَكُم مِّنۡ أَنفُسِكُمۡ أَزۡوَٰجٗا لِّتَسۡكُنُوٓاْ إِلَيۡهَا وَجَعَلَ بَيۡنَكُم مَّوَدَّةٗ وَرَحۡمَةًۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَأٓيَٰتٖ لِّقَوۡمٖ يَتَفَكَّرُونَ (الرّوم - 21) Lubbuma keessan irraa akka gara isaaniitti boqottaniif haadholee manaa isiniif uumuufi gidduu keessanittis jaalalaafi mararfannaa gochuun mallattoolee Isaa irraayyi Dhugumatti, kana keessa namoota xiinxalaniif mallattooleetu jira. ❣Gālgālā Bārēēdā Qābāādhā ❣
Hammasini ko'rsatish...
Dhugatti moo? Ar'a kaardii bilaash qaban sahan je'een khoflaa. Hamaad caluma je'eeti na laale. Ija itti sossoosetin maali rakkoon? je'een Haalan bareedda maashaa Allaah" je'eeti mallaa kheessa na dhungate Ittin seeqe. Atis jecha bareedaa tokko naan hin jettuu? Naan je'e Humaa hin jettun je'een khofla if kheessatti gad dhoorkaa Haganuma qofa moo? Naan je'e Een je'een Akkanni gaarii miti" Naan je'e hidhii akka daa'ima booyuf deemtutti rarraasee Ija itti baasetin akka daa'imaa hin godhatin je'een. Natti as deemeti mallaa na qunxuuxee garuu an kheeti" Naan je'ee if duuba achi deebi'e Halkan gaarii" je'eenitin ruuma khiyya naqee hulaa qollofadhe. Akkanitti jirra khunoo dhiheenya khana. Itti fufa........... Ibsaa Habroo ✍
Hammasini ko'rsatish...
Lafaa khe'eetin kushiinaa dhaqee firija banee chocolate ice cream takka gad baafadhe. Gadiinillee hin baanee kushiinuma kheessa kursirra gad taa'etin nyaachutti seene. Umm numa das jetti. Ice creama malee jiraachuu hin dandahu. Galatoomi feeysal ice creama tana bittee fiduu kheetif........... Nahlaa fi Hamaad khutaa 18ffaa """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" Haasawa Nahlaa ***** Hamaad haga ammaa hin gallee nagayuma Rabbi haa godhu Telefoona khiyya kiishaa fudhadheetin kheessa deemee maqan isa ittiin save godhadherra geesse "bubbles💍❤" Garuu nin bilbilaaf moo nin dhiisa je'eetin if gaafadhe. Irratti bilbiluuf akkuman qubaan gad xuquu khe'eenin" lakkii je'ee irraa deebi'e, nin sodaadhe. Jaarsuma khiyyattin bilbiluu sodaadhe, Hariiron teenya dhugumaan tarkaabfii shan if duuba deebite Isaaf hin bilbilu je'ee murteessetin miciyoo fira kheenyaa Hilwaa ta ja'aniin takkaaf bilbile. Isiin amma waggaa 21. An waggaa tokkoonin isirra guddoodha Erga telefoonni yeroo afur yaame booda khaasteti" heloo Nahlaa! Assalaamu Aleeykum! Akkami ati nagayaa mii? Wahi yaa Rabbii khiyya yeroo dheertuf sin agarree haalanin si yaade, Bultiin tee maal fakkaatti? Mucaan fira khiyyaa sun akka sirritti si tajaajilaa jirun hawwa" Naan jette walitti dhaabdee osoo haasawa addaan hin murin. Haalanin isii yaade anis dhugaa Wa'aleeykum salaam Hilwaa! Alhamdulillaah nagayan