1 933
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar
- Kanalning o'sishi
- Post qamrovi
- ER - jalb qilish nisbati
Ma'lumot yuklanmoqda...
Obunachilar o'sish tezligi
Ma'lumot yuklanmoqda...
Hacaaluu_Hundeessaa_Boonsaa
#Kutaa_1ffaa
Hacaaluu Hundeessaa Bara 1978 Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa lixaa magaalaa #Ambootti dhalate. Magaalaan Amboo olmaa guddaa Hacaaluuf qaba. Hacaaluu Hundeessaa ilma oromoo qabsoof dhalateedha.Goota ija barbadaa,gadameessi haadha oromoo Oromoo fi Oromiyaa badhaafte. Hacaaluu Hundeessaa imala qabso Oromoo keessatti goota seenaa eenyuyyuu bakka hin buune gumaacheedha.Artiistii Dararaa fi dhiibbaan ummata oromoo irra dhufaa darbaa gahaa ture isa teessissu hin dandeenyedha. Aarsaa fi wareegama kamuu kaffaluuf goota of qopheessuun qabsoo oromoo finiinseedha. #Goota_Gaafa_Xiiqii. Kan qabsoo oromoof of duuba hin jenne. Onneen gootummaa isaa gaachana qabsoo oromoo isa taasise. Hacaaluu Hundeessaa agartuu qabsoo oromoo ijoollummaan qabsoo jalqabe.Yeroo kutaa 11ffaa baratus qabsoo oromoof jecha qabamee hidhamuun waggaa Shaniif mana hidhaatti dararama ture. H-Hundeessaa haa hidhan malee mana adabaatti qabsoo itti fufee mul'ataa fi egeree oromoo giddu galeessa godhachuun ogummaa aartiin mana adabaa ta'ee hojii qabsoo itti fufe.Aartii qabsoo oromoo utubuuf. Walaloo sirboota isaa Albeemii jalqabaa 9 mana adabaa taa'ee barreesse.
Hacaaluu Hundeessaa sirboota isaa mana hidhaa taa'uun barreesse akkuma mana adabaatii baheen ogummaa aartii fi jechoota filatamoon qindeessee ummata isaa jaallatu biraan gahe. Jaallatammummaa fi kabaja waliin ummata oromoottis bahuu danda'e. Hacaaluu Hundeessaa sirboota qabsoo isaa yoomuu Seenaa qabsoo fi laphee ummata oromoo keessaa haqamuu hin dandeenyeen qabsoo ummata oromoo utubuu jalqabe. Sirboonni qabsoo isaas oromoo dangaa hanga daangaatti dammaqse. #Tokkummaa_Oromoo itichuu jalqabe. Kana irratti hundaa'uunis #Waa_hin_yaadneen waggaa 27 ummata dhiitee bulche isa callisiisuuf yaalii hedduu godhaa ture.Haa ta'u malee Haceen miidhamni Lammii isaa isa teessisuu hin dandeenye. #Waa_hin_yaanneen isa qabuun Mana hidhaa Ma'akalawwiitti hidhuun dararee gadhiise.
Qabsoon Oromoo cimaa,finiinaa akka deemuuf Artistoonni oromoo gumaacha guddaa oromoof godhaa turan. Artistoonni oromoo qabsoon oromoo akka hin mugne sagalee qabsoo oromoo ta'uun wareegamaaf, aarsaa hunda kaffalaniidha. Aarsaa lubbuu,dararaa fi hanga biyyaa baqatannitti qabsoo oromoof kan of kennanidha. Bara midiyaaleen qabsoo oromoo ta'an hin jirretti oromoof kan gummaachan. Hacaaluu Hundeessaas artistii jaallatamaa,kabajamaa fi onnee oromoo hunda keessa kan jiruu fi gara fuula duraattis jiraatudha.
Kutaa 2ffaan itti fufa...
Share godhaa hiriyoota keessaniif!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
share share
@Qubaqabduu
@Qubaqbduu
👆
Seenaan ha yaadatuu hangafaa qabsoo duraa😭
~~
``~~~~~~~
`
`
~~~~~~~
Jarraa Abbaa Gadaa hangafaa duraa
Gaafa manaa bahu jalqabuma duraa
Haadhaa fi abbaa obboleeyyan mara
Ollaa fi ganda ahliidhaa fi fira
Osoo hin jaalatin sosssobachaa garaa
Dirqamuma ta’eef ka’ee bu’e karaa.
Amna jalqabuuf galaa sinqeeffatee
Manguddoof jaarsooliin eebba eebbifatee
Ijoollee biyyaa fi-qabuun hammatee
“Abshiir jajjabaadhaan” dhaamsa dabarsatee
Osoo ijji boochuu imimmaan haqatee
Takka tarkaanfatuun if duuba mil’atee
Harka hafarsuun nagaya dhaammate.
