cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Karaa milkaa'inaa

The way to success😁😄😁🤣😂😀😃😄🤠🤓😎🌹

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganTil belgilanmaganToif belgilanmagan
Reklama postlari
179
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Gorsa Koo Yeroo Hundumaa: ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Lafa kana irratti namni tasa yookiin akkasumaan uumame hin jiru. ➋. Namni kophaa ofii jiraachuu danda’u hin jiru. ➌. Jecha ofiif kennitu ilaalladhu! ➍. Ilaalcha ati ittiin of miite caalatti kan si miidhu hin jiru. ➎. Jireenya keetiif eeggannoo cimaa godhi! ➏. Wantootatti of hin madaalin! ➐. Jecha namaaf utuu hin ta’in hojii keetiif iddoo kenni! ➑. Yeroo qabdu utuu hin dabarsin itti dhimma ba’i! ➒. Milkaa’inni fagoo miti, dhiyoo dha. ➓. Wanta dandeessu hojjechuuf of hin qabin! 👉 Waan hojjechuu dandeessu hojjechuuf gatii si baasisu sodaattee fiixaan ba’uumsa irraa duubatti hin deebi’in! Wanti gatii guddaa qabu tola hin argamu. Galatoomaa! Turtii Gaarii! ➦ Gαℓαтσσмαα!!! Υєʀσσ Gααʀιι 👇👇👇👇👇👇👇 sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​ @Karaa_milkii @Karaa_milkii 🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Hammasini ko'rsatish...
Jechoota Barsiisoo ┈┈┈••''''••┈┈ ➪ Barumsa barattee yoo qoramtu, jireenya immoo qoramtee baratta! ➪ Nama si sobu wajjin gammaddee kolfuu irra, nama dhugaa sitti himee wajjin gadditee boo'uu siif wayya! ➪ Nama carraa gaarii qabu osoo bishaan galaanaa keessatti darbanii iyyuu, qurxummii afaanitti qabatee keessa baha! ➪ Hiyyeessa jechuun nama qarshiin hiyyoome osoo hin taane nama sammuun hiyyoome dha! ➪ Nama of beeku tokko gammachiisuus ta'ee gaddisiisus hin dandeessu! ➪ Namoonni hedduun dhugaa barbaadu malee dhugaa hin jaallatani! Daandii dhugaa irras hin deemani! ➪ Kaleessi kee boruu kee murteessuu hin danda'u. ➪ Namoota nama arrabsanitti hin qabamiin isaan eenyummaa isaanii ibsaa jiru malee eenyummaa kee ibsaa waan hin jireef! ➪ Callisuun yeroo malee fi dubbachuun yeroo malee balaa guddaa fida! ➪ Waan yaaduu qabdu qofa yaaduu yoo dandeesse waan irraanfachuu barbaaddu in irraanfata. Share◈Share◈Share @karaa_milkii @karaa_milkii 🔺JOIN🔺
Hammasini ko'rsatish...
MAMMAAKSA AFAAN OROMOO ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. Akka hin cabne beekaaf  bishaan dhagaatti bu'a.  ➋. "Akkan itti dhales akkan itti arraabbadhus natu beeka," jette xaddeen. ➌. "Akkan ani jedhe fardatu dide akka fardi jedhe anatu dide kanatti karaa irraa maqne." ➍. Adurree barri qabe hantuutni eegee nyaate. ➎. "Anaafis rafuu hin taatu atiifis nyaachuu hin taatu osoo na dhiifte," jedhe namichi tafkiidhan. ➏. Anatu farda se'ee harreetti okoo haame. ➐. Baay'attee dallaa guutteef harreen loon hin taatu. ➑. Bofti qal'ateef eegee hin qaban. ➒. "Bishaantu afaan na jiraaf malee silaa waanan dubbaadhu baay'eedha," jette qurxummiin. ➓. Barcuma irra taa'anii muka hin hamatan. ➊➊. Barcumaa fi ulfina abbaatu of jalatti qanansiifata. ➊➋. "Cilee ta'uuf gubanne cilee taanees gubanne," jedhe mukti. ➊➌. Daa'imni hin boonye dugda haadhaa irratti du'a. ➊➍. "Deemi teenya okkoteen raafuu barte," jedhe namichi gogorrii qalachuuf qabee harkaa baanan. ➊➎. Dhugaa fi lubbuun gaafa rabbiin jedhe baati. ➊➏. Dhoksaan fanxoo hin fayyisu. ➊➐. Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatan. ➊➑. Firri firatti gala jennaan mukti qottoo lagatti qajeelte. ➊➒. Firoomne jedhanii waraabessatti foon hin fe'atan. ➋✿. Gowwaan yoo itti kolfan waan kolfaniif se'a. ➋➊. Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti. ➋➋. Gowwaan fardaa ergisaatiin boona. ➋➌. Hoolaan gaafa qalame samii arga. ➋➍. Hammaarranis hammaatanis dhuma hin ooltu. ➋➎. Hiriyaan wal hin amanne laga hundatti waliif kakata. ➋➏. Humna qabaannan sagaliin lolu, dhabnaan sagalee tolu. ➋➐. Humnaan nyaataniif humna namaaf hin ta'u. ➋➑. Ijaa fi saree ganda hin lagan. ➋➒. Kan dhadhaa baqsite osoo jirtuu kan raafuu affeelte michiin dhahe. ➌✿. Korma dhugaan booratu biyyeen ija hin buutu. ➌➊. Loon kana ooftee ooftee abbaan geessa jedhee namichi hatticha dhama'een. ➌➋. Maqaan baduu mannaa mataan baduu wayya. ➌➌. Mucaa boo'uuf jedhu jabbiin irra ejjate. ➌➍. Muka ol guddate fiixee muruun jirma lafa jalatti gabbiisuu dha. ➌➎. Namni daara baasan daaraa dhaan nama qaba. ➌➏. Nama beekaa du'e osoo dhaga'uu awwaalu. ➌➐. Osuma beeknuu huuba wajjin jettee sareen. ➌➑. Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka. ➌➒. Qe'ee abbaan hin jirretti titiisni wal horti. ➍✿. Re'een baala argatte qeerransa hin sodaattu. ➍➊. "Situ diriiree of qochisiise" jedhe gaarri lafa diriiraa gad ilaalee. ➍➋. Sareen abbuma biraa nyaattuuf dutti. ➍➌. Sabbata jedhee hidhannaan bofa ta'ee na ciniine. ➍➍. Ulfi ulfina qaba jennaan gowwaan garaa dhiibe. ➍➎. Ulee bofa ittiin ajjeesan alumatti gatu. ➍➏. Waraabessi na nyaate jedhanii sareetti hin iyyatan. ➍➐. Waraabessi guyyaa yuuse yeroo dhan beekkachiise. ➍➑. Waan lafatti falan gaalati fe'an. ➍➒. "Walii galtee dhabaaf sareen tokkittiin qileetti nu naqxe" jedhe jaldeessi. ➎✿. Waan hancufti nama oolchitu gaafa kokkeen nama dhukkubdu beekan. ➎➊. Yoo akka maleetti baatan tafkiinuu dugda nama kutti. ➎➋. "Yaa harree kaan dhiittee, kaan ciniintee eenyu wajjin araddaa irra ooluufi." @karaa _ milkii 🔺JOIN🔺
Hammasini ko'rsatish...
Hinaaffaa ▬▬▬▬▬▬ ➢ Abbaa manaatu haadha manaa isaa mana gurgurtaa fudhatee deemuun "Harmee kootiif kennaa bitee kennuu waanin barbaaduuf mee kennaa isa baay'ee miidhagaa ta'e naaf fili." jedheen. ◈ Haati manaa isaas waan hinaaffaa cimaan qabamteef kennaa isa gatiin salphaa ta'ee fi fokkisaa dha jettee itti amantu akka bitu itti agarsiiste. ◈ Innis kennicha bitee meeshaa kennaa itti kennaniin marsiisee haadha manaa isaa galateeffatee deeme. ◈ Galgala kennaa sana qabatee gara mana isaatti galee haadha manaa isaaf kenne. Ishiinis "Harmeedhaafin bita naan hin jennee?" jettee gaafatte. ◈ Innis "Surprise si gochuu barbaadeen waan keessi kee jaalatu baruuf tooftaa kanattin fayyadame malee kennicha siifin bite." jechuun deebiseef. Bu'aan hinaaffaa kanuma. ➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu! sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​ @karaa_milkii @karaa_milkii 🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Hammasini ko'rsatish...
