Oro Computer
Kanalga Telegramβda oβtish
Oro Computer Educational π»β¨ βChaanaalii kanaan waaβee teknoolojii, odeeffannoo bilbilaa, fi barumsa kompiutaraa garaa garaa Afaan Oromootiin argattu, dabalataan beeksisa addaa addaa fayyadamuuf Channel Keenya hordofaa.
Ko'proq ko'rsatish1 133
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
+57 kun
+230 kun
Postlar arxiv
1 133
πΊπ°π΄ πππππ
ππ πππππ πππ ππ'π π¬-πΊπ°π΄ πππππππ
ππ?" sadarkaalee guddinaa SIM kaardii yeroo gara yerootti kan mul'isu.
πΊππππ
πππ
πΊπ°π΄:SIM kaardii guddicha yeroo durii bilbiloota moofaa keessatti bal'inaan fayyadamaa turreedha.
π΄ππππ πΊπ°π΄: Fooyya'ee kan dhufeefi ismaart foonota (smartphones) jalqabaa irratti kan fayyadamnudha.
π΅πππ πΊπ°π΄ ("π΅πππ πΊπ°π΄" πππ
πππππ πππ πππππππππππ):SIM kaardii baay'ee xiqqaa yeroo ammaa bilbiloota ammayyaa harka caalu keessatti fayyadamaa jirrudha.
π¬-πΊπ°π΄ (π¬ππππ
π
ππ
πΊπ°π΄): Teeknooloojii haaraa SIM kaardii qaamaan hin mul'annedha.
π°πππ π©ππ'ππ π¬-πΊπ°π΄ (π¬ππππ
π
ππ
πΊπ°π΄):
E-SIM jechuun SIM kaardii qaamaan hin baaneefi hin galle, kan kallattiin 'motherboard' bilbilaa keessatti dhaabbatee hojjetameedha. Akka SIM kaardii kanaan duraa bitnee harkaan galchinu osoo hin taane, karaa interneetiifi 'software' qofa neetworkii itti guuttannee kan fayyadamnudha.
ππππππ
ππππππ π¬-πΊπ°π΄:
πΊπππππππππ ππππππ ππππππππππ: Kaardii qaamaan baasuufi galchuu osoo hin barbaachisin, karaa 'software' salphaatti bilbila keessaa neetworkii tokko irraa gara biraatti (fakkeenyaaf, Ethio Telecom irraa gara Safaricom) jijjiiruu dandeessisa. Akkasumas yeroo tokkotti sarara dacha (multiple profiles) galmeessuun ni danda'ama.
π΅πππππππππππ (πΊπππππππ):Yoo bilbilli keessan bade ykn hatame, hatattonni SIM kaardicha baasanii gatuu hin danda'an. Kunis bilbilicha hordofuuf (track gochuuf) baay'ee gargaara.
π°π
π
ππ ππππππ: Qaamni bilbila keessaa SIM kaardiif banaa ta'u waan qusatamuuf, dhaabbileen oomishan iddoo sana baatirii guddaa kaa'uuf ykn bilbilicha qala'aa gochuuf isaan gargaara.
π©ππππππ ππ πππππ πππππππ (πΎππππ πΉπππππππππ):Ulaa (port) SIM kaardii ittiin galchan waan hin qabneef, bishaan salphaatti bilbila keessa hin seenu.
π Barumsa Tech salphaa fi buβa qabeessaaf nuu hordofaa.
| | π±Tiktok | |π±Telegram | |π€Bot | | π±YouTube | |π±Facebook | |
1 133
Repost from Oromia Education Bureau
#Beeksisa #Barattoota_Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Qabxii Yunivarsiitii Isaan Galchu Galmeessisan Hundaaf:
BBO - Hagayya 28/2018 Barattootni Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Bara 2018 fudhachuun qabxii Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo/Yunivarsiitii Isin Seensisuu Danda'u/Dabartan/ Yunivarsiitii Keessatti Barachuu Barbaaddan Online'n Liinkii Asii Gaditti Kenname Banuun Hagayya 28/2018 Hanga Qaammee 5/2018 Akka Filattan Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa Beeksiseera.
