cookie

Sizning foydalanuvchi tajribangizni yaxshilash uchun cookie-lardan foydalanamiz. Barchasini qabul qiling», bosing, cookie-lardan foydalanilishiga rozilik bildirishingiz talab qilinadi.

avatar

Daandii Jireenyaa

Chayinaalii kana irratti barumsawwaan Afuurawo Dogmaa fi Sirna Ortodoksii Tewaahidoo bu'uura taasifate kan barannudha. Yaada yoo qabaattan gammachuunin fudhadha. Liinkiin gadiin naaf barressa. @m21harmekoo

Ko'proq ko'rsatish
Reklama postlari
3 213
Obunachilar
+724 soatlar
+527 kunlar
+33030 kunlar

Ma'lumot yuklanmoqda...

Obunachilar o'sish tezligi

Ma'lumot yuklanmoqda...

8👍 2
11
11
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen Kiristoos Du’aa Ka’ee   . . .  Humnaa Fi Aangoo Isaatiin Seexanni Hidhamee   . . .    Addaam Bilisa Bahee Egaa Kana Booda      . . .    Nagaa Fi Gammachuun Nuuf Ta’e Gosoota Du’aa Ka’umsaa Duuti kakuu moofaa keessatti aaboo fi aangoo kan qabu, sodaatamaa ture. Dhufaatii fi du’aa ka’uu Gooftaa keenyaatin aangoon isaa cabee abbootonni keenya du’a irratti lallaaniiru, faarfatanirus. Namni ni du’a, yeroo murtaa’een booda garuu deebi’ee ni ka’a. Garuu du’a kam? “Namni ni du’a” yeroo jennu sammuu keenyaatti kan dhufu, hunduma keenyaaf kan hin oolle, du’a fooniidha. Garuu xinxallee yoo ilaalle du’a namni du’uu fi du’aa ka’umsi gosootni baay’een akka jiran argina. Bu’uuruma Kanaan duuti fi du’aa ka’umsi karaa adda addaa hiikamee gosoota baay’ee qabaatus barreffama keenya har’aa fi kutaa itti aanun du’a gosoota 2 waliin ilaalla.  1. Dhaabbatanii du’uufi ka’umsa Lubbuu Waaqayyootti amananii cubbuu irraa fagaachuun seera isaa eegaa Waaqayyo  waliin jiraachuu baachun du’adha. Gochi akkasii namni osoo foonii fi lubbuun isaa waliin jiranii du’aa nama taasisu. Kanaaf namni amantaa sirriin hin deddeebinee fi abboommii Waaqayyo hin eegne du’aa jedhama. (baay’ee nama dinqisiisa). namni jira jedhee osoo deemuu garuu du’eera jechuudha. Jireenya cubbuu irra deebi’anii qalbii jijjirrachuun cubbuurraa fagaatanii qajeeelummaan  jiraachuu eegaluun immoo du’a ka’umsa jedhama. Qulqullichi Phaawuloos kana yoo ibsu “Ati inni raftu dammaqi; du’oota keessas ka’i; Kiristoos siif ibsa.” Efe 5;14  jedheera. Hojii hamminaa kee irraa deebi’i, warreen yeroo hundumaa hammina raawwatan keessa ba’i Kiristoos siif ibsa jechuudha. Du’aa ka’umsi akkasii gaabbiin kan raawwatamudha. Du’aa isa jalqabaa kanarra kan hin ka’iin du’a isa lammaffaatti carraa biraa hin argatu. duuti lammeeffaa ibiddaa gahannamaatti gatamuu ykn du’a bara baraadha. Du’a isa jalqabaa irraa kan ka’u garuu duuti inni lammeffaa isarratti aangoo hin qabaatu, kabajaa fi jireenya bara baraaf ka’a. Isa kana qulqulluun Yohaannisis Mul’atasaa irratti “Ka’umsa isa jalqabaatiif kan carraa argate inni eebbifamaa fi qulqulluu dha. Duuni inni lammaffaa isarratti aangoo hin qabu.” (Mul 20:6) jechuun ibseera. du’aa ka’uu isa jalqabaa kana kan hin argatiin garuu du’a isa lammaffaa jalaa ba’uu hin danda’u. bal’isnee kitaaba qulqulluu yoo ilaalle namoonni baay’een cubbuu isaanirra yeroo deebi’an du’a irra ka’an jedhamaniiru. Seenaan mucaa badee wangeela Luqaas 15:11-32 tti barreeffamee arginus du’aa ka’uu kana kan nu barsiisuu dha. “Mucaan koo kun du’ee ture, amma garuu jireenya argateera, badee kan ture argameera.” jechuun du’uu isaa kan dubbate du’a foonii otoo hin taane abbaa isaa irraa addaa bahuu isaatiin ture. Nutis yeroo Waaqayyo Abbaa keenyaa fi qulqulloota Isaa irraa addaan baanu, arraba keenya galatoof uumameen nama hamannee ajjesnu, hin raawwatiin kan jedhamne yeroo raawwannu, raawwadhu kan jedhamne rawwachuu yeroo dhiisnu duunerra jedhamna. Battala qalbii jijjirrannee gara Waaqayyo Abbaa keenyaatti deebinu du’aa kaanee jireenya ni arganna. Nama ta’ee Deessuu Gooftaa keenyaatin ala du’a kana kan hin du’iin hin jiru, garuu dandeettiin ka’umsa keenya walcaala. Mootichi Daawit, Qulqulluun Pheexiros, Qulqulluun Phaawulos, … du’a kana du’aniiru, garuu dafanii du’a isaanii kana irra ka’aniiru. Abbootonni keenya Qulqulloota, wareegamtoota,… jedhamuuf kan ga’an du’a kanarra bilisa ta’anii osoo hin taane, du’a kanaaf harka kennuu dhiisuu isaaniif, du’anii achitti hafuu dhiisu isaanifidha. Kanafidha Qulqulluun Efreem “ni duuna, ni kaana” kan jedhe. Walumaa galatti Kiristaanoonni jijjirannaa qalbii godhatanii foonii fi dhiiga Gooftaa fudhachuun akka fedha waaqayyootti jiraachuun du’aa ka’umsa jedhama. Ka’umsi inni jalqabaa jijjirannaa qalbiitiin argatan kun ka’umsa isa lammaffaaf (kutaa itti aanuutti kan ilaallu) bu’uuradha. itti fufa… Galatni Waaqayyoof
Hammasini ko'rsatish...