GORSA...✍ ▬▬▬▬▬▬ ➊. Yeroo mijaa'aa hin eeggatin yeruma kana furadhuu mijeeffadhu! ➋. Nama si amanu gonkumaa hin sobin; nama si sobu gonkumaa hin amanin! ➌. Waan darbe irraanfadhu garuu irraa bari! ➍. Wanti of duuba si deebisu ilaalcha mataa keetiiti! ➎. Miira kee too'adhu malee hin garboominiif! ➏. Jiruun kun akka bishaan garbaati; inni yoomillee hin tasgabbaa'u sumatu akkaataa itti daakan barachuu qaba. ➐. Namni gaafa barbaadee of argate, jireenya haarawaa jiraachuu jalqaba. ➑. Namni tokko yoo hin dandeessu siin jedhe, hamma isaa sitti agarsiise malee kan kee miti. God bless you! Υєʀσσ Gααʀιι sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​ @Karaa_milkii @karaa_milkii 🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Hammasini ko'rsatish...
👋ሰላም🌼 Yoni🌼 🌼እንኳን ደና ወጡ🌼 የአዲስ አመት ሽልማት ከ tele birr ለአንድ ወር የሚቆይ tele birr bot start አርገው share ሲያረጉ በ 1 ሰው 5 ብር እና 500MB ነፃ internet package🌼 የእርሶ መጋበዣ link 👉 https://t.me/Telebirr_officialbot?start=r0758850508 ነዉ፡፡
Hammasini ko'rsatish...
━━━━❍❣.🎉.❣ ❍━━━ Humna Jechootaa ━━━━❍❣.🎉.❣ ❍━━━ √ Jechoonni humna cimaa qabu, fayyisuus ajjeesuus ni dandahu. ⇲ Mee jechoota kurnan anaan waa baay'ee na yaadachiisaniif na cimsan, na gammachiisanis yennaan isaan dhagahu hiikkaa duubasaanii hiriirsisan hubadhee ajaa'ibsiifadhun isinii hira. 1. Dirqama: namni kamuu waa barbaade gochuu ni dandaha, namni kamuu garuu wanta nan godha jedheef kutannoon inni qabu murteessaadha. Waa gochuuf dirqama jennee qabanne galmaan geenya. Fakkeenyaaf wanta nyaannu yoo hin qabaatiin nyaannu malee waan hin jiraanneef bakka lixnu lixnee waan nyaannu barbaaddanna. Milkaahuu keenya, fayyaa keenya, nama gargaaruu fi gocha keenya mara dirqama yoo jenne huma milkeessina. Kanaaf jechi kun, jijjiiraman bor fiduu barbaaduuf wantootan har'a akka dirqamaatti fudhachuu malu na yaadachiisa. 2. Yoo ta'ehoo: Baay'een keenyi fuulduratti tarkaanfachuurraa wanti duubatti nu harkisu yoo jiraate sodaadha, sodaa baay'ee of keessaa qabna sana karaan itti mo'achuu dandeenyu tokko jedha kanaani, waan sodaannu sana 'yoo ta'ehoo maalidharee' jennee yaaduun ulfaatina waan sodaanne sanaa salphisuu fi waan sodaannu sana ammumaa itti karoorfannee tarree waanammumaa itti karoorfannee tarree waan sodaannuu keessaa baasuu dandeenya. 3. Amantii: Amantii yennaan jedhu amantii ofirratti qabnu, amantii boru irratti qabnu, amantii milkaahuu wantootaa irratti qabnu. Waan itti hin amanne irratti hin milkoofnu, hin dhamaanus. Waan itti amanne irratti garuu wanti duubatti nu dhorku dhiballee, moo'annallee. Kanaaf ofitti haa amannu, waan gochuu dandeenyu irratti haa amannu, boru guyyaa gaarii akka agarru haa amannu yennas boru gaarii ta'ee arguu barbaadnu sanaaf kutannoon hojjechuun nuu salphata. 4. Jaalala: marti keenyu waan jaalannuuf dursa kennina, ittis milkoofna. Waan goonu mara jaalalaan gochuun waa mara sana irratti akka gammannu, namoonnis akka gammadan, akka milkoofnus nu gargaara. Mee waan goonu hammam jaalanna? Hammamoo gocha keenya mara keessatti jaalala calaqqisiisna? 