Ifumaan dubbachuun if keessat-guungumee
Kaayyoo manaa baheef ifiin ifitti himee
Galmaan akka gahu fuuldurat-tilmaamee
Firii argamsiisuuf amna dheeraa deeme.
Akka bakkaan gahu abdiin jala muree
Laggeenii fi gaarreen tulluudhaa fi raaree
Hunda qaxxaamuruun hallayyaa fi qarree
Qorraa-aduun janne ganamaa fi waaree
Dukkana cillimiin obsuun dhagaaf qoree
Bineeyyii hahhamoo miliqee irraa goree
Rakkoo beelaaf dheebuu ciniinnachaa sabree
Irra hin kaayyanne yoo lubbulleen dabre;😭
Kaayyoo kaayyeeffateet arguu saba furee.
Bu’aa ba’ii meeqaan oliif gad meeratee
Mukkeen adda addaa kan arge sooratee
Yoo dhabellee dhiisee obsuun ciniinnatee
Bineensa bosonaa hiriyaa godhatee
Qorra hamadayaan baala haguuggatee
Abdii osoo hin kutin daranuu onnatee
Qananii jireenyaa achuma godhate.
Qabeenya horatee jiraachuu hin dadhabne,
Bultii ijaarratee ilmaan horuu hin yaanne,
Sodaa diinaatiif mataa gad hin qabne,
Rakkoo itti galteef harka hin kannine,
Bu’aa ifii laalee lammii isaa hin ganne,
Roorroo adawwiitiif sabarraa hin baqanne
Lubbuu isaa takkittii isaaniif if kanne.
Inni suni goota goota Oromootii
Kan saba dammeeysee qabsaawe dhugatti
Kan lubbuu isaa dhabe daandii haqaarratti
Wareegamni isaanii wareega seenaatii;
Kanumaaf yaadanna baraa fi baratti.
Sirna gita bittaa fonqolchuuf muratee
Bilisummaa arguuf hawwiidhaan tashatee
Galii osoo hin argin kan lubbuunsaa baate😭
Dhugaaf manaa bahuun dhugarratti kutee
Arra Oromoonnis isaanumaan boontee
Kanumaaf bara-baraan wal gahuun yaadatte.
Daandii haqaa saaquun nutti garsiisanii
Addaan hin baanuun gurmuun tokkoomanii
Waliin wal qabachuun walumaan dhumanii
Dhaloota ammaatiif fakkeenya tahani.
Tasa hin hifanne hin sodaanne diina
Tirachaati ture qabsoo teenya tanaa
Gootoota qaqqaalii kanneen nuuf gaachanaa
Wabii bilisummaati isaanumaan boonnaa
Dagatamuun-tahan barayyuu yaadanna.
Dagatamuun-tahan barayyuu yaadanna.
#shareshare join👇
@Qubaqabduu
@Qubaqabduuumuraa kan hamma lubbuu isaatti
geggeeffameen bara 1987 Guraandhala 17 ganama keessaa
sa'atii 4:00 irraatti "Yeroo ani mana obbo Dagaatti ol seenu jedha Obbolessi,
Obbo Dagaan Qawwee isaanii ceekuutti hirkifatanii harka
tokkoon qur'aana qabatanii madabii isaanii irraa gara ulaa
balbalaa kanatti siqanii taa'anii qara'u, yeroon isaan
biraa gadi ba'u jarri tokko meeshaa gurguddaa baattee bosona keessaa gadi natti yaate, yeroon Dagaattin hima
jedhee kara manaa ol deebi'uuf yaalu na qepha'anii gadi
nadeebisani, Namni lama jara keessaa na qabuuf ana faana
fiigdii, ijoolleen dubraa namni lama (Zakuu obboleettii
keenyaa fi Hindiyyaa shamarreen jedhamtu kan mana
keenyatti guddatte) arganii dhagaa fudhatanii jara kana
lamaan dhagaa itti guuranii narra dhorkan. Karaa manaattis
yeroo jarri fiigdu diinnis faana buutee karaa manaa qajeelte.
Ijoolleen lamaan akkuma mana seenteen huccuu jijjiirrattee
utuu jarri kara mana obbo Dagaa deemaa jirtuu diinnis argee
''Jara miti kun'' jedhee bira kute. Karaa mana Dagaatti
darbe. Yeroo jarri ijoollettii lamaan barbaadaa ol seentu
obbo Dagaan silaa dhagahaa jiru. Wanti ala kana ta'aa jiru kun itti hin tolle.