14👍 3
👍
❤️
🙏
👎
Facebook
Youtube
Tiktok
Whatsapp
Yaada fi Gaaffii
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan  Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen Kiristoos du’aa ka’ee  - humnaa fi aangoo isaatiin Seexanni hidhamee  -  Addaam bilisa ba’ee Egaa kana booda  -  nagaa fi gammachuun nuuf ta’e Bara Du’aa Ka’umsaa Kutaa 2b Waaqayyo Garuu Du’aa Isa Kaase. HoE 13:30 Barreeffama keenya kutaa darbee, mata duree “Gooftaa Keenya Du’aa Kan Kaase Eenyudha?” jedhuun Gooftaan keenya aangoo fi humna mataa isaatiin du’aa akka ka’e ilaallee turre. Kitaaba qulqulluu yeroo dubbisnu immoo caqasonni tokko tokko isa kanarra adda fakkaatanii nutti mul’achuu danda’u. Kanumaan walqabsiisnee dubbii Qulqullichi Pheexiroosin dubbatame fi kitaaba qulqulluu irratti caqasame jiru ilaalla. Caqasni kun “Waaqayyo Garuu Du’aa Isa Kaase.” (HoE 13:30) kan jedhudha. Caqasa kanaa fi kan isa fakkaatan qabatanii baay’oliin Gooftaan keenya humna fi aangoo isaatiin du’aa ka’uu isaa ganuuf yaalu.  Garuu dhuguma akkas jechuun Gooftaan keenya aangoo isaatiin hin kaane jechuudha? miti. Haadha kitaabilee kan taate manni kiristaanaa keenya kitaabota hundaaf hiikkaa kan qabdu yommuu ta’u caqasni tokkollee kan wal faallessu hin jiru. Caqasa kana hubachuuf icciitii Sillaasee hamma tokko beekuun barbaachiisaadha. Waaqni nuti Waaqessinu Waaqa tokko qaama sadiin kan ibsamudha. Sadummaa maqaa, qaamaa, fi tokkummaa Waaqummaa, aangoo, uumuu, . . . qaba jechuudha. Sadummaan qaamaa Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulluudha. Waaqayyo yeroo jennu Abbaadhas, Ilmas, Hafuura Qulqulluudhas. Waaqayyo du’aa isa kaase jechuun Tokko, kan kaases kan ka’es Waaqayyodha jechuudha. Muuseen akkuma barreesse uumama namaa irratti  “Waaqayyo jedhe; kotta haa buunu . . . nama haa uumnu”(Uma 1:26). Kana kan dubbates, nama kan uumes Waaqayyodha. Waaqayyo du’aa isa kaase yeroo jennus inumti ofuma isaa ka’uu isaa nu hubachiisa. Tokkos, Waaqayyo fedhafi aangon tokko waan ta’eef fedha fi aangoo Waaqa Abbaa mataasaa fi Hafuura Qulqulluun ka’e jechuudha. (Maqaan Waaqayyo jedhu maqaa tokkummaa Waaqa Abbaa Ilmaa Hafuura Qulqulluuti.) Tokkos, foon gara boollatti bu’e Waaqummaan kan waloome waan ta’eef Iyyesuus Kiristoos Waaqayyo waan ta’eef ka’e jechuudha. Kanaafuu akkuma sirna nagaa wal gaafachuu keenya irratti dubbatnu Gooftaan keenya du’aa kan ka’e humna fi aangoo isaatiini. Galanni Waaqayyoof Barreffamoni keenya bara du’aa ka’umsaa itti fufu. Daandii Jireenyaa
Hammasini ko'rsatish...