qaba, jireenyinis bareedaadhaa hamaadis sirritti na tajaajilaa jiran je'een khoflaa Yeah si tajaajiluun isumaaf gaaridha ee, san tahuu baannan anaatu waanin isa godhu beekha, yoo si miidhe gaafa anaa fi inni wal agarre miila bitaatin manatti deebi'uu isaa Rabiitu hubate" Jette khoflaa. Hilwaan maraattuudha🤣 Ooh please jaarsa khiyya jaalatamaa khana miidhuf hin yaadinin je'een Hahaha Sittuu hin hafne hii!!! Jetteeti haga dandeessu takka khofla itti qabde Amma ta tiyyaa geheetii jaarsi kheeti fi jalaal khee hoo akkami nagaya qabanii mii? Je'eetin gaafadhe. Waggaa tokkoo fi cinaa dura heerumtee duru mucaa ajaa'ibaa khana qabdi Isaan lachuu nagaya qaban Alhamdulillaah, jalaal rafutti jira malee silaa iyyeensa isaa ni dhageessa turte, Yuusuf miila naaf shukkuumutti jiraa salaamtaa itti himi naan je'e" Jetteeti khofalte🙄 Akka isiin maraattuu taate isinitti himeetin turee mii Jalaal arguu waanin barbaaduf inshaa Allaah dhiheenya khanattin dhufee isin laalan je'een ice creama khiyya arraabaa Yeroo hunda afaanumaan nin dhufa jetta malee takkaa dhuftee hin beeytuu ni laalla mee" Naan jette. Akkan an itti ija sitti baasaa jiru silaa agartee akkana naan hin jettun je'een. Hahaha Akka ati ammas nin dhufa jettee hin hafneefin siin je'e" Naan jette Abshiir hin hafuu hoggaa jalaal hirriibaa khe'e taraa dhibba naaf dhungadhun je'een seeqaa Osuma nuti haasawaa jirruuti hulaan dhadhahamte. Dhiifama hilwaa kheessummaatu natti dhufen sahaa yeroo biraati wal agarraa nagayattin je'een. Hayyee abshiir sister" Naan jette Telefoona mureetin hulaa banuuf fooxaa matatti maradhe Hulaa hoggan banu jaarsa khiyya kha hularra dhaabbatun arge. Inni qulfii hin qabu moo yeroo hunda hoggaa alaa dhufe maaluma hulaa dhadhahaa oola? Na arguudhaf hin gammanne moo? Naan je'e ol seenaa Gammadeetin jiran je'een ijaan lafa laalaa. Fuula ifaa agarsiisuu hin feene akka inni akka duraanitti deebine je'ee hin yaannef Oh hayyee! Ummaa tiyya biran dhaqee dhufee salaamtaa itti naaf himi naan jette" Naan je'e Oh hayyee inshaa Allaah anuu booda nin bilbilaafii" je'eenitin hulaa cufee isuma duubarra deemee wajjiin kushiinaa ol seene Ice creama ni feetaa? Je'eetin gaafadhe Lakkii galatoomi" Naan je'e seeqaa. Anis ittin seeqe. Seeqinsi isaa hedduu takka das ja'a Maal godhaa turte hoo? Je'eeti na gaafate Salaatetin sagantaa comedy takka laalee hishaamis naaf bilbilee erga isaan adda baane ice creama nyaadhee san booda hilwaaf bilbilee turen je'een" citaa goggogaa rifeensa isarra jiru tokko irraa fuudhaa. Osoo kharaa deemuu irra bu'en saha Oh gaaridha, hishaam anaafis bilbileeti ture" Naan je'e jaarsi khiyya
Hammasini ko'rsatish...
