cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

FBC Afanoromo

This is FBC Afan Oromo official Telegram channel. For more updates please visit www.fanabc.com/afanoromo

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
48 331
Obunachilar
+824 soatlar
+1477 kunlar
+76830 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Taphoonni deebii walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’aa fi boru taphatamu Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Taphoota deebii walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni har’a PSG fi Borushiyaa Doortimand gidduutti taasiifamu ni eegama. Har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee PSGn falmiin Borushiyaa Doortimand waliin taasiisu xiyyeeffannoo argateera. Tapha marsaa jalqabaan Borushiyaa Doortimand galchii 1 fi 0n PSG injifachuun kan yaadatamuudha. Boru ammoo Riyaal Maadriid Baayern… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/taphoonni-deebii-walakkaa-xumuraa-shaampiyoonsi-liigii-awurooppaa-haraa-fi-boru-taphatamu/
Hammasini ko'rsatish...
Lammiileen 230 Oomaanii gara biyyaa deebi’an Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Guyyaa har’aa lammiilee Itiyoophiyaa bakka tursaa Oomaan keessatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuun eegalamuu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiiseera. Guyyaa har’aas lammiileen 230 gara biyyaa deebi’uu ibseera. Lammiilee kuma 1 fi 590 bakka tursaa Oomaan keessatti argaman balallii 6 gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeericharraa… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/lammiileen-230-oomaanii-gara-biyyaa-deebian/
Hammasini ko'rsatish...
Dooktar Abiy raawwii Ajandaa riifoormii Diinagdee biyya keessarratti koree waliin mari’achuu ibsan Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad raawwii Ajandaa riifoormii Diinagdee biyya keessarratti koree Diinagdee Gooroo waliin mari’achuu ibsaniiru. Dooktar Abiy Raawwii riifoormichaa ilaalchisee dhimmoota ijoorratti bal’inaan mari’achuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru. https://www.fanabc.com/afaanoromoo/dooktar-abiy-raawwii-ajandaa-riifoormii-diinagdee-biyya-keessarratti-koree-waliin-mariachuu-ibsan/
Hammasini ko'rsatish...
Pireezdaanti Putiin sirna waadaa galuu raawwatan Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Pireezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waggoota 6 itti aanaan biyyattii bulchuuf sirna waadaa galuu raawwataniiru. Putiin bakka deeggartoonni, miseensonni Mana Maree biyyattii, hoggantoonni biyyoota garaagaraa, Dippiloomaatoonnii fi keessummoonni waamichi taasiifamee argamanitti waadaa galaniiru. Bara Faranjootaa 1999 eegalee Raashiyaa bulchaa kan jiran Pireezidaanti Putiin Birmadummaa Daangaa biyyattii kabachiisuu fi nageenya lammiilee… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/pireezdaanti-putiin-sirna-waadaa-galuu-raawwatan/
Hammasini ko'rsatish...
👍 1
Qabeenyi Bishaan lafa jalaa fi lageen Daangaa ce’oon ka’umsa walfamii osoo hin taane agarsiiftuu misooma waloo ta’uu qabu jedhame Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Qabeenyi Bishaan lafa jalaa fi lageen Daangaa ce’oon ka’umsa walfamii osoo hin taane agarsiiftuu misooma waloo ta’uu akka qaban Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan ibsan. Yaa’iin Ministiroota Bishaanii biyyoota miseensa Dhaabbata Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Naannoo Somaalee Aanaa Shabaleetti gaggeeffamaa jira. Yaa’icha haala itti fayyadama… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/qabeenyi-bishaan-lafa-jalaa-fi-lageen-daangaa-ceoon-kaumsa-walfamii-osoo-hin-taane-agarsiiftuu-misooma-waloo-tauu-qabu-jedhame/
Hammasini ko'rsatish...