Qophiidhaan eeggatee taa'e yeroo jarri ulaa manaa ol
saaqxu rasaasaan lafa naqan. Sana booda
diinni bosona boroo mana keenyaa keessa seenee jiru jara
lameen kana irraa odeeffannoo eeggachaa kan jiranu yeroo
sagalee dhukaasicha jaal Dagaan dhukaase dhaga'anu gadi
yaa'an. Utuu jarri hin dhufin obbo Dagaan deessee keenyaaf
warra isaanii waamanii "Yaa haadha koo, yaa haadha ilmaan
koo eda halkan Abjuu tokko argeen jira". "Abjuun koo sunis
xalayaa wahiitu natti fidamee natti kennamaan
argee, guyyaa godaansa kootiiti natti fakkaata, Kan
ani du'uuf lammii kootiifi, kan ani du'us lafa koo irratti, kan
ana ajjeesus diina kootii, isaa guyyaan guyyaa kamisaatii
har'a baqachuun hin jiru, liqii namaa
narra jiru iyyaafadhaatii narraa kafalaa, kootis waan nama
bira jiru gaafadhaatii fuudhaa ijoollee kootiin naaf guddisaa,
amma jabadhaati karaa duraa dabaati ijoollee koo naaf qabaa
asii deemaa" jedhe obbo Dagaan jedhee obboleessi isaa kan
gaafas qaamaan bira jiru #Yuusuf_She_Hasan_Deenoo. Sana booda waraanni dhufee qe'eetti marsee dhukaasni jalqabe. Kan dhukaasni jalqabes sa'atii 4:00 ganama ture. Yeroo jarri Sarootaa mana isaa fi qe'ee jara Sheek Hasan
kanatti marsitu akkas jedhe Jaal Dagaan sagalee isaa ol
fuudhee lallabee. "Obbolaa koo, firoottan koo, maatii
koo hundi fi jaallan koo sabboontotni Oromoo dhihoo fi
fagoo irraa na dhagahaa jirtanu hundi, ani obboleessi
keessan Dagaan hacuuccaa fi dhiittaa mirga
keessanii waanin arguu fi dhaga'uu dadhabeef amma lubbuu
kootiitti waan Rabbiin koo na gargaare raawwataa tureera,
ammas hanga lubbuun koo jirtutti nan raawwadha, Yoon injifadhe waliin gammadna,
yoon injifatames akka waan kaayyoon koo du'eetti hin
laalinaa,Anaan yoo rabbi jedhe jannata keessatti wal agarra, isinis mirga keessan falmachuu irraa duuba hin deebi'inaa, saroota Wayyaanee kanaaf harka hin
kenninaa, nuti mana jaraa, lafa jaraa, haqa jaraa, biyya jaraa
saamuuf miti, Haqa keenya irraa deebifataa jirra, mana
keenya irraa lolataa jirra, dhiigni keenya xaliila xurii/huuba
hin qabnedha, Haqaaf falmanna, dhugaa qabna, diina
mana keenyatti nutti roorrisu hin sodaannu"
Jedhaa ture jette tiruun isaa Aadde #Giddee_Sheek_Hasan
kan daggala keessa dhaabattee sagalee isaa halaala irraa
dhageesse. Manuma isaa keessaa goorroo/girgiddaa mana
isaa keessaa dawoo godhatee foddaa fi qaawwa garaa
garaatiin harka lamaaniin mirgaa fi bitaa duraa fi duubaan
irraa fi jalaan utuu dhukaasu nanaanna'ee utuu diina lafa
naquu waaree booda saatii 7:30tti
diinni walitti labsee humna dabalatee akka cabbiitti
utuu rasaasa itti roobsuu utuu meeshaalee gara garaa
fayyadamuun ibidda qabsiisuudhaan dadhabsiise. Kana
keessa manni isaa fi kan abbaa isaa fi masjidni mooraa
jaraa keessaa tokkoo fi manni midhaanii......,Tuullaa Xaafii ibiddaan guban. Gombisaan-3 kan xaafii dhaan guuttamee jirus akka hin taane ta'e. Qarshiin 60,000 ta'us kana
keessatti gubate. Mana obboleessa isaattis ibidda uwwissan. Lollis jabaatee Dagaan rasaasa diina
atiin rukutame.
Jarri duraan sababa lolli jabaateef, jaallewwan isaani du'anii fi baayyeen isaanis waan miidhamaniif, manatti siqachuun waan itti ulfaateef nama baayyeetu nuun lolaa jira se'anii turan. Garuu yeroo jarri seenanii reefka gadi guuruuf jedhan nama
tokko qofatu du'ee ciisa. #Daagaa_Deenoo. Dagaan tokkicha amma
kumaa, qal'aa mudhii #Soonsaa, diinaan wal arginaan hiddaa akka #Bofaa, Goota akka
#Leencaati. Dagaan hiriyoota isaa fi firoottan isaatiin akkana jedhaa ture. "Garaa ofiitiif
jedhee kan jiraatu, kan saba isaaf hin yaadne nu keessatti
hin dhalatin, kan dhalatee hin guddattin, gantuu fi
yartuu, basaastuun jiraachuu mannaa dhiigni isii baqee
baduu wayya". Diinotni isaas manatti erga seenanii booda reefqa isaa fudhatanii shubbisaa, dhiichisaa gara
maayibaasa gandoolee naannoo kanaa magaalaa
#Gesechaatti baachisanii akka inni achi bulu godhan. Utuu
jarri achitti reeffa isaarraa dhiichisaa jirtuu ummanni Oromoo
kan magaalaa fi baadiyyaa naannawa sanii hiriira ba'ee
dhaqee reefqa goota keenyaa nuuf kennaa jedhanii yeroo
gaafatan didanii achuma bulchanii gaafa 18 ganama, ramadaana 16 gara waajjira poolisii Gaattiraatti geessan.