Liinkichis:- https://student.ethernet.edu.et/
#Hubachiisa:- Barattootni sababa fayyaan walqabate , qaama miidhamtootni, lakkuuwwan saalan tokko ta'aniifi haati daa'ima ji'a 6 gadii hoosiftu ragaa seera qabeessa ta'een walqabsiisanii akka filatan jedhameera.
πOromia Education News π
πTolaa Bariisoo Gadaa π
| |π±Facebook |π± WhatsApp |π±YouTube | |π±Telegram | | π€Bot | |
1 133
π₯ Pulaatfoormota Hojii Fageenyaa (Remote-Work) 10 Itoophiyaa Ta'anii Hojjechuuf Filataman ππ
βMana keessan ta'anii interneetii qofa fayyadamuun sharafa alaa argachuu barbaadduu? Isiniif kan ta'an pulaatfoormota hojii fageenyaa bebbeekamoo fi Itoophiyaa keessaa ta'anii hojjechuuf dandeessisan 10 kunooti:
β1οΈβ£ DataAnnotation.tech
π https://www.dataannotation.tech/
β
AI, Qorannoo, Imaammata, Barruu, IT, Daataa, fi Gorsummaa
β2οΈβ£ Outlier.ai
π https://outlier.ai/
β
Tajaajiloota AI, Barruu, Hiikkaa, Diizaayinii, fi Qorannoo
β3οΈβ£ Upwork
π https://www.upwork.com/
π Hojiilee Freelance fi Ogeessota dhuunfaatiif
β4οΈβ£ Fiverr
π https://www.fiverr.com/
π Tajaajiloota murtaawaa fi saffisa qaban (Productized Gigs) irratti hundaa'uuf
β5οΈβ£ Contra
π https://contra.com/
π Hojiilee Teeknoolojii, AI, Maarketiingii fi Opreeshinii
β6οΈβ£ Remote OK
π https://remoteok.com/
π Carraawwan hojii fageenyaa dhaabbataa argachuuf
β7οΈβ£ We Work Remotely
π https://weworkremotely.com/
π Hojiilee dhaabbata jalqabbii (Startup), AI fi Teeknoolojii
β8οΈβ£ LinkedIn
π https://www.linkedin.com/
β
Qacarraawwan hojii fageenyaa addunyaa mararraa jiran
β9οΈβ£ FlexJobs
π https://www.flexjobs.com/
π Carraawwan hojii fageenyaa amansiisoo ta'an
βπ Toptal
π https://www.toptal.com/
π Freelancing ogeeyyii sadarkaa ol'aanaa qabaniif (Expert-level)
βπ‘ Odeeffannoowwan teeknoolojii fi carraawwan hojii akkasii dabalataan argachuuf fuula keenya hordofaa!
βπ± Oro Computer - Facebook, YouTube channel, TikTok fi Telegram keenya Subscribe, Follow, Like & Share gochuun maatii keenya ta'aa!
1 133
π Moosaajiiwwan (AI Tools) Hojii fi Qorannoo Keessan Saffisiisan 16! π‘
βHojii Guyyaa Guyyaa, Qorannoo Barnootaa fi Uumama Qabiyyee (Content Creation) keessan bifa salphaa fi ammayyaa ta'een xumuruuf moosaajiiwwan fayyida -qabeessa ta'an kanneen seenaa fayyadamaa! π
βπΉ Elicit.com β Barruulee qorannoo saffisaan barbaaduu, odeeffannoo adda baasuu fi cuunfaa hojjechuuf kan gargaaru.
βποΈ Otter.ai β Sagalee fi dubbiilee waraabaman kallattiin gara barruutti (text) kan jijjiiru.
βπ Decktopus.com β Mata duree qofa kennuudhaan slide PowerPoint bareedaa fi ogummaan sanaa AI'n kan qopheessu.
βπ§ Gitmind.com β Yaada, karoora fi proojektoota bifa kaartaa yaadaa (Mind Map) fi fakkii adeemsa hojiitiin qindeessuuf.
