cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qilingΒ», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Oromia Education News

Oromia Education Bureau News is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the Country. πŸ”Ž#YouTube https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau.

Ko'proq ko'rsatish
Finlandiya16Til belgilanmaganTaΚΌlim976
Reklama postlari
100 494
Obunachilar
+724 soatlar
+647 kunlar
+53530 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

​#HUBANNOOn Hammattoo Bu'uuraalee Qulqullina Barnootaa (Education Quality Foundation Framework) Irratti Qabnuu #Gochaan_Mul'isuu_Qabna. ---------------------- BBO- 28/08/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf hoggansa, ogeeyyii barnootaafi barsiisotaaf #Hammattuu_Bu'uuraalee_Qulqullina_Barnootaa irratti dabareen leenjisuun hanga manneen barnootaatti caasaa gad diriirsuun ni yaadatama. Bu'uuraaleen Qulqullina Barnootaa kan jedhaman 4 yoo ta'an, afranuu kan #addaan_bahuu_hin_dandeenyefi_walitti_hidhannaan qabanis daran cimaa ta'uurraa kan ka'e wal deeggaranii kanneen dhaabbataniidha , isaanis; #1_Ciicata/Galtee (Input) #2_Adeemsa (Proccess) #3_Bu'aa (Output) #4_Hordoffiifi Deeggarsa (Follow Up & Support) #1_Ciicata :- Ciicata jalatti kanneen irratti hojjatamuu qaban: #Barataa Barnootaaf Qophaa'aa ta'e, #Barsiisaa gahumsa qabu, #Sirna barnootaa gahumsa irratti hundaa'ee(competency based curriculum) qophaa'e #Manneen Barnootaa istaandardii guutan, #Hoggansa gahumsa qabuufi #Qabeenya MB, humna namaa gahaa qabuufi galii keessoo gahaa qaban waan ta'aniif dhimmoota kanneeniifi kkf guuttachuu hoggansiifi ogeessi barnootaa hunduu xiyyeeffannoon irratti hojjachuu qabu. #2_Adeemsa:- Bu'uurri lammaffaan adeemsa yoo ta'u, adeemsi baruu-barsiisuu ciicata argaman kanneen haalaan itti fayyadamuuf #Mala baruu- barsiisuu gahumsa irratti hundaa'een(competency based methodology) fayyadamuu, #Qooda fudhattoota barnootaa; maatii barattootaa, hawaasa, qaamolee mootummaafi GTB hirmaachisuu, #Hira daree- barataa adeemsa baruu- barsiisuuf mijataa ta'e uumuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf daandii sirrii agarsiisuu ta'a. #3_Bu'aa:- Bu'uurri 3ffaan bu'aa yoo ta'u, #Dubbisuu, Barreessuufi Shallaguu barattootaa irratti hojjachuun gahumsa uumeefi #Qormaata kutaa, Naannoonoofi Biyyoolessaa irratti argaman, bu'aa yeroo gabaabaafi dheeraatiin adda baasuu irratti hojjachuudha #4_Hordoffiifi_Deeggarsa:- Utubaan 4ffaan hordoffiifi deeggarsa yoo ta'u, #Duub_deebii sadarkaa bu'aatti mul'atan qaaccessuun rakkoowwan adda baasuun furmaata kaa'aa adeemuu ta'a. #Hub :- Bal'ina yaada hammattoo kanaa sanada leenjii irraa ilaaluu ni dandeessu! #Bu'uuraalee/utubaalee/ qulqullina barnootaa ittiin mirkaneessuuf hojjatamaa jiru kana biiroo irraa eegalee hanga waajjiraalee barnootaa godina/bul. Magaalaafi aanaa hoggansifi ogeeyyiin barnootaa, dura bu'ootni MB barnootaa, Supparvaayizarootni barnootaa, Koreen GMB, BBLGfi GTB hundi #hubannoo guutuu argatan/ qabaatan qofa galma gahuu akka danda'an beekamaadha. Kanuma bu'uura gochuun BBOn yeroo adda addaatti hawaasa barnootaa armaan olitti maqaan ka'e dabaree dabareen leenjii kennaafii tureera. Leenjii kenname irratti hundaa'uun hojiitti jijjiiruuf kanneen carraaqan akkuma jiran, kanneen yaalaa hinjirres hedduun jiraachuun isaanii mul'ataniiru. Kanaafuu, qulqullina barnootaa dhugoomsuuf biirooniifi mootummaan keenya xiyyeeffannaan hojjataa jiru galmaan gahuuf hunda dura hawaasni barnootaa hundi Hammattoo Bu'uuraalee Qulqullina Barnootaa (Education Quality Foundation Framework) hubachuufi hojiirra oolchuuf gahumsa qabaachuun barbaachisaadha. #Sanada_Hammattoo Bu'uuraalee/Utubaalee/ Qulqullina Barnootaa yeroo yeroon leenjiin irratti kennamaa ture kunis qorannoofi kuufama muuxannoo yeroo dheeraa irratti hundaa'uun rakkoo barnootaa naannoofi biyya keenyaa ni fura jedhamee kan qophaa'eefi yaada hayyoota adda addaafi ogeessota barnootaa muuxannoo olaanaa qabaniin kan mirkanaa'edha. Walumaa galatti, dhalootni haaraan barnoota qulqullina qabu akka argatan, gahumsa horachuun sadarkaa addunyaatti dorgomtoota ta'anii akka bahaniifi saayinsiifi teeknooloojiin misooman gargaaruuf #Hammattuu_Utubaalee_Qulqullina_Barnootaatti_beekumsaafi_gahumsaan_fayyadamuun barbaachisaadha. πŸ”” You Tube Official πŸ”” - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. πŸ‘ Facebook  Official πŸ‘ - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/ πŸ“– New curriculum πŸ“– - https://t.me/oeb_book_store
Hammasini ko'rsatish...