5👍 3
👍
❤️
🙏
👎
Facebook
Youtube
Tiktok
Whatsapp
Yaada fi Gaaffii
Hammasini ko'rsatish...
Daandii Jireenyaa

WhatsApp Group Invite

Irra deebi'uun baga geessan gaaffiin badhaasa argamsiisu qophaa'era, (Koorsii Dubbii Dubroo keessa) Gaaffiin kan ergamu channel whatsapp irrattidha liinkii qofaanidha. Gaaffii 15 keessa 15 kan deebisan ni badhaafamu. Hirmaachuuf liinkii armaan gadii fayyadamuun whatsapp keenya seena.
Hammasini ko'rsatish...
8👍 2🙏 1
Repost from Daandii Jireenyaa
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen Kiristoos Du’aa Ka’ee  . . . Humnaa Fi Aangoo Isaatiin Seexanni Hidhamee   . . .  Addaam Bilisa Bahee Egaa Kana Booda      . . .   Nagaa Fi Gammachuun Nuuf Ta’e Hidda Iseey irraa latiin ni baati. Abaaboonis ishee irraa ni ba’a." Isa 11:1 Baga Ayyaana Dhaloota Haadha Keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin Isin Gahe. Yaa Dubroo Dhaloonni Kee Dhaloota Keenyadha. Dubbii fayyina keenyaa gara dudduubaatti yeroo ilaallu dhaloota Dubroo Maariyaam irraa eegalla. Hewan haati keenya abboommii Waaqayyo cabsitee firee mukittii erga kutteen booda dhalli namaa abaaramee dukkana keessa jiraacha ture. dukkana kana kan ibsu Kiristoos gara biyya lafaatti dhufuu isaan waggoota 15 dursee Dubroon abaarsi Addaamii fi Hewaan ishee hin qaqqabiin tulluu Libaanos irratti dhalatte. Hundeen ishee tulluwwaan qulqullaa'oodha jedhamee akkuma isheef dubbatame Dubroon haati keenya qulqulloota hidda qajeeltotaan dhufan haadha ishee Haannaa fi abbaa ishee Iyyaqem irraa gadamees keessatti raajiiwwan adda addaa hojjechaa erga turteen bood caamsa bultii 1 tulluu Libaanos irratti dhalatte. Seenaa dhaloota Dubroo Maariyaam bal'inaan pdf armaan gadii irraa dubbisa. Eebbifi Kadhannaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nuuf haa baay’atu Amen
Hammasini ko'rsatish...