βπ Lightpdf.com β Faayiloota PDF gulaaluu, jijjiiruu, walitti makuu fi mallattoo kaa'uuf kan dandeessisu.
βπΌοΈ Picwish.com β Duubbee (background) suuraa haquu, qulqullina fooyyessuu fi waan hin barbaachisne kaasuuf.
βπΉ Reccloud.com β Waraabbii iskiriinii, vidiyyoo taphachiisuu fi vidiyyoowwan gabaaboon uumuuf meeshaa gargaaru.
ββοΈ Kapwing.com β Vidiyyoowwan muruu, barruu jala (Subtitle) dabaluu fi qabiyyeewwan miidiyaa hawaasaa gulaaluuf.
βποΈ Podcastle.ai β Sagalee podkaastii waraabuu, iyya duubbee kaasuu fi qulqullina sagalee eeguuf.
βπ¬ Consensus.app β Gaaffiilee saayinsawaaf barruulee qorannoo amanamoo irraa deebii ragaadhaan deeggarame dhiheessa.
βπ Researchrabbit.ai β Barruulee qorannoo wal-qabatan barbaaduu fi bifa giraafiitiin agarsiisuuf.
βπ Zotero.org β Kitaabota fi madda barruu (References) qorannoof qindeessuu, olkaahuu fi wabii gochuuf.
βπ§ Scite.ai β Barruulee qorannoo qorattoota biraatiin akkamitti akka wabii godhaman xiinxaluuf.
βπ Scholarcy.com β Barruulee dheeraa fi gabaasaalee dubbisuudhaan qabxiilee guguddoo cuunfee kan dhiheessu.
βπ Connectedpapers.com β Qorannoo tokko ka'umsa godhachuudhaan qorannoowwan wal-qabatan bifa kaartaan agarsiisa.
ββοΈ Writefull.com β Seera afaanii (Grammar), ispeeliingii fi fayyadama jechootaa barruulee barnootaatiif kan qophaa'e.
βπ² Sab-qunnamtii Keenya Hordofaa:
π Oro Computer
π Facebook | YouTube | TikTok
βπ Like, Share fi Subscribe gochuun yaada fi barnoota dabalataa argadhaa! β€οΈ
1 133
Telegram Channel Keessan Akkamitti Monetize Gochuu Dandeessu?
Telegram channel tokko audience ijaaruuf qofa miti. Yoo sirriitti qindaaβe, sponsorship, Telegram Ads, affiliate marketing, premium content, digital products fi tajaajila dhuunfaa irraa galii uumuuf itti fayyadamuun ni dandaβama.
Barreeffama keenya haaraa keessatti:
β’ Telegram Channel monetization akkamitti hojjetu
β’ Itoophiyaa keessatti carraalee galii jiran
β’ Followers fi views maalif barbaachisoo taβan
β’ Sponsored posts irraa galii argachuu
β’ Premium content fi digital products gurguruu
β’ Channel kee gara businessitti jijjiiruu
π Qajeelfama guutuu dubbisuuf:
https://yunus.tirushop.com/telegram-channel-monetize-gochuu-itoophiyaa/
Audience ijaari. Amanamummaa horadhu.
Sana booda monetization irratti hojjedhu.
1 133
TikTok Irraa Galii Argachuu Ni Barbaaddaa?
TikTok irratti followers baay'ee qabaachuun qofti maallaqa argamsiisu jechuu miti. Garuu audience sirrii ijaarrattee, trust uumtee fi strategy gaarii qabaattee TikTok kee gara carraa business fi galiitti jijjiiruu dandeessa.
Barreeffama kana keessatti karaa 7 ilaalla:
β’ TikTok monetization
β’ LIVE fi Gifts
β’ Affiliate marketing
β’ Brand sponsorship
β’ Website'etti traffic fiduu
β’ Online course fi digital products
β’ Tajaajila kee gurguruu
Keessumaa Ethiopia keessatti TikTok irraa galii argachuuf maal irratti xiyyeeffachuu qabda? Fakkeenya qabatamaa fi simulation salphaa waliin ibsineera.