πŸ‘ 39❀ 8🀝 2
πŸ‘
πŸ‘Ž
♻️
πŸ”” You Tube Official πŸ””
πŸ‘ FacebookΒ  Official πŸ‘
πŸ“– New curriculum πŸ“–
​24/08/2016 #Hatattamaan_Haa_Raawwatu! Waajjira Barnotaa #Godinaalee_21fi Waajjira Barnootaa #Magaalotaa_23 tiif B.J. ---------------- #Lafa_Mana_Jireenyaa_Barsiisotaa yeroo gabaabaa keessatti akka kennamuuf Bul. Mootummaa Naannoo Oromiyaa Qajeelfama dabarsee ture irratti hundaa'un Magaalotni muraasni qajeelfama mootummaa kabajuun kan raawwatan yoo ta'u, magaalotni hedduun ammas rincicaa jiru. Kanaafuu, Waajjirri Barnootaa Godinaalee 21fi Waajjirri Barnootaa Bul. Magaalota 23 dhimma kan qaama dhimmi ilaalu waliin ta'uun hordoffii wal irraa hin cinne taasisuun akka raawwachiistan xalayaan isin gaheera. πŸ”” You Tube Official πŸ”” - https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau. | πŸ‘ Facebook  Official πŸ‘ - https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa/ πŸ“– New curriculum πŸ“– - https://t.me/oeb_book_store
Hammasini ko'rsatish...

πŸ‘ 174❀ 48🀝 18πŸ™ 14πŸ‘ 13πŸ† 8
πŸ‘
πŸ‘Ž
πŸ”” You Tube Official πŸ””
πŸ‘ FacebookΒ  Official πŸ‘
πŸ“– New Curriculum πŸ“–
#Oduu_Hatattamaa! --------------- Ebla-21/2016 #Qormaatni_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa_Bara_2016 Waraqaafi 'Online'niiin kennamuun kan beekame yoo ta'u, #Adoolessa 3-5/2016 Saayinsii Hawaasaafi #Adoolessa 9-11/2016 Saayinsii Uumamaatiif kan kennamu ta'uun ibsameera. #Barattootni_Qormaata_Waraqaan Ykn Hard Copy'n fudhatan; #1_Barattootni_Saayinsii_Hawaasaa Waxabajjii 30 - Adoolessa 01/2016, #2_Barattootni_Saayinsii_Uumamaa immoo. Adoolessa 6-7/2016tti gara Yunivarsiitii itti qoratamanitti kan galan ta'uu, dhaabbatni Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa Biyyoolessaa beeksiseera. #Hubachiisa:- Manneen Barnootaa Online Qormaata fudhatan kanneen armaan gadii yoo ta'an. kan hafan immoo.........See More https://www.facebook.com/100048758598453/posts/pfbid036rE1e2RKtSbHMkqXHowBFMSY7GNCSZvufmDamVWrcxeBVS8otatpzU6yf4rm64Epl/?app=fbl
Hammasini ko'rsatish...
Biiroo Barnootaa Oromiyaa

#Oduu_Hatattamaa! --------------- Ebla-21/2016 #Qormaatni_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa_Bara_2016 Waraqaafi 'Online'niiin kennamuun kan beekame yoo ta'u, #Adoolessa 3-5/2016 Saayinsii Hawaasaafi...