Inshaa Allaah si dhiisee hin deemu hamaad" Jetteeti gaafii tiyya ta reefuu san naaf deebiste. Nin seeqe....... Nahlaa fi Hamaad khutaa 17ffaa """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" Haasawa Nahlaa ***** Na dhungate, yeroo jalqabaatif afaan kheessa na dhungate 🤦‍♀️ Ruuma khiyya kheessan khophaa taa'utti jira. Erga na dhungate booda xiqqo wajjiin teenyetin boodarra sagaraadhan dhaqa je'eenii biraa deeme Inni akka duraanitti akka deebinu fedha garuu an akka duraanitti deebi'uuf qophii miti. Laaftuu tanatti dhiifama godheefii ammas miidhamuu hin fedhu. Garuu!! Hin beekhu boo an haalanin isa yaadee jiraa. Waanuma fedhellee tahu kha inni akkasitti naan lole laaftuu tanatti itti deebi'uu hin qabu. Garuu dhiifama na gaafateeti jiraa mii? Lakkii dhiifamni yeroo takka takka waa hunda sirreessuu hin dandahu Osuman taa'uti hulaan tiyya dhadhahamte. Akka hamaad tehe sirrittin beeekha namni dhadhahaa jiru khun Nahlaa nagayumaa mii? Naan je'e sagalee yaadaan guutamte takkaan. Waan teheef hin beeynee hoggaa inni akkatti dubbate sagaleen isaa tun onnee har har na gooti. Akka nama khokkee qulqulleeffatutti uuh je'eetin ee nagaya je'ee deebiseef Dhuga baanta moo beekhati jetta nahlaa? Haga ammaa maalif gad hin bahin? Je'eeti na gaafate... Sittin dubbachuu hin barbaadini, garuu sagalee tee ta yaadan guutamte tana dhageenyan akkan itti sirraa cal'isun dhabe jechuunin fedhe garuu tana dubbii ifuma kheessatti dhiisetin nagayan qabaa dilas mara hin yaadin je'een Yaaddaweetin jiraa please natti himi bubbles! Ammas waanin balleessetu jira moo? Yoo jiraatte ammoo beekkumsaan hin daleynee please dhiifama naaf godhi. Baby oson ati gammachuu akka natti hin qabne beekhuu taa'uu dadhabeetin jiraa please natti araarami. Asii achi akkan sin miine wa'adan mataa khiyyaaf seenee jiraa please nahlaa hulaa bani" Je'ee hoggaa inni dubbii adda dhaabuu didun ammas yoo booye hin beekhu je'ee ofirraa hulaa irraa bane. Yoo inni ammas emotional tehee imimmaan yaasuu jalqabe anis wajjiin booyaa tunis rakkoodha Akkuman an hulaa baneen natti marameeti Alhamdulillaah! je'e Drama queen" Naan je'e. Ijan itti baase, na laaleti seeqe Irraa achi buqqa'eetin usteetuma yaada guddatta" Je'een Siif jecha waan fedhellee tahu rakkoo miti" Naan je'e ija kheessa na laalaa. Ija isaatirraa miira addaa tokkootu mul'ata. Jaalala moo? Lakkii khun yaaduma khiyyaa Itti seeqetin ol seensisee nuti lachuu achi deemnee sirerra gad teenye. Walirraa fagaanneti teenye, akka nama haaraya amma wal argee tokko walitti fakkaataa jirra. Hariiroo teenya kheessatti tarkaanfii shan if duuba akka tarkaanfanne tunuu ragaadha. Kha tana hunda nu mude hamaadi Sababni hulaa ifitti cuftee khophaa tee ruuma kheessa teedsuf maali? Je'eeti na gaafate yeroo haga takka booda Yeroodhaf khophaa taa'uu waanin barbaadefin je'een Khophaa hoggaa jettu narraa fagaatudha baanta moo? Je'eeti na gaafate sagalee gaddaa takkaan Lakkii... ooh amm Ee je'eetin deebiseef. Dubbiin maalif akka afaanitti na ciccitaa jirtu hin beeyne Ooh! Je'eetuma ofirraa use. Sanuu isaa sagalee gaddaa tanaan dubbatu hoggan dhagahe anis nin miidhamaa akkamuman taha mee!! Yeroo haga takkaaf cal jenneeti teenye. Osuma wanni haasonnu hedduun jirtuuti afaan qabanneetuma usnee teenye. Rakkuma addaa takka kheessa jirra Osuma akkasitti taa'aa jirruu gad bahuu ni feetaa? Je'ee na gaafate jaarsi khiyya. Yaanni isaa waan nu jidduu jiru asumatti khitaaba isii cufee akka duraanitti akka deebinu barbaada. Garuu an saniif qophii waanin qabu ofitti hin fakkaadhu Laaffiseetuman lakkii gad bahuu hin fedhu je'een Maalif akkana godhatta? Naan je'e Akkam baantan je'een An hin beekhu erga wal dhabne sanii as akhuma godhattaa" Naan je'e Maalii? Oh lakkii waan akkasiitii miti je'eenitin khofla naasuu tokko khofle Duuba yoo akkas tahuu baatte dubbiin maalif afaanitti si ciccitti? Naan je'e ammas sagalee gaddaa takkaan Dubbiin afaanitti na ciccitaa hin jirtuu lakkii sumatti fakkaatte maleen je'een Duuba dhiifama naaf goote jechuudhaa? Naan je'e.... Ittin khijiba moo???