Ummanni magaalaa Gaattiraas gandoolee baadiyyaa
dabalatee tokkoomee wal gurmeessee ganamaan
waajjirichatti yaa'ee gaafatee, itti ciche.
Jarris akkas jedhan
"Egaa namtichi kun isa dhiiga jaallan keenyaa dhangalaasee
dhugaa ture, hawaasa nu jalaa jallisaa turee, isa
seexana gidduu keenyaaf gidduu hawaasaa seenee waliin nu
fixaa waan tureef as turfame. Har'a isiniif kenninaa nu
eeggadhaa jedhanii saroota OPDO Aanaa kanaa waliin
mari'attanii reefqa isaa ummataaf kennuuf murteessan.
Ummannis waajjirattii deddebi'ee gaafatee reefqa
isaa argatee fudhatee ulfinaa fi kabajaan magaalaa Gaattiraa naannoo
#Gomaaxaa_Masalxanyaa jedhamtu naannoo awwaalcha(
qabrii) muslimaatti awwaalate. Obbolaan isaa sadeen #Imaam_She_Hasan, #Sulxaan_She_Hasan, #Rajab_She_Hasan akkumaa isaa lolaa turan. Iddoo jiranii gaafa qe'eetti
deebi'an waan obboleessa jaraa Dagaa
irratti raawwatame obbolaan hafan
Yuusuf, Giddee fi Zakuun itti himan.
Imaam fi Sulxaan ganda Doonee sana keessatti boolla
tokkotti akka awwaalamanis obbolaa fi namoonni
awwaalcha jaraa irratti argaman ni dubbatu. Sababni boolla
tokkotti awwaalamanifis yeroo sana boolla lama qotuun baayyee rakkisaa waan tureefi. Inni tokkoyyuu rasaasa diinaa jalaa baqataa, jalaa gadi
jedhaati. Abbaan
isaanii erga baqatee gara biraa dhokatee waggaa tokko
booda mul'atee. Innis dhibee dhaan wal qabatee waggoota
muraasa dura dachee irraa godaane. Rabbi jannata keessatti
wareegamtoota oromoo waliin haa qananiisisu. She Hasan ilmaan isaani wareegaman fi Haati jaraas Baddriyyaan sana booda darsa ishee dachee kana irraa gara dachee hin hafamnetti godaanan. Rabbi ha rahmatuuf. Haati manaa Dagaas ijoollee ishee akka'oo isaanii bira keessee ganda Gellaa jedhamtu keessatti heerumte. Amma
ijoollee 6 horattee lubbuun jirti. Ilmoon Dagaa isiin
hangafaa #Musliimaan heerumtee ilmaan lama argattee jirti. Ilmi isaa inni lammataa
#Miftaan kara abbaa isaa, wasiillan,akaakayyuu fi
akka'oo isaa godaanee, boqotee jira. Ilmi dagaa inni sadaffaan Adurazzaaq......barnoota isaa xumuree achuma magaalaa
Gaattiraa keessaatti argama.
Horii fi qabeenyi jaraa marti fi lafti jaraa kan ganda doonee
keessaa gaafa jarri irraa baqatanu irraa eegalee
mootummicha wayyaanee seericha qondaalota abbaa
hirreetiin saamameera. Qabeenya Dagaa fi maatii isaa Midhaan, Loon gaanfaa, Bushaa'ee fi Fardaa hedduus saaman.
Manni Dagaan gaaf duraa magaalaa Gaattiraa keessatti
ijaarrate yeroo sanaaf loltootni wayyaanee akka dawootti itti
gargaaramaa turan. Iddoo Dagaan jiraataa ture amma naannoo Masjiidul-Fathii magaalaa Gaattiraatti argama.
♣❤💟 ♣❤💟 ♣❤💟
#Qabsaa'aan_ni_kufa_Qabsoon_garuu_itti_fufa
♣❤💟 ♣❤💟 ♣❤💟
Maddi: Maatii fi manguddoo biyyaa
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
➽Yaadaaf: 👇👇👇 @🅰ⓂUKS
⛤⛤⛤⛤⛤⛤⛤⛤⛤⛤⛤⛤⛤
Share Forward & Join
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@qubaqabduu
@qubaqabduu
#Seenaa_Goota_Oromoo
#Jaal_Dagaa_Deenoo
Abbaa isaa Sheek Hasan Maatii fi Haadha isaa Badiriyaa_Abbaa_Waajjii irraa dhalate. Maqaa #Dagaa_Deenoo Jedhamuun
beekama. Jaal DAGAAN dhaloonni isaa Godina
#Jimmaa Aanaa #Saxxammaa GAATTIRAA Ganda
#Doonee jedhamtutti yoo ta'u gosti isaa #Deenoo dha.