Xiyyaara Itiyoophiyaa har’a Hawaasa gara Finfinnee balali’aa ture keessatti aarri mul’atus rakkoo malee Buufata Xiyyaaraa Boolee gahuu isaa ibsame Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Xiyyaara Itiyoophiyaa har’a magaalaa Hawaasa gara Finfinnee balali’aa ture keessatti aarri mul’atus rakkoo malee Buufata Xiyyaaraa Boolee gahuun qubachuu isaa Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise. Xiyyaarri lakkoofsa balallii ET154/07 ta’een Magaalaa Hawaasaarraa gara Finfinnee Balali’aa ture keessatti aarri mul’atus xiyyaarichi Buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee nagaan ga’uun Imaltoonnis haala nageenyi… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/xiyyaara-itiyoophiyaa-hara-hawaasa-gara-finfinnee-balaliaa-ture-keessatti-aarri-mulatus-rakkoo-malee-buufata-xiyyaaraa-boolee-gahuu-isaa-ibsame/
Hammasini ko'rsatish...
Itiyoophiyaan Giddugala qorannoo Saayinsii Niwukleerii fi Teeknooloojii ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsame Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan Giddugala qorannoo Saayinsii Niwukleerii fi Teeknooloojii ijaaruuf hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan ibsan. Dooktar Ballaxaan gabaasa raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessaniiru. Barattoota gara Chaayinaa fi Raashiyaatti erguun barnoota Saayinsii Niwukleerii fi Teeknooloojii akka… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/itiyoophiyaan-giddugala-qorannoo-saayinsii-niwukleerii-fi-teeknooloojii-ijaaruuf-hojjechaa-jiraachuu-ibsame/
Hammasini ko'rsatish...
👍 3 2
Pireezidaantiin Keeniyaa lammiilee balaa lolaan miidhamaniif deeggarsa maallaqaa taasiisuuf waadaa galan Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon tokkoon tokkoo lammiilee balaa lolaan miidhamaniif deeggarsa maallaqaa taasiisuuf waadaa galaniiru. Pireezidaanti Ruutoon bu’uuraalee misoomaa fi lammiilee balaan lolaan miidhaman naanna’uun daawwataniiru. Tokkoon tokkoo lammiilee balaa lolaan miidhamaniif Shilingii Keeniyaa kuma 10 deeggarsa taasiisuu fi manneen barnootaa lolaan barbadaa’aan deebisanii ijaaruuf waadaa galaniiru. Manneen barnootaa… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/pireezidaantiin-keeniyaa-lammiilee-balaa-lolaan-miidhamaniif-deeggarsa-maallaqaa-taasiisuuf-waadaa-galan/
Hammasini ko'rsatish...
👍 1
Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu dandeettii Oomishtummaa Indaastirii biyya keessa guddiseera – Pireezidaantoota naannolee Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu dandeettii Oomishtummaa Indaastirii biyya keessa guddisuu Pireezidaantoonni naannolee ibsan. Sosochichi oomisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuuf baa’inaa fi qulqullinaan oomishanii gabaaf dhiyeessurratti boqonna haara banuu Itti Aanaan Pireezidaantii Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Waageeshoon ibsaniiru. Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu naannichatti… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/sosochiin-itiyoophiyaan-haa-oomishtuu-dandeettii-oomishtummaa-indaastirii-biyya-keessa-guddiseera-pireezidaantoota-naannolee/
Hammasini ko'rsatish...
👍 1
Bu’aa qabeessumaa Daldala Walabaa naannawaa Afrikaaf dhaabbileen tajaajila qulqullina qabu dhiyeessutu irraa eegama jedhame Finfinnee, Ebla 29, 2016 (FBC) – Bu’aa qabeessumaa Daldala Walabaa naannawaa Afrikaaf dhaabbileen tajaajilaa fi oomisha qulqullina qabu dhiyeessuun akka irraa eegamu ibsameera. Mata duree ‘Qophummaa dhaabbilee Daldala Walabaa naannawaa Afrikaaf’ jedhuun mariin Paanaalii Manni Maree Daldalaa Magaalaa Finfinnee qopheesse gaggeeffamaa jira. Daldalli Walabaa naannawaa Afrikaa Guddina daldala Itiyoophiyaaf gumaacha olaanaa qabaachuu Pireezidaantiin mana marichaa… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/buaa-qabeessumaa-daldala-walabaa-naannawaa-afrikaaf-dhaabbileen-tajaajila-qulqullina-qabu-dhiyeessutu-irraa-eegama-jedhame/
Hammasini ko'rsatish...