Hammasini ko'rsatish...
Lakkii hamaad, laaftuu tanatti wanni akka duraanitti deebi'u hin jirtun je'ee. Dubbiin tiyya ajaa'iba itti taateti ofirraa seeqetuma use, anis ija tiyya gad qabadheetuman use Gadin bahuu deemaa waan barbaaddu ni qabdaa? Je'eeti na gaafate haaswa duraan itti jirru jirjiiree Lakkii humaa hin barbaaduu galatoomin je'een Hayyee je'eeti adda kheessa na dhungatee behee khute Erga inni khute booda ruuma teessumaa dhaqeetin oson taa'ee sagantaa comedy takka laaluu telefoonni tiyya iyyite. Hoggan laalu hishaamitu natti bilbilaa jira, yeroo dura telefoonni iyyitu hamaaditu bilbilen sehe, erga deemee sa'aa lama moo akkana geheeti jiraa waan turee jiruufin isa sehe. Telefoona khaasetin Assalaamu Aleeykum" je'een obboleessa khiyyaan, haalanin isa yaade Wa'aleeykum salaam Sis tiyya" Akkami ati nagayaa mii? Naan je'e sagalee mirqaantuu takkaan Alhamdulillaah an nagayan qabaa ati hoo akkami? Je'eetin gaafadhe Alhamdulillaah anis nagayan qabaa jaarsi khee hoo akkami nagaya qabaa mii? Naan je'e Ee nagaya qabaa maalif bilbilte hoo? Je'eetin gaafadhe. Akka tasaa malee naaf hin bilbiluu tanaaf inni naaf bilbiluun tun ajaa'iba natti taate Maal jechuu kheeti? Obboleessi obboleettii isaatif bilbilee akka isiin nagaya qabdu gaafatuu hin dandahu moo? Naan je'e Lakkii ni dandahaa garuu ati waa jiraatan malee hin bilbiltuu dafii waan jiru natti himin je'een Uff jaarsuma khee Rabbi haa gargaaru, Ati hudha nama qabdu gad nama dhiisuu hin beeytuu jaartuma tiyya Rabbi akka khee khana hin godhin, jaartin tiyya amala akka ummaa tiyyaa akka qabaattun fedha inshaa Allaah" je'e sagalee qishnaa takkaan walitti dhaabee osoo dubbii addaan hin murin. Khofla ifitti qabuu dadhabeetin itti khofle. Obboleessi khiyya haalan nama gaaridha Ati qaadhimaahuu hin qabduu maal tana hunda haasoytaa mii nurraa usin je'een Na amani Sis, yoo khanin qabaadhu tehe dubartoonni biraa waan itti hinaafaniif jecha isii hin dhiisan, Ammas gurbaa bareedaa khana qaadhimaaf qabaachuu isiitif hisaabaa ol boonni itti guddatuutu mala, An dhiira dubartiin hundi hawwituuf sanii ni beeytaa mii? Naan je'e qishnaa khoflaa Ee ee sirrittin akka akkas teete beekha" Je'eenitin itti khofle anis. Khana gurbaa maraataa abbaa dubbii Yeroon boqonnaa tiyyaa dhumattee dalagaa hedduu waanin qabuuf nin deemaa nagayatti" Naan je'e Hayyee nagayatti hishaam kheenya" Sin jaaladhan je'een Anilleen sin jaaladhaa akkan jaartii gaarii argadhu du'aa'ii naaf godhuu hin dagatin" Naan je'e Itti khofleetin abshiir hin dagadhuu je'een. Inninis khofleeti telefoona muree khute Lafaa khe'eetin kushiinaa dhaqee firija banee chocolate ice cream takka gad baafadhe. Gadiinillee hin baanee kushiinuma kheessa kursirra gad taa'etin nyaachutti seene. Umm numa das jetti. Ice creama malee jiraachuu hin dandahu. Galatoomi feeysal ice creama tana bittee fiduu kheetif. Itti fufa.......... Ibsaa Habroo ✍
Hammasini ko'rsatish...