5. Jijjiiruu hin dandahu: Eeyyee waa baay'ee gochuu dandenya, garuu wantoonni nu gochuu hin dandeenyes danuudha. Fakkeenyaaf du'aa kaasuu hin dandeenyu, gaara dhiibuu hin dandeenyu... isa jirurratti hojjechuu, dhagaa dandeenyu darbachaa garuu gaara biraa hojjechuu dandeenya. Amantiidhaan waan jedhamu jechaa hin jiru. Kana amannee fudhachuun ba'aa guddaa humnaa olii of baachifnee akka hin deemneef nu gargaara. Waan jijjiiruu hindeemneef nu gargaara. Waan jijjiiruu hin dandeenye osoo hin ta'iin waan jijjiruu dandeenyu irratti akka xiyyeeffannuuf, waan hin jijjiiramnerra, waan jijjiiramurratti yoo dhamaane jijjiirama waan fidnuuf. Waan hin jijjiiramnerratti yeroo gubuunillee hin barbaachisu. 6. Xiyyeeffannoo: Namni waan baay'ee qabatee deemu tokkollee dhaba, namni waa tokko irratti xiyyeeffatu garuu waa xiyyeeffate sanarratti namni isa caalu hin jiraatu. Waan kumaatamaan of dhiphisuurra waan tokko irratti xiyyeeffachuun milkaahoo nu godha. 7. Tokkoffaa (best jechuu barbaadeeni): Waa hojjennu mara bilcheessinee hunda caalaa gaarii akka ta'u goonee hojiin keenyi akka jaalatamu, sadarkaa qulqullina wanta sanaas akka nuyi dursinuufi, nuun akka hiikkaan qulqullinaa kennamuuf nu gargaara. Nan fiiga yoo ta'e tokkoffaaf fiiguu jechuudha, nan sirba yoo ta'e sirba namni gurra irraa fageessuu hin barbaanneefi afaanirraa hin buufanne sirbuu fi kkf. 8. Madaala: As kanatti 'balance' jechuu barbaadeeni. Jireenyi gaarummaaf of jaalachuu qabdi, kennuuf fudhachuu qabdi, adiif gurraacha qabdi, iyyaaf calleensa qabdi, gaddaaf gammachuu qabdi. Hunduu garuu bakkatti nu barbaachisan qabu, bakkattimmoo nu hin barbaachifne qabu. Namni yeroo hunda jaalala namaaf kennuNamni yeroo hundaa jaalala namaaf kennu ofiisaaf jaalala hin kennu taanaan ofii du'aa deema, namni of qofarratti xiyyeeffatu hammamuu milkaa'us gammachuu dhaba. Kanaaf waanneen akkasii madaala qabsiisanii deemsisuun ogummaa jireenya namni hundi barachuu maludhaan jedha ani....itti fufa. @karaa_milkii
Hammasini ko'rsatish...
… kan itti fufe 9. Jalqabi: yeroo baay'ee jalqabuun ni cimti, haa jennuutii konkolaataa dhiibuun dirqama sitti ta'e, jalqabarra humna qabdu maraan dhiibdeemayyuu sochoosuu dadhabuu dandeessaa... erga eegaltee garuu humni ati baastu humna sichii konkolaataa sanaa itti fufsiisuuf barbaachisu qofadha. Baay'een keenyi waa baay'ee yaadna, garuu hin eegallu, haa eegallu. Eegallii malee itti fufinsi hin jiraatuhoo! 10. Gurguri: Baay'een keenyi waan qabu dubbachuu dhiisuudhaan waan gaarii ta'ee nutti mullachuu mala. Akka amala gaariitti waan fudhatamuuf. Gariin jeenya ammoo hojiin keenyi qofti haa dubbatu malee an waanan qabuuf dandahu dubbachuun of tuulummaa yookiin of jajuu fakkaata jennee yaadna. Dhugaan jiru garuu nu dubbannees ta'e hojjennee, dibannees ta'e uffannee of hin gurgurru taanaan wanti gochuu dandeenyu baay'ee xiqishuudha yookiin hin jiraatu. Haalatti nama waaliin walii gallee waan qabnu gurgurannu beekuun nurra jiraata. Waa'ee gurgursa cubbuutti nu galchuu dubbachaa hin jiru, waa'ee gurgursa waandubbachaa hin jiru, waa'ee gurgursa waan guddaa akka hijjennu karaa nuuf saaquu malee! Uffata xuraahaallee uffannee namni akka nama qulqullina isaa sirriitti nama eeggatuutti nu ilaalu eeguun fafa waan ta'eef. Osoo hin himatiin yookiin hin agarsiifatiinis namni akka nuu baru eeguun gowwummaa waan ta'eef. Har'aaf jechoota kanan qaba. ✅ Jecha kamtu hiikkaa cimaa isiniif godhate laata? ✅ Jechi cimaan isiniif hiikkaa cimaa baatuhoo maali 📚 Madda: Kanan dubbiserraa(?) ♻️Join & 🔗SHARE ╔════════════╗ @karaa_milkii @karaa_milkii ╚════════════╝
Hammasini ko'rsatish...