Dagaan obbolaa dhiiraa-4 fi obbolaa durbaa-2 qaba.
Walumaa gala ilmaan sheek Hasan-7 turani. Dagaan haadhaa
fi abbaa isaatiif ilma 2ffaa dha.Hangafti isaa obboleettii
Tiruun Aadde
#Giddee_Sheek_Hasan hanga ammaa kan
lubbuun jirtu umuriidhaan manguddoo
taatee jirti.
Rabbi umrii nuuf haa dheeressu jenna. Abbaan goota kanaa
haadha manaa tokko qofa qaba. Haadha gootaa Aaddee
#Badriyyaa. Jaal Dagaan nama sirriitti amantaa ofii
hordofuu fi nama karaa gara garaatiin sabaaf waan gaarii
godhaa tureedha. Jaal Dagaan ijoollee dhiira lamaaf dubara
tokko haadha manaa isaa Aaddee
#Mukarramuu_Qaasim_Abbaa_Diiduu irraa argate.
Musliimaa Dagaa,Mifta Dagaa,Abdurazzaaq Dagaa
jedhamu. Barri dhaloota
Jaal Dagaa Deenoo bara 1957 Akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti yoo ta'u, barri wareegama isaa 1987 baatii ramadaanaa
guyyyaa 15 gurraandhala/yekkaatit bultii-10 guyyaa kamisaa
waaree booda sa'atii 7:30 irratti umurii isaa waggaa-30tti
imaanaa isaa lammii isaatti kennatee hojii fi gootummaa
isaa fi jaalala guddoo onnee saba isaa keeysatti dhiisee
dachee kana irraa gara dachee rawdaa jannatul-firdawsitti
akka godaane Rabbii keenyarraa abdii guddaa qabna. Mee
seenaa Jaal #Dagaa_Sheek_Hasan_Deenoo bal'inaan hamma
odeeffannee fi hamma maatii isaa lubbuun hanga guyyaa
har'aatti dachee addunyaa kanarra jiranu irraa arganne
walumaan haa ilaalluu nu faana bu'aan affeerraa
sabboonummaa fi gootummaa,dirqama Oroomummaati. Dagaan ijoollummaadhuma isaarraa jalqabee hamma gaafa
guyyaa wareegama isaatti hojiilee dhalli dhalaaf hojjachuu
qabu hunda bu'aa ba'ii baay'ee keessa darbaa wantootni
inni lammii isaatiif jedhee raawwataa ture waan dagatamu miti.Bara sirna nama nyaataa
mootummaa Dargii sana keessatti dhalli Oromoo hedduun
dirqamaan waraana mootummichaatti akka hirmaachifamaa
ture ijaaf gurra keenya duraa dhokataa miti. Egaa Jaal
Dagaas dirqisiisuun kun gaafa isa dhaqqabu bara 1977
keessa waraana dargii sanatti akka makamu dirqameera.
(ANDANYAA ZUUR) erga dhaqee jaratti makamee achi
keessatti gootummaa guddaa agarsiisaa waggoota lamaaf
baatilee saddeet jaraa wajjin tureera. Achi keessattis Dagaan
nama amantaa isaa islaamummaa sirriitti eeggatu yoo ta'u, yeroo saatiin salaataa ga'u yoo maal irrayyuu jiraates jala
dabree hin beeku. Gaafa jalqabaatiif yeroo inni salaata
Magriibaa salaatuuf ol ka'u waardiyyoonni kaambii sana
keessaa dhowwuuf yaalaniyyuu hin dandeenye. Dagaan erga
gara maatiitti deebi'ee akkas nuun jedhe jedhu obbolaan
isaa kan amma lubbuun jiranu. "Utuun salaataa jiruu akkan
salaata koo addaan kutuuf dhukaasni sodaachisaa mataa
koo,gara bukkee,duddubbee koo irraan natti dhukaasuu jalqaban,yoon du'e shahiida(dirqama
Rabbi natti kenne utuun raawwadhuun wareegame)
jedhameen waamama waan ta'eef addaan hin kutu jedhee
murannoo dhaan sodaa tokko malee salaata koo kushuu'aan raawwadhe" jedhe obboleessi keenya Dagaan. Achi
boodas yeroo heddu erga yaalii taasisanii dadhabanii booda
adabbii dhaaf jedhanii yeroo qabbanni ykn qorri jabaatu
keessatti Haroo guutuu tokko na geessanii huccuu hunda of
irraa baasii seeni naan jedhanii ergan qorra sana hunda
danda'ee seenee keessa turee boodas
Raashina (Qallaba)isaa fi kan waraanaa torban tokko hunda
itti fe'anii/baachisanii imala dheeraas akka imalchiisan Seenaan isaa hima. Garuu kanuma hunda waliin
amma achi turetti adabbiilee adda addaa kan isaan
adabanu hunda adabamaa salaata isaa guyyaa tokkollee
utuu hin dhiisin jarris booda waan godhanu dhabanii 'kun
maraatuu dha' jechuu dhaan dhiisaniiru. Erga dirqama isaa
waggaa lamaaf baatilee saddeet xumuree gara biyyaatti
deebi'e. Erga deebi'ee jalqaba bara 80 keessa bultii horate
(fuudhe). Erga fuudhees takkaa bultii koo qofaafin jiraadha
jedhees, jiraatees hin beeku Dagaan. Madaa qubaa
dhukkubsachaa lammiileen koo akkamitti akkanatti
ukkaamfamanii jiraatu jedhee sammuu isaatiin...