Barreeffama guutuu as irraa dubbisi:
https://finur.tirushop.com/akkamitti-tiktok-irraa-galii-argachuu-dandeenya/
Nama TikTok fayyadamuuf barbaadu biraas qoodi.
#TikTokEthiopia #TikTok #DigitalMarketing #OnlineBusiness #AfaanOromoo
1 133
Repost from Oromo Tech Hub - (OTH)
ODUU HAARAA
SEERRI YOUTUBE MONETIZATION 2027 NI JIJJIIRAMA!
YouTubeβn February 1, 2027 irraa eegalee namoota haaraa YouTube Partner Program (YPP) keessatti galanif ulaagaalee monetization haaraa hojiirra oolchuuf beeksiseera.
π Ulaagaa haaraa Ad Revenue argachuuf:
π€ 1,000 Subscribers qabaachuu
Kana malees keessaa tokko guutuu qabda:
βΆοΈ 8,000 saβaatii Watch Time β guyyoota 365 darban keessatti
YKN π¬ 20 Million Shorts Views β guyyoota 90 darban keessatti.
β οΈ Ulaagaan duraanii:
β’ 1,000 Subscribers + 4,000 Watch Hours
YKN
β’ 1,000 Subscribers + 10 Million Shorts Views ture.
β‘οΈKana jechuun ulaagaaleen haaraan watch hours fi Shorts views irratti dachaa lama taβu.
Kanaaf YouTuberootaaf ergaan keenya:
π Yoo channel haaraa qabattee, baraa 2027 dura ulaagaalee YPP guutuuf carraaqqi!
π Content qulqulluu fi original hojjedhu.
π Watch time fi audience kee sirnaan guddifadhu.
π Shorts qofa irratti hin hirkatiin; long-form videos irrattis xiyyeeffadhu.
π
SEERRI HAARAAN: February 1, 2027 irraa eegala.
π’ Odeeffannoo kana YouTuberoota biroo waliin qoodi!
Hubachiisa: Kun namoota haaraa YPP seenuuf yaalan irratti ulaagaalee ad-revenue haaraa dha; βYouTubeβn channel hunda irraa monetization ni haqaβ jechuu miti.
YouTube β Official announcementβ ξ
π Barumsa Tech salphaa fi buβa qabeessaaf nuu hordofaa.
| | π±Tiktok | |π±Telegram | |π€Bot | | π±YouTube | |π±Facebook | |
1 133
βπ Seera 10: Miidiyaa hawaasaa fayyadamuu hin baayβisin! β³
Qabeenyawwan uumamaan siif kennaman qaqqaalii sadan keessaa sammuu kee fi namoota keetti aanee kan jiru yeroo keeti. Gabaabaadhumatti, yeroon kee jireenya keeti. Yeroo kee qisaasessuun jireenya kee qisaasessuudha. Miidiyaaleen hawaasaa bilbila kee irra jiran diinota yeroo kee si jalaa balleessan akka taβan yaadi. Akka isaan yeroo kee isa qaalii si jalaa hin balleessinetti ogummaadhaan yoo fayyadamte baayβee si fayyadu. Taβuu baannaan jireenya kee balaaf kennu. Kanaafuu, yeroon ati miidiyaalee hawaasaa fayyadamuuf fudhattu daangaa isaa kan eeggate taβuu qaba. Yaadadhu, yeroon kee jireenya keeti; jireenya kee caalaa immoo gati-jabeessi addunyaa kana irra hin jiru!
βπ (Itti fufa...)
βπ¬ Garaa keessan irraa seerota kana keessaa kamtu caalaatti isin tuqe? Yaada keessan comment irratti naa qooda!
βπ Like, Share fi Follow gochuu hin dagatinaa!
β#Seerota_Itti_Fayyadama_Miidiyaa_Hawaasaa #OroComputer #MiidiyaaHawaasaa #GorsaJireenyaa #DigitalLiteracy
1 133
π² SEEROTA ITTI FAYYADAMA MIIDIYAA HAWAASAA π²
β (Oro Computer) | Kutaa 1ffaa β
βKabajamo! Akka nama βFacebookβ haala gaariin fayyadamuu isaaf beekamtii argate tokkootti, seerota armaan gadii tumuu koo yeroon ibsu gammachuu guddaatu natti dhagaβama!