JIREENYA QAJEELTOO JIRAACHUUF: ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Gatii Barbaachisu Baasuu:- Jireenya qajeeltoo jiraachuu ni jaalanna. Garuu mul'aticha bira gahuuf gatii baasuu baay'een keenya hin barbaannu. Wanti gatiidhaan argame baay'ee namatti tola. Kunuunsaniis qabatu. ❏ Dhiibbaa Uumuu:- Jireenyi dhiibbaa uumuu gaafata. Dhiibbaa hin uumtu taanan dhalachuun kee maal fayyada. ❏ Dheekkamuu:- Yeroo tokko tokko wantoonni hundi akka yaadame ta'uu dhiisuu danda'u. Hin dubbattu taanan warra hin jirre irraa maaliin adda taata? ❏ Hiriyaa Gaarii Qabaachuu:- Namni karoora jireenya qajeeltoo jiraachuu qabu nama hundumaan fira miti. Warra isa waliin hin hiriirre waliin tarree hin taa'u. ❏ Humnaa ol yaaduu dhiisuu:- Humnaa ol yaaduu fi dhiphachuun sammuun akka jeeqamu godha. Kunimmoo dandeettii waan haaraa uumuu ni hir'isa. ❏ Karoora jireenyaa qajeeltoo namni qabu kaayyoo isaatiif malee miira isaatiif hin bitamu. 🔺JOIN🔺 @karaa_milkii
Hammasini ko'rsatish...
AMALOOTA JAALALA FAYYA QABEESSA FIDAN KUDHAN【➓】 ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 【➊】Jechoota kana sadan ➶ "Sin jaalladha!" ➶ "Galatoomi!" ➶ "Dhiifama!" Bakka isaan barbaachisan hundaatti utuu of hin qabiin fayyadamuu. 【➋】Yoo balleessaa walirratti argan, hiriyyaa biraa, facebook fi namoota birootti haasa'uu dhiisanii kallattumaan walitti haasa'uu. 【➌】Jireenya dhuunfaa qabaachuu jaalaleewwan lameenii. Jireenya waliinii akkuma qaban, jireenya dhuunfaa isaaniifis kabajaaf bakka qabaachuu qabu. Jireenyi isaanii 100% kan waliinii ta'uu hin qabu. 【➍】Jaalalli isaanii jaalala waan ammaa irratti hundaa'e ta'uu qaba. Fuulduratti ni jijjiiramna jedhanii yookiin ni guddanna abdii jedhu qofarratti waljaalachuun jaalala hundee dhabeessa taasisa. 【➎】Amanamummaa, iftoomina, walhubachuu fi waliin haasa'uun dirqama. Iccitiin dhoksaa hedduun jiraachuu hin qabu. 【➏】Jaalalleewwan lamaan yoo kan waliin qunnamtii saalaa raawwatan ta'eef, lameen isaaniiyyuu gammachiisuu qaba. Ta'uu baannaan jaalalli isaan lameen gidduu jiru dhugaa ta'uun isaa hin amansiisu. 【➐】Yeroo qaamaan wal arganis ta'ee yeroo bilbilaan walitti haasa'an haasaan isaa/ishee, jaalallee isaa/ishee kolfisiisuu fi gammachiisuu qaba. Waliin hin kolfan, waliin hin gammadan taanaan haasaan isaanii waljibbisiisaa deema. 【➑】Jaalalleewwan lamaan maatii fi hiriyyoota walii waliif kabajuu fi jaalachuu qabu. 【➒】Garaa garummaa walii hubatanii, waliif kabajanii, waliif danda'anii jiraatu. 【➓】Waldhabdeen jireenya isaanii keessatti yeroo tokko tokko jiraachuu qaba. Waldhabdeen tasuma hin jiru taanaan gadi fageenyi jaalala isaanii shakkisiisaadha. Dr. Gurmeessaa ➦ Gαℓαтσσмαα!!! 👎JOIN👎 🕴️@karaa_milkii💐
Hammasini ko'rsatish...
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.