πŸ‘ 171❀ 44πŸ‘Ž 18πŸ† 18πŸ’― 17πŸ‘ 13πŸŽ‰ 7🀝 6✍ 4πŸ₯° 1
πŸ”” You Tube Official πŸ””
πŸ‘ FacebookΒ  Official πŸ‘
πŸ“– New curriculum πŸ“–
#Oduu_Gammachiisaa! Inistiitiyuutiin Seena Qabeessa Ta'e, Murtee Seena Qabeessaan Hundeeffame. ----------- BBO-Ebla 18/2016 Seenaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif Instiitiyuutii Qorannoo, Saayinsiifi Teeknooloojii Shaggar akka hundaa'u kaabineen Mootummaa Naannoo Oromiyaa sagalee guutuuun mirkaneesseera. Inistiitiyuutiin Qorannoo, Saayinsiifi Teeknooloojii Shaggar akka hundaa'u qorannoo yeroo dheeraa kan gaggeessa tureefi murteef mootummaatti dhiheesse Biiroon Barnootaa Oromiyaa mirkanaa'uu Inistiitichaa milkaa'ina ummata keenyaa akka ta'e ibsuun gammachuu isaanitti dhagahame dubbataniiru. Inistiitiyuutiin Qorannoo, Saayinsiifi Teeknooloojii Shaggar (IQSTS) fedhii misoomaa hawaasni keemya qabu irratti hundaa'uun; - Barattootni qaxaleen, kennaa addaa qabaniifi kalaquu danda'an, -Rakkoo Hawaas-dinagdee qorannoon furuuf, - Cehumsa beekumsa, saayinsiifi teeknooloojii ariifachiisuuf. - Humna namaa qorannoo, saayinsiifi teeknooloojiin gahumsa olaanaafi naamusa gaarii qaban horachuuf. - Haala qabatamaa yeroo ammaa addunyaan hawaas-dinagdee, siyaasaafi teeknooloojiin geesse hubachuun lammiilee keenya giddu gala tokkotti walitti fiduun humna namaa qorannoon, teeknooloojiifi saayinsiin, akkasumas kalaqaan gahumsa qabuufi rakkoo hawaasa keenyaa hiikuu danda'an horachuuf akka naannoofi biyya keenyaatti kan gargaaruudha. IQSTS kan hojjatus dameewwan; #Akkaadaamii #Qorannoofi_Qo'annoo #Kalaqaafi_Inkubeeshinii irratti hojii kan jalqabu ta'uun beekameera. Inistiitiyuutiin kun haala qabatamaa biyya keenyaafi idil addunyaatti kan qophaa'e yoo ta'u, biyyoota addunyaa muuxannoo qaban waliin qindoominaan hojjachuun dhaloota rakkoo naannoo keenyaa furan kan gahoomsuufi Inistiitiyuutii hojiin isaa rakkoo furuu danda'u jedhamee eegama. #Dhalootni_Qorannoon_Saayinsiifi_Teeknooloojiin_qaroome_badhaadhina.......See more https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa
Hammasini ko'rsatish...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