👍
❤️
🙏
👎
Facebook
Youtube
Tiktok
Whatsapp
Yaada fi Gaaffii
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan  Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen Kiristoos Du’aa Ka’ee   . . .  Humnaa Fi Aangoo Isaatiin Seexanni Hidhamee   . . .    Addaam Bilisa Bahee Egaa Kana Booda      . . .    Nagaa Fi Gammachuun Nuuf Ta’e Gooftaa Keenya Kan Du'aa Kaase Eenyudha? Gooftaan keenya fi fayisaan keenya Iyyesuus Kiristoos awwaala naaf banaa osoo hin jedhiin cufamee akkuma jiruun humnaa fi aangoo isaatiin du’oota keessa ka’e. du’aa ka’uu isaa kanas dursee yeroo barsiisaa turetti duuka bu’ooota isaatiin akkas jedhee ture. “Lubbuu koo kaasuf dabarsee waanin kennuuf, kanaaf  Abbaan na jaal’ata. Ani fedha kootinin kenna malee eenyuyyu narra hin fudhatu. Lubbuu koo kennuuf aangoo nan qaba; akkasumas kaasuuf aangoo qaba.” (Yoh 10:17-18). Lubbuu koo kaasuuf (lubbuu koo gara foon kootti deebisuuf); dabarsee nan kenna (fedha kootiin nan du’a). Ani fedha kootinin kenna malee eenyuyyu narra hin fudhatu (fedha kootin lubbuu koo foon koo irraa adda baasee lubbuu koo gannata keessa, foon koo awwaalcha keessa jiraachisa malee fedha koon alatti eenyuyyu waa hin raawwatu). Lubbuu koo kennuuf aangoo qaba; akkasumas kaasuuf aangoo qaba. (aangoo mataa kootinin du’aa, akkasumas ofuma koon deebi’ee du’aa ka’a) jechuudha. Gooftaan keenya du’aa ka’uusaa qofa osoo hin taane qabamuun isaallee fedha isaan akka ta’e kitaabni qulqulluun nutti hima. (Loltoonni halkanin isa qabuuf deeman sagalee isaa dhagahanii dudduba isaanitti kan kufan kana nu hubachiisa. Yoh 18:6). Du’aa ka’uun isaas akkuma kanaa aangoo fi humna isaatiin akka ta’e kitaabileen kakuu moofaa fi kakuu haaraa dhugaa bahu. “Waaqayyo akka nama hirriba ka’uu ka’e” (Far 77:65), “Isin Iyyesuus isa fannifame akka barbaaddan nan beeka; akkuma dubbate ka’eera as hin jiru (Mat 28:5), . . . ”. Egaa akkas yoo ta’e caqasonni tokko tokko (fkn. Waaqayyo garuu du’aa isa kaase. HoE 13:30) kan jedhan maal jechuudha? Kutaa itti aanu keessatti kan ilaallu ta’a. Galanni Waaqayyoof Daandii Jireenyaa
Hammasini ko'rsatish...

9👍 1
👍
❤️
🙏
👎
Facebook
Youtube
Tiktok
Yaada fi Gaaffii