...wal lolaa
tooftaa ittiin naannottii keessatti dirqama isaa
ba'atu akkuma durii barbaaduu itti fufe. Durumaan utuu gara
waraana dargiitti hin makaminiin dura Eeyyama daldala
loonii mootummicharraa fudhate waggaa lamaaf erga
daldalee gara waraana sanaa deemuuf dirqame. Erga
waraana dargii keessaa galee ba'ee boodas Eeyyama sanaan itti
fufe. Daldala isaatiinis gabaa biyya keessaa kan akka gabaa
guyyaa Kamisaa kan ganda #Saataa_Goonoo jedhamtu
keessatti argamu, Gabaa guyyaa Sanbataa/Xinnaa kan
Sigimootti Arraafi irraa fi gabaa guyyaa
Dilbataa/Guddaa #Gaattiraa jiru
irraas sangoota bitee gara gabaa
Aggaaroo, Caggoo, Toobbaa fi k.k.f irra
deddeemee bitee gurguraa ture. Daldalaa
cimaa ykn adda duree daldaltoota naannoo
kanaas ta'uu isaa argaa dhageettiin
ragaadha. Gaaf tokko gabaa magaalaa Aggaaroo kan guyyaa Kibxataa
keessatti daldalataa oolee utuu inni gara mana hiriyaa isaa
tokko kan naannoo sanatti argamu deemaa jiruu hawaasa gara gabaa kanaatii daandii gara mana hiriyaa isaa geessu
irratti saamamuu, tumamuu fi olii fi gadi fifiigu arge. Hubatee yoo ilaalu saamtota naannoo
sanaa kan yaroodhuma hunda namoota daldalaaf karaa
qaxxaamurus ta'ee kan gara gabaa deemuu fi galu achi
dhaabbatanii waan barbaadan saamaa turan ta'uu hubate. Yaroo kana tooftaa baafate. Qortuu Qeensaa tokko kiisii isaa keessaa qaba ture. Isii kana
kiisa isaatii gadi baafatee akka nama shugguxii fayyadamaa
jiruu sagalee illee itti uumee sassagaleessisee harka isaa
keessatti qabatee itti deeme. Jarris shugguxii seetee
rifatteetti. Itti siiqee qabee miidhee
laaffisee. "Kottaa fuul-dura koo deemaa hundi keessan"
jedhee jara saamtota kana waamee, jarris fuul-dura isaa
bu'anii deeman. Adeemsa miilaan daqiiqaa 30 ta'u erga
deemanii mana Hiriyaa isaa ga'anii "Kottaa cal'isaa deemaa lammafaa asitti hin deebi'ina"
jedhee yoo karaarra buusu jarris "Edaa si'ii Dagaan?" Jedhanii
karaa jaraa irra bu'an. Ummanni gabaa Aggaaroos akkas
jedhaan. "Shiftoota, hattuu ija jabaa Dagaa Guumaa malee
eenyutu Nurraa qabee dhaabaa" jedhu ture. Utuma kanaan jiruu Dagaan bara 1984 gara Adda bilisummaa
oromootitti makame. Gaafa deemuuf ka'u akkas jedhe
maatii isaatiin "Ani gabroomee, hacuucamee, lammiin koo
tuffatamaa haala kanaan hin jiraadhu du'een bada malee,
lubbuun ba'uu dhiisee yoo lafeen caccabee daaraa ta'es
hamma na ga'eera quba koo of irratti nyaachuun, nagaan
naaf jiraadhaa,Yaa #Mukarramuu haadha mana koo ijoollee
koo naaf guddisi,yoon lubbuun jiraadhe anuu dhufeen si
laala yoon du'e jannata keessatti kottaa achitti wal agarraa" jedhee ba'e. Dagaan nama gaarii ture nama arjaa, Goota, nama alaammatee hin dhabne ta'uus seenaan ragaadha. Gaarummaa isaa irraa namootni ganda
isaa guutuun gibira lafaatiif yeroo mootummichi hidhaatti