πŸ‘ 200❀ 50✍ 25🀝 18πŸ‘ 14πŸ‘Ž 6πŸ†’ 5πŸ’― 2
​Sirna Barnootaa Haaraa Hojiirra Oolchuu Keessatti Gaheen Hooggansa Manneen Barnootaafi Supparvaayizarootaa Ol'aanaadha &&&&&&&&&&&&&&&&&& BBO Ebla 18/2016 Leenjii Marsaa 4ffaa Hooggansa Manneen Barnootaa Sad.2ffaafi Supparvaayizarootaa Godinaale Lixaaafi kaaba lixa oromiiyaa (Wallaggaa afran,#Iluu Abbaaboor_Bunnoo_Beddellee #Jimmaa_ Shawaa lixaafi #Shawaa_Kibba_Lixaa) irraa dhufan Waliigala hirmaattoota 455 ta'aniif kennamaa jiru irratti ergaa darbe Leenjicha Hooggantuu Itti Aantuu BBO #Aadde #Habiibaa_Mohaammad jalqabsiisaniiru. Hojiirra olmaa sirna barnootaa Gahumsa bu'ureffateefi hojiirra oolmaa keessatti Gahee hoggantoota manneen barnootaa jedhu irratti maanuwaalii qophaa'e irratti leenjichi kan kennamaa jiru yoo ta'u; #Hooggantoonni leenjii leenjistootaa fudhataa jiran muuxannoo, #beekumsaafi_dandeettii qaban irratti dabaluun hawaasa manneen barnootaa biraan akka gahan, akkasumas sirni barnootaa haaraa kun hojii daree keessatti barachuu barattootaan bu'aa galmaa'uun kan milkaa'u waan ta'eef itti gaafatamummaa dachaa akka qaban Aadde Habiibaan leenjitootaaf dhaamaniiru. #BBOtti Daayirektarri Qophiifi Hojiirra Oolmaa Sirna Barnootaa Obbo Darajjee Taaddasaa leenjitoonni maanuwaalii irratti leenji'aa jiran itti gaafatamummaa dachaa isaanirra jiru akkaataa karoora qophaa'een sirni barnootaa kun gochaan deeggaramee bifa bu'aa buusuu danda'uun daree keessatti hordoffii walirraa hincinne taasisuu akka qaban, beekumsaafi dandeettii barsiisotaa hordofuun deeggarsa ogummaa gochuu akka qaban dhaamuun, #HOJIIN XIYYEEFFANNOO ISAANII #Barsiisonni karoora barannoo sirna barnootaa gahumsa bu'uureffate qixa barbaadamuun akka qopheeffatan taasisuu, #Mala gocha bu'uureffateefi dammaqinaan barattoota hirmaachisuu fayyadamanii akka barsiisaan taasisuun, #Iyyaafannoo_sirrummaa fi haqa qabeessuummaan isaa mirkanaa’e akka qopheesaniifi #Akka hoggansa_barnootaatti hojii ijoo manneen barnootaa kan ta'ee ''#Barachuu_Barattootaaf '' xiyyeeffannaa olaanaa kennuun sirni barnootichaa hojjiirra akka oolu gochuun hooggansa leenjii fudhatan irraa akka eggamu Obbo Darajjeen dabalataan ibsaniiru. https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa
Hammasini ko'rsatish...

πŸ‘ 76❀ 25πŸ‘Ž 8πŸ’― 2πŸ† 1
πŸ‘
πŸ‘Ž
πŸ”” You Tube Official πŸ””
πŸ‘ FacebookΒ  Official πŸ‘
πŸ“– New curriculum πŸ“–
​Waldorgommiin Falmii Dhaddachaa Barattoota Manneen Barnootaa Sad.2ffaa Gidduutti Gaggeeffame. @@@@@@@@@@@@@@@@@ BBO Ebla 12/2016 Waldorgommiin Falmii Dhaddachaa Barattoota Sad.2ffaa akka naannoo Oromiyaatti gaggeeffame. Waldorgommiin dhaddachaa kun yeroo 4ffaaf akka biyyaatti kan gaggeeffamu yammuu ta'u, barattoonni manneen barnootaa gara garaa irraa walutti bahan abbootiin seeraa bakka argamanitti walfalmiin gaggeeffamee jira. #KAAYYOON_WALFALMII; #Barattoonni Hubannaa_Mirga namoomaarratti akka qabaatan waan isaan gargaaruuf #Haqa Ce'umsaa akka biyyaatti jalqabame hubannaa uumuun rakkoon karaa nagaan akka hiikamuuf shoora isaanii hawaasa keessatti akka taphataniif kan isaan gargaaru ta'uu Yoo ta'u; Sagantaa Falmii Dhaddachaa kana Hog. I/ A/ BBO Dr.Galaanaa W/Mikaa'eel jalqabsiisaniiru. Barattoonni waa'ee mirga namoomaa, Waa'ee seeraas, Seerri yoo cabe yaada ofii ifaafi bilisaan dhiyeeffachuun akkamiin akka danda'amu hubanaa gahaa ta'e akka qabaatan isaan gargaara. Akkasumas hojiin xiyyeeffannoo barattootaa #Saayinsiifi_Teekinoloojii qofa osoo hintaane gama seeraanis xiyyeeffachuu akka qaban ibsaniiru. BBOtti Ogeessi Qophiifi Hojiirra Oolmaa Sirna Barnootaafi Qindeessaa Sagantaa Walfalmii Dhaddachaa Obbo Marajjeen Mokonnon barattoonni falmii gaggeessan kun gahumsa isaaniifi ofitti amantummaa isaanii daran akka dabaluuf ibsaniiru. Akkasumas gama seeraafi haqaanillee cimanii akka bahan gochuuf kan gargaaru ta'uu himaniiru. #Akka walii galaatti Waldorgommiin kun dorgommiirra darbee barattoonni dhimma mirga namoomaarratti kan xiyyeeffatu waan ta'eef dhugaa baasuurratti Ce'umsa Haqaa biyyi keenya irratti hojjetaa jiru hawaasaafi hawaasa gidduutti rakkoo yeroo gara garaa uumamuuff mootummaafi hawaasa gidduutti hariiroo cimaan akka uumamuufis shoora guddaa taphata. FOLLOW US OUR OFFICIAL https://www.facebook.com/biiroobarnootaaoromiyaa
Hammasini ko'rsatish...

