cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Fayisa Tesfa Oljira

Humanity has to be brought back to its own nature. Your true nature is light, as bright as that of the sun ✓Beekumsa walii galaa ✓Dubbii nama kakaasan ✓Walaloo ✓Dubbii hayyootaa ✓Seenaa gaggabaaboo 👉Na quunnamuuf Kan feetan; https://t.me/Naatiikoo

Ko'proq ko'rsatish
Mamlakat belgilanmaganTil belgilanmaganToif belgilanmagan
Reklama postlari
563
Obunachilar
Ma'lumot yo'q24 soatlar
Ma'lumot yo'q7 kunlar
Ma'lumot yo'q30 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

KAROORAAF AS JIRTA! Yeroo waraana addunyaa lammaffaa(wwII) loltuu Raashiyaa tokkotu boqonnaa yeroo gabaabaa fudhatee gara bakka haadha manaasaa wajjin jiraatuutti gala. Utuu mana hin gahin konkolaataa karaarra dhaabbatee reeffa namootaa lafa guutee jiru bakka awwaalchaatti guuru arge. Diinatu magaalaa seenee barbadeessee deeme. Iji loltuu kanaa namoota kana keessaa dubartii tokkorra buufate; kophee inni biteefii ture kan uffattee jirtu arge. Fiigee mana galee gaafa laalu haadhi warraa isaa mana hin jirtu. Rifaatuun dafee ofirra galagalee deebihee dhufee namoota reeffa guuran sana walfalmii guddaan booda bakka biraattan awwaalladha naa kennaa jedhee heyyamsiifate. Hafuurri xiqqoo keessa akka jirtu mirkaneeffate. Kaasuu isaatti baatee deemee yaalchisiise! Ni fayyite! Waggaa saddeet booda bara 1952 ilma argatan ilmi isaanii kunis 'President' Raashiyaa har'aa Vilaadimir Puutin dha. Madda:- kitaaba Hillary Clinton kan "Hard Choices" jedhurraan argadhe! Eeyyeen sababaaf sababaan as jirta! 😕
Hammasini ko'rsatish...
Gaaf-sani❤️🌹 Gaafa guuramee darbu Dabareen fakkeessaa Gaafa habaqiin sobaa Urgufatu nu keessaa Gaafa abbaan dhugaa Taa'u bakkasaaf malu Haqni biyyaa fagaate Deebi'ee namaaf galu Gaafa toora qabatee Hunduu hiika laatu Dhugaan miila hiikee Saffisa ifaan kaatu Gaafa ifatti ba'u Haqni sakaalame Qulqulluun qulqullaa'e Inni sobaan faalame Gaafa bidiruu sobaa Galaanni baatuu didu Inni halkan saame Guyyaa saafaa fidu Gaafa somba sobaa Qilleensuu baqatu Hafuurri cituuf ka'ee Dhabu waan qabatu Gaaf-sanin hawwe Maalif dafeen dhufuu Gaarri dabaa kuni Addub jedhee haa kufuu! ©Fayisaa Tasfaa! @Naatiikoo...hidhoo dhuunfaa @FayoFaye... kan Channel
Hammasini ko'rsatish...
Hojjaan dheerateef Tasa bor hin argu Moluun sagal eebbisan Ammuma ka'ee hin margu! "Suuta suuta killeen miilaan deemti!" Mammaaksa Oromoo❤️✌️
Hammasini ko'rsatish...
#Namootaan marfamuun cidhaaf qofa miti! Danuun boodakee hiriiree harka walitti siif tumaa sababa jiruuf qofa daandiin ati irra deemaa jirtu kan daba hin qabne jettee itti fufiinsaan utaalta taanaan, harki qilleensatti olka'ee jabinakee siif faarsu kun kallattii jijjiirrachuun gara mataa siif qabatee faallaa durii ammammoo siif gadduutti deebi'a! Sagaleen dur hamilee siif kennuun akka goommaa qilleensaan guutee jiruutti si obomboleettessaa ture amma sagalee gurrakeef yaaddoo lallaban ta'eetu gurra si qabachiisa! Gaafasigaa miixuu firii hin argamsiisne miixachuun! Ilkaan gaabbiin hidhii of ciruun! Kanaaf yaa qaxaleekoo gaafa daandii sirrii irra jirtu sana, akka nama riqicha galaana naacha qabu irra qaxxaamuraa jiruutti of yaadi! Bilchinaan.....! Kanaan achi ilkaan naaqaachaaf kaadhimamta! ©Fayisaa Tasfaati
Hammasini ko'rsatish...
KANA BEEKTUU LAATA! Oktoopas onnee sadii,sammuu sagaliifi dhiiga cuquliisa akka qabu?
Hammasini ko'rsatish...