Amma akka nama tartiiba dhabeetin godhataa jira. Garuu dantaadhaa maalin irra khaayyadhe an ofiifuu jaartin tiyya natti aara qabdii...... Nahlaa fi Hamaad khutaa 16ffaa """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" Haasawa Hamaad ******* Guyyaa afur guutuu, guyyaa afuriifin oson jaartii tiyyatti hin dubbatin taa'e. Jechuun mataan dubbatuu dhabuu osoo hin tahin waan fardii faa ee akkana akkasi lakkii" jennee deebisaa gabaabduu walumaaf khennina. An ammoo akkana hin fedhuu maraachuttin jira Haala khanaan deemuu dadhabeetin jiraa tanaafuu akkuma tehettuu dubbii tana fixun qaba. Dalagallee manuma taa'etin laaptooppin dalagaa jira malee bakka dalagaa dhaqaa hin jiru. Hirriiba nagayaatis rafaa hin jiruu nyaanninis natti gad deemaa hin jiru. Isii if biraa dhabuun waanuman dalaguuhuu na wallaalchiste. Isiin ammoo rakkoo tana hunda waan dilas mara irra khaayyatte hin fakkaattu. Yeroo hunda ruuma isii kheessa teessetuma ummaa isiiti fi obboleettii isiiti fi obboleessa isiitii wajjiin haasoyti. Yeroo feetes kushiinaa kheessaa Aasiyaa wajjiin taphatti Akka tasaa isii kushiinaa kheessa jirtu yoonin an kushiinaa seene akka waan qilleensa tokko akka na wajjii hin fudhanne wa'ada seentetti daftee gad baati. Natti haasahuu dhiisii ijaanuu gama khiyya as hin laaltu. Akkana tahuun isii maalif akka tehe naaf galuu hin dandeenye garuu Badiin tun hundi tiyyaa wallaahi rakkoo nu jidduu jirtu tana fixuufin taa'a. Haganaa achi halkan tokkollee khophaa buluu hin dandahu. Telefoona khiyya kha khiisha kheessaa iyyu dhagaheetin ol baasee feeysal tahuu agarraan khaasee Assalaamu Aleeykum je'een Wa'aleeykum salaam! Akkami ati nagayaa mii? Naan je,e. Nagaya Alhamdulillaah ati hoo akkamin je'een Alhamdulillaah! Nahlaan hoo akkami nagaya qabdii mii? Naan je'e. Hoggan maqaa nahlaa dhagahu onneetu na hoollate. Hafuura dheeraa tokko baafadheetin nagaya qabdi Alhamdulillaah je'een Bro dhiheenya khana haalanin si yaadaa jira" Naan je'e. Gurra khiyya amanuu dadhabeetin itti khofle Obboleessa khiyya dubbii cinaa daddeemuu dhiisii waan barbaaddu natti himin je'een. Akka inni haajaf natti bilbile haasahuma isarraan beekhe. Tanaaf akkatti nama nagayaa fakkaatee haasawa Hayyee je'eeti khoflee makiinan tiyya na jalaa caphxeeti bakka itti tolchan jirtii makiinaa tee naaf ergisuu ni dandeessaa? Naan je'e Akka ati waa barbaadaf natti bilbilte nin beekha, saahibban kheetirraa maalif hin ergifatinin je'een. Si dhukkuba moo? Osoo tee jirtuutin ta saahibban khiyyaa ergifadhaa? Naan je'e. Hayyee khoottuu fudhadhu, garuu makiinaa tiyya osoo hin balleessine fayyaa naaf deebisuu qabdaa beekhin je'een Akka manguddootatti dhaamsa natti hin heddummeessin" Naan je'e. Hayyee ati duraanuu mata jabaattaa dafii khoottuu qulfii fudhadhun je'een Awww akkan dhufee yeroo bareedduu ati jaartii teetii wajjin dabarsaa jirtu si jalaa balleessu hin feetuu tanaaf alaan'altaa mii? Anis khophaa tiyya mirqaanuu dadhabee ofirraan jaartii laalladha" Naan je'e. Oh yaa Rabbii khiyya, khunoo feeysal nama nagayaa kha reefu dubbatu san osoo hin tahin feeysalin an beekhu amma dhufe Waa'ee tanaa hoggaa ati jaartii argatte irraa haasoyna" je'eenitin seeqe, inni na arguu baatus. San booda akkuma inni jecha wahii darbatuu khe'eenin nagayatti bro" Je'ee telefoona irratti mure. Amma deemee dubbii anaa fi nahlaa jidduu jirtu tana fixun qaba Akkuman ol behee ruuma isii seenuu khe'eenin nahlaa ruuma kheessaa gad bahuuf deemtu arge. Uffata jalaa haga gubbatti gurraacha uffattee ofirraa qabdi. Haalan bareeddi maashaa Allaah. Ijji teenya walirra dhufteeti daftee ija isii narraa gad qabatte Akkuma isiin gad bahuuf khaatenin eessatti deemta? Je'ee gaafadhe Ala" Naan jetteeti deebisaa gabaabduu tana naaf khennite Osoo ati gad hin baane dura haasahuu ni dandeenyaa? Je'eetin gaafadhe sodaataa Lakkii waan haasoynu takkalleehuu hin qabnu naan jetteeti na bira achi tarkaanfatte deemuf. Please dubbii natti hin jajjabeessinii na dhagahin je'een. Waa jechuf khaateti an haxxiffannaan waan jechuuf deemtu irraa oolte
Hammasini ko'rsatish...