πŸ‘ 157❀ 54πŸ† 12πŸ‘Œ 11✍ 1🫑 1
πŸ‘ 33
πŸ‘Ž 9
πŸ”” You Tube Official πŸ””
πŸ‘ FacebookΒ  Official πŸ‘
πŸ“– New curriculum πŸ“–
Hammasini ko'rsatish...

❀ 88πŸ‘ 79πŸ‘Ž 18😍 9✍ 7πŸ†’ 1
πŸ‘
πŸ‘Ž
πŸ”Ž Entrance Exam Questions πŸ”Ž
FACEBOOK
​Qormaata_Kutaa_6ffaafi_8ffaa Naannoo Oromiyaa #Guyyoota_60_Qofatu_Hafe ---------- BBO - Bitootessa 26/2016 Qormaatni Naannoo Oromiyaa kutaa 6ffaafi 8ffaa bara 2016 kennamu Gosoota Barnootaa Qormaatni Irraa Qophaa'e: A - #Kutaa_6ffaaf ---------------- Qormaatni kan qophaa'u barnoota kutaa 6ffaa irraa qofa yoo ta'u, isaanis; 1.Afaan Oromoo/Amaariffa 2. Afaan Ingilizii 3.Herrega 4.Saayinsii Naannoo 5. Barnoota Gadaa 50%fi i Safuu 50% #Guyyaan_Qormaata_kutaa_6ffaa #Caamsaa 26-30/2016, ji'oota 2 ykn Guyyoota 60 qofatu hafe. B- #Kutaa_8ffaaf ----------------- Qormaatni kutaa 8ffaa kan qophaa'u barnoota kutaa 8ffaa irraa qofa yoo ta'u, Gosootni Barnootaas; 1-Afaan Oromoo/Amaariffa 2-Afaan Ingilizii 3- Herrega 4- Saayinsii Hawaasaa 5- Saayinsii Waliigalaa 6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a. #Guyyaan_Qormaataa_immoo #Waxabajjii 03-07/2016, ji'a lamaafi guyyoota 8 qofa ykn #Guyyoota_68_qofatu_hafe. Kanaafuu, Barattootnifi Barsiisotni keenya akkasumas, Maatiim Barattootaa ji'oota lamaan hafan kana barattootni gara hundaan qormaataaf akka qophaa'an gargaarsi barbaachisu haa taasifamu kan jedhu dhaamsa keenya ta'a. BBO πŸ”Ž Exam Questions πŸ”Ž - https://t.me/oeb_book_store
Hammasini ko'rsatish...

πŸ‘ 345❀ 112πŸ‘Ž 40✍ 38πŸ™ 32πŸ’― 28🀝 18πŸ†’ 18πŸ•Š 12πŸ† 6🫑 5
πŸ‘
πŸ‘Ž
πŸ”Ž Exam Questions πŸ”Ž
Biiroo Barnootaa Oromiyaafi 'Ethio telecom' SMART EDUCATION #EmpoweringEducationThroughCutting_EdgeTechnology. https://youtu.be/7a-p0Ppy4WY?si=mkRLVAm-IormJUXM
Hammasini ko'rsatish...
Biiroo Barnootaa Oromiyaafi 'Ethio telecom' SMART EDUCATION

Biiroo Barnootaa Oromiyaafi 'Ethio telecom' SMART EDUCATION #EmpoweringEducationThroughCutting_EdgeTechnology. Biiroo Barnootaa Oromiyaafi 'Ethio telecom' SMART EDUCATION #EmpoweringEducationThroughCutting_EdgeTechnology.

πŸ‘ 84❀ 30πŸ† 14πŸ‘Œ 12πŸ‘Ž 5
πŸ‘
πŸ‘Ž
πŸ”Ž Entrance Exam Questions πŸ”Ž
Hammasini ko'rsatish...
Notcoin

Probably nothing @notcoin

❀ 15πŸ‘ 1