AKKA ATI NA ARGITETTI ANI SIN ARGINE!🙏☑️❇️ ❇...Iji ishee dhalootaa jalqabee jaamaadha. Dheebuun ishee yeroo hundumaas si'a tokkoof ifa adduunyaa kanaa arguu dha. Aantii natti dhiwoo jira jettee himattuu fi nama ilaalcha gaarii isheedhaaf qabu argattee hin beektu. Hunduu simbo qabeetti ta'uu ishee; dheerina qajjisa mataa ishee fi dhaabbii ishee ilaalee itti siqee qaro dhabeetti ta'uu ishee yemmuu baru dhiise adeema. Ulaagaalee namni lakkaa'u guuttee nama akka garaa ishee argachuu hawwitee dhabde. Fagootti ilaalee jaallachaa gara isheetti kan adeemu hunduu isheetti siqee ulaagaa yaade irraa dhabee dhiisee adeema ture. Gaaf tokko garuu michuu ishee dhiisee darbuu hin dandeenye tokkoo wajjin wal barte. Baayyee ishee jaallate. Irra deddebi'ee akka ishee jaallatu itti hime. Haala ishee hundumaa keessatti ishee wajjin ba'aa ishee baate. Boossu wajjin boo'ee gammachuuttis ishee wajjin gammade. Gaaraaf dachaa baayyee waliin ba'an. Isheenis, "Yaa michuukoo an qaro dhabeettii dha. Sababiin nama baayyee fagootti bifakoo ilaalee sin jaalladha naan jedhuuf ulaagaa guutuu dadhabuu kootiis kanuma qofa turee" jetteen. Michuun ishees, "An hir'uu kee osoon beekuun si jaalladhe. Iji kankoo naafis argee, siifis argee nu jiraachisu ni danda'aa. Agartuu kootiin ofii argeen siifis arga. Sichi an ifa argaa waanan jiruuf sittis hin dukkanaa'uu" jedheen. Isheenis baayyee gammadde. Michuun ishees waan argu hundumaa keessaa wantoota itti gammadu hundumaa isheettis himee ittin gammachiisuu eegale. Waan inni arge hundumtu akka waan isheenis argiteeti. Bakka bashannanaa yoo deeman; bakka kabaja ayyaana waggaa yoo deeman waan argu hundumaa michuu isaatti himaa adeema. Michuun isaa jaalala isaatin guutummaatti booji'amte. Michuu gaarii isheedhaf ta'uu isaas amantee fudhatte. Jireenyi ishees, dukkanni ishees akka nama agartuu qabuu michuu isheetin ife. ❇Yeroo dheeraa erga waliin dabarsaniin booda gaaf tokko michuu isheetiin jecha boqonnaa isa dhorku tokko jette. Innis, "Yaa michuuko ati namoota jiran hundumaa keessaa adda. Garraamumma kee, miidhaginaa fi eenyummaa kee hundumaa guyyaa tokkittiif arguuf utuun carraa argadhee...!" jetteetu bo'ichaan hudhamtee addaan kutte. Michuun ishees ishee waliin boo'e. Ofitti qabees, "Michuu ko an siif argaan jira. Atis anumaan anaan argaa jirta" jedhee sossobe. Ta'us akkamiin akka isheen ifa arguu qabduu fi isa argitu yaadee dhiphachuu jalqabe malee akkasumaan hin dhiisne. Deemee ogeessota fayyaa wajjin dubbatees agartuu isaa lamaan baasee akka isheef kennuu qabu murteesse. Akkuma yaades isaaf milkaa'ee mallatteessee agartuu isaa isheedhaaf kenne. Isheenis yeroo jalqabaatiif ifa addunyaa kanaa agartuu michuu isheetiin argite. Dhalootaa jalqabdee waan arguuf hawwaa turte hundumaa argitees gammadde. Michuu ishee argachuufis baayyee ariifatte. Osoo isheen michuu ishee bira hin ga'inis namoonni kaleessa hanqina qabaachuu isheetiif dhimma ishee dhaban baayyatanii isheetti dacha'an. Ulaagaa waan guutteef ni minyoofte. Miidhagduu waan turteef erga agartuu argattee nama hundumaaf madaallii kaaste. Michuun ishees wal'aansa isaa xumuree bakka isheen jirtu deeme. Yommuu argitu michuun ishee agartuu lamaan hin qabu. Inni isheen beektu isa ofiis argee isheefis argu waan tureef amantee fudhachuu dadhabde. Fiigdees baqatte. Galagaltee ilaaltees, "Tasumaa ati michuu koo isa ofiifis argee anaafis argaa ture sana miti. Inni agartuu lamaan keenyaaf ga'u qaba ture. Ati garuu ofiikeef iyyuu hin argitu. Inni of irra darbee gargaaraa koo ture. Akkakee kana qaroo kan hin qabne osoo hin taane qaro qabeessa ana ishee qaroo hin qabneef agartuu ta'een isa keessaan dukkana keessa ta'een ifa argaa ture!" jetteen. Innis ragaa himee jaalallee ishee isa lamaan isaaniitiif argaa ture ta'uu isaa amansiisu dhabe. Michuun isaas isa dhiistee deemtee nama biraa wajjin gaa'ela dhaabbachuuf waadaa seentee guyyaan cidhaas muramte. Innis guyyaa cidha ishee gammachuu isaa ibsachuuf kennaa erguufii barbaadee wajjin waraqaa adii himni tokkichi irratti barreeffamee jiru tokko ergeef. Isheenis kennaa inni ergeef erga ilaaltee gammaddeen booda waraqaa sana saaqxe
Hammasini ko'rsatish...