Inshaa Allaah si dhiisee hin deemu hamaad" Jetteeti gaafii tiyya ta reefuu san naaf deebiste. Nin seeqe. Itti fufa......... Ibsaa Habroo ✍
Hammasini ko'rsatish...
Garaa naaf laafuu hin ooltu je'eetin hawwiidhan hoggan achi laalu isiinis as na laaltee deemuf achi garagalte. Harkaan qabeetin ruuma kheessatti ol deebisee gidaaratti achi qabee dhaabbadhe. Ijji tiyya ammallee fuula isirraa hin buqqaane. Dhaabbadhun je'een ni haasoynaa sagalee jajjabduu takkaan. Yoo akkana hin tahin tole hin jettu Hayyee naan jette. Garaa kheessatti nin gammade Deemnee ruuma teessumaa dheyneetin osuman gad hin taa'in nahlaa dhiifama, eessarraahillee akkan eegalu hin beekhu, akkasitti siin loluu khiyyaaf badiin tiyya, sababa khanaa dhiifamallee naaf godhuu oolun khee ni mala, garuu onnerraa akkan dhiifama si gaafataa jiru akka ati beeytun barbaada, waanin siin je'e hundaaf sheenawaatin jira, dhiifama bubbles" Je'eenitin ol je'ee fuula kheessa laalee ijji teenya walirra dhufte. Yeroo tana sagaleen tiyyas na hoollataati jirtii ija tiyyas imimmaan na guuteti jira Isiin cal jettee deebisaa naaf khennuu oollanin please dogongora khiyya nin sirreeffadhaa takkittuma carraa naaf khenni" je'een Garuu dubbii afaanitti na murteeti carraadhaa? Maal na seete ati? Ashaangulliittiidha moo meeshaa daa'imni ittiin taphatuun na seete? Moo waraqaa waan feete irratti barreessitee deebitee irraa hayxu na seete? Guyyaa dura wal fuunen akkasitti naan lolteetin ati dhiifama gaafannaan dhiifama siif godhee sanii as nagayaan jiraataa turre. Maal yaadda ati? Dogongoruma akkasii hoggaa irra deebitee daleydu akkanumatti dhiifama siif godhee wanni hundi akka duraanitti waan deebitu sitti fakkaatte moo? Lakkii hamaad! Wanni akkanaa hin jirtu" Naan jette. Isiin laaffisteetuma haasawaa jirtii garuu jechi isii onnee na dhahaa jira Lakkii nahlaa! Laaftuu tanatti wanni hundi sirrootti jechuu khiyyaa miti garuu na amani taraa tana badiin teeti, Waan san hunda dalaguun sirra hin turren je'een Ammas dubbii afaanitti na murteeti hamaad akkana jettee dubbii tana narratti hin deebisin" Naan jette sagalee hoollattuu takkaan. Yeroo tana anis imimmaan narraa yaa'aa jira. An nama laaftutti emotional tahullee mitii garuu dhiheenya khana waanin tahaa jiru hin beekhu Nahlaa dubbii sirratti deebisuufii mitii dura na dhagahin je'een. Lakkii si dhagahuu hin barbaadu, rakkoon tun hundinuu teeti, wanni sun