guuree turetti Dagaan gara waajjira poolisii Gaattiraa
deemee tokko tokkoon nama hidhamee kana amma gibira
isaa gaafatee irraa kafalee namoota fudhatee gala ture. Dagaan erga gara ABOtti makamees wantoota Oromoo
boonsan hedduu raawwateera. Akkuma dhaqeen tilmaamaan
utuu waggaa hin guutin rasaasni diinaa miilla isaa tokko
jilbaa gadiin cabsiteetti. Hiriyoonni isaas gara Hospitaala
Aayiraa akka inni deemee yaalamu godhan. Hospitaala
Aayiraa deemee naannoo baatilee 5-6 wal'aanamee yeroo xiqqoo lukki isaa itti fooyyoftu gara bosona naannawa
Gaattiraa jiranutti dhufee Seene. Bosona kana keessattis Konkolaataa waraana diinaa
kan karaa Iluu Abbaa Boorii fi kan karaa Magaalaa Jimmaa
irraa bosona #Galliga'oo jedhamu kana keessa
qaxxaamuranii gara magaalaa Gaattiraa fi Sigimoo
naannawaa isii seenuuf deemanu achi keessatti daaraa
bubbeen fuute gochaa ture. Manni isaa fi kan maatii isaa naannoo bosonaa
waan ta'eef akka inni gara mana isaa illee deemuu fi maatii isa hordofuuf isa gargaaraa ture. Diinni mana Dagaa Deenootti
deddeebi'aa turaniiru. Garuu yaadni diinaa dafees hin
milkoofne ture. Amma duraanii utuma of irraa deddeebisuu,
utuma injifatuu, utuma hidhannoo diinaa......booji'atee itti
fayyadamuu garuu gaafa guyyaan ga'e gaafa hafuurri
keessaa raawwatte gaafa galmeen jireenya isaa lafarraa
cufamte godaanuun dirqama waan ta'eef falmii fi lola
guddaa isa x
Oduu Cabsaa(Breaking News)
Guyyaan Qormaata kutaa 12 Gurraandhala 29/06/2013 -04/07/2013tti akka waraqaan kennamu murtaayee jira.
Sababa Taabuleetii alaa yeroon galchuun humnaa ol ta'eef
Qormaatichi akka waraqaan kennamu murtaaye jira.
kanaafuu
Sagantaa armaan gadii kanaan qophii godhaa.
1.Guyyaa 16/06/2013- 19/06/2013 I.Gaaftamtooni kutaa qormaataa Godinaalee fi Magaalotaa 'Admission card' barataa Eejeensii qormaata biyyoolessaa irraa fudhatu
2.Guyyaa 22/06/2013-24/06/2013tti 'Admission Card'n barataaf kennama
3.Guyyaa 21/06/2013 -27/06/2013 Qormaanni Eejeensii qormaataa irraa gara Buufata Poolisii Godinaalee fi Magaalotaa ni geejibama. Godinaa Gara buufata tokkoo tokkoo akkamittiif yoo akka geejibnu amumarraa haala qabatama keessaniitiin mijeessaa.
4.Guyyaa 23/06/2013 fi 24/06/2013 Itti gaafatamtoota Buufata qormaataatiif sadarkaa Godinaa/ Magaalaatti oranteeshiiniin ni kennama
5.Guyyaa 25 fi 26 /2013 Barattootaaf waa'ee qormaataa irratti oranteeshiiniin ni kennama.
6.Wal-cinatti Guyyaa 26/6/2013 namoota qoraniif oranteeshiiniin ni kennama.
7 Qormaani akkuma armaan olitti ibsame guyyota 29/06/2013-04/07/2013tti ni kennama.
Haala kanaan barattoonni keenya qormaata 12 akka fudhataniif qopheessuu qabna. Dabalataan dhimma qormaatichaa irratti ibsa boru miidiyaadhaan kennamu hordofaa.
Nagaa wajjiin.