e ilaalte. "Yaa michuuko ishee jaallatamtuu fi gaafa namaaf ulaagaa hin guunne sana anaaf guutuu turte, agartuun ati ittiin ofii keetiif qofa argaa jirtu kun isuma yeroo jaalalli dhugaan jiru lamaan keenyaaf argaa tureedhaam!" jedha. Isheenis hiika hima kanaa hubachuuf ni rakkatte. Dhuguma iyyuu abjuu fakkaata. ❇Hubatamuufii waan dideef bakka inni jiru deemtee hiika hima kanaa gaafachuuf murteesitee deemte. Innis, "Michuunkoo isheen baayyee jaalladhu anaan arguu, ifa addunyaa kanaas ofii isheetii arguu dheebottee turte. Kanaaf kennaa guddaan michuu kootiif kennuu qabu isan ittiin ofii kootiifis, isheedhaafis argaa ture agartuu koo jijjiirraa hin qabne qofa ture. Jaalalli an isheedhaaf qabu sanarra waan caaluuf baasee kenneefin akkuma isheen argiteen an immoo ofii kootii arguu dhabe. Isheef ibseen ofitti dukkanneesse. Sababni isaa jaalalli dhugaan waan tureef agartuun sun lamaaf keenyaaf arga ture. Ishee waanan amanuuf isan argaafii ture naaf argiti jedheen abdadhe. Irratti of gateen hir'uu ishee isan guutaa ture akka isheen guuttuuf agartuu lamaan keenyaaf argu sana isheedhaaf kenne. Erga argitee naaf arguu ni dhiistii shakkii waanan hin qabneef; gaafa isheef ifu natti dukkanaa'ee hafa hin seene. Amma garuu, michuunkoo ofii ishee qofaaf ittiin argiti waan ta'eef an jaameen hafe. Agartuu koo waanan kenneef argaa hin jiru. Michuunkoos ittiin naaf argaa waan hin jirreef ammas argaa hin jiru. Kan nama dhibu immoo naaf arguu dhabuu michuu kootii osoo hin taane; agartuu kootiin argaa jiraachuu ishee wallaaluu michuu kootiiti. Michuun koo utuu ijikoo banamee si argee jechaa turte sun amma iji ishee akka argeen nama biraa malee anaan arguu hin feetu. Yaa michuuko agartuun siif ifa arge kun isan ofiitti dukkanneessee siif kenneedha. Isa ati ittiin namaaf ulaagaa guuttee an immoo ittiin ulaagaa kee hir'aadheedha.#Ati_Agartuu_Kootiin_Na_Argiteetu_Narraa_Dheensite. An immoo isuma ati ittiin argitee na balfiteen argeen garakee dhufe. Ati agartuu kootiin abbaa manaa siif ta'u argatte. Agartuuma koo isa siif abbaa manaa argetu naan immoo jaamaa ta'uukoo arge. Isan ittiin siif argee guutuu si godheen ati hir'uu koo argite. Sababni isaa an siin osoo ati argattu hin qabaatinan jalladhe. An immoo agartuukoo siif kennee jaamaa waanan ta'eefan si dhabe. Ati anaaf agartuu malee ulaagaa guuttee turte. An isan ittiin nama biraaf ulaagaa si guuchiiseenan siif immoo ulaagaa kee guutuu dadhabe. Agartuu isa gaafa jaalalli dhugaan jiru agartuu keenya ture; erga jaalalli badee agartuu kee qofa godhatte. Isa ittiin natti dukkana'een siif immoo ni ife. Egaan erga filannookee ta'ee agartuu keenyaan ofiima keetiif qofa argaajiraadhu. An immoo kanaaf jedhee isan 'michuu' jedhee si waamaa ture 'gantuu' jedhee sin waamu. Gatiin jaalalaa agartuu koo isa siifis argee naaf argaa ture; isa amma ati ittiin ofii keetiif qofa argaa jirtu kanarra ni caala. An agartu osoo ati hin qabaatinan gatiikee beeka. Abbaan manaa kee inni haaraan kun garuu agartuukee wajjin malee agartuu osoo hin qabaatiin nama akkamii akkati taates, gatii attamii akkati qabdus hin beeku ture. Amma garuu ati hundumaafuu ulaagaa guutteetta waan ta'eef nagaan dhaqii..!" jedheen.
Hammasini ko'rsatish...
Kana beektuu laata? Neeyil Armistiroongi addeessarraa gara lafaatti wayita deebi'etti unka(form) godaantummaa akka guute!
Hammasini ko'rsatish...
Boshqa reja tanlang

Joriy rejangiz faqat 5 ta kanal uchun analitika imkoniyatini beradi. Ko'proq olish uchun, iltimos, boshqa reja tanlang.