cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Qanqee qabsoo

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganTil belgilanmaganToif belgilanmagan
Reklama postlari
227
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

Shaambuu Daandiin magaalaa Shaambuu Seensisuu kallaattii hundaan Humna Qeerroo Bilisummaa Oromoon cufame jira. Waraanni Biliisummaa Oromoo Magaalaa Shaambuu To’achuuf Dhukaasa Bane! -- SBS-Fulbaana, 10/2021 -- Waraanni Bilisummaa Oromoo Lixa Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaatti, magaalaa guddoo godinichaa Shaambuu dhuunfachuuf dhukaasa banee akka jiru himame. Magaalaa Shaambuu dhuunfachuuf halkan edaa itti marsee kan bule, yeroo amma lola guddaan Waraana Biliisummaa Oromoo fi waraana mootummaa gidduutti gaggeeffamaa jira. Daandileen cufamanii jiraachuu kan himame, Waraanni Bilisummaa Oromoo naannoo Lakkuu jedhamutti waraana mootummaatti ulaa cufee haleellaa raawwataa jira. Torban darbe Waraanni Bilisummaa Oromoo godina Wallaggaa Bahaa aanaa Saasiggaa guutummaatti to’achuu himee ture. Akkasumas hidhamtoota siyaasaa 150 ol hiikuun tarkaanfii fudhatamuu qabu hedduus fudhateera. Erga Waraanni Biliisummaa Oromoo duula Oromiyaa dhuunfachuu labsee booda Oromiyaa keessaa aanaalee hedduun to’atamaniiru, ammas to’atamaa jiru.
Hammasini ko'rsatish...
Artist DAANI'EEL GAMMADAA Finfinnee abbaan feete akka feete taatu keessatti Oromoo tahuusaaf qofa jiraachuu dadhabe. Waggaa tokko dura ukkaamsanii qaamaan baay'ee miidhanii deebisan, Ammammoo Mana dhaqanii lafa innii ciisuu kaasanii mataasaa buruqsanii uffatasaa sakkatta'aanii homaa dhabnaan obboleessasaa waliin fudhanii bakki geessan amma ammaatti bakka isaan geessan hin baramne. Waaqayyoo bakka jirtanitti isin haa eegu.
Hammasini ko'rsatish...
Artist Saaliyaa Saamii, Caalaa Bultumee fi Dammaqaa Nagaasaa Mootummaa Irraa Qarshii Fudhachuun Saaxilame! -- SBS-Fulbaana, 3/2021 -- Akka isteetimantiin baankii irraa dhoksaan ba'e agarsiisutti Artist Caalaa Bultumee, Saaliyaa Saamii fi Dammaqaa Nagaasaaf mootummaan tokkoon tokkoo isaaniif qarshii 1, 000, 000.000 kennuu agarsiisa. Fuula "Facebook" Booji'aa Caalii irratti akka saaxilametti Artistoota kanneenii fi Dammaqaa Nagaasaatiif mootummaan maallaqa sababni isaa hin eeramne kennuudha kan saaxilame. Artist Caalaa Bultumee, Saaliyaa Saamii fi Dammaqaa Nagaasaa duraan faallaa mootummaa kanneen turaniif qabsoo biliisummaa Oromoo kesssatti kanneen qooda fudhachaa turan yoo ta'u, yeroo ammaa gara mootummaa biyya bulchuu kan Abiy Ahmediin hoogganamuu dhabachuu isaaniitiin uummata Oromoo biraa komii guddaatu isaan mudachaa jira.
Hammasini ko'rsatish...
Humni Addaa Oromiyaa Waraana Biliisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessatti Dabalamuun Beekame! -- SBS-Fulbaana, 3/2021 -- Waraanni Humna Addaa Oromiyaa baayinni isaanii 112 ta'an, hidhannoo guutuu waliin guyyaa har'aa Fulbaana, 3/2021 Waraana Bobbaa Jeneraal Taaddasaa Birruutti dabalamun beekame! Oromiyaa Zoonilee garaa garaa keessatti Humna Addaa Oromiyaa gariin Waraana Biliisummaa Oromootti yeroo dabalamaa jiranitti, gariin ammoo hidhannoo hiikkachuun maatii isaaniitti galaa jiraachuu barameera.
Hammasini ko'rsatish...
“Yakki Dejene Gutema hojjate Kan Umurii guutuu ykn du’aan nama Adabsiisu waan ta’eef Ameerikaan akka dabarsitee nuuf kennitu “ jedha Abiyoot Xalayaa waajjira haaja Alaaf USA tiif erge kanaan! Doofummaa fi beekumsa Dhabuu isaanii malee Dajaneen Lammii Canada 🇨🇦 ti. Mee Ameerikaa irraa Dajanee dabarsaa nuuf kennaa jedhanii Gaafachuu maaltu fide…. Ayii Bilxiginnaa!