β1οΈβ£ Seera 1: Miira kee sakatta'i! π§ββοΈ
Barreeffamas taβe suura kamuu maxxansuu dura miira kee sakattaβi. Aartees taβe baayβee gammaddee yommuu jirtu miidiyaa kamuu of irraa fageessi. Maxxansuuf yoo jettu gaaffii, βMiirri koo sirriidhaa?β jedhu of gaafadhu.
β2οΈβ£ Seera 2: Wanti maxxansitu ni fayyadaa? π‘
Miira kee erga sakattaatee booda gaaffii murteessaan of gaafachuu qabdu: βWanti ani maxxansaa jiru kun ni fayyadaa?β isa jedhudha. Wanti nuti maxxansinu kamuu namoota fayyaduu kan qabu taβuu qabu. Yoo fayyaduudhaa baate illee nama kamuu miidhuu akka hin qabne mirkaneeffachuu qabna.
β3οΈβ£ Seera 3: Fedhii (motive) kee hubadhu! π―
Waan kamuu maxxansuu kee dura fedhii kee hubadhu. Kaayyoon maxxansa keetii maali? Buβaan ati maxxansa sana irraa argattu maali? Bakka bareedaatti uffata bareedaadhaan suura kaatee maxxansuun kee namoota isaan kaan hinaafsisuuf yoo taβe tasuma hin maxxansin!
β4οΈβ£ Seera 4: Jireenya namootaaf gatii (value) dabali! β¨
Wanti maxxansitu kamuu jireenya namootaaf gatii kan dabalu akka taβe mirkaneeffadhu. Barreeffamnis taβe suurri ati maxxansitu kamuu barsiisuuf, onnachiisuuf, miira gaarii namoota keessatti uumuuf taβuu qabu. Waanuma gatii namootaaf hin daballe hin maxxansin!
β5οΈβ£ Seera 5: Wanta gad fageenyaan hin beekne hin maxxansin! π
Namoonni nuti beekumsaan caallu kan nu hordofan akkuma jiran, namoonni baayβee nu caalanis akka nu hordofan beekuun gaaruma. Dhimma kamuu hamma ati beektuu ol namni beeku wayii ni jira. Kanaafuu, wanta sirriitti beektuu fi ogummaa kee taβeen ala waanuma sitti fakkaate qabattee miidiyaatti hin baβiin.
β6οΈβ£ Seera 6: Wanta si hin ilaallanne kamittuu hin hirmaatin! π
Namoonni baayβeen waan dubbataniif qofa hin dubbatiin. Namoota hedduutu yaada kenne jechuun yaadichi dhugaa yookaan sirriidha jechuu miti. Kanaafuu, barreeffama kamuu barreessuus taβe yaada kamuu namootaaf kennuuf yoo murteessitu yeroo hundumaa gaaffii, βDhimmi kun na ilaallataa?β jedhu of gaafadhu.
β7οΈβ£ Seera 7: Dhimma nama dhuunfaa hin kaasin! π€
β...Sammuu xixiqqoon waaβee namoota dhuunfaa irratti xiyyeeffataβ kan jedhu kitaaba koo Miiltoo irratti barreesseen ture. Gaarummaa isaa dubbachuuf, galateeffachuuf, onnachiisuuf yoo taβeen ala, dhimma nama dhuunfaa kamuu negetiiviin hin kaasin. Hammamuu yoo itti aarte karaa biroo dhimma kee xumuradhu malee, raawwattee nama kamuu as hin fidin!