hundi akka qalbii si cinqaa turte natti himuu qabda turte silaa" Naan jette. Itti achi deemetin fuula isii harkaan xuqee afaan kheessa dhungadhe. Ofiraa achi na darbite. Ammas itti as deebi'eetin adda tiyya adda isitti dhaabee fuula kheessa laale, taraa tana ofirraa achi na darbuuf yaaltullee na darbuu hin dandeenyee harka khenniteeti ustee dhaabbatte. Yeroo haga takkaaf cal jenneetuma fuula kheessa wal eeyne Boodarra sagalee laaftuu takkaan maal dalagaa jirta? Naan jette. Hin beekhu" Je'eenitin gad je'ee dhungadhe ammas Ofirraa achi na darbiteeti daqiiqaa shan waan gahuuf harka dubucattee laphee kheessa na tumte. Booyati afaanin waa dubbachaa dubuca wal jala natti hafarsite. Anis achii hin sossoonee humaatis hin dubbannee useetuman dura dhaabbadhe haa na tumteetumaahuu aara isitti jiru khana baafattuu je'ee. Erga na dubuccee quufte booda adda isii laphee tiyyatti as dhaabdee harkaan na qabatee booyinsa itti fufte Itti marameetin wajjiin booye anis. Oh yaa Rabbii khiyya akkattin isii yaade hin seene dhugaa. Ganaa isiin wal hin lolu Daqiiqaa haga tokko booda narraa achi buqqaateti gad teesse. Anis bira gad taa'etin isitti irkadhe. Nuti lachuu cal jenneeti yeroo haga takkaaf imimmaan yaafne. Haalanin isii yaade. Waa hunda caalaa garuu haalanin isii jaaladha. Yoonin isii dhabe akkamittin jiraadha mee? Guyyan isii fuudhe san akkamittin isii fuudha je'ee loluu khiyyaaf haga ammaa ofittin aaraa jira Nahlaa! Inuman na dhiiftee hin deemtuu mii? je'eetin gaafadhe, Garuu isiin deebisa naaf hin khennine. Harka isii natti as laatteti mallaa tiyya na qabde. Hoggan ol je'ee ija imimmaanii tanaan isii laalu imimmaan narraa hayxe. Akkamitti akkan mataa khiyya miila isirra khaayyadhe hin beekhuu harkuma isii kha rifeensa khiyya kheessa deemun arge. Harka isii rifeensa khiyya kheessa oofati mataa naaf shukkuumaa jirti. Alhamdulillaah
Hammasini ko'rsatish...
Imimmaan ofirraa haqeetin ruuma khiyyatti deebi'e. Xiqqo malee fajriin waan gehee jiruuf amma rafuu nan barbaachisu. Garaa addeessetin siree gubbaa ciisee footoo wajjiin khaane kheessa deemee laalutti seene. Tanin isii ofirraa quba hin qabne khaase takkarratti she is so gorgeous 😍 Haalan bareeddi Maashaa Allaah Amma akka nama tartiiba dhabeetin godhataa jira. Garuu dantaadhaa maalin irra khaayyadhe an ofiifuu jaartin tiyya natti aara qabdii. Itti fufa........... Ibsaa Habroo ✍
Hammasini ko'rsatish...