Hammasini ko'rsatish...
Komii atileet Solomoon Tufaa fi deebii Koree Olompiikii 'Sababa Koree Olompiikii biyyi kiyya haadha buddeenaa natti taate'- Solomoon Tufaa. Seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif world Teekuwaandoo dhaan Olompiikii irratti kan hirmaate Solomoon Tufaa, 'Sababa Koree Olompiikii biyyi kiyya haadha buddeenaa natti taate' jechuun komate. Atileetiin kun Olompiikii Tookiyoo irratti world Tekwandoodhan hirmaacahuun marsaa duraa injifatee marsaa itti aanu injifatamuun dippiloomaa argatee seenaa Itoophiyaa keessatti sadarkaa kana gahuun nama jalqabaati. Taphaa marsaa sadaffaarratti qubni harkaa isaa cabee osoo dhiiguu kabaja biyyaaf jecha tapha san adda hin kutu jedhee obsee akka xumure yeroo biyyattii deebi'e Solomoon BBC'tti himee ture. Koreen Olompiikii Itoophiyaa Kibxata darbe Finfinnee Hoteela Sheraatonitti sagantaa badhaasaa fi galateefannaa garee Itoophiyaa Olompiikii Tookiyoo 2020 irratti hirmaataniif qopheessee ture. Solomoon Tufaas sagantaa kana irratti argamus biyya kiyya bakka bu’ee seenaa haaraa galmeessus koreen Olompiikii Itoophiyaa maqaa kiyyaa fi seenaan ani hojjedhe waltajjii kanarraatti osoo hin kaasin hafuutti hedduu akka aare BBC’tti himeera. “Kana dura gosa Ispoortii kanaan olompiikii irratti hirmaannee hin beeknu. As gahuudhaaf ani barumsa kiyya adda kuteen waggaa saddet itti dadhabeeni. Deeggarsi nuuf taasifamaa turelleen laafaadha” Jedha. “Dorgommii kana aarsaa guddaan itti kaffale. Dorgommii sadaffaa irratti lafeen kiyya cabee osoo dhiiguun dorgomee xumure. Biyyan bakka bu’e waan ta’eef. Koreen olompiikii sagantaa qopheesse sanarratti galata naaf hin kennine. Maqaa kiyya hin dhoofne. Yeroo jalqabaatiif Itoophiyaa bakka bu’ee dorgomelleen jedhanii hin kaasne” jedha. Sagantaa koreen Olompiikii Sheraton tti qopheesse kanarratti qaaman argamee kabajni naaf malu waanin dhorkameef saganticha dhiiseen bahe kan jedhu Solomoon, gochi kuni ijoollee naduuba dhufanilleen hamilee dhabsiisa jedha. “Ijoollee hedduutu naduubaa ana ilaalee dhufaa jira. Ijoolleen kuni har’a olompiikiin gahameera jedhanii hamilee guddaadhaan hojjetu. anas hamilee kiyya nacabsan. Ijoollee naduubaas akkasuma. Ani waan natti dhagahaame ‘Biyyi tiyya haadha buddeenaa natti taate’ jechuudhaan miidiyaa hawaasummaa irratti barreese” jedha Solomoon. Olompiikii Meelboorni bara 1956 irratti Dorgommii biskileetiitiin yeroo jalqabaatiif Itoophiyaadhaaf kan hirmaate Gabree Danboobaa galateeffatamee kan isaa irra darbamuun waan hedduu isa mufachiise ta’uus eere. Komii solomoon Tufaa kanarratti kan gaafanne Koreen Olompiikii Itoophiyaa, sagantichi dorgomtoota meedaaliyaa keessa galaniif malee addatti atileetii kana qofa galateefachuu kan dhiisne miti jedhe. Pirezedaantii Itti aanaan Koree Olompiikii Itoophiyaa Obbo Minilik BBC’tti akka himanitti, sagantaa kanarratti atileetota tokkoffaadhaa kanga sadaffaa bahanii malee kanneen afraffaa bahanilleen maqaan hin dhahamne jedhan. “Maqaan kiyya maaf hin dhahamne kan jedhu hamman ani beekutti kan inni bahe sadarkaa 7ffaadha. Waltajjii sanarrattimmoo kan maqaan dhahame medaalistoota qofa. Dhugaadha seenaa Itoophiyaa keessatti waan haaraa hojjete. Garuu hamma kana waan nama komachiisu hin turre” jedhan Obbo Minilik. Gama biraatii Sagantaa galateeffannaa Garee olompiikii Tookiyoo 2020 irratti hirmaataniif sagantaa galateeffannaa qophaa’e irratti Solomoon Tufaa birri kuma 150 badhaafamuu komishiniin Ispoortii Itoophiyaa ifoomseera
Hammasini ko'rsatish...
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.