@Qubaqabduu
@Qubaqabduu
@Qubaqabduu
SEENAA LIJ-IYYAASUU
KUTAA 5FFAA
~~~~~~~~~~~~
yaalin Iyyaasuu kiristaanummaa Islamummaadhan bakka buusudhaf otuu hin taane sirna loogidhaan guutame haqee muslimoonni biyya isaanii irratti akka keessummatti ilaalamuu isaanii hambisuudhaf ture. Rakkoon Iyyaasuu imaammata isaa ifatti ibsuu fi hojirra oolchudhaaf tooftatti fayyadamuu dadhabuu isaati. Imaammata amantii iaalchisee hogganaan Iyyaasudhaan walgitu Itoophiyatti argameera jedhanii yaadun nama dhiba. Qixa kanaan yoo ilaalame imaammatni Iyyaasuu biyyattiin saba, sablammii fi amantaalee garaa garaa qabdu kun biyya wal qixxummaa fi haqaan tokkummaan ishee ijaaramu gochuudhaf yaalii isaa isa jalqabaati jechuun ni danda’ama. Garaa garummaan yaadaa Iyyaasuu fi diinota isaa gidduu jiru hagam bal'aa akka ta’e kan mul'isu himata Fulbaana 16 bara 1909 Iyyaasuu irratti dhiyaatedha. Himatichi akkas jedha "Iyyaasuun kan Islaamni qale nyaachudhaan biyyaan babal'isa jedhee ummata sossoba" kan jedhu ture. Imaammatni haaraan Iyyaasuu ummatoota biyyattii kan tuffataman akka biyya isaanii irratti kabajaa fi wal-qixxummadhan jiraataniif yoo ta’u karaa biraan mormitootni isaa lammiilee biyyattii humnaan qabatan dhiituu fi gabbarsiisuu malee imaammata biraa akka hin qabne mul'isa.
Himanni Iyyaasuu irratti dhiyaate amantii kiristaanaf yaaduu irraa kan madde otuu hin ta’in yaaddoo siyaasaa isaan qabateef amantitti fayyadamuun mijaa’aa ta’ee waan argameefidha. Mokaanintoota Shawaatif Iyyaasuun kan balaa ta’eef olaantummaa isaanii qormaata keessa galchuu isaati.
Jabana Minilik kabajamoo fi sodaatamoo kan turan jabana Iyyaasuu tuffatamuun isaanii isaan aarse. Kanaafuu otuu Iyyaasuun bakka jaalatu Ogaaden daawwachaa jiruu angoo irraa isa buusudhaf tumaa tumuu eegalan. Haala kana ibsuudhan Iyyaasuun dafee
akka deebi’u dhaamsi yoo isa gahes mokaanintoota Shawaa eessayyuu hin gahan jedhee tuffiidhan deebiseef jedhama.
kutaa 6ffaan itti fufa
Maddi kitabaa seena oromootii
@Qubaqabduu
@Qubaqabduu
SEENAA LIJ-IYYAASUU
KUTAA 4FFAA
~~~~~~~~~~~~
Iyyaasun kan obsa dhabe mokaanintoota qofa irratti otuu hin ta’in Minilik mataa isaatti ture. Jireenyaa fi du’a giddutti rarra’ee turuun Minilik carraa siyaasa Iyyaasus akkasuma akka rarra’ee hafu waan godheef Walitti bu’iinsi waardiyyoota masaraa fi Iyyaasuu giddutti bara 1905 uumamees obsa dhabuu isaa kan mul'iseedha.
Minilik malee gooftaa biroo kan hin beekne wardiyyootni akkuma duratti Raas Abaataa masaraa seenuu dhorkan ammaas Iyyaasudhaan hin seentu jedhan. Sababni isaas Iyyaasuun Minilikin gara Ankoobaritti geessisuuf yaada qaba kan jedhu waan dhaga’aniif otuu nuyi hin du’in mootin keenya masaraa kanaa hin bahu jechuudhan Iyyaasuu irratti hulaa cufan. Iyyaasuniis masaraa marsuudhan wardiyyootaf waan tokkollee alaa akka hin seennef godhe. Dhukkaasni sa’aa 5 ture gidduu isaanitti banamee namoota 17 kan ta’an du’an. Xumura irratti hogganaan amantii Abuna Maatiwoos gidduu seenee wardiyyootni akka harka kennan ta’e. Iyyaasuniis hogganaa wardiyyootaa Fitawraarii Gabramaariyaam Begemidiritti (Gondaritti)qondaaltota hafan immoo Ankoobaritti akka hidhaman godhe. Iyyaasun injifannoo isaa booda Dajazmaach Tasammaa Gazmuu Masaraadhaf hogganaa haaraa muude.
Iyyaasun kan qormaata keessa galche mokaanintoota qofaa otuu hin ta’in olaantummaa amantaa Ortodoksiiti.
Diinootni isaa Iyyaasuu ummata biratti jibbisiisudhaaf akka meeshaatti kan itti fayyadamanis isuma kana. Iyyaasun warra amantaa kiristaanaa hordofan wajjin fuudhan walitti hidhatee jiraachun isaa otuma beekamuu kan afarsamee odeeffamu garuu dubartii muslimaa fuudhe kan jedhu ture. Bataskaana Qacanee Madaana'alamii ijaarsisuu fi gadaamii Dabraliibaanosiif gargarsa gochuun isaa dagatamee akka raajitti kan odeeffamu Masgiidota ijaarsise kan jedhu ture. Himanni bara 1909 Iyyaasuu irratti dhiyaates nama amantaa hin qabne kan jedhu ture.
kutaa 5ffaan itti fufa
@Qubaqabduu
@Qubaqabduu