β8οΈβ£ Seera 8: Warra si arrabsaniif deebii hin kennin! π€«
βSaree natti duttu hundumaatti dhagaa hin darbadhu!β kan jedhu jecha Winston Churchill qajeeltoo jireenyaa godhadhu. Namni saree jedhamu jiraachuu baatus, namoonni akka saree nama ciniinuun amala isaanii taβe garuu inuma jiru. Maal jedhu warri mammaakan? βGaalli inuma deema; saroonni inuma dutu!β Arrabsoo kamiifuu arrabsoon deebii hin kennin. Nan beeka, ni dhukkuba! Obsitee...ciniinnattee...akka waan hin argiiniitti bira darbuun garuu moβamuu otuu hin taane, moβachuudha! Gaafa deebii laatte garuu gita jaraatti gad buutee waliin taphachuun moβamuu kee argisiisuu keeti.
β9οΈβ£ Seera 9: Bilchina miiraa (emotional maturity) qabaadhu! π§
Miidiyaa hawaasaa fayyadamuun wantota baayβee barbaachisoo fi murteessoo taβan keessaa tokko bilchina miiraa qabaachuudha. Namoota akaakuu hedduu waliin dirree tokko irra oolta. Inni tokko si jaallata, inni tokko jaalalas taβe jibba siif hin qabu, inni tokko ijaan argaa kee jibba, inni tokko guddina kee hawwa, inni tokko sitti hinaafa. Namoonni kun hunduu si wajjin dirree tokko keessaa taphatu. Kanaafuu, yaadota, jajannaa, eebba, arrabsoo, xiqqeessuu, abaarsa...gara keetti darbatamu hundumaa miira bilchaataadhaan simachuu qabda. Warra harka siif rukkutan qofa barbaadda taanaan, bakki itti isaan qofa argattu aduu kana gajjallaa hin jiru!
1 133
Repost from Oro Central Station
Beeksisa Ariifachiisaa
Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa BBO wajjiin ta'uun barattoota kutaa 12ffaa xumuranii ulaagaalee qajeelfama kana irra jiru guutan fi fedhii qaban Hagayyaa Bara 2018 irraa eegalee barsiisota barnoota bu'uura boruu sadarkaa sartifikeetiitiin leenjisuu barbaada. Kanaafuu namoonni ulaagaa jedhamee guuttan fi fedhii qabdan hundi galmooftanii dorgomuu ni dandeessu.
β
οΈ Iddoon galmee Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Kaaampaasiwwan 14n irratti ta'a.
β
οΈ Guyyaan galmee Adoolessa 30 hanga Hagayyaa 4 qofa.
1 133
Repost from Oro Central Station
Ulaagaa Dorgommii Fi Simannaa Barattoota Kutaa 9ffaa Kan Manneen Barnoota Bultii Addaa Fi Manneen Barnoota Addaa Naannoo Oromiyaa Bara 2019
1 133
Repost from TIKVAH AFAAN OROMOO
Qabxiin Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018 Ibsame.
Naannoo Oromiyaatti Qormaatni Naannoo Xumura Barnoota Sad. 1ffaa Kutaa 6ffaa Bara 2018 Waxabajjii 08- 09/2018 kennamee tura har'a qabxiin barattootaa ifoomeera.
π Qabxiin darbiinsaas 50%fi ol ta'uun murtaa'eera.
πBarattoota qormaata fudhatan 517,209 keessaa qabxii darbiinsaa (50%fi ol) galmeessisuun gara kutaa itti aanuutti kan darban barattoota 464,839 (89.9%) ta'uun beekameera.
Barattoota qormaata fudhatan:
πDhiira 267,307 keessa 91.2% fi
πDubara 249,902 keessaa 88.4% darbaniiru.
Haaluma kanaan qabxii ilaallachuuf Liinkii asii gaditti dhihaate banuun; Lakkoofsa Galmee keessan/Registration Number/ galchuun
Itti aansuun Maqaa keessan kan jalqabaa galchuun qabxii keessan ilaallachuu ni dandeessu.
Liinkii:- https://oromia6.ministry.et
#TikvahAfaanOromoo
Adoolessa 24, 2018
Finfinnee
@tikvahethafaanoromoo
1 133
Repost from Oromo Tech Hub - (OTH)
Liinkii:- Qabxii Qormaata Kutaa 6ffaa Bara 2018
https://oromia6.ministry.et