Yaaduma khanaanin rafuuf gad ciise, hirriibni na qabuuf yeroo narraa fudhatullee... Jaalalti yeroo hunda si gantii? Maal jechudha? Inninis na jaalata jechuudhaa? Oh yaa Rabbi akkas godhi. Garuu itti aara qabdaa mii? Naan jette qalbiin tiyya, Ee ittin aara qaba. Osuman tana yaaduti hirriibni fuudhee naan khute....... Nahlaa fi Hamaad khutaa 15ffaa """"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""" Haasawa Hamaad ******* Siree guddoo tanarran gamanaa gamas gara gaggale. Ergan xiqqo malee ji'a afuriif jaartii tiyyatti harka maradhee rafaa ture khophaa tiyya hirriibni anuma hin qabne. Manni khun mana namni kheessa hin jirre natti fakkaata, Anis khophummaan haalan natti dhagahamaa jirti Sa'aa laaletin akka sa'aa 3:37 taane arge. Nin beekhaa amma nahlaan qaaxa rafte. Maalifin isii yaada garuu? Maybe waan isiin jaartii tiyya taatefi Jaartuma akkasitti itti lallabdee lolteen san yaaddaa? Naan jette qalbiin tiyya Please yaa qalbii tiyya akkan sheenahu nan godhin badiin waan ta isii taatef. Sababnin an khophaa siree tana gubbaa ciisaa jiruufi fi ruuma khana kheessa khophaa jiruufis badii isiiti. Wanni tehe tun hundi badii isiiti Silaa anis akkasitti loluunii hin qabun ture, garuu ifitti qabun dadhabe. Isiinis wanni isiin daleyde sun akka na miitu naaf beekhuu hin dandeenye. Yeroo duraa nama humaa itti hin dhagahamne if fakkeessetin use, garuu isiin ammas deebiteeti gurbaa gad naqamaa fira isii san fuula khiyya duratti itti maramte Waan fedhe tahus an dura dhiifama isii hin gaafadhu, garuu isiin dhiifama naan jetteeti jirtii mii? Uuuff Maal haa godhu mee amma? Khalaas ofirraa khophaa rafuu baratun qaba, Yeah tanarratti dalagun qaba amma Erga osoonin gangaladhuu waanin waggaa meeqa ture ofitti fakkaadhellee, ammallee rafuu hin dandeenye. Hoggan sa'aa laalu sa'aa 4:15 Am. Ooh no haga ammaa moo? Sa'aan tun maalif daftee hin deemne? Lafaa khe'eetin hulaa banee kharaa ruuma nahlaa achi deeme. Hulaa dhadhahuu hin qabu, Maalittin beekha yoo isiin rafutti jiraatte? Yoonin itti dhadhahe hirriibaa khaatii mii? Yoo rafutti jiraatuu baatte hoo? Yoo natti aartee jiraatte hoo? Oh yaa Rabbii khiyya! Yoo ruuma khiyya kheessaa gad bahi jettee na ariite hoo? Yoo ganaa fuula khee arguu hin fedhu naan jette hoo? Yoo yoo tanaan mataan na naannaweetin sodaatuu jalqabe Ruuma dura daqiiqaa 10 waan gahu dhaabbadheetin suuta je'ee hulaan waan kheessan cufaa hin tahiniif achi banee shakhamsaa takka malee ol seene. Ruumni kheessi dukkana waan teheef rafte natti fakkaatti. Oh Alhamdulillaah! Kharaa siree achi deemetin ifaa siree cinaa jiru xiqqaa tokko qabsiisee akkasitti fuula isii arguu dandahe. Wahi yaa Rabii khiyya! Imimmaanitu fuula isirratti goggogee jira. Booyati rafte moo? Oh! Jaarsa gaari fi ilma gaarillee tahuu hin dandeenye an. Ummaan tiyya akkan akka amma tehe khana hin taanef waa meeqa na gorsaa turte. Waanin isirratti dalagee ture hoggan if booda deebi'ee yaade ifumaafuun amanuu dadhabe. Guyyaa aruuza kheenyaa khanin jalqaba isiin lole sanuu haga ammaa sheenahuttin jira, amma hoo? Fuulli isii kha imimmaan irratti goggoge khun ija duraa nan badu. Yaa Allaah! Dbiifama baby, Wallaahi waanin je'e san hunda akkas itti fedheetii miti. Dhugaadha sitti aaretin ture, garuu sun waanin hinaafefi. Akkasitti siin loluu khiyyaafuu natti dhagahamaa jirtii bubbles please natti hin aarin. Silaa akkasitti sitti dubbachuu hin qabun turee ammallee irra deebi'ee dhiifaman si gaafadha. Wallaahi si malee hirriibni na qabuu dide. Sin jaa''''''''... Lakkii kha isiin nan dhageenye hin je'u. Isii natti aartee rafaa jirtu osoo hin tahin kharaa special teheen osoo isiin na dhageessuu itti himun fedha. Suuta je'eetin adda kheessaa fi Mallaa fi funyaan dhungadhee i miss you Red baby" Je'een. Osuman isii laaluu imimmaan harka isirra bu'u argeetin akka imimmaan narraa yaa'aa jiru hubadhe Booyuttin jira moo? Lakkii Waggaa meeqa booda dubartiif jecha boocha hamaad?... Lakkii khun imimmaanuma malee booyaa hin jiru!!! Wallaahi akka lubbuttin isii jaaladha
Hammasini ko'